CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME
Roomaa 6:23—“Mindaan Cubbuun Kaffalu Duʼa dha; Kennaan Waaqayyo Kennu Garuu . . . Jireenya Bara Baraa ti”
“Mindaan cubbuun kaffalu duʼa dha; kennaan Waaqayyo kennu garuu, karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus jireenya bara baraa ti.”—Roomaa 6:23, Hiika Addunyaa Haaraa.
“Beenyaan nama cubbuu hojjetuu duʼa; kennaan Waaqayyoo inni Kristos Yesus gooftaa keenyaa wajjin tola kennamu garuu jireenya bara baraa ti.”—Roomaa 6:23, Hiika Bara 1997.
Hiika Roomaa 6:23
Phaawulos ergamaan yaada kana dubbachuudhaan ilmaan namootaa kan duʼan cubbuu waan dhaalaniif taʼuusaa ibseera. Haa taʼu malee, Waaqayyo tajaajiltoota isaa amanamoo taʼaniif abdii dinqisiisaa bara baraaf jiraachuu kenneera.
“Mindaan cubbuun kaffalu duʼa dha.” Namoonni hundi cubbamoo taʼanii waan dhalataniif cubbuu ni raawwatu.a (Faarfannaa 51:5; Lallaba 7:20) Ilmaan namootaa cubbamoota taʼanii waan dhalataniif dulloomanii yeroo boodas ni duʼu.—Roomaa 5:12.
Yaada kana ibsuuf Phaawulos gooftaa miindaa kaffalu tokkoo wajjin walbira qabeera. Akkuma hojjetaan tokko hojii hojjetuuf miindaa fudhatu eegu, ilmaan namootaas cubbuu dhaalaniif duʼa eeggatu.
Haa taʼu malee, Phaawulos “namni duʼe cubbuu isaa irraa bilisa baʼeera” jechuudhaan ibseera. (Roomaa 6:7) Namni tokko yeroo duʼu cubbuu raawwate hunda irraa walaba taʼa. Namni erga duʼee booda dogoggora kanaan dura raawwateen bakka taʼetti dhiphina keessa jiraata jedhanii yaaduuf wanti sababa taʼu hin jiru. Kitaabni Qulqulluun warri duʼan yaaduu akka hin dandeenyee fi miira akka hin qabne ifatti dubbata.—Lallaba 9:5.
“Kennaan Waaqayyo kennu garuu, karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus jireenya bara baraa ti.” Waaqayyo “mindaa” cubbuutiin haala faallaa taʼeen kennaa jireenya bara baraa dhiheesseera. Jechi Afaan Giriikii jalqabaa “kennaa” jedhu “kennaa tolaa” ykn “kennaa gaarummaa” jedhamees hiikameera. Kan isaaf malu taʼuu baatus kennaa nama tokkoof kenname kan argisiisu dha. Ilmaan namootaa cubbamoo taʼan fayyinaa fi jireenya bara baraa argachuu hin dandaʼan. (Faarfannaa 49:7, 8) Haa taʼu malee, Waaqayyo warra Yesuusitti amananiif jireenya bara baraa isa gatiidhaan hin shallagamne tola kenneera.—Yohaannis 3:16; Roomaa 5:15, 18.
Yaada naannoo Roomaa 6:23tti argamu
Phaawulos xalayaa kana Dh.K.B. bara 56tti Kiristiyaanota Roomaa keessa jiraniif barreesse. Kiristiyaanota yeroo sana turan kana keessaa tokko tokko waaʼee gara laafina Waaqayyoo ilaalcha dogoggoraa waan qaban fakkaatu. Falaasamni Giriikii dhiibbaa isaan irratti waan godheef, caalaatti cubbuu yoo raawwatan caalaatti dhiifama Waaqayyoo akka argatan sababa dhiheessanii taʼuu dandaʼa. (Roomaa 6:1) Kaan immoo Seera Musee jala waan hin jirreef dogoggora raawwataniif akka itti hin gaafatamne falmanii taʼuu dandaʼa. (Roomaa 6:15) Phaawulos xalayaa isaa keessatti, Kiristiyaanonni cubbuu raawwachuun jireenya isaanii akka toʼatu kan godhan taanaan gara laafina Waaqayyoo irraa faayidaa argachuu akka hin dandeenye ibseera.—Roomaa 6:12-14, 16.
Yaanni Phaawulos dubbate tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo harʼaa cubbamoota taʼanis abdii akka qaban mirkaneessa. Ulaagaalee naamusaa Waaqayyo baaseef kan ajajamanii fi fedhiiwwan isaanii dogoggoraatiif kan hin moʼamne taanaan, Waaqayyo jireenya bara baraa isaanii kennuuf waadaa galeera.—Roomaa 6:22.
Viidiyoo qabiyyee kitaaba Roomaa gabaabsee ibsu kana daawwadhu.
a Kitaaba Qulqulluu keessatti, “cubbuun” gocha ykn ilaalcha ulaagaalee Waaqayyootiin faallaa taʼe hunda kan argisiisudha. (1 Yohaannis 3:4) Mata duree “Cubbuun Maali Dha?” jedhu ilaali