FAKKEENYA AMANTIISAANII HORDOFAA
‘Inni In Duʼe, Garuu Ammayyuu Dubbachaa Jira’
ABEEL yommuu hoolonnisaa tasgabbiidhaan tulluurra dheedan ilaalaa jira. Yeroo kanatti ifa xinnoo qalbii namaa hawwatuufi iddoo hoolonnisaa dheedaa jiraniin gamatti mulʼatu tokko arguu hin oolu. Bakka kana billaan akka ibiddaa bobaʼu, gara hundumaatti nanaannaʼuufi akka namni iddoo dhaabaa Eeden keessa hin seenne eegu akka jiru beeka. Warrisaa iddoo kana jiraachaa kan turan taʼus, amma garuu isaanis taʼe ijoolleensaanii achi seenuu hin dandaʼan. Yommuu Abeel gara samii ol ilaalaa waaʼee Uumaasaa yaaduufi qilleensi waaree boodaa rifeensa mataasaa asiif achi facaasu ija qalbiitiin ilaali. Hariiroo gaariin namaafi Waaqayyo gidduu ture deebiʼuu dandaʼaa laata? Wanti guddaan Abeel beekuu barbaadu kana ture.
Yeroo harʼaa Abeel sitti dubbachaa jira. Sagaleensaa sitti dhagaʼamaa jiraa? Ilma Addaam isa lammaffaa kan taʼe Abeel baroota dheeraa dura waan duʼeef, ‘Kun waan hin fakkaannedha’ jetta taʼa. Erga duʼee jaarraan 60mni waan darbeef lafeensaayyuu biyyoo taʼeera. Kana malees Macaafni Qulqulluun namoota duʼan ilaalchisee, “warri duʼan . . . waan tokko iyyuu hin beekan” jedha. (Lallaba 9:5, 10) Dabalataanis, wanti Abeel dubbate tokkollee Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffamee hin jiru. Kanaaf, akkamitti nutti dubbachuu dandaʼaree?
Phaawulos ergamaan Abeeliin ilaalchisee, “Inni in duʼe, garuu . . . amma iyyuu dubbachaa jira” jechuudhaan hafuuraan geggeeffamee dubbateera. (Ibroota 11:4) Abeel dubbachaa kan jiru karaa kamiinidha? Karaa amantiisaati. Abeel amantii qabaachuudhaan ilmaan namootaa keessaa isa jalqabaati. Kanaaf, Abeel amantii ilaalchisee fakkeenya gaarii yeroo harʼaa hojiirra ooluufi hordofuu dandeenyu nuu kaaʼeera. Amantii Abeelirraa kan barannuufi fakkeenyasaa kan hordofnu taanaan, Abeeliin dhaggeeffachaa jirra jechuun ni dandaʼama.
Haataʼu malee, Abeeliifi amantii inni qabu ilaalchisee Macaafa Qulqulluu keessatti wanti barreeffame muraasa erga taʼee waaʼeesaa maal barachuu dandeenya? Mee yaada armaan gadii haa ilaallu.
YEROO NAMOONNI BAAYʼEE HIN TURRETTI KAN JIRAATE
Abeel kan dhalate namoonni jalqabaa erga uumamanii baayʼee utuu hin turinidha. Abeeliin ilaalchisee Yesus yeroo booda, “Uumama biyya lafaatii jalqabee” jechuudhaan dubbateera. (Luqaas 11:50, 51) Yesus yommuu akkas jedhu waaʼee ilmaan namootaa cubbuurraa furamuuf abdii qabanii caqasuusaa ture. Ilmaan namootaa keessaa Abeel isa afuraffaa siʼa taʼu, fayyina argachuuf nama yeroo jalqabaatiif Waaqayyo duratti surraa argate akka taʼe beekamaadha.a Abeel yeroo ijoollee xinnoo turetti namni dhiibbaa gaarii isarratti godhe akka hin jirre ifadha.
Yeroo sana namoonni baayʼee taʼuu baatanis, rakkinni guddaan maatii kana mudatee ture. Warri Abeel jechuunis Addaamiifi Hewwaan babbareedoofi baayʼee adda turan. Haataʼu malee, taʼe jedhanii jireenyasaanii keessatti dogoggora guddaa raawwataniiru. Mudaa kan hin qabne waan taʼaniif barabaraaf jiraachuu dandaʼu turan. Taʼus, Yihowaarratti waan kaʼaniif Jannata ishee iddoo dhaabaa Eeden keessaa ni baafaman. Wanta hunda caalaa keessumaammoo fedhii ijoolleesaanii caalaa kansaaniitiif dursa waan kennaniif mudaa kan qabaniifi barabaraaf jiraachuu kan hin dandeenye taʼan.—Uumama 2:15–3:24.
Addaamiifi Hewwaan iddoo dhaabaa sana keessaa erga baafamanii booda jireenya rakkisaa jiraachuu jalqaban. Haataʼu malee ilmisaanii inni angafaa yommuu dhalate, Hewwaan, “Ani gargaarsa Waaqayyootiin nama tokko godhadheera” jechuudhaan Qaayin jettee moggaafte. Yommuu akkas jettu, ‘sanyii’ dubartittii isa qaama Addaamiifi Hewwaan daandii badiisaa akka filatan godhe balleessu ilaalchisee abdii Yihowaan Jannata keessatti dubbate yaadattee taʼuu dandaʼa. (Uumama 3:15; 4:1) Hewwaan, dubartittiin raajii kanarratti caqasamte ishee akka taateefi ‘sanyiin’ abdachiifamemmoo Qaayin akka taʼe yaaddee turtee laata?
Akkasitti yaaddeetti taanaan baayʼee dogoggorteetti. Isheefi Addaam Qaayiniin yommuu guddisan yaada akkasii isatti himaniiru taanaan, cubbuu ilmisaanii kun duraan dhaalerratti dabaluudhaan akka inni of tuulu godhaniiru jechuun ni dandaʼama. Hewwaan yeroo booda ilma lammataa kan godhatte taʼus, Qaayiniin ilaalchisee akkuma dubbatte isaa wajjin haala wal qabateen wanta dubbatte hin qabdu. Mucichas Abeel jedhanii kan moggaasan siʼa taʼu, hiiknisaas, “Hafuura baafachuu” ykn “Duwwaa” jechuudha. (Uumama 4:2) Mucaasaanii akkasitti moggaasuunsaanii Qaayiniif bakka guddaa kennuudhaan Abeeliif iddoo akka hin kennine kan argisiisudhaa? Waaʼee kanaa afaan guunnee dubbachuu hin dandeenyu.
Kanas taʼe sana yeroo harʼaa warra kan taʼan Addaamiifi Hewwaanirraa waan hedduu barachuu dandaʼu. Wanta dubbattaniin ykn wanta gootaniin ijoolleen keessan akka of tuulan, iddoo guddaa argachuuf akka hawwan ykn ofittoo akka taʼan gochaa jirtuu? Moo Yihowaa akka jaallataniifi isa michuu akka godhatan barsiisaa jirtu? Kan nama gaddisiisu Addaamiifi Hewwaan itti gaafatamummaasaanii kana hin raawwatin hafaniiru. Taʼus ilmaansaanii abdii qabu.
ABEEL AMANTII QABAACHUU KAN DANDAʼE AKKAMITTI?
Ijoolleen kun lamaan guddachaa yeroo adeeman, Addaam wanta maatichaaf barbaachisu akka dhiheessaniif hojii akka hojjetan isaan leenjiseera taʼa. Qaayin qonnaan bulaa yommuu taʼu, Abeelimmoo tiksee hoolaa taʼe.
Abeel garuu, wanta hojiisaa kana caalaa iddoo guddaa qabu raawwateera. Amala dinqisiisaa Phaawulos yeroo booda caqase jechuunis amantii qabu guddifateera. Mee yaadi! Yeroo sanatti namni Abeeliif fakkeenya gaarii taʼu tokkollee hin turre. Amantii Yihowaarratti qabu guddifachuu kan dandaʼe akkamittiree? Mee wantoota Abeel amantii cimaa akka qabaatu isa gargaaran sadii ilaali.
Wanta Yihowaan uume.
Yihowaan lafti qoraattiifi baalaanwaraantee hojii qonnaatiif gufuu taʼan akka biqilchituuf abaaree ture. Taʼus, lafti nyaata maatii Abeeliif barbaachisu akka gaariitti ni biqilchiti turte. Kana malees, allaattiiwwaniifi qurxummiiwwan dabalatee bineeldonni, gaarreen, haroowwan, lageeniifi galaanni akkasumas samii, aduu, addeessiifi urjoonni hin abaaramne. Abeel bakka ijisaa irra buufate hundatti jaalala, ogummaafi arjummaa Yihowaa isa wantoota hunda uumee ni arga ture. (Roomaa 1:20) Wantoota kanarratti dinqisiifannaadhaan xiinxaluunsaa amantiinsaa akka guddatu godheera.
Abeel yeroo ramaduudhaan wantoota hafuuraarratti xiinxalaa akka ture hin shakkisiisu. Mee Abeel yommuu hoolotasaa tiksu sitti haa mulʼatu. Tikseen tokko hojii kana raawwachuuf karaa dheeraa deemuu qaba. Uumama garraamii kanaaf marga lalisaa, boolla bishaan gaʼaa qabu, akkasumas bakka gaarii itti boqotan argachuuf tulluu yaabee buʼuufi dachaa qaxxaamuree deemuun isa barbaachisa ture. Uumamawwan Waaqayyoo keessaa hoolonni dadhaboo waan taʼaniif, namoonni akka isaan tiksaniifi akka isaan eegan yaadamee kan uumaman fakkaatu. Abeelis qaamni ilmaan namootaa caalaa ogummaafi humna qabu eegumsaafi kunuunsa isaaf gochuu akka qabu hubatee turee laata? Gama kanaan Abeel miirasaa kadhannaadhaan akka ibseefi kunis amantiisaa akka isaaf jabeesse hin shakkisiisu.
Abeel wantoota Uumaan jaalala qabeessa taʼe uume ilaaluudhaan amantiisaa cimsateera
Abdii Yihowaan kenne.
Addaamiifi Hewwaan, sababa itti iddoo dhaabaa Eeden keessaa baafaman ijoolleesaaniitti himaniiru taʼa. Kanaaf, Abeel wantoota irratti xiinxalu hedduu qaba ture.
Yihowaan lafti abaaramtuu akka taatu dubbatee ture. Abeel qoraattiifi baalaanwaraantee lafarratti biqile yommuu arge, wanti kun raawwatamuusaa hubateera. Yihowaan, Hewwaan yeroo ulfooftuufi yeroo deessu rakkinni akka isheerra gaʼu dubbatee ture. Abeel quxisuuwwansaa yeroo dhalatanitti wanti dubbatame kun siʼa raawwatamu arguu hin oolu. Yihowaan, Hewwaan jaalalaafi xiyyeeffanna abbaa manaashee baayʼee akka barbaadduufi innis akka ishee hacuucu dubbatee ture. Abeel haala gaddisiisaa taʼe kana ijasaatiin argeera. Abeel wanti Yihowaan dubbate hundi sirrii taʼuusaa argeera. Kanaaf Abeel, abdii Waaqayyo “sanyii” cubbuu Eeden keessatti raawwatameen miidhaa dhufe balleessu tokko akka fidu kennerratti amantii qabaachuuf sababa gaʼaa qaba ture.—Uumama 3:15-19.
Tajaajiltoota Yihowaa.
Ilmaan namootaa yeroo sana turan keessaa namni Abeeliif fakkeenya gaarii taʼu hin turre. Haataʼu malee yeroo sana uumamawwan yaaduu dandaʼaniifi lafarra turan namoota qofa hin turre. Yihowaan, Addaamiifi Hewwaaniin Eeden keessaa yeroo baase, isaanis taʼan ijoolleensaanii gara Jannataatti galuu akka hin dandeenye godhe. Yihowaan iddoo kanatti akka hin seenneef ergamoota kiruubel jedhamaniifi iddoo guddaa qaban; akkasumas billaa akka ibiddaa bobaʼuufi gara hundumaatti nanaannaʼu karaa gara Eedenitti geessurra dhaabe.—Uumama 3:24.
Abeel yeroo ijoollee turetti kiruubelota kana yommuu inni ilaalu mee yaadi. Yeroo sana ergamoonni kun bifa namaa uffatanii namootatti waan mulʼataniif, humna guddaa isaan qaban qaamasaanii ilaaluudhaan hubachuu dandaʼa ture. ‘Billaan’ akka ibiddaa bobaʼuufi utuu walirraa hin kutin gara hundumaatti nanaannaʼus baayʼee isa ajaaʼibsiiseera taʼa. Abeel yeroo guddachaa deemu kiruubelonni kun nuffuudhaan hojiisaanii dhiisanii yommuu deeman argeeraa laata? Gonkumaa! Uumamni yaaduu dandaʼaniifi humna guddaa qaban kun, halkaniifi guyyaa ykn waggaa waggaadhaan bakka jiranii hin sochoone. Kanaaf Abeel, Yihowaan tajaajiltoota qajeeloofi amanamoo taʼan akka qabu hubachuu dandaʼa ture. Warrisaa Yihowaadhaaf amanamoofi abboomamoo taʼuu baatanis, kiruubelonni sun amala kana akka qaban hubachuu dandaʼeera. Fakkeenyi ergamoota kanaa amantii Abeel qabu akka isaaf cimse hin shakkisiisu.
Abeel, amalawwan Yihowaa wantoota inni uumerraa mulʼatan, abdii inni kenneefi fakkeenya tajaajiltootasaarratti xiinxaluunsaa amantiinsaa cimaa akka deemu godheera. Abeel amantii qabaachuudhaan fakkeenya argisiiseen harʼas dubbachaa jira jechuun ni dandaʼama. Keessumaa dargaggoonni miseensonni maatiisaanii waan fedheyyuu yoo godhan, amantii Yihowaarratti qaban guddifachuu akka dandaʼan fakkeenya Abeelirraa barachuu dandaʼu. Yeroo harʼa, uumamawwan Yihowaa dinqisiisoo taʼan, Macaafa Qulqulluufi namoota amantii argisiisuudhaan fakkeenya taʼan hedduu waan qabnuuf, amantii keenya jabeeffachuu ni dandeenya.
AARSAAN ABEEL DHIHEESSE CAALMAA KAN ARGATE MAALIIFI?
Amantiin Abeel Yihowaarratti qabu dabalaa siʼa adeemu, amantiisaa kana hojiidhaan argisiisuu barbaade. Haataʼu malee, namni tokko Uumaa uumama cufaatiif maal kennuu dandaʼa? Waaqayyo kennaa ykn gargaarsa ilmaan namootaa akka hin barbaanne beekamaadha. Abeel yeroo booda kakaʼumsa sirrii taʼeen, waan qabu keessaa isa filatamaa taʼe abbaasaa isa Samiitiif yoo dhiheesse, Yihowaan akka itti gammadu hubatee ture.
Abeel hoolotasaa keessaa isa tokko aarsaa godhee dhiheessuu barbaade. Hoolotasaa keessaa isa filatamaa taʼeefi dura dhalate aarsaa godhee dhiʼeesse. Qaayinis eebbaafi surraa Waaqayyoo argachuuf midhaan oomishu keessaa aarsaa Waaqayyoof dhiheesse. Taʼus kakaʼumsisaa akka kan Abeel hin turre. Obbolaan kun yommuu aarsaasaanii dhiheessan kakaʼumsisaanii garaagaraa akka taʼe ifatti mulʼiseera.
Ijoolleen Addaam kun, aarsaasaanii dhiheessuuf iddoo itti aarsaa dhiheessaniifi ibiddatti fayyadamaniiru taʼa. Aarsaa kana kan dhiheessan utuu kiruubelonni warri yeroo sana lafarratti Yihowaa bakka buʼan isaan arganii taʼuu dandaʼa. Yihowaan aarsaa isaan dhiheessan akkamitti ilaale? Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo gara Abeelii fi gara qalma isaa faara tolaadhaan in ilaale” jedha. (Uumama 4:4) Waaqayyo aarsaa dhihaate kanatti gammaduusaa akkamitti akka argisiise hin ibsamne. Taʼus aarsaa Abeel faara tolaadhaan kan ilaale maaliifi?
Waaqayyoon kan gammachiise aarsaa Abeel dhiheesse qofa turee? Abeel dhiiga isa gati jabeessa taʼe dhangalaasuudhaan uumama lubbuu qabu aarsaa godhee Yihowaadhaaf dhiheesseera. Aarsaan akkasii gatii guddaa qaba jedhee yaadee turee laata? Abeel erga duʼee jaarraa hedduu booda, Waaqayyo hoolaa mudaa hin qabne aarsaa godhanii akka dhiheessan sabasaa ajajeera. Aarsaan kunis dhiiga ilmasaa isa mudaa hin qabne, nuuf jedhee dhangalaʼuufi ‘hoolaa Waaqayyoo’ jedhamee waamameef gaaddidduu kan taʼu ture. (Yohannis 1:29; Baʼuu 12:5-7) Abeel garuu karaa itti wanta kana hunda beekuu ykn hubachuu dandaʼu hin qabu ture.
Wanti akka gaariitti beeknu Abeel waan qabu keessaa isa filatamaa taʼe aarsaa godhee dhiheessuusaa qofadha. Yihowaan aarsichatti qofa utuu hin taʼin, Abeelittis gammadeera. Aarsicha akka dhiheessu wanti isa kakaase jaalala Yihowaadhaaf qabuufi amantii inni isarratti qabudha.
Haalli Qaayin garuu kanarraa addadha. Yihowaan, “gara Qaayinii fi gara kennaa isaa . . . faara tolaadhaan hin ilaalle.” (Uumama 4:5) Seerri Waaqayyo yeroo booda kenne midhaan aarsaa godhanii dhiheessuu waan dabalatuuf, Yihowaan aarsaa Qaayin faara tolaadhaan ilaaluu kan dhiise aarsichi dogoggora waan taʼeef miti. (Lewwoota 6:14, 15) Macaafni Qulqulluun Qaayiniin ilaalchisee, “Hojiin ofii isaa hamaa taʼe” jedha. (1 Yohannis 3:12) Akkuma namoota hedduu yeroo harʼaa jiranii, Qaayin nama Waaqayyoof bule fakkaatee argamuunsaa qofti gaʼaa akka taʼe yaadee taʼuu hin oolu. Utuu baayʼee hin turin Yihowaarratti amantii dhugaa akka hin qabne ykn garaadhaa akka isa hin jaallanne gochasaatiin mulʼiseera.
Qaayin Yihowaan faara tolaadhaan akka isa hin ilaalle yommuu argetti fakkeenya Abeelirraa barachuuf yaalee turee? Matumaa! Kanaa mannaa obboleessasaa garmalee akka jibbu argisiisuu jalqabe. Yihowaan wanta garaa Qaayin keessa jiru waan hubateef obsaan isa gargaaruuf yaale. Adeemsisaa kun cubbuu cimaa taʼe raawwachuutti akka isa geessu kan isa akeekkachiise yommuu taʼu, yoo sirreesse garuu fudhatama akka argatu isatti hime.—Uumama 4:6, 7.
Qaayin akeekkachiisa Waaqayyo isaaf kenne wayittuu hin lakkoofne. Kanaa mannaa, quxisuusaa hamaa narraan gaʼa jedhee hin yaadne waamee gara bakkeetti fuudhee deeme. Achitti obboleessasaa kana rukutee ajjeese. (Uumama 4:8) Kanaan kan kaʼes, Abeel nama sababa amantiisaatiin yeroo jalqabaatiif ariʼatamni irra gaʼeefi ajjeefamedha jechuun ni dandaʼama. Abeel duʼus seenaansaa ammayyuu ni yaadatama.
Akka fakkeenyaatti dhiigni Abeel murtoo sirrii argachuuf gara Yihowaatti iyyachaa jira. Waaqayyos adaba gocha Qaayin inni hamaan raawwateef malu kennuudhaan murtoo sirrii raawwateera. (Uumama 4:9-12) Kana malees, amantii argisiisuudhaan seenaan Abeel galmeessise hanga harʼaatti nutti dubbachaa jira. Umrii namoota yeroo sana jiraachaa turanii wajjin yommuu walbira qabamu, Abeel yeroo gabaabaadhaaf kan jiraate taʼus, umrii gabaabduu sana akka gaariitti itti fayyadameera. Kan inni duʼe Yihowaan akka isa jaallatuufi surraasaa akka argate erga beekee boodadha. (Ibroota 11:4) Yihowaa inni waa yaadachuudhaan kan isaan dorgomu hin jirre, akka isa hin irraanfanneefi lafa deebitee jannata taaturratti duʼaa akka isa kaasu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Yohannis 5:28, 29) Yommuu Abeel duʼaa kaafamu isaa wajjin wal argitaa laata? Yeroo inni dubbatu dhagaʼuufi amantii guddaa inni argisiise hordofuuf murtoo cimaa yoo goote isaa wajjin wal arguu ni dandeessa.
a Jechi “uumama biyya lafaatii jalqabee” jedhu sanyii facaasuufi mucaa godhachuu yaada jedhu waan dabalatuuf yaanni kun ijoollee Addaamiifi Hewwaan warra jalqabaa kan argisiisudha. Haataʼu malee, Yesus Qaayin mucaa Addaamiifi Hewwaan isa angafaa utuu hin taʼin, Abeeliin “uumama biyya lafaatii” wajjin kan walbira qabe maaliifi? Murtoon Qaayin godheefi tarkaanfiin inni fudhate, taʼe jedhee Yihowaarratti kaʼuusaa kan argisiisu akka ture hubachuun ni dandaʼama. Qaayin akkuma warrasaa abdii duʼaa kaʼuu hin qabu; furiirraas faayidaa hin argatu.