-
“Namoota hin Barannee fi Iddoo Guddaa hin Qabne”Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
-
-
18. Miseensonni gumii Yerusaalem gargaarsa akkamii waliif godhan?
18 Gumii haaraan Yerusaalem keessatti hundeeffame yeroo dhihoo keessatti miseensota 5,000 ol qabaachuu dandaʼeera.d Barattoonni kun akkaataa guddinaa garaa garaa kan qaban taʼus, “garaa tokkoo fi yaada tokko” qabu turan. (HoE. 4:32; 1 Qor. 1:10) Yihowaan carraaqqiisaanii akka isaaniif eebbisu kadhachuu malees wanta godhan kan biraa qabu. Karaa hafuuraa wal deggeru, yeroo barbaachisa taʼettimmoo karaa fooniis wal gargaaru turan. (1 Yoh. 3:16-18) Fakkeenyaaf, Yooseef inni barataa turee fi ergamoonni Barnaabaas jedhanii waaman namoonni biyyoota fagoodhaa Yerusaalem dhufan achuma turanii waaʼee amantaasaanii isa haaraa barachuusaanii akka itti fufan akka isaan gargaaruuf lafasaa gurguree maallaqa isaa hundumaa buusii godheera.
-
-
“Namoota hin Barannee fi Iddoo Guddaa hin Qabne”Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
-
-
d Dhaloota Kiristoos Booda bara 33tti Yerusaalem keessa kan turan Fariisota gara 6,000 fi Saduqoota muraasa qofa taʼuu dandaʼa. Sababni kan biraan gareewwan kun lamaan barattoonni waaʼee Kiristoos barsiisuusaanii akka dhaaban itti barbaadan kana taʼuu dandaʼa.
-