‘Nuyi Isinii Wajjin In Dhaqna’
“Waaqayyo sii [“isinii,” NW] wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuyis sii [“isinii,” NW] wajjin achi in dhaqna.”—ZAK. 8:23.
1, 2. (a) Yihowaan yeroo keenyatti maaltu akka raawwatamu dubbateera? (b) Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kamfaatu deebii argata? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
YIHOWAAN yeroo keessa jiraannu ilaalchisee raajii akkana jedhu dubbateera: “Guyyaa sanatti saba afaan garaa garaa dubbatan hundumaa keessaa namoonni kudhan fiixee uffata nama Yihudii tokko qabanii, ‘Waaqayyo sii [“isinii,” NW] wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuyis sii [“isinii,” NW] wajjin achi in dhaqna’ in jedhu.” (Zak. 8:23) Akkuma namoota kurnan fakkeenyaan ibsaman kanaa, warri lafa irra jiraachuuf abdii qaban ‘fiixee uffata nama Yihudii tokkoo qabataniiru.’ Namoonni kun Yihowaan warra dibaman eebbisaa akka jiru waan beekaniif, “Israaʼel Waaqayyoo” warra hafuuraan dibamanii wajjin michoomuu isaaniitti ni boonu.—Gal. 6:16.
2 Akkuma Zakaariyaas raajichaa, Yesusis tokkummaa nama gammachiisuu fi sabni Waaqayyoo argatan ibseera. Duuka buutonni isaa garee lama, jechuunis “karra xinnayyoo” fi “hoolota kan biraa” taʼuu isaanii kan dubbate taʼus, isaan “karra tokko” akka taʼanii fi “tikseen isaaniis tokko” akka taʼu ibseera. (Luq. 12:32; Yoh. 10:16) Haa taʼu malee, walitti dhufeenyi garee kana lamaan gidduu jiru gaaffiiwwan tokko tokko kaasa: (1) Hoolonni kan biraan maqaa dibamtoota yeroo ammaatti argaman hundaa beekuun isaan barbaachisaa? (2) Dibamtoonni ofiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabu? (3) Namni gumii keetti argamu tokko Ayyaana Yaadannoo irratti maxinoo fi wayinii irraa hirmaachuu yoo jalqabe maaltu sitti dhagaʼamuu qaba? (4) Lakkoofsi warra maxinoo fi wayinii irraa hirmaatanii dabaluun isaa si yaaddessuu qabaa? Mee deebii gaaffiiwwan kanaa haa ilaallu.
MAQAA DIBAMTOOTA YEROO AMMAA JIRAN HUNDUMAA BEEKUUN NU BARBAACHISAA?
3. Nuyi namni miseensa 144,000 taʼu eenyu akka taʼe mirkanaaʼaa taʼuu kan hin dandeenye maaliifi?
3 Hoolonni kan biraan maqaa dibamtoota yeroo ammaa jiran hundumaa beekuun isaan barbaachisaa? Gabaabumatti deebiin isaa lakki kan jedhu dha. Maaliif? Sababiin isaas, namni tokko waamicha samii yoo argate illee, namni sun ni afeerame jechuu malee, badhaasa isaa akka argatu ni mirkaneeffameef jechuu miti. Seexannis ‘raajota sobaa yoo dandaʼame warra Waaqayyoof foʼaman iyyuu wallaalchisan’ kan kaasu kanaafi. (Mat. 24:24) Yihowaan Kiristiyaanni dibame tokko badhaasa akkanaa akka argatu hanga isaaf murteessutti, eenyu illee namni sun badhaasa samii akka argatu beekuu hin dandaʼu. Yihowaan namni sun amanamummaadhaan duʼuu isaa yeroo muraasa dura ykn ‘rakkinni guddaan’ jalqabuu isaa yeroo muraasa dura, murtoo kana godha ykn mallattoo isa dhumaa isa irratti godha. (Mul. 2:10; 7:3, 14) Kanaafuu, namni yeroo ammaatti lafa irratti argamu tokko, tajaajiltoota Waaqayyoo keessaa dhuma irratti miseensa 144,000 kan taʼu eenyu akka taʼe beekuuf yaaluun isaa faayidaa hin qabu.[1]
4. Maqaa dibamtoota yeroo ammaa lafa irratti argaman hundumaa beekuun kan hin dandaʼamne erga taʼee, isaanii ‘wajjin dhaquu’ kan dandeenyu akkamitti?
4 Maarree, maqaa Israaʼeloota hafuuraa yeroo ammaa lafa irratti argaman hundumaa beekuun kan hin dandaʼamne erga taʼee, miseensonni hoolota kan biraa isaanii ‘wajjin dhaquu’ kan dandaʼan akkamitti? Namoota kurnan fakkeenyaan ibsaman ilaalchisee wanta raajii Zakaariyaas keessatti ibsame hubadhu. Namoonni kun, “fiixee uffata nama Yihudii tokko qabanii, ‘Waaqayyo sii [“isinii,” NW] wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuyis sii [“isinii,” NW] wajjin achi in dhaqna’ in jedhu.” As irratti kan caqasame Yihudii tokko qofa taʼus, bakka lamaan irratti iyyuu ibsi maqaa “isin” jedhu galeera. Kanaafuu, Yihudiin hafuuraa kun garee dibamtootaa hunda kan argisiisu malee nama tokko qofa kan argisiisu taʼuu hin dandaʼu! Kanaafuu, Yihudii hafuuraa hunda adda baafatanii beekuunii fi isa ykn ishii wajjin deemuun barbaachisaa miti. Kanaa mannaa, garee namoota kanaa beekuu fi garee kana deggeruu qabna. Kitaabni Qulqulluun matumaa nama tokko duukaa akka buunu nu hin jajjabeessu. Geggeessaan keenya Yesusi dha.—Mat. 23:10.
KIRISTIYAANONNI DIBAMOON OFIIF ILAALCHA AKKAMII QABAACHUU QABU?
5. Dibamtoonni akeekkachiisa isa kam of eeggannoodhaan irratti yaaduu qabu? Maaliif?
5 Namoonni Ayyaana Yaadannoo irratti maxinoo fi wayinii irraa hirmaatan akeekkachiisa 1 Qorontos 11:27-29 (dubbisi) irratti argamu of eeggannoodhaan qoruu qabu. Phaawulos ergamaan as irratti ergaa akkamii dabarsaa jira? Kiristiyaanni dibame tokko Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabu eegee jiraachaa hin jiru taanan, utuu isaaf hin malin maxinoo fi wayinii irraa hirmaachuu dandaʼa. (Ibr. 6:4-6; 10:26-29) Akeekkachiisni akkasii Kiristiyaanonni dibamoon amma iyyuu badhaasa isaanii akka hin arganne akka yaadatan isaan gargaara. Namoonni kun, ‘gonfoo warra moʼanii, waamicha isa Waaqayyo karaa Kristos Yesus itti ol isaan waame’ sana argachuuf dhamaʼuu isaanii itti fufuu qabu.—Filp. 3:13-16.
6. Kiristiyaanonni dibamoon ofiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabu?
6 Phaawulos hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee Kiristiyaanonni dibamoon, ‘waamicha isa itti waamaman sanaaf akka taʼutti akka jiraatan’ gorseera. Kana gochuu kan dandaʼan akkamitti? Phaawulos itti fufuudhaan, “Gad of deebisuu fi garraamummaa hundumaan, obsaanis walii wajjin jiraadhaa, jaalalaanis waliif dandaʼaa! Hidhaa nagaatiin tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf dhamaʼaa!” jedheera. (Efe. 4:1-3) Hafuurri Yihowaa koora utuu hin taʼin gad of qabuu jajjabeessa. (Qol. 3:12) Dibamtoonni, warra lafa irra jiraachuuf abdii qaban caalaa hafuura qulqulluu qabu jechuu akka hin taane gad of qabuudhaan amananii fudhatu. Beekumsa adda taʼe akka qaban ykn mulʼata adda taʼe akka argan hin dubbatan ykn karaa taʼe tokkoon warra kaan irra akka caalan amansiisuuf yaalii hin godhan. Namoonni kun, warri kaanis dibamtoota akka taʼanii fi maxinoo fi wayinii irraa hirmaachuu akka qaban matumaa yaada hin kennan; kanaa mannaa, warra dibaman kan waamu Yihowaa taʼuu isaa gad of qabuudhaan amananii fudhatu.
7, 8. Kiristiyaanonni dibamoon maal eeguu hin qaban? Maaliif?
7 Waamicha samii argachuun mirga dinqisiisaa taʼus, Kiristiyaanonni dibamoon warri kaan karaa kamiin iyyuu ulfina addaa akka isaaniif kennan hin eegan. (Efe. 1:18, 19; Filiphisiiyus 2:2, 3 dubbisi.) Hafuurri Yihowaa dhugaa kan isaaniif baʼe dhuunfaatti dha. Kana ilaalchisee beeksisni addunyaatti himame hin jiru. Kanaafuu, namoonni tokko tokko isaan dhugumaan hafuura qulqulluudhaan dibamuu isaanii dafanii yoo amanuu baatan isaan dinqisiisuu hin qabu. Kitaabni Qulqulluun nama karaa adda taʼeen Waaqayyo akka isa muude dubbatu tokko dafanii amanuun sirrii akka hin taane kan gorsu taʼuu isaa ni hubatu. (Mul. 2:2) Kanaafuu, dibamuu isaanii akka “kaardii waamichaatti” fayyadamuudhaan warra kaanitti of hin beeksisan. Kana malees, xiyyeeffannaa warra kaanii ofitti harkisuu irraa fagaachuuf jecha yeroo baayʼee waaʼee wanta dhuunfaatti argatan kanaa hin dubbatan ykn waaʼee badhaasa gara fuulduraatti argatanii of jajuudhaan dubbachuu hin barbaadan.—1 Qor. 1:28, 29; 1 Qorontos 4:6-8 dubbisi.
8 Kana malees, Kiristiyaanonni dibamoon miseensota garee addaa tokko akka taʼan godhanii of hin ilaalan. Isaanii wajjin walitti dhufeenya adda taʼe uumuuf ykn gareewwan dhuunfaatti Kitaaba Qulqulluu qoʼatan hundeessuuf yaaduudhaan, namoota akka isaanii waamamneerra jedhan argachuuf yaalii hin godhan. (Gal. 1:15-17) Gochi akkana, gumii keessatti wal qoqqooduun akka uumamuu kan godhu taʼuu isaa irra iyyuu, hafuura qulqulluu isa nagaa fi tokkummaa argamsiisu kan mormu dha.—Roomaa 16:17, 18 dubbisi.
ISAANIIF ILAALCHA AKKAMII QABAACHUU QABDA?
9. Akkaataa warra Ayyaana Yaadannoo irratti maxinoo fi wayinii irraa hirmaatan itti qabnu irratti of eeggannoo gochuu kan qabdu maaliifi? (Saanduqa “Jaalalli ‘Amala Sirrii Hin Taane Hin Argisiisu’” jedhu ilaali.)
9 Nama Ayyaana Yaadannoo irratti maxinoo fi wayinii irraa hirmaatuuf ilaalcha akkamii qabaachuu qabda? Yesus bartoota isaatiin, “Isin immoo hundumti keessan obboloota” isaaniin jedheera. Itti fufuudhaanis, “Namni ol of qabu gad in deebifama, namni gad of deebisus ol in qabama” jedheera. (Mat. 23:8-12) Kanaafuu, obboloota Kiristos warra dibaman yoo taʼan illee namoota ol qabuun dogoggora dha. Kitaabni Qulqulluun jaarsolii Kiristiyaanaa ilaalchisee, amantii warra geggeessituu taʼan kanaa akka hordofnu nu jajjabeessa; taʼus, nama kam iyyuu akka geggeessaa keenyaatti ol akka qabnu matumaa nu hin ajaju. (Ibr. 13:7) Dhugaa dha, Kitaabni Qulqulluun namoonni, ‘ulfina guddaa argachuu qaban’ tokko tokko akka jiran ni dubbata. Haa taʼu malee, namoonni kun ulfina argachuu kan qaban dibamtoota waan taʼaniif utuu hin taʼin, ‘akka gaariitti waan bulchanii fi warra dubbachuu fi barsiisuudhaan jabaatanii hojjetan’ waan taʼaniifi. (1 Xim. 5:17, NW) Kanaafuu, warra waamicha samii qabaniif ulfinaa fi xiyyeeffannaa sirrii hin taane yoo kennine isaan qaanessina. Kana caalaa kan hammaatu immoo, Kiristiyaanonni dibamoon xiyyeeffannaan addaa kan isaaniif kennamu yoo taʼe, gad of qabanii jiraachuun isaan rakkisuu dandaʼa. (Rom. 12:3) Eenyuun keenya iyyuu obboloota Kiristos keessaa tokko illee gufachiisuu hin barbaannu!—Luq. 17:2.
10. Kiristiyaanota dibamoodhaaf ulfina akka kennitu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
10 Namoota Yihowaan dibeef ulfina isaaniif malu akka kenninu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Dibamuu isaanii ilaalchisee gaaffii dhuunfaa isaan hin gaafannu. Akkana gochuudhaan wanta nu hin galchine keessa galuu irraa of qusanna. (1 Tas. 4:11; 2 Tas. 3:11) Haadha, abbaa, hiriyaa gaaʼelaa ykn firoota nama dibame sanaa keessaa tokkos kan dibame akka taʼe yaaduu hin qabnu. Sanyiin ykn gaaʼelli kana keessatti gaʼee hin qabu. (1 Tas. 2:12) Hiriyaa gaaʼelaa nama dibame tokkoo, gara fuulduraatti lafa Jannata taatu keessatti hiriyaa gaaʼelaa isaa malee akka jiraatu beekuu isaatti maaltu akka itti dhagaʼamu gaafachuu irraa of qusachuu qabna. Gaaffiiwwan nama miidhuu dandaʼan akkanaa kaasuu mannaa, hundi keenya Yihowaan harka isaa akka banuu fi ‘fedha warra lubbuu qaban hundumaa akka quubsu’ amanannaa guutuu qabaachuu dandeenya.—Far. 145:16.
11. Sobaan warra kaan jajuu irraa fagaachuun balaa irraa of eeguuf kan nu gargaaru akkamitti?
11 Namoonni Kiristiyaanota dibamoodhaaf karaa sirrii taʼeen ulfina kennan, balaa guddaa irraa of eegu. Kitaabni Qulqulluun, ‘obboloonni sobduun’ dhoksaatti gumii gidduu lixuu akka dandaʼan nutti hima. (Gal. 2:4, 5; 1 Yoh. 2:19) Fakkeessitoonni kun dibamtoota akka taʼan illee dubbachuu dandaʼu. Kana malees, Kiristiyaanonni dibamoon tokko tokko amantii irraa goruu dandaʼu. (Mat. 25:10-12; 2 Phe. 2:20, 21) Kiyyoo sobaan warra kaan jajuu irraa kan fagaannu yoo taʼe, namoota kanaan dhugaa irraa hin fudhatamnu ykn Kiristiyaanni beekamaan ykn waggaa hedduudhaaf tajaajile tokko amanamaa utuu hin taʼin hafuu isaatiin kan kaʼe amantiin keenya hin caccabu.
LAKKOOFSI WARRA MAXINOO FI WAYINII IRRAA HIRMAATANII NU YAADDESSUU QABAA?
12, 13. Lakkoofsi namoota Ayyaana Yaadannoo irratti maxinoo fi wayinii irraa hirmaatanii nu yaaddessuu kan hin qabne maaliifi?
12 Waggoota dhihoodhaa asitti lakkoofsi namoota Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristos irratti maxinoo fi wayinii irraa hirmaatanii dabaluu isaa hubanneerra. Waggoota kurnan hedduudhaaf lakkoofsi namoota maxinoo fi wayinii irraa hirmaachaa turanii xiqqaachaa kan ture siʼa taʼu, haalli amma jiru garuu kanaa wajjin wal faallessa. Lakkoofsi isaanii dabaluun isaa nu yaaddessuu qabaa? Nu yaaddessuu hin qabu. Mee sababiiwwan guguddaa sammuutti qabachuu qabnu tokko tokko haa ilaallu.
13 “Gooftichi warra kan isaatii in beeka.” (2 Xim. 2:19) Obboloonni namoota Ayyaana Yaadannoo irratti argaman lakkaaʼan, samii irra jiraachuuf dhugumaan abdii kan qabu eenyu akka taʼe murteessuu hin dandaʼan. Lakkoofsi namoota maxinoo fi wayinii irraa hirmaatanii, warra dibamtoota akka taʼan godhanii dogoggoraan yaadanis kan dabalatu dha. Namoonni yeroo tokko maxinoo fi wayinii irraa hirmaachuu jalqaban tokko tokko yeroo booda hirmaachuu dhiisaniiru. Warri kaan immoo rakkina sammuu ykn miiraa Kiristosii wajjin samii irratti akka bulchan godhanii akka amanan isaan godhu qabaachuu dandaʼu. Kanaafuu, lakkoofsi namoota maxinoo fi wayinii irraa hirmaatanii, lakkoofsa dibamtoota lafa irratti hafanii sirriitti argisiisuu hin dandaʼu.
14. Kitaabni Qulqulluun, waaʼee lakkoofsa dibamtoota warra yommuu rakkinni guddaan jalqabu lafa irratti hafanii maal jedha?
14 Yommuu Yesus samii irratti walitti isaan qabuuf dhufu dibamtoonni lafa irratti bakka hedduutti argamu. Kitaabni Qulqulluun, wanta Yesus yeroo sana raawwatu ilaalchisee akkana jedha: “Inni ergamoota isaa waaqa irraa sagalee malakataa guddaa wajjin in erga, isaan immoo warra Waaqayyoof foʼaman qixa arfanii, andaara bantii waaqaa gar tokkoo hamma gara isa kaaniittis walitti in qabu.” (Mat. 24:31) Kitaabni Qulqulluun, dibamtoota keessaa guyyoota dhumaatti lafa irra kan jiraatan muraasa qofa akka taʼan argisiisa. (Mul. 12:17) Haa taʼu malee, yommuu rakkinni guddaan jalqabu, isaan keessaa lafa irratti kan hafan meeqa akka taʼan hin dubbatu.
15, 16. Waaʼee miseensota 144,000 warra Yihowaan filatee maal hubachuu qabna?
15 Yihowaan dibamtoota yeroo akkamiitti akka filatu ni murteessa. (Rom. 8:28-30) Yihowaan dibamtoota filachuu kan jalqabe Yesus duʼee erga duʼaa kaʼee booda siʼa taʼu, miseensonni gumiiwwan Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaatti turan hundi dibamtoota kan turan fakkaata. Jaarraa jalqabaatii kaasee hanga yeroo guyyoonni dhumaa itti jalqabanitti, namoota duuka buutota Kiristos akka taʼan dubbachaa turan keessaa hedduun isaanii Kiristiyaanota sobaa turan; Yesus namoota kana ‘inkirdaadatti’ fakkeesseera. Taʼus, Yihowaan yeroo sana keessa namoota amanamoo tokko tokko dibuu isaa itti fufee kan ture siʼa taʼu, isaanis akka “qamadii” Yesus ibse sanaa taʼuu isaanii argisiisaniiru. (Mat. 13:24-30) Guyyoota dhumaattis, Yihowaan warra kutaa 144,000 taʼan filachuu isaa itti fufeera.[2] Erga inni warra mirga kana argatan filachuuf hanga dhuma guyyoota dhumaa kanatti turuuf murteessee, nuti ogummaa isaa irratti gaaffii kaasuuf mirga maalii qabna ree? (Isa. 45:9; Dan. 4:35; Roomaa 9:11, 16 dubbisi.)[3] Akka hojjettoota wanta gooftaan isaanii hojjettoota kaan warra saʼaatii 11tti dhufaniif godhetti gunguman sanaa akka hin taane of eeggachuu qabna.—Maatewos 20:8-15 dubbisi.
16 Miseensota ‘hojjetaa amanamaa fi ogeessaa’ kan taʼan namoota samii irra jiraachuuf abdii qaban hunda miti. (Mat. 24:45-47) Akkuma jaarraa jalqabaa, yeroo harʼaattis Yihowaanii fi Yesus namoota hedduu sooraa kan jiran namoota muraasatti fayyadamanii ti. Kiristiyaanota dibamoo jaarraa jalqabaatti turan keessaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii kan barreessan muraasa isaanii qofa turan. Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaas, “yeroodhaan nyaata” hafuuraa akka qopheessan kan muudaman Kiristiyaanota dibamoo muraasa qofa dha.
17. Mata duree kana irraa maal baratte?
17 Wanta olitti ilaalle irraa barumsa akkamii arganne? Yihowaan badhaasa garaa gara taʼe lama, jechuunis Yihudoota hafuuraatiif jireenya samii, namoota kudhan fakkeenyaan ibsamaniif immoo jireenya lafa irraa kennuuf filateera. Taʼus, warri waamicha samii qabanis taʼe warri lafa irra jiraachuuf abdatan seera isaa akka eeganii fi amanamoo akka taʼan barbaada. Gareen lamaanuu kan gad of qaban taʼuu qabu. Gareen lamaanuu tokkummaa qabaachuu qabu. Gareen lamaanuu gumii keessa nagaan akka jiraatu gochuu qabu. Kanaafuu, yeroo guyyoonni dhumaa xumuramuu jala gaʼan kanatti, hundi keenya iyyuu Kiristos jalatti karra tokko taanee tajaajiluuf haa murteessinu.
^ [1] (keeyyata 3) Faarfannaan 87:5, 6 gara fuulduraatti maqaan namoota Yesusii wajjin samii irratti bulchuuf kaafaman hundaa akka ibsamu kan argisiisu fakkaata.—Rom. 8:19.
^ [2] (keeyyata 15) Hojiin Ergamootaa 2:33 Yesus filannaa kana keessatti gaʼee akka qabu kan dubbatu taʼus, afeerricha kan dhiheessu Yihowaa dha.
^ [3] (keeyyata 15) Ibsa dabalataa argachuuf, “Gaaffii Dubbistootaa” Masaraa Eegumsaa, Caamsaa 1, 2007 (Amaariffa) ful. 30-31 irratti argamu ilaali.