Amantii—Amala Nama Cimsu
AMANTIIN humna guddaa nuuf kenna. Fakkeenyaaf, Seexanni karaa hafuuraatiin nu ajjeesuu kan barbaadu taʼus, amantiin ‘xiyyaawwan bobaʼan warra kan isa hamaa sanaa hunda ittiin dhaamsuuf’ nu gargaara. (Efe. 6:16) Amantiidhaan, rakkoowwan ciccimoo akka gaaraa taʼan dandamachuu ni dandeenya. Yesuus barattoota isaatiin akkana jedheera: “Amantii hanga firii sanaaficaa geessu utuu qabaattanii, gaara kanaan, ‘Asii kaʼiitii achi deemi’ yoo jettan ni deema.” (Mat. 17:20) Amantiin humna karaa hafuuraatiin cimuuf nu dandeessisu waan qabuuf, gaaffiiwwan kana irratti yaaduun keenya gaarii dha: Amantiin maali dha? Haalli garaa keenyaa amantii keenya irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti? Amantii keenya cimsachuu kan dandeenyu akkamitti? Amantii qabaachuu kan qabnu eenyu irratti dha?—Rom. 4:3.
AMANTIIN MAALI DHA?
Amantiin, wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu amanuu caalaa wanta dabalatu qaba, sababiin isaas “jinniiwwanis [Waaqni akka jiru] ni amanu, ni romʼus.” (Yaq. 2:19) Erga akkas taʼee amantiin maali dha?
Kitaabni Qulqulluun amantiin karaa lamaan ibsamuu akka dandaʼu dubbata. Tokkoffaa, “amantiin wanta abdatan mirkanaaʼaa taʼanii eeggachuu jechuu dha.” (Ibr. 11:1a) Amantii yoo qabaatte, wanti Yihowaan jedhe hundi dhugaa akka taʼee fi akka raawwatamu cimsitee amanta. Fakkeenyaaf, Yihowaan Israaʼelootaan akkana jedhee ture: ‘Halkanii fi guyyaan yeroo yeroo isaaniitti akka taʼaniif kakuudhaan isa ani dhaabe cabsuu yoo dandeessan duwwaa, inni ani garbicha koo Daawitii [wajjin gale] cabuu in dandaʼa.’ (Er. 33:20, 21) Aduun bahuu fi lixuu dhiistee guyyaanii fi halkan taʼuun ni hafa jettee shakkitee beektaa? Seerri uumamaa lafti of irra akka naannoftuu fi aduutti akka marsitu kan godhu taʼuu isaa erga hin shakkinee, Waaqayyo inni seera kana uume abdii kenne raawwachuu akka dandaʼu ni shakkitaa? Si shakkisiisuu hin qabu!—Isa. 55:10, 11; Mat. 5:18.
Lammaffaa, amantiin “ragaa wantoonni dhugaa taʼan kan hin mulʼanne taʼanis jiraachuu isaanii . . . argisiisu dha.” Amantiin “ragaa,” ykn “ragaa amansiisaa,” wantoota ijaan hin mulʼannee fi hin dhugoomneeti jedhamee ibsamuu dandaʼa. (Ibr. 11:1b; milj.) Karaa kamiin? Daaʼimni tokko, ‘Qilleensi jiraachuu isaa akkamitti beekta?’ jedhee si gaafate haa jennu. Qilleensa argitee kan hin beekne taʼus, ragaawwan qilleensi jiraachuu isaa mirkaneessan kan akka hargansuu, dhiibbaa qilleensaa fi kan biroo irratti akka yaadu isa gargaaruu dandeessa. Mucaan kun siʼa tokko ragaa amansiisaa erga argatee booda, wanti ijaan hin mulʼanne akka jiru ni amana. Haaluma wal fakkaatuun, amantiinis ragaa cimaa irratti kan hundaaʼe dha.—Rom. 1:20.
YAADA GARAA SIRRII QABAACHUUN BARBAACHISAA DHA
Amantiin ragaa irratti waan hundaaʼuuf, namni tokko amantii qabaachuudhaaf jalqaba “beekumsa dhugaa isa sirrii taʼe” argachuu qaba. (1 Xim. 2:4) Haa taʼu malee, beekumsi qofti gaʼaa miti. Phaawulos ergamaan, “namni garaa isaatti amanee qajeelaa taʼa” jedhee barreesseera. (Rom. 10:10) Namni tokko dhugaa amanuu qofa utuu hin taʼin, iddoo guddaa kennuufii qaba. Amantii qabaachuuf kakaʼuu jechuunis karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraachuu kan dandaʼu yoo akkas taʼe qofa dha. (Yaq. 2:20) Namni garaadhaa dhugaa hin dinqisiifanne tokko ragaan amansiisaan yoo jiraate iyyuu wanta duraan itti amanu ykn wanta gochuu barbaadu sana dhiisuu hin barbaadu taʼa. (2 Phe. 3:3, 4; Yih. 18) Bara duriitti, namoonni yeroo dinqiin raawwatamu argan amantii kan hin horanne kanaaf ture. (Lak. 14:11; Yoh. 12:37) Hafuurri qulqulluun amantii akka horatan kan gargaaru namoota garaadhaa dhugaa jaallatan qofa dha.—Gal. 5:22; 2 Tas. 2:10, 11.
DAAWIT AMANTII CIMAA KAN HORATE AKKAMITTI?
Namoota amantii cimaa qaban keessaa tokko Daawit Mooticha dha. (Ibr. 11:32, 33) Haa taʼu malee, maatiin Daawit hundi amantii akkasii qaba jechuu miti. Fakkeenyaaf, yeroo tokko Eliiyaab inni obboleessa Daawit isa hangafaa ture wanta Daawit lola Goliyaad wajjin godhamu ilaalchisee dubbatetti dheekkamuudhaan amantii akka hin qabne argisiiseera. (1 Sam. 17:26-28) Namni amantii waliin dhalates taʼee, maatii isaa irraa dhaale hin jiru. Kanaafuu, amantiin Daawit hariiroo inni dhuunfaatti Yihowaa waliin qabu irratti kan hundaaʼe dha.
Faarfannaan 27 Daawit amantii cimaa akkasii qabaachuu kan dandaʼe akkamitti akka taʼe ibsa. (Lakk. 1) Daawit muuxannoo isaa isa kanaan duraa fi Yihowaan diinota isaa irraa akkamitti akka isa oolche irratti xiinxala ture. (Lakk. 2, 3) Qophii Yihowaan waaqeffannaadhaaf godheef dinqisiifannaa guddaa qaba. (Lakk. 4) Daawit warra Yihowaa waaqeffatan kaan wajjin taʼuudhaan godoo qulqullaaʼaa keessatti Yihowaa waaqeffata ture. (Lakk. 6) Kadhannaa garaadhaa maddeen Yihowaa barbaaddata ture. (Lakk. 7, 8) Kana malees Daawit daandii Waaqayyoo barachuu barbaada. (Lakk. 11) Amantiin baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa irraa kan kaʼe Daawit: “Utuun amantii hin qabu taʼee, silaa maalan taʼan ture?” jechuudhaan gaafateera.—Lakk. 13. (NW)
AMANTII KEE CIMSACHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
Yaadaa fi barsiifata Faarfannaa 27 irratti ibsame yoo hordofte amantii akka Daawit qabaachuu ni dandeessa. Amantiin beekumsa sirrii irratti waan hundaaʼuuf, caalaatti Dubbii Waaqayyoo fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan kan qoʼattu yoo taʼe, amala firii hafuura Waaqayyoo taʼe kana horachuun siif salphata. (Far. 1:2, 3) Yeroo qoʼannaa keetti xiinxaluuf yeroo ramadi. Akkuma biyyoon biqiltuun akka guddatu godhu xiinxaluunis dinqisiifannaa keenya guddifachuuf nu gargaara. Dinqisiifannaan Yihowaadhaaf qabdu cimaa yommuu adeemu, gumii keessatti Yihowaa waaqeffachuu fi waaʼee abdiiwwan keetii warra kaanitti himuudhaan amantii akka qabdu argisiisuu barbaadda. (Ibr. 10:23-25) Akkasumas, “utuu abdii hin kutatin kadhachuu” keenya itti fufuudhaan amantii akka qabnu argisiisuu dandeenya. (Luq. 18:1-8) Kanaafuu, akka ‘inni siif yaadu’ amanuudhaan ‘utuu gargar hin kutin kadhannaadhaan’ Yihowaatti dhihaadhu. (1 Tas. 5: 17; 1 Phe. 5:7) Amantiin hojiidhaaf nu kakaasa, hojiidhaan argisiisuun keenya immoo amantii keenya nuuf cimsa.—Yaq. 2:22.
YESUUS IRRATTI AMANTII QABAADHAA
Yesuus galgala duʼuu isaa dura turetti barattoota isaatiin, “Waaqayyotti amanaa, anattis amanaa” jedhee ture. (Yoh. 14:1) Kanaafuu, Yihowaa qofatti utuu hin taʼin Yesuusittis amanuu qabna. Yesuus irratti amantii qabaachuu kan dandeessu akkamitti? Mee karaawwan kana gochuu itti dandeenyu sadi haa ilaallu.
Tokkoffaa, furicha akka kennaa dhuunfaa Yihowaan siif kenneetti ilaali. Phaawulos ergamaan, “Kanan jiraadhu, amantii ani Ilma Waaqayyoo isa ana jaallatee fi anaaf jedhee dabarsee of kenne irratti qabuuni dha” jechuudhaan dubbateera. (Gal. 2:20) Yesuus irratti amantii yoo qabaatte, furichi dhuunfaatti akka siif kaffalame, cubbuu keetiif dhiifama argachuuf buʼuura akka taʼe, abdii bara baraaf jiraachuu akka siif argamsiisee fi Waaqayyo akka si jaalatu kan siif mirkaneessu taʼuu isaa cimsitee amanta. (Rom. 8:32, 38, 39; Efe. 1:7) Furichi si gargaaruu akka dandaʼu yoo amante, miirri balleessaa fi miirri gadheen sitti hin dhagaʼamu.—2 Tas. 2:16, 17.
Lammaffaa, aarsaa Yesuus irratti hundaaʼuudhaan kadhannaadhaan gara Yihowaatti dhihaadhu. Sababii furichaatiin, “yeroo gargaarsi nu barbaachisutti gara laafinaa fi gaarummaa guddaa akka argannuuf, sodaa tokko malee” kadhannaadhaan gara Yihowaatti dhihaachuu dandeenya. (Ibr. 4:15, 16; 10:19-22) Kadhannaan murtoo qorumsa cubbuu dandamachuuf goone nuuf cimsa.—Luq. 22:40.
Sadaffaa, Yesuusiif ajajami. Yohaannis ergamaan, “Ilmatti kan amanu jireenya bara baraa qaba; Ilmaaf kan hin ajajamne garuu, dheekkamsa Waaqayyootu isa irra jiraata malee jireenya hin argu” jechuudhaan barreesseera. (Yoh. 3:36) Yohaannis amantii qabaachuu ajajamuu diduu wajjin wal bira qabee akka ibse hubadhu. Kanaafuu, yommuu Yesuusiif ajajamtu isatti akka amantu argisiisaa jirta jechuu dha. “Seera Kiristoos” jechuunis wanta inni barsiisee fi ajaje hunda hordofuudhaan Yesuusiif ajajamuu dandeessa. (Gal. 6:2) Akkasumas qajeelfama “garbichi amanamaanii fi ogeessi” kennu hordofuudhaan Yesuusiif ajajamuu dandeessa. (Mat. 24:45) Yesuusiif ajajamuudhaan rakkoowwan ciccimoo taʼan dandamachuuf cimina qabaatta.—Luq. 6:47, 48.
‘AMANTII KEESSAN ISA HUNDUMAA CAALAA QULQULLUU TAʼE IRRATTI OF IJAARAA’
Yeroo tokko, namichi tokko sagalee isaa ol kaasee Yesuusiin: “Nan amana! Amantii koo caalaatti anaaf cimsi!” jedhee ture. (Mar. 9:24) Namichi kun hamma tokko amantii qaba ture; taʼus gad of qabuudhaan amantiin dabalataa akka isa barbaachisu hubateera. Akkuma namicha kanaa hundi keenya yeroo taʼe tokkotti amantiin dabalataa nu barbaachisa. Akkasumas hundi keenya amma amantii keenya cimsachuu ni dandeenya. Akkuma olitti ilaalle, Dubbii Waaqayyoo yommuu dubbisnuu fi irratti xiinxallu amantiin keenya ni cima; kunis dinqisiifannaan Yihowaadhaaf qabnu akka guddatu godha. Kana malees obboloota hidhata amantii keenyaa taʼan wajjin Yihowaa yommuu waaqeffannu, waaʼee abdii keenyaa warra kaanitti yommuu himnuu fi kadhannaatti yommuu jabaannu amantiin keenya ni cima. Amantii keenya yommuu cimsannu immoo badhaasa guddaa hunda irra caalu arganna. Dubbiin Waaqayyoo, “Yaa obboloota jaallatamo, amantii keessan isa hundumaa caalaa qulqulluu taʼe irratti of ijaaruudhaan . . . jaalala Waaqayyoo keessatti of eegaa” jechuudhaan nu jajjabeessa.—Yih. 20, 21.