BOQONNAA 6
Isxifaanos—“Gaarummaa Waaqayyoo fi Humna Isaatiin Guutame”
Akkaataa Isxifaanos Saanhediriin duratti ija jabinaan dhugaa itti baʼerraa barachuu
Hojii Ergamootaa 6:8–8:3rratti kan hundaaʼe
1-3. (a) Haala nama sodaachisu akkamiitu Isxifaanosiin mudate? Taʼus miira akkamiitu isarraa mulʼata ture? (b) Gaaffiiwwan kamirratti mariʼanna?
ISXIFAANOS mana murtii duratti dhihaateera. Galma dinqisiisaa tarii naannoo mana qulqullummaa Yerusaalemitti dhihoo jiru tokko keessa, dhiironni 71 walitti naannaʼanii taaʼanii jiru. Manni murtii Saanhediriin Isxifaanos irratti murtii dabarssuuf jedha. Abbootiin murtii kun aangoo guddaa qabu, dhiibbaa guddaa geessisu dandaʼu, barataa Yesuus kanas ni tuffatu. Abbootii murtii kana kan walitti qabemmoo, Qayyaafaa isa Luba Olaanaa turee fi jiʼoota muraasa dura yeroo manni murtii kun Yesuusitti duʼa murteessetti dura taaʼaa turedha. Isxifaanos sodaateeraa laata?
2 Yeroo kanatti fuula Isxifaanos irraa wanta nama ajaaʼibutu mulʼata ture. Abbootiin murtii hubatanii yommuu isa ilaalan fuullisaa “akka fuula maleekaa” taʼee argan. (HoE. 6:15) Maleekonni ergaa Yihowaa biraa dhufe waan dubbataniif ija jabina, tasgabbii fi nagaa kan qaban taʼuunsaanii waanuma eegamudha. Wanti Isxifaanosirraa mulʼatus kanuma ture; abbootiin murtii jibbaan guutamanillee kana hubataniiru. Wanti tasgabbaaʼuuf isa gargaare maalidha?
3 Kiristiyaanonni yeroo harʼaa deebii gaaffii kanaarraa waan hedduu baratu. Wanti Isxifaanos haala akkasii keessa akka seenu godhe maal akka taʼes beekuu qabna. Amantii isaatiif kan falme akkamitti? Nutoo karaawwan kamiin fakkeenyasaa hordofuu dandeenya?
‘Uummaticha Kakaasan’ (Hojii Ergamootaa 6:8-15)
4, 5. (a) Isxifaanos gumichaaf eebba akkamii taʼe? (b) Isxifaanos “gaarummaa Waaqayyoo fi humna isaatiin guutamee” ture kan jennu maaliifi?
4 Isxifaanos gumii Kiristiyaanaa haaraa hundeeffameef eebba guddaa akka ture baranneerra. Akkuma boqonnaa darberratti ilaalle, dhiirota gad of qaboo ergamoonni hojii gargaarsaarratti akka hirmaataniif yeroo isaan waamanitti tole jedhan torban keessaa tokko ture. Kennaawwan namni kun qabu yeroo ilaallu nama gad of qabu taʼuunsaa caalaatti nu dinqisiisa. Hojii Ergamootaa 6:8rratti, akkuma ergamoota kaanii “dinqiiwwanii fi mallattoowwan guguddaa” raawwachuu akka dandaʼu ibsameera. ‘Gaarummaa Waaqayyoo fi humna isaatiin akka guutames’ ibsameera. Maal jechuudha?
5 Isxifaanos nama gaarii, garraamii fi namaa wajjin walii galu ture. Karaa dhaggeeffattootasaa amansiisuun dubbachuun isaa, garaa qulqulluu akka qabu, dhugaa akka dubbatuu fi wanti inni dubbatu akka isaan fayyadu isaan amansiiseera. Gad of qabuudhaan hafuurri Yihowaa inni isa keessatti hojjechaa ture akka isa geggeessu waan heyyameef humnaan guutamee ture. Kennaa qabuu fi dandeettii isaatiin of tuuluu mannaa, galanni Yihowaadhaaf akka kennamu godheera, namoota dhugicha itti himuuf akka yaadus argisiiseera. Kanaaf, mormitoota isaatti yaaddoo taʼuunsaa nama hin ajaaʼibu!
6-8. (a) Himanni lamaan mormitoonni Isxifaanosirratti dhiheessan kamfaʼi? Akkas kan godhanoo maaliifi? (b) Muuxannoon Isxifaanos Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiraniif fakkeenya gaarii taʼa kan jennu maaliifi?
6 Dhiironni garaagaraa Isxifaanosiin falmaa kan turan taʼus, “isaan ogummaa fi hafuura inni ittiin dubbatu falmuu hin dandeenye.”a Abdii waan kutataniif namoota barataa Kiristoos balleessaa hin qabne kanarratti himata dhiheessan “dhoksaadhaan qopheessan.” Humnaan Saanhediriin duratti isa dhiheessuufis maanguddootaa fi barsiisota seeraa dabalatee ‘uummaticha isarratti kakaasan.’ (HoE. 6:9-12) Mormitoonni kun ‘Waaqayyoo fi Musee arrabseera’ jedhanii himata lama isarratti dhiheessan. Akkas kan jedhan maaliifi?
7 Namoonni kun “Isxifaanos ‘iddoo qulqulluu kana,’ jechuunis mana qulqullummaa Yerusaalem mormuudhaan Waaqayyoon arrabseera” jedhanii sobaan isa himatan. (HoE. 6:13) ‘Barsiifata Museen kenne jijjiiruudhaan wanta Seera Musee mormu waan dubbateef Musee arrabseera’ jedhaniis isa himataniiru. Yeroo sanatti Yihudoonni mana qulqullummaa, wantoota xixinnoo Seera Musee keessatti ibsamanii fi afoola Seerichatti dabalan hedduudhaaf iddoo guddaa waan kennaniif kun himata cimaa ture. Kanaaf, akka himata kanaatti Isxifaanos nama hamaa duuti isaaf maludha!
8 Kan nama gaddisiisu, namoonni amantii, tajaajiltoota Waaqayyoorra rakkina geessisuuf yeroo baayʼee mala akkasiitti fayyadamu. Hanga yeroo harʼaatti mormitoonni Dhugaa Baatota Yihowaa akka ariʼataniif bulchitoota kakaasu. Maarree himanni sobaa yoo nurratti dhihaate maal gochuu qabna? Isxifaanosirraa waan hedduu baranna.
Waaʼee ‘Waaqa Ulfinaa’ Ija Jabinaan Lallabuu (Hojii Ergamootaa 7:1-53)
9, 10. Qeeqxonni haasaa Isxifaanos Saanhediriinitti dhiheesse ilaalchisee maal jedhu? Wanti yaadatti qabachuu qabnuhoo maalidha?
9 Akkuma seensarratti ibsame, Isxifaanos yeroo himata isarratti dhihaate dhaggeeffatu fuullisaa akkuma fuula maleekaa tasgabbii kan qabu ture. Yeroo kanatti Qayyaafaan isatti galagalee, “Wanti jedhame kun dhugaa dhaa?” jedhee isa gaafate. (HoE. 7:1) Amma dabaree Isxifaanosidha. Kanaaf dubbachuu jalqabe.
10 Qeeqxonni tokko tokko Isxifaanos haasaa dheeraa kan dhiheesse taʼus, himata isarratti dhihaateef deebii hin kennine jedhu. Taʼus, Isxifaanos himata misiraachicha irratti dhihaateef “deebii kennuu” irratti fakkeenya guddaa nuuf taʼa. (1 Phe. 3:15) Isxifaanos mana qulqullummaa tuffachuudhaan Waaqayyoon akka arrabsee fi Seera Musee mormuudhaan Musee akka arrabse himatamuusaa yaadadhu. Deebiin Isxifaanos kenne seenaa saba Israaʼel kutaa sadii qabu gabaabsee kan ibsuu yommuu taʼu, yaadawwan tokko tokkos of eeggannoodhaan ibseera. Mee seenaa kutaa sadii qabu kana tokko tokkon haa ilaallu.
11, 12. (a) Isxifaanos fakkeenya Abrahaamitti sirriitti kan fayyadame akkamitti? (b) Isxifaanos haasaasaa keessatti Yooseefiin kan caqase maaliifi?
11 Bara abbootii amantii. (HoE. 7:1-16) Isxifaanos haasaasaa kan jalqabe waaʼee Abrahaam isa amantiisaatiin kan kaʼe Yihudoonni kabajanii caqasuudhaani. Isxifaanos dhimma barbaachisaa hundisaanii irratti walii galan caqasuudhaan, Yihowaan inni ‘Waaqa ulfinaa’ taʼe jalqaba Mesophotaamiyaatti Abrahaamitti akka of mulʼise addeesse. (HoE. 7:2) Abrahaam Biyyattii Abdachiifamte keessatti nama biyya ormaa taʼee jiraata ture. Mana qulqullummaas taʼe Seera Musee hin qabu ture. Maarree, Waaqayyoof amanamaa taʼuun yeroo hunda wantoota kanarratti kan hundaaʼedha jedhee namni falmu jiraa?
12 Namoonni Isxifaanosiin dhaggeeffachaa jiran Yooseef isa sanyii Abrahaam taʼe kan kabajan taʼus, Isxifaanos obboloonnisaa warri abbootii saba Israaʼel taʼan nama qajeelaa kana akka ariʼatanii fi garbummaatti akka gurguran isaan yaadachiise. Taʼus, Waaqayyo saba Israaʼeliin beelarraa oolchuuf isatti fayyadameera. Isxifaanos wal fakkeenya Yooseefii fi Yesuus Kiristoos gidduu jiru hubatee kan ture taʼus, hamma isaaf dandaʼametti isa dhaggeeffachuu isaanii akka itti fufan gochuuf kana caqasuurraa of qusateera.
13. Wanti Isxifaanos waaʼee Musee dubbate himanni isarratti dhihaate soba taʼuusaa mirkaneesseera kan jennu maaliifi? Kunoo yaada ijoo kam ibse?
13 Bara Musee. (HoE. 7:17-43) Miseensonni Saanhediriin hedduun Saduqoota kitaabota Museen barreesseen alatti warra kaan hin fudhanne waan taʼaniif Isxifaanos waaʼee Musee caqasuunsaa sirrii ture. Himanni kan biraan Isxifaanos irratti dhihaate Musee arrabsiteetta kan jedhu akka tures yaadadhu. Isxifaanos Musee fi Seerichaaf kabaja guddaa akka qabu dubbachuudhaan himata kanaaf kallattiidhaan deebii kenneera. (HoE. 7:38) Kana malees, Museenis namootuma inni oolchuuf yaalii gochaa turerraa mormiin akka isa mudate ibseera. Jalqaba kan isa morman yeroo umuriinsaa waggaa 40 turettidha. Waggaa 40 ol boodammoo, yeroo garaa garaatti fincila isarratti kaasaniiru.b Kanaaf Isxifaanos suutuma suuta qabxii ijoo taʼe, jechuunis sabni Waaqayyoo namoota Yihowaan akka isaan geggeessaniif muude irra deddeebiʼanii akka morman ibseera.
14. Isxifaanos waaʼee Musee kan caqase qabxii ijoo isa kam mirkaneessuufi?
14 Isxifaanos Museen raajiin akka isaatii Israaʼel keessaa akka kaʼu dursee akka dubbate namoota isa dhaggeeffatan yaadachiiseera. Raajiin kun eenyudha? Kan simatamuhoo akkamitti? Isxifaanos gaaffiiwwan kanaaf deebii kan kenne xumura haasaasaa irrattidha. Amma garuu Isxifaanos, Museen akkuma yommuu Yihowaan harangamaa bobaʼu biratti isa haasofsiisetti bakki sun qulqulluu taʼe, bakki kamiyyuu qulqulluu taʼuu akka dandaʼu akka hubate dubbachuudhaan qabxii ijoo kan biraa ibse. Kanaaf, waaqeffannaan Yihowaadhaaf dhihaatu gamoo tokkittii kan akka mana qulqullummaa Yerusaalem keessa jiruu keessatti qofa daangeffamaa? Mee haa ilaallu.
15, 16. (a) Isxifaanos waaʼee dunkaana qulqulluu kan dubbate maaliifi? (b) Isxifaanos waaʼee mana qulqullummaa Solomoon kan dubbate maaliifi?
15 Dunkaana qulqulluu fi mana qulqullummaa. (HoE. 7:44-50) Isxifaanos manni qulqullummaa Yerusaalem ijaaramuusaa dura Waaqayyo waaqeffannaadhaaf dunkaana qulqulluu sochoʼuu dandaʼu akka ijaaru Musee ajajee akka ture mana murtichaa yaadachiiseera. Museeniyyuu achi keessatti waaqeffachaa waan tureef, namni dunkaanni qulqulluun mana qulqullummaatii gadi jedhee falmuu dandaʼu jiraa?
16 Yeroo booda Solomoon Yerusaalemitti mana qulqullummaa yeroo ijaaretti kadhannaa barumsa guddaa qabate dhiheesseera. Akkuma Isxifaanos jedhe, “Waaqni Hundaa Olii mana harkaan ijaarame keessa hin jiraatu.” (HoE. 7:48; 2 Sen. 6:18) Yihowaan kaayyoosaa raawwachuuf mana qulqullummaatti fayyadamuu dandaʼa, garuu isa qofatti fayyadama jechuu miti. Maarree tajaajiltoonnisaa waaqeffannaa qulqulluun mana harkaan ijaaramerratti akka hundaaʼe isaanitti dhagaʼamuu qabaa? Isxifaanos yaada kitaaba Isaayyaasirra jiru caqasuudhaan falmii kana karaa amansiisaa taʼeen xumureera: “Samiin teessoo koo ti, laftis ejjeta miila kootii ti. Isin mana akkamii anaaf ijaartu? jedha Yihowaan. Yookiin bakki ani itti boqodhu kan akkamii ti? Wantoota kana hundumaa kan tolche harka koo mitii?”—HoE. 7:49, 50; Isa. 66:1, 2.
17. Haasaan Isxifaanos (a) ilaalcha dhaggeeffattootasaa kan saaxile (b) himata isarratti dhihaateef deebii kan kenne akkamitti?
17 Haasaan Isxifaanos Saanhediriinitti dhiheessee fi hanga ammaatti ilaalle, ilaalcha dogoggoraa mormitoonnisaa qaban malaan saaxileera yoo jenne walii hin galtuu? Yihowaan aadaadhaan utuu hin daangeffamin kaayyoosaa kallattii garaagaraatiin akka raawwatu ibseera. Namoonni gamoo bareedaa Yerusaalem keessatti argamuufis taʼe barsiifataa fi aadaa Seera Museetti dabalamaniif kabaja guddaa qaban kaayyoo Seerichaa fi mana qulqullummaa guutummaatti dagataniiru! Isxifaanos, karaa al kallattii taʼeen, gaaffii “Mana qulqullummaa fi Seerichaaf kabaja akka qabdan argisiisuu kan dandeessan Yihowaadhaaf ajajamuudhaani mitii?” jedhu isaan gaafachaa ture. Isxifaanos hamma isaaf dandaʼame Yihowaadhaaf amanamaa waan tureef, dubbiinsaa gochisaa sirrii taʼuusaa mirkaneesseera.
18. Fakkeenya Isxifaanos hordofuuf carraaquu kan qabnu karaawwan kamiini?
18 Haasaa Isxifaanosirraa maal baranna? Isxifaanos Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti beeka. Nutis, ‘dubbii dhugaa sirriitti barsiisuuf’ Kitaaba Qulqulluu akka gaariitti qoʼachuu qabna. (2 Xim. 2:15) Isxifaanosirraa gaarummaa argisiisuu fi malaan dubbachuus ni baranna. Dhaggeeffattoonnisaa jibba guddaa isaaf qabu turan! Inni garuu dhimmoota isaan iddoo guddaa kennaniif kaasuudhaan wanta irratti walii galuu dandaʼanirratti xiyyeeffateera. Maanguddoota “abbootii koo” jedhee waamuudhaanis akka isaan kabaju argisiiseera. (HoE. 7:2) Nutis, dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu “garraamummaa fi ulfina guddaadhaan” dubbachuu qabna.—1 Phe. 3:15.
19. Isxifaanos miseensota Saanhediriinitti ergaa murtii Yihowaa ija jabinaan kan hime maal jechuudhaan ture?
19 Taʼus, namoota mufachiisna jennee sodaachuudhaan dhugaa Dubbii Waaqayyoo himuurraa duubatti hin jennu ykn ergaa murtii Yihowaa salphisnee hin dubbannu. Gama kanaan Isxifaanos fakkeenya gaarii nuu taʼa. Ragaa hedduu kan dhiheesse taʼus, kun abbootii murtii mata jabeeyyii taʼan sana jijjiiruu akka hin dandeenye akka hubate beekamaadha. Kanaaf, hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee, isaanis akkuma abboota isaanii warra Yooseef, Musee fi raajota kaan hunda mormanii akka taʼan sodaa tokko malee isaanitti himuudhaan haasaasaa xumure. (HoE. 7:51-53) Dhugaasaa dubbachuuf abbootiin murtii Saanhediriin kun Masiihii isa Musee fi raajonni hundi akka dhufu dursanii dubbatan ajjeesaniiru. Kanaafuu Seera Museetiif utuu hin ajajamin hafaniiru!
“Yaa Gooftaa Yesuus, Hafuura Koo Fudhadhu” (Hojii Ergamootaa 7:54–8:3)
20, 21. Miseensonni Saanhediriin wanta Isxifaanos dubbate yeroo dhagaʼan maal godhan? Yihowaanoo Isxifaanosiin kan jajjabeesse akkamitti?
20 Isxifaanos dhugaa hin haalamne dubbachuunsaa abbootiin murtii sun garmalee akka aaran godheera. Akka salphifaman waan isaanitti dhagaʼameef Isxifaanositti ilkaan qaruu jalqaban. Namni amanamaan kun, akkuma Gooftaasaa Yesuusiin godhan, isaafis garaa akka hin laafne hubatee taʼuu qaba.
21 Isxifaanos wanta isa mudachuuf jedhu dandamachuuf ija jabinni isa barbaachisa, mulʼata Yihowaan gaarummaadhaan isatti argisiiserraa jajjabina guddaa akka argates hin shakkisiisu. Isxifaanos ulfina Waaqayyoo fi Yesuus mirga Yihowaa dhaabbatee argeera! Yeroo Isxifaanos mulʼata arge ibsutti abbootiin murtii sun gurra qabatan. Maaliif? Yeroo muraasa dura Yesuus namootuma kanatti Masiihii akka taʼee fi dhiheenyatti mirga Abbaasaa akka taaʼu dubbatee ture. (Mar. 14:62) Mulʼanni Isxifaanos argemmoo wanti Yesuus dubbate dhugaa taʼuusaa mirkaneesseera. Manni murtii Saanhediriin Masiihicha ganeera, akkasumas isa ajjeeseera! Ammas hundi isaanii wal faana Isxifaanosiin qabanii dhagaadhaan tumanii isa ajjeesan.c
22, 23. Duuti Isxifaanos kan Gooftaasaa wajjin kan wal fakkaatu akkamitti? Kiristiyaanonni yeroo harʼaa akkuma Isxifaanos Yihowaatti amanamuu kan dandaʼan akkamitti?
22 Isxifaanos yeroo duʼetti akkuma Gooftaasaa nagaa qaba, Yihowaatti guutummaatti amanameera, warri isa ajjeesanis dhiifama akka argatan kadhateera. Tarii ammayyuu Ilma namaa Yihowaa wajjin mulʼataan argaa waan jiruuf taʼuu dandaʼaa, “Yaa Gooftaa Yesuus, hafuura koo fudhadhu” jedhe. Isxifaanos yaada nama jajjabeessuu fi Yesuus, “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana” jechuudhaan dubbate akka beeku hin shakkisiisu. (Yoh. 11:25) Dhumarrattis sagalee guddaadhaan “Yaa Yihowaa, cubbuu kana isaanitti hin lakkaaʼin” jedhee kallattiidhaan Yihowaatti kadhannaa dhiheesse. Erga kana jedhee booda ni duʼe.—HoE. 7:59, 60.
23 Kanaaf Isxifaanos duuka buutota Kiristoos keessaa nama jalqaba wareegamedha. (Saanduqa “Jechi ‘Wareegamuu’ Jedhu Maal Argisiisa?” jedhuu fi fuula 54rratti argamu ilaali.) Kan nama gaddisiisu garuu inni isa dhumaa miti. Hanga bara keenyaatti, tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon tokko tokko namoota amantii fi siyaasaa finxaaleyyii taʼanii fi mormitoota gara jabeeyyii taʼaniin ajjeefamaniiru. Taʼus, akkuma Isxifaanos Yihowaatti amanamuu dandeenya. Yeroo ammaatti Yesuus Mootii taʼee bulchaa jira, aangoo guddaa Abbaansaa isaaf kennettis akka gaariitti fayyadamaa jira. Duuka buutotasaa amanamoo duʼaa akka hin kaasne wanti isa dhorku tokkollee hin jiru.—Yoh. 5:28, 29.
24. Saaʼol yeroo Isxifaanos ajjeefametti maal godheera? Duuti nama amanamaa kanaa buʼaa gaarii yeroo dheeraaf ture akkamii argamsiise?
24 Dargaggeessi Saaʼol jedhamu tokko haala kana hunda hordofaa ture. Ajjeefamuu Isxifaanos irratti walii galeera, uffata warra dhagaadhaan isa ajjeesaniillee eegaa ture. Sana booda utuma baayʼee hin turin, duuka buutota Yesuus garmalee ariʼachuu eegale. Taʼus, duuti Isxifaanos buʼaa gaarii yeroo dheeraaf ture argamsiiseera. Fakkeenyisaa Kiristiyaanonni kaan Yihowaadhaaf hanga duʼatti amanamoo akka taʼan jabina isaaniif kenneera. Kana malees, Saaʼol inni sana booda Phaawulos jedhame, duʼa Isxifaanos keessa harkisaa jiraachuu isaatti baayʼee gaabbeera. (HoE. 22:20) Isxifaanos akka ajjeefamu kan gargaare taʼus, yeroo booda, “Waaqayyoon arrabsaa, saba isaa ariʼachaa fi of tuulaa” akka ture dubbateera. (1 Xim. 1:13) Phaawulos, Isxifaanosii fi haasaa cimaa inni guyyaa sanatti dhiiheesse matumaa akka hin irraanfanne ifadha. Wantoonni Phaawulos dubbatee fi barreesse tokko tokko haasaa Isxifaanos kennerratti kan hundaaʼanidha. (HoE. 7:48; 17:24; Ibr. 9:24) Yeroo booda Phaawulos, ija jabinaa fi fakkeenya amantii Isxifaanos isa nama “gaarummaa Waaqayyoo fi humna isaatiin guutamee” guutummaatti hordofeera. Gaaffiin kaʼu garuu, ‘Nutoo?’ kan jedhudha.
a Mormitoota kana keessaa tokko tokko miseensota “Mana Sagadaa Namoota Bilisoomanii” turan. Namoonni kun tarii namoota kana dura warri Roomaa boojiʼanii fi yeroo booda bilisa baʼan ykn garboota bilisa baʼanii fi yeroo booda amantaa Yihudii fudhatan taʼuu dandaʼu. Tokko tokko akkuma Saaʼol isa nama Xarsees, Kiilqiyaarraa dhufan. Seenaansaa Saaʼol namoota Kiilqiyaa Isxifaanosiin falmuu hin dandeenye keessaa tokko akka taʼe hin ibsu.
b Haasaan Isxifaanos odeeffannoowwan Kitaaba Qulqulluu keessaa bakka biraatti hin argamne, kanneen akka Museen barumsa warra Gibxii akka barate, yeroo Gibxiidhaa baqatetti umuriinsaa meeqa akka turee fi Miidiyaan keessa yeroo hammamiif akka ture ibsan qabateera.
c Saanhediriin aango seera Roomaa jala waan jiruuf duʼaan nama adabuuf aangoo qabaachuunsaa shakkisiisaadha. (Yoh. 18:31) Sanas taʼe kana, Isxifaanos kan ajjeefame seeraan itti murteeffamee utuu hin taʼin namoota aaraniin taʼuu hin oolu.