MATA DUREE QOʼANNAA 14
Tajaajila Keessan Guutummaatti Raawwachaa Jirtuu?
“Misiraachoo lallabuu kee itti fufi, tajaajila kees guutummaatti raawwadhu.”—2 XIM. 4:5, milj.
FAARFANNAA 57 Akaakuu Namootaa Hundumaaf Lallabuu
QABIYYEEa
1. Tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi maal gochuu barbaadu? Maaliifi? (Fakkii fuula jalqabaa irra jiru ilaali.)
KIRISTOOS YESUUS duuka buutonni isaa, ‘dhaqanii saba hundumaa keessaa namoota barattoota akka godhan’ ajajeera. (Mat. 28:19) Tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo taʼan hundi, tajaajila akka raawwatan isaanitti kenname kana, akkamitti ‘guutummaatti raawwachuu’ akka dandaʼan barachuu barbaadu. (2 Xim. 4:5) Hunda caalaa immoo, hojiin kun, hojii kan biraa kam iyyuu caalaa barbaachisaa, faayida kan qabuu fi ariifachiisaa dha. Haa taʼu malee, tajaajila irratti hamma barbaannu, saʼaatii dheeraa dabarsuun rakkisaa taʼuu dandaʼa.
2. Tajaajila keenya raawwachuu irratti rakkoowwan akkamiitu nu mudata?
2 Hojiiwwan barbaachisoon yeroo keenyaa fi humna keenya barbaadan kan biroonis jiru. Ofii keenyaa fi maatii keenyaaf wantoota jireenyaaf barbaachisan dhiheessuuf guyyaatti saʼaatii dheeraa hojjechuun nu barbaachisuu dandaʼa. Itti gaafatamummaa kan biraa maatii keessatti qabnu raawwachuuf, dhukkuba, dhiphina ykn rakkoowwan dullumaa wajjin wal qabatanii dhufanii wajjin qabsoo gochaa jirra taʼa. Haalawwan rakkisaa taʼan kanaa wajjin qabsoo gochaa tajaajila keenya guutummaatti raawwachuu kan dandeenyu akkamitti?
3. Yaada Yesuus Maatewos 13:23 irratti dubbate irraa maal hubachuu dandeenya?
3 Haalli keenya saʼaatii tajaajila Yihowaa irratti dabarsinu yoo nu jalaa daangesse abdii kutachuu hin qabnu. Yesuus tokkoon tokkoon keenya firiin Mootummichaa nuti godhannu wal qixxee taʼuu akka hin dandeenye beekee ture. (Maatewos 13:23 dubbisi.) Yihowaan hamma nuuf dandaʼame yoo goone, wanta nuti tajaajila isaa keessatti raawwannu kamiif iyyuu iddoo guddaa kenna. (Ibr. 6:10-12) Karaa kan biraa immoo, wanta dabalataa raawwachuuf haalli keenya akka nuuf heyyamu nutti dhagaʼama taʼa. Mata duree kana keessatti, tajaajila keenyaaf jireenya keenya keessatti akkamitti dursa akka kenninu, akkamitti jireenya keenya salphaa akka goonuu fi dandeettii lallabuu fi barsiisuu keenya akkamitti fooyyeffachuu akka dandeenyu haa ilaallu. Haa taʼu malee, tajaajila keenya guutummaatti raawwachuu jechuun maal jechuu dha?
4. Tajaajila keenya guutummaatti raawwachuu jechuun maal jechuu dha?
4 Salphaatti ibsuuf, tajaajila keenya guutummaatti raawwachuu jechuun, hojii lallabuu fi barsiisuu irratti hamma nuuf dandaʼame hirmaannaa guutuu gochuu jechuu dha. Taʼus, kana jechuun tajaajila irratti saʼaatii dheeraa dabarsuu jechuu qofa miti. Sababiin tajaajilaaf nu kakaasu Yihowaa biratti iddoo guddaa qaba. Yihowaa fi namoota waan jaallannuuf tajaajila Kiristiyaanaa keenyab lubbuu guutuudhaan raawwanna. (Mar. 12:30, 31; Qol. 3:23) Lubbuu guutuudhaan Waaqayyoon tajaajiluu jechuun, jabinaa fi humna keenya hamma dandeenye tajaajila isaa raawwachuuf itti fayyadamuudhaan of kennu jechuu dha. Mirga hojii lallabaa hojjechuuf arganne yommuu dinqisiifannu, hamma nuuf dandaʼame misiraachicha namoota hedduutti himna.
5-6. Namni yeroon isaa muraasa taʼe tokko tajaajilaaf akkamitti dursa kennuu akka dandaʼu fakkeenyaan ibsi.
5 Mee dargaggeessa gitaara taphachuu jaallatu tokko yaadaan haa ilaallu. Yeroo isaaf dandaʼamu hunda muuziqaa taphachuutti ni gammada. Boodas, kaaffee naannoo sana jiru tokko keessatti dhuma torbaniitti gitaara taphachuuf qacarame. Haa taʼu malee, mindaan inni argatu baasii isa barbaachisuuf isa gaʼuu hin dandeenye. Kanaafuu, giroosarii tokko keessatti Wiixataa hanga Jimaataatti qarshii qabduu taʼee hojjechuu jalqabe. Dargaggeessi kun yeroo isaa gara caalaa giroosarii sana keessatti kan dabarsu taʼus, garaan isaa muuziqaa taphachuu bira jira. Dandeettii isaa fooyyeffachuu fi yeroo isaa guutuu muuziqaa taphachuu hawwa. Akkasumas yeroo gabaabaaf yoo taʼe illee, carraa argate hundatti muuziqaa taphachuun isa gammachiisa.
6 Haaluma wal fakkaatuun, yeroon hojii lallabaa irratti dabarsuu dandeessu xiqqoo taʼuu dandaʼa. Taʼus, wanti ati hojjechuu jaallattu kana dha. Kanaafuu, misiraachicha karaa garaa namootaa tuquun dhiheessuuf dandeettii kee fooyyessuu irratti carraaqqii goota. Wantoonni yeroo kee barbaadan hedduun kan jiran taʼanis, hojii lallabaatiif akkamitti dursa akka kennitu ni yaadda.
TAJAAJILAAF DURSA KENNUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
7-8. Ilaalcha Yesuus tajaajilaaf qabu nutis qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?
7 Yesuus ilaalcha tajaajilaaf qabu irratti fakkeenya hunda caalu taʼeera. Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dubbachuun jireenya isaa keessatti iddoo guddaa akka qabaatu godheera. (Yoh. 4:34, 35) Hamma isaaf dandaʼame namoota hedduudhaaf lallabuuf jecha kiilomeetira dhibbaan lakkaaʼaman deemeera. Bakka namoonni hedduun jiranittis taʼe mana isaanitti namootaaf lallabuuf carraa argate hundatti ni fayyadama ture. Jireenyi Yesuus guutummaatti tajaajila isaa irratti kan xiyyeeffate ture.
8 Nutis yeroo fi bakka nuuf dandaʼame hundatti misiraachicha lallabuuf carraa barbaaduudhaan fakkeenya Kiristoos hordofuu ni dandeenya. Hojii tajaajilaa irratti hirmaachuuf jecha wantoota dhuunfaatti nu gammachiisan aarsaa gochuuf fedhii qabna. (Mar. 6:31-34; 1 Phe. 2:21) Namoonni gumii keessa jiran tokko tokko qajeelchaa addaa, qajeelchaa yeroo hundaa ykn qajeelchaa gargaaraa taʼuu dandaʼaniiru. Warri kaan immoo qooqa haaraa barachuu dandaʼaniiru ykn bakka labsitoonni mootummichaa caalaatti barbaachisan deemuu dandaʼaniiru. Haa taʼu malee, hojiin lallabaa garri caalaan isaa babalʼistoota Mootummichaa hamma humna isaanii hojjetaniin raawwatama. Haalli isaa maal iyyuu yoo taʼe, Yihowaan hamma nuti kennuu dandeenyu caalaa nu irraa hin barbaadu. Inni “misiraachoo ulfina qabeessa isa kan Waaqa gammadaa” yommuu labsinu, hundi keenya tajaajila keenyatti akka gammadnu barbaada.—1 Xim. 1:11; Kes. 30:11.
9. (a) Phaawulos yeroo hojii hojjechuun isa barbaachisetti illee, hojii lallabaatiif dursa kan kenne akkamitti ture? (b) Hojiin Ergamootaa 28:16, 30, 31 Phaawulos tajaajilaaf ilaalcha akkamii akka qabu argisiisa?
9 Phaawulos ergamaan tajaajilli jireenya isaa keessatti iddoo guddaa akka qabaatu gochuu irratti fakkeenya gaarii taʼeera. Adeemsa misiyoonummaa isaa isa lammaffaa irratti yommuu Qorontos keessa turetti qarshii isa barbaachisu waan dhabeef, yeroo gabaabaadhaaf dunkaana hojjechuun isa barbaachisee ture. Taʼus, Phaawulos hojiin inni dursa kennuuf dunkaana hojjechuu akka taʼu hin heyyamne. Hojii kana kan hojjete, tajaajila isaa irratti of deggeruudhaan warra Qorontosiif misiraachicha “gatii malee” lallabuuf ture. (2 Qor. 11:7) Phaawulos hamma tokko hojii hojjechuun isa barbaachisee kan ture taʼus, tajaajilaaf dursa kennuu isaa itti fufuudhaan guyyaa Sanbataa yeroo hunda ni lallaba ture. Phaawulos haalli isaa erga fooyyaʼee booda, lallabaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuu dandaʼeera. Kanaafuu, “guutummaatti dubbicha lallabuudhaan qabame; Yesuus inni Kiristoos taʼuu isaa ragaa baʼuudhaanis Yihudoota amansiisa ture.” (HoE. 18:3-5; 2 Qor. 11:9) Phaawulos booda, Roomaatti mana ofii isaa keessatti waggaa lamaaf yommuu hidhamee turetti, namoota isa gaafachuu dhufaniif dhugaa baʼeera, akkasumas xalayaawwan barreesseera. (Hojii Ergamootaa 28:16, 30, 31 dubbisi.) Phaawulos wanti kam iyyuu tajaajila isaa akka isa jalaa hin daangessine murteessee ture. Inni, “Tajaajila kana waan qabnuuf abdii hin kutannu” jedhee barreesseera. (2 Qor. 4:1) Nutis akkuma Phaawulos hojii hojjechuun kan nu barbaachisu yoo taʼe illee, hojiin Mootummichaa jireenya keenya keessatti iddoo guddaa akka qabaatu gochuu ni dandeenya.
10-11. Rakkinni fayyaa keenya wanta hojjechuu dandeenyu yommuu daangessu tajaajila keenya guutummaatti akkamitti raawwachuu dandeenya?
10 Umuriin keenya dabaluu isaatiin ykn dhibee fayyaa cimaa qabaachuu keenyaan kan kaʼe, manaa gara manaatti tajaajiluu yoo dadhabne illee, bifawwan tajaajilaa kan biraa irratti hirmaachuu ni dandeenya. Labsitoonni wangeelaa jaarraa jalqabaatti turan, bakka namoonni jiran hundatti isaaniif lallabaniiru. Isaan bakka ‘namoonni argaman hundatti,’ jechuunis manaa gara manaatti, bakka namoonni hedduun argamanitti akkasumas karaa al idilee taʼeen, dhugaa lallabuudhaaf carraa argatan hundatti fayyadamaniiru. (HoE. 17:17; 20:20) Karaa dheeraa deemuu hin dandeenyu yoo taʼe, namoota achi irra darbaniif lallabuu akka dandeenyuuf, bakka namoonni hedduun argaman teenyee namoota achi irra darbaniif lallabuu dandeenya. Yookiin immoo karaa al idilee taʼeen lallabuu, xalayaa barreessuu ykn bilbilaan dhugaa baʼuu ni dandeenya taʼa. Babalʼistoonni rakkina qaamaa cimaa qaban hedduun, malawwan lallabaa kanaa fi kan birootti fayyadamuudhaan gammachuu guddaa argataniiru.
11 Rakkina qaamaa kan qabdu taʼus, tajaajila kee guutummaatti raawwachuu ni dandeessa. Mee ammas fakkeenya Phaawulos ilaali. Inni, “Karaa isa humna anaaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba” jedheera. (Filp. 4:13) Phaawulos adeemsa misiyoonummaa godhe keessaa isa tokko irra utuu jiru yeroo dhukkubsatetti humni kun isa barbaachisee ture. Phaawulos warra Galaatiyaatiin akkas jedheera: “Yeroo jalqabaatiif misiraachoo isiniif lallabuuf carraa kanan argadhe, dhukkubsachuu kootiin kan kaʼe.” (Gal. 4:13) Haaluma wal fakkaatuun, rakkinni qaamaa kee namoota kaan kan akka doktaraa, narsootaa fi namoota si kunuunsaniif misiraachicha lallabuuf carraa siif banuu dandaʼa. Namoota kana keessaa baayʼeen isaanii, yeroo babalʼistoonni mana isaanii dhaqanitti bakka hojii jiraachuu dandaʼu taʼa.
JIREENYA KEE SALPHAA GOCHUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
12. Iji keessan ‘sirriitti akka ilaalu’ godhaa jechuun maal jechuu dha?
12 Yesuus, “Ibsaan qaamaa ija dha. Kanaaf, iji kee sirriitti kan ilaalu [ykn “salphaa,” milj.] yoo taʼe, guutummaan qaama kee ifaa taʼa” jedhee ture. (Mat. 6:22) Yesuus maal jechuu isaa ture? Jireenyi keenya salphaa akka taʼu ykn kaayyoo tokko irratti akka xiyyeeffatu gochuu qabna malee, yaadni keenya hihhiramuu hin qabu jechuu isaa ture. Yesuus jireenyi isaa tajaajila isaa irratti akka xiyyeeffatu gochuudhaan fakkeenya nuuf taʼeera, barattoonni isaas Yihowaa tajaajiluu fi Mootummaa isaa irratti akka xiyyeeffatan isaan barsiiseera. Nutis, “hundumaa dura Mootummichaa fi qajeelummaa [Waaqayyoo] barbaaduu,” jechuunis jireenyi keenya tajaajila Kiristiyaanaa irratti akka xiyyeeffatu gochuudhaan fakkeenya Yesuus hordofna.—Mat. 6:33.
13. Tajaajila Kiristiyaanaa keenya irratti xiyyeeffachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?
13 Karaan tajaajila keenya irratti itti xiyyeeffannu tokko, namoonni kaan Yihowaa akka beekanii fi akka jaallatan gargaaruu akka dandeenyuuf, jireenya keenya salphaa gochuu dha.c Fakkeenyaaf torban gidduutti tajaajila irratti yeroo dabalataa dabarsuu akka dandeenyuuf, saʼaatii hojii irratti dabarsinu sirreessuu ni dandeenyaa? Sochii bashannanaa yeroo dheeraa fudhatu tokko tokko hirʼisuu ni dandeenyaa?
14. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko tajaajilaaf yeroo fi xiyyeeffannaa dabalataa kennuuf sirreeffama akkamii godhan?
14 Jaarsi gumii Eliyaas jedhamuu fi haati manaa isaa wanti isaan godhan kana ture. Akkas jedheera: “Yeroo sanatti qajeelchaa taʼuu kan hin dandeenye taʼus, tajaajila irratti yeroo dabalataa dabarsuuf wanti gochuu dandeenyu jira. Kanaafuu, tajaajila irratti saʼaatii dabalataa dabarsuuf, tarkaanfiiwwan xixinnoo taʼan fudhanne. Fakkeenyaaf, baasii keenya xiqqeessine, sochii bashannanaa baayʼee akka taʼan nutti dhagaʼamu ni hirʼisne, akkasumas hojjechiiftonni keenya sagantaa hojii keenyaa irratti sirreeffama akka nuuf godhan gaafanne. Kanaan kan kaʼes, tajaajila galgalaa irratti hirmaachuu, qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu dabalataa geggeessuu fi jiʼatti al lama walgaʼii tajaajila dirree torban gidduutti godhamu irratti argamuu dandeenyeerra. Kun gammachuu guddaa nuuf argamsiiseera!”
DANDEETTII LALLABUU FI BARSIISUU KEE FOOYYESSUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?
15-16. Ximotewos Isa Duraa 4:13, 15 wajjin haala wal simuun, dandeettii lallabuu keenya fooyyessuu kan dandeenyu akkamitti? (Saanduqa “Galmawwan Tajaajila Koo Guutummaatti Raawwachuuf Na Gargaaran” jedhus ilaali.)
15 Karaan tajaajila keenya guutummaatti itti raawwannu kan biraan immoo hojii lallabaa irratti dandeettii qabnu fooyyessuu dha. Namoonni hojii tokko tokko irratti bobbaʼan, beekumsaa fi dandeettii isaanii fooyyessuuf, leenjii fi barumsa itti fufiinsa qabu fudhachuun isaan irraa eegama. Labsitoonni Mootummichaas akkas gochuun isaanii barbaachisaa dha. Dandeettii tajaajilaa keenya akkamitti caalaatti akka guddifannu barachuu keenya itti fufuu nu barbaachisa.—Fak. 1:5; 1 Ximotewos 4:13, 15 dubbisi.
16 Haa taʼu malee, tajaajila keenya irratti guddina gochuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? Qajeelfama Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajilaa torban torbaniin godhamu irratti dhihaatu xiyyeeffannaadhaan hordofuudhaani. Walgaʼiin kun dandeettii tajaajila diree irratti qabnu yeroodhaa gara yerootti akka fooyyeffannu leenjii baayʼee barbaachisaa taʼe nuuf kenna. Fakkeenyaaf, dura taaʼaan waltajjii warra kutaa dhiheessaniif yommuu gorsa kennu, yaada tajaajila keenya fooyyeffachuuf nu gargaaru barachuu ni dandeenya. Sana booda, barumsa arganne kana, yeroo misiraachoo nama tokkotti himnu itti fayyadamuu dandeenya. Ilaaltuun ol aanaa garee tajaajilaa keenya akka nu gargaaru gaafachuu ykn isaa wajjin ykn babalʼisaa muuxannoo qabu kan akka qajeelchaa ykn ilaaltuu ol aanaa aanaa wajjin tajaajiluu ni dandeenya. Meeshaalee Barsiisuuf Itti Fayyadamnu akka gaariitti itti hojjechuu yommuu barannu, lallabuu fi barsiisuun caalaatti nu gammachiisa.
17. Tajaajila kee guutummaatti yommuu raawwattu maal argatta?
17 Yihowaan isaa ‘wajjin akka hojjennu’ nuuf heyyamuun isaa mirga guddaa dha! (1 Qor. 3:9) ‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baastee yommuu beektuu’ fi tajaajila Kiristiyaanaa irratti yommuu xiyyeeffattu, ‘gammachuudhaan Waaqayyoof hojjeta.’ (Filp. 1:10; Far. 100:2) Rakkoowwan akkamii iyyuu yoo si mudatan ykn hirʼina akkamii yoo qabaatte illee, tajaajiltoota Waaqayyoo keessaa tokko waan taateef, inni humna tajaajila kee guutummaatti raawwachuuf si barbaachisu akka siif kennu mirkanaaʼaa taʼuu ni dandeessa. (2 Qor. 4:1, 7; 6:4) Haala keessa jirtuun kan kaʼe, hirmaannaan hojii lallabaa irratti gootu xinnoos haa taʼu guddaa, tajaajila kee irratti garaa guutuudhaan yoo hirmaatte, ‘waan itti gammaddu ni argatta.’ (Gal. 6:4) Tajaajila kee guutummaatti yommuu raawwattu, Yihowaa fi namootaaf jaalala akka qabdu argisiista. “Kana gochuudhaan ofii kees taʼe warra si dhagaʼan ni oolchita.”—1 Xim. 4:16.
FAARFANNAA 58 Warra Nagaa Jaallatan Barbaaduu
a Misiraachoo Mootummichaa akka lallabnuu fi barattoota akka goonuuf ergama qabna. Mata dureen kun, rakkinni dhuunfaatti nu mudatu jiraatu illee, tajaajila keenya guutummaatti raawwachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ibsa. Hojii lallabaa keenya caalaatti buʼa qabeessaa fi gammachiisaa gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes ni baranna.
b IBSA JECHAA: Tajaajilli Kiristiyaanaa keenya, lallabuu fi barsiisuu, manneen tiʼookraasii ijaaruu fi suphuu akkasumas yeroo balaan gaʼutti hojii gargaarsaa irratti hirmaachuu dabalata.—2 Qor. 5:18, 19; 8:4.
c Saanduqa “Jireenya Keessan Salphisuu kan Dandeessan Akkamitti?” jedhuu fi qabxii torba qabate Masaraa Eegumsaa Adoolessa 2016, ful. 10 irraa ilaali.
d IBSA FAKKII: Obboleettiin tokko walgaʼii torban gidduutti godhamu irratti deddeebii gaaffii hojiin argisiisaan yommuu dhiheessitu. Sana booda, dura taaʼaan waltajjii yommuu gorsa kennu, birooshura ishii isa Barsiisuu jedhamu irratti yaadannoo qabatti. Dhuma torbaniitti immoo wanta walgaʼii irratti baratte tajaajila dirree irratti hojii irra oolchiti.