BARUMSA 58
Yihowaadhaaf Amanamaa Taʼii Jiraadhu
Kiristiyaanonni dhugaan wanti kam iyyuu ykn eenyu iyyuu Yihowaa tajaajiluu akka isaan dhowwu matumaa heyyamuu dhiisuuf murteessaniiru. Atis akka hin heyyamne hin shakkinu. Yihowaan amanamummaa ati argisiistuuf iddoo guddaa kenna. (1 Seenaa Baraa 28:9 dubbisi.) Haalawwan Yihowaadhaaf amanamaa taatee jiraachuun akka sitti ulfaatu godhan kam faʼi? Wanti gama kanaan si gargaaruu dandaʼu hoo maali dha?
1. Warri kaan amanamummaan Yihowaadhaaf qabnu akka qoramu gochuu kan dandaʼan akkamitti?
Namoonni tokko tokko Yihowaa tajaajiluu keenya akka dhiisnu gochuuf yaalu. Namoonni gocha hamaa akkasii raawwatan eenyu faʼi? Namoota dhugaa dhiisanii fi amantii keenya balleessuuf waaʼee jaarmiyaa Yihowaa soba dubbatani dha. Namoonni kun gantoota jedhamu. Kana malees geggeessitoonni amantaa tokko tokko namoonni of hin eegganne dhugaa akka dhiisan gochuuf waaʼee keenya odeeffannoo sobaa babalʼisu. Gantoota wajjin wal falmuun, kitaabotaa fi wantoota isaan weebsaayitii isaanii irratti baasan dubbisuun ykn viidiyoowwan isaan qopheessan ilaaluun balaa qaba. Namoota warri kaan amanamummaadhaan Yihowaa akka hin tajaajille gochuuf yaalan ilaalchisee Yesuus akkana jedheera: “Waaʼee isaanii dhiisaa. Isaan geggeessitoota jaamota taʼani dha. Kanaafuu, jaamaan jaamaatti karaa yoo argisiise lamaan isaanii iyyuu boolla keessa buʼu.”—Maatewos 15:14.
2. Murtoowwan dhuunfaa amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu qoruu dandaʼan kam faʼi?
Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu wanta amantaa sobaa wajjin wal qabatu kam irraa iyyuu fagaachuuf nu kakaasa. Hojiin keenya, dhaabbanni keessa hojjennu ykn sochiin irratti hirmaannu kam iyyuu amantaa sobaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu hin qabu. Yihowaan, “Yaa saba koo, [Baabilon Guddittii] keessaa baʼaa” jedhee nu akeekkachiiseera.—Mulʼata 18:2, 4.
CAALAATTI BARADHU
Namni kam iyyuu amanamummaa Yihowaadhaaf qabdu akka laaffisu heyyamuu dhiisuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu. Baabilon Guddittii keessaa baʼuudhaan amanamummaa Yihowaadhaaf qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti akka taʼes ilaali.
3. Barsiisota sobaa irraa of eeggadhu
Waaʼee jaarmiyaa Yihowaa wanta sirrii hin taane yeroo dhageenyu maal gochuu qabna? Fakkeenya 14:15 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Wanta dhageenyu hunda amanuu kan hin qabne maaliifi?
Yohaannis Lammaffaa 9-11 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Gantoonni yoo nu mudatan maal gochuu qabna?
Gantootaa wajjin kallattiidhaan dubbachuu baannus barumsawwan isaaniitiif saaxilamuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?
Yihowaan dubbii gadhee waaʼee isaa ykn waaʼee jaarmiyaa isaa dubbatamuuf xiyyeeffannaa yoo kennine maaltu isatti dhagaʼama jettee yaadda?
4. Namni tokko cubbuu yommuu hojjetu Waaqayyoof amanamaa taʼii jiraadhu
Namni gumii keessa jiru tokko cubbuu cimaa akka hojjete yoo beekne maal gochuu qabna? Seera Waaqayyo Israaʼel duriitiif kenne irraa barumsa akkamii akka argannu ilaali. Leewwota 5:1 dubbisaa.
Akkuma caqasicha irratti ibsame namni tokko cubbuu cimaa akka hojjete yoo beekne, wanta beeknu jaarsoliitti himuu qabna. Akkas gochuu keenya dura garuu namni dogoggora raawwate sun jaarsolii bira dhaqee cubbuu isaa akka himatu itti himuun keenya gaarii dha. Yoo dide garuu amanamummaan Yihowaadhaaf qabnu wanta beeknu jaarsoliitti himuuf nu kakaasuu qaba. Akkas gochuun keenya . . .
Yihowaadhaaf jaalala amanamaa akka qabnu kan argisiisu akkamitti?
nama cubbuu hojjete sanaaf jaalala amanamaa akka qabnu kan argisiisu akkamitti?
warra gumii keessa jiran kaaniif jaalala amanamaa akka qabnu kan argisiisu akkamitti?
5. Baabilon Guddittii irraa fagaadhu
Luqaas 4:8 fi Mulʼata 18:4, 5 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneeniif deebii kenni:
Amma iyyuu sirna amantaa sobaa irratti hirmaachaan jiraa?
Dhaabbata amantaa sobaa wajjin walitti dhufeenya qabu keessan jiraa?
Hojiin koo karaa taʼe tokkoon amantaa sobaa kan deggaru dhaa?
Karaan amantaa sobaa irraa fagaachuun itti na barbaachisu kan biraan jiraa?
Gaaffiiwwan kana keessaa isa tokkoof illee eeyyee jedhee yoon deebise jijjiirama akkamiin gochuu qaba?
Haala hundumaa keessatti murtoo qalbii qulqulluu siif argamsiisuu fi Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu kee argisiisu godhi.
NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Dhugaadhaaf falmuu akkan dandaʼuuf wanta gantoonni waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa dubbatan beekuun qaba.”
Kun garuu gaarii dhaa? Maaliif?
MAAL BARATTE?
Yihowaadhaaf amanamoo taanee jiraachuuf, namoota nu dogoggorsuuf yaalanitti michoomuu irraa of qusachuu qabna.
Irra Deebii
Yaadawwan gantootaa dhaggeeffachuu kan hin qabne maaliifi?
Obboleessi tokko cubbuu cimaa akka hojjete yoo beekne maal gochuu qabna?
Akeekkachiisa amantaa sobaa irraa akka fagaannuuf nuu kenname hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Namoonni waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa oduu sobaa yommuu babalʼisan maal gochuu akka qabdu baradhu.
“Odeeffannoo Guutuu Taʼe Qabdaa?” (Masaraa Eegumsaa, Hagayya 2018)
Dhaabbilee ykn sochiiwwan Baabilon Guddittii deggaran adda baastee beekuu kan dandeessu akkamitti?
Mormitoonni tokko tokko amantii keenya laaffisuuf maal godhu?
Seenaa jireenyaa “Ijoollummaa Kootii Kaasee Waaqayyoon Barbaaddachaan Ture” jedhu irraa, namni qeesii amantaa Shintoo ture tokko hariiroo amantaa sobaa wajjin qabu akkamitti akka addaan kute dubbisi.
“Kitaabni Qulqulluu Jireenya Namootaa ni Jijjiira” (Mata duree Masaraa Eegumsaa irratti ba’e)