Dammaqinaan Jiraachuu Ergamoota Yesusirraa Baradhaa
‘Anaa wajjin dammaqaa!ʼ—MAT. 26:38.
1-3. Ergamoonni Yesus galgala dhumaa inni lafarratti dabarsetti dammaqoo utuu hin taʼin kan hafan akkamitti? Dogoggorasaaniirraa akka baratan kan argisiisuhoo maalidha?
WANTA galgala Yesus ajjeefamuusaa dura turetti raawwatame yaadaa. Yesus iddoo jaallatu, jechuunis gara dhaabaa Getesemaanee, isa baha Yerusaalemitti argamu kan dhaqe ergamootasaa amanamoo taʼanii wajjin ture. Wanti isa yaaddessu hedduun waan jiruuf, kadhannaadhaaf bakka gabii qabu dhaquun isa barbaachiseera.—Mat. 26:36; Yoh. 18:1, 2.
2 Bartoonnisaa sadan, jechuunis Phexros, Yaaqoobiifi Yohannis Yesusii wajjin iddoo dhaabaa sana keessa fagaatanii deemaniiru. Yesus, “As turaa anaa wajjinis dammaqaa!” jedhee kadhachuuf deeme. Yommuu deebiʼee dhufu garuu michoonnisaa kun hirriba cimaa keessa turan. Ammas deebisee, “Dammaqaa!” jedhee jabeessee isaan kadhate. Isa boodas garuu yeroo lama rafanii isa eegan! Halkan sana gara boodaas, ergamoonni Yesus hundi karaa hafuuraa dammaqoo taʼuu hin dandeenye. Kanarra darbees Yesusiin dhiisanii baqataniiru!—Mat. 26:38, 41, 56.
3 Ergamoonni kun dammaqoo utuu hin taʼin hafuusaaniitti gaddanii akka turan hin shakkisiisu. Dhiironni amanamoon sun yeruma sana dogoggorasaaniirraa barataniiru. Macaafni Hojii Ergamootaa, ergamoonni Yesus dammaqoo taʼanii jiraachuu ilaalchisee fakkeenya gaarii akka nuuf taʼan ibsa. Fakkeenyi isaan amanamoo taʼuudhaan argisiisan, Kiristiyaanota kaanirratti dhiibbaa gaarii akka geessise hin shakkisiisu. Yeroo kamiyyuu caalaa amma dammaqoo taanee jiraachuu nu barbaachisa. (Mat. 24:42) Kanaaf, dammaqoo taʼanii jiraachuu ilaalchisee, barumsa macaafa Hojii Ergamootaarraa argannu sadii haa qorru.
QAJEELFAMA BAKKA ITTI LALLABAMU ILAALCHISEE KENNAMEEF DAMMAQINAAN HORDOFANIIRU
4, 5. Hafuurri qulqulluun Phaawulosiifi namoota isaa wajjin deemaa turan kan geggeesse akkamitti?
4 Tokkoffaa, eessatti lallabuu akka qaban ilaalchisee qajeelfama isaanii kenname dammaqinaan hordofaniiru. Seenaa tokko keessatti, Yesus hafuura qulqulluu isa Yihowaa biraa kennameefitti fayyadamee, Phaawulosiifi namoota isaa wajjin deemaa turan bakka isaan hin yaadne akka adeeman akkamitti akka isaan geggeesse ilaalla. (HoE. 2:33) Mee waaʼeesaanii haa qorru.—Hojii Ergamootaa 16:6-10 dubbisi.
5 Phaawulos, Siilaasiifi Ximotewos magaalaa Lisxiraa ishee kibba Galaatiyaatti argamtu gadhiisanii deeman. Guyyoota muraasa booda, daandii guddaa warra Roomaa gara dhihaatti geessu qabatanii, kutaa biyya Asiyaa namoonni hedduun keessa jiraatan dhaqan. Karaa sanarra kan adeeman, magaalaawwan namoonni kumaan lakkaaʼaman waaʼee Kiristos dhagaʼuu itti qaban dhaquu waan barbaadaniif ture. Haataʼu malee, wanti adeemsasaanii akka itti hin fufne isaan dhowwu tokko ni uumame. Lakkoofsi 6, “Hafuurri qulqulluun kutaa biyya Asiyaatti dubbicha lallabuu waan isaan dhowweef, kutaa biyya Firiigiyaatii fi Galaatiyaa gidduu darban” jedha. Hafuurri qulqulluun akkamitti akka kana godhe ibsamuu baatus, namoota naannoo Asiyaatti lallabuu barbaadan sana dhowweera. Yesus hafuura Waaqayyootti fayyadamee Phaawulosiifi hiriyootasaa biyya garabiraatti isaan geggeessuu barbaadee akka ture ifadha.
6, 7. (a) Phaawulosiifi namoonni isaa wajjin deeman yeroo Bitiiniyaatti dhihaatan maaltu isaan mudate? (b) Bartoonni kun murtoo akkamii godhan? Buʼaansaahoo maal ture?
6 Namoonni lallabuuf hawwii guddaa qaban kun eessa dhaquu barbaadanii turan? Lakkoofsi 7, “Fuullee kutaa biyya Miisiyaas gaʼanii kutaa biyya Bitiiniyaa dhaquu yaalan; hafuurri Yesus garuu achi dhaquu isaanii hin jaallanne” jedha. Phaawulosiifi hiriyoonnisaa Asiyaatti akka hin lallabne waan dhowwamaniif, magaalaawwan Bitiiniyaatti lallabuuf jecha gara kaabaatti qajeelan. Haataʼu malee, ammas yommuu Bitiiniyaatti dhihaatan Yesus hafuura qulqulluutti fayyadamee achitti akka hin lallabne isaan dhowwe. Yeroo kanatti dhiironni kun maal akka godhan wallaalanii taʼuu qaba. Namoonni kun maal akka lallabaniifi akkamitti akka lallaban yoo beekaniyyuu, eessatti lallabuu akka qaban garuu hin beekan turan. Yaada kana akkasitti kaaʼuu dandeenya: Balbala gara Asiyaatti ol galchu rurrukutanis deebii hin arganne. Balbala gara Bitiiniyaatti ol galchu rurrukutanis ammas isaanii hin banamne. Maarree kanatti abdii kutachuudhaan rurrukutuusaanii dhiisaniirruu? Namoonni hinaaffaadhaan lallaban kun akkas gochuusaanii hin dhiisne!
7 Yeroo kanatti, namoonni kun murtoo itti hin yaadamne fakkaatu godhaniiru. Lakkoofsi 8, ‘Kutaa biyya Miisiyaa keessa darbanii, Xiroʼaasitti gad buʼan’ jedha. Namoonni kun hamma qarqara galaanaa Xiroʼaas ishee karaa gara Maqedooniyaatti geessurra jirtu gaʼanitti, kallattii lixa biiftuutiin magaalaa hedduu keessa darbuudhaan kiilomeetira 563 deemaniiru. Achittis Phaawulosiifi hiriyoonnisaa yeroo sadaffaatiif balbala kan rurrukutan yommuu taʼu yeroo kanatti akka gaariitti isaanii banameera. Lakkoofsi 9 akkas jedha: “Phaawulos halkan sanatti nama Maqedooniyaa tokko mulʼatatti arge; namichi dhaabatee, ‘Maqedooniyaatti ceʼii, nu gargaari!’ jedhee isa kadhate.” Dhumarratti, Phaawulos eessatti lallabuu akka qabu hubateera. Namoonni sun yeruma sana markabaan gara Maqedooniyaa dhaqan.
8, 9. Adeemsa Phaawulos godherraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?
8 Seenaa kanarraa barumsa akkamii argachuu dandeenya? Hafuurri Waaqayyoo Phaawulosiin kan dhowwe erga inni Asiyaa dhaquuf deemsa jalqabee booda akka taʼe hubadhaa. Achiis Yesus Phaawulos Bitiiniyaa akka hin seenne kan isa dhowwe erga inni mandarattiitti dhihaatee booda ture. Dhumarrattis Yesus gara Maqedooniyaatti akka deemu qajeelfama kan isaa kenne erga Phaawulos Xiroʼaas gaʼee booda ture. Yesus Mataa gumii waan taʼeef, harʼas karaa kanaa wajjin wal fakkaatuun qajeelfama nuu kennuu dandaʼa. (Qol. 1:18) Fakkeenyaaf, qajeelchaa taatanii ykn bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqxanii tajaajiluuf yaadaa jirtu taʼa. Haataʼu malee, Yesus hafuura Waaqayyootti fayyadamee qajeelfama kan isinii kennu, erga galma keessanirra gaʼuuf tarkaanfii fudhattanii booda taʼuu dandaʼa. Kana fakkeenyaan ibsuuf: Namni konkolaataa oofu tokko, gara bitaa ykn gara mirgaatti konkolaataasaa naannessuu kan dandaʼu konkolaataan kun deemaa kan jiru yoo taʼe qofadha. Haaluma wal fakkaatuun, Yesus tajaajila keenya guddisuuf kan nu geggeessu, deemaa kan jirru, jechuunis galma keenyarra gaʼuuf garaadhaa carraaqqii gochaa kan jirru yoo taʼe qofadha.
9 Haataʼu malee, carraaqqiin keessan yeruma sana buʼaa kan hin argamsiisne yoo taʼehoo? Hafuurri Waaqayyoo isin geggeessaa akka hin jirre yaaduudhaan abdii kutachuu qabduu? Phaawulosiinis wantoonni gufuu isatti taʼan isa mudatanii akka turan yaadadhaa. Taʼus, hanga balbala banamaa argatutti barbaaduusaafi rurrukutuusaa itti fufeera. Isinis, ‘balballi guddaan hojiin keessa guute hanga isiniif banamutti’ carraaqqii gochuu keessan yoo itti fuftan eebba argattu.—1 Qor. 16:9, hiika bara 1899.
DAMMAQANII KADHACHUU
10. Dammaqoo taʼanii jiraachuuf kadhannaatti cimuun barbaachisaa akka taʼe kan argisiisu maalidha?
10 Ammammoo dammaqoo taʼanii jiraachuu ilaalchisee barumsa lammaffaa Kiristiyaanota jaarraa jalqabaarraa argannu hubadhaa: Namoonni kun dammaqanii kan kadhatan turan. (1 Phe. 4:7) Dammaqoo taʼanii jiraachuuf kadhannaatti cimuun barbaachisaadha. Yesus qabamuusaa dura yommuu iddoo dhaabaa Getesemaanee keessa turetti bartootasaa sadaniin, “Dammaqaa, kadhadhaa!” isaaniin jedhee akka ture yaadadhaa!—Mat. 26:41.
11, 12. Herodis Phexrosiin dabalatee Kiristiyaanotarra ariʼatama geessisaa kan ture maaliifi? Ariʼatama kan isaanirraan geessisehoo akkamitti?
11 Phexros inni yeroo kanatti achi ture, yeroo booda kadhannaa garaarraa madde dhiheessuun humna akka qabu jireenyasaa keessatti argeera. (Hojii Ergamootaa 12:1-6 dubbisi.) Lakkoofsawwan jalqabaa caqasa kanaarratti Herodis Yihudoota biratti fudhatama argachuuf jecha Kiristiyaanotarratti ariʼatama geessisaa akka ture hubanna. Herodis, Yaaqoob ergamaa Yesus taʼuusaafi keessumaammoo Yesusii wajjin hariiroo cimaa kan qabu akka ture utuu hin dhagaʼin hin oolle. Kanaan kan kaʼes Yaaqoobiin “billaadhaan” ajjeesiseera. (Lakkoofsa 2) Kanaaf gumichi ergamaa jaallatamaa taʼe kana dhabeera. Kun obbolootaaf qorumsa guddaa ture!
12 Sana boodahoo Herodis maal godhe? Lakkoofsi 3, “Kun warra Yihudootaa akka garaa ciibse yommuu arge, itti dabalee Phexrosin immoo qabsiise” jedha. Haataʼu malee manneen hidhaan Phexrosiin dabalatee ergamoonni kaan hidhamanii akka hafan gochuu hin dandeenye. (HoE. 5:17-20) Herodisis kana akka gaariitti kan beeku taʼuu hin oolu. Namni siyaasaa haxxee taʼe kun mana hidhaatii akka inni hin hiikamne gochuu barbaadee ture. Kanaaf Phexrosiin, “darabee isa haa eeganiifis loltoota kutata afuritti hiramanii, tokkon tokkon isaa nama afur afur qabutti kenne. Ayyaana Faasiikaa booddee garuu saba duratti akka qoramuuf isa dhiʼeessuu barbaade.” (Lakkoofsa 4) Mee haala kana yaadaa! Herodis, Phexros akka mana hidhaatii hin miliqnetti eegdota lamatti fuuncaadhaan hidhamee, eegdonni 16 lama lama taʼanii halkaniifi guyyaa darabeedhaan akka isa eegan godheera. Kana kan godhe ayyaana Faasikaa booda Phexrosiin ajjeesuudhaan uummata gammachiisuu waan barbaadeef ture. Haala rakkisaa sana keessatti, Kiristiyaanonni hidhata Phexros taʼan maal godhu laata?
13, 14. (a) Gumiin, Phexros yommuu hidhame maal godhe? (b) Gama kadhannaatiin Kiristiyaanota hidhata Phexros taʼanirraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?
13 Gumiin sun maal gochuu akka qabu sirriitti beeka ture. Lakkoofsi 5ffaan akkas jedha: “Yeroo Phexros mana hidhaa keessatti eegamaa turetti, waldaan kristiyaanaa immoo utuu gargar hin kutin Waaqayyoon in kadhattiif ture.” Eeyyee, kadhannaan obboleessasaanii isa jaallatamaadhaaf godhan cimaafi garaadhaa kan dhihaate ture. Kanaaf, Yaaqoob ajjeefamuunsaa abdii isaan hin kutachiisne ykn kadhannaan buʼaa akka hin qabne akka isaanitti dhagaʼamu hin goone. Kanaa mannaa, kadhannaan namoonni amanamoo taʼan dhiheessan Yihowaa duratti bakka guddaa akka qabu beeku turan. Yihowaan fedhasaa wajjin kan walsiman taanaan kadhannaawwan akkasii ni dhagaʼa.—Ibr. 13:18, 19; Yaq. 5:16.
14 Kiristiyaanota Phexrosiif kadhannaa godhanirraa barumsa akkamii argachuu dandeenya? Dammaqoo taʼanii jiraachuu jechuun, ofii keenyaaf qofa utuu hin taʼin, obboloota keenyaafis kadhachuu kan dabalatudha. (Efe. 6:18) Obboloota rakkina keessa jiran beektuu? Isaan keessaa tokko tokko mootummaan hojii lallabaasaanii ittiseera taʼa; kaanimmoo ariʼatamni ykn balaan uumamaa isaanirra gaʼaa jira taʼa. Obboloota kana ilaalchisee kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuu dandeessuu? Kana malees, namoota rakkoowwan badaa ifa hin taane isaanirra gaʼaa jiru beektu taʼa. Namoonni kun, rakkoowwan maatii, abdii kutachuu ykn dhibee fayyaa wajjin qabsaaʼaa jiru taʼa. Kadhannaa gochuu keessan dura irratti yoo yaaddan, namoota maqaasaanii caqasuudhaan Yihowaa ‘isa kadhata namaa dhagaʼutti’ waaʼeesaanii himtaniif muraasni akka jiran ni hubattu.—Far. 65:2.
15, 16. (a) Ergamaan Yihowaa Phexrosiin mana hidhaatii kan baase akkamitti akka taʼe ibsi. (Fakkii armaan gadii ilaali.) (b) Haala Yihowaan Phexrosiin oolcherratti xiinxaluun keenya kan nu jajjabeessu akkamitti?
15 Phexros mana hidhaatii kan hiikame akkamitti? Halkan isa dhumaa mana hidhaatti dabarsetti, eegdota dammaqanii isa eegan lama gidduu rafaa ennaa turetti wantoonni ajaaʼibsiisaan walitti aansanii yommuu raawwataman argeera. (Hojii Ergamootaa 12:7-11 dubbisi.) Mee wanta raawwatame yaadaa: Akkuma tasaa ifti guddaan kutaa inni keessatti hidhamee ture guute. Ergamaan eegdotatti hin mulʼanne tokko Phexros bira dhaabatee atattamaan isa dammaqse. Fuuncaan harkisaa ittiin hidhamee ture harkasaattii buʼe! Ergamichis karuma eegdonni dhaabataniin Phexros dura buʼee mana hidhaa sana keessaa kan isa baase siʼa taʼu, balballi sibiilaa inni mandaratti baasu “utuu namni itti hin buʼin” isaaniif baname. Mana hidhaatii baʼanii erga karaarra buʼanii booda ergamichi isa biraa sokke. Phexrosis haala kanaan mana hidhaatii hiikame!
16 Yihowaan humnasaatti fayyadamee tajaajiltootasaa akka oolchu beekuun amantii namaa kan cimsu mitii? Yeroo ammaa garuu Yihowaan haala dinqii taʼeen nu oolcha jennee eeguu hin qabnu. Haataʼu malee, sabasaa oolchuuf jecha humnasaatti akka fayyadamu amantii guutuu qabna. (2 Sen. 16:9) Hafuurasaa isa humna guddaa qabutti fayyadamee rakkina nu mudatu akka moonu nu gargaaruu dandaʼa. (2 Qor. 4:7; 2 Phe. 2:9) Yeroo dhihoottis Yihowaan, namoota miliyoona hedduutti lakkaaʼaman duʼa isa hidhaa cimaa taʼe jalaa akka isaan baasu Ilmasaatiif humna ni kenna. (Yoh. 5:28, 29) Amantiin abdii Yihowaan kennerratti qabnu, yommuu rakkinni nurra gaʼu ija jabina guddaa akka qabaannu nu gargaara.
WANTOONNI GUFUU ISAANITTI TAʼAN JIRAATANIS DHUGAA BAʼANIIRU
17. Phaawulos hinaaffaafi miira ariitiitiin lallabuudhaan fakkeenya gaarii kan nuuf taʼu akkamitti?
17 Dammaqoo taʼanii jiraachuu ilaalchisee barumsa ergamootarraa argannu isa sadaffaa hubadhaa: Wantoonni gufuu isaanitti taʼan jiraatanis dhugaa baʼuusaanii itti fufaniiru. Dammaqoo taʼanii jiraachuuf hinaaffaafi miira ariitiitiin lallabuun baayʼee barbaachisaadha. Gama kanaan Phaawulos ergamaan fakkeenya gaarii nuu taʼa. Hinaaffaadhaan carraaqqii godheera, iddoowwan fagoo dhaqee lallabeera, akkasumas gumiiwwan hedduu hundeesseera. Rakkoo hedduun isarra gaʼus, matumaa hinaaffaasaa ykn miira ariifannaasaa dhabee hin beeku.—2 Qor. 11:23-29.
18. Phaawulos Roomaatti hidhamee utuu jiru dhugaa baʼuusaa kan itti fufe akkamitti?
18 Seenaa Phaawulos isa xumuraa Hojii Ergamootaa boqonnaa 28rratti galmeeffamee jiru ilaalaa. Phaawulos Neeroo duratti dhihaachuuf gara Roomaa dhufeera. Mana hidhaa keessatti eegamaa, tariimmoo loltuu isa eegutti fuuncaadhaan hidhamee ture taʼa. Taʼus, fuuncaan akkamiiyyuu ergamaa Yesus hinaaffaa qabu kana akka cal jedhu gochuu hin dandeenye! Phaawulos karaa itti dhugaa baʼu barbaaduusaa itti fufeera. (Hojii Ergamootaa 28:17, 23, 24 dubbisi.) Guyyaa sadii booda, Yihudoota dura buutota taʼaniif dhugaa baʼuuf ofitti isaan waamsise. Achiis beellama qabatanii akka gaariitti dhugaa isaaniif baʼeera. Lakkoofsi 23 akkas jedha: “Jarri [Yihudoonni naannoo sana jiraatan] Phaawulosii wajjin dhaaba godhatanii, baayʼatanii mana inni taaʼu dhufan. Phaawulos immoo ganamaa hamma galgalaatti yaada isaa isaanitti mulʼisee, waaʼee mootummaa Waaqayyoo isaanitti dhugaa baʼe. Inni macaafa Museetii fi macaafota raajotaa keessa isaan hubachiisuudhaan, waaʼee Yesus tole isaan jechisiisuu yaale.”
19, 20. (a) Phaawulos dhugaa baʼuurratti buʼa qabeessa kan taʼe maaliifi? (b) Phaawulos namoonni hundi misraachicha fudhachuu dhiisuusaaniitiif maaltu isatti dhagaʼame?
19 Phaawulos dhugaa baʼuutti buʼa qabeessa ture kan jennu maaliifi? Lakkoofsi 23 sababiiwwan hedduu akka ibsu hubadhaa. (1) Phaawulos Mootummaa Waaqayyoofi Yesus Kiristosirratti xiyyeeffateera. (2) Dhaggeeffattootasaa ‘tole jechisiisuuf’ yaalii godheera. (3) Caaffata Qulqullaaʼoorraa ragaa isaanii dhiheesseera. (4) Haala ofittummaarraa walaba taʼeen, “ganamaa hamma galgalaatti” dhugaa isaanii baʼeera. Phaawulos akka gaariitti dhugaa kan isaaniif baʼe taʼus, ergaasaa kan fudhatan namoota hunda hin turre. Lakkoofsi 24, “Isaan keessaa kaan dubbii Phaawulos dubbateen tole jedhan, kaan garuu hin amanne” jedha. Sana booda namoonni sun wal mormanii bittinnaaʼan.
20 Phaawulos namoonni hundi misraachicha waan hin fudhanneef abdii kutatee turee? Matumaa! Hojiin Ergamootaa 28:30, 31 akkas jedha: “Akkasitti Phaawulos waggaa lama guutuu mana ofii isaatii dugda bitate keessa taaʼee, warra gara isaa dhufan hundumaa in simata ture. Ija jabina guutuudhaan, dhowwaa malees mootummaa Waaqayyoo in lallaba, waaʼee Yesus Kristos gooftichaas in barsiisa ture.” Macaafni Hojii Ergamootaa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame yaada nama jajjabeessu kanaan xumurama.
21. Wanta Phaawulos yeroo manasaatii akka hin baane dhowwametti raawwaterraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?
21 Fakkeenya Phaawulosirraa barumsa akkamii argachuu dandeenya? Phaawulos mana hidhaa waan tureef, manaasaa keessaa akka hin baane yeroo dhowwametti manaa gara manaatti deemee lallabuu hin dandaʼu ture. Taʼus, ilaalcha sirrii qabaachuudhaan namoota garasaa dhufan hundaaf dhugaa baʼaa ture. Sabni Waaqayyoo yeroo harʼaatti jiraatan hedduunis amantiisaaniitiif jecha sababii sirrii hin taaneen yoo hidhamaniyyuu, lallabasaanii itti fufuudhaan gammachuusaanii eeganii jiraatu. Obboloonni keenya jaallatamoon tokko tokkommoo sababii dullumaatiin ykn dhukkubaatiin dhaabbata namoota dulloomaniif kunuunsi itti godhamu keessa jiraatu taʼa. Hamma isaaniif dandaʼametti, doktoorotaafi hojjetoota, akkasumas namoota isaan gaafachuu dhufan kaaniif lallabuu ni dandaʼu. Hawwiinsaanii inni guddaan waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dhugaa baʼuudha. Nuyis fakkeenyasaanii baayʼee dinqisiifanna!
22. (a) Qophiin macaafa Hojii Ergamootaarraa caalaatti faayidaa argachuuf gargaaru maalidha? (Saanduqa armaan olii ilaali.) (b) Dhuma sirna biyya lafaa yommuu eeggannu kanatti murtoonkee maalidha?
22 Seenaa macaafa Hojii Ergamootaarra jirurraa, dammaqoo taʼanii jiraachuu ilaalchisee ergamoota Yesusiifi Kiristiyaanota jaarraa tokkoffaatti turan kaanirraa waan barannu hedduu akka argannu ifadha. Dhuma sirna biyya lafaa yommuu eeggannu kanatti fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa tokkoffaa ija jabinaafi hinaaffaadhaan dhugaa baʼan hordofuuf haa murteessinu. Mirgi guddaan waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘dhugaa baʼuurratti’ hirmaachuu caaluufi nuyi irratti hirmaachuu dandeenyu kan biraan hin jiru!—HoE. 28:23.
WANTOOTA BARACHUU DANDEESSU:
․․․․․
Qajeelfama bakka itti lallaban ilaalchisee kenname dammaqinaan hordofuu
․․․․․
Dammaqanii kadhachuu
․․․․․
Wantoonni gufuu taʼan jiraatanis dhugaa baʼuu
[Saanduqa fuula 13rra jiru]
“AMMA MACAAFNI HOJII ERGAMOOTAA BAAYʼEE ADDA NAAF TAʼEERA”
Daawwataan olaanaa tokko kitaaba Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’ (Ingiliffa) jedhamu erga dubbisee booda akkas jedheera: “Amma Macaafni Hojii Ergamootaa baayʼee adda naaf taʼeera. Seenaa achi keessatti argamu ‘irra deddeebiʼee’ kanan dubbise taʼus, akka nama dungoo qabateefi fullee ijaa xuraaʼe kaaʼatee dubbisuu akkan ture natti dhagaʼama. Amma garuu akka nama ifa aduutiin waa ilaaluuf carraa argate akkan taʼe natti dhagaʼama.”
[Fakkii fuula 12rra jiru]
Ergamaan tokko Phexros balbala sibiilaa mandaratti baasu keessa akka darbu isa gargaareera