BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 QORONTOS 14-16
Waaqayyo ‘Hundumaatiif Waan Hunda ni Taʼa’
Namoonni Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu isaanii mirkaneessan yeroo gara fuulduraa dinqisiisaa taʼetu isaan eeggata. Waaʼee abdii keenyaa warra kaanitti gammachuu guddaadhaan kan dubbannu yoo taʼe, abdichi caalaatti nuuf dhugoomaa deema. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanonni hidhata amantii isaa taʼan, wanta yeroo xumura Bulchiinsa Barkumee Kiristoos, jechuunis yeroo Yihowaan ‘hundumaatiif waan hunda itti taʼu’ ija qalbii isaaniitiin akka ilaalan isaan jajjabeesseera.
Eebbawwan gara fuulduraatti nu eeggatan keessaa isa kam arguuf caalaatti hawwita? Maaliif?
Waaqayyo waadaa gale hunda akka raawwatu wanti si amansiise maali dha?