-
Uumamni Ogummaa Waaqayyoo ArgisiisaMasaraa Eegumsaa—2008 | Adoolessa 1
-
-
Uumamni Ogummaa Waaqayyoo Argisiisa
‘Inni bineensota lafaa caalaatti nu barsiisa, simbirrootaafi allaattota qilleensa keessa balali’an caalaas, ogeessota nu godha.’—IYOOB 35:11.
SIMBIRROONNI dandeettii nama ajaa’ibsiisu qabu. Akka barbaadan qilleensarra gaggaragaluunsaanii namoota xiyyaara hojjetan ajaa’ibsiisa. Gosoonni simbiraa tokko tokko, galaana mallattoo tokkoyyuu hin qabneefi kiilomeetira kumaan lakkaa’amu bal’atu qaxxaamuranii rakkina tokko malee bakka barbaadan ga’u.
Dandeettiin simbirrootaa nama ajaa’ibsiisuufi ogummaa Uumaasaanii argisiisu inni kaanimmoo, wacasaaniitiin walii galuu danda’uusaaniiti. Fakkeenya tokko tokko ilaali.
Waca Simbiraa
Gosawwan simbiraa tokko tokko utuma hanqaaquu keessa jiranii yaada walii dabarsuu jalqabu. Fakkeenyaaf, gogorriin guyyaa guyyaatti hanqaaquu tokko, jechuunis guyyaa saddeetitti hanqaaquu saddeet buusti. Hanqaaquuwwan kun cuucii kan ta’an duraa duuba itti buufamaniin utuu ta’ee, yaafamuuf guyyaa saddeet itti fudhata ture. Utuu akkas ta’ee, haati sun hanqaaquu isa dhumaa hammachuufi cuucota yaafaman kunuunsuutti rakkatti turte. Isheen garuu, cuucota hundumaa sa’aatii ja’a gidduutti yaasti. Kun akkamitti ta’uu danda’e? Hayyoonni akka jedhanitti, sababiin inni tokko cuuconni gogorrii utuma hanqaaquu keessa jiranii waan walii galaniifi akka yaafamuu barbaadan sagalee waan dhageessisaniifidha.
Simbirroonni yommuu guddatan, yeroo baay’ee warra kormaatu waca. Kan wacanis, keessumaa yeroo hormaataatti ennaa ta’u, kanas kan godhan daangaasaanii eegsisuufi simbira dhaltuu ofitti harkisuufidha. Gosoonni simbiraa kumaan lakkaa’aman hundi, qooqa mataasaanii kan qaban yommuu ta’u, kunimmoo simbirroonni dhaltuun simbirroota kormaa gosasaanii ta’an beekuuf isaan gargaara.
Simbirroonni yeroo baay’ee kan wacan barii barraaqaafi erga aduun lixxee booda yommuu ta’u, sababii kana itti godhaniifis qabu. Sa’aatii kanatti qilleensis ta’e sagalee baay’een hin jiraatu. Warri qorannoo geggeessan, wacni simbirroonni ganamaafi gara galgalaa dhageessisan, waca guyyaa walakkaa dhageessisanirra harka 20 caalaa akka dhaga’amu hubataniiru.
Yeroo baay’ee kan wacan warra kormaa yoo ta’aniyyuu, warri kormaanis warri dhaltuunis waca addaddaa ykn sagalee gaggabaabaa ergaa tokko dabarsu ni dhageessisu. Fakkeenyaaf gosti simbiraa chaafiinchi jedhamu waca akaakuu sagal dhageessisa. Simbirroonni kun, allaattiin isaan nyaachuuf qilleensarra balali’aa jiraachuusaa ibsuuf sagalee tokko kan dhageessisan ennaa ta’u, balaan lafarraa isaanitti dhufaa akka jiru ibsuufimmoo sagalee garabiraa dhageessisu.
Kennaa Hundarra Caalu
Dhugumayyuu ogummaan simbirroonni uumamaan argatan kan nama ajaa’ibsiisudha. Haata’u malee, yaadaan walii galuu ilaalchisee, dandeettiin namoonni qaban caalaatti kan nama ajaa’ibsiisudha. Iyoob 35:11, Waaqayyo namoota, “simbirrootaa fi allaattota qilleensa keessa balali’an caalaas, ogeessota” godhee akka uume dubbata. Wanti dandeettii namootaa adda godhu, sagaleedhaan ykn sochii qaamaatiin yaadawwan dhokataafi rakkisaa ta’an ibsuu danda’uusaaniiti.
Haala uumama kamirraayyuu adda ta’een, daa’imman qooqa rakkisaa ta’an barachuuf dandeettii kan qaban fakkaata. Barreeffamni Ameerikaan Saayintiist jedhamuufi intarneetiidhaan dhihaatu tokko, “Daa’imman yoo warrisaanii kallattiidhaan isaan barsiisuu baataniyyuu, afaan tokko barachuu danda’u. Daa’imman gurrisaanii hin dhageenye, mana keessatti afaan mallattoo barachuuf carraa kan hin qabne ta’aniyyuu, afaan kana ofiisaaniitii uummatu” jedheera.
-
-
Uumamni Ogummaa Waaqayyoo ArgisiisaMasaraa Eegumsaa—2008 | Adoolessa 1
-
-
Beekumsa Kana Erga Argattee Booda Maaltu Sitti Dhaga’ama?
Waca simbiraa ykn sagalee daa’ima reefuu dubbachuu jalqabee yommuu dhageessu maaltu sitti dhaga’ama? Ogummaa Waaqayyoo wantoota inni uumerraa ni hubattaa?
Daawwit faarfatichi akkaataa itti uumamerratti erga xiinxalee booda Waaqayyoon, “Isa ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata siif nan galcha; gochaan kee waanuma raajii ti, anis kana ba’eessa godhee nan beeka” jedheera. (Faarfannaa 139:14) Ogummaa Waaqayyoo isa uumamasaarratti mul’aterratti erga xiinxaltee booda, dandeettii inni qajeelfama gaarii sii kennuuf qabu ilaalchisee amantaan qabdu akka guddatu beekamaadha.
-
-
Humni Waaqayyoo Urjootarratti Ni Mul’ataMasaraa Eegumsaa—2008 | Adoolessa 1
-
-
Humni Waaqayyoo Urjootarratti Ni Mul’ata
“Mee ol jedhaatii ija keessaniin ilaalaa! Urjoota kana hundumaa eenyutu uume? Macca isaanii lakkoobsaan eenyutu gad yaasa? Hunduma isaaniis maqaa maqaadhaan in waama, inni humna-qabeessaa fi aango-qabeessa waan ta’eef, isaan keessaa kan dhabamu tokko illee hin jiru.”—ISAAYAAS 40:26.
ADUUN urjii guddinnishee giddu galeessa ta’edha. Kanumayyuu ta’ee, lafarra harka 330,000 caalti. Urjiiwwan naannoo aduutti argaman baay’eensaanii isheerra ni xinnaatu. Urjiiwwan kaan garuu isheerra ni guddatu. Fakkeenyaaf urjiin V382 Siignii jedhamu aduurra gara harka 27 ni caala.
Aduun humna hammamii maddisiisti? Ibiddi fageenya kiilomeetirii 15 fagaaturratti boba’u utuu sitti ho’ee hangam cimaa akka ta’e yaadi. Aduun lafarraa gara kiilomeetirii miliyoona 150 fagaatti. Ta’us guyyaa aduu cimaan jirutti ho’ishee gogaa namaa waxala! Kan nama ajaa’ibsiisu, humna aduun maddisiistu keessaa gara lafaa kan dhufu biliyoona keessaa gara harka tokkoo qofadha. Ta’us, humni kun jireenya lafarratti argamu jiraachisuuf ga’aadha.
Humni aduu, pilaanetoota akka lafaa tiriliyoona 31 ta’aniif ga’aa akka ta’e saayintiistonni hubachuu danda’aniiru. Humna guddaa kana jecha garabiraadhaan ibsuuf, humni aduun maddisiistu sekoondii tokkoof qofa utuu walitti qabamee, Yuunaayitid Isteetis “humna elektiriikii waggoota 9,000,000iif ta’u akka argattu ishee gargaara” jechuudhaan Weeb saayitiin Ispees Weezar Priidiikshin Seentar (SWPC) jedhamu ibseera.
Handhuura aduutti jechuunis bakka nuwkulariin maddutti atoomonni walitti rukutamanii humna hangana hin jedhamne uumu. Aduun baay’ee guddoofi handhuurrisheemmoo gobbuu waan ta’eef, humni iddoo sanaa madde gubbaasheetti ba’uuf waggoota miliyoonaan lakkaa’aman fudhata. “Amma, aduun humna maddisiisuu utuu dhaabdee, humni kun dhaabachuunsaa kan nutti beekamu waggaa 50,000,000 boodadha” jechuudhaan Weeb saayitiin SWPC jedhamu ibseera.
Mee ammammoo dhugaa kana ilaali: Halkaniin samii yommuu ol ilaaltu, urjiiwwan kumaan lakkaa’amaniifi akkuma aduu humna guddaa maddisiisuu danda’an argita. Saayintiistonni, uumama cufaa keessa urjiiwwan biliyoona hedduutti lakkaa’aman akka jiran ibsaniiru!
Urjiiwwan kun hundi eessaa dhufan? Hayyoonni qorannaa godhan hedduun, uumamni cufti waggoota biliyoona 14 dura akkuma tasaa jiraachuu jalqabe jedhanii kan amanan ta’uyyuu, sababii kun itti ta’uu danda’e hubachuu hin dandeenye. Macaafni Qulqulluun salphaadhumatti, “Waaqayyo jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume” jedha. (Uumama 1:1) Qaamni urjoota humna guddaa maddisiisan uume “humna-qabeessa” jedhamuu akka danda’u hin shakkisiisu.—Isaayaas 40:26.
-