-
Gumichi “Nagaa Guddaa Argate”Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
-
-
12 Anaaniyaas hojii isaaf kenname fudhateera, akkas gochuu isaatiinis eebba argateera. Atoo hamma tokko kan si dhiphisu taʼus, ajaja guutummaatti dhugaa akka baatuuf siif kennameef ni abboomamtaa? Obboloota tokko tokko manaa gara manaa deemuu fi namoota hin beekne haasofsiisuutu dhiphisa. Kaanimmoo bakka hojiitti, karaarratti, bilbilaan ykn xalayaadhaan namootaaf lallabuun isaanitti ulfaata. Anaaniyaas sodaa isaa moʼuudhaan Saaʼol hafuura qulqulluu akka fudhatu gargaaruuf mirga argateera.b Anaaniyaas Yesuusitti waan amanamee fi Saaʼoliin akka obboleessa isaatti waan ilaaleef milkaaʼina argateera. Nutis akkuma Anaaniyas, Yesuus hojii lallabaa geggeessaa akka jiru kan isatti amanamnu, namootaaf kan gaddinuu fi namoonni nu sodaachisan obboloota keenya taʼuu akka dandaʼanitti kan ilaallu yoo taʼe sodaa keenya moʼuu ni dandeenya.—Mat. 9:36.
-
-
Gumichi “Nagaa Guddaa Argate”Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
-
-
b Akka walii galaatti yeroo ilaallu, kennaan hafuura qulqulluu kan darbu karaa ergamootaa ture. Yeroo kanatti garuu Yesuus, Anaaniyaas kennaa hafuura qulqulluu Saaʼoliif akka kennu kan isa muude fakkaata. Saaʼol erga jijjiiramee booda yeroo dheeraadhaaf ergamoota 12nii wajjin wal hin argine. Taʼus, yeroowwan kanatti lallabaa kan ture taʼuu hin oolu. Kunimmoo, Saaʼol hojii lallabaa isaaf kenname raawwachuu akka dandaʼuuf Yesuus humna isaaf kennee akka ture mirkaneessa.
-