BOQONNAA 3
Yihowaan Kaayyoosaa Ibse
1, 2. Yihowaan kaayyoosaa ilmaan namootaatiif kan ibse akkamitti?
WARRI ijoolleesaaniitiif yaadan, dhimma maatiisaanii ilaallaturratti ijoolleesaanii ni mariisisu. Haataʼu malee, odeeffannoo hammamii isaanitti himuu akka qaban of eeggannoodhaan itti yaadu. Wanta ijoolleensaanii hubachuu dandaʼan qofa itti himu.
2 Haaluma wal fakkaatuun Yihowaanis maatii ilmaan namootaatiif kaayyoosaa irraa jalaan ibseera. Akkas kan godhe garuu yeroo sirriidha jedhee murteessetti qofadha. Mee akkaataa Yihowaan seenaa ilmaan namootaa keessatti dhugaawwan Mootummichaa itti ibse gabaabaatti haa qorru.
Mootummichi Kan Barbaachise Maaliifi?
3, 4. Yihowaan carraa ilmaan namootaa dursee murteesseeraa? Ibsi.
3 Kaayyoon Yihowaa inni jalqabaa Mootummaa Masiihichaa kan dabalatu hin turre. Akkas kan jennu maaliifi? Yihowaan carraa ilmaan namootaa dursee kan hin murteessine taʼuusaarrayyuu, mirga filannaa akka qabaatan godhee waan isaan uumeefidha. Kanaan kan kaʼes Addaamiifi Hewwaaniin, “Horaa, baayʼadhaas, lafa guutaa, isas harka jala galfadhaa!” jechuudhaan kaayyoo ilmaan namootaatiif qabu ibseera. (Uma. 1:28) Kana malees Yihowaan wanta gaariifi wanta gadhee ilaalchisee ulaagaasaa akka eegan isaanirraa barbaada ture. (Uma. 2:16, 17) Addaamiifi Hewwaanis amanamoo taʼanii jiraachuu filachuu ni dandaʼu turan. Isaanis taʼan ijoolleensaanii utuu akkas godhaniiru taʼee, Mootummaan Kiristos inni kaayyoo Waaqayyoo galmaan gaʼu nu hin barbaachisu ture. Silaa yeroo ammaatti addunyaan namoota mudaa hin qabneefi Yihowaa waaqeffatan qofaan guutamti turte.
4 Haataʼu malee, Seexannis taʼe Addaamiifi Hewwaan Yihowaarratti kaʼuunsaanii, Yihowaan kaayyoo lafa kana ilmaan namootaa mudaa hin qabneen guutuuf qabu akka dhiisu isa hin goone. Kanaa mannaa, Yihowaan mala kaayyoosaa galmaan gaʼuuf isa gargaaru qopheesseera. Kaayyoon Yihowaa, baabura iddoo tokko gaʼuuf daandii isaaf qophaaʼe qofarra deemuu qabuufi wanti namoonni kaan godhan daandiisaarraa isa maqsuu dandaʼuu wajjin tokko miti. Yihowaan takkaa kaayyoosaa erga ibsee booda, uumama cufa keessatti wanti kaayyoonsaa akka hin raawwatamne dhowwuu dandaʼu hin jiru. (Isaayaas 55:11 dubbisi.) Daandiisaa tokkorratti rakkinni yoo uumame, daandii garabiraatti fayyadama.a (Bau. 3:14, 15) Yeroo barbaachisaa taʼetti mala kaayyoosaa galmaan gaʼuuf itti fayyadamu tajaajiltootasaa warra amanamoo taʼanitti hima.
5. Yihowaan Eeden keessatti yeroo fincilli isarratti kaʼe maal godhe?
5 Yihowaan fincila Eeden keessatti isarratti kaʼe sirreessuuf jecha, Mootummicha hundeessuuf karoorfate. (Mat. 25:34) Yeroo ilmaan namootaa abdii kan hin qabne fakkaatan sanatti, ulfina dhaban sana deebisanii akka argataniifi rakkina Seexanni aangoo argachuuf jedhee isaanitti fide hunda balleessuuf maalitti akka fayyadamu ibsuu jalqabe. (Uma. 3:14-19) Haataʼu malee, Yihowaan waaʼee Mootummichaa takkaatti waan hunda hin ibsine.
Yihowaan Dhugaawwan Mootummichaa Wajjin Wal Qabatan Ibsuu Jalqabe
6. Yihowaan abdii akkamii kenne? Haataʼu malee waaʼee maalii hin ibsine?
6 Yihowaan raajii jalqaba dubbaterratti, ‘sanyiin’ tokko boficha akka balleessu abdii kennee ture. (Uumama 3:15 dubbisi.) Taʼus, yeroo sanatti sanyiin kunis taʼe, sanyiin bofichaa eenyu akka taʼe hin ibsamne. Yihowaan gara waggaa 2,000tiif waaʼee dhimma kanaa wanta baayʼee hin ibsine.b
7. Abrahaam kan filatame maaliifi? Nuhoo kanarraa barumsa guddaa akkamii arganna?
7 Yeroo booda Yihowaan Abrahaamiin filachuudhaan sanyiin abdachiifame sun karaasaa akka dhufu godhe. Abrahaam kan filatame, ‘Waaqayyoof waan abboomameef’ ture. (Uma. 22:18) Barumsi guddaan kanarraa argannu, Yihowaan kaayyoosaa kan ibsu namoota isa sodaataniif qofa taʼuusaati.—Faarfannaa 25:14 dubbisi.
8, 9. Yihowaan sanyicha abdachiifame ilaalchisee Abrahaamiifi Yaaqoobiif maal ibse?
8 Yihowaan waaʼee sanyii abdachiifame kanaa dhugaa barbaachisaa taʼe tokko, jechuunis sanyiin kun qaama yeroo booda nama taʼee dhalatu akka taʼe karaa ergamaa tokkoo yeroo jalqabaatiif michuusaa Abrahaamitti himeera. (Uma. 22:15-17; Yaq. 2:23, hiika bara 1899) Haataʼu malee namni kun boficha kan balleessu akkamitti? Bofichi eenyudha? Raajiiwwan yeroo booda dubbataman, gaaffiiwwan kanaaf deebii kennaniiru.
9 Yihowaan sanyiin abdachiifame kun karaa ilma ilma Abrahaam, jechuunis karaa Yaaqoob akka dhufu kan murteesse siʼa taʼu, Yaaqoobis nama Waaqayyorratti amantii guddaa qabu ture. (Uma. 28:13-22) Yihowaan Sanyiin kun karaa Ilma Yaaqoob, jechuunis karaa Yihudaa akka dhufu Yaaqoob akka dubbatu godhe. Yaaqoob, sanyiin Yihudaa kun “siiqqee” aangoo mootii argisiisu akka fudhatuufi ‘sabni hundi akka isaaf abboomaman’ raajii dubbateera. (Uma. 49:1, 10) Yihowaan ibsa kana kennuudhaan, Sanyiin Abdachiifame sun bulchaa ykn mootii akka taʼu beeksiseera.
10, 11. Yihowaan Daawitiifi Daaniʼeliif kaayyoosaa kan ibse maaliifi?
10 Gara waggaa 650 booda, Yihowaan waaʼee kaayyoosaa Daawit Mooticha isa sanyii Yihudaa taʼeef caalaatti ibseera. Yihowaan waaʼee Daawit yommuu dubbatu, “Nama akka garaa koo” jedheera. (1 Sam. 13:14; 17:12; HoE. 13:22) Daawit Waaqayyoon waan sodaatuuf, Yihowaan sanyiisaa keessaa tokko barabaraaf mootii akka taʼu ibsuudhaan isaa wajjin kakuu galeera.—2 Sam. 7:8, 12-16.
11 Gara waggaa 500 boodammoo, Yihowaan Daaniʼel raajichatti fayyadamuudhaan bara Inni Dibame ykn Masiihichi lafarratti itti mulʼatu ibseera. (Dan. 9:25) Yihowaan, Daaniʼel “guddaa jaallatamaa” akka taʼe dubbateera. Akkas kan jedhe maaliifi? Yihowaadhaaf ulfina guddaa waan kenneef, akkasumas isa tajaajiluusaa waan itti fufeefidha.—Dan. 6:16; 9:22, 23.
12. Daaniʼel maal akka godhu itti himame? Maaliif?
12 Yihowaan raajonni amanamoon akka Daaniʼel jiran waaʼee sanyicha abdachiifame sanaa, jechuunis waaʼee Masiihichaa wanta hedduu akka barreessan kan itti fayyadame taʼus, yeroon Yihowaan tajaajiltoonnisaa kun wanta barreessan akka hubatan itti godhu hin geenye ture. Fakkeenyaaf, Daaniʼel Mootummaan Waaqayyoo hundeeffamuusaa mulʼataan erga argee booda, yeroo Yihowaan murteesse hamma gaʼutti raajii sana akka cufu itti himameera. Yeroon Yihowaan murteesse sun yommuu gaʼu beekumsi dhugaan “baayʼachuuf jira.”—Dan. 12:4.
Yesus Kaayyoo Waaqayyoo Ibse
13. (a) Sanyichi abdachiifame eenyudha? (b) Yesus raajii Uumama 3:15rratti argamu caalaatti kan ibse akkamitti?
13 Yihowaan, Yesus sanyii isa abdachiifame, jechuunis sanyii Daawit isa Mootii taʼee bulchuuf jiru akka taʼe ibseera. (Luq. 1:30-33; 3:21, 22) Yesus yeroo tajaajilasaa jalqabetti namoonni kaayyoo Waaqayyoo ilaalchisee, beekumsa guddaa ifa aduutti fakkeeffame akka argatan godheera. (Mat. 4:13-17) Fakkeenyaaf, Yesus ‘boficha’ isa Uumama 3:14, 15rratti ibsame, ‘kan nama ajjeesuufi’ “abbaa sobaa” jedhee waamuudhaan, eenyummaa qaama kanaa ilaalchisee shakkiin tokkoyyuu akka hin jiraanne godheera. (Yoh. 8:44) Yesus mulʼata Yohannisitti argisiiserratti “bofni bara durii” sun ‘Diiyaabilos, Seexana akka jedhamu’ ibseera.c (Mulʼata 1:1; 12:9 dubbisi.) Mulʼata sanarratti sanyiin abdachiifame kun dhumarratti abdii Eeden keessatti kenname akkamitti akka raawwatuufi Seexana akka balleessu ibseera.—Mul. 20:7-10.
14-16. Duuka buutonni jaarraa jalqabaatti turan dhugaa Yesus dubbatu hunda guutummaatti ni hubatu turanii? Ibsi.
14 Akkuma Boqonnaa 1ffaarratti ilaalle, Yesus waaʼee Mootummaa kanaa balʼinaan dubbateera. Haataʼu malee, wanta duuka buutonnisaa beekuu barbaadan hunda kan isaanitti himu yeroo hunda hin turre. Wantoota tokko tokko balʼinaan kan dubbate taʼus, duuka buutonni Kiristos wanti inni dubbate hiika maalii akka qabu guutummaatti kan hubatan yeroo muraasa booda ykn jaarraa hedduu booda ture. Mee fakkeenyota tokko tokko haa ilaallu.
15 Yesus, warri Mootii Mootummaa Waaqayyoo wajjin bulchuudhaan isa gargaaran, duʼaa kaafamuudhaan qaama hafuuraa uffatanii samiirra akka jiraatan kan ibse Dh.K.B. bara 33tti ture. Taʼus, duuka buutonnisaa wanta inni dubbate kana yeruma sana hin hubanne. (Dan. 7:18; Yoh. 14:2-5) Yesus yeroo kanatti fakkeenyatti fayyadamuudhaan, Mootummichi kan hundeeffamu erga inni gara samii dhaqee waggoota hedduu booda taʼuusaa isaaniif ibseera. (Mat. 25:14, 19; Luq. 19:11, 12) Duuka buutonnisaa yaada barbaachisaa taʼe kana waan hin hubanneef, yeroo Yesus duʼaa kaʼetti, “Siʼa kana Israaʼeliif mootummaa deebiftaafii ree?” jedhanii isa gaafataniiru. Yesus garuu yeroo kanatti waaʼee dhimma kanaa ibsa dabalataa isaaniif kennuu hin barbaanne. (HoE. 1:6, 7) Yesus ‘hoolonni kan biraan’ “karra xinnayyoo,” warra isaa wajjin bulchanirraa adda taʼan akka jiranis barsiiseera. (Yoh. 10:16; Luq. 12:32) Duuka buutonni Kiristos hamma bara 1914tti Mootummichi hundeeffametti, eenyummaa garee kana lamaanii sirriitti hin hubanne.
16 Yesus yeroo lafarra turetti wantoota hedduu duuka buutotasaatti himuu kan dandaʼu taʼus, wanta inni isaanitti himu hunda baachuu akka hin dandeenye beeka ture. (Yoh. 16:12) Mootummicha ilaalchisee beekumsi hedduun kan argame jaarraa jalqabaatti akka ture beekamaadha. Haataʼu malee, yeroon beekumsi kun itti baayʼatu yeroo sana hin turre.
‘Bara Dhumaatti’ Beekumsi Dhugaan Ni Baayʼata
17. Waaʼee dhugaa Mootummichaa hubachuuf maal gochuu qabna? Wanti barbaachisu garabiraanoo maalidha?
17 Yihowaan ‘bara dhumaatti’ namoonni hedduun waaʼee kaayyoo Waaqayyoo ‘beekumsa argachuuf akka dhamaʼaniifi’ beekumsi kunis akka baayʼatu Daaniʼeliif waadaa galeera. (Dan. 12:4) Namoonni beekumsa kana argachuu barbaadan carraaqqii cimaa gochuu qabu. Barreeffamni tokko jechi afaan Ibrootaa ‘dhamaʼuu’ jedhu, nama of eeggannoo guddaafi gadi fageenyaan kitaaba tokko qayyabatu akka argisiisu ibseera. Haataʼu malee, hammamiyyuu Macaafa Qulqulluu yoo qayyabanne gargaarsa Yihowaatiin alatti dhugaa Mootummichaa hubachuu hin dandeenyu.—Maatewos 13:11 dubbisi.
18. Namoonni Yihowaa sodaatan amantii akka qabaniifi akka gad of deebisan kan argisiisan akkamitti?
18 Yihowaan akkuma bara 1914 dura irraa jalaan waaʼee dhugaa Mootummichaa ibsaa ture, bara dhumaa kanattis akkasuma gochuusaa itti fufeera. Akkuma Boqonnaa 4ffaafi 5ffaarratti ilaallu, sabni Waaqayyoo waggoota 100 darban keessatti hubannaa qabanirratti sirreeffama hedduu gochuun isaan barbaachisee ture. Kana jechuun gargaarsa Yihowaa hin qaban turan jechuudhaa? Akkas jechuu miti! Kanaa mannaa gargaarsasaa argataniiru. Maaliif isaan gargaare? Namoonni Yihowaa sodaatan kun amalawwan inni jaallatu lama waan argisiisaniif, jechuunis amantii waan qabaniifi waan gad of deebisaniifidha. (Ibr. 11:6; Yaq. 4:6) Tajaajiltoonni Yihowaa, kaayyoon Waaqayyoo inni Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame hundi akka raawwatamu ni amanu. Abdiiwwan kun akkamitti akka raawwataman karaa sirrii hin taaneen yommuu hubatan gad of deebisanii dogoggorasaanii fudhatu. Barruun Masaraa Eegumsaa Bitootessa 1, 1925, sabni Waaqayyoo amala akkasii akka qaban yeroo ibsu akkas jedheera: “Gooftaan qaama mulʼata kana ibsu akka qabuufi qaama kanatti fayyadamee karaa barbaadeefi yeroosaatti Macaafa Qulqulluu sabasaatiif akka ibsu beekna.”
“Gooftaan . . . karaa barbaadeefi yeroosaatti Macaafa Qulqulluu sabasaatiif akka ibsu beekna”
19. Yeroo ammaatti Yihowaan wantoota akkamii akka hubannu nuu heyyameera? Maaliif?
19 Yeroo Mootummaan Waaqayyoo bara 1914tti hundeeffame, sabni Waaqayyoo raajiiwwan Mootummichaa wajjin walitti dhufeenya qaban akkamitti akka raawwataman beekumsi isaan qaban muraasa ture. (1 Qor. 13:9, 10, 12) Abdiin Waaqayyoo yommuu raawwatamu arguuf hawwii guddaa qabaachuu keenyaan kan kaʼe, yeroo itti dogoggorre qabna. Waggoota darbanitti yaanni garabiraan Masaraa Eegumsaa olitti caqasamerra jiru dhugaa taʼuunsaa mirkanaaʼeera. Masaraan Eegumsaa kun, “Raajiin tokko yoo raawwatame ykn utuu raawwatamaa jiruu yoo taʼe malee, hubachuu hin dandeenyu jedhanii yaaduun caalaatti sirrii fakkaata” jechuudhaan ibsee ture. Amma yoomiyyuu caalaa yeroo dhumaa keessa waan jirruuf, raajiiwwan Mootummicha ilaalchisee dubbataman hedduun raawwatamaniiru; akkasumas raawwatamaa jiru. Sabni Waaqayyoo waan gad of deebisaniifi sirreeffama fudhachuuf fedhii waan qabaniif, Yihowaan kaayyoosaa ilaalchisee hubannaa guutuu akka qabaatan godheera. Dhugumayyuu beekumsi dhugaan baayʼateera!
Sirreeffamni Hubannaa Qabnurratti Godhame Saba Waaqayyoo Qoreera
20, 21. Sirreeffamni hubannaa qabanirratti godhame Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa kan qore akkamitti?
20 Yihowaan hubannaan dhugaa ilaalchisee qabnu akka sirreeffamu yommuu godhu, haalli garaa keenyaa ni qorama. Amantii qabaachuufi gad of deebisuudhaan sirreeffama kana ni fudhannaa? Kiristiyaanonni walakkeessa jaarraa jalqabaa turan qorumsi akkasii isaan mudatee ture. Fakkeenyaaf, Yihudii Kiristiyaana taʼeefi bara sana ture akka taatan godhaatii yaadaa. Seera Musee ni kabajju; Yihudii taʼuu keessanittis ni boontu. Haataʼu malee, Seerichi akka diigame, Waaqayyo Israaʼeloota akka dhiise, akkasumas Yihudootaafi namoota Saba Waaqayyoo Hin Taane keessaa warra Israaʼel hafuuraa taʼan filachuusaa ilaalchisee ergaan Phaawulos geggeessaa hafuuraatiin barreesse isin gaʼe haa jennu. (Rom. 10:12; 11:17-24; Gal. 6:15, 16; Qol. 2:13, 14) Yeroo kanatti maal gootu turtan?
21 Kiristiyaanonni gad of deebisan, ibsa Phaawulos geggeessaa hafuuraatiin kenne kan fudhatan siʼa taʼu, akkas gochuusaaniitiinis eebba Yihowaa argataniiru. (HoE. 13:48) Kaan garuu sirreeffama kana mormuudhaan hubannaa mataasaaniitti cichaniiru. (Gal. 5:7-12) Namoonni ilaalchasaanii utuu hin sirreessin hafan, carraa Kiristosii wajjin bulchuuf qaban dhabaniiru.—2 Phe. 2:1.
22. Kaayyoo Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen hubannaa qabnurratti sirreeffama godhamuuf maaltu sitti dhagaʼama?
22 Yihowaan waggoota kurnan darbanitti, hubannaan Mootummicha ilaalchisee qabnu akka sirreeffamu godheera. Fakkeenyaaf, akkuma hoolonniifi reʼoonni gargar foʼaman, namoonni Mootummichaaf bitaman, warra hin bitamnerraa adda kan baʼan yoom akka taʼe caalaatti akka hubannu nu gargaareera. Akkasumas, lakkoofsi namoota 144,000 taʼanii yoom akka guutu, fakkeenyi Yesus Mootummicha ilaalchisee kenne hiika maalii akka qabuufi yeroon warra dibaman keessaa namni inni dhumaa jireenya samii argatu yoom akka taʼe nu barsiiseera.d Isinoo sirreeffama akkasiitiif deebii akkamii kennitu? Sirreeffamni akkasii amantii keessan isiniif cimseeraa? Sirreeffamni kun ragaa Yihowaan sabasaa warra gad of deebisan barsiisuusaa akka itti fufu argisiisu gootanii fudhattuu? Yaanni boqonnaa ittaanurratti ibsamu, Yihowaan irraa jalaan namoota isa sodaataniif kaayyoosaa akka ibsu amantii qabdan kan isiniif cimsudha.
a Maqaan Waaqayyoo afaan Ibrootaatiin hiika “taʼuu” jedhu qaba. Maqaan Yihowaa, inni abdiiwwan kenne kan raawwatu taʼuusaa argisiisa. Saanduqa “Hiika Maqaa Waaqayyoo” jedhuufi fuula 49rratti argamu ilaali.
b Yeroo ammaatti waggoonni kun garmalee dheeraa fakkaatanis, umriin namootaa isa yeroo ammaa caalaa dheeraa akka ture yaadachuu qabna; Addaamirraa jalqabee hanga Abrahaamitti dhaloota afur qofatu waliin jiraate. Addaamiifi Laamek abbaan Nohi bara taʼe tokko keessa waliin jiraataniiru. Laamekiifi Seem ilmi Nohi bara taʼe tokko keessa waliin jiraataniiru. Seemiifi Abrahaamis bara taʼe tokko keessa waliin jiraataniiru.—Uma. 5:5, 31; 9:29; 11:10, 11; 25:7.
c Jechi “Seexana” jedhu afaan isa jalqabaaatiin Macaafa Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti qaama tokko argisiisuuf al 18 itti hojjetameera. Haataʼu malee, jechi kun Macaafa Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti al 30 ol argama. Macaafni Qulqulluun Afaan Ibrootaa xiyyeeffannaa guddaa kan kennu eenyummaa Seexanaatiif utuu hin taʼin, eenyummaa Masiihichaatiif ture. Masiihichi yommuu dhufe garuu, eenyummaa Seexanaa guutummaatti kan saaxile siʼa taʼu, dhugaan kunis Macaafa Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti ibsameera.
d Sirreeffama godhame tokko tokko ilaalchisee ibsa balʼaa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Onkoloolessa 15, 1995, fuula 23-28 (Amaariffa); Amajjii 15, 2008, fuula 20-24; Adoolessa 15, 2008, fuula 17-21; Adoolessa 15, 2013, fuula 9-14 ilaali.