-
“Waaqayyoon Nan Abdadha”Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2017 | Muddee
-
-
15. Yesuus “isa jalqabaa” taʼuun isaa hiika guddaa akkamii qaba?
15 Yesuus qaama hafuuraa taʼee samii irra jiraachuuf duʼaa kaʼuudhaan isa jalqabaa ti; duʼaa kaʼuun isaas hunda irra kan caalu ture. (HoE. 26:23) Uumama hafuuraa taʼee samii irra jiraachuuf akka duʼaa kaʼu abdiin kan kenname garuu isaaf qofa hin turre. Yesuus, ergamoonni isaa amanamoo taʼan isaa wajjin samii irratti bulchitoota akka taʼan isaaniif mirkaneesseera. (Luq. 22:28-30) Badhaasa kana argachuuf garuu dura duʼuu qabu. Yeroo booda akkuma Kiristoos qaama hafuuraa qabaatanii duʼaa kaʼuu dandaʼu. Phaawulos, “Kiristoos warra duʼan keessaa isa jalqabaa taʼee duʼaa kaafameera” jechuudhaan barreesseera. Phaawulos, “Hundi isaanii dabaree isaaniitiin jireenya argatu: Jalqaba Kiristoostu duʼaa kaʼe; achiis warra yeroo inni argamutti kan Kiristoos taʼantu jireenya argata” jechuudhaan, namoonni samii irra jiraachuuf duʼaa kaʼan kan biraanis akka jiran ibseera.—1 Qor. 15:20, 23.
16. Namoonni samii irra jiraachuuf duʼaa kan kaʼan yoom akka taʼe beekuuf maaltu nu gargaara?
16 Yaada kana irraa, namoonni duʼaa kaʼanii gara samii deeman yeroo itti duʼaa kaʼan ilaalchisee yaada walii galaa arganna. Duʼaa kaʼuun kun kan raawwatamu, “yeroo inni [Yesuus] argamutti.” Dhugaa Baatonni Yihowaa, yeroo dheeraa dura bara 1914 jalqabee yeroo argama Yesuus keessa akka jirru Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼuudhaan amanu turan. Yeroon kun hanga ammaatti kan itti fufee siʼa taʼu, dhumni sirna hamaa kanaas baayʼee dhihaateera.
17, 18. Yeroo argama Kiristoositti dibamtoota tokko tokko irratti maaltu raawwatama?
17 Kitaabni Qulqulluun waaʼee namoota samii irra jiraachuuf duʼaa kaʼanii akkana jechuudhaan ibsa kenna: “Waaʼee warra duʼaan boqotanii utuu hin beekin akka haftan hin barbaadnu. Yesuus akka duʼee fi duʼaa akka kaʼe amantii yoo qabaanne, Waaqayyo warra Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaatanii duʼan isaa wajjin gara jireenyaatti ni fida. . . . Nuti warri hanga Gooftaan argamutti lubbuudhaan turru, matumaa warra duʼan hin dursinu; sababiin isaas, Gooftaan ofuma isaatiin sagalee ajajaatiin, . . . samii irraa gad ni buʼa; warri Kiristoosii wajjin tokkummaa qabaatanii duʼanis jalqaba ni kaʼu. Sana booda nuti warri lubbuudhaan turru, qilleensa irratti Gooftaa simachuuf duumessaan ol ni butamna; akka kanaan yeroo hunda Gooftaa wajjin ni jiraanna.”—1 Tas. 4:13-17.
18 Duʼaa kaʼuun inni jalqabaa kan raawwatamu, ‘argamuun’ Kiristoos erga jalqabee yeroo muraasa booda dha. Dibamtoonni yeroo rakkina guddaatti lubbuudhaan lafarra jiraatan, ‘duumessaan ol ni butamu.’ (Mat. 24:31) Dibamtoonni ‘ol butaman’ ‘duʼaan hin boqotan,’ jechuunis duʼanii yeroo dheeraadhaaf hin turan. ‘Hundi isaanii ni jijjiiramu, malakanni inni dhumaa yeroo afuufamu, battalumaan, hanga liphsuu ijaatti ni jijjiiramu.’—1 Qor. 15:51, 52.
-
-
“Waaqayyoon Nan Abdadha”Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2017 | Muddee
-
-
20. Duʼaa kaʼuun gara fuulduraatti raawwatamu duraa duubaan akka taʼu amanuu kan dandeenyu maaliifi?
20 Kitaabni Qulqulluun, namoota duʼaa kaʼanii samii irra jiraatan ilaalchisee, “hundi isaanii dabaree isaaniitiin” akka duʼaa kaʼan dubbata. (1 Qor. 15:23) Haaluma wal fakkaatuun, namoonni duʼaa kaʼanii lafa irra jiraatanis duraa duubaan akka kaʼan amanuu dandeenya. Kun haala nama gammachiisu dha. Namoonni dhiheenya kana duʼan, gara jalqaba Bulchiinsa Kiristoos Isa Waggaa Kumaatti duʼaa kaʼanii namoota isaan jaallatanii fi isaan beekaniin simatamuu laata? Dhiironni amanamoon bara durii turanii fi geggeessuuf dandeettii qaban dursanii duʼaa kaʼuudhaan, addunyaa haaraa keessatti saba Waaqayyoo gurmeessuuf gargaaruu laata? Namoonni tajaajiltoota Yihowaa hin turre hoo, yoomii fi eessatti duʼaa kaʼu? Gaaffiiwwan hedduun kaʼuu dandaʼu. Garuu gaaffiiwwan kana irratti amma yaaduun keenya barbaachisaa dhaa? Callisanii wanta taʼu ilaaluu hin wayyuu? Yihowaan dhimmawwan kana karaa caalaatti nama gammachiisuun akka raawwatu amanuu dandeenya.
-