Dadhabina Namootaatiif Ilaalcha Akka Yihowaa Qabduu?
“Buʼaa dhagnaa hundumaa keessaa warra barbaachisoo hin fakkaannetu [“dadhaboo fakkaatantu,” NW] barbaachisoo dha.”—1 QOR. 12:22.
1, 2. Phaawulos namoota dadhaboo taʼaniif yaaduu kan dandaʼe maaliifi?
HUNDI keenyayyuu yeroo tokko tokko dadhabinni nutti dhagaʼama. Utaalloon yeroo gabaabaadhaafillee ennaa nu qabu ykn alarjiin tokko tokko, humna nu dhabsiisuudhaan hojiin guyyaa guyyaadhaan raawwannu ulfaataa akka nutti taʼu gochuu dandaʼa. Torban tokko ykn lamaaf utuu hin taʼin, jiʼoota muraasaaf dadhabbiin akka sitti dhagaʼametti mee yaadi. Haala akkasii keessatti utuu namoonni akka siif yaadan argisiisanii sitti hin toluu?
2 Phaawulos dhiibbaan alaas taʼe gumii keessaa isarra gaʼe isa dadhabsiisee ture. Yeroon haalli isa mudate humnasaa ol akka taʼe itti dhagaʼames jira ture. (2 Qor. 1:8; 7:5) Phaawulos jireenyasaafi rakkina hedduu Kiristiyaana amanamaa taʼuusaatiin isarra gaʼerratti erga xiinxalee booda, “Dadhabaan eenyudha? Anoo dadhabaa mitiiree?” jedheera. (2 Qor. 11:29, NW) Miseensota gumii addaddaa kutaa qaama namaatti fakkeeffaman ilaalchisees, ‘warri dadhaboo fakkaatan barbaachisoo akka taʼan’ dubbateera. (1 Qor. 12:22) Asirratti Phaawulos maal jechuu barbaadeeti? Namoota dadhaboo fakkaataniif ilaalcha akka Yihowaa qabaachuu kan qabnu maaliifi? Akkas gochuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?
ILAALCHA YIHOWAAN DADHABINA NAMOOTAATIIF QABU
3. Wanti ilaalcha namoota gumii keessatti argamaniifi gargaarsi isaan barbaachisuuf qabnurratti dhiibbaa geessisu maal taʼuu dandaʼa?
3 Kan jiraannu addunyaa wal dorgommiidhaan guutameefi ciminaafi dargaggummaadhaaf bakka guddaa kennu keessadha. Namoonni hedduun wanta barbaadan argachuuf miira namoota dadhaboo taʼanii miidhuu dabalatee waan dandaʼan hunda godhu. Amalli akkasii sirrii akka hin taanne kan beeknu taʼus, gumii keessattillee namoota yeroo hunda gargaarsi isaan barbaachisuuf utuu nutti hin beekamin ilaalcha sirrii hin taane horachuu dandeenya. Haataʼu malee ilaalcha sirrii taʼe, jechuunis ilaalcha akka Waaqayyoo horachuu ni dandeenya.
4, 5. (a) Fakkeenyi 1 Qorontos 12:21-23rratti argamu ilaalcha Yihowaan dadhabina namootaatiif qabu hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (b) Namoota dadhaboo taʼan gargaaruun faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?
4 Fakkeenya ergaa Phaawulos warra Qorontosiif barreesse isa tokkoffaarra jirurraa, ilaalcha Yihowaan dadhabina namootaatiif qabu hubachuu ni dandeenya. Phaawulos boqonnaa 12ffaarratti kutaan qaama namaa inni dadhabaa taʼellee faayidaa akka qabu nu yaadachiiseera. (1 Qorontos 12:12, 18, 21-23 dubbisi.) Yaadni kun namoota barumsa jijjiirama tirannaatti amanan tokko tokko biratti fudhatama hin qabu ture. Haataʼu malee, qorannaan akkaataa qaamni namaa itti hojjeturratti godhame, kutaawwan qaamaa duraan akka faayidaa hin qabnetti ilaalamaa turan, hojii barbaachisaa taʼe akka raawwatan mirkaneesseera.a Fakkeenyaaf, kanaan dura namoonni tokko tokko qubni miillaa isheen xinnoon barbaachisaa akka hin taane itti dhagaʼama ture; haataʼu malee, yeroo ammaa qubni kun madaallii qaamaa eeguuf barbaachisaa akka taate hubatameera.
5 Fakkeenyi Phaawulos dubbate miseensonni gumii Kiristiyaanaa hundi faayidaa kan qaban akka taʼan kan addeessudha. Seexana isa ilmaan namootaa Yihowaa duratti fudhatama akka hin qabne akka isaanitti dhagaʼamu gochuu barbaadurraa haala faallaa taʼeen, Yihowaan warra dadhaboo fakkaatan dabalatee tajaajiltootasaa hunda “barbaachisoo” akka taʼanitti ilaala. (Iyo. 4:18, 19) Yaadni kun gaʼee gumii keenya keessatti qabnuufis taʼe, kutaa gumii saba Waaqayyoo addunyaa maraa taʼuu keenyaan miirri gaariin akka nutti dhagaʼamu nu gargaara. Mee yeroo nama dulloomeefi gargaarsi isa barbaachisu tokko itti gargaarte yaadi. Gargaarsa gochuuf suuta jettee dukaa deemuun si barbaachiseera taʼa. Gargaarsa gochuunkee buʼaa hin argamsiisnee? Miirri gaariin akka sitti dhagaʼamuhoo hin goonee? Eeyyee, namoota gargaaruun keenya gammachuu, obsa, jaalalaafi ogummaa horachuuf nu gargaara. (Efe. 4:15, 16) Abbaan keenya inni jaalala qabeessa taʼe, gumiin miseensotasaa hundaaf bakka guddaa kennu, obboloonni dadhabina akkamiiyyuu yoo qabaatan ilaalcha sirrii akka isaaniif qabaatuufi akka isaan jaallatu beeka.
6. Phaawulos jechoota “dadhabaa” fi “jajjaboo” jedhanitti kan fayyadame maal ibsuu barbaadeeti?
6 Phaawulos ergaa warra Qorontosiif barreesserratti ilaalcha namoonni hin amanne Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti turaniif qabaniifi miira isatti dhagaʼame ibsuuf jechoota “dadhabaa” fi “dadhabbii” jedhanitti fayyadamuunsaa xiyyeeffannaa namaa kan hawwatudha. (1 Qor. 1:26, 27; 2:3) Waaʼee Kiristiyaanota “jajjaboo” taʼanii kan dubbate Kiristiyaanonni tokko tokko warra kaanirra akka caalan akka itti dhagaʼamu gochuu barbaadee miti. (Rom. 15:1) Kanaa manaa, Kiristiyaanonni muuxannoo qaban, warra dhugaa keessatti akka gaariitti hin jabaannetti obsa argisiisuu akka qaban dubbachuu barbaadeeti.
ILAALCHA KEENYA SIRREESSUUN NU BARBAACHISAA?
7. Namoota gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruurraa boodatti akka jennu kan nu godhu maal taʼuu dandaʼa?
7 Namoota ‘dadhaboo taʼaan’ yeroo gargaarru fakkeenya Yihowaa kan hordofnu taʼuusaarrayyuu, isa biratti fudhatama ni arganna. (Far. 41:1; Efe. 5:1) Haataʼu malee, namoota gargaarsi isaan barbaachisuuf ilaalcha dogoggoraa qabaachuun, isaan gargaarurraa boodatti akka jennu nu godha. Yookiinimmoo, wanta jechuu qabnu sirriitti waan hin beekneef qaanofnee namoota haala rakkisaa keessa jiranirraa fagaanna taʼa. Siintiyaab isheen abbaan manaashee ishee dhiisee deeme akkas jetteetti: “Obboloonni yeroo sirraa fagaatan ykn wanta ati hiriyaa sitti dhihaatu tokkorraa eegdu sii gochuu yeroo dhiisan baayʼee gaddita. Yommuu rakkinni si mudatu namoonni akka si gargaaran barbaadda.” Daawit yeroo dulloomee turetti akka irraanfatame itti dhagaʼamee ture.—Far. 31:12.
8. Caalaatti namoota gargaaruuf kan nu kakaasu maalidha?
8 Obboloota keenya keessaa tokko tokko akka dadhaban kan godhe dhibee fayyaa, maatii amantiidhaan tokko hin taane keessa jiraachuu ykn dhiphina sammuu taʼuu akka dandaʼu yaadachuun keenya, caalaatti isaan gargaaruuf nu kakaasa. Nuunis haalli akkasii nu mudachuu dandaʼa. Israaʼeloonni biyya Gibxii keessatti dadhaboofi hiyyeessa turan Biyyattii Abdachiifamtetti galuusaanii dura, obbolootasaanii warra rakkatanitti ‘garaa akka hin jabaanne’ yaadachiisni isaaniif kennamee ture. Yihowaan, Israaʼeloonni warra hiyyeessa taʼaniif xiyyeeffannaa kennuu akka qaban akka hubatan barbaada ture.—Kes. 15:7, 11; Lew. 25:35-38.
9. Namoota rakkinni isaan mudate yeroo gargaarru wanti dursa kennuufii qabnu maalidha? Fakkeenyaan ibsi.
9 Namoota haalli rakkisaan isaan mudaterratti faraduu ykn isaan shakkuu mannaa, karaa hafuuraa jajjabina isaaniif kennuu qabna. (Iyo. 33:6, 7; Mat. 7:1) Yaada kana fakkeenyaan ibsuuf: Namni doqdoqqee utuu oofuu balaan isarra gaʼe tokko gara mana yaalaa yeroo dhaqu, ogeessonni yaalii fayyaa balaa sana kan geessise isa taʼuuf dhiisuusaa adda baafachuuf yaaluu? Matumaa! Kanaa mannaa hatattamaan gargaarsa barbaachisu isaaf godhu. Haaluma walfakkaatuun, namni hidhata amantii keenya taʼe tokko rakkina isarra gaʼeen dadhabbiin yoo itti dhagaʼame, wanti nuti dursa kennuufii qabnu karaa hafuuraa gargaarsa isaaf gochuu taʼuu qaba.—1 Tasaloniiqee 5:14 dubbisi.
10. Obboloonni dadhaboo fakkaatan tokko tokko ‘amantiitti sooressa’ taʼuu kan dandaʼan akkamitti?
10 Haala obboloonni keenya keessa jiranirratti yeroo fudhannee xiinxaluun keenya, wanta dadhabinasaanii fakkaatu tokkoof ilaalcha adda taʼe qabaachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Mee waaʼee obboleettota waggoota dheeraadhaaf maatiirraa mormiin isaanirra gaʼaa jiruu yaadaa. Tokko tokko baayʼee kan gad of deebisan siʼa taʼu, salphaadhumatti kan miidhaman fakkaatu. Taʼus, amantii cimaafi jabina akka qaban hin argisiisnee? Haati qeentee taate tokko ijoolleeshee wajjin yeroo hunda gara walgaʼii gumii yommuu dhuftu yeroo argitan, amantiifi ejjennoo isheen qabdu isin hin dinqisiisuu? Waaʼee dargaggoota mana barumsaatti qorumsi utuu isaanirra gaʼuu dhugaatti maxxananiihoo maal jechuu dandeenya? Haalawwan akkasiirratti yaaduun keenya, obboloonni dadhaboo fakkaatanii mulʼatan kun, akkuma obboloota keenya haala mijataa keessa jiran kaanii ‘amantiitti sooressa’ taʼuusaanii hubachuuf nu gargaara.—Yaq. 2:5.
ILAALCHA KEESSAN ILAALCHA YIHOWAA WAJJIN WALSIMSIISAA
11, 12. (a) Ilaalcha dadhabina namootaatiif qabnu sirreessuuf kan nu gargaaru maalidha? (b) Karaa itti Yihowaan Aaroniin qaberraa maal baranna?
11 Yihowaan tajaajiltootasaa wajjin haala walqabateen dhimmoota tokko tokko akkamitti akka qabe hubachuun keenya, ilaalcha dadhabina namootaatiif qabnu kan Yihowaa wajjin walsimsiisuuf nu gargaara. (Faarfannaa 130:3 dubbisi.) Fakkeenyaaf, yeroo Aaron fakkii dibichaa warqeerraa hojjetetti utuu Musee wajjin jiraattee, sababii quubsaa hin taane Aaron dhiheesseef ilaalcha akkamii qabaatta turte? (Bau. 32:21-24) Yookiinimmoo, Aaron dhiibbaa obboleettiisaa Miiryaamiin kakaʼee, dubartii biyya ormaa fuudhuusaatiin Musee yeroo ceephaʼu ilaalcha akkamii isaaf qabaatta turte? (Lak. 12:1, 2) Yeroo Museefi Aaron, Yihowaa isa iddoo Mariibaa jedhamutti dinqiidhaan bishaan isaanii kenneef ulfina utuu hin laatin hafanitti maaltu sitti dhagaʼama ture?—Lak. 20:10-13.
12 Yihowaan, wanta Aaron godhe kana hundaaf yeruma sana isa adabuu ni dandaʼa ture. Haataʼu malee, Aaron nama hamaa akka hin taanee hubatee ture. Aaron dhiibbaan warri kaan isarraan geessisan wanta gaarii hojjechuurraa akka isa deebisu heyyameera. Haataʼu malee, cubbuu hojjete kan amane siʼa taʼu, gorsa Yihowaan isaaf kennes fudhateera. (Bau. 32:26; Lak. 12:11; 20:23-27) Yihowaan amantiifi fedhii Aaron qalbii geddarachuuf qaburratti xiyyeeffate. Jaarraa hedduu boodallee Aaroniifi sanyiinsaa namoota Yihowaa sodaatan akka taʼanitti yaadatamu turan.—Far. 115:10-12; 135:19, 20.
13. Ilaalcha dadhabina namootaatiif qabnu akkamitti qoruu dandeenya?
13 Ilaalcha keenya ilaalcha Yihowaa wajjin walsimsiisuuf, ilaalcha namoota dadhaboo fakkaataniif qabnu qoruu qabna. (1 Sam. 16:7) Fakkeenyaaf dargaggeessi umrii waggoota kurnanii keessatti argamu tokko bashannana filachuurratti hubannaa akka hin qabne ykn of eeggannoo kan hin goone taʼuusaa yoo hubanne maal goona? Isa ceephaʼuu mannaa, karaa itti gara gaʼeessummaatti akka guddatu isa gargaaruu itti dandeenyurratti maaliif hin xiinxallu? Nama gargaarsi isa barbaachisu dursa fudhannee gargaaruu ni dandeenya. Akkas yoo goone rakkina namootaa hubachuurrattis taʼe jaalala argisiisuurratti guddina ni argisiisna.
14, 15. (a) Eliyaas yeroodhaaf jabina dhabuusaatti Yihowaatti maaltu dhagaʼame? (b) Muuxannoo Eliyaasirraa maal baranna?
14 Yaada keenya karaa itti Yihowaan tajaajiltootasaa abdii kutatan tokko tokko itti qabee wajjin walbira qabuun keenya, ilaalcha warra kaaniif qabnu balʼifachuuf nu gargaara. Isaan keessaa tokko Eliyaasidha. Raajota Baʼaal 450 taʼan sodaa malee kan morme taʼus, Iizaabel Mootittiin isa ajjeesuuf akka karoorfatte ennaa dhagaʼu garuu ni baqate. Kiilomeetira 150 fagaatee gara Bersheebaa erga deemee booda, lafa onaatti baqate. Deemsi inni aduu saafaa keessa godhe waan isa dadhabsiiseef muka jala taaʼe; achiis, “Na ajjeesi!” jedhee kadhate.—1 Mot. 18:19; 19:1-4.
15 Yihowaan tajaajilaansaa inni amanamaan abdii akka kutate ennaa argu maaltu itti dhagaʼame laata? Yeroodhaaf waan inni dhiphateefi jabina waan dhabeef Yihowaan tajaajilaasaa kana dhiiseeraa? Gonkummaa! Yihowaan dadhabina inni qabu waan hubateef ergamaasaa gara Eliyaasitti erge. Ergamaan Yihowaa Eliyaas nyaata akka nyaatu siʼa lama kan isa jajjabeesse yommuu taʼu, kunis cimina “karaa fagoo” deemuuf isa dandeessisu akka argatu isa gargaareera. (1 Mootota 19:5-8 dubbisi.) Yihowaan karaa inni deemu itti himuusaa durallee, raajiisaa kana sirriitti kan dhaggeeffate siʼa taʼu, wanta isa barbaachisus isaaf kenneera.
16, 17. Fakkeenya gargaarsa Yihowaan Eliyaasiif godhee hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
16 Fakkeenya Waaqa keenya isa nuu yaaduu hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Namaaf gorsa kennuutti ariifachuu hin qabnu. (Fak. 18:13) Jalqaba, namoota haala keessa jiranirraa kaʼuudhaan “tuffatamoo” akka taʼan itti dhagaʼamutti dhihaannee akka isaaniif yaadnu ibsuufi qabna. (1 Qor. 12:23) Akkas gochuun wanta isaan barbaachisu adda baafachuuf waan nu gargaaruuf, gargaarsa sirrii taʼe isaanii gochuuf nu dandeessisa.
17 Siintiyaa ishee olitti caqasamteefi abbaan manaashee isheefi ijoolleeshee lamaan dhisee deeme akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Isheefi ijoolleenshee kophaatti akka hafan itti dhagaʼamee ture. Yeroo kanatti obboloonni hidhata amantiishee taʼan maal godhan? Akkas jetteetti: “Wanta nu mudate bilbilaan itti himnee daqiiqaa 45 keessatti nu bira gaʼan. Booʼaa turan. Guyyaa jalqabaa lama ykn sadiif kophaatti nu hin dhiisne. Nyaata sirriitti nyaachaa waan hin turreef, akkasumas miirri keenya baayʼee miidhamee waan tureef yeroodhaaf gara manasaaniitti nu fudhatanii turan.” Haalli kun yaada Yaaqoob akkas jechuudhaan barreesse nu yaadachiisa: “Obboleessi tokko obboleettiin tokkos bututtuu in uffatu akkasumas guyyaa guyyaatti nyaata gaʼu hin argatan taʼa; isin keessaa tokko immoo, waan namummaa isaaniif barbaachisu utuu hin kenniniif, ‘Nagaadhaan dhaqaa, isinitti haa hoʼu, quufaas!’ yoo ittiin jedhe, buʼaa maalii qabaaf ree? Amantiinis akkasuma, hojii gaariidhaan hin argisiifamu yoo taʼe, inni ofii isaatii duʼaa dha.” (Yaq. 2:15-17) Gargaarsa obboloonni yeroosaatti isaaniif godhaniin kan kaʼe, Siintiyaafi ijoolleenshee lamaan haalli gaddisiisaan kun erga isaan mudatee jiʼa jaʼa booda jajjabina qajeelchaa gargaaraa taʼanii tajaajiluuf isaan dandeessisu argataniiru.—2 Qor. 12:10.
FAAYIDAA HEDDUU QABA
18, 19. (a) Obboloota yeroodhaaf dadhabinni itti dhagaʼame gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? (b) Obboloota dadhabbiin itti dhagaʼamu ennaa gargaarru kan fayyadamu eenyufaʼi?
18 Dhibee fayyaa cimaa taʼe tokkorraa fayyuuf yeroo akka fudhatu muuxannoo keerraa hubachuu hin ooltu. Haaluma walfakkaatuun, Kiristiyaanni sababa rakkina ykn haala gaddisiisaa isa mudateen dadhabbiin itti dhagaʼame tokko, karaa hafuuraa deebiʼee cimina argachuuf yeroo itti fudhachuu dandaʼa. Obboleessi kun karaa qayyabannaa dhunfaa, kadhannaafi sochiiwwan Kiristiyaanaa addaddaatiin amantiisaa cimsachuu akka qabu beekamaadha. Haataʼu malee, hanga inni karaa hafuuraa deebiʼee jabaatutti obsa itti ni argisiisnaa? Yeroo inni jijjiirama gochuuf carraaqu kanatti jaalala itti ni argisiisnaa? Obboloonni yeroodhaaf dadhabinni itti dhagaʼamu, bakka guddaa akka qabaniifi akka isaan jaallannu akka hubatan gargaaruuf carraaqqii ni goonaa?—2 Qor. 8:8.
19 Obboloota keenya yeroo gargaarru, gammachuu kennuudhaan qofa argamu akka argannu matumaa dagachuu hin qabnu. Namootaaf yaaduufi obsa argisiisuurrattis dandeettiin keenya ni dabala. Akkas gochuun faayidaa kan biraas qaba. Jaalalli miseensonni gumichaa waliif qaban akka guddatu godha. Hunda caalaammoo, fakkeenya Yihowaa isa tokkoon tokkoon namootaatiif bakka guddaa kennuu hordofna. Eeyyee, hundi keenyayyuu gorsa ‘dadhaboota akka gargaarru’ nuu kenname hojiirra oolchuuf sababa quubsaa qabna.—HoE. 20:35.
a Chaarlis Daarwiin kitaabasaa Za Diiseent oov Maan jedhamurratti, kutaalee qaamaa hedduu “faayidaa kan hin qabne” akka taʼanitti ibseera. Deggertootasaa keessaa tokko kutaaleen qaamaa “gatii hin qabne” kan akka apeendiksiifi xannacha taayimasii hedduun akka jiran dubbatee ture.
b Maqaan jijjiirameera.