Abdii Keenyatti Gammaduu
“Abdii jireenya bara baraa, isa Waaqayyo inni matumaa hin sobne, bara durii jalqabee abdachiise.”—TIT. 1:2.
IRRA DEEBII
Kiristiyaanni dibamaan tokko jireenyasaa isa lafarraa amanamummaadhaan yommuu xumuru samiirratti gammachuun akka taʼu akkamitti beekna?
Abdiin hoolota kan biraa raawwatamuunsaa abdii dibamtootaa wajjin walitti dhufeenya maalii qaba?
Abdiin keenya yommuu raawwatamu arguuf, “jireenya qullaaʼaa” akkasumas “jireenya namoota Waaqayyoof taʼu” akkamii jiraachuu qabna?
1. Abdiin Yihowaan nuu kenne obsaan dandaʼuuf kan nu gargaaru akkamitti?
YIHOWAAN, ‘Waaqa abdii namaaf kennudha.’ Phaawulos itti dabaluudhaan Yihowaan, ‘humna hafuura qulqulluutiin, abdiitti guddachaa akka adeemnuuf isatti amanuu keenyaan gammachuufi nagaa hundumaan nu guutuu’ akka dandaʼu dubbateera. (Rom. 15:13) Abdiin keenya cimaa yoo taʼe, haala uumamuu dandaʼu kamiyyuu obsaan dandeenya, akkasumas garaan keenya gammachuufi nagaadhaan guutama. Abdiin kun, akkuma Kiristiyaanota dibamoo warra kaaniifis, ‘akka qofoon sibiilaa markaba qabee dhaabu, amanamaafi cimaa lubbuu qabee dhaabatu’ isaanii taʼuu dandaʼa. (Ibr. 6:18, 19) Abdiin keenya, wanta yeroo bubbeen jireenyaa nu afuursutti daʼoo godhannee ittiin jalaa oollu, akkasumas akka hin shakkineefi amantii akka hin dhabne nu gargaara.—Ibroota 2:1; 6:11 dubbisi.
2. Abdiin Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran qaban lamaan maalidha? ‘Hoolonni kan biraan’ abdii dibamtoonni qaban beekuun kan isaan barbaachisu maaliifi?
2 Kiristiyaanonni guyyoota gara dhumaa kana keessa jiraatan abdii lama qabu. Kiristiyaanonni dibamoon “karra xinnayyoo” taʼan, samiirratti jireenya hin badne argatanii Kiristoosii wajjin Mootummaasaa keessatti moototaafi luboota taʼuuf abdatu. (Luq. 12:32; Mul. 5:9, 10) ‘Tuutni sonaan baayʼeen’ kutaa ‘hoolota kan biraa’ taʼan hedduunimmoo, Mootummaa Masiihichaa jalatti lafa jannata taatu keessa barabaraaf jiraachuuf abdatu. (Mul. 7:9, 10; Yoh. 10:16) Hoolonni kan biraan fayyinnisaanii ‘obboloota’ Kiristos dibamoo ammayyuu lafarra jiran deggeruurratti kan hundaaʼe akka taʼe matumaa dagachuu hin qaban. (Mat. 25:34-40) Dibamtoonni badhaasasaanii kan argatan siʼa taʼu, abdiin hoolota kan biraas akka raawwatamu hin shakkisiisu. (Ibroota 11:39, 40 dubbisi.) Jalqaba mee abdii dibamtoonni qaban haa ilaallu.
‘ABDII JIRAATAA’ KIRISTIYAANONNI DIBAMOON QABAN
3, 4. Kiristiyaanonni dibamoon ‘abdii isa jiraataaf haaraa kan dhalatan’ akkamitti? Abdiin kunoo maalidha?
3 Phexros ergamaan Kiristiyaanota dibamoo warra “foʼaman” jedhee waameef ergaa lama barreessee ture. (1 Phe. 1:1) Abdii dinqisiisaa karra xinnayyootiif kenname ilaalchisee ibsa balʼaa kenneera. Phexros ergaasaa isa jalqabaarratti akkas jedhee barreesseera: “Waaqayyo abbaa gooftaa keenyaa Yesus Kristosiif galanni haa taʼu! Inni araara isaa isa guddaadhaan, Yesus Kristos warra duʼan keessaa kaʼuu isaatiin, abdii isa jiraataa kanatti qabamnee akka jiraannuuf haaraa godhee nu dhalachiiseera. Waan hin badne, waan xurii hin qabne, waan gad deebiʼaa hin adeemnes, isa waaqa keessatti isiniif eegamee jirutti darbitanii akka fudhattan godheera. Kunis, isin warra, karaa amantii fayyina bara booddeetti mulʼachuuf qophaaʼee taaʼu sanaaf, humna Waaqayyootiin eegamtanii jirtaniif in taʼa. . . . Isa sanatti immoo baayʼiftanii in gammaddu.”—1 Phe. 1:3-6.
4 Kiristiyaanonni lakkoofsisaanii murtaaʼe, Kiristosii wajjin bulchiinsa Mootummaa samii keessatti hirmaataniifi Yihowaan filatu ilmaan Waaqayyoo hafuuraa taʼanii ‘haaraa dhalatu.’ Kiristoosii wajjin moototaafi luboota taʼuuf hafuura qulqulluutiin dibamu. (Mul. 20:6) Phexros, ‘haaraa dhalachuun’ ‘abdii jiraataa’ isa ‘hin badne, xurii hin qabne, gad deebiʼaa hin adeemneefi’ “waaqa keessatti” isaaniif eegame argachuuf karaa akka isaanii bane ibseera. Kanaaf, dibamtoonni abdiisaanii isa jiraataatti ‘baayʼisanii gammaduunsaanii’ nama hin dinqisiisu. Abdii kana argachuunsaanii garuu amanamoo taʼuusaaniirratti kan hundaaʼedha.
5, 6. Kiristiyaanonni dibamoon samiitti waamamuusaanii mirkaneessuuf waan dandaʼan hunda gochuu kan qaban maaliifi?
5 Phexros ergaasaa isa lammaffaarratti, Kiristiyaanonni dibamoon, ‘waamamuufi foʼamuusaaniitti jabaachuuf caalchisanii akka dhimman’ gorseera. (2 Phe. 1:10) Amalawwan Kiristiyaanaa kan akka amantii, nama Waaqayyoo taʼuufi jaalala obbolummaa horachuuf carraaqqii cimaa gochuu qabu. Phexros, “Wanti kun hundinuu isin irraa argamanii baayʼachaa yoo adeeman, . . . warra dhimma baasan, warra ija godhatanis in taatu” jedheera.—2 Phexros 1:5-8 dubbisi.
6 Kiristos inni duʼaa kaafame, ergaa jaarsolii Kiristiyaanota dibamoo gumii Filaadelfiyaa jaarraa jalqabaa keessa turaniif ergerratti akkas jedheera: “Ati dubbii koo isa obsaan dandaʼuu si irraa barbaadu waan eegdeef, anis immoo yeroo qoramsi guutummaa biyya lafaa irratti namoota lafa irra jiraatan hundumaa qoruudhaaf dhufutti isa jalaa akka baatuuf sin eega. Ani dafee nan dhufa; namni tokko illee gonfoo moʼichaa isa kan keetii si duraa akka hin fudhannetti, isa qabdu jabeessii eeggadhu!” (Mul. 3:10, 11) Kiristiyaanni dibamaan tokko amanamummaasaa yoo hirʼise, “gonfoo ulfinaa isa gad deebiʼaa hin adeemne[efi]” warri filatamoon hamma duʼaatti amanamoo taʼan abdachiifaman hin argatu.—1 Phe. 5:4; Mul. 2:10.
MOOTUMMICHATTI GALUU
7. Yihudaan ergaasaa keessatti abdii dinqisiisaa isa kam caqaseera?
7 Yihudaan inni obboleessa Yesus ture Dh.K.B. bara 65tti Kiristiyaanota dibamoo hidhatasaa taʼaniif “warra waamamtan” jedhee barreesseera. (Yih. 1; Ibroota 3:1 waliin ilaali.) Abdii fayyinaa guddaa Kiristiyaanonni gara Mootummaa Waaqayyoo isa samiitti waamaman ‘walii wajjin qaban’ ilaalchisee isaanii barreessuu barbaadee ture. (Yih. 3) Xumura ergaasaa isa gabaabaa kanarratti dhimmawwan ariifachiisaa taʼan ilaalchisee wanta barreessu gara biraa kan qabu taʼus, waaʼee abdii dinqisiisaa Kiristiyaanonni dibamoon qaban caqaseera. Akkas jedheera: “Isin akka hin gufannetti Waaqayyo isin eeguu, mudaa malee [“gammachuu guddaadhaan,” NW] ulfina isaa dura isin dhaabachiisuu in dandaʼa. Waaqayyo fayyisaa keenya isa tokkichaaf karaa gooftaa keenyaa Yesus Kristos ulfinni, guddinni, aangoon, gooftummaanis lakkaaʼamuu baraa fuula duraa jalqabee, ammas, bara baraanis haa taʼu.”—Yih. 24, 25.
8. Yaanni Yihudaa 24rra jiru, dibamaan tokko amanamummaasaa yommuu mirkaneessu samii keessatti gammachuun akka taʼu kan ibsu akkamitti?
8 Kiristiyaanonni dibamoon amanamoo taʼan dhuunfaatti gufachuudhaan akka hin badne of eeggannoo akka godhan beekamaadha. Yesus Kiristos qaama hafuuraa mudaa hin qabne godhee duʼaa isaan kaasuudhaan gammachuu guddaatiin Waaqayyo duratti akka dhihaatan akka isaan godhu abdii Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe qabu. Kiristiyaanni dibamaan tokko amanamaa taʼee yommuu duʼu, “dhagna hafuuraa” ‘hin badne taʼee ulfinaan kaafamuuf’ abdii qaba. (1 Qor. 15:42-44) ‘Warri waaqarraa cubbamaan tokko yommuu yaada garaa geddaratu kan gammadan’ erga taʼee, Kiristiyaanni dibamaan tokko yommuu jireenyasaa isa lafarraa amanamummaadhaan xumuru samii keessatti gammachuun hangamii akka taʼu yaadaa! (Luq. 15:7) Yihowaafi uumamawwan hafuuraa amanamoo taʼan yommuu Kiristiyaanni dibamaan tokko badhaasasaa argatu isaa wajjin guddaa ‘gammadu.ʼ—1 Yohannis 3:2 dubbisi.
9. Mootummichatti galuun dibamtoota amanamoo taʼaniif ‘badhaadhummaatti kan kennamu’ akkamiiti? Abdiin kun dibamtoota ammayyuu lafarra jiranirratti dhiibbaa kan godhu akkamitti?
9 Phexrosis Kiristiyaanonni dibamoon waamamuusaanii amanamoo taʼuudhaan yoo mirkaneessan, “mootummaa gooftaa keenyaa fi fayyisaa keenyaa Yesus Kristos isa bara baraa sanatti galuun [“badhaadhummaatti,” hiika bara 1899] isiniif in kennama” jedhee barreesseera. (2 Phe. 1:10, 11) Phexros ‘badhaadhummaatti ni kennamaaf’ yommuu jedhu, ulfina guddaadhaan gara samiitti akka galan dubbachuusaa ture. Yaanni ‘badhaadhummaatti isiniif ni kennama’ jedhu wanti eebba warri dorgommee jireenyaa humnasaanii guutuu fiigan argatanii wajjin wal gitu akka hin jirre argisiisuus ni dandaʼa. Jireenya amanamummaadhaan dabarsan deebiʼanii yommuu yaadan garaansaanii gammachuufi galateeffannaa guddaadhaan guutama. Abdiin kun Kiristiyaanonni dibamoon ammayyuu lafarra jiran ‘yaadasaanii hojiidhaaf qopheessuuf’ humna isaan gargaaru akka isaanii kennu beekamaadha.—1 Phe. 1:13, NW.
“ABDII” HOOLONNI KAN BIRAAN QABAN
10, 11. (a) Hoolonni kan biraan abdii akkamii qabu? (b) Abdiin lafarra jiraachuu raawwatamuunsaa Kiristosiifi “mulʼachuu ijoollee Waaqayyoo” wajjin kan wal qabate akkamitti?
10 Phaawulos abdii guddaan warri “ijoollee Waaqayyoo” hafuuraa taʼan qaban Kiristosii wajjin ‘akka argatan’ ykn akka dhaalan barreesseera. Achiis abdii dinqisiisaa Yihowaan hoolota kan biraa lakkoofsisaanii hangana hin jedhamneef kenne ilaalchisee akkas jedheera: “Uumamni hundinuu, [ilmaan namootaa] mulʼachuu ijoollee Waaqayyoo [dibamtoota] dhimmanii eeggachaa jiru. Uumamni wanta gatii hin qabne akka taʼu godhameera; inni illee ofii isaatii akkas taʼuu hin barbaanne, garuu isuma isa uumetu akkas isa godhe; haa taʼu iyyuu malee, akkas taʼuun isaa abdii qaba ture. Uumamni, garbummaa isa wanta badu isa godhe jalaa luba in baʼa; luba baʼuun kun gara birmadummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qabaniitti in geessa.”—Rom. 8:14-21.
11 Yihowaan ilmaan namootaatiif “abdii” kan kenne, ‘sanyiin’ abdachiifame Seexana isa ‘bofa bara durii’ jedhamerraa akka isaan oolchu yommuu dubbatetti ture. (Mul. 12:9; Uma. 3:15) ‘Sanyiin’ sun adda durummaadhaan Yesus Kiristosidha. (Gal. 3:16, hiika bara 1899) Yesus duʼuufi duʼaa kaafamuusaatiin, ilmaan namoota garbummaa cubbuufi duʼaa jalaa walaba akka baʼan abdii amansiisaa kenneera. Abdiin kun raawwatamuunsaa “mulʼachuu ijoollee Waaqayyoo” wajjin kan wal qabatedha. Dibamtoonni ulfina guddaa argatan kutaa “sanyii” sanaa isa lammaffaadha. Kiristosii wajjin taʼanii sirna Seexanaa isa hamaa kana balleessuurratti yommuu hirmaatan ni ‘mulʼatu.’ (Mul. 2:26, 27) Kunis hoolota kan biraa rakkina guddaa keessaa dhufaniif fayyina argamsiisa.—Mul. 7:9, 10, 14.
12. Dibamtoonni mulʼachuunsaanii ilmaan namootaatiif faayidaa guddaa akkamii argamsiisa?
12 Bulchiinsa Kiristos Waggaa Kumaatti “uumamni” jechuunis ilmaan namootaa boqonnaa guddaa argatu. Yeroo sanatti, ‘ijoolleen Waaqayyoo’ ulfina argatan, Kiristosii wajjin luboota taʼanii faayidaa aarsaa furii Yesus ilmaan namootaatiin gaʼuurratti hirmaachuuf lammata ‘mulʼatu.’ “Uumamni” jechuunis ilmaan namootaa Mootummaa samii jalatti waan bulaniif, miidhaa cubbuufi duuni geessisanirraa walaba taʼuu jalqabu. Ilmaan namootaa ajajamoo taʼan, suutuma suuta ‘garbummaa isa wanta badu isaan godhe jalaa luba baʼu.’ Barkumee kana keessattiifi qorumsa dhumaa isa booda dhufurratti Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii yoo itti fufan, maqaansaanii ‘macaafa isa warri jireenya argachuuf jiran itti caafaman’ keessatti barabaraaf barreeffama. Achiis gara “birmadummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qabaniitti” galu. (Mul. 20:7, 8, 11, 12) Dhugumayyuu kun abdii ulfina guddaa qabudha!
ABDIIN KEENYA JIRAATAA TAʼEE AKKA ITTI FUFU EEGUU
13. Abdiin keenya maalirratti kan hundaaʼedha? Kiristos yoom mulʼata?
13 Ergaawwan lamaan Phexros hafuuraan geggeeffamee barreesse, dibamtoonniifi hoolonni kan biraan abdiinsaanii jiraataa taʼee akka itti fufu gochuuf isaan gargaaru. Phexros abdiinsaanii hojiisaaniirratti utuu hin taʼin, ayyaana Yihowaa biraa argatanirratti kan hundaaʼe akka taʼe caqaseera. “Warra of qaban taʼaa, abdii keessan guutummaatti ayyaana isa yeroo Yesus Kristos mulʼatutti isiniif dhufu irra kaaʼadhaa!” jedhee barreesseera. (1 Phe. 1:13) Kiristos duuka buutotasaa amanamoo taʼaniif badhaasa kennuufi warra Waaqayyo malee jiraatanirratti firdii Yihowaa raawwachuuf yommuu dhufutti mulʼata.—2 Tasaloniiqee 1:6-10 dubbisi.
14, 15. (a) Abdiin keenya jiraataa taʼee akka itti fufu gochuuf maalirratti xiyyeeffachuu qabna? (b) Phexros gorsa akkamii kenneera?
14 Abdiin keenya jiraataa taʼee akka itti fufu gochuuf, jireenyi keenya dhufa “guyyaa Waaqayyoo” irratti akka xiyyeeffatu gochuu qabna. Guyyaan kun “bantiiwwan waaqaa,” yeroo harʼaa jiran ykn bulchiinsi namootaa, akkasumas ‘lafa’ jechuunis, hawaasa ilmaan namootaa cubbamaa taʼeefi ‘ijoo uumama lubbuu hin qabne’ achi keessa jiru balleessa. Phexros akkas jedhee barreesseera: “Isin namoota attamii taʼuutu isiniif taʼa ree? . . . Dhufa guyyaa Waaqayyoo in eeggattu, isaafis ariifattanii in hojjettu. Guyyaa sanaafis bantiiwwan waaqaa ibiddaan gubatanii wal in gad dhiisu; ijoon uumama lubbuu hin qabne hundinuus hoʼa ibiddaatiin in baqa!”—2 Phe. 3:10-12.
15 ‘Bantiiwwan waaqaafi lafti’ yeroo ammaa jiran, ‘bantiiwwan waaqaa’ [bulchiinsa Mootummaa Kiristos] akkasumas lafa haaraa [hawaasa haaraa lafarra jiraatuun] bakka buufamu. (2 Phe. 3:13) Phexros ittaansuudhaan yaada addunyaa haaraatiif abdii keenya ‘eeggachuu’ jedhurratti hundaaʼee gorsa cimaa, “Kanaafis michoota ko, isaan kana eeggachaa, warra xurii fi mudaa hin qabne taatanii, Waaqayyoo wajjin nagaa qabaattanii akka argamtaniif dhamaʼaa!” jedhu kenneera.—2 Phe. 3:14.
HAALA ABDII KEENYAA WAJJIN WALSIMUUN JIRAACHUU
16, 17. (a) “Jireenya qullaaʼaa” akkasumas “jireenya namoota Waaqayyoof taʼu” akkamii jiraachuu qabna? (b) Abdiin keenya kan raawwatamu akkamitti?
16 Abdiin keenya jiraataa akka taʼu gochuu qofa utuu hin taʼin, haala abdii keenyaa wajjin walsimuun jiraachuu qabna. Karaa hafuuraa nama attamii akka taane of qoruu qabna. “Jireenya qullaaʼaa” jiraachuun amalli keenya ‘warra saba Waaqayyoo hin taʼin keessatti gaarii’ akka taʼu gochuu dabalata. (2 Phe. 3:11; 1 Phe. 2:12) Kana malees, ‘jaalala waliif qabaachuu’ qabna. Kunis tokkummaa obbolummaa addunyaa maraa dabalatee, gumii keenya keessa tokkummaan akka jiraatuuf waanuma nuu dandaʼame hundaa gochuu dabalata. (Yoh. 13:35) “Jireenya namoota Waaqayyoof taʼu jiraachuu” jechuun hojii hariiroo Yihowaa wajjin qabnu cimsu raawwachuu kan argisiisudha. Kunis kadhannaan keenya qulqullina akka qabaatu gochuu, dubbisa Macaafa Qulqulluu keenyaa fooyyessuu, akkasumas qayyabannaa dhuunfaa gad fageenya qabu gochuu, waaqeffannaa maatii gochuufi ‘wangeela mootummaa’ labsuurratti dammaqinaan hirmaachuu dabalata.—Mat. 24:14.
17 Hundi keenya namoota Yihowaa biratti fudhatama qabaniifi yommuu sirni hamaan kun ‘wal gad dhiisutti’ oolan taʼuu barbaanna. Badiisa kanarraa kan oollu taanan, ‘abdiin jireenya barabaraa, inni Waaqayyo matumaa hin sobne, bara durii jalqabee abdachiise’ yommuu raawwatamu arguu dandeenya.—Tit. 1:2.
[Fakkii fuula 22rra jiru]
Kiristiyaanonni dibamoon ‘abdii isa jiraataaf haaraa taʼanii dhalatu’
[Fakkii fuula 24rra jiru]
Abdichi maatii keessan keessatti jiraataa akka taʼee akka itti fufu godhaa