Manaa Gara Manaa Tajaajiluun Yeroo Ammaatti Barbaachisaa Kan Ta’e Maaliifi?
“Ergamoonni guyyuma guyyaatti mana qulqullummaatti, mana manattis, barsiisuudhaaf Yesus, Masiihii akka ta’e misraachoo himuuttii gargar hin kunne.”—HOE. 5:42.
1, 2. (a) Dhugaa Baatonni Yihowaa mala akkamiitti fayyadamanii lallabuudhaan beekamu? (b) Mataduree kana keessatti waa’ee maalii baranna?
NAMOONNI addunyaa maratti argaman wanta akkasii arguunsaanii kan baramedha. Namoonni uffannaa seera qabeessa ta’e uffatan lama gara mana namaa dhaqanii, Macaafa Qulqulluurraa waa’ee Mootummaa Waaqayyoo ergaa gabaabaa namatti himu. Namichi ergaasaanii yoo fudhate, barreeffama Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e isaaf kennuudhaan, kaffaltii Malee Macaafa Qulqulluu akka qayyabatu isa afeeru. Achiis gara mana isa itti aanuutti darbu. Hojii kanarratti kan hirmaattu yoo ta’e, namoonni utuu ati waan tokko hin dubbatin Dhugaa Baatuu Yihowaa ta’uukee hubachuunsaanii hin oolu. Dhugumayyuu, Dhugaa Baatonni Yihowaa manaa gara manaatti tajaajiluudhaan beekamu.
2 Hojii lallabaafi bartoota gochuu Yesus nuu kenne kana raawwachuuf, malawwan addaddaatti fayyadamna. (Mat. 28:19, 20) Gabaatti, karaarrattiifi bakka namoonni argaman garabiraatti dhugaa baana. (HoE. 17:17) Bilbilaafi xalayaadhaan namoota baay’eedhaaf lallabna. Namoota guyyaa guyyaadhaan argannu hundaaf dhugaa Macaafa Qulqulluu hirra. Namoonni yaadawwan Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an akka argatan gargaaruuf, Weeb saayitii afaan 300 oliin qophaa’es qabna.a Malawwan kun hundi bu’aa gaarii argamsiisaniiru. Haata’u malee, biyyoottan hedduutti karaan misiraachoo kana itti babal’isnu inni guddaan, manaa gara manaatti lallabuudha. Mala kanaan fayyadamnee kan lallabnu maaliifi? Sabni Waaqayyoo warri yeroo ammaatti argaman mala kanatti bal’inaan fayyadamuu kan jalqaban akkamitti? Yeroo ammaattoo malli kun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
Mala Ergamoonni Yesus Itti Fayyadamaa Turan
3. Yesus lallaba ilaalchisee ergamootasaatiif qajeelfama akkamii kenne? Qajeelfamni kun akkamitti lallabuu akka qaban kan isaan hubachiise akkamitti?
3 Malli manaa gara manaa dhaqanii tajaajiluu, deggersa Caaffata Qulqullaa’oo kan qabudha. Yesus ergamoonnisaa dhaqanii akka tajaajilan yommuu erge, “Mandara yookiis ganda kamitti illee yommuu galtan, nama ta’u barbaadaa” jechuudhaan qajeelfama isaanii kenneera. Namoota ta’an barbaaduu kan danda’an akkamitti? Yesus, “Manichatti yeroo lixxanis nagaa dhi’eessaa. Manichi kanaaf kan male yoo ta’e nagaan keessan isa irra haa buufatu” jechuudhaan gara mana namootaa akka dhaqan isaanitti himeera. Namni tokko manasaatti utuu isaan hin afeerin dhaquu hin qaban jechuudhaa? Yesus itti aansuudhaan: “Eenyu illee yoo isin simuu dhaabaate, dubbii keessanis yoo dhaga’uu dhaabaate, manicha sanaa yookiis mandaricha sanaa yommuu baatan awwaara miilla keessan irraa dhadha’adhaa!” jedheera. (Mat. 10:11-14) Qajeelfamni kun, bartoonni yommuu ‘gandaa gara gandaattiifi iddoo hundumaatti wangeela lallaban’ dursa fudhatanii mana namootaa dhaquu akka qaban ibsa.—Luq. 9:6.
4. Macaafa Qulqulluu keessatti tajaajilli manaa gara manaa kallattiidhaan kan ibsame iddoo kamitti?
4 Macaafni Qulqulluun ergamoonni manaa gara manaatti lallabanii akka turan dubbata. Fakkeenyaaf, gumiin Kiristiyaanaa Dh.K.B. bara 33tti erga hundeeffamee booda, wanta raawwatame Hojiin Ergamootaa 5:42, “Ergamoonni guyyuma guyyaatti mana qulqullummaatti, mana manattis, barsiisuudhaaf Yesus, Masiihii akka ta’e misraachoo himuuttii gargar hin kunne” jechuudhaan ibsa. Naannoo waggaa 20 booda, Phaawulos jaarsolii gumii Efesooniin, “Kamiin illee taanaan waan waa’ee isiniif baasu hundumaa, waldaatti, mana manattis isinitti lallabuudhaaf isin barsiisuu irraa ani of hin qusanne” jedheera. Phaawulos mana jaarsolii kanaa kan dhaqe utuu isaan amantoota hin ta’in duradhaa? Eeyyee. Wantoota garabiraas dabalatee, “Yaada garaa geddaratanii gara Waaqayyootti akka deebi’an gooftaa keenya Yesusittis akka amanan” waan isaan barsiiseef, manasaanii kan dhaqe amantoota ta’uusaanii dura akka ta’e beekamaadha. (HoE 20:20, 21) Lallabduun hunda caalu kun, manaa gara manaa dhaqee akka lallabe hubatamuu qaba.
Loltoota Gurmuu Hawaannisaa Bara Keenyatti Argaman
5. Hojiin lallabaa, raajii Yo’el keessatti kan ibsame akkamitti?
5 Hojiin dhugaa ba’uu jaarraa jalqabaatti raawwatame, hojii bara keenyatti bal’inaan hojjetamu kana argisiisa. Yo’el raajichi hojii lallabaa Kiristiyaanonni dibamoon raawwatan, hawaannisa dabalatee dha’icha guddaa ilbiisonni geessisanii wajjin wal fakkeessee ibseera. (Yoe. 1:4) Gurmuun hawaannisaa akkuma loltootaa, gufuu isaan mudatu hunda mo’uudhaan manatti galuu kan danda’an yommuu ta’u, wanta karaasaaniirratti isaan mudatu hunda ni fixu. (Yo’el 2:2, 7-9 dubbisi) Fakkeenyi kun, sabni Waaqayyoo yeroo ammaatti hojii lallabaa kana ciminaan guutummaatti akka raawwatu kan argisiisudha. Malawwan Kiristiyaanonni dibamooniifi hiriyootasaanii kan ta’an ‘hoolonni kan biraan’ itti fayyadamuudhaan raajii asirratti ibsame itti raawwatan keessaa inni guddaan, tajaajila manaa gara manaati. (Yoh. 10:16) Nuti Dhugaa Baatonni Yihowaa, mala lallabaa ergamoonni Yesus itti fayyadaman kana hordofuu kan jalqabne akkamitti?
6. Bara 1922tti tajaajila manaa gara manaa ilaalchisee Dhugaa Baatota Yihowaatiif jajjabina akkamiitu kenname? Haata’u malee, isaan keessaa tokko tokko maal godhan?
6 Bara 1919 jalqabee, Kiristiyaanonni hundi hojii dhugaa ba’uurratti hirmaachuu akka qaban ibsamaa tureera. Fakkeenyaaf, Masaraan Eegumsaa Hagayya 15, 1922tti qophaa’eefi matadureensaa “Tajaajila Barbaachisaa Ta’e” jedhu, Kiristiyaanota dibamoo hojii lallabaatiif jajjabeesseera. Kiristiyaanonni dibamoon, “Mootummaan waaqarraa akka dhihaate dhugaa ba’uudhaan, ergaa waraqaarratti maxxanfame namootaan ga’uufi manasaaniitti isaan haasofsiisuu akka qaban” dubbateera. Akkaataawwan dhiheenyaa, barreeffama Buleetiin (yeroo ammaa Tajaajila Mootummaa) jedhamurratti bal’inaan ibsamu turan. Haata’u malee, jalqabarratti lakkoofsi namoota yeroo sana manaa gara manaa lallabaa turanii xinnoo ture. Obboloonni tokko tokko kana gochuurraa duubatti jedhaniiru. Kana gochuu dhiisuuf mormiiwwan gara garaa kan kaasan yoo ta’eyyuu, rakkinnisaanii inni guddaan tajaajilli manaa gara manaa ulfina keenya nu jalaa hir’isa jedhanii yaaduusaanii ture. Tajaajilarratti bobba’uun barbaachisaa ta’uunsaa irra deddeebi’amee yommuu himamuu jalqabu, namoota kana keessaa hedduunsaanii suutuma suuta jaarmiyaa Yihowaa keessaa ba’an.
7. Bara 1950tti barbaachisummaa maaliitu hubatame?
7 Waggoottan kurnan sana booda turanitti, hojiin lallabaa guddachaa adeemeera. Haata’u malee, tajaajila manaa gara manaa godhamurratti leenjiin dabalataa akka barbaachisu ni hubatame. Haala Yuunaayitid Isteetis keessa ture akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Jalqaba bara 1950tti Dhugaa Baatonni Yihowaa dhibbeentaa 28 ta’an, waraqaa afeerrii raabsu ykn barreeffamoota qabatanii karaarra dhaabachuu qofaan tajaajilu turan. Dhibbeentaa 40 kan ta’animmoo, hojii lallabaarratti kan hirmaatan darbee darbee yommuu ta’u, utuu dhugaa hin ba’in ji’oota hedduu dabarsu turan. Kiristiyaanonni Yihowaadhaaf of murteessan manaa gara manaatti akka tajaajilan gargaaruuf maaltu godhame?
8, 9. Bara 1953tti leenjii akkamiitu kennamuu jalqabe? Kunoo bu’aa akkamii argamsiise?
8 Bara 1953tti walga’ii koonyaa biyyoolessaa Niiwu Yoork Siitiitti godhamerratti, tajaajila manaa gara manaatiif xiyyeeffannaa guddaan kennameera. Obboleessi Naataan Eech. Noor jedhamuufi hojii lallabaa kana dura bu’uudhaan geggeessaa ture, hojiin jaarsolii inni guddaan, Dhugaa Baatonni hundi tajaajila manaa gara manaarratti akka hirmaatan gargaaruu akka ta’e ibseera. “Namni hundi misiraachoo kana manaa gara manaa dhaqee lallabuu qaba” jedheera. Kana galmaan ga’uufis addunyaa maratti leenjiin kennamuu jalqabe. Namoota sanaan dura manaa gara manaatti tajaajilanii hin beekneef, namoota manasaaniitti haasofsiisuun, Macaafa Qulqulluurraa ragaa dhiheessuuniifi gaaffii qabaniif deebii kennuun akkamitti akka danda’amu leenjiin ni kenname.
9 Leenjiin kun bu’aa guddaa argamsiisee ture. Waggaa kudhan gidduutti lakkoofsi babal’istootaa harka 100, lakkoofsi deddeebii gaaffii harka 126, lakkoofsi namoota Macaafa Qulqulluu qayyabataniimmoo harka 150 guddate. Yeroo ammaatti namoonni gara miliyoona torbaa ta’an addunyaa maratti misiraachoo kana lallabaa jiru. Guddinni ajaa’ibsiisaan kun, Yihowaan carraaqqii sabnisaa tajaajila manaa gara manaarratti godhan eebbisuusaa kan argisiisudha.—Isa. 60:22.
Namoonni Akka Fayyan Milikkita Irratti Gochuu
10, 11. (a) Akka Hisqi’el boqonnaa 9rratti ibsametti, Hisqi’el mul’ata akkamii arge? (b) Mul’anni kun bara keenyatti kan raawwatame akkamitti?
10 Tajaajilli manaa gara manaa barbaachisaa ta’uusaa, mul’ata Hisqi’el raajichi argerraa hubachuun ni danda’ama. Mul’ata sanarratti, Hisqi’el namoota mi’a waraanaa harkatti qabatan ja’a, akkasumas nama uffata quncee talbaarraa hojjetame uffateefi qodaa qalamaa ittiin caafan mudhiitti hidhate tokko arge. Namichi inni torbaffaan, “Mandara Yerusaalem keessa adeemiitii adda namoota warra sababii wanti ciiggaasisaan as keessatti hojjetameef gaddanii boo’anitti milikkita godhi!” jedhame. Hojii milikkita gochuu kanatti aansuudhaan, warra milikkita sana hin qabne hunda akka qalan, namoota mi’a waraanaa qabatan ja’aaf ajajni ni kenname.—Hisqi’el 9:1-6 dubbisi.
11 Akka raawwii raajii kanaatti, namichi “uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffate” Kiristiyaanota dibamoo lafarratti argaman kan argisiisu ta’uusaa beekna. Kiristiyaanonni dibamoon kun, hojii lallabaatti fayyadamuudhaan namoota Kiristosiif “hoolota kan biraa” ta’anirratti fakkeenyaan milikkita godhu. (Yoh. 10:16) Milikkinni kun maalidha? Milikkinni kun, akkuma milikkita adda namaarra jiruu ifatti kan mul’atudha. Kunimmoo hoolonni kun duuka buutota Yesus Kiristos warra of murteessaniifi cuuphaman ta’uusaanii akkasumas, namummaa haaraa Kiristosiin fakkaatu akka qaban kan argisiisudha. (Efe. 4:20-24) Namoonni hoolotatti fakkeeffaman kun, karra Kiristiyaanota dibamootti kan makaman yommuu ta’u, isaanis warra kaanirratti milikkita gochuudhaan hojii barbaachisaa ta’e kanarratti dibamtoota gargaaru.—Mul. 22:17.
12. Adda namootaarratti milikkita gochuu ilaalchisee mul’anni Hisqi’el arge, namoota hoolotatti fakkeeffaman barbaaduu keenya itti fufuu akka qabnu kan addeessu akkamitti?
12 Mul’anni Hisqi’el, sababii namoota ‘gaddaniifi boo’an’ barbaaduun ariifachiisaa itti ta’e tokko nuu ibsa. Fayyinni namootaa kanarratti kan hundaa’edha. Yeroo dhihootti, Yihowaan ergamoota waaqaa warra namoota mi’a waraanaa qabatan ja’atti fakkeeffamanitti fayyadamee, namoota fakkeenyaan milikkita kana hin qabne ni balleessa. Phaawulos, guyyaa firdii dhufu ilaalchisee, Gooftaa Yesus “ergamoota aangoo isaa” wajjin ta’uudhaan “warra Waaqayyoon beekuu hin barbaadin, warra wangeela gooftaa keenya Yesusiif hin abboomaminis in adaba” jechuudhaan barreesseera. (2 Tas. 1:7, 8) Firdiin namoonni argatan, misiraachoo kana fudhachuufi dhiisuusaaniirratti kan hundaa’e ta’uusaa hubadhaa. Kanaaf, ergaan Waaqayyoo kun hanga dhumaatti lallabamuusaa itti fufuu qaba. (Mul. 14:6, 7) Kunimmoo tajaajiltoota Yihowaa warra isaaf of murteessan hundarratti itti gaafatamummaa guddaa fida.—Hisqi’el 3:17-19 dubbisi.
13. (a) Phaawulos ergamaan itti gaafatamummaan akkamii akka isarra jiru itti dhaga’ame? Maaliif? (b) Namoota naannoo tajaajilaakee jiraniif itti gaafatamummaa akkamiitu sitti dhaga’ama?
13 Phaawulos ergamaan misiraachoo kana warra kaanitti himuuf itti gaafatamummaan akka isarra jiru itti dhaga’ameera. “Ani saba hundumaafuu, warra Griikotaa fi warra Griikota hin ta’iniifis, warra beektotaa fi warra wallaalotaafis kanan itti gaafatamu gatiitu ana irra jira; kanaaf ani isin warra Roomaa jiraattanitti immoo wangeela lallabuudhaaf dhimmamaa dha” jechuudhaan barreesseera. (Rom. 1:14, 15) Phaawulos oo’a Waaqayyo itti argisiiseef kan galateeffatu ture. Kanaafuu, faayidaa inni gaarummaa Waaqayyoorraa argate, warri kaanis akka argatan isaan gargaaruu akka qabu itti dhaga’ameera. (1 Xim. 1:12-16) Nama hundaaf gatiin akka irra jiru kan itti dhaga’ame si’a ta’u, gatiin kunimmoo namootaaf misiraachoo lallabuudhaan qofa kan kaffalamu ture. Atoo namoota naannoo tajaajilaakee jiraniif, gatiin akka sirra jiru sitti dhaga’amaa?—Hojii Ergamootaa 20:26, 27 dubbisi.
14. Sababiin bakkeettis ta’e manaa gara manaatti itti lallabnu inni guddaan maalidha?
14 Manaa gara manaa dhaqnee tajaajiluun keenya, lubbuu namootaa akka oolchu beekamaadha. Haata’u malee, sababii guddaa hojii kana itti hojjennuuf kan biraas qabna. Raajii Miilkiyaas 1:11rratti, Yihowaan: “Maqaan koo ba’a-biiftuutii saba biyya lafaa gidduutti guddaa in ta’a; maqaan koo saba biyya lafaa gidduutti guddaa waan ta’eef, iddoo hundumaatti ulfina maqaa kootiif . . . kennaan midhaanii in dhi’eeffama” jechuudhaan dubbateera. Akka raawwii raajii kanaatti, namoonni Yihowaadhaaf of murteessan gad of deebisanii tajaajiluudhaan, namoota lafarra jiran hunda duratti maqaa Yihowaa jajachaa jiru. (Far. 109:30; Mat. 24:14) Sababiin bakkeettis ta’e manaa gara manaa dhaqnee itti lallabnu inni guddaan, Yihowaadhaaf “aarsaa galataa” dhiheessuu waan barbaannuufidha.—Ibr. 13:15.
Hojii Guddaa Gara Fuulduraatti Nu Eeggatu
15. (a) Israa’eloonni yommuu Yerikoo qabatan guyyaa torbaffaatti sochiisaanii kan cimsan akkamitti? (b) Kunoo waa’ee hojii lallabaa maal argisiisa?
15 Hojii lallabaa wajjin haala wal qabateen gara fuulduraatti wantoota akkamiitu raawwatama? Yerikoon marfamuushee ilaalchisee, seenaan macaafa Iyaasuurratti galmeeffame fakkeenya gaarii nuu ta’a. Waaqayyo Yerikoo balleessuusaa dura, Israa’eloonni guyyaa ja’aaf, guyyaatti al tokko magaalattiitti akka marsan qajeelfama isaanii kennee akka ture yaadadhu. Haata’u malee, guyyaa torbaffaatti sochiisaanii kana guddisuu qabu turan. Yihowaan Iyaasuudhaan, “Mandaricha si’a torba naanna’aa! Yommuu isaan [luboonni] utuu gargar hin kutin fiinoo afuufan, . . . namoonni hundinuu guddisanii itti haa iyyan! Yommus masaraan mandarichaa in jiga” jedhe. (Iya. 6:2-5) Gara fuulduraattis hojiin lallabaa keenya bal’inaan hojjetamuu danda’a. Kun ta’us ta’uu baatus, yommuu biyyi lafaa kun badu, maqaan Waaqayyoofi Mootummaansaa ulfina sanaan dura argatee hin beekne yommuu argatu ija keenyaan ilaalla.
16, 17. (a) Biyyi lafaa kun baduusaa dura, ergaa akkamiitu lallabama? (b) Mataduree itti aanurratti waa’ee maalii baranna?
16 Yeroon ergaan lallabnu kun akka “iyya guddaa” itti ta’u ni dhufa. Macaafa Mul’ataa keessatti, ergaan firdii cimaan ‘cabbii dhagaa gurguddaa, tokkon tokkonsaa akka kiilogiraamii jaatamaa ulfaatuu’ wajjin wal fakkeeffamee ibsameera. Mul’anni 16:21, “dha’ichi cabbii sunis baay’ee guddaa sodaachisaa” ta’uusaa kan ibsu kanaafi. Tajaajilli manaa gara manaa, ergaa firdii Waaqayyoo isa dhumaa dabarsuuf shoora akkamii akka taphatu gara fuulduraatti argina. ‘Rakkinni guddaan’ xumuramuusaa dura garuu, maqaan Yihowaa hanga kanaan dura ta’ee hin beekneen akka beeksifamu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—Mul. 7:14; His. 38:23.
17 Wantoota gurguddaa gara fuulduraatti raawwataman eeggachaa, misiraachoo Mootummichaa hinaaffaadhaan lallabuu keenya itti haa fufnu. Hojii kana yommuu raawwannu, tajaajila manaa gara manaarratti rakkinni akkamii nu mudachuu danda’a? Rakkoowwan kanahoo akkamitti mo’uu dandeenya? Matadureen itti aanu gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.
[Miiljalee]
a Weeb saayitiin keenya, www.watchtower.org jedhama.
Maal Jettee Deebista?
• Caaffanni Qulqullaa’oon manaa gara manaa tajaajiluu deggeran kam fa’i?
• Tajaajilli manaa gara manaa bara keenyatti xiyyeeffannaan kan kennameef akkamitti?
• Tajaajiltoonni Yihowaadhaaf of murteessan hojii lallabaarratti itti gaafatamummaa qabu kan jennu maaliifi?
• Gara fuulduraatti hojii guddaa akkamiitu nu eega?
[Fakkii fuula 4rra jiru]
Atis akkuma Phaawulos ergamaa, warra kaaniif lallabuuf itti gaafatamummaan akka sirra jiru sitti dhaga’amaa?
[Fakkii fuula 5rra jiru]
Obboleessa keenya Noor, bara 1953tti