BOQONNAA 30
‘Jaalalaan Deddeebiʼuu Kee Itti Fufi’
1-3. Jaalala argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuun keenya faayidaa akkamii qaba?
“FUDHACHUU irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.” (Hojii Ergamootaa 20:35) Yaanni Yesuus dubbate kun, jaalalli ofittummaa irraa walaba taʼe akka nama kiisu ibsa. Jaalala argachuun kan nama gammachiisu taʼus, jaalala kennuun ykn argisiisuun immoo caalaatti nama gammachiisa.
2 Dhugaa kana Abbaa keenya isa samii caalaa eenyu iyyuu beekuu hin dandaʼu. Boqonnaawwan kutaa kana keessa jiran irratti akkuma ilaalle, Yihowaan jaalala argisiisuudhaan fakkeenya hunda caaludha. Qaamni karaa kana irra caaluu fi yeroo dheeraaf jaalala argisiise hin jiru. Maarree, Yihowaan “Waaqa gammadaa” jedhamuun isaa nama dinqisiisaa?—1 Ximotewos 1:11.
3 Waaqni keenya inni jaalala qabeessi, keessumaa jaalala argisiisuu irratti, isa fakkaachuuf akka yaallu barbaada. Efesoon 5:1, 2, “Ijoollee jaallatamoo waan taataniif, Waaqayyoon kan fakkaattan taʼaa; . . . jaalalaan deddeebiʼuu keessan itti fufaa” jedha. Jaalala argisiisuudhaan fakkeenya Yihowaa yoo hordofne, gammachuu guddaa kennuudhaan argamu argachuu dandeenya. Kana malees, Dubbiin isaa akka ‘wal jaallannu’ waan nu ajajuuf, yommuu akkas goonu Yihowaa akka gammachiisnu beekuun keenya gammachuu nuu argamsiisa. (Roomaa 13:8) Haa taʼu malee, ‘jaalalaan deddeebiʼuu keenya itti fufuuf’ sababii kan biraas qabna.
Jaalalli Barbaachisaa Kan Taʼe Maaliifi?
4, 5. Obboloota keenyatti jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
4 Obboloota keenyatti jaalala argisiisuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Gabaabumatti, jaalalli amala Kiristiyaanonni dhugaan ittiin beekaman waan taʼeefi. Jaalala yoo qabaachuu baanne, Kiristiyaanota kaan wajjin hariiroo cimaa qabaachuu hin dandeenyu; hunda caalaa immoo Yihowaa biratti fudhatama hin qabaannu. Dubbiin Waaqayyoo dhugaa kana akkamitti akka ibsu ilaali.
5 Yesuus galgala dhumaa jireenya isaa isa lafaa irratti duuka buutota isaatiin akkas jedhee ture: “Akka isin wal jaallattaniif ajaja haaraa isiniif nan kenna; akkuman isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa. Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.” (Yohaannis 13:34, 35) Yesuus, “akkuman isin jaalladhe” waan jedheef, jaalala inni argisiise akka argisiisnu ajajamneerra. Boqonnaa 29 irratti, Yesuus fedhii fi faayidaa warra kaanii kan ofii isaa dursuudhaan jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisuu irratti fakkeenya guddaa akka taʼe baranneerra. Nutis jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisuu qabna; kanas namoonni gumii Kiristiyaanaatii ala jiran illee hubachuu qabu. Dhuguma iyyuu, jaalalli ofittummaa irraa walaba taʼe, duuka buutota Kiristoos taʼuu keenya adda baasee beeksisa.
6, 7. (a) Dubbiin Yihowaa jaalala argisiisuuf bakka guddaa akka kennu akkamitti beekna? (b) Yaanni Phaawulos 1 Qorontos 13:4-8 irratti ibse maal irratti xiyyeeffata?
6 Jaalala hin qabnu yoo taʼe hoo? Phaawulos ergamaan, “Jaalala hin qabu taanaan akka sibiila iyyuu yookiin akka siimbaalii walitti rukutamuu nan taʼa” jedheera. (1 Qorontos 13:1) Simbaaliin walitti rukutamu sagalee nama jeequ uuma. Sibiilli iyyu hoo? Kun fakkeenya baayʼee gaarii taʼe dha. Namni jaalala hin qabne, akkuma meeshaa muuziqaa sagalee guddaa nama jeequu fi nama hawwachuu mannaa of irraa nama fageessuu ti. Namni akkasii warra kaanii wajjin michoomuu akka hin dandeenye beekamaadha. Phaawulos, “amantii gaarota iddoo isaaniitii sochoosu yoon qabaadhe illee, jaalala hin qabu taanaan ani gatii hin qabu” jedheera. (1 Qorontos 13:2) Mee yaadi, namni jaalala hin qabne hojii akkamii iyyuu yoo hojjete “gatii hin qabu.” Kun, Dubbiin Yihowaa jaalala argisiisuuf bakka guddaa akka kennu ifa hin godhuu ree?
7 Haa taʼu malee, walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnuun amala kana argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Gaaffii kana deebisuuf, wanta Phaawulos 1 Qorontos 13:4-8 irratti ibse haa qorru. Caqasoota kana irratti kan ibsame, jaalala Waaqayyo nuuf qabu ykn jaalala nuti isaaf qabnu miti. Kanaa mannaa, Phaawulos jaalala nuti waliif qabaachuu qabnu irratti xiyyeeffate; akkasumas wantoota jaalalli godhuu fi hin goone tokko tokko ibse.
Wanta Jaalalli Godhu
8. Obsi walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnu irratti nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?
8 “Jaalalli ni obsa.” Kanaafuu jaalala jechuun obsaan warra kaan dandaʼuu jechuudha. (Qolosaayis 3:13) Obsa akkasii qabaachuun nu hin barbaachisuu? Namoota cubbamoo waliin tajaajillu waan taaneef, Kiristiyaanonni kaan yeroo tokko tokko akka nu aarsanii fi nutis akka isaan aarsinu beekamaadha. Haa taʼu malee, obsa qabaachuu fi warra kaan dandaʼuun keenya nagaa gumichaa utuu hin booressin dogoggora xixinnoo warri kaan hojjetan bira darbuuf nu gargaaruu dandaʼa.
9. Warra kaanitti gaarummaa argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?
9 “Jaalalli . . . gaarummaas ni argisiisa.” Gaarummaan warra kaan gargaaruu fi jecha gaarii dubbachuudhaan ibsama. Jaalalli, keessumaa namoota rakkina guddaa keessa jiraniif gaarummaa argisiisuuf carraa akka barbaannu nu kakaasa. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanni maanguddoon tokko kophaa waan taʼaniif, jajjabinni isaan barbaachisa taʼa. Haadha kophaa ishii ijoollee guddistu ykn obboleettii maatii amantiidhaan qoqqoodame keessa jiraattu tokko gargaarsi ni barbaachisa taʼa. Namni dhukkubsate ykn rakkinni guddaan irra gaʼe tokko, michuu amanamaa taʼe irraa dubbii gaarii dhagaʼuun isa barbaachisa taʼa. (Fakkeenya 12:25; 17:17) Gaarummaa akkasii argisiisuuf dursa yoo fudhanne, jaalalli keenya kan dhugaa taʼuu isaa argisiisna.—2 Qorontos 8:8.
10. Jaalalli yeroo ulfaataa taʼutti illee dhugaa akka deggerruu fi akka dubbannu kan nu gargaaru akkamitti?
10 “Jaalalli . . . dhugaa wajjin gammada.” Hiikni kan biraan tokko, “Jaalalli . . . gammachuudhaan dhugaa cinaa dhaabata” jedha. Jaalalli, dhugaa akka deggerruu fi ‘walii keenyatti dhugaa akka dubbannu’ nu kakaasa. (Zakkaariyaas 8:16) Fakkeenyaaf, namni jaallannu tokko cubbuu guddaa yoo hojjete, jaalalli Yihowaafis taʼe nama kanaaf qabnu, cubbuu isaa dhoksuu, sababii dhiheessuu ykn sobuu mannaa, ulaagaa Waaqayyo baase akka hordofnu nu gargaara. Dhugaadha, haalli isaa ulfaataa taʼuu dandaʼa. Taʼus, nama jaallannu kanaaf garaadhaa kan yaannu yoo taʼe, adaba Waaqayyo jaalalaan kakaʼee isaaf kennu fudhatee sirreeffama akka godhu barbaanna. (Fakkeenya 3:11, 12) Kiristiyaanota jaalala qabnu waan taaneef, “waan hundumaa irrattis amanamummaadhaan jiraachuu” hawwina.—Tiitoo 2:10.
11. Jaalalli ‘hundumaa waan dandaʼuuf,’ dogoggora obboloota keenyaa maal gochuuf carraaquu qabna?
11 “Jaalalli . . . waan hundumaa dandaʼa.” Yaanni kun kallattiidhaan yommuu hiikamu hiika, “jaalalli waan hunda haguuga” jedhu qaba. (Kiingidam Intarliiniyar) Pheexiros Tokkoffaa 4:8, “jaalalli cubbuu hedduu ni haguuga” jedha. Eeyyee, Kiristiyaanni jaalalaan geggeeffamu tokko, mudaa fi hirʼina Kiristiyaanota kaanii hunda saaxiluuf hin ariifatu. Yeroo baayʼee dogoggorri obboloonni keenya hojjetan xixinnoo fi jaalalaan bira darbuun kan dandaʼamudha.—Fakkeenya 10:12; 17:9.
12. Phaawulos ergamaan Fiilmooniin akka amanu kan argisiise akkamitti? Nuti hoo fakkeenya Phaawulos irraa maal barachuu dandeenya?
12 “Jaalalli . . . waan hundumaa amana.” Hiikni Moofaat, jaalalli ‘yeroo hunda wanti raawwatamu wanta gaariifidha jedhee amanuu filata’ jedha. Wanta obboloonni keenya godhan hunda garmalee hin shakkinu. Jaalalli, wanta obboloonni keenya raawwatan akka hin shakkine nu gargaara.a Fakkeenyaaf, yaada xalayaa Phaawulos Fiilmooniif barreesse keessatti argamu ilaali. Phaawulos ergaa kana Fiilmooniif kan barreesse, Oneesimos isa hojjetaa Fiilmoon turee fi erga isa jalaa badee booda Kiristiyaana taʼe deebisee akka ofitti fudhatu isa jajjabeessuuf ture. Phaawulos, Fiilmoon kana akka godhu isa dirqisiisuu mannaa jaalalaan isa kadhateera. “Kana akka gootu nan amana; kanan siif barreesse wantan siin jedhe caalaa iyyuu akka gootu waanan beekuufi” jechuudhaan Fiilmoon wanta sirrii akka godhu amantaa qabu ibseera. (Lakkoofsa 21) Jaalalli, obboloota keenya irratti amantii akkasii akka qabaannu yommuu nu kakaasu, amalli gaariin isaan qaban akka mulʼatu goona.
13. Obboloonni keenya wanta gaarii godhu jennee akka abdannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
13 “Jaalalli . . . waan hundumaa abdata.” Jaalalli akkuma waan hundumaa amanu, waan hundumaas ni abdata. Obboloota keenya waan jaallannuuf, wanta gaarii godhu jennee abdanna. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko “utuu hin beekin tarkaanfii dogoggoraa yoo fudhate” gargaarsa jaalalaan isaaf godhamu akka fudhatu ni abdanna. (Galaatiyaa 6:1) Namoonni amantiin isaanii laafes akka jabaatan ni abdanna. Amantiin isaanii akka jabaatu isaan gargaaruuf wanta dandeenyu hunda gochuudhaan isaaniif obsina. (Roomaa 15:1; 1 Tasalonqee 5:14) Namni jaallannu tokko dhugaa yoo dhiise illee, akkuma ilma badee argamee fi fakkeenya Yesuus dubbate irratti ibsame sanaa, gaaf tokko yaada geddaratee Yihowaatti akka deebiʼu abdachuu keenya hin dhiisnu.—Luqaas 15:17, 18.
14. Gumii keessatti dandeettiin dandamachuu keenya qoramuu kan dandaʼu karaawwan kamiini? Yeroo kanatti jaalalli maal akka goonu nu gargaara?
14 “Jaalalli . . . waan hundumaa dandamata.” Amalli kun wanti abdii nama kutachiisuu fi rakkoowwan yommuu nu mudatan akka hin moʼamne nu gargaara. Wanti dandeettii dandamachuu keenya qoru kan nutti dhufu, namoota hin amanne irraa qofa miti. Darbee darbee, Kiristiyaanota irraas qorumsi nu irra gaʼuu dandaʼa. Obboloonni keenya cubbuu waan dhaalaniif, yeroo tokko tokko nu aarsuu dandaʼu. Dubbiin utuu itti hin yaadamin dubbatame miira keenya miidhuu dandaʼa. (Fakkeenya 12:18) Tarii dhimmi gumii tokko karaa nuti raawwatamuu qaba jennee yaanneen hin hojjetamne taʼa. Amalli obboleessa kabajamaa taʼe tokkoo kan nama aarsu taʼuu isaatiin kan kaʼe, ‘Kiristiyaanni tokko akkamitti kana godha?’ jennee yaanna taʼa. Haalli akkasii yommuu nu mudatu, gumii irraa fagaachuudhaan Yihowaa tajaajiluu ni dhiisnaa? Jaalala yoo qabaanne akkas hin goonu! Eeyyee, jaalala yoo qabaanne, dogoggorri obboleessi tokko raawwate, wanta gaarii innis taʼe gumichi qabu akka hin ilaalle akka nu godhu hin heyyamnu. Wanti namoonni cubbamoota taʼan dubbatanis taʼe godhan maal iyyuu yoo taʼe, jaalalli, Waaqayyoof amanamoo akka taanuu fi gumicha cinaa akka dhaabannu nu gargaara.—Faarfannaa 119:165.
Wanta Jaalalli Hin Goone
15. Hinaaffaan sirrii hin taane maalidha? Jaalalli, amala gadhee kana irraa fagaachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
15 “Jaalalli hin hinaafu.” Hinaaffaan sirrii hin taane, wanta warri kaan qabanitti, jechuunis qabeenya isaaniitti, mirga argatanitti ykn dandeettii qabanitti akka aarru nu gochuu dandaʼa. Hinaaffaan akkasii yoo toʼatamuu baate, miira gadhee ofittummaa irratti hundaaʼe uumuu fi nagaa gumii booressuu dandaʼa. Maarree, hinaaffaa moʼuuf maaltu nu gargaara? (Yaaqoob 4:5) Gabaabumatti, jaalaladha. Amalli gaariin kun, namoota wanta nuti hin qabne qabanii wajjin akka gammannu nu gargaaruu dandaʼa. (Roomaa 12:15) Jaalalli, namni tokko dandeettii addaa qabaachuu isaatiin ykn milkaaʼina guddaa argachuu isaatiin yommuu jajamu akka hin aarre nu gargaara.
16. Obboloota keenya garaadhaa kan jaallannu yoo taʼe, mirga Yihowaa tajaajiluuf arganneen of jajuu kan hin qabne maaliifi?
16 “Jaalalli of hin jaju, of hin bokoksu.” Jaalalli, dandeettii keenyatti ykn milkaaʼina argannetti of jajuu irraa akka fagaannu nu gargaara. Obboloota keenya garaadhaa kan jaallannu yoo taʼe, yeroo hunda milkaaʼina tajaajila irratti arganne ykn mirga gumii keessatti qabnu kaasnee of hin jajnu! Of jajuun, namoonni warra kaanii wajjin akka of madaalanii fi gad aantummaan akka isaanitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Jaalalli, mirga tajaajilaa Waaqayyo nuu kennetti akka of jajnu nuuf hin heyyamu. (1 Qorontos 3:5-9) Kana malees jaalalli, “of hin bokoksu;” akka hiikni Kitaaba Qulqulluu tokko ibsetti immoo, jaalalli wanta hin qabne akka qabu godhee hin yaadu. Jaalalli, warra kaan irra akka caallu akka nutti hin dhagaʼamne godha.—Roomaa 12:3.
17. Jaalalli, warra kaaniif maal akka goonu nu kakaasa? Kun hoo amala akkamii argisiisuu irraa nu eega?
17 “Jaalalli . . . amala naamusaan ala taʼe hin argisiisu.” Namni amala naamusaan ala taʼe argisiisu tokko wanta nama qaanessu ykn warra kaan salphisu raawwata. Namni tokko amala kana qabaachuun isaa, miira ykn nageenya warra kaaniitiif akka hin yaanne kan argisiisu waan taʼeef, amalli akkasii jaalala irratti kan hundaaʼe miti. Faallaa kanaatiin jaalalli gaarummaa waan qabuuf, warra kaaniif akka yaannu nu kakaasa. Jaalalli naamusa gaarii fi amala Waaqayyoon gammachiisu akka qabaannu, akkasumas obboloota keenya akka kabajnu nu godha. Kanaaf, jaalalli ‘gocha qaanessaa,’ jechuunis wanta obboloota keenya gaddisiisu ykn aarsu akkamii iyyuu akka raawwannu nuuf hin heyyamu.—Efesoon 5:3, 4.
18. Namni jaalala qabeessi tokko wanti hundi karaa inni barbaaduun akka raawwatamu kan hin dirqisiisne maaliifi?
18 “Jaalalli . . . faayidaa mataa isaa qofa hin barbaadu.” Hiikni Kitaaba Qulqulluu garabiraan tokko yaada kana, “Jaalalli wanti tokko karaa ani barbaadeen qofa raawwatamuu qaba jedhee hin cichu” jedhee hiikeera. Namni jaalala qabu yeroo hunda yaanni isaa sirrii akka taʼe yaaduudhaan, wanti hundi karaa inni barbaaduun akka raawwatamu dhiibbaa hin godhu. Akkasumas, namoonni ilaalcha kan isaa irra adda taʼe qaban ilaalcha isaa akka fudhatan hin dirqisiisu. Mata jabummaan akkasii koora guddaa kan argisiisu yeroo taʼu, Kitaabni Qulqulluun immoo, “Koorri kufaatii dura jira” jedha. (Fakkeenya 16:18) Obboloota keenya garaadhaa kan jaallannu yoo taʼe, ilaalcha isaanii ni kabajna; yoo dandaʼame immoo tole jennee fudhanna. Tole jechuun, yaada Phaawulos, “Namni hundi yeroo hundumaa faayidaa mataa isaa utuu hin taʼin, faayidaa nama kan biraa haa barbaadu!” jedhee dubbatee wajjin walsima.—1 Qorontos 10:24.
19. Yommuu namoonni kaan nu aarsan jaalalli maal akka goonu nu gargaara?
19 “Jaalalli . . . hin aaru. Miidhaa isa irra gaʼe galmeessee hin qabatu.” Jaalalli wanta namoonni kaan dubbatan ykn godhanitti salphaatti hin aaru. Yeroo warri kaan wanta nu miidhu raawwatanitti aaruun waanuma jirudha. Taʼus, aaruuf sababii gaʼaa yoo qabaanne illee, jaalalli aaruu keenya akka itti fufnu nuuf hin heyyamu. (Efesoon 4:26, 27) Dubbii ykn gocha gadhee nama miidhu, akka waan kitaaba irratti galmeessinuutti sammuu keenyatti galmeessinee hin qabannu. Kanaa mannaa, jaalalli fakkeenya Waaqa keenya isa jaalala qabeessa taʼee akka hordofnu nu kakaasa. Akkuma boqonnaa 26 irratti ilaalle, Yihowaan yeroo sababii gaʼaan jiraatutti dhiifama ni godha. Yeroo dhiifama nuu godhu, cubbuu sana ni irraanfata malee, gara fuulduraatti cubbuu sanaan nu hin adabu. Yihowaan waan hamaa raawwanne galmeessee kaaʼuu dhiisuu isaatiif isa galateeffachuu hin qabnuu?
20. Namni hidhata amantii keenya taʼe tokko cubbuu hojjeteen kan kaʼe rakkinaaf yoo saaxilame maaltu nutti dhagaʼamuu qaba?
20 “Jaalalli . . . jalʼinatti hin gammadu.” Kitaabonni Qulqulluu tokko tokko, “Jaalalli, yommuu warri kaan cubbuu hojjetan matumaa hin gammadu” jedhanii hiikaniiru. Jaalala yoo qabaanne matumaa wanta jalʼaa ykn dogoggora taʼetti hin gammannu, kanaafuu wanta akkasii salphisnee hin ilaallu. Obboleessi ykn obboleettiin keenya tokko cubbuu hojjetaniin kan kaʼe rakkinaaf yoo saaxilaman maaltu nutti dhagaʼamuu qaba? Jaalalli, ‘Baga! Gatii isaa argate!’ jennee yaaduudhaan akka gammannu nu hin godhu. (Fakkeenya 17:5) Kanaa mannaa, obboleessi cubbuu hojjete tokko kufaatii hafuuraa isa irra gaʼe irraa bayyanachuuf yommuu tarkaanfii fudhatu ni gammanna.
“Daandii Isa Hunda Irra Caalu”
21-23. (a) Phaawulos, “jaalalli matumaa hin badu” yeroo jedhu maal jechuu isaa ture? (b) Boqonnaa xumuraa irratti waaʼee maaliitu ibsama?
21 “Jaalalli matumaa hin badu.” Phaawulos yeroo akkas jedhu maal jechuu isaa ture? Yaada naannoo caqasichaa irraa akka ilaallutti, waaʼee kennaawwan hafuuraa Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa qaban ibsaa ture. Kennaawwan kun, gumiin haaraa hundeeffame sun Waaqayyo biratti fudhatama akka qabu kan mirkaneessan turan. Taʼus, fayyisuu, raajii dubbachuu ykn qooqa haaraa dubbachuu kan dandaʼan Kiristiyaanota hunda hin turre. Haa taʼu malee, kennaawwan kun yeroo booda waan hafaniif, kennaawwan kana dhabuun rakkina hin qabu. Wanti Kiristiyaanonni hundi horachuu qabanii fi bara baraaf itti fufu kan biraan garuu jira. Wanti kun kennaawwan hunda ni caala, hunduma isaanii caalaas yeroo dheeraa tura. Phaawulos, wanta kana “daandii isa hunda irra caalu” akka taʼe dubbateera. (1 Qorontos 12:31) ‘Daandiin inni hunda irra caalu’ kun maali dha? Daandii jaalalaa ti.
22 Dhuguma iyyuu akkuma Phaawulos jedhe, jaalalli Kiristiyaanotaa “matumaa hin badu,” jechuunis matumaa dhuma hin qabaatu. Jaalalli ofittummaa irraa walaba taʼe, hamma harʼaatti duuka buutota Yesuus addaan baasee beeksisaa jira. Gumii Waaqeffattoota Yihowaa addunyaa maratti argamu keessatti jaalala akkasii argaa jirra mitii? Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif jireenya bara baraa kennuuf waadaa waan galeef, jaalalli kun bara baraan ni jiraata. (Faarfannaa 37:9-11, 29) ‘Jaalalaan deddeebiʼuu keenya itti fufuuf’ wanta dandeenye hunda haa goonu. Kana gochuudhaan, gammachuu guddaa kennuudhaan argamu argachuu dandeenya. Hunda caalaa immoo, fakkeenya Waaqa keenyaa hordofuudhaan bara baraaf jaalala argisiisaa jiraachuu dandeenya.
Sabni Yihowaa wal jaallachuudhaan beekama
23 Boqonnaa xumuraa kutaa waaʼee jaalalaa ibsu kana irratti walii keenyaaf akkamitti jaalala argisiisuu akka dandeenyu ilaalleerra. Jaalala Yihowaa irraa, akkasumas humna, haqaa fi ogummaa isaa irraa karaa hedduudhaan waan fayyadamneef, ‘Jaalala dhugaa akkan isaaf qabu Yihowaatti argisiisuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jennee of gaafachuu qabna. Gaaffiin kun boqonnaa xumuraa irratti deebii argata.
a Kana jechuun garuu, jaalalli Kiristiyaanotaa salphaatti kan gowwoomfamudha jechuu miti. Kitaabni Qulqulluun, ‘warra isin gidduutti wal qoqqooduu uumanii fi warra kaan gufachiisan irraa fagaadhaa’ jechuudhaan nu gorsa.—Roomaa 16:17.