“Qoramatti Akka Hin Galleef”
“Qoramatti akka hin galleef dammaqaa, kadhadhaa!”—MAATEWOS 26:41.
ILMA Waaqayyoo kan ta’e Yesus Kristos, dhumni jireenyasaa inni lafarraa yeroo dhihaateetti, dhiphinni inni kanaan dura argee hin beekne irra ga’eera. Dhiheenyatti akka qabamu, akka duuni itti faradamuufi akka fannifamu beeka ture. Murtoonsaafi gochisaa hundi maqaa abbaasaa akka tuqu beeka ture. Kana malees, abdiin jireenya bara baraa ilmaan namootaa jabina inni argisiisurratti kan hundaa’e ta’uusaas beeka ture. Dhiphinni kun hundi fuulasaa dura dhaabateera. Maal godhe?
2 Yesus iddoo dhaaba Getesemaanee waan jaallatuuf bartootasaa wajjin achi dhaqe. Achittis bartootasaarraa xinnoo achi hiiqe. Yeroo kophaasaa ta’ettis, Abbaansaa akka jabina isaaf kennutti al tokko utuu hin ta’in, al sadii kadhannaa garaadhaa madde dhiiheesse. Yesus gonkummaa kan qabu ta’uyyuu, dhiphina fuulasaa dura jiru ofumasaatii mo’uu akka danda’u itti hin dhaga’amne.—Maatewos 26:36-44.
3 Nuyis yeroo har’aa dhiphina keessa jirra. Ragaawwan guyyoota dhumaa keessa akka jirru argisiisan dursinee brooshuura kanarraa ilaalleerra. Qorumsiifi dhiphinni addunyaa Seexanaa kanarraa nurra ga’u itti caalaa adeema. Waaqa dhugaa kan ta’e Yihowaa tajaajilla kan jennu hundi, murtoon goonus ta’e tarkaanfiin dhuunfaatti fudhannu, maqaa Waaqayyoo wajjin kan wal qabateefi abdii addunyaa haaraa keessa jiraachuuf qabnu kan tuqudha. Yihowaa ni jaallanna. Dhuma jireenya keenyaas ta’e dhuma sirna wantootaa kana keessaa kamiyyuu yoo durse, ‘hamma dhumaatti jabaannee dhaabachuu’ barbaanna. (Maatewos 24:13) Haata’u malee, miira ariitii qabaachuufi dammaqinaan jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?
4 Bartootasaa—jaarraa jalqabaas ta’e, yeroo har’aatti—argaman dhiphina jala galuu akka danda’an waan beekeef : “Qoramatti akka hin galleef dammaqaa, kadhadhaa!” isaaniin jedheera. (Maatewos 26:41) Jechoonni kun yeroo har’aatti hiika maalii nuuf qabu? Qorumsi nu mudatu maalidha? ‘Dammaqinaan’ jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?
Seexanni Maaliif Nu Qora?
5 Hundi keenyayyuu, guyyuma guyyaan wantoota akka kiyyoo Seexanaatti akka gallu godhantu nu mudata. (2Ximotewos 2:26) Seexanni caalaatti kan xiyyeeffatu namoota Yihowaa waaqeffatanirratti ta’uusaa Macaafni Qulqulluun nutti hima. (1Phexros 5:8; Mul’ata 12:12, 17) Kaayyoo maaliitiif? Nu ajjeesuun isa hin barbaachisu. Waaqayyoof amanamoo taanee du’uun keenya Seexanaaf injifannoo hin argamsiisu. Amanamummaadhaan yoo duune, Yihowaan yeroosaatti akka du’aa nu kaasu beeka.—Luqaas 20:37, 38.
6 Seexanni, wanta jireenya keenya isa ammaarraa caalu, jechuunis Waaqayyoof amanamoo ta’uu keenya balleessuu barbaada. Seexanni Yihowaa waaqeffachuurraa nu garagalchuu akka danda’u mirkaneessuuf carraaqqii guddaa godha. Kanaafuu, Waaqayyoof amanamuu—hojii lallabaarratti hirmaachuu, ykn sadarkaa ejjennoo Kristiyaanummaa eeguu yoo dhiisne—kun Seexanaaf injifannoo guddaadha! (Efesoon 6:11-13) Kanaan kan ka’es, ‘inni qoru’ qorumsa nutti fida.—Maatewos 4:3.
7 Seexanni ‘haxxummaasaatiin’ nu wallaalchisuuf karaa addaddaatiin fayyadama. (Efesoon 6:11) Jaalala qabeenyaatiin, sodaadhaan, shakkiidhaan, ykn waan nu gammachiisu akka hordofnu gochuudhaan nu qora; haata’u malee, namoota Waaqayyorraa deebisuuf, karaan inni caalaatti bu’a qabeessa ta’ee argate, abdii kutachiisuudha. Seexanni baay’ee haxxee waan ta’eef, karaa hafuuraa yoo dadhabne akka abdii kutannu waan beekuuf, carraa kanaan gargaarama. (Fakkeenya 24:10) Seexanni caalaadhumatti yeroo ‘humni keenya bushaa’u’ nu qoruudhaan abdii nu kutachiisuuf yaala.—Faarfannaa 38:8.
8 Gara guyyoota dhumaatti dhihaachaa yeroo adeemnu, wantoonni abdii nama kutachiisan waan dabalaa deemaniif, kana jalaa miliquu hin dandeenyu. (Saanduqa “Wantoota Abdii Nama Kutachiisan Tokko Tokko” jedhu ilaali.) Sababiinsaa maalis haata’u maal, abdii kutachuun humna nu laaffisa. Qaamaan, sammuufi miiraan yoo dadhabne, Macaafa Qulqulluu qorachuu, walga’iirratti argamuufi tajaajilarratti hirmaachuu dabalatee, itti gaafatamummaa karaa hafuuraa qabnu ‘Yeroo nuuf kenname utuu hin dabarsin hojjechuun’ rakkisaa ta’uu danda’a. (Efesoon 5:15, 16) Seexanni wantoota kana akka dhaabdu barbaaduusaa yaadadhu. Yeroon kun, yeroo itti dadhabnuufi miira ariifannaa keenya itti dhabnu miti! (Luqaas 21:34-36) Qorumsa mo’achuufi dammaqinaan jiraachuu kan dandeenyu akkamitti? Yaadawwan nu gargaaran afur haa ilaallu.
“Dammaqaa, Kadhadhaa!”
9 Kadhannaadhaan Yihowaatti dhiyaachuu. Fakkeenya Yesus dhaaba Getesemaaneetti dabarse yaadadhu. Dhiphina guddaa keessa yeroo galeetti maal godhe? Amma ‘dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti gad roobutti’ gargaarsa akka isaaf godhuuf kadhannaadhaan gara Yihowaatti dhihaate. (Luqaas 22:44) Mee yaadi! Yesus eenyummaa Seexanaa sirriitti beeka. Carraaqqii Seexanni tajaajiltoota Waaqayyoo wallaalchisuuf godhu hundaa samiirra yeroo ture argeera. Haata’u malee, Seexanni qorumsa akkamii irraan ga’eyyuu, salphaadhumatti mo’uu akka danda’u itti hin dhaga’amne. Ilmi Waaqayyoo inni gonka qabeessa ta’e, Waaqayyo biraa gargaarsaafi jabina argachuuf kadhannaa gochuun erga isa barbaachisee, nuunoo hammam caalaatti nu barbaachisa!—1Phexros 2:21.
10 ‘Dammaqanii akka kadhatan’ erga itti himee booda: “Hafuurri illee dhimmaa dha, foon garuu dadhabaa dha” jechuudhaan Yesus bartootasaatti akka dubbates yaadadhu. (Maatewos 26:41) Asirratti Yesus waa’ee foon eenyuu dubbachuusaa ture? Inni nama gonkummaa qabu waan ta’eef, tasumaa waa’ee mataasaa dubbachuusaa hin turre. (1Phexros 2:22) Haalli bartootasaa garuu kanarraa adda ture. Gonkummaa malee waan dhalataniifi cubbamoota waan ta’aniif, qorumsa isaanirra ga’u mo’uuf caalaatti gargaarsi isaan barbaachisa. (Roomaa 7:21-24) Sababiin bartootasaa akeekkachiiseef kana waan ta’eef—Kristiyaanonni dhugaa isa booddee ka’an hundinuu qorumsa isaanirra ga’u karaa bu’a qabeessa ta’een mo’uuf—gargaarsi kadhannaadhaan argamu isaan barbaachisa. (Maatewos 6:13) Yihowaanis kadhannaa akkasiitiif deebii ni kenna. (Faarfannaa 65:2) Akkamitti? Yoo xinnaate karaa lamaani.
11 Jalqaba, Yihowaan qorumsawwan adda baasnee akka hubannu nu gargaara. Qorumsi Seexanaa kiyyoo halkaniin darbee darbee karaarra kaa’amee wajjin wal fakkaata. Kiyyoo kana arguu baannaan, kiyyoo kanaan qabamuu dandeenya. Yihowaan Macaafa Qulqulluufi barreefamawwan Macaafa Qulqulluurratti hundaa’aniin, kiyyoon Seexanaa maal akka ta’e nu hubachiisuudhaan qoramatti galuurraa akka oollu nu gargaara. Waggoota baay’eedhaaf barumsiwwan barreeffamootaafi, walga’iiwwan gurguddaarratti irra deddeebi’amanii kennaman, sodaa namaa, addaggummaa saalaarraa, jaalala qabeenyaafi qorumsa Seexanaa gara biraarraa akka of eegnu nu akeekkachiisu. (Fakkeenya 29:25; 1Qorontos 10:8-11; 1Ximotewos 6:9, 10) Akeeknii Seexanaa maal akka ta’e waan nu barsiisuuf, Yihowaa galateeffachuu hin qabnuu? (2Qorontos 2:11) Akeekkachiisni akkasii kun hundi, kadhannaawwan qorumsa mo’uuf dhiheessiteef deebii kennamanidha.
12 Karaan lammaffaanimmoo, humna jabinaan dhaabachuuf nu dandeessisu nuu kennuudhaan kadhannaa keenyaaf deebii kenna. Sagaleensaa akkas jedha: “Waaqayyo ... humna keessan gararraatti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama sana keessatti akka isin dandeessan in godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif in kenna.” (1Qorontos 10:13) Isatti amanamuu keenya yoo itti fufne—Yihowaan gonkumaa qorumsa humna keenyaa ol ta’e keessa akka galluufi jabina hafuuraa akka dhabnu nu hin godhu. Yihowaan ‘karaa keessaa baanu kan nuu qopheessu’ akkamitti? ‘Warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu kennuudhaani.’ (Luqaas 11:13) Hafuurri qulqulluunis, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu akka yaadannu nu gochuudhaan, wanta sirrii ta’eefi murtoo ogummaarratti hundaa’e gochuuf nu gargaara. (Yohannis 14:26; Yaaqoob 1:5,6) Amalawwan gaarii argisiisuudhaan, yaada sirrii hin taanerraa fagaachuuf nu gargaara. (Galaatiyaa 5:22, 23) Hafuurri Waaqayyoo, obboloonni hidhata amantii keenyaa ta’an, ‘akka nu jajjabeessan’ gochuu ni danda’a. (Qolosaayis 4:11) Kadhannaa gargaarsa argachuuf dhiheessitu jaalalaan deebii sii kennuusaatiif Yihowaa hin galateeffattuu?
Hanga Sirna Hamaa Kana Keessa Jiraannutti, Rakkoon Akka Nurra Ga’u Danda’u Eeguu Qabna
13 Dammaqinaan eeguuf, rakkoon akka nurra ga’uu danda’u eeguu qabna. Sababii bu’aa ba’ii jireenyaatiin, darbee darbee dadhabuu dandeenya. Haata’u malee, Waaqayyo sirna wantootaa gara badiisaatti adeemaa jiru kana keessatti, rakkoowwan nu mudatanirraa walaba nu baasuuf akka waadaa nuu hin galle yaadachuu qabna. Tajaajiltoota Waaqayyoo duriirra, ariyatama, hiyyummaa, dhiphinnaafi dhukkuba dabalatee rakkon adda addaa irra ga’eera.—Hojii Ergamootaa 8:1; 2Qorontos 8:1,2; 1Tasaloniiqee 5:14; 1Ximotewos 5:23.
14 Haaluma wal fakkaatuun har’as rakkoowwan addaddaa nu mudatu. Tarii nuyis, ariyatama, rakkoo dinagdee, dhukkuba, dhiphinaafi rakkoowwan biraatiin rakkachaa jirra ta’a. Yihowaan wantoota nu miidhan hundaa karaa dinqisiisaa ta’een yoo nurraa ittise, Seexanni akka isa arrabsuuf karaa banuu malee faayidaa biraa hin qabu. (Fakkeenya 27:11) Yihowaan sababii tokko tokkoon tajaajiltoonnisaa yeroosaanii malee namoota isaan ariyataniin akka qoraman ykn akka ajjeefaman heyyamuu danda’a.—Yohannis 16:2.
15 Yihowaan waadaa maalii nuu galeree? Akka armaan olitti ibsametti, guutummaatti isatti yoo amanamne, qormaata nurra ga’u kamiyyuu mo’uu akka dandeenyu nu gargaaruuf waadaa nu galeera. (Fakkeenya 3:5,6) Sagaleensaa, hafuurrisaafi jaarmiyaansaa karaa hafuuraa eegumsa akka argannuufi walitti dhufeenya isaa wajjin qabnu akka jabeessinuuf nu gargaaru. Walitti dhufeenyi isaa wajjin qabnu utuu hin badin yoo duunellee ni moona. Yihowaan tajaajiltootasaa warra amanamoodhaaf gatiisaanii akka hin kennine, duunillee taanaan dhowwuu hin danda’u. (Ibroota 11:6) Yihowaan addunyaa haaraa dhiheenyatti dhufu keessatti eebbawwan dinqisiisaa namoota isa jaallataniif kennuuf abdachiise hundaa akka raawwatu homaa hin shakkisiisu.—Faarfannaa 145:16.
Gaaffii Ka’e Hin Irraanfatinaa
16 Hanga dhumaatti jabaannee dhaabachuuf, Waaqayyo hammeenyi akka jiraatu maaliif akka heeyyame dabalatee, gaaffiiwwan olaantummaasaarratti ka’an irraanfachuu hin qabnu. Yeroo tokko tokko, qorumsi nurra ga’u humna keenyaa ol akka ta’e yeroo nutti dhagahamuufi ejjennoo keenya akka laaffisnuuf yeroo qoramnu, mormii Seexanni olaantummaa Yihowaarratti kaase yaadachuu qabna. Kana malees Seexanni amanamummaafi jaalala waaqeffattoonni Yihowaa qabanirratti gaaffii kaaseera. (Iyoob 1:8-11; 2:3,4) Gaaffiiwwan olaantummaasaarratti ka’aniifi haalli itti Yihowaan gaaffiiwwan kanaaf furmaata kennuuf filate, lubbuu keenya caalaa baay’ee barbaachisaadha. Kan akkas jennu maaliifi?
17 Yihowaan rakkinni yeroodhaaf akka jiraatu heeyyamuunsaa, warri kaan dhugaa akka baraniif karaa baneera. Yesus akka nuyi jireenya argannuuf jedhe dhiphachuusaa mee yaadii! (Yohannis 3:16) Kanaaf galateeffachuu hin qabnuu? Haata’u malee, warri kaan akka jireenya argataniif jecha, rakkoo yeroodhaaf nurra ga’u dura ciminaan dhaabachuuf fedhii qabnaa? Hanga dhumaatti jabaannee dhaabachuuf, ogummaan Yihowaa ogummaa keenyarra baay’ee guddaa akka caalu hubachuu qabna. (Isaayaas 55:9) Gaaffii olaantummaasaarratti ka’eef deebii sirrii kennuudhaan faayidaa keenya barabaraaf jecha, Yihowaan yeroo sirriidha jedhetti, hammeenya ni balleessa. Gaaffii olaantummaarratti ka’eef furmaani kana caalu hin jiru. Waaqayyo bira looguun hin jiru!—Roomaa 9:14-24.
“Waaqayyotti Dhi’aadhaa!”
18 Miira hatattamaa keenya eeguuf, Yihowaatti dhiyaachuu nu barbaachisa. Seexanni hanga danda’ameefitti, abdii nu kutachiisuudhaan walitti dhufeenya gaarii Yihowaa wajjin qabnu balleessuu akka barbaadu gonkumaa irraanfachuu hin qabnu. Seexanni, dhumni sirna wantootaa hin dhufu jennee akka amannu, lallabuun faayyidaa akka hin qabne ykn sadarkaa ejjennoo Macaafa Qulqulluu wajjin wal ta’anii jiraachuun barbaachisaa akka hin taane nu amansiisuu barbaada. Haata’u malee, inni “sobaa dha, abbaa sobaatis.” (Yohannis 8:44) ‘Seexanaan mormuuf’ murtoo gochuufi walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnuuf bakka guddaa kennuu nu barbaachisa. Macaafni Qulqulluun: “Waaqayyotti dhi’aadhaa, innis isinitti in dhi’aata” jedha. (Yaaqoob 4:7, 8) Yihowaatti dhihaachuu kan dandeessan akkamitti?
19 Kadhannaadhaan irratti xiinxaluun barbaachisaadha. Rakkoowwan jireenya keessatti nu mudatan humna keenyaa ol yeroo nutti ta’an, wanta nutti dhaga’amu kadhannaadhaan Yihowaatti haa dhiheessinu. Wanta si barbaachisu addaan baastee gaafachuun kee, kadhannaan kee deebii akka argate hubachuuf si gargaara. Deebiin ati argattu yeroo hundumaa wanta ati yaadde ta’uu dhiisuu danda’a; haata’u malee, hawwiin kee isaaf ulfina fiduufi amanamaa taatee argamuu yoo ta’e, Yihowaan jabaattee akka dhaabattuuf gargaarsa barbaachisaa ta’e sii godha. (1Yohannis 5:14) Qajeelfama inni jireenya keetiif kennu yeroo ilaaltu, garasaatti dhihaatta. Amalawwaniifi gochawwan Yihowaa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman dubbistuufi irratti xiinxaluunis barbaachisaadha. Wantoota kanarratti xiinxaluun kee, caalaatti isa beektu, garaan kee baay’ee akka tuqamuufi jaalalli isaaf qabdu akka guddatu si gargaara. (Faarfannaa 19:14) Jaalallii akkasii wanta hundaa kan caalu waan ta’eef, qormaata mo’uufi dammaqxee jiraachuuf si gargaara.—1Yohannis 5:3.
20 Yihowaafi namoota hidhata amantii keenyaa ta’anitti dhihaachuu nu barbaachisa. Kunis kutaa dhumaa brooshuura kanaarratti ibsama.
GAAFFIIWWAN
• Yesus dhuma jireenyasaa isa lafaarraatti dhiphinni yeroo irra ga’e maal godhe? Bartoonisaahoo maal akka godhan itti hime? (Key. 1-4)
• Seexanni waaqeffatoota Yihowaarratti kan xiyyeeffate maaliifi? Karaa kam fa’iin nu qora? (Key. 5-8)
• Qorumsa nurra ga’u mo’uuf, utuu walirraa hin kutin kadhachuun (Key. 9-12), wantoota ofirraa eegnu ilaalchisee sababi qabeyyii ta’uun (Key.13-15), mormii ka’e yaadachuuniifi (Key.16-17) gara ‘Waaqayyotti dhihaachuun’ (Key.18-20) barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
[Saanduqa fuula 25rra jiru]
Wantoota Abdii Nama Kutachiisan Tokko Tokko
Dhibee fayyaa/dulluma. Dhukkuba cimaadhaan kan dhiphannu yoo ta’e, ykn dullumaan humni keenya yoo daangeffame, hanga barbaannu Waaqayyoon tajaajiluu dadhabuu keenyaan gadduu dandeenya ta’a.—Ibroota 6:10.
Abdii kutachuu. Sagalee Waaqayyoo lallabuuf carraaqqiin goonu, namoota biratti fudhatama dhabuunsaa abdii nu kutachiisuu danda’a.—Fakkeenya 13:12.
Akka waan gatii hin qabneetti of ilaaluu. Namni Waggaa dheeraadhaaf jal’inni irratti raawwatame tokko, namnis ta’e Yihowaan akka isa hin jaallane itti dhaga’amuu danda’a.—1Yohannis 3:19, 20.
Mufachuu. Namni tokko, namni hidhata amantiisaa ta’e baay’ee akka isa miidhe yoo itti dhaga’ame, walga’iirratti argamuu ykn tajaajilarratti hirmaachuu dhiisuu danda’a ta’a.—Luqaas 17:1.
Ariyatama. Tarii namoonni amantiidhaan sii wajjin tokko hin ta’in si mormuu, si ariyachuu, ykn sitti qoosuu danda’u.—2Ximotewos 3:12; 2Phexros 3:3,4.
[Saanduqa fuula 26rra jiru]
Yesus ‘damaqnee akka kadhannu’ kan nutti hime qorumsa mo’uuf waan nu gargaaruufi