Kana Beektaa?
Yesus waaʼee kiilomeetira lama deemuu yeroo dubbatu maal jechuusaa ture?
▪ Yesus Lallabasaa Isa Gaararraa beekamaa taʼerratti, “Namni [“abbaan taayitaa,” NW] tokko akka kiilo metrii tokkoo isa duukaa akka dhaqxuuf yoo si giddisiise, akka kiilo metrii lamaa duukaa dhaqi!” jedheera. (Maatewos 5:41) Namoonni isa dhaggeeffachaa turan, Yesus kana jechuunsaa waaʼee tajaajila dirqamaa abbaan taayitaa tokko lammiiwwan biyyattii akka hojjetan irraa barbaaduu dubbachuusaa akka taʼe hubachuu hin oolan.
Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti, Israaʼeloonni bittaa warra Roomaa jala turan. Warri Roomaammoo, namoonnis taʼan horiin akka isaan tajaajilan dirqisiisuurraa ykn dhimma abbaa taayitaa tokkoo raawwachiisuuf jecha wanta barbaadanitti fayyadamuurraa duubatti hin jedhan turan. Fakkeenyaaf, loltoonni warra Roomaa, nama biyya Qareenaa kan taʼe Simiʼoon fannoo Yesus baatee bakka Yesus itti fannifamutti akka geessu isa dirqisiisaniiru. (Maatewos 27:32) Gochi akkasii, Yihudoota biratti akka hacuuccaatti kan ilaalamu, jibbamaafi fudhatama kan hin qabne ture.
Lammiiwwan sun baʼaa tokko baatanii fageenya hangamii deemuu akka qaban hin beekamu. Haataʼu malee, hamma isaanirraa barbaadamu caalaa tarkaanfii tokkollee deemuuf fedhii qabaatu jedhanii yaaduun waan hin dandaʼamnedha. Kanaafuu, Yesus dhaggeeffattoonnisaa fakkeenyaan kiilomeetira isa lammaffaas akka deeman ennaa gorsu, hojii isaanirraa barbaadamuufi seera Waaqayyoo wajjin wal hin faallessine utuu hin mormin akka raawwatan isaanitti himuusaa ture.—Maarqos 12:17.
Haannaas inni Wangeela keessatti caqasame eenyudha?
▪ Yeroo Yesus firdiitti dhihaatetti, Haannaas (Anaanas) ‘angafa lubootaa’ ture. (Luqaas 3:2; Yohannis 18:13; Hojii Ergamootaa 4:6) Haannaas, abbiyyuu Qayyaafaa isa angafa lubootaa Israaʼel turee siʼa taʼu, Dh.K.B. naannoo bara 6 ykn 7tii jalqabee hanga abbaan taayitaa biyya Roomaa Vaaleriyuus Giraatuus jedhamu Dh.K.B. naannoo bara 15tti aangoorraa isa buusetti angafa lubootaa taʼee tajaajileera. Taʼus, Haannaas sana dura angafa lubootaa waan tureef, Israaʼel keessatti aangoo guddaa qabaachuusaa itti fufee ture. Sana booda ilmaansaa keessaa shananiifi soddaansaa angafoota lubootaa taʼaniiru.
Bara Israaʼel saba of dandaʼe ture hundatti, angafni lubootaa tokko hamma lubbuudhaan jirutti aangoosaarraa hin buʼu ture. (Lakkoobsa 35:25) Israaʼeloonni bittaa warra Roomaa jala yeroo turanitti garuu, angafni lubootaa bulchitoota Roomaafi mootota warri Roomaa muudan gammachiisuuf kan carraaqu yommuu taʼu, isaanis aangoosaarraa isa buusuu dandaʼu turan. Barreessaa seenaa kan taʼe Filaaviyas Joseefas, Qereenewos inni lammii biyya Roomaafi bulchaa biyya Sooriyaa ture, Dh.K.B. bara 6 ykn 7tti nama Joʼaazaar jedhamu angafa lubummaarraa buusuudhaan Haannaasiin akka muude gabaaseera. Haataʼu malee, bulchitoonni Waaqayyoon hin beekne kun angafa lubootaa haaraa kan muudan lubootuma keessaa kan ture fakkaata.
Maatiin Haannaas, garmalee sassattootaafi baayʼee sooreyyii turan. Badhaadhina kana kan argatanis, qarshiin wantoota akka gugee, hoolaa, zayitiifi wayinii aarsaadhaaf dallaa mana qulqullummaa keessatti gurguramanirraa argamu toʼannaasaanii jala waan tureef akka taʼe beekamaadha. Ilma Haannaas kan taʼe Anaanas (Anaaniyaas), “hojjettoota garmalee haxxee taʼan, aarsaa kudhan keessaa tokko taʼe isa lubootaaf dhihaatu humnaan fudhataniifi warra isaaniif kennuu didanimmoo reebuurraa duubatti hin jenne” akka qabu Joseefas barreesseera.