BOQONNAA 20
Mormiin Jiraatus “Caalaatti Babalʼachaa fi Moʼaa Deeme”
Apholosii fi Phaawulos misiraachichi babalʼachuusaa akka itti fufuuf gumaacha isaan godhan
Hojii Ergamootaa 18:23–19:41rratti kan hundaaʼe
1, 2. (a) Efesoon keessatti Phaawulosii fi michootasaa balaa akkamiitu mudate? (b) Boqonnaa kana keessatti maal ilaalla?
NAMOONNI hedduun iyyaa fi wacaa daandii Efesoonirra fiigaa jiru. Achiis namoonni hedduun walitti qabamanii jeequmsa uumuu jalqaban. Miiltoowwan Phaawulos lamaan qabamanii lafarra gototaman. Daandii balʼaa garasii fi garanaan suuqiiwwan qabu kanarratti namoonni hedduun walitti qabamaniiru. Isaanis namoota aaran kanatti makamanii gara galma tiyaatiraa guddaa namoota 25,000 qabachuu dandaʼuutti imaluu jalqaban. Namoota kana keessaa hedduunsaanii sababa jeequmsi kun itti kaʼe hin beekan. Taʼus, manni qulqullummaa isaanii fi waaqayyittiin isaanii Arxemiis balaadhaaf waan saaxilaman isaanitti fakkaateera. Kanaaf irra deddeebiʼanii, “Arxemiis ishiin kan warra Efesoon Guddoo dha!” jedhanii iyyuu jalqaban.—HoE. 19:34.
2 Ammas Seexanni namoota jeequmsa uumanitti fayyadamee misiraachoon Mootummaa Waaqayyoo akka hin babalʼanne gochuuf yaalaa jira. Dhugaadha, malli Seexanni itti fayyadamu jeequmsa uumuu qofa miti. Boqonnaa kana keessatti, malaa fi haxxummaa Seexanni hojii fi tokkummaa Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa diiguuf itti fayyadame hedduu ilaalla. Hunda caalaammoo ‘dubbiin Yihowaa caalaatti babalʼachaa fi moʼaa waan deemeef’ malawwansaa kun akka hin milkoofne ni ilaalla. (HoE. 19:20) Kiristiyaanonni kun injifannoo argachuu kan dandaʼan akkamitti? Sababiinsaa isa yeroo harʼaa wajjin wal fakkaata. Dhugaadha, injifannoo kana kan arganne ofii keenyaan utuu hin taʼin, gargaarsa Yihowaatiini. Haataʼu malee, nutis akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa gama keenyaan wanta nurraa eegamu gochuu qabna. Gargaarsa hafuura Yihowaatiin amaloota tajaajila keenyarratti milkaaʼina argachuuf nu gargaaran horachuu ni dandeenya. Jalqaba garuu mee fakkeenya Apholos haa ilaallu.
“Inni Nama . . . Kitaabota Qulqulluu Akka Gaariitti Beeku Ture” (Hojii Ergamootaa 18:24-28)
3, 4. Aqiilaa fi Phirisqiilaan Apholos hirʼina akkamii akka qabu argan? Kan isa gargaaranoo akkamitti?
3 Phaawulos adeemsa misiyoonummaa isaa isa sadaffaarratti gara Efesoon yeroo deemaa turetti, Yihudiin Apholos jedhamu magaalaa sana keessa ture. Gara magaalaa kanaa kan dhufe magaalaa Gibxii beekamtuu Iskindiriyaa jedhamtu irraati. Apholos amalootaa fi dandeettiiwwan gargaarii qaba ture. Nama akka gaariitti dubbatu ture. Kana malees, “inni nama . . . Kitaabota Qulqulluu akka gaariitti beeku ture.” Dabalataanis, “hafuuraan kan gubatu” ture. Apholos hinaaffaadhaan guutamee mana sagadaa keessatti Yihudoota dura dhaabatee dubbate.—HoE. 18:24, 25.
4 Aqiilaa fi Phirisqiilaan yommuu Apholos dubbatu dhagaʼan. ‘Waaʼee Yesuus sirriitti yommuu barsiisu’ isa dhagaʼanii baayʼee akka dinqisiifaman hin shakkisiisu. Waaʼee Yesuus wanti inni dubbatu sirrii ture. Utuma baayʼee hin turin garuu, hiriyoonni gaaʼelaa kun beekumsi Apholos hirʼina guddaa akka qabu hubatan. “Inni kan beeku waaʼee cuuphaa Yohaannis qofa ture.” Hiriyoonni gaaʼelaa gad of qabanii fi hojii dunkaana hodhuu hojjetan kun, Apholos dandeettii dubbachuu kan qabu ykn nama barate taʼuusaatti isa hin sodaanne. Kanaa mannaa, “ofitti isa fudhatanii caalaatti daandii Waaqayyoo sirriitti isaaf ibsan.” (HoE. 18:25, 26) Namni dandeettii dubbachuu qabuu fi barate kun maal godha laata? Amala barbaachisaa Kiristiyaanni tokko qabaachuu qabu, jechuunis amala gad of qabuu akka argisiise beekamaadha.
5, 6. Yihowaan caalaatti Apholositti akka fayyadamu wanti godhe maalidha? Fakkeenya isaarraa maal baranna?
5 Apholos gargaarsa Aqiilaa fi Phirisqiilaan isaaf godhan waan fudhateef, tajaajilaa Yihowaa milkaaʼina qabu taʼeera. Gara Akaayaa deemuudhaan obbolootaaf, “gargaarsa guddaa godhe.” Yihudoota bakka sana jiranii fi Yesuus Masiihicha abdachiifame miti jedhaniif lallabuu irrattis buʼa qabeessa taʼeera. Luqaas, “Inni ifattii fi miira hoʼaadhaan dubbachuudhaan, Yesuus inni Kiristoos taʼuu isaa Kitaabota Qulqulluu irraa isaanitti argisiisee akka isaan dogoggoran Yihudoota amansiisa ture” jedhee gabaaseera. (HoE. 18:27, 28) Apholos gumii Kiristiyaanaatiif eebba taʼeera! Kanaafuu “dubbiin Yihowaa” moʼaa akka deemu kan godhe tokko Apholosidha. Fakkeenya Apholosirraa maal baranna?
6 Amala gad of qabuu horachuun Kiristiyaanotaaf baayʼee barbaachisaadha. Hundi keenyayyuu kennaawwan gara garaa qabna. Kennaawwan kun dandeettii uumamaa, muuxannoo ykn beekumsa taʼuu dandaʼu. Haataʼu malee, amalli gad of qabuu keenya dandeettiiwwan kana hundumaa caaluu qaba. Taʼuu baannaan dandeettiiwwan keenya gatii dhabu. Of hin eeggannu taanaan dandeettiiwwan keenya kanaan kan kaʼe of tuuluu dandeenya. (1 Qor. 4:7; Yaq. 4:6) Dhugumaan gad of qabna taanaan warri kaan akka nu caalanitti ilaaluuf yaalii goona. (Filp. 2:3) Sirreeffamni yommuu nuuf kennamu hin aarru, warri kaan yommuu nu barsiisuuf yaalanis fudhachuu hin dinnu. Yaadni keenya qajeelfama hafuura qulqulluu wajjin akka wal hin simne yommuu hubannutti of tuulummaadhaan yaada keenya kanatti hin cichinu. Gad of qabuu keenya itti fufna taanaan Yihowaanis taʼe Ilmisaa nutti fayyadamu.—Luq. 1:51, 52.
7. Phaawulosii fi Apholos gad of qabuurratti fakkeenya akkamii nuuf taʼu?
7 Amalli gad of qabuu warra kaanii wajjin akka wal hin morkanne nu gargaara. Seexanni Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa gidduutti wal qoqqoodinsa uumuuf hammam hawwee akka ture tilmaamuu ni dandeessaa? Apholosii fi Phaawulos warri dandeettii guddaa qaban kun lamaan, utuu wal morkantaniiru taʼee, tariimmoo gumii keessatti iddoo guddaa qabaachuuf utuu walitti hinaafaniiru taʼee Seexanni baayʼee gammada ture. Akkas gochuun isaaniif baayʼee salphaa ture. Gumii Qorontos keessatti Kiristiyaanonni tokko tokko, “Ani kan Phaawulosi,” warri kaanimmoo “Ani garuu kan Apholosi” jechuu jalqabanii turan. Phaawulosii fi Apholos ilaalcha wal qoqqoodinsa uumu kana deggeraniiruu? Lakki! Phaawulos, Apholosiif mirga tajaajilaa kennuudhaan, hojicharratti gumaacha gochaa akka inni jiru gad of qabuudhaan amanee fudhateera. Apholosis qajeelfama Phaawulos hordofeera. (1 Qor. 1:10-12; 3:6, 9; Tit. 3:12, 13) Dhugumayyuu gad of qabuudhaan wal faana hojjechuu ilaalchisee fakkeenya gaarii nuuf taʼu!
‘Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo Isaan Amansiise’ (Hojii Ergamootaa 18:23; 19:1-10)
8. Phaawulos Efesoonitti kan deebiʼe kallattii kamiin ture? Maaliifi?
8 Phaawulos gara Efesoonitti akka deebiʼu waadaa galee ture, waadaasaa kanas eegeera.a (HoE. 18:20, 21) Haataʼu malee, gara Efesoonitti kan deebiʼe karaa kamiini? Imala isaa kana kan jalqabe Anxokiyaa ishii kan Sooriyaa keessaa ture. Karaa qaxxaamuraa qabatee gara Kiilqiyaa dhaquudhaan doonii yaabbatee kallattiidhaan gara Efesoon dhaquu dandaʼa. Inni garuu akkas gochuu mannaa, “naannoowwan galaana irraa fagaatan keessa darbee” gara Efesoon dhaqe. Akka tilmaama taʼe tokkootti, imalli Phaawulos inni Hojii Ergamootaa 18:23 fi 19:1rratti ibsame kun, kiilomeetira 1,600 dheerachuu dandaʼa. Phaawulos daandii ulfaataa akkasii kan filate maaliifi? “Barattoota hunda jajjabeessaa” darbuu waan barbaadeef ture. (HoE. 18:23) Adeemsi misiyoonummaa isaa inni sadaffaan akkuma warra darban lamaanii baayʼee ulfaataadha. Taʼus Phaawulos aarsaa akkamiiyyuu kaffaluuf qophaaʼaa ture. Daawwattoonni olaanoo aanaa fi haadhotiin manaasaanii yeroo harʼaa jiranis ilaalchuma kanaa wajjin wal fakkaatu qabu. Jaalalasaanii isa ofittummaarraa bilisa taʼe baayʼee dinqisiifanna.
9. Gareen barattootaa tokko irra deebiʼee cuuphamuun kan isa barbaachise maaliifi? Isaan irraahoo maal baranna?
9 Phaawulos akkuma Efesoon gaʼeen barattoota Yohaannis Cuuphaa gara 12 taʼanii wajjin wal arge. Cuuphaan isaan cuuphaman cuuphaa yeroon itti darbedha. Kana malees, waaʼee hafuura qulqulluu beekumsi isaan qaban muraasa ykn homaa hin beekan. Phaawulos barumsa isa haaraa akka baratan kan isaan gargaare yommuu taʼu, isaanis akkuma Apholos gad of qabuudhaan hawwiidhaan barataniiru. Maqaa Yesuusiin erga cuuphamanii booda hafuura qulqulluu fi karaa dinqii taʼeen kennaawwan tokko tokko argataniiru. Eeyyee, jaarmiyaa Yihowaa isa jijjiirama gochaa jiru qixxee deemuun eebba argamsiisa.—HoE. 19:1-7.
10. Phaawulos mana sagadaa dhiisee gara galma tokkoo kan deeme maaliifi? Kunoo tajaajila keenyarratti fakkeenya akkamii nuuf taʼa?
10 Itti aansuudhaan utuma baayʼee hin turin wanta kan biraa tokkotu raawwatame. Phaawulos mana sagadaa keessatti jiʼa sadiif ija jabinaan lallabe. ‘Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isaan amansiisuuf yaalee’ kan ture taʼus, tokko tokko mata jabeeyyii taʼuudhaan garmalee isa mormaniiru. Kanaaf Phaawulos namoota ‘Daandicha arrabsanii’ wajjin yeroosaa gubuu mannaa, galma mana barumsaa keessatti barsiisuuf qophii godhe. (HoE. 19:8, 9) Yeroo kanatti namoonni karaa hafuuraa guddina gochuu barbaadan mana sagadaa sana dhiisanii gara galma sanaa deemuun isaan barbaachisee ture. Nutis namni haasofsiisnu tokko dhagaʼuuf fedhii hin qabu taanaan ykn callisee falma taanaan dhiisnee deemuuf filachuu dandeenya. Namoonni garaa qajeelaa qabanii fi ergaa keenya isa nama jajjabeessu dhagaʼuu barbaadan hedduun jiru.
11, 12. (a) Phaawulos jabaatanii hojjechuu fi akka haalasaatti sirreeffama gochuurratti fakkeenya akkamii nuuf taʼa? (b) Dhugaa Baatonni Yihowaa tajaajilarratti jabaatanii hojjechuu fi akka haalasaatti sirreeffama gochuuf kan yaalan akkamitti?
11 Tarii Phaawulos galma mana barumsaa kana keessatti guyyaa guyyaadhaan barsiisaa kan ture, saʼaatii 5 hamma saʼaatii 10tti taʼuu dandaʼa. Saʼaatiin kun tasgabbii kan qabu taʼus baayʼee waan hoʼuuf, yeroo namoonni itti nyaatanii fi itti boqotan taʼuu hin oolu. Phaawulos utuu walirraa hin kutin waggaa lamaaf sagantaasaa kana hordofeera yoo taʼe, saʼaatii 3,000 ol barsiisuudhaan dabarseera jechuudha.b Sababii kan biraan dubbiin Yihowaa akka guddatuu fi akka moʼu godhe kanadha. Phaawulos nama jabaatee hojjetuu fi akka haalasaatti jijjiirama godhu ture. Fedhii namoota naannoo sanaarratti hundaaʼuudhaan sagantaa isaarratti sirreeffama godheera. Kun buʼaa akkamii argamsiise? “Yihudootas taʼan Giriikota, namoonni koonyaa Eeshiyaa keessa jiraatan hundi dubbii Gooftaa ni dhagaʼan.” (HoE. 19:10) Dhugumayyuu Phaawulos guutummaatti dhugaa baʼeera!
12 Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo harʼaatti argamnus jabaannee hojjenna, akka haalasaattis sirreeffama ni goona. Bakkaa fi saʼaatii namoonni argaman hundatti isaan argachuuf carraaqqii goona. Daandiirratti, bakka gabaattii fi bakka namoonni itti baayʼatanitti ni lallabna. Bilbilaa fi xalayaadhaanis namootaaf ni lallabna. Kana malees, saʼaatii namoonni mana isaaniitti argamanitti deemnee manaa gara manaatti tajaajiluuf carraaqqii ni goona.
Utuma Hafuuronni Hamoon Jiranii, ‘Babalʼachuu fi Moʼuu’ (Hojii Ergamootaa 19:11-22)
13, 14. (a) Yihowaan Phaawulos maal akka raawwatu humna isaaf kenneera? (b) Ilmaan Asqewaa dogoggora akkamii raawwatan? Namoonni yeroo harʼaatti saba Kiristiyaanaa keessa jiranoo dogoggora wal fakkaatu akkamii raawwatu?
13 Itti aansuudhaan Luqaas, Phaawulos “wantoota baayʼee dinqisiisoo taʼan” akka raawwatu Yihowaan akka isa gargaare ibseera. Uffannii fi marxoon Phaawulos namoota dhukkubsatanitti yeroo geeffamullee ni fayyu turan. Hafuuronni hamoon akkasittillee baafamaniiru.c (HoE. 19:11, 12) Injifannoo dinqisiisaan humnoota Seexanaarratti argame kun xiyyeeffannaa namootaa harkiseera. Kan gammade garuu hundasaanii miti.
14 “Yihudoonni asii fi achi deemanii jinniiwwan baasan” tokko tokko dinqii Phaawulos raawwate raawwachuu barbaadanii turan. Yihudoota kana keessaa tokko tokko maqaa Yesuusii fi Phaawulos fayyadamuudhaan jinniiwwan baasuuf yaalanii turan. Fakkeenyaaf Luqaas ilmaan Asqewaa torban kana gochuuf yaalanii akka turan gabaaseera. Haataʼu malee, Jinnichi, “Ani Yesuusiin beeka; Phaawulosiinis beeka; isin immoo eenyu?” isaaniin jedheera. Achiis namichi jinniidhaan qabame sun akkuma bineensaa utaalee fakkeessitoota sana haleele. Isaanis madaaʼanii qullaasaanii baqatan. (HoE. 19:13-16) Kun Phaawulosiif humni guddaan akka kennamee fi fakkeessitoonni sunimmoo humna akka hin qabne waan argisiiseef, ‘dubbii Yihowaatiif’ injifannoo guddaa ture. Yeroo harʼaatti namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi maqaa Yesuus waamuun qofti ykn ‘Kiristiyaana’ ofiin jechuun qofti gaʼaadha jedhanii yaadan jiru. Haataʼu malee, akkuma Yesuus ibse namoonni abdii amansiisaa qabaatan warra fedha Abbaasaa raawwatan qofadha.—Mat. 7:21-23.
15. Miʼoota hafuurota hamoo fi gochawwan hafuurota hamoo wajjin wal qabatan ilaalchisee, fakkeenya warra Efesoon hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
15 Qaaniin ilmaan Asqewaa irra gaʼe namoonni Waaqayyoon akka sodaatan waan godheef, namoonni hedduun amantoota akka taʼanii fi gocha hafuurota xuraaʼoo akka dhiisan dhiibbaa guddaa godheera. Aadaan warra Efesoon gocha hafuurota xuraaʼootiin kan guutamedha. Namoonni achitti argaman kitaabota hafuurota xuraaʼoo wajjin wal qabatan fayyadamuu dabalatee, falfala raawwatu, akkasumas miʼoota jinniiwwanii hedduu fayyadamu. Amma namoonni Efesoon jiraatan hedduun kitaabota isaanii kana gad baasanii uummata duratti guban. Kitaabonni kun gatii yeroo ammaa jiruun yeroo shallagaman, doolaara kuma hedduutti lakkaaʼamu baasuu dandaʼu.d Luqaas, “Kanaan kan kaʼes, dubbiin Yihowaa caalaatti babalʼachaa fi moʼaa deeme” jedhee gabaaseera. (HoE. 19:17-20) Eeyyee, dhugaan sobaa fi gocha jinniiwwanii irratti injifannoo guddaa argate! Namoonni amanamoon kun fakkeenya gaarii nuuf taʼaniiru. Nutis yeroo ammaatti kan jiraannu addunyaa gochawwan hafuurota hamoodhaan guutame keessadha. Miʼa gocha hafuurota hamoo wajjin wal qabatu akka qabnu yoo hubanne, akkuma warra Efesoon yeruma sana balleessuu qabna! Hammamiyyuu ulfaataa yoo taʼe gochawwan jibbisiisoo akkasiirraa haa fagaannu.
“Jeequmsi Guddaan ni Uumame” (Hojii Ergamootaa 19:23-41)
16, 17. (a) Dimeexiros Efesoonitti jeequmsi akka kaʼu kan godhe akkamitti akka taʼe ibsi. (b) Namoonni Efesoon miiraan akka oofaman wanti argisiisu maalidha?
16 Itti aansuudhaan Seexanni namoota jeequmsa uumanitti kan fayyadame akkamitti akka taʼe ilaalla. Luqaas, “Daandicha ilaalchisee jeequmsi guddaan ni uumame” jedheera. Yeroo akkas jedhu dhimmicha arbeessaa hin turre.e (HoE. 19:23) Namichi Dimeexiros jedhamuu fi meetii baqsu jeequmsa kaase. Xiyyeeffannaa namoota akkumasaa ogeeyyii harkaa taʼan harkisuuf, badhaadhina kana hunda kan argatan waaqolii tolfamoo gurguruudhaan akka taʼe isaan yaadachiise. Itti fufuudhaanis Kiristiyaanonni waaqolii tolfamoo waan hin waaqeffanneef, lallabni Phaawulos hojii daldalaatiif gufuu akka taʼe dubbate. Xumurarrattis namoonni isa dhaggeeffatan magaalaasaanii fi lammummaa isaaniitti akka boonan waan beekuuf, namoonni Phaawulosiin yoo dhaggeeffatan waaqayyittiin Arxemiisii fi manni qulqullummaa ishii inni beekamaa taʼe, ‘akka waan gatii hin qabneetti akka ilaalaman’ isaan akeekkachiise.—HoE. 19:24-27.
17 Dimeexiros namoonni ergaa Phaawulos akka hin fudhanne isaan amansiisuu dandaʼeera. Kanaafuu namoonni meetii baqsan, “Arxemiis ishiin kan warra Efesoon Guddoo dha!” jedhanii yommuu iyyuu jalqaban akkuma seensa boqonnaa kanaarratti ilaalle, magaalattiin jeequmsaan guutamte.f Phaawulos inni ija jabeessa taʼe gara mana tiyaatiraa deemee uummata sanaaf haasaa kennuu barbaade. Haataʼu malee, barattoonni balaadhaaf akka inni of hin saaxille isatti himan. Achiis namni Iskindir jedhamu tokko uummata sana dura dhaabbatee isaanitti dubbachuu jalqabe. Namni kun Yihudii waan taʼeef garaagarummaa Yihudootaa fi Kiristiyaanota gidduu jiru ibsuuf hawwee taʼuu dandaʼa. Taʼus namoonni sun ibsa isaa kana dhagaʼuu hin barbaanne. Yihudii taʼuusaa yommuu baran, “Axemiis ishiin kan warra Efesoon Guddoo dha!” jedhanii gara saʼaatii lamaatiif iyyuusaanii itti fufan. Harʼas namoonni miiruma qofaan kakaʼanii amantii isaaniitiif falmu. Kunimmoo namoonni sababa qabeeyyii akka hin taane godha.—HoE. 19:28-34.
18, 19. (a) Barreessaan magaalaa Efesoon uummata jeequmsa uume kan tasgabbeesse akkamitti? (b) Abbootiin taayitaa yeroo tokko tokko Dhugaa Baatotaa Yihowaatiif eegumsa kan godhan akkamitti? Nutoo gama kanaan gaʼee akkamii qabna?
18 Xumurarrattis barreessan magaalattii namoota sana ni tasgabbeesse. Abbaan taayitaa kun sababii qabeessadha. Jalqabarratti Kiristiyaanonni mana qulqullummaa irrattis taʼe waaqayyittii isaaniirratti miidhaa akka hin geessisne dubbate. Itti aanseemmoo Phaawulosii fi michoonnisaa mana qulqullummaa Arxemiis irratti yakka akka hin raawwanne ibse. Kana malees, wanta isaan raawwachaa jiran hin jaallanne taanaan abbootii taayitaatti himuu akka dandaʼan isaan yaadachiise. Akkasumas karaa seera qabeessa hin taane akkasiitiin walitti qabamuunsaanii mootii Roomaa aarsuu akka dandaʼu isaan yaadachiise. Achiis uummanni sun akka bittinnaaʼu godhe. Yaadni amansiisaan namichi kun isaanitti dubbate aariisaanii isa danfaa ture yeruma sana qabbaneesseera.—HoE. 19:35-41.
19 Namni aangoo qabuu fi sababii qabeessa taʼe barattoota Yesuusiif yeroo eegumsa godhu kun isa jalqabaas taʼe isa xumuraa miti. Yohaannis ergamaan mulʼata guyyoota dhumaa ilaalchisee argerratti abbootiin taayitaa addunyaa sababii qabeeyyii taʼanii fi lafatti fakkeeffaman laga Seexanni duuka buutota Yesuus ariʼachuuf isaan duubaan gadhiisu akka liqimsan argeera. (Mul. 12:15, 16) Kun dhugaa taʼuunsaa mulʼateera. Dhimmoota hedduurratti abbootiin murtii sababii qabeeyyii taʼan mirga Dhugaa Baatonni Yihowaa waaqeffannaaf walitti qabamuu fi misiraachoo namoota kaanitti himuuf qaban isaaniif eegsisaniiru. Dhugaadha, injifannoowwan akkasii argachuurratti amalli keenyas gaʼee guddaa qaba. Amalli gaariin Phaawulos argisiise abbootiin taayitaa Efesoon tokko tokko akka isa kabajanii fi eegumsa akka isaaf godhan godhee taʼuu dandaʼa. (HoE. 19:31) Nutis amanamummaan keenyaa fi kabajni nuti argisiisnu namoonni nu mudatan ilaalcha gaarii akka nuuf qabaatan kan godhu haa taʼu. Akkas gochuun keenya buʼaa gaarii akkamii akka argamsiisu hin beeknu.
20. (a) Jaarraa jalqabaattis taʼe bara keenyatti dubbiin Yihowaa guddachaa akka deeme beekuu keetti maaltu sitti dhagaʼama? (b) Injifannoo Yihowaan bara keenyatti nuuf kennuu wajjin haala wal qabateen maal gochuuf murteessiteetta?
20 Jaarraa jalqabaatti, ‘dubbiin Yihowaa caalaatti babalʼachaa fi moʼaa akka deeme’ beekuun baayʼee nama gammachiisa. Bara keenyattis Yihowaan injifannoowwan hedduu akka argannu akka nu gargaare beekuun baayʼee nu gammachiisa. Atoo injifannoon akkasii akka argamuuf hamma humna keetii gumaacha gochuu ni barbaaddaa? Taanaan fakkeenyota olitti ilaallerraa baradhu. Kan gad of qabdu taʼi, jaarmiyaa Yihowaa isa jijjiirama gochaa jiruu wajjin qixxee deemi, jabaadhuu hojjedhu, gocha hafuurota hamoorraa fagaadhu. Akkasumas amanamaa taʼuu fi kabaja argisiisuudhaan amala keetiin namootaaf dhugaa baʼi.
a Saanduqa “Efesoon—Magaalaa Guddoo Eeshiyaa” jedhu ilaali.
b Phaawulos Qorontos isa Tokkoffaas kan barreesse yeroo Efesoon keessa turettidha.
c Uffanni asirratti caqasame uffata Phaawulos dafqi isarra yaaʼu ijasaa akka hin seenneef mataasaatti maratu kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Marxoon asirratti caqasamuunsaa Phaawulos yeroo boqonnaa isaatti tariimmoo gara ganamaa dunkaana hojjechaa akka ture argisiisa.—HoE. 20:34, 35.
d Luqaas gatiin kitaabota kanaa meetii 50,000 akka taʼe ibseera. Kan inni jedhe dinaaree yoo taʼemmoo hojii namni tokko guyyaa 50,000 hojjechuudhaan, jechuunis torbanitti guyyaa torba yoo hojjete gara waggaa 137 hojjechuudhaan argatu jechuudha.
e Namoonni tokko tokko Phaawulos, “Lubbuudhaan hin oollu jennee hamma abdii kutannutti [geenyee turre]” yommuu jedhu haala isa mudate kana argisiisuuf akka taʼe dubbatu. (2 Qor. 1:8) Haataʼu malee, kana kan dubbate haala ulfaataa kana caaluu fi isa mudate sammuutti qabatee taʼuu dandaʼa. ‘Efesoonitti bineensotaa wajjin waldhaansoo akka wal qabe’ yommuu barreessu bineensa hamaa wajjin waldhaansoo akka wal qabe ykn namarraa mormiin akka isarra gaʼe ibsuu barbaadee taʼuu dandaʼa. (1 Qor. 15:32) Ibsi asirratti kenname lamaanuu sirrii taʼuu dandaʼa.
f Namoonni hojii ogummaa hojjetan kun tokkummaa akkasii uumuunsaanii dhiibbaa guddaa geessisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf jaarraa tokko booda namoonni daabboo tolchan jeequmsa akkasii kaasanii turan.