Akeekkadhaa Abootaa
1. Qorontos Inni Duraa 9:26 tajaajilarratti hojiirra kan oolu akkamitti?
1 Phaawulos ergamaan, “Abootuun koos akka nama akeekasaa dhabee qilleensa rukutuu hin taʼu” jedhee barreesseera. (1 Qor. 9:26) Phaawulos yemmuu akkas jedhu wantoota yaadasaa hihhiranirraa fagaachuudhaan galma hafuuraa qofarratti akka xiyyeeffatu ibsuusaa ture. Haataʼu malee wanti Phaawulos dubbate kun tajaajilaafis ni hojjeta. “Abootuun” keenya buʼaa gaarii akka argamsiisuuf, sirriitti akeekkachuu ykn carraaqqii gochuu qabna. Akkamitti?
2. Yeroofi bakka itti tajaajillu ilaalchisee fakkeenya Phaawulosiifi labsitoota wangeelaa jaarraa jalqabaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
2 Bakka Namoonni Itti Argaman Dhaqaa: Phaawulosiifi labsitoonni wangeelaa jaarraa jalqabaa bakka namoonni jiru jedhanii yaadanitti labsaa turan. (HoE. 5:42; 16:13; 17:17) Kanaaf namoonni naannoo tajaajila keenyaa jiran manatti kan argaman galgala yoo taʼe, yeroon kun manaa gara manaatti tajaajiluuf yeroo gaarii taʼuu dandaʼa. Buufanni konkolaataa ykn baaburaa naannoo keenya jiru bariifi gara galgalaa namoota hojii dhaqaniifi hojiidhaa galaniin ni guutama? Bakkaa daldalaa naannoo keessan jirutti namoonni kan baayʼatan yoomidha? Yeroo akkasiitti karaarratti tajaajiluun firii gaarii nuu argamsiisuu dandaʼa. Yeroo karaarratti tajaajillu qofa qofaa nama haasofsiisuun yeroo baayʼee gaariidha. Sadii taʼanii deemuun gaarii miti. Akkasumas, haasaa mataa keenyaan qabamnee tajaajila keenya dagachuu mannaa, nama itti aansinee haasofsiifnuurratti xiyyeeffachuun keenya barbaachisaadha.
3. Yommuu naannoo tajaajila keenyaa hojjennu akeekkannee abootuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Naannoo Tajaajilaa Keessan Ogummaadhaan Hojjedhaa: Akkaataa naannoo tajaajilaa keenya ittiin hojjennurrattis akeekkannee abootuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf tuuta namoota hedduu qabateefi tajaajilatti ramaduuf yeroofi carraaqqii cimaa gaafatu fuudhanii bakka tokko dhaquu mannaa, tuuta sana dursanii bakka adda addaatti hiruun gaarii taʼuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, yeroo naannoo baadiyyaatti tajaajillus, namoota muraasa taanee yoo deemne, namoota haasofsiisuufi naannoo tajaajilaa keenya dafnee waliin gaʼuuf carraa hedduu arganna. Naannoo tajaajilaa yeroo keenya isa deemsaan balleessinu nuu hirʼisuu dandaʼu mana keenya biraa argachuu dandeenyaa?
4. ‘Namoota qabuurratti’ milkaaʼina argachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?
4 Yesus Kiristaanonni fakkeenyaan ‘namoota akka qaban’ dubbateera. (Mar. 1:17) Kaayyoon nama qurxummi qabu tokkoo, kiyyoosaa bishaanirra diriirsuu qofa utuu hin taʼin, qurxummii qabuudha. Kanaafuu, namoonni qurxummii qabuurratti milkaaʼina argatan, bakkaafi yeroo qurxummiin itti argamu erga addaan baafatanii booda mamii tokko malee qabuu jalqabu. Eeyyee, carraaqqii ogummaarratti hundaaʼe godhu. Nutis tajaajila keenyarratti carraaqqii wal fakkaatu haa goonu.—Ibr. 6:11.