Boqonnaa Kudha Torba
Nama Waaqayyoo Ta’uu Keenya Maatii Keessatti Argisiisuu
1. Qajeelfama Sagalee Waaqayyoo keessatti argamu hojiirra oolchuun gaa’elarratti bu’aa akkamii fida?
GAA’ELA kan hundeesse Yihowaa yeroo ta’u, Sagaleensaas maatiidhaaf qajeelfama hunda caalu qabateera. Namoonni hedduun qajeelfama kana hojiirra oolchuusaaniitiin gaa’ela gaarii qabaachuu danda’aniiru. Namoonni utuu wal hin fuudhin walii wajjin jiraachaa turanillee gaa’elasaanii seera qabeessa gochuuf galmeeffamuunsaanii kan isaan galateeffachiisudha. Warri kaanimmoo gaa’elaan alatti saalquunnamtii raawwachuu dhiisaniiru. Abbootiin manaa haadha manaafi ijoolleessaanii arrabsaafi gocha gara jabinaa isaanirratti raawwachaa turanis gaarummaafi gara laafina argisiisuutti ka’aniiru.
2. Jireenyi maatii Kiristiyaanaa maalfaa dabalata?
2 Jireenyi maatii Kiristiyaanaa, gaa’elli jabaatee akka dhaabatu, itti gaafatamummaa maatii keessatti qabnu akkamitti akka raawwannuufi miseensa maatii keenyaa wajjin walitti dhufeenya akkamii qabaachuu akka qabnu kan dabalatudha. (Efesoon 5:33–6:4) Jireenya maatii ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun dubbatu beekuufi gorsa kana hojiirra oolchuun garaagaradha. Hundi keenyayyuu warra abboommii Waaqayyoorraa maquusaaniitiin Yesus isaan balaaleffatee wajjin tokko ta’uu hin barbaannu. Namoonni kun ilaalcha dogoggoraa nama amantii ta’uu qofti ga’aadha jedhu qabu turan. (Maatewos 15:4-9) Maatii keenya keessatti nama Waaqayyoo ta’uu keenya utuu hin argisiisin, ani nama Waaqayyooti jennee dubbachuu hin dandeenyu. Kanaafuu, dhugumaan nama Waaqayyoo ta’uu isa ‘bu’aa guddaa qabu’ argisiisuu qabna.—1 Ximotewos 5:4; 6:6; 2 Ximotewos 3:5.
Gaa’elli Yeroo Hammamiitiif Itti Fufuu Qaba?
3. (a) Gaa’elli hedduun maal ta’aa jira? Ta’us, murtoon keenya maal ta’uu qaba? (b) Macaafa Qulqulluutti fayyadamuudhaan gaaffiiwwan kanaa gaditti argaman deebisi.
3 Gaa’elli sababuma xinnootti kan diigamu ta’aa dhufeera. Haati manaafi abbaan manaa waggoota dheeraadhaaf waliin turan nama garabiraa fuudhuuf ykn nama garabiraatti heerumuuf jecha wal hiikuuf murteessaniiru. Kana malees, dargaggoonni wal fuudhanii yeroo muraasa booda akka wal hiikan dhaga’uun baramaa dhufeera. Warri kaan maaliyyuu yoo godhan, nuti garuu fedhiin keenya Yihowaa gammachiisuu ta’uu qaba. Kanaafuu, Sagaleen Waaqayyoo gaa’ela cimaa qabaachuu ilaalchisee maal akka jedhu hubachuuf gaaffiiwwaniifi caqasawwan kanaa gaditti argaman haa qorannu.
Dhiirriifi durbi tokko yeroo wal fuudhan yeroo hammamiitiif wajjin jiraanna jedhanii yaaduu qabu? (Maarqos 10:6-9; Roomaa 7:2, 3)
Namni tokko haala Waaqayyo biratti fudhatama qabuun hiriyaa gaa’elaasaa hiikee nama garabiraa fuudhuu ykn nama garabiraatti heerumuu kan danda’u maaltu yoo raawwatame qofadha? (Maatewos 5:31, 32; 19:3-9)
Yihowaan Macaafa Qulqulluu wajjin haala wal faallessuun hiriyaa gaa’elaa hiikuu ilaalchisee ilaalcha akkamii qaba? (Miilkiyaas 2:13-16)
Macaafni Qulqulluun, gargar ba’anii jiraachuun rakkoowwan uumamaniif furmaata ta’uusaa ni dubbataa? (1 Qorontos 7:10-13)
Namni tokko abbaa manaa ykn haadha manaasaarraa gargar ba’uu kan danda’u sababii maaliitiin ta’uu danda’a? (Faarfannaa 11:5; Luqaas 4:8; 1 Ximotewos 5:8)
4. Gaa’elli tokko tokko milkaa’uu kan danda’e maaliifi?
4 Gaa’elli tokko tokko milkaa’uu kan danda’e maaliifi? Dhiirriifi durbi utuu wal hin fuudhin hanga ga’eessa ta’anitti eeguunsaanii sababii isa tokko ta’uu danda’a. Akkasumas, hiriyaa gaa’elaa fedhii wal fakkaatu qabuufi nama dhimma hundumaa isaa wajjin mari’atu argachuunis baay’ee barbaachisaadha. Wanti kana hundarra caalu garuu, hiriyaa gaa’elaa Yihowaa jaallatuufi yeroo rakkinni uumamu Sagaleesaarratti hundaa’ee rakkina sana hiikuu yaalu argachuudha. (Faarfannaa 119:97, 104; 2 Ximotewos 3:16, 17) Namni akkasii yeroo rakkinni uumamu gargar ba’uu ykn hiikuu nan danda’a jedhee hin yaadu. Dadhabina hiriyaa gaa’elaasaatti qabatee itti gaafatamummaasaa raawwachuurraa duubatti hin jedhu. Kanaa mannaa, rakkina sanarraa utuu hin baqatin mala barbaada.
5. (a) Yihowaadhaaf amanamuun gaa’ela keessatti ga’ee akkamii qaba? (b) Yeroo mormiin nama mudatullee seera Yihowaa eeguun bu’aa akkamii argamsiisuu danda’a?
5 Seexanni, namoonni yeroo rakkinni isaanirra ga’u Yihowaa ni dhiisu jedhee falma. (Iyoob 2:4, 5; Fakkeenya 27:11) Haata’u malee, Dhugaa Baatonni Yihowaa hedduun hiriyaa gaa’elaasaaniirraa mormii cimaan yoo isaanirra ga’ellee, waadaa gaa’elaaf galan hin cabsine. Yihowaadhaafis ta’e abboommiiwwansaatiif amanamoo ta’aniiru. (Maatewos 5:37) Isaan keessaa tokko tokko waggoota dheeraadhaaf mormiin isaanirra ga’ullee, jabaatanii dhaabachuusaaniitiin hiriyaan gaa’elaasaanii isaanii wajjin Yihowaa tajaajiluu waan jalqabaniif gammachuu argataniiru. (1 Phexros 3:1, 2) Kiristiyaanonni hiriyaan gaa’elaasaanii jijjiiramuuf fedhii hin qabne Yihowaa tajaajiluusaaniitiin yoo isaan dhiisanii adeemanillee, maatiisaanii keessatti nama Waaqayyoo ta’uusaanii waan argisiisaniif akka eebba argatan beeku.—Faarfannaa 55:22; 145:16.
Hundumtuu Ga’ee Mataasaa Haa Raawwatu
6. Gaa’ela gaarii qabaachuu yoo barbaanne seera isa kam kabajuu qabna?
6 Gaa’ela gaarii qabaachuun waliin jiraachuu caalaa wanta gaafatu qaba. Lamaansaaniiyyuu seera Yihowaan mataa maatii ta’uu ilaalchisee kenne kabajuunsaanii barbaachisaadha. Kunimmoo maatii keessatti seerri gaariifi tasgabbiin akka jiraatu godha. 1 Qorontos 11:3 akkas jedha: “Kristos mataa warra dhiiraa, abbaan manaa mataa haadha manaa, Waaqayyo mataa Kristos ta’uu isaa, akka beektan nan barbaada.”
7. Maatii keessatti itti gaafatamummaan akkamitti hojjiirra ooluu qaba?
7 Caqasa kanarratti wanti jalqaba ibsame maal akka ta’e hubatteettaa? Eeyyee, dhiirri hundi Mataasaa kan ta’e Kiristosiif abboomamuu qaba. Kana jechuunis, abbootiin manaa mataa maatii ta’uusaanii haala amala Kiristos calaqqisuun itti fayyadamuu qabu jechuudha. Kiristos Yihowaadhaaf kan abboomamu yeroo ta’u, gumiis baay’ee jaallata, akkasumas ni yaadaaf. (1 Ximotewos 3:15) Kiristos ‘waldaadhaaf [gumiidhaaf] dabarsee of kenneera.’ Yesus nama kooruufi nama warra kaaniif dantaa hin qabne utuu hin ta’in, ‘garraamiifi kan gad of deebisudha.’ Namoonni isaaf abboomaman hundi ‘lubbuusaaniitiif boqonnaa argatu.’ Abbaan manaas akkasitti maatiisaa kan qabu yoo ta’e, Kiristosiif abboomamaa akka jiru argisiisa. Yeroo kanatti haati manaa Kiristiyaana taate olaantummaa abbaa manaasheetiif abboomamuunsheefi itti gaafatamummaa inni qabu amantee fudhachuunshee faayidaafi boqonnaa isheedhaaf argamsiisa.—Efesoon 5:25-33; Maatewos 11:28, 29; Fakkeenya 31:10, 28.
8. (a) Maatii tokko tokko keessatti amalli Kiristiyaanummaa bu’aa barbaadame kan hin argamsiisne maaliif ta’uu danda’a? (b) Haalli akkasii yeroo nu mudatu maal gochuu qabna?
8 Ta’uyyuu rakkinni uumamuunsaa hin oolu. Tarii miseensonni maatii seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuu utuu hin jalqabin dura, qajeelfama namni garabiraan kennuun geggeeffamuu baay’isanii jibbu ta’a. Gaarummaafi jaalalli bu’aa kan hin qabne fakkaachuu danda’a. Macaafni Qulqulluun “Aariin, waci, maqaa wal balleessuun, hamminni hundinuu isin irraa haa fagaatu!” akka jedhu beekna. (Efesoon 4:31) Haata’u malee, miseensonni maatii tokko tokko wacaafi dheekkamsaan malee yaadasaanii ibsuu hin danda’an yoo ta’e maal gochuutu danda’ama? Yesus namoota isa doorsisaniifi isa arrabsaniif deebii kennuu mannaa, Abbaasaatti amanameera. (1 Phexros 2:22, 23) Kanaafuu, maatii keessatti wanti si aarsu yeroo si mudatu wanta namoonni biyya lafaa godhan hordofuu mannaa, Yihowaan akka si gargaaru kadhachuudhaan nama Waaqayyoo ta’uukee argisiisi.—Fakkeenya 3:5-7.
9. Abbootiin manaa Kiristiyaana ta’an hedduun dogoggora warra kaanii funaanuu mannaa maal gochuu barataniiru?
9 Dhugaadha, yeroo hundumaa jijjiiramni barbaadame dafee hin argamu ta’a. Ta’us, obsaafi jabinaan gorsa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuuf yoo carraaqne, bu’aa gaarii argachuu dandeenya. Abbootiin manaa hedduun Kiristos gumiidhaaf kunuunsa akkamii gochaa akka ture hubachuudhaan tarkaanfii fudhachuunsaanii gaa’elasaanii akka isaaniif fooyyesse hubataniiru. Gumiin Kiristiyaanaa namoota gonkummaa qabaniin kan hundeeffame miti. Haata’u malee, Yesus gumicha ni jaallata; fakkeenya gaariis kaa’eeraaf; gumichi akka guddatuufis gorsa Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’e kennaaf. Lubbuusaallee aarsaa godhee gumiidhaaf kenneera. (1 Phexros 2:21) Fakkeenyisaa kun abbootiin manaa hedduun itti gaafatamummaa qaban sirriitti akka itti fayyadamaniifi jireenyi maatiisaanii akka fooyya’uuf jaalalaan akka gorsa kennan isaan kakaaseera. Dogoggora barbaaduu ykn dallanuu mannaa gorsa kana hojiirra oolchuun bu’aa gaarii argamsiisa.
10. (a) Abbaan manaa ykn haati manaa Kiristiyaana ofiin jedhanillee maatii keessatti rakkinni akka uumamu gochuu kan danda’an akkamitti? (b) Haala kana fooyyessuuf maal gochuutu danda’ama?
10 Haata’u malee, abbaan manaa tokko wanta maatiisaatiif barbaachisu dhiheessuu ykn maatiinsaa Macaafa Qulqulluurratti akka mari’atan gochuufi sochiiwwan garabiraarratti akka hirmaatan gochuuf fedhii hin qabu yoo ta’ehoo? Yookiinimmoo haati manaa wanta kana gochuu yoo diddeefi nama Waaqayyoo ta’uushee argisiisuu yoo diddehoo? Maatiiwwan tokko tokko karaa ulfina qabuun rakkoowwansaaniirratti mari’achuunsaanii bu’aa gaarii isaaniif argamsiiseera. (Uumama 21:10-12; Fakkeenya 15:22) Bu’aan yaadame argamuu baatullee, hundi keenya ija hafuura qulqulluu horachuuf carraaqqii gochuufi miseensota maatii keenyaaf yaaduudhaan haalli maatii keenyaa akka fooyya’u gochuu dandeenya. (Galaatiyaa 5:22, 23) Jijjiiramni kan argamu warri kaan waan tokko akka hojjetan eeguudhaan utuu hin ta’in ofii keenyaan hojjechuudhaani. Kana gochuudhaanis nama Waaqayyoo ta’uu keenya argisiisna.—Qolosaayis 3:18-21.
Deebii Kanaa Eessaa Argachuu Dandeenya?
11, 12. Yihowaan jireenya maatii keenyaa akka fooyyessinu nu gargaaruuf maal nuu qopheesseera?
11 Namoonni dhimmawwan maatiisaanii ilaalchisee bakka hedduudhaa gorsa argachuuf yaalii godhu. Nuti garuu, Sagaleen Waaqayyoo gorsa hundumaarra caalu akka qabate beekna; karaa jaarmiyaasaa isa ijaan argamuu gorsa kana akka hojiirra oolchinu waan nu gargaaruufis Waaqayyoon ni galateeffanna. Atoo gargaarsa kanarraa guutummaatti faayidaa argachaa jirtaa?—Faarfannaa 119:129, 130; Miikiyaas 4:2.
12 Walga’ii gumiirratti argamuu qofa utuu hin ta’in, maatiidhaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf yeroo ramaddeettaa? Maatiiwwan akkas godhan tokkummaa waaqeffannaa argachuu danda’u. Haala maatiisaanii wajjin wal simuun Sagalee Waaqayyoo hojjiirra yoo oolchan jireenyi maatiisaanii ni fooyya’a.—Keessa Deebii 11:18-21.
13. (a) Maatii ilaalchisee gaaffii yoo qabaanne, gargaarsa barbaachisaa ta’e eessaa argachuu dandeenya? (b) Murtoo goonu hundumaarratti maal ta’uu keenya argisiisuu qabna?
13 Dhimmawwan maatii ilaalchisee gaaffii qabaachuu dandeessa. Fakkeenyaaf, mala da’umsa ittisuun fayyadamuun ni danda’amamoo hin danda’amu? Ulfa baasuun sirriidhaa? Mucaan keessan dhimmawwan hafuuraatiif fedhii hin qabu yoo ta’e, amantii maatii sanaa keessatti akka hirmaatu dirqisiisuun ni danda’amaa? Barreeffamoota Dhugaa Baatonni Yihowaa qopheessan adda addaarratti gaaffiiwwan akkasiitiif deebiin kennameera. Deebii gaaffiiwwan kanaa argachuuf baafata barreeffamootaa dabalatee barruulee Macaafa Qulqulluu qayyabachuuf gargaaraniin fayyadami. Barreeffamoota baafatawwan kun caqasan hin qabdu taanaan, mana kitaabaa Galma Mootummaa keessatti argamu ilaali. Yookiin barreeffamoota kana kompiitarakee keessa galfachuu ni dandeessa ta’a. Kiristiyaanota ga’eessa ta’anii wajjinis gaaffiiwwan kanarratti mari’achuu dandeessa. Haata’u malee, yeroo hundumaa gaaffiiwwan hundaaf deebii eeyyee ykn lakki jedhu hin eegin. Yeroo baay’ee dhuunfaatti ykn hiriyaa gaa’elaakee wajjin murtoo gochuu kan qabu sidha. Kana gochuudhaan qofa utuu hin ta’in maatii keessattis nama Waaqayyoo ta’uukee haala argisiisuun murtoo godhi.—Roomaa 14:19; Efesoon 5:10.
Maree Irra Deebii
• Namni tokko hiriyaa gaa’elaasaatiif amanamaa ta’uunsaa Yihowaadhaafis amanamaa ta’uu kan dabalatu akkamitti?
• Haala maatii wajjin wal qabateen yeroo dhiphannu wanta Waaqayyoon gammachiisu hojjechuuf kan nu gargaaru maalidha?
• Miseensonni maatii dogoggora yoo hojjetanillee, haala kana sirreessuuf maal gochuu dandeenya?
[Fakkii fuula 155rra jiru]
Abbaan manaa itti gaafatamummaa maatii keessatti qabu haala amala Yesus calaqqisuun raawwachuu qaba
[Fakkii fuula 157rra jiru]
Yeroo hundumaa maatiin Macaafa Qulqulluu kan qayyabatu yoo ta’e tokkummaansaa ni eegama