BOQONNAA 7
Akkuma Waaqayyoo, Jireenyaaf Bakka Guddaa Kennitaa?
“Burqaan jireenya kennu si bira [jira].”—FAARFANNAA 36:9.
1, 2. (a) Waaqayyo biraa kennaa guddaa gatiidhaan hin shallagamne akkamiitu nuu kenname? (b) Keessuma yeroo har’aatti dandeettiin seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hubachuu barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
ABBAAN keenya inni samii kennaa guddaa gatiidhaan hin shallagamne, jechuunis dandeettii amalawwansaa calaqqisuufi jireenya nama taanee jiraachuuf nu dandeessisu nuu kenneera. (Uumama 1:27) Kennaa guddaa kanaanis seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluu akkamitti akka nu fayyadu hubanneerra. Isaaniin hojiirra oolchuudhaanis, Yihowaa jaallachuu, dandeettii ‘sammuu hojiidhaan itti bare hamaa fi gaarii gargar baasuu’ nu dandeessisu qabaachuudhaan karaa hafuuraa ga’eessota ta’uu dandeenya.—Ibroota 5:14.
2 Wantoonni jireenya keessatti nama mudatan wal xaxaa waan ta’aniif, seerri biyyi lafaa baasu wantoota kana hunda qabachuu hin danda‘an; keessumaa yeroo har’aa seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hubachuu danda’uun baay’ee barbaachisaadha. Saayinsiin fayyaa, keessumaa yaalii fayyaa dhiigaafi wantoota dhiigarraa argaman ilaallatan kanaaf fakkeenya gaarii ta’a. Kun dhimma baay’ee barbaachisaa namoonni Yihowaaf abboomamuu barbaadan hundi irratti yaaduu qabanidha. Ta’us, seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu wantoota kanaa wajjin walitti dhufeenya qaban sirriitti hubachuun, murtoo gaarii yaada garaa keenya ciibsuufi jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguuf nu dandeessisu gochuuf nu gargaara. (Fakkeenya 2:6-11) Seera bu’uuraa kana keessaa tokko tokko haa ilaallu.
JIREENYIIFI DHIIGNI QULQULLUUDHA
3, 4. Dhiigni qulqulluu ta’uunsaa yeroo jalqabaatiif Caaffata Qulqullaa’oo keessatti kan ibsame yoomi? Kunoo seera bu’uuraa warra kamirratti kan hundaa’edha?
3 Yihowaan jireenyaafi dhiiga gidduu hariiroo cimaan akka jiru, jechuunis lamaanuu qulqulluu ta’uusaanii jalqaba kan ibse Qaayin Abeeliin ajjeesee utuu hin turinidha. Waaqayyo Qaayiniin, “Dhiigni obboleessaa keetii lafaa natti in iyyata” jedheen. (Uumama 4:10) Dhiigni Abeel Yihowaa duratti jireenyasaa isa hammeenyaan gabaabaatti karaatti hafe kan bakka bu’u ture. Kanaaf, dhiigni Abeel ijaa akka isaaf baasuuf Waaqayyotti iyyataa ture.—Ibroota 12:24.
4 Waaqayyo, Bishaan Badiisaa bara Nohi ga’e booda namoonni foon bineensaa akka nyaatan heyyamus dhiiga garuu akka nyaatan hin heyyamneef. Waaqayyo akkas jedhe: “Garuu foon lubbuun keessa jiru, kana jechuunis dhiigni isaa utuu keessa jiruu hin nyaatinaa! [“Dhiigakeessan lubbuun kan keessa jiru animmoo nanfedha’oo,” hiika bara 1899].” (Uumama 9:4, 5) Abboommiin kun hamma har’aatti sanyii Nohi hundaarratti ni hojjeta. Kunimmoo jecha Waaqayyo jalqaba Qaayiniin jireenyi ykn lubbuun uumama hundaa dhiigasaatiin akka bakka buufamu dubbate irra deebi’ee kan mirkaneessu ture. Abboommiin kunis Yihowaan inni Burqaa jireenyaa ta’e namoota jireenyaafi dhiigaaf ulfina hin kenninetti akka faradu mirkaneessa.—Faarfannaa 36:9.
5, 6. Seerri Musee, Dhiigni qulqulluufi gati jabeessa ta’uusaa kan argisiisu akkamitti? (Saanduqa, “Jireenya Horiitiif Ulfina Qabaadhu” jedhu ilaali.)
5 Dhugaan baay’ee barbaachisaa ta’e kun lamaan Seera Musee keessatti mul’ateera. Lewwoonni 17:10, 11 akkas jedha: “Isin . . . keessaa namni tokko illee dhiiga yoo nyaate, namicha dhiiga nyaate sanatti Waaqayyo gara in gala saba isaa keessaa isa in balleessa jedhi! Lubbuun uumama foon uffatee dhiiga keessa waan jiruuf, furee kan ta’us dhiiga waan ta’eef, inni furee lubbuu keessanii akka ta’uuf iddoo aarsaa irratti ani Waaqayyo isa isiniif kenneera.”a—Saanduqa “Humna Dhiigni Araara Argamsiisuuf Qabu” jedhu ilaali.
6 Dhiigni horii qalame tokkoo iddoo aarsaarratti dhihaatee faayidaa argamsiisu hin qabu taanaan lafatti gad naqamuu qaba ture. Karaa kanaanis akka fakkeenyaatti, gara isa jireenya kenneetti deebi’a jechuudha. (Keessa Deebii 12:16; Hisqi’el 18:4) Haata’u malee, Israa’eloonni copha dhiigaa foon keessatti argaman hundaa baasuuf carraaqqii addaa akka godhan akka itti hin himamne qalbeeffadhu. Horiin kun sirriitti qalamee dhiignisaa erga dhangala’ee booda, Waaqa isa Madda Jireenyaa ta’eef ulfinni ta’uufii qabu waan isaaf kennameef, lammiin Israa’el kamiyyuu yaanni garaasaa utuu isa hin ceepha’in foonicha nyaachuu danda’a.
7. Daawit qulqullina dhiigaaf ulfina akka kennu kan argisiise akkamitti?
7 Daawit inni Waaqayyo, “nama akka garaa koo” jedhee waames, seera bu’uuraa Waaqayyo dhiiga ilaalchisee kenne duuba jiru sirriitti hubatee ture. (Hojii Ergamootaa 13:22) Yommuu inni baay’ee dheebotee ture tokko, loltootasaa keessaa namoonni sadii buufata diinaa gidduu ba’anii bishaan boolla keessaa budduqsanii fidaniif. Maaltu isatti dhaga’ame? “Kun dhiiga namoota lubbuu isaanii gurguranii dhaqanii ti mitii ree?” jedhee gaafate. Daawit bishaan sana dhuguu, akka dhiiga loltootasaa warra lubbuusaanii gurguranii dhuguutti ilaalee ture. Kanaaf, Daawit dheebotus, bishaanicha “Waaqayyoof dhangalaase.”—2 Saamu’el 23:15-17.
8, 9. Ilaalchi Waaqayyo jireenyaafi dhiigaaf qabu yeroo gumiin Kiristiyaanaa hundeeffametti jijjiirameeraa? Ibsi.
8 Yihowaan Nohiif abboommii erga kennee naannoo waggaa 2,400 booda, kakuun Seerichaa erga kennameemmoo naannoo waggaa 1,500 booda qaamni olaanaan gumii Kiristiyaanaa jaarraa tokkoffaa akkas jedhee akka barreessu hafuurasaatiin kakaaseera: “Waan barbaachisu irra kan caalu ba’aa biraa isin irra akka hin keenyeef, hafuura qulqulluutti, nuttis gaarii fakkaateera. Kunis immoo qalma waaqayyolii tolfamaniif dhi’aate irraa, dhiiga . . . irraa, foon horii hudhamee du’ee nyaachuu irraa, halalummaa irraas akka fagaattan.”—Hojii Ergamootaa 15:28, 29.
9 Qaamni olaanaan jaarraa tokkoffaa, dhiigni qulqulluu akka ta’eefi karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamuun waaqolii tolfamoo waaqeffachuu ykn halalummaa raawwachuu wajjin tokko ta’uusaa hubatee akka ture ifatti hubachuun ni danda’ama. Har’as Kiristiyaanonni dhugaa ejjennoo akkasii qabu. Ilaalchisaaniis seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluurratti waan hundaa’eef, murtoowwan dhiigaa wajjin wal qabatan yommuu godhan Yihowaa gammachiisuu danda’u.
DHIIGNI YOMMUU YAALII FAYYAATIIF FAAYIDAARRA OOLU
10, 11. (a) Dhugaa Baatonni Yihowaa dhiiga guutuu fudhachuus ta’e gareewwan dhiigaa gurguddaa fudhachuuf ilaalcha akkamii qabu? (b) Kiristiyaanonni dhiigaaf ilaalcha addaddaa qabaachuu kan danda’an karaawwan kamiini?
10 Dhugaa Baatonni Yihowaa, ‘dhiigarraa fagaachuun’ karaa hiddaa fudhachuufi namaaf kennuurraa fagaachuu ykn dhiiga ofii waraabsisanii tursanii deebisanii karaa hiddaa fudhachuurraa fagaachuu akka ta’e ni hubatu. Seera Waaqayyoo waan kabajaniif, gareewwan dhiigaa gurguddaa, jechuunis: seelii diimaa, seelii adii, pileetileetiifi pilaazmaa hin fudhatan.
11 Yeroo har’aatti gareewwan dhiigaa kun kutaa xixinnoo garagaraatti qoqqoodamanii karaa addaddaa faayidaarra oolu. Kiristiyaanni tokko qoqqoodama xixinnoo kana fudhachuu danda’aa? “Dhiigaa” wajjin tokko akka ta’an godhee ilaalaa? Dhimma kana ilaalchisee Kiristiyaanonni hundi murtoo dhuunfaa gochuu qabu. Malawwan yaalii fayyaa hiimodaayaalisis, hiimoodaayiluushin, seel saalveej jedhamaniifi seera bu’uuraa kana fakkaatanirrattis ni hojjeta.—Kutaa Dabalataa, “Qoqqoodama Dhiigaafi Yaalii Fayyaa Dhagna Baqaqsuu” jedhu ilaali.
12. Dhimmawwan yaada garaatiif dhiifaman akkamitti ilaaluu qabna? Hiikuu kan dandeenyu akkamitti?
12 Dhimmoonni dhuunfaatti akka murteessinuuf dhiifaman Yihowaa duratti bakki guddaan hin kennamuuf jechuudhaa? Matumaa! Kanaa mannaa, inni ilaalchaafi adeemsa keenya xiyyeeffannaan hordofa. (Fakkeenya 17:3; 21:2; 24:12) Kanaaf, yaalii fayyaa tokko ilaalchisee kadhannaadhaan erga qorannaa goonee booda, wanta yaanni garaa keenyaa inni Macaafa Qulqulluun leenjifame nuun jedhuuf ajajamuu qabna. (Roomaa 14:2, 22, 23) Dhugaadha, namoonni kaan wanta yaanni garaasaanii isaanitti himu akka nuu murteessaniif “Utuu iddookoo taatee maal goota turte?” jennee gaafachuun sirrii miti. Dhimma akkasii ilaalchisee Kiristiyaanni hundi ba’aasaa ‘ofumasaatii baachuu qaba.’b—Galaatiyaa 6:5; Roomaa 14:12; Saanduqa “Dhiiga Akka Qulqulluuttan Ilaalaa?” jedhu ilaali.
SEERRI YIHOWAA INNI ABBAA JAALALA QABEESSA TA’UUSAA ARGISIISA
13. Seeraafi seerri bu’uuraa Yihowaa waa’eesaa maal mirkaneessu? Fakkeenya kenni.
13 Seerriifi seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluu keessatti argaman, Yihowaan Waaqa ogummaadhaan seera baasuufi Abbaa jaalala qabeessa nageenyi ijoolleesaa isa yaaddessu ta’uusaa kan argisiisanidha. (Faarfannaa 19:7-11) Abboommiin ‘dhiigarraa fagaachuu’ ilaalchisee kenname kunuunsa fayyaaf kan kenname ta’uu baatus, rakkoowwan dhiiga fudhachuudhaan dhufanirraa nu eega. (Hojii Ergamootaa 15:20) Ogeeyyiin fayyaa hedduun dhiiga malee dhagna baqaqsuun yaalii fayyaa hammayyaa “baay’ee filatamaa” ta’uusaa dubbatu. Guddinni gama kanaan argame, Yihowaan ogummaa homtinuu ittiin wal hin gitne kan qabuufi Abbaa jaalala qabeessa ta’uusaa Kiristiyaanotaaf kan mirkaneessudha.—Isaayaas 55:9; Yohannis 14:21, 23.
14, 15. (a) Jaalalli Waaqayyo sabasaatiif qabu seera warra kamiin mul’ataniiru? (b) Seera bu’uuraa, seera balaarraa eegu kana duuba jiru hojiirra oolchuu kan dandeessu akkamitti?
14 Yihowaan nageenya Israa’eloota warra sabasaa turaniif yaadaa akka ture seera inni isaaniif kenne hedduurratti akka gaariitti mul’ateera. Fakkeenyaaf, bantii mana Israa’elootaarratti sochii hedduun waan raawwatamuuf, balaan akka hin geenyeef naannoo bantii manasaaniirratti ittisa akka itti hojjetan ajajamaniiru. (Keessa Deebii 22:8; 1 Saamu’el 9:25, 26; Nahimiyaa 8:16; Hojii Ergamootaa 10:9) Waaqayyo, qotiyyoo hamaadhaafis eegumsi addaa akka godhamu ajajeera. (Ba’uu 21:28, 29) Abboommii kana akka laayyootti ilaaluun, nageenya warra kaaniitiif dantaa dhabuu kan argisiisu waan ta’eef dhiiga dhangala’eef itti gaafatama fida ture.
15 Seera bu’uuraa seera kana duuba jiran hojiirra oolchuu kan dandeessu akkamitti? Waa’ee konkolaataa, barsiifata itti konkolaachistu, horii qe’ee, mana, bakka hojiikeefi filannoo bashannanaaf gootu mee yaadi. Biyyoota tokko tokkotti, keessumaa dargaggoonni wantoota du’aaf nama saaxilan waan raawwataniif balaa uumamuun namoota hedduutu du’a. Dargaggoonni jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguu barbaadan garuu, jireenyaaf bakka guddaa waan kennaniif sochii balaa geessisuufi qalbii namootaa hawwatan raawwachuun gammaduu hin barbaadan. Dargaggootarra balaan hin ga’u jedhanii gowwummaan hin yaadan. Kanaa mannaa, balaa barbaachisaa hin taanerraa of eeguudhaan dargaggummaasaaniitti gammadu.—Lallaba 11:9, 10.
16. Ulfa baasuu ilaalchisee seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra ooluu danda’u kamidha? (Miiljalees ilaali.)
16 Lubbuun mucaa gadameessa keessa jirullee Waaqayyo duratti bakka guddaa qaba. Israa’el durii keessatti namni tokko dubartii ulfarra miidhaa waan geessiseef isheen ykn mucaan gadameessashee keessa jiru yoo du’an, Waaqayyo nama kana akka nama lubbuu galaafatetti ilaaluudhaan “qooda lubbuu lubbuu” akka baasu isa godha.c (Ba’uu 21:22, 23) Kanaaf, rakkoorraa baqachuufi saalqunnamtii seeraan ala ta’e raawwachuun, ta’e jedhamee waggaa waggaan daa’imman hangana hin jedhamne yeroo ajjeefaman Yihowaatti maaltu akka dhaga’amu yaadi.
17. Dubartii seera Waaqayyoo utuu hin beekin dura ulfa baaste akkamitti jajjabeessuu dandeessa?
17 Waa’ee dubartii dhugaa Macaafa Qulqulluu utuu hin beekin dura ulfa baastee maal jechuu danda’ama? Yihowaan dhiifama hin godhuuf jechuudhaa? Matumaa akkas jechuu miti! Yihowaan nama garaasaatii qalbii geddarateef dhiiga Yesus isa dhangala’erratti hundaa’ee dhiifama akka godhuuf mirkanaa’uu dandeessi. (Faarfannaa 103:8-14; Efesoon 1:7) Kiristosis, “Ani warra jireenya qajeeltoo jiraatan waamuu hin dhufne, cubbamoota gara yaada garaa isaanii geddarachuutti waamuun dhufe malee” jedheera.—Luqaas 5:32.
JIBBARRAA FAGAADHU!
18. Macaafni Qulqulluun dhiiga hedduu dhangala’eef wanta sababii guddaa ta’e ilaalchisee maal jedha?
18 Yihowaan warra kaan miidhuurraa fagaachuu qofa utuu hin ta’in, jibba dhiigni hedduun akka dhangala’uuf sababii ta’es garaa keenya keessaa fonqolchinee akka baasnu barbaada. Yohannis, “Obboleessa isaa kan jibbu hundinuu nama nama ajjeesee dha” jechuun barreesseera. (1 Yohannis 3:15) Namni akkasii obboleessasaa jibbuurra darbee akka du’u hawwa. Diinummaasaa maqaa balleessuu ykn himata sobaa dhiheessuun kan argisiisu yommuu ta’u, himanni sobaa inni dhiheesse kun akka dhugaatti yoo fudhatamemmoo, firdii Waaqayyoo geessisuu danda’a. (Lewwoota 19:16; Keessa Deebii 19:18-21; Maatewos 5:22) Kanaaf, jibba garaa keenya keessa jiru kamiyyuu fonqolchinee baasuuf carraaqqii gochuun baay’ee barbaachisaadha!—Ermiyaas 1:14, 15; 4:1-3.
19. Namni seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluutiin geggeeffamu caqasoota Faarfannaa 11:5fi Filiphisiiyus 4:8, 9rra jiran akkamitti ilaala?
19 Namoonni akka Yihowaa jireenyaaf bakka guddaa kennaniifi jaalalasaa keessatti of eeguu barbaadan hundi, gocha walirratti ka’uu kamirraayyuu ni fagaatu. Faarfannaan 11:5, ‘Waaqayyo, isa humnaan nama irratti ka’uu jaallatu garaa guutuudhaan in jibba’ jedha. Caqasni kun amala Waaqayyoo qofa utuu hin ta’in seera bu’uuraa jireenya keessatti hojiirra ooluu danda’u kan ibsudha. Namoonni Waaqayyoon jaallatan bashannana walirratti ka’uu wajjin walitti dhufeenya qabu kamirraayyuu akka fagaatan isaan kakaasa. Haaluma wal fakkaatuunis, Yihowaan “Waaqa . . . nagaa kennu” ta’ee ibsamuunsaa, tajaajiltoonnisaa hundi sammuufi garaasaanii wanta jaallatamaa, qulqulluu, wanta galata qabuufi nagaadhaan akka guutan isaan kakaasa.—Filiphisiiyus 4:8, 9.
DHAABBILEE DHIIGA NAMOOTAATTI GAAFATAMANIRRAA FAGAADHU
20-22. Kiristiyaanonni biyya lafaa ilaalchisee ejjennoo akkamii fudhatu? Maaliif?
20 Guutummaan biyyi lafaa Seexanni seerratu dhiiga namootaatti Waaqayyo duratti itti gaafatama. Caaffata Qulqullaa’oorratti sirni siyaasaa bineensa hamaatti fakkeeffame, tajaajiltoota Yihowaa baay’ee dabalatee, namoota miliyoona hedduun lakkaa’aman gorra’eera. (Daani’el 8:3, 4, 20-22; Mul’ata 13:1, 2, 7, 8) Dhaabbileen daldalaafi saayinsiis, humnoota siyaasaa bineensatti fakkeeffamanii wajjin walta’iinsa uumuufi meeshaalee waraanaa haala suukanneessaa ta’een nama fixan oomishuun bu’aa hangana hin jedhamne argataniiru. “Guutummaan biyya lafaa immoo harka isa hamaa jala” kan jiru ta’uunsaa dhugaadha!—1 Yohannis 5:19.
21 Duuka buutonni Yesus ‘kan biyya lafaa waan hin taaneef’ dhimmawwan siyaasaafi waraanaa keessa hin seenan; kanaaf dhuunfaattis ta’e hawaasaan dhiiga namootaarraa walabadha.d (Yohannis 15:19; 17:16) Akkuma Kiristos warri kaan yommuu isaan ari’atan ijaa hin ba’an. Kanaa mannaa, diinotasaanii ni jaallatu, isaaniifis ni kadhatu.—Maatewos 5:44; Roomaa 12:17-21.
22 Kiristiyaanonni dhugaa “Baabilon guddittii” ishee bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraa taateefi dhaabbilee lafarratti argaman hunda caalaa, dhiiga dhangala’eef itti gaafatamtuu wajjin hariiroo akkamiiyyuu qabaachuurraa ni fagaatu. Dubbiin Waaqayyoo, “dhiigni raajotaa fi kan warra Waaqayyoof qulqullaa’anii, kan warra lafa irratti qalamanii hundinuu, ishee keessatti [argame]” jedha. Kanaaf akeekkachiisni, “Yaa saba ko! . . . kottaa, ishee keessaa ba’aa!” jedhu nuu kennameera.—Mul’ata 17:6; 18:2, 4, 24.
23. Baabilon guddittii keessaa ba’uu jechuun maal jechuudha?
23 Baabilon guddittii keessaa ba’uun, maqaa ofii galmeeshee keessaa haqsiisuu qofa miti. Gochawwan gadhee amantiin sobaa callisee ilaalu ykn ifatti deggeru, kan akka ejjaa, siyaasa keessa seenuufi sooromuuf ofittoo ta’uu jibbuus kan dabalatudha. (Faarfannaa 97:10; Mul’ata 18:7, 9, 11-17) Gochawwan kun yeroo baay’ee gara dhiiga dhangalaasuutti geessu!
24, 25. Waaqayyo nama itti gaafatamni dhiigaa irra jiruufi qalbii geddarate tokkoof maalirratti hundaa’ee dhiifama godha? Kun bara durii maalitti fakkeeffamee ture?
24 Hundi keenya, waaqeffannaa dhugaatti utuu hin dhufin dura karaa ta’e tokkoon sirna Seexanaa deggeraa kan turre waan ta’eef hamma ta’e itti gaafatamni dhiigaa nurra jira. Haata’u malee, amala keenya waan jijjiirreef, amantaa aarsaa furii Kiristosirratti qabnu waan guddifanneefi Waaqayyoof waan of murteessineef, wantoota hariiroo Yihowaan wajjin qabnu nu jalaa balleessanirraa eegumsa arganneerra. (Hojii Ergamootaa 3:19) Mandaroonni bara durii namoota kooluu galaniif qophaa’an eegumsa arganne kanaaf akka gaaddidduutti tajaajilaniiru.—Lakkoobsa 35:11-15; Keessa Deebii 21:1-9.
25 Qophiin kun hojiirra kan oolu akkamitti? Lammiin Israa’el tokko utuu hin beekin yoo nama ajjeese mandaroota koolu galtootaaf qophaa’an keessaa gara isa tokkootti baqachuu qaba ture. Abbootiin firdii ga’eessota ta’an dhimma kanarratti murtoo erga dabarsanii booda, namni utuu itti hin yaadin nama ajjeese kun hamma angafni lubootaa du’utti mandara koolu galtootaaf qophaa’e keessa jiraachuu qaba ture. Angafni lubootaa erga du’ee booda garuu, bakka barbaade jiraachuu danda’a. Qophiin kun fakkeenya gaarii araarri Waaqayyoo hammam guddaa akka ta’eefi jireenyaaf bakka guddaa akka kennu kan argisiisu mitii! Mandaroota bara durii koolu galtootaaf qophaa’ee wajjin haala wal fakkaatuun, har’as Waaqayyo aarsaa furii Kiristosirratti hundaa’ee namoota seera Waaqayyo jireenyaafi dhiigaaf baase utuu hin beekin cabsaniif qophii godheera. Qophii kanaaf bakka guddaa kennitaa? Qophii kanaaf bakka guddaa kennuukee akkamitti argisiisuu dandeessa? Karaan inni tokko, keessumaa yeroo guyyaan “rakkinni guddaan” itti dhufu baay’ee dhihaate kanatti, namoonni kaanis sii wajjin mandara koolu galtootaaf qophaa’etti akka galan afeeruun argisiisuu dandeessa.—Maatewos 24:21; 2 Qorontos 6:1, 2.
ERGAA MOOTUMMICHAA LALLABUUDHAAN JIREENYAAF BAKKA GUDDAA AKKA KENNITU ARGISIISI
26-28. Haalli keessa jirru bara Hisqi’el wajjin kan wal fakkaatu akkamitti? Jaalala Waaqayyoo keessatti of eeguu kan dandeenyu akkamitti?
26 Haalli saba Waaqayyoo yeroo ammaatti argaman, Hisqi’el isa bara durii Yihowaan mana Israa’eliif eegduu godhee muude nu yaadachiisa. Waaqayyo, “ati immoo dubbii koo dhaga’ii of isaan eeggachiisi!” jedheenii ture. Hisqi’el dantaa dhabuudhaan hojiisaa kana utuu hin raawwatin yoo hafe Yerusaalemitti yommuu firdiin faradamu dhiiga namoota ajjeefamaniif itti gaafatama ture. (Hisqi’el 33:7-9) Hisqi’el nama abboomamu waan tureef, dhiigaa namootaatti hin gaafatamne.
27 Har’as, badiisa guutummaa sirna Seexanaatti dhihaanneerra. Kanaaf, Dhugaa Baatonni Yihowaa guyyaa Waaqayyo itti ‘ijaa baafatuufi’ ergaa Mootummicha wal cina qabanii lallabuu mirgaafi dirqamasaanii godhanii ilaalu. (Isaayaas 61:2; Maatewos 24:14) Hojii barbaachisaa ta’e kanarratti guutummaatti hirmaachaa jirtaa? Phaawulos hojii lallabaa isatti kennameef xiyyeeffannaa guddaa kenneera. Kanaaf akkas jedheera: “[“Ani qulqulluu akkan ta’e dhiiga [hundumakeessaniittii,” hiika bara 1899.] Anoo fedha Waaqayyoo hundumaa isinitti labsuudhaaf hin seesne.” (Hojii Ergamootaa 20:26, 27) Fakkeenya gaarii hundi keenya hordofuu qabnudha!
28 Dhugaadha, jaalaala Yihowaan nuuf qabu keessatti of eeguuf, akka Yihowaa jireenyaafi dhiigaaf bakka guddaa kennuu caalaa wanti gochuu qabnu jira. Akkuma boqonnaa ittaanurratti ilaallu, Waaqayyoo duratti qulqulluu taanee jiraachuu nu barbaachisa.
a Barruun Saayintifiik Ameerikaan jedhamu jecha Waaqayyo, “Lubbuun uumama foon uffatee dhiiga keessa waan jiruuf” jedhu ilaalchisee, “Gosti seelii dhiigaa hundi jireenyaaf barbaachisaa waan ta’eef jechi kun guutummaatti dhugaadha” jedheera.
b Dammaqaa! Hagayya 2006, fuula 3-12fi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e ilaali. (Amaariffa)
c Hayyoonni jechoota Macaafa Qulqulluu hiikan akkaataan barreeffama jechoota afaan Ibrootaa “miidhaa dubartittiirra ga’u qofa goonee akka ilaallu nuu hin heyyamu” jedhu. Akkasumas, Macaafni Qulqulluun mucaan gadameessa keessa jiru ji’a meeqa ta’uu akka qabu waan ibsu waan hin qabaanneef murtoo Yihowaarratti jijjiirama fidu akka hin qabaanne qalbeeffadhu.
d Boqonnaa 5 mataduree, “Akka Itti Biyya Lafaarraa Adda Ba’anii Jiraachuun Danda’amu” jedhu ilaali.
e Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Kutaa Dabalataa fuula Kutaa Dabalataa, “Qoqqoodama Dhiigaafi Yaalii Fayyaa Dhagna Baqaqsuu” jedhu ilaali.