CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME
Roomaa 12:12—“Abdichatti Gammadaa, Rakkina Keessatti Jabaadhaa Dhaabbadhaa, Kadhannaatti Jabaadhaa”
“Abdichatti gammadaa. Rakkina keessatti jabaadhaa dhaabbadhaa. Kadhannaatti jabaadhaa.”—Roomaa 12:12, Hiika Addunyaa Haara.
“Abdii qabdanitti gammadaa; rakkina obsaa; Waaqayyoon kadhachuuttis cimaa!”—Roomaa 12:12, Hiika Bara 1997.
Hiika Roomaa 12:12
Phaawulos ergamaan caqasa kana irratti, ariʼatamniis taʼe rakkoon kan biraa yommuu isaan irra gaʼu amanamoo taʼuuf akka isaan gargaaruuf wantoota sadii akka godhan Kiristiyaanota Roomaa keessa jiran jajjabeesseera.
“Abdichatti gammadaa.” Kiristiyaanonni abdii ajaaʼibsiisaa bara baraaf jiraachuu, jechuunis muraasni isaanii abdii samii irra jiraachuu, hedduun isaanii immoo abdii lafa jannata taatu irra jiraachuu qabu. (Faarfannaa 37:29; Yohaannis 3:16; Mulʼata 14:1-4; 21:3, 4) Abdiin kun Mootummaan Waaqayyooa rakkoowwan ilmaan namootaa dararaa jiran hundaaf yeroo furmaata argamsiisu arguu dabalata. (Daaniʼel 2:44; Maatewos 6:10) Namoonni Waaqayyoon tajaajilan, abdiin isaanii amansiisaa akka taʼee fi jabaatanii dhaabbachuun isaanii Waaqayyo duratti fudhatama akka isaaniif argamsiisu amananii waan fudhataniif utuma haalawwan rakkisoo keessa jiranii illee gammadoo dha.—Maatewos 5:11, 12; Roomaa 5:3-5.
“Rakkina keessatti jabaadhaa dhaabbadhaa.” Kitaaba Qulqulluu keessatti, jechi Afaan Giriikii “jabaatanii dhaabbachuu” jedhu, yeroo baayʼee ergaa “baqachuu mannaa bakkuma jiran turu; utuu wal irraa hin kutin carraaqqii gochuu; ejjennoo ofii laaffisuu dhiisuu” jedhu dabarsa. Duuka buutonni Kiristoos “kutaa addunyaab waan hin taaneef,” ariʼatamni akka isaan irra gaʼu beeku, jabaatanii dhaabbachuun kan isaan barbaachisus kanaafi. (Yohaannis 15:18-20; 2 Ximotewos 3:12) Kiristiyaanni tokko rakkoowwan dandamachuun kan isa barbaachisu taʼu illee, amanamummaadhaan Waaqayyoon yommuu tajaajilu, amantiin isaa kun dhuma irratti Waaqayyo akka isa eebbisu waan isaaf mirkaneessuuf isa cimsa. (Maatewos 24:13) Amantii cimaa akkasii qabaachuun isaa immoo rakkoowwan isa mudatan obsaa fi gammachuudhaan akka dandamatu isa gargaara.—Qolosaayis 1:11.
“Kadhannaatti jabaadhaa.” Kiristiyaanonni Waaqayyoof amanamoo taʼanii jiraachuuf, kadhachuu isaanii akka itti fufan irra deddeebiʼuudhaan jajjabeeffamaniiru. (Luqaas 11:9; 18:1) Kallattii jireenya isaanii hundaan yeroo hunda qajeelfama Waaqayyoo barbaaduu fi isatti amanamuu qabu. (Qolosaayis 4:2; 1 Tasalonqee 5:17) Waaqayyoof waan ajajamanii fi isa gammachiisuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda waan godhaniif, wanta isa gaafatan akka argatan ni amanu. (1 Yohaannis 3:22; 5:14) Kana malees, kadhannaa gochuu isaanii yoo itti fufan, qorumsi akkamii iyyuu yoo isaan irra gaʼe Waaqayyo jabina amanamoo taʼanii jiraachuuf isaan barbaachisu akka isaaniif kennu beeku.—Filiphisiyus 4:13.
Yaada Naannoo Roomaa 12:12tti argamu
Phaawulos xalayaa isaa kana kan barreesse, Kiristiyaanota Dh.K.B. bara 56tti Roomaa keessa jiraachaa turaniifi dha. Xalayaa isaa boqonnaa 12 irratti, karaawwan amalawwan Kiristiyaanaa argisiisuu itti dandeenyu, namoota hidhata amantii keenyaa taʼanii wajjinis taʼe namoota kaanii wajjin akkamitti jiraachuu akka qabnu, akkasumas yeroo ariʼatamni nu irra gaʼu tarkaanfii akkamii fudhachuu akka qabnu ilaalchisee gorsa hojii irra ooluu dandaʼu kenneera. (Roomaa 12:9-21) Yeroo muraasa booda ariʼatamni cimaan waan isaan irra gaʼuuf jedhuuf, kun gorsa yeroo isaatti isaaniif kenname ture.
Waggoota muraasa booda, jechuunis Dh.K.B. bara 64tti ibiddi kaʼe magaalaa Roomaa irratti badii guddaa geessise. Ibidda kana kan qabsiise Mootii Moototaa Roomaa Neeroo akka taʼe dubbatama. Akka barreessaa seenaa warra Roomaa kan taʼe Taasiitas jedhetti, Neeroon Kiristiyaanotatti qabachuudhaan of oolchuuf yaalii godheera. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, kun Kiristiyaanota irratti ariʼatamni cimaan akka kaʼu taasiseera. Phaawulos akkamitti ariʼatama akka dandamatan ilaalchisee gorsi isaaniif kenne, yeroo rakkisaa sana amantii fi kabajaan akka moʼan isaan gargaareera. (1 Tasalonqee 5:15; 1 Pheexiros 3:9) Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiraatan fakkeenya isaanii irraa barumsa hedduu argatu.
Viidiyoo qabiyyee kitaaba Roomaa gabaabsee ibsu kana daawwadhu.
a Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa samii Waaqayyo hundeessee fi fedhii isaa isa lafaaf qabu raawwachuuf itti fayyadamu dha. Odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree “Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?” jedhu ilaali.
b Kitaaba Qulqulluu keessatti, jechi “addunyaa” jedhu hawaasa ilmaan namootaa Waaqayyo irraa fagaate argisiisa.