“Hafuura Gubaa Qabaadhaa!”
“Waa dhimma baasuudhaaf hin dhibaa’inaa! Hafuura gubaa qabaadhaa! Gooftichaafis of irraa bu’aa hojjedhaa!”—ROM. 12:11.
1. Israa’eloonni aarsaa horiifi kennaawwan kan biraa kan dhiheessan maaliif ture?
YIHOWAAN aarsaa tajaajiltoonnisaa akka isa jaallataniifi abboommiisaatiif akka bitaman ibsuuf fedhiidhaan dhiheessan ni dinqisiifata. Bara duriitti, aarsaawwan horii addaddaafi kennaawwan kaanis fudhateera. Akka Seera Museetti kana kan godhan, Israa’eloota cubbuu hojjetaniifi dhiifama argachuu barbaadan, akkasumas galatasaanii ibsuu barbaadan turan. Gumii Kiristiyaanaa keessatti garuu, Yihowaan kallattiidhaan aarsaa akkasii akka isaa dhiheessinu nurraa hin eegu. Haata’u malee, Phaawulos ergamaan ergaa Kiristiyaanota Roomaatiif erge boqonnaa 12rratti ammas aarsaa dhiheessuun akka nurraa eegamu ifa godheera. Akkamitti akka dhiheessinu haa ilaallu.
Aarsaa Jiraatu
2. Kiristiyaanota waan taaneef jireenya akkamii jiraachuu qabna? Kunoo maal kan dabalatudha?
2 Roomaa 12:1, 2 dubbisi. Phaawulos jalqaba ergaasaarratti, Yihudootas ta’an warri Yihudoota hin taane, Kiristiyaanonni dibamoon hundi hojiidhaan utuu hin ta’in amantiisaaniitiin Waaqayyo biratti akka qajeelootti akka ilaalaman ibseera. (Rom. 1:16; 3:20-24) Boqonnaa 12rratti, Phaawulos Kiristiyaanonni fedhii ofii aarsaa godhanii jiraachuudhaan galateeffannaasaanii argisiisuu akka qaban ibseera. Kana gochuufimmoo yaada keenya sirreessuu qabna. Cubbuu waan dhaalleef, “seera cubbuu isa du’atti nama geessu” jala jirra. (Rom. 8:2) Kanaafuu, ilaalchawwan keenya guutummaatti jijjiiruudhaan, ‘hafuura yaada garaa keenyaa keessatti haareffamuu’ nu barbaachisa. (Efe. 4:23) Jijjiirama guddaa akkasii gochuu kan danda’amu, gargaarsa Waaqayyoofi hafuura qulqulluutiin qofadha. Gama keenyaanis dandeettii yaaduu keenyatti fayyadamuudhaan, carraaqqii cimaa gochuu gaafata. Kana jechuun, biyya lafaa amallisaa manca’aa, bohaartiinsaafi yaannisaa xuraa’aa ta’e kana hordofuudhaan ‘fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa akka hin buune’ hamma dandeenye carraaqna jechuudha.—Efe. 2:1-3.
3. Sochiiwwan Kiristiyaanaarratti kan hirmaannu maaliifi?
3 Kana malees Phaawulos, “jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta’e gargar baasuudhaaf” dandeettii yaaduu keenyatti akka fayyadamnu nu afeereera. Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu kan dubbisnu, waan dubbisnerratti kan xiinxallu, kan kadhannu, walga’iiwwan gumiirratti kan argamnuufi misiraachoo Mootummichaa lallabuurratti kan hirmaannu maaliifi? Jaarsoliin gumii kana akka goonu waan nu yaadachiisaniif kan isaan galateeffannu ta’us, kana kan goonu waan isaan nu gorsaniif qofa miti. Kanaa mannaa, hafuurri Waaqayyoo jaalala dhugaa Yihowaadhaaf qabnu akka argisiisnu waan nu kakaasuufidha. Kana malees, wantoota kana raawwachuun keenya fedha Waaqayyoo akka ta’e ni amanna. (Zak. 4:6; Efe. 5:10) Jireenya Kiristiyaanaa isa dhugaa jiraachuudhaan, Waaqayyo duratti fudhatama argachuu akka dandeenyu beekuun gammachuu guddaa nuu argamsiisa.
Kennaa Garagaraa
4, 5. Jaarsoliin gumii kennaawwansaaniitti akkamitti fayyadamuu qabu?
4 Roomaa 12:6-8, 11 dubbisi. Phaawulos, “Akka ayyaana Waaqayyoo isa nuuf kennameetti kennaa garaa garaa qabna” jedheera. Kennaawwan Phaawulos ibse keessaa tokko tokko, gorsuufi dura bu’uu yommuu ta’an, keessumaa kun jaarsolii gumii ‘dhimmanii’ kana akka raawwatan gorfaman kan ilaallatudha.
5 Phaawulos, ilaaltonni olaanaa hojiinsaanii barsiisuufi “hojiidhaan nama gargaaruu” ta’es akkuma kana dhimmuu akka qaban dubbateera. Yaanni naannoo caqasichaa jiru akka argisiisutti, Phaawulos waa’ee “hojii” gumii “dhagna tokkotti” fakkeeffame keessatti raawwatamuu caqasuusaa ture. (Rom. 12:4, 5) Hojiin sun isa Hojii Ergamootaa 6:4rratti ibsamee wajjin wal fakkaata; achirratti ergamoonni Yesus, “Kadhataa fi lallaba dubbii Waaqayyoof ergamuutti in qabamna” jechuudhaan dubbataniiru. Hojiin akkasii maal gochuu dabalata? Jaarsoliin gumii, kennaawwansaaniitti fayyadamanii miseensota gumii Kiristiyaanaa jajjabeessu. Dhimmanii qayyabachuu, qorannaa gochuu, barsiisuufi dhaqanii isaan daawwachuudhaan, Dubbii Waaqayyoorraa gumiidhaaf qajeelfamaafi barumsa yommuu kennan, “hojiidhaan nama gargaaruu” isaanii argisiisu. Ilaaltonni olaanaan dammaqinaan hoolota Waaqayyoo eeguufi kennaa qabanitti “fuula ifaadhaan” hojjechuu qabu.—Rom. 12:7, 8; 1 Phe. 5:1-3.
6. Gorsa Roomaa 12:11 isa caqasa mataduree kanaa ta’erratti kenname hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?
6 Phaawulos itti dabaluudhaan, “Waa dhimma baasuudhaaf hin dhibaa’inaa! Hafuura gubaa qabaadhaa! Gooftichaafis of irraa bu’aa hojjedhaa!” jedheera. Tajaajila keenyarratti hinaaffaa kan hin qabne yoo taane, qo’annaa dabalataa gochuu, akkasumas hafuura Yihowaa argachuuf garaadhaa irra deddeebinee kadhachuun nu barbaachisa. Kana gochuun, dadhabbii akkamiiyyuu moonee hinaaffaa keenya itti qabsiisuuf nu gargaaruu danda’a. (Luq. 11:9, 13; Mul. 2:4; 3:14, 15, 19) Hafuurri qulqulluun Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa waa’ee “hojii Waaqayyoo isa dinqisiisaa” akka dubbatan humna isaanii kennee ture. (HoE. 2:4, 11) Haaluma wal fakkaatuun, nuyis tajaajila keenyatti hinaaffaafi ‘hafuura gubaa akka qabaannu’ nu kakaasuu danda’a.
Gad Of Deebisuu
7. Gad of deebisuudhaan tajaajiluu kan qabnu maaliifi?
7 Roomaa 12:3, 16 dubbisi. Kennaawwan qabnu “ayyaana” Yihowaatiin kan argannedha. Bakka biraatti Phaawulos, “Hammi danda’aa keenyaa Waaqayyo biraa in ba’a” jedheera. (2 Qor. 3:5) Kanaaf, sababii itti of jejnuuf hin qabnu. Tajaajilarratti milkaa’ina kan argannu dandeettii keenyaan utuu hin ta’in, Waaqayyo waan nu eebbiseef ta’uusaa amannee fudhachuu qabna. (1 Qor. 3:6, 7) Yaada kanaa wajjin haala wal simuun Phaawulos, “Namni waan yaaduun isaaf ta’u caalaatti akka of hin yaadne, tokkon tokkon keessanitti nan hima” jedheera. Ofiif kabaja qabaachuufi tajaajila raawwannutti gammaduun keenya barbaachisaadha. Haata’u malee, gad of deebisuun ykn dandeettiin keenya murtaa’aa ta’uusaa hubachuun yaada warra kaanii fudhachuu diduurraa nu eega. ‘Akka of ilaaluun nuu ta’utti yaaduu’ barbaanna.
8. ‘Nuyi ogeessota ofiin jechuurraa’ of qusachuu kan dandeenyu akkamitti?
8 Milkaa’ina arganneen of jajuun gowwummaadha. ‘Kan guddisu Waaqayyodha.’ (1 Qor. 3:7) Phaawulos, Waaqayyo miseensa gumii hundaaf ‘adduma addaan amantiin akka kenne’ ibseera. Warra kaanii ol akka taane yaaduu mannaa, wanta isaan hamma amantii isaanii kennamee sanaa raawwatan hubachuu qabna. Kana malees Phaawulos, “Waa’ee walii keessaniif yaada tokko qabaadhaa” jedheera. Ergaasaa kan biraarrattimmoo, “Gad of deebisuudhaan warra kaan of irra caalchisaa lakkaa’aa malee, yaada ofittummaatiin yookiis of dhiibuudhaan waan tokko illee hin hojjetinaa!” jechuudhaan nutti hima. (Filp. 2:3) Obboloonni keenya hundumtuu karaa ta’e tokkoon akka nu caalan hubachuuf, dhugumaan gad of deebisuufi carraaqqii guddaa gochuun barbaachisaadha. Gad of deebisuun ‘nuyi ogeessota akka ofiin hin jenne’ nu gargaara. Muraasni keenya gumii keessatti itti gaafatamummaa adda ta’e waan qabnuuf namoonni xiyyeeffannaa kan nuu kennan ta’us, namni hundi hojiiwwan warri kaan hin hubanneefi “gad deebi’an” hojjechuutti gammachuu guddaa argata.—1 Phe. 5:5.
Tokkummaa Gumii Keessatti Qabnu
9. Phaawulos Kiristiyaanota hafuuraan dhalatan buusaawwan dhagnaa wajjin kan wal fakkeesse maaliifi?
9 Roomaa 12:4, 5, 9, 10 dubbisi. Phaawulos, Kiristiyaanota dibamoo buusaawwan dhagnaa Kiristos isa Mataasaanii ta’e jalatti tokkummaadhaan tajaajilanii wajjin wal fakkeesseera. (Qol. 1:18) Phaawulos, dhagni tokko buusaawwan dhagnaa hedduu hojii addaddaa hojjetan akkuma qabu, isaanis akkasuma ‘utuma baay’ee ta’anii jiranii Kiristositti dhagna tokko’ akka ta’an Kiristiyaanota hafuuraan dhalatan yaadachiiseera. Haaluma wal fakkaatuun, Phaawulos akkas jechuudhaan Kiristiyaanota dibamoo Efesoon keessa turan gorseera: “Kottaa karaa hundumaan gara isa mataa nuuf ta’ee, gara Kristositti in guddannaa! Isa jalatti bu’aan dhagnaa hundinuu wal fudhatanii, buusaa adduma addaan argataniin walitti qabsiifamaniiru; yeroo bu’aan dhagnaa adduma addaan tooraan hojjetuttis, dhagnichi in guddata, jaalalaanis of in cimsa.”—Efe. 4:15, 16.
10. ‘Hoolonni kan biraan’ aangoo isa kam amananii fudhachuu qabu?
10 ‘Hoolonni kan biraan’ kutaa qaama Kiristos ta’uu baatanis, fakkeenya kanarraa waan baay’ee barachuu danda’u. (Yoh. 10:16) Phaawulos, “Waaqayyo waan hundumaa miilla Kiristos jala kaa’e; goofticha waan hundumaa gararraa jiru kanas waldaa kristiyaanaatiif mataa godhee kenne” jedheera. (Efe. 1:22) Yeroo har’aa, hoolonni kan biraan “waan hundumaa” Yihowaan to’annaa Ilmasaa jala oolche keessaa tokkodha. Kana malees, “qabeenya” Kiristos ‘hojjetaa amanamaafi ogeessatti’ hadaraa kennate keessaa tokkodha. (Mat. 24:45-47) Kanaafuu, warri barabaraaf lafarra jiraachuuf abdii qaban, Kiristos Mataasaanii akka ta’e amananii fudhachuudhaan, hojjetaa amanamaafi ogeessaaf, akkasumas Qaama Olaanaasaatiifi namoota gumii keessatti itti gaafatamummaa qabaniif bitamuu qabu. (Ibr. 13:7, 17) Kunis Kiristiyaanonni tokkummaa akka qabaatan godha.
11. Tokkummaan keenya maalirratti kan hundaa’edha? Phaawulos gorsa kan biraa kam kenne?
11 Tokkummaan akkasii jaalala “isa wanta hundumaa raawwatamaa godhee walitti hidhu” irratti kan hundaa’edha. (Qol. 3:14) Roomaa boqonnaa 12rratti Phaawulos, jaalalli keenya ‘kan dhugaafi’ “jaalala obbolummaa” ta’uu akka qabu, akkasumas ‘ho’isnee wal jaallachuu’ akka qabnu ibseera. Kunimmoo wal kabajuuf karaa bana. Phaawulos, “Walii keessaniif ulfina kennuudhaaf wal dorgomaa!” jedheera. Haata’u malee, jaalalli miirarratti qofa kan hundaa’e miti. Gumiin qulqulluu ta’ee akka itti fufuuf waan dandeenye hunda gochuu qabna. Phaawulos waa’ee jaalalaa ennaa gorsu itti dabaluudhaan, “Waan hamaa jibbaa, wanta gaarii ta’etti qabamaa jiraadhaa!” jedheera.
Keessummaa Simachuu
12. Keessummaa simachuu ilaalchisee, Kiristiyaanota Maqedooniyaa duriirraa maal barachuu dandeenya?
12 Roomaa 12:13 dubbisi. Jaalalli obboloota keenyaaf qabnu, “warra Waaqayyoof qulqullaa’an rakkina isaaniitti gargaaruu keessaa qooda qabaa[chuuf]” hamma humna keenyaa akka goonu nu kakaasa. Wanti qabnu hammam xinnoo ta’ullee, waanuma qabnu namaaf hiruu dandeenya. Phaawulos waa’ee Kiristiyaanota Maqedooniyaa yommuu barreessu akkas jedheera: “Rakkinni baay’isee yoo isaan qore iyyuu safara malee gammadanii, deegni isaanii badduu baasa yoo ta’e iyyuu gargaarsa kennuudhaaf safara malee arjoomaniiru; isaan jaalaluma isaaniitiin hamma humna isaanii, humna isaanii gararraattis kennuu isaanii dhugaa nan ba’aaf. Warra [Yihudaa] Waaqayyoof qulqullaa’an gargaaruuf, gochaa ayyaanaa kana keessaa akka hirmaataniif cimsanii nu kadhataniiru.” (2 Qor. 8:2-4) Kiristiyaanonni Maqedooniyaa hiyyeeyyii ta’anis arjaa turan. Obbolootasaanii warra Yihudaa keessa jiraniif waan qaban kennuusaanii akka mirga guddaatti ilaalaniiru.
13. ‘Keessummoota simachuutti dhimmuu’ jechuun maal jechuudha?
13 Yaanni “keessummoota simachuutti dhimmaa!” jedhu, afaan Giriikiitiin hiiknisaa dursa fudhachuu kan argisiisudha. Macaafni Qulqulluun afaan Oromoo hiika bara 1899 yaada kana, “keessummoota simuudhaaf kanwaldorgomtanu ta’aa” jechuudhaan hiikeera. Yeroo tokko tokko keessummaa simachuun nama tokko nyaata afeeruudhaan argisiifama; kun kan godhamu jaalalaan taanaan gaariidha. Haata’u malee, dursa yoo fudhanne karaan keessummaa itti simannu baay’een jiraachuusaa ni hubanna. Fakkeenyaaf namni tokko haalli dinagdee ykn fayyaansaa warra kaan nyaata afeeruuf kan isaaf hin heyyamne yoo ta’e, buna, shaayee ykn dhugaatii kan biraa afeeruudhaanis keessummaa simachuu ni danda’a.
14. (a) Jechi afaan Giriikiitiin “keessummaa simachuu” jedhu jechoota akkamii kan qabatedha? (b) Tajaajila keenyarratti namoota biyya alaatii dhufaniif akka yaannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
14 Keessummaa simachuun ilaalcha keenyaas kan dabalatudha. Afaan Giriikiitiin jechi “keessummaa simachuu” jedhu, jechoota “jaalala” akkasumas “orma” jedhan lama kan qabatedha. Orma ykn namoota biyya alaatii dhufaniif ilaalcha akkamii qabna? Kiristiyaanonni namoota biyya alaa naannoo gumiisaaniitti argamaniif lallabuuf jecha afaan biyya alaa baratan, namoota keessummaa simachuuf dhimman keessaa tokko akka ta’an hin shakkisiisu. Baay’een keenya, afaan kan biraa barachuuf haalli keenya akka nuu hin heyyamne beekamaadha. Ta’us, hundi keenya buukleetii Ingiliffaa Guud Niiwus foor Ool Neeshins jedhamutti fayyadamnee namoota biyya alaa gargaaruu dandeenya. Barreeffamni kun matadureensaa Ingiliffa ta’us, afaanota hedduudhaan ergaa Macaafa Qulqulluu qabateera. Buukleetii kana tajaajilarratti fayyadamuudhaan bu’aa gaarii argatteettaa?
Miira Namaa Hubadhaa
15. Yesus gorsa Roomaa 12:15rra jiru hojiirra oolchuudhaan fakkeenya kan ta’e akkamitti?
15 Roomaa 12:15 dubbisi. Phaawulos gorsa kana yeroo kennu, miira namootaa hubadhaa jechuusaati. Gammachuus ta’e gadda nama tokkoof miirasaa hubachuuniifi wanti isatti dhaga’ame sun nutti dhaga’amuunsaa barbaachisaadha. Hafuura gubaa yoo qabaanne, gammachuun ykn gaddi namaa nutti dhaga’amuunsaa ni mul’ata. Bartoonni Kiristos 70man duula lallabaatii gammachuudhaan deebi’anii bu’aa gaarii argatan yommuu isatti himan, Yesus “hafuura qulqulluutti gammadee” ture. (Luq. 10:17-21) Innis isaanii wajjin gammadeera. Karaa biraatiinimmoo, Yesus yeroo michuunsaa Alaazaar du’e, ‘warra boo’anii wajjin boo’eera.’—Yoh. 11:32-35.
16. Miira namootaa akka hubannu akkamitti argisiisuu dandeenya? Keessumaammoo kana gochuu kan qabu eenyudha?
16 Fakkeenya Yesus hordofuudhaan miirri warra kaanii kan nutti dhaga’amu ta’uu barbaanna. Hidhanni amantaa keenya tokko yeroo gammadu, wajjin gammaduu barbaanna. Miidhamniifi gaddi obboloota keenyaas nutti dhaga’amuu qaba. Yeroo baay’ee, gara laafinaan kan isaan dhaggeeffannu yoo ta’e, Kiristiyaanota hidhata amantaa keenya ta’aniifi miirrisaanii miidhameef boqonnaa guddaa argamsiisuu dandeenya. Al tokko tokko, garaan keenya baay’ee waan raafamuuf hamma imimmaan keenya dhangalaasnutti dhugumaan gadduu dandeenya. (1 Phe. 1:22) Keessumaa jaarsoliin, gorsa Phaawulos miira namaa hubachuu ilaalchisee kenne hordofuu qabu.
17. Hamma ammaatti Roomaa boqonnaa 12rraa maal baranneerra? Mataduree ittaanurrattoo maal baranna?
17 Caqasoonni hamma ammaatti Roomaa boqonnaa 12rraa qoranne, jireenya Kiristiyaanummaa keenyaafi walitti dhufeenya obboloota keenyaa wajjin qabnurratti gorsa hojiirra ooluu danda’u nuu kennaniiru. Boqonnaa ittaanurratti, lakkoofsota boqonnaa kanaa warra hafanirratti mari’anna; isaanis, warra nu mormaniifi nu ari’atan dabalatee namoota gumii Kiristiyaanaa ala jiraniif ilaalcha akkamii qabaachuu akka qabnuufi akkamitti isaanii wajjin jiraachuu akka qabnu ibsu.
Irra Deebii
• ‘Hafuura gubaa qabaachuu’ keenya kan argisiisnu akkamitti?
• Gad of deebisuudhaan Waaqayyoon tajaajiluu kan qabnu maaliifi?
• Namoota hidhata amantaa keenya ta’aniif miirasaanii hubachuufi garaa laafuu keenya karaawwan kamiin argisiisuu dandeenya?
[Fakkii fuula 4rra jiru]
Sochiiwwan Kiristiyaanaa kanarratti kan hirmaannu maaliifi?
[Fakkii fuula 6rra jiru]
Hundi keenya namoonni biyya alaatii dhufan waa’ee Mootummichaa akka baratan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?