BOQONNAA 11
‘Gammachuu fi Hafuura Qulqulluudhaan Guutaman’
Wanta Phaawulos yommuu namoonni misiraachicha mormanitti godherraa barumsa argannu
Hojii Ergamootaa 13:1-52rratti kan hundaaʼe
1, 2. Imala Barnaabaasii fi Saaʼol, imala misiyoononni kaan godhanirraa wanti adda godhu maalidha? Tajaajilli isaan raawwatan, Hojiin Ergamootaa 1:8 akka raawwatamu kan godhu akkamitti?
GUYYAANSAA gumii Anxokiyaatiif guyyaa gammachuu ture. Raajotaa fi barsiistota achitti argaman hunda keessaa, Barnaabaasii fi Saaʼol misiraachicha iddoowwan fagootti akka labsaniif hafuura qulqulluudhaan filataman.a (HoE. 13:1, 2) Dhugaadha, sana duras dhiironni gaʼumsa qaban misiyoonota taʼanii ergamanii turan. Taʼus, sana dura kan ergaman bakka Kiristiyaanummaan itti babalʼatetti ture. (HoE. 8:14; 11:22) Yeroo kanatti garuu Barnaabaasii fi Saaʼol, Yohaannis Maarqos isa gargaaraa isaanii taʼee wajjin bakka namoonni misiraachicha hin dhageenye hedduun jiranitti ergaman.
2 Yesuus gara waggoota 14 dura duuka buutota isaatiin, “Yerusaalemitti, guutummaa Yihudaa fi Samaariyaatti, akkasumas hanga andaara lafaatti dhugaa baatota koo ni taatu” jedhee ture. (HoE. 1:8) Barnaabaasii fi Saaʼol misiyoonota taʼanii muudamuun isaanii raajiin Yesuus dubbate kun raawwii isaa akka argatu gumaacha godha!b
Hojichaaf Adda Baafaman (Hojii Ergamootaa 13:1-12)
3. Jaarraa jalqabaatti imalli dheeraan rakkisaa akka taʼu wanti godhu maal ture?
3 Yeroo harʼaa konkolaataa fi xiyyaaraaf galanni haa taʼuutii, namoonni saʼaatii tokko ykn lama gidduutti kiilomeetira hedduu imaluu dandaʼu. Jaarraa jalqabaatti garuu haallisaa akkas hin turre. Bara sanatti yeroo baayʼee daandiiwwan mijatoo hin taanerra lukaan deemu turan. Yeroo sanatti namni tokko guyyaatti imaluu kan dandaʼu kiilomeetira 30 siʼa taʼu, kunis baayʼee dadhabsiisaa ture!c Kanaaf, Barnaabaasii fi Saaʼol bakka ramaddii isaanii deemuuf baayʼee kan hawwan taʼus, akkas gochuun carraaqqii cimaa fi aarsaa akka isaan gaafatu akka hubatan hin shakkisiisu.—Mat. 16:24.
4. (a) Barnaabaasii fi Saaʼol akka filatamaniif qajeelfama kan kenne eenyudha? Obboloonni kaanoo yeroo kanatti maal godhan? (b) Warra jaarmiyicha keessatti hojii garaa garaa hojjetan deggeruu kan dandeenyu akkamitti?
4 Haataʼu malee, hafuurri qulqulluun Barnaabaasii fi Saaʼol hojichaaf adda akka baafaman qajeelfama kan kenne maaliifi? (HoE. 13:2) Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa hin dubbatu. Haataʼu malee, hafuurri qulqulluun namoonni kun akka filatamaniif qajeelfama akka kenne beekna. Yaanni raajonnii fi barsiisonni Anxokiyaa keessatti argaman murtoo kana akka morman argisiisu hin jiru. Barnaabaasii fi Saaʼol obboloonni isaanii erga soomanii fi kadhatanii booda hinaaffaa tokko malee “harka isaanii isaan irra kaaʼanii [yommuu] isaan ergan” hammam jajjabaatanii akka turan tilmaamuu dandeessaa? (HoE. 13:3) Nutis dhiirota gumii keessatti ilaaltota olaanaa taʼan dabalatee, obboloota jaarmiyicha keessatti hojii garaa garaa hojjetan deggeruu qabna. Obboloota mirga akkasii argatanitti hinaafuu mannaa, “hojii isaaniitiin kan [kaʼe] jaalalaan ulfina guddaa” isaaniif kennuu qabna.—1 Tas. 5:13.
5. Odoola Qophrositti lallabuun carraaqqii akkamii akka gaafate ibsi.
5 Barnaabaasii fi Saaʼol buufata doonii Seluuqiyaa ishii Anxokiyaatti dhihoo jirtu erga deemanii booda, gara odoola Qophiros ishii kiilomeetira 200 fagaattee argamtutti dooniidhaan imalan.d Barnaabaas Qophrositti waan dhalateef misiraachoo kana namoota naannoo isaatiif lallabuuf baayʼee hawwee akka ture hin shakkisiisu. Akkuma magaalaa Salaamiis ishii baha odoolichaatti argamtu gaʼaniinis “manneen sagadaa Yihudootaa keessatti dubbii Waaqayyoo labsuu jalqaban.”e (HoE. 13:5) Barnaabaasii fi Saaʼol odoola Qophiros keessa yommuu qaxxaamuranitti, magaalota gurguddoo keessa darban hundatti lallabaa akka turan hin shakkisiisu. Daandii misiyoononni kun irra deemuuf filatan irratti hundaaʼuudhaan gara kiilomeetira 160 akka imalan tilmaamuu ni dandeenya!
6, 7. (a) Sargiwos Phaawulos eenyudha? Inni misiraachicha akka hin fudhanne gochuuf Baaryesuus kan yaale maaliifi? (b) Saaʼol mormii Baaryesuus kan dhaabsise akkamitti?
6 Jaarraa jalqabaatti Qophiros waaqolii tolfamoodhaan kan guutamte turte. Keessumaa haalli kun Barnaabaasii fi Saaʼol, Phaafoos ishii lixa odoolichaa irratti argamtu yommuu gahan sirriitti mulʼateera. Bakka kanattis ‘Baaryesuus, isa falfalaa fi raajii sobduu taʼee’ wajjin wal argan. “Inni bulchaa biyyaa Sargiwos Phaawulos jedhamuu fi hubataa taʼee wajjin ture.”f Jaarraa jalqabaatti Sargiwos Phaawulos isa nama hubataa taʼe dabalatee, namoonni Roomaa beekamoo taʼan hedduun murtoowwan barbaachisoo taʼan gochuudhaaf, falfaltoota ykn namoota urjii lakkaaʼan gargaarsa gaafatu turan. Haataʼu malee, Sargiwos Phaawulos ergaan Mootummichaa xiyyeeffannaa isaa waan harkiseef, “dubbii Waaqayyoo dhagaʼuu” barbaade. Taʼus, kun Baaryesuus isa maqaa ulfinaa Eeliimaas jedhamuun beekamu hin gammachiisne. Eeliimaas jechuun “falfalaa” jechuudha.—HoE. 13:6-8.
7 Baaryesuus ergaa Mootummichaa ni morme. Namni kun gorsaa Sargiwos Phaawulos taʼuudhaan itti fufuu kan dandaʼu, “bulchaan biyyaa sun amantii kana akka hin fudhanne dhowwuu” yoo dandaʼe qofa ture. (HoE. 13:8) Haataʼu malee, Saaʼol yommuu falfalaan kun fedhii Sargiwos Phaawulos balleessuuf carraaqqii godhu callisee hin ilaalle. Maarree maal godhe? Seenaansaa akkas jedha: “Yeroo kanatti Saaʼol inni Phaawulos jedhamu hafuura qulqulluudhaan guutamee hubatee isa ilaalee akkana jedhe: ‘Yaa namicha gowwoomsaa fi hammina hundumaatiin guutamte nana, ilma Diyaabilos, diina wanta qajeelaa hundumaa, daandii Yihowaa isa sirrii jalʼisuu hin dhiistuu? Kunoo, harki Yihowaa si irra jira, jaamaa ni taata, yeroo muraasaaf ifa aduu hin argitu.’ Yeruma sanas hurrii cimaa fi dukkanni isa uwwise; nama harka isa qabee deemu barbaachas asii fi achi deeme.”g Sargiwos Phaawulos yommuu kana argu maal godhe? “Bulchaan biyyaa sun barumsa waaʼee Yihowaa barate dinqisiifatee waan tureef, wanta taʼe sana yommuu argu ni amane.”—HoE. 13:9-12.
8. Ija jabina argisiisuu irratti fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
8 Phaawulos Baaryesuusiin hin sodaanne. Nutis, mormitoonni namoonni ergaa Mootummichaa dhagaʼuuf fedhii qaban, akka nu hin dhageenye gochuuf yommuu yaalan sodaachuu hin qabnu. Dhugaadha, dubbiin keenya, “yeroo hunda gurratti kan toluu fi soogiddaan kan miʼeeffame” taʼuu qaba. (Qol. 4:6) Haataʼu malee, walitti buʼiinsa hambisuuf jennee namoonni fedhii qaban waaʼee Yihowaa barachuu isaanii akka dhiisan heyyamuu hin qabnu. Akkasumas sodaadhaan liqimfamee amantii sobaa isa akkuma Baaryesuus “daandii Yihowaa isa sirrii jalʼisu” saaxiluurraa duubatti jechuu hin qabnu. (HoE. 13:10) Akkuma Phaawulos ija jabinaan dhugaa haa labsinu. Akkasumas namoonni garaa qajeelaa qaban dhugaa akka fudhatan haa gargaarru. Gargaarsi Yihowaan nuuf godhu akkuma isa yeroo kan Phaawulos, kallattiidhaan mulʼachuu baatus, Yihowaan hafuurasaatti fayyadamee namoota garaa qajeeloo qaban gara dhugaatti akka harkisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Yoh. 6:44.
“Dubbii [Nama] Jajjabeessu” (Hojii Ergamootaa 13:13-43)
9. Phaawulosii fi Barnaabaas obboloota yeroo harʼaatti gumii keessatti itti gaafatamummaa qabaniif fakkeenya akkamii taʼu?
9 Phaawulos, Barnaabaasii fi Maarqos, Phaafosii kaʼanii galaanarra kiilomeetira 250 imaluudhaan, gara Phergee ishii qarqara galaanaa Eeshiyaa Xinnootti argamtuu dhaqan. Ittaansuudhaan barreessaan kitaaba kanaa akkaataa itti garee kana ibsu jijjiireera. Hojii Ergamootaa 13:13rratti garee kanaan, ‘Phaawulosii fi hiriyoota isaa’ jedheera. Haala kanaan ibsamuunsaanii sana booda Phaawulos garee sana geggeessaa akka ture argisiisa. Haataʼu malee, Barnaabaas Phaawulositti akka hinaafe wanti argisiisu hin jiru. Kanaa mannaa lamaan isaaniiyyuu waliin taʼanii fedha Waaqayyoo raawwachuu isaanii itti fufaniiru. Phaawulosii fi Barnaabaas obboloota yeroo harʼaatti gumii keessatti itti gaafatamummaa qabaniif fakkeenya gaarii taʼu. Kiristiyaanonni iddoo guddaa argachuuf wal dorgomuu mannaa yaada Yesuus, “hundi keessan obbolaa dha” jechuudhaan dubbate ni yaadatu. Yesuus itti dabaluudhaan, “Namni ol of qabu kam iyyuu gad ni qabama, namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol ni qabama” jedheera.—Mat. 23:8, 12.
10. Imalli Phergeerraa gara Anxokiyaa Phisiidiyaatti godhame maal akka fakkaatu ibsi.
10 Akkuma Phergee gahaniin, Yohaannis Maarqos, Phaawulosii fi Baarnaabaas irraa adda baʼuudhaan gara Yerusaalemitti deebiʼe. Akka tasaa isaanirraa adda kan baʼe maaliif akka taʼe hin ibsamne. Phaawulosii fi Baarnaabaas imalasaanii itti fufuudhaan Phergeedhaa kaʼanii gara magaalaa Anxokiyaa Phisiidiyaa ishii bulchiinsa Galaatiyaa keessatti argamtuu dhaqan. Anxokiyaa Phisiidiyaan sirrii galaanaarraa meetira 1,100 ol kaatee waan argamtuuf imallisaanii kun salphaa hin turre. Kana malees, magaalaa kana gaʼuuf daandiiwwan gaarreen gidduutti argamanii fi saamtonni hedduun keessatti argaman qaxxaamuruu qabu. Isayyuummoo Phaawulos dhukkubaan kan qabame yeroo kanatti taʼuu hin oolu.h
11, 12. Phaawulos mana sagadaa Anxokiyaa Phisiidiyaa keessatti yommuu haasaa kennu garaa namoota isa dhaggeeffatanii kan tuqe akkamitti ture?
11 Anxokiyaa Phisiidiyaa keessatti Phaawulosii fi Barnaabaas guyyaa Sanbataatti mana sagadaa seenan. Seenaansaa akkas jedha: “Seerichii fi Raajonni uummata duratti erga dubbifamanii booda, geggeessitoonni mana sagadaa sun, ‘Yaa obbolootaa, dubbii uummaticha jajjabeessu yoo qabaattan dubbadhaa’ jedhanii isaanitti ergan.” (HoE. 13:15) Achiis Phaawulos dubbachuuf kaʼee dhaabate.
12 Akkas jechuudhaan jalqabe: “Namoonni Israaʼelii fi warri Waaqayyoon sodaattan kaan dhaggeeffadhaa.” (HoE. 13:16) Namoonni Phaawulosiin dhaggeeffachaa turan Yihudootaa fi amantaa Yihudii kan fudhatan turan. Maarree Phaawulos garaa namoota gaʼee Yesuus kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu hin hubanne kanaa tuquu kan dandaʼu akkamitti? Jalqaba Phaawulos seenaa Yihudootaa ibse. Yihowaan, ‘utuma isaan biyya Gibxii keessa orma taʼanii jiraachaa jiranii, akkamitti akka ol isaan qabe’, achiis erga bilisa baʼanii booda, ‘lafa onaa keessatti gara waggaa 40tiif akkamitti akka isaaniif obse’ ibse. Kana malees, Phaawulos Israaʼeloonni Biyyatti Abdachiifamte akkamitti akka injifatan, akkasumas Yihowaan, ‘biyya isaanii dhaalaan akkamitti akka isaaniif kenne’ ibse. (HoE. 13:17-19) Namoonni tokko tokko Phaawulos dubbachaa kan ture waaʼee caqasoota guyyaa Sanbataa sanatti Kitaaba Qulqulluurraa dubbifamanii akka taʼe dubbatu. Kun dhugaadha yoo taʼe, Phaawulos, ‘namoota hundumaatiif waan hundumaa taʼuu’ akka dandaʼu fakkeenyota argisiisan keessaa tokkodha.—1 Qor. 9:22.
13. Garaa namoota nu dhaggeeffatanii tuquu kan dandeenyu akkamitti?
13 Nutis garaa namoota isaaniif lallabnuu tuquuf carraaquu qabna. Fakkeenyaaf, amantii nama tokkoo beekuun keenya, mata duree xiyyeeffannaasaa harkisu filachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Kana malees, Kitaaba Qulqulluurraa yaada namni sun beeku isaaf caqasuu dandeenya. Namni sun Kitaaba Qulqulluu dhuunfaa isaarraa akka dubbisu gochuunis buʼa qabeessa taʼuu dandaʼa. Karaa itti garaa namoota isin dhaggeeffatanii tuquu dandeessan argachuuf carraaqqii godhaa.
14. (a) Phaawulos misiraachoo waaʼee Yesuus dubbatu kan ibse akkamitti? Taʼus akeekkachiisa akkamii kenne? (b) Uummatichi haasaa Phaawulos yommuu dhagaʼu maal godhe?
14 Ittaansuudhaan Phaawulos waaʼee ‘fayyisaa tokkoo,’ jechuunis waaʼee ‘Yesuus’ isa karaa hidda dhalootaa mootota Israaʼeliin dhufuu fi Yohaannis Cuuphaan karaa isaaf qopheessee ibsuu jalqabe. Achiis Yesuus akkamitti akka ajjeefamee fi akkamitti duʼaa akka kaafame ibse. (HoE. 13:20-37) Phaawulos, “Kanaafuu, yaa obbolootaa, dhiifamni cubbuu karaa isaa argamu isiniif lallabamaa akka jiru hubadhaa . . . duʼa namicha kanaatiin kan kaʼe Waaqayyo nama amanu kam iyyuu qajeelaa jedhee ni waama” jedhee isaaniif ibse. Itti aanseemmoo akeekkachiisa akkas jedhu isaaniif kenne: “Wanti kitaaba Raajotaa keessatti akkana jedhamee dubbatame akka isin irra hin geenye of eeggadhaa: ‘Isin qoostota nana, hojiin bara keessanitti hojjechaa jiru ilaalaa; kun hojii isin utuma balʼinaan isinitti himamee illee akkan raawwadhe hin amanne dha; isin ni dinqisiifattu, ni dhumtus.’” Haasaan Phaawulos buʼaa guddaa waan argamsiiseef, “namoonni sun waaʼee dhimma kanaa Sanbata isa dhufuttis akka isaanitti himan isaan kadhatan.” Dabalataanis walgaʼiin mana sagadichaatti godhamu yeroo biraatti erga darbee booda, “Yihudoonnii fi namoonni amantii Yihudii fudhatanii Waaqayyoon waaqeffatan hedduun Phaawulosii fi Barnaabaas duukaa buʼan.”—HoE. 13:38-43.
“Nuti Saboota Kaaniif ni Lallabna” (Hojii Ergamootaa 13:44-52)
15. Guyyaa Sanbataatti erga Phaawulos haasaa kennee booda maaltu taʼe?
15 Sanbata itti aanutti, “namoonni magaalatti garri caalaan” Phaawulosiin dhaggeeffachuuf walitti qabaman. Yihudoonni tokko tokko kanatti waan hin gammadneef, “wanta Phaawulos dubbatu mormanii isa arrabsuu jalqaban.” Achiis innii fi Baarnaabaas ija jabinaan akkas isaaniin jedhan: “Dubbiin Waaqayyoo jalqaba isinitti himamuun isaa barbaachisaa ture. Isin dubbicha fudhachuu diddanii jireenyi bara baraa akka isiniif hin malle ofuma keessanii waan murteessitaniif, kunoo nuti saboota kaaniif ni lallabna. Sababiin isaas Yihowaan, ‘Hamma andaara lafaatti fayyina akka labsituuf saboota kaaniif ifa akka taatu si muudeera’ jedhee nu ajajeera.”—HoE. 13:44-47; Isa. 49:6.
16. Yihudoonni misiyoononni sun ija jabinaan yommuu dubbatanitti maal godhan? Phaawulosii fi Baarnaabaas yommuu ariʼatamni isaanirra gaʼetti maal godhan?
16 Namoonni saboota kaan keessaa taʼan wanta dhagaʼanitti baayʼee gammadan, “warri jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban hundis amantoota taʼan.” (HoE. 13:48) Dubbiin Yihowaa guutummaa biyyichaatti saffisaan babalʼate. Ilaalchi Yihudootaa garuu kanarraa baayʼee adda ture. Kanaan kan kaʼes, dubbiin Waaqayyoo jalqaba Yihudoota kanaaf kan lallabame taʼus, isaan Masiihicha waan hin fudhanneef, sana booda Waaqayyo waaqeffannaa isaanii akka hin fudhanne misiyoononni sun isaanitti himan. Kanaafuu Yihudoonni dubartoota beekamoo fi dhiirota magaalatti beekamoo kakaasuudhaan, “Phaawulosii fi Barnaabaas irratti ariʼatama kaasanii biyya isaanii keessaa isaan baasan.” Maarree Phaawulosii fi Baarnaabaas maal godhan? “Awwaara miila isaanii isaanitti hurgufatanii gara Iqoniyum dhaqan.” Kanaaf, Anxokiyaa Phisiidiyaa keessatti Kiristiyaanummaan utuu hin babalʼatin hafeeree? Matumaa! Kanaa mannaa, barattoonni achitti hafan, “gammachuu fi hafuura qulqulluudhaan guutamuu isaanii itti fufan.”—HoE. 13:50-52.
17-19. Fakkeenya gaarii Phaawulosii fi Barnaabaas nuuf taʼan hordofuu kan dandeenyu karaawwan kamiini? Kana gochuun keenyahoo gammachuu keenyaaf gumaacha akkamii godha?
17 Obboloonni kun kan ariʼataman taʼus, gammachuu isaanii eeganii itti fufaniiru. Kun barumsa gaarii nuuf taʼa. Yeroo namoonni addunyaa beekamoo taʼan ergaa mootummichaa akka hin labsine nu dhorkuuf yaalanitti illee lallabuu keenya hin dhaabnu. Kana malees, yeroo namoonni Anxokiyaa ergaa isaanii fudhachuu didanitti Phaawulosii fi Baarnaabaas ‘awwaara miila isaanii isaanitti hurgufataniiru.’ Kunimmoo Barnaabaasii fi Phaawulos itti gaafatamummaa isaanii akka baʼanii fi wanta namoota sanarra gaʼuuf akka itti hin gaafatamne kan argisiisudha. Misiyoononni kun namoonni Yesuusitti akka amanan dirqisiisuu akka hin dandeenye beeku. Wanti isaan gochuu dandaʼan lallabuu isaanii itti fufuu qofadha. Gara Iqoniyum deemuudhaanis akkasuma godhaniiru!
18 Barattoonni Anxokiyaa keessatti hafanoo maal godhan? Naannoon tajaajilaasaanii gaarii akka hin taane beekamaadha. Haataʼu malee, gammachuun isaanii baayʼina namoota ergaasaanii fudhatanii irratti kan hundaaʼe hin turre. Yesuus, “gammadoon illee namoota dubbii Waaqayyoo dhagaʼanii hojii irra oolchani dha!” jedheera. (Luq. 11:28) Barattoonni Anxokiyaa Phisiidiyaa keessa turanis wanta Yesuus dubbate kana hojiirra oolchuuf kutatanii turan.
19 Nutis, akkuma Phaawulosii fi Barnaabaas itti gaafatamummaan keenya misiraachoo labsuu akka taʼe yeroo hunda haa yaadannu. Ergicha fudhachuun ykn dhiisuun garuu filannaa namoota nu dhaggeeffataniiti. Namoonni lallabnuuf misiraachicha fudhachuu yoo didan fakkeenya barattoota jaarraa jalqabaa hordofuu ni dandeenya. Dinqisiifannaa dhugaadhaaf qabnu guddifachuu fi hafuura qulqulluudhaan geggeeffamuudhaan nutis utuma mormiin nu irra gaʼuullee gammadoo taʼuu ni dandeenya.—Gal. 5:18, 22.
a Saanduqa, “Barnaabaas—‘Ilma Jajjabinaa’” jedhu ilaali.
b Yeroo kanatti Anxokiyaa ishii kan Sooriyaa, magaalaa Yerusaalem irraa kallattii kaabaatiin kiilomeetira 550 fagaattee argamtu keessatti gumiiwwan ni argamu turan.
c Saanduqa, “Imala Bara Durii” jedhu ilaali.
d Jaarraa jalqabaatti dooniin tokko haalli qilleensaa gaarii yoo taʼe guyyaatti kiilomeetira 160 imaluu dandaʼa; haalli qilleensaa isaa yoo gaarii taʼuu baatemmoo sana caalaa fudhachuu dandaʼa.
e Saanduqa, “Manneen Sagadaa Yihudootaa Keessatti” jedhu ilaali.
f Qophiros bulchiinsa Roomaa jala waan turteef, naannoo sana kan bulchu nama warri Roomaa filatan ture.
g Saaʼol, Phaawulos jedhamee kan waamame seenaa kana booda. Namoonni tokko tokko Saaʼol maqaa kanatti fayyadamuu kan jalqabe, Sargiwos Phaawulosiin kabajuuf jedhee akka taʼe dubbatu. Phaawulos Qophirosii erga deemee boodas maqaa kanatti fayyadamuusaa itti fufeera. Kunimmoo maqaa kanatti kan fayyadame Sargiwos Phaawulosiin kabajuuf jedhee akka hin taane argisiisa. Maqaa warra Roomaa kanatti fayyadamuuf kan murteesse “saboota kaaniif ergamaa” waan taʼeefidha. Kana malees, maqaan afaan Ibrootaasaa inni Saaʼol jedhamu, afaan Giriikiitiin yommuu waamamu ergaa sirrii hin taane waan dabarsuuf taʼuu dandaʼa.—Rom. 11:13.