BOQONNAA 27
‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
Phaawulos Roomaatti hidhamee utuu jiruu lallabuusaa itti fufe
Hojii Ergamootaa 28:11-31rratti kan hundaaʼe
1. Wanti Phaawulosii fi michoonnisaa beekanii fi amanannaa akka qabaatan godhe maalidha?
DOONIIN fuuldura isaatti asxaa “Ilmaan Zuus” jedhu qabu tokko, tarii doonii guddaa midhaan feʼe taʼuu dandaʼaa, odoola Maaltaa ishii Galaana Meditiraaniyaa irratti argamturraa kaʼee gara Xaaliyaanii deemaa jira. Yeroonsaa Dh.K.B. naannoo bara 59ti. Dooniin kun, Phaawulos isa loltootaan eegamaa jiruu fi michootasaa Luqaasii fi Arisxaarkosiin feʼee jira. (HoE. 27:2) Labsitoonni wangeelaa kun hojjettoota doonichaarraa haala adda taʼeen, ilmaan Zuus isa waaqa Giriikii taʼee, jechuunis obbolaa lakkuu lamaan Kaasrootii fi Pooluuksirraa eegumsa argachuuf hin yaalle. Kanaa mannaa, Phaawulosii fi michoonnisaa Yihowaa isa Phaawulos Roomaatti dhugaadhaaf akka dhugaa baʼuu fi Qeesaar dura akka dhaabatu isatti himee ture tajaajilu.—HoE. 23:11; 27:24.
2, 3. Dooniin Phaawulos yaabbate karaa kamiin deeme? Phaawulos jalqabaa kaasee gargaarsa akkamii argachaa ture?
2 Guyyaa sadii booda magaalaa Seraakus ishii bareedduu taatee fi akkuma Ateenaa fi Roomaa bakka guddaa qabdutti erga dhaabbatanii booda, gara Reegiyum ishii kibba Xaaliyaaniitti argamtuutti imaluusaanii itti fufan. Achiis gargaarsa qilleensa kibbaatiin doonichi kiilomeetira 320 erga imalee booda, guyyaa lama gidduutti buufata doonii Xaaliyaanii Photiyolii jedhamtu gaʼe. Photiyoliin yeroo harʼaatti magaalaa Neeppaal biratti argamti.—HoE. 28:12, 13.
3 Amma Phaawulos doonii kallattiidhaan Xaaliyaanii gaʼu yaabbatee deemaa jira. Achittis Mootii Moototaa Neeroo duratti dhihaachuuf jedha. Yeroo imalaa ture kana hundatti, ‘Waaqni jajjabina hundaa’ isaa wajjin ture. (2 Qor. 1:3) Akkuma itti aansinee ilaallu, gargaarsi kun gara fuulduraattis hin dhaabbatu; hinaaffaan Phaawulos misiyoonii taʼee yommuu tajaajilutti qabus hin qabbanaaʼu.
Phaawulos “Waaqayyoon Galateeffate; Akkasumas Jajjabina Argate” (Hojii Ergamootaa 28:14, 15)
4, 5. (a) Phaawulosii fi michoota isaatiif Photiyoliitti simannaa akkamiitu godhame? Phaawulosiif bilisummaa guddaan kan kenname maaliif taʼuu dandaʼa? (b) Kiristiyaanonni yeroo mana hidhaa jiranittillee amala gaarii argisiisuunsaanii kan isaan fayyadu akkamitti?
4 Photiyoliitti Phaawulosii fi michoonnisaa, ‘obboloota kan argatan yeroo taʼu, [obboloonni kunis] guyyaa torbaaf isaanii wajjin akka turan isaan kadhatan.’ (HoE. 28:14) Keessummaa simachuu ilaalchisee kun fakkeenya gaarii nuuf taʼa! Obboloonni keessummaa simachuu jaallatan kun, wanta godhan caalaa jaajjabina hafuuraa Phaawulosii fi michoonnisaa isaaniif kennanirraa faayidaa guddaa akka argatan hin shakkisiisu. Namni loltootaan eegamaa jiru kun, bilisummaa guddaa akkasii argachuu kan dandaʼe akkamitti? Phaawulos amala loltoonni Roomaa akka isa amanan godhu waan argisiiseef taʼuu dandaʼa.
5 Haaluma wal fakkaatuun, tajaajiltoonni Yihowaa yeroo harʼaatti argamanis, yeroo mana hidhaa fi kaampii uggurraa keessa jiranitti, amala Kiristiyaanaa argisiisaniin kan kaʼe yeroo baayʼee bilisummaa fi mirga addaa argataniiru. Fakkeenyaaf Roomaaniyaa keessatti namni saamtuu taʼuu isaatiin hidhaan waggaa 75 itti murtaaʼee ture tokko, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu isaatiin kan kaʼe amala isaarratti jijjiirama guddaa godhe. Kanaaf, abbootiin taayitaa mana hidhaa sanaa, utuu poolisiin isa duukaa hin deemin gara magaalaa dhaqee mana hidhaa sanaaf miʼa akka bitu isa ramadan! Hunda caalaammoo, amalli keenya inni gaariin Yihowaadhaaf ulfina fida.—1 Phe. 2:12.
6, 7. Obboloonni Roomaa jaalala guddaa kan argisiisan maal gochuudhaan ture?
6 Phaawulosii fi michoonnisaa Photiyoliidhaa kaʼanii hanga Kaapuwaatti daandii Appiyaan isa gara Roomaatti geessurra kiilomeetira 50 imaluu hin oolan. Namni daandii beekamaa dhagaa dhoʼiinsa volkaanootiin uumameen afame kanarra deemu, naannoo baadiyyaa Xaaliyaanii, iddoo tokko tokkottimmoo Galaana Meditiraaniyaallee ilaaluu ni dandaʼa. Kana malees, daandiin kun bakka dhoqqaaʼaa Poontiin Maarshis jedhamuu fi Roomaarraa gara kiilomeetira 60 fagaatu, akkasumas Bakka gabaa Aphiyoos jedhamu keessa qaxxaamuree darba. Luqaas obboloonni Roomaa ‘yommuu waaʼee isaanii dhagaʼan’ tokko tokko hamma bakka gabaatti akka dhufan, warri kaanimmoo bakka imaltoonni itti boqotan, Manneen Sadii jedhamuu fi Roomaarraa gara kiilomeetira 50 fagaatutti akka isaan eegan barreesseera. Kun jaalala baayʼee nama ajaaʼibu mitii?—HoE. 28:15.
7 Bakki gabaa Aphiyoos, imaltoota baayʼee dadhabanii fi boqochuu barbaadaniif iddoo mijataa miti. Walaleessaan Roomaa Hooras jedhamu, bakki gabaa kun hojjettoota doonii fi abbootii hoteelaa amala gaarii hin qabneen kan guutame akka taʼe ibseera. Akkasumas, “bishaansaa foolii gaarii akka hin qabne” barreesseera. Namni kun bakka sanaa nyaachuullee didee ture! Haalli namatti hin tolle kun hundi jiraatus, obboloonni Roomaa Phaawulosii fi michoonnisaa nagaadhaan Roomaa akka gaʼan gargaaruuf bakka kanatti isaan eeganiiru.
8. “Phaawulos yommuu [obboloota isaa]” argetti Waaqayyoon kan galateeffate maaliifi?
8 Seenaansaa, “Phaawulos yommuu [obboloota isaa] argu Waaqayyoon galateeffate; akkasumas jajjabina argate” jedha. (HoE. 28:15) Phaawulos obboloota kana arguunsaa qoftillee jajjabina isaaf argamsiiseera. Obboloota kana keessaa tokko tokkoo wajjin kanaan dura wal beeka taʼa. Phaawulos Waaqayyoon kan galateeffate maaliifi? Phaawulos jaalalli ofittummaarraa bilisa taʼe firii hafuuraa keessaa tokko akka taʼe beeka. (Gal. 5:22) Harʼas hafuurri qulqulluun, Kiristiyaanonni obboloota isaaniitiif aarsaa akka kaffalanii fi warra jajjabinni isaan barbaachisu akka jajjabeessan isaan kakaasa.—1 Tas. 5:11, 14.
9. Ilaalcha obboloonni Phaawulosiin simatan qaban qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?
9 Fakkeenyaaf, hafuurri qulqulluun obboloonni daawwattoota olaanoo aanaa, misiyoonota reefuu ramadaman akkasumas tajaajiltoota yeroo guutuu kan biroo keessummummaa akka simatan isaan kakaaseera. Obboloota kana keessaa hedduunsaanii Yihowaa caalaatti tajaajiluuf aarsaa guddaa kaffalaniiru. Akkas jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Daawwataa olaanaa aanaa, fuudheera yoo taʼemmoo haadha manaasaa wajjin keessummummaa simachuudhaan caalaatti qophii daawwannaa deggeruu nan dandaʼaa? Isaanii wajjin tajaajiluuf haala mijeeffachuu nan dandaʼaa?’ Akkas gochuun keenya eebba guddaa nuuf argamsiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Phaawulosii fi michoonnisaa muuxannoowwan nama jajjabeessan tokko tokko yommuu isaanitti himan, obboloonni Roomaa hammam gammadanii akka turan tilmaamuu dandeenya!—HoE. 15:3, 4.
‘Bakka Hundatti Wanti Gaarii hin Taane ni Odeeffama’ (Hojii Ergamootaa 28:16-22)
10. Phaawulos Roomaatti haala akkamii keessa ture? Achi gaʼee utuma baayʼee hin turinoo maal godhe?
10 Phaawulosii fi miiltoowwansaa yommuu Roomaa gaʼan, “Phaawulos loltuun tokko isa eegaa kophaa isaa akka jiraatu isaaf heyyamame.” (HoE. 28:16) Yeroo baayʼee namoonni haala akkasiitiin hidhaman akka hin miliqneef loltuu isaan eeguu wajjin funcaadhaan walitti hidhamu. Haataʼu malee, Phaawulos funcaadhaan hidhamuunsaa waaʼee Mootummichaa akka hin lallabne isa hin goone. Guyyaa sadiif erga boqotee booda, isaanii wajjin wal baruu fi isaaniif dhugaa baʼuuf, Yihudoota beekamoo Roomaa keessa jiran waamsise.
11, 12. Phaawulos yeroo Yihudoota haasofsiisaa turetti, jibba keessa isaanii jiraachuu dandaʼu balleessuuf maal godhe?
11 Achiis akkana jedhe: “Yaa obbolootaa, ani wanta uummata kana yookiin aadaa abbootii keenyaa wajjin wal faallessu tokko illee kan hin hojjenne taʼus, Yerusaalemitti hidhameen harka warra Roomaatti dabarfamee kenname. Isaanis erga na qoranii booda, sababii itti na ajjeesan waan dhabaniif na gadhiisuu barbaadanii turan. Taʼus, Yihudoonni kana waan mormaniif, gara Qeesaaritti ol iyyachuufan dirqame; akkana kanan godhe garuu himatan saba koo irratti dhiheessu tokko illee waanan qabuuf miti.”—HoE. 28:17-19.
12 Phaawulos Yihudoota isa dhaggeeffataniin “obboloota” jechuudhaan yaada isaanii wajjin irratti walii galu argachuu fi jibba keessa isaanii jiraachuu dandaʼu balleessuuf yaaleera. (1 Qor. 9:20) Kana malees, achi kan dhaqe Yihudoota qeequuf utuu hin taʼin, gara Qeesaaritti ol iyyachuuf akka taʼe ibseera. Haataʼu malee, Yihudoonni achi jiran waaʼee ol iyyannoo Phaawulos wanta beekan hin qaban. (HoE. 28:21) Yihudoonni Yihudaa keessa jiran yaada kana utuu isaanitti hin himin kan hafan maaliifi? Kana ilaalchisee maddi odeeffannoo tokko akkas jedheera: “Dooniiwwan tibba gannaa kaʼan keessaa inni Phaawulos ittiin imale isa jalqabaa taʼuu hin oolu. Kanaafuu, bakka buutonni Yihudootaa Yerusaalem jiranis taʼe xalayaan waaʼee dhimma kanaa ibsu achi hin geenye.”
13, 14. Phaawulos yeroo ergaa Mootummichaa lallabu seensa akkamiitti fayyadame? Nutoo fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
13 Phaawulos ergaa Mootummichaa karaa beekuuf caalaatti akka kakaʼan godhuun Yihudootatti hime. Akkas jedhe: “Isin arguu fi isinitti dubbachuuf kanan gaafadhe kanaafi; sababiin isaas, funcaa kanaan kanan hidhame, abdii Israaʼeliif kennameen kan kaʼe dha.” (HoE. 28:20) Abdiin kun waaʼee Masihiichaa fi Mootummaasaa isa Kiristiyaanonni lallabanii kan ibsudha. Jaarsoliin Yihudootaas “waaʼee garee amantii kanaa bakka hundatti wanti gaarii hin taane akka odeeffamu waan beeknuuf, yaada kee suma irraa dhagaʼuun sirrii akka taʼe nutti dhagaʼama” isaan jedhan.—HoE. 28:22.
14 Misiraachicha namootatti himuuf yommuu carraa argannu, yaadawwan ykn gaaffiiwwan xiyyeeffannaa namootaa harkisan fayyadamuudhaan fakkeenya Phaawulos hordofuu dandeenya. Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajila Tiʼookraasiirraa Fayyadami jedhamuu fi birooshura Dubbisuu fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi jedhamurraa yaada gaarii argachuun ni dandaʼama. Barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaran kanatti akka gaariitti fayyadamaa jirtaa?
Phaawulos ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuurratti’ Fakkeenya Nuuf Taʼeera (Hojii Ergamootaa 28:23-29)
15. Wantoonni arfan Phaawulos yommuu dhugaa baʼetti godhe maalfaa turan?
15 Guyyaa beellama isaaniitti jaarsoliin Yihudootaa “baayʼatanii gara iddoo jireenyaa [Phaawulos] dhufan. Innis, ‘ganamaa jalqabee hanga galgalaatti, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo guutummaatti dhugaa isaaniif baʼuudhaan dhimmicha isaaniif ibse; akkasumas, waaʼee Yesuus isaan amansiisuuf Seera Musee fi kitaaba Raajotaa irraa ragaa [isaaniif] dhiheesse.’” (HoE. 28:23) Phaawulos ibsasaa keessatti wantoota afur godheera. Tokkoffaa, Mootummaa Waaqayyoorratti xiyyeeffateera. Lammaffaa, karaa isaan amansiisuu dandaʼuun isaan haasofsiiseera. Sadaffaa, Kitaaba Qulqulluurraa ragaa dhiheesseera. Arfaffaa, “ganamaa jalqabee hanga galgalaatti” lallabuudhaan fedhiisaa aarsaa godheera. Kun nuufis fakkeenya gaarii taʼa! Akkas gochuunsaa buʼaa akkamii argamsiise? “Isaan keessaa tokko tokko wanta inni dubbate kan amanan” yommuu taʼu, warri kaan garuu hin amanne. Garaagarummaan gidduu isaaniitti waan uumameef, Luqaas, namoonni “achii deemuu jalqaban” jedhee gabaaseera.—HoE. 28:24, 25a.
16-18. Yihudoonni Roomaa keessa jiran ergaa Mootummichaa fudhachuu diduun isaanii Phaawulositti haaraa kan hin taane maaliif ture? Namoonni ergaa Mootummichaa fudhachuu yommuu didan maaltu nutti dhagaʼamuu hin qabu?
16 Phaawulos, wanti Yihudoonni kun godhan Kitaaba Qulqulluu keessatti dursee waan dubbatamee fi isas kanaan dura mudatee waan tureef isa hin dinqisiisne. (HoE. 13:42-47; 18:5, 6; 19:8, 9) Kanaaf, Phaawulos Yihudoota ergaasaa fudhachuu didanii achii deemaniin akkas jedheera: “Wanti hafuurri qulqulluun karaa Isaayyaas raajichaa abbootii keessanitti dubbate sirrii dha; akkana jedhe: ‘Gara saba kanaa dhaqiitii akkana jedhi: ‘Isin dhagaʼuu ni dhageessu, garuu matumaa ergaa isaa hin hubattan; ilaaluu ni ilaaltu, garuu matumaa hin argitan. . . . Garaan saba kanaa didaa taʼeera.’’” (HoE. 28:25b-27) Jechi afaan Kitaabni Qulqulluun jalqaba ittiin barreeffamerratti argamuu fi “didaa” jedhamee hiikame, garaa “furdachuu” ykn “gabbachuu” isaatiin kan kaʼe ergaa Mootummichaa ofitti fudhachuu hin dandeenye argisiisa. (HoE. 28:27, mil.) Kun baayʼee kan nama gaddisiisu mitii?
17 Phaawulos xumura haasaa isaarratti, Yihudoota isa dhaggeeffachaa turanirraa haala faallaa taʼeen, ‘saboonni dhugumaan ni dhagaʼu’ jedheera. (HoE. 28:28; Far. 67:2; Isa. 11:10) Ergamaan kun namoonni saboota kaan keessaa taʼan hedduun ergaa Mootummichaa yommuu fudhatan yeroo baayʼee waan argeef, waaʼee kanaa mirkanaaʼaa taʼee dubbachuu dandaʼa!—HoE. 13:48; 14:27.
18 Phaawulos namoonni misiraachicha fudhachuu yommuu didan hin mufanne. Nutis mufachuu hin qabnu. Kana malees, akkuma walii galaatti namoonni daandii jireenyaa argatan muraasa akka taʼan beekna. (Mat. 7:13, 14) Dabalataanis, namoonni garaa qajeelaa qaban waaqeffannaa dhugaa yommuu fudhatan, isaanii wajjin haa gammannu, akkasumas miira hoʼaadhaan isaan haa simannu.—Luq. 15:7.
‘Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo Lallabuu’ (Hojii Ergamootaa 28:30, 31)
19. Phaawulos yeroo hidhame ture yeroosaatti akka gaariitti kan fayyadame akkamitti?
19 Luqaas, gabaasa isaa karaa nama jajjabeessuu fi miira gaarii namatti horuun xumure. Akkana jedhe: “Phaawulos waggaa lama guutuu mana kireeffate keessa jiraate; namoota gara isaa dhufan hundas gaarummaadhaan simata ture; akkasumas gufuu tokko malee, bilisummaa guddaadhaan waaʼee Mootummaa Waaqayyoo isaaniif lallabaa fi waaʼee Gooftaa Yesuus Kiristoos isaan barsiisaa ture.” (HoE. 28:30, 31) Eeyyee, Phaawulos keessummaa simachuu, amantii qabaachuu fi hinaaffaa argisiisuurratti fakkeenya guddaa nuuf taʼa!
20, 21. Tajaajila Phaawulos Roomaatti raawwaterraa namoota fayyadaman tokko tokko caqasi.
20 Namoota Phaawulos gaarummaadhaan simate keessaa tokko garba Oneesimos jedhamuu fi Qolosaayisii badee achi dhaqe ture. Phaawulos, Oneesimos Kiristiyaana akka taʼu kan isa gargaare yommuu taʼu, innis Phaawulosiif ‘obboleessa amanamaa fi jaallatamaa’ taʼeera. Phaawulos waaʼeesaa yommuu dubbatu ‘ilma koo isan abbaa isaaf taʼe’ jedheera. (Qol. 4:9; Film. 10-12) Oneesimos Phaawulosiin baayʼee jajjabeessee taʼuu qaba!a
21 Fakkeenya gaarii Phaawulos argisiiserraa obboloonni kaanis fayyadamaniiru. Warra Filiphisiyusiif akkas jedhee barreesseera: “Haalli ani keessa jiru caalaatti misiraachicha babalʼisuuf gumaacha gochuu isaa akka beektan nan barbaada; Kiristoosiif jedhee hidhamuun koo waardiyyoota mootii Roomaa hundaa fi warra kaan hunda biratti akka gaariitti beekameera. Hidhamuu kootiin kan kaʼe, obboloota Gooftaa tajaajilan keessaa hedduun isaanii jabina argataniiru; dubbii Waaqayyoo sodaa malee dubbachuufis caalaatti ija jabina argisiisaa jiru.”—Filp. 1:12-14.
22. Phaawulos yeroo Roomaatti hidhamee turetti, yeroo isaatti akka gaariitti kan fayyadame akkamitti?
22 Phaawulos yeroo Roomaatti hidhamee turetti, xalayaawwan barbaachisoo yeroo ammaa kutaa Kitaaba Qulqulluu afaan Giriikii taʼan barreessuudhaan, yeroo isaatti akka gaariitti fayyadameera.b Xalayaawwan kun, Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa kallattiidhaan isaaniif barreeffame fayyadaniiru. Gorsi xalayaawwan geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman kana keessa jiru faayidaa waan qabuuf, nutis xalayaa Phaawulos kanarraa fayyadamuu ni dandeenya.—2 Xim. 3:16, 17.
23, 24. Kiristiyaanonni yeroo harʼaatti argaman hedduun, akkuma Phaawulos yeroo sababa amantii isaaniitiin hidhamanii jiranitti, gammachuu isaanii eeganii kan itti fufan akkamitti?
23 Hojii Ergamootaa keessatti yoom akka hiikame ibsamuu baatus, Phaawulos kan hiikame Qiisaariyaatti waggaa lama, Roomaatti waggaa lama, walumatti gara waggaa afurii erga hidhamee booda ture.c (HoE. 23:35; 24:27) Haataʼu malee, Waaqayyoon tajaajiluuf wanta isaaf dandaʼamu hunda waan godheef gammachuu isaa eeggatee itti fufuu dandaʼeera. Haaluma wal fakkaatuun, tajaajiltoonni Yihowaa yeroo harʼaa jiranis, sababii amantii isaaniitiin kan hidhaman taʼus, gammachuusaanii eeggachuu fi lallabuusaanii itti fufuu dandaʼaniiru. Mee fakkeenya Adoolfoo isa Ispeen jiraatuu fi sababa amantii isaatiin loltuu taʼuu didee haa ilaallu. Poolisiin tokko akkas isaan jedheera: “Baayʼee nu dinqisiisteetta, jireenyi mana hidhaa akka sitti ulfaatu gochuuf wanta hundumaa gooneerra. Ati garuu, hammuma nuti kana gochaa deemnu, caalaatti fuula ifaa argisiista, akkasumas jechoota gaggaarii dubbatta.”
24 Adoolfoon yeroo booda baayʼee amanamuu isaatiin kan kaʼe kutaan inni itti hidhamullee banaa dhiifama ture. Loltoonni waaʼee Kitaaba Qulqulluu mariʼachuuf isa bira dhaqu turan. Eegdota keessaa tokko kutaa Adoolfoo seenee Kitaaba Qulqulluu dubbisa ture, yeroo kanatti Adoolfoon immoo namni akka isa hin agarre eega ture. Kanaafuu, hidhamaatu “eegduu mana hidhaa” eega ture jechuudha! Fakkeenyi gaariin Dhugaa Baatota amanamoo kanaa, nuunis haala rakkisaa keessattillee ‘dubbii Waaqayyoo sodaa malee dubbachuuf caalaatti ija jabina argisiisuuf’ nu haa kakaasu.
25, 26. Phaawulos yeroo waggaa 30 hin guunne keessatti, raajiin Yesuus dubbate inni kam yommuu raawwatamu argeera? Raajiin kun yeroo harʼaatti raawwatamaa kan jiruhoo akkamitti?
25 Kitaabni Hojii Ergamootaa, seenaa gammachiisaa waaʼee namoota misiraachicha lallabuuf wanta isaaniif dandaʼamu hunda godhanii qabateera. Kitaabichi Phaawulos yeroo hidhamee turettillee, namoota isa gaafachuu dhufaniif, ‘waaʼee Mootummaa Waaqayyoo lallabaa’ akka ture yaada nama jajjabeessu ibsuudhaan xumurama! Boqonnaa tokkoffaa irratti, ergamni Yesuus duuka buutota isaatiif kenne ibsameera. Akkas jedha: “Yommuu hafuurri qulqulluun isin irra buʼu humna ni argattu; Yerusaalemitti, guutummaa Yihudaa fi Samaariyaatti, akkasumas hanga andaara lafaatti dhugaa baatota koo ni taatu.” (HoE. 1:8) Amma, yeroo waggaa 30 hin guunne keessatti, ergaan Mootummichaa “uumama samiidhaa gad jiru hundatti [lallabameera].”d (Qol. 1:23) Kun, hafuurri Waaqayyoo humna guddaa akka qabu kan argisiisu Mitii?—Zak. 4:6.
26 Yeroo harʼaattis, obboloonni Kiristoos warri lafarratti hafan “hoolota kan biroo” wajjin taʼuudhaan, biyyoota 240 keessatti ‘waaʼee Mootummaa Waaqayyoo guutummaatti dhugaa baʼuu’ isaanii akka itti fufaniif, hafuurri kun humna isaaniif kennaa jira! (Yoh. 10:16; HoE. 28:23) Atoo, hojii kanarratti guutummaatti hirmaachaa jirtaa?
a Phaawulos Oneesimosiin of biratti hambifachuu barbaadee kan ture taʼus, akkas gochuunsaa seera Roomaa cabsuu fi mirga Fiilmoon isa gooftaa Oneesimos taʼee sarbuu akka taʼe hubatee ture. Kanaafuu, xalayaa Fiilmoon garbasaa isa amma obboleessa taʼe kana gaarummaadhaan akka simatu isa jajjabeessu Oneesimositti kennuudhaan deebisee garasaatti isa erge.—Film. 13-19.
b Saanduqa, “Xalayaawwan Shanan Phaawulos Yeroo Jalqaba Roomaatti Hidhametti Barreesse” jedhu ilaali.
c Saanduqa, “Jireenya Phaawulos Dh.K.B. Bara 61 Booda” jedhu ilaali.
d Saanduqa, “Misiraachichi ‘Uumama Hundatti Lallabameera’” jedhu ilaali.