Jaarsoliin Gumii ‘Nu Gammachiisuuf Nu Wajjin Hojjetu’
“Isin gammachiisuudhaaf isinii wajjin hojjenna.”—2 QOR. 1:24.
1. Kiristiyaanota Qorontos ilaalchisee Phaawulos akka gammadu wanti isa godhe maalidha?
YEROONSAA Dh.K.B. bara 55 ture. Phaawulos ergamaan magaalaa Xiroʼaas ishee qarqara galaanaa keessa kan jiru taʼus, ammayyuu waaʼee gumii Qorontos yaaduu hin dhiisne. Jalqaba waggaa sanaarratti, obboloota gumii Qorontos gidduu qoccolloon akka jiru dhagaʼuunsaa isa dhiphisee ture. Kanaaf sirreeffama akka godhaniif jecha jaalalaan kakaʼee ergaa tokko isaaniif barreesse. (1 Qor. 1:11; 4:15) Achiis Tiitoos isa hidhatasaa taʼe gara isaaniitti erguudhaan, haala isaan keessa jiran Xiroʼaasitti gabaasa akka isaa godhu qophii godhee ture. Phaawulos Xiroʼaas taaʼee oduu Tiitoos warra Qorontosiin ilaalchisee isaaf fidu dhagaʼuuf hawwiidhaan eeggachaa jira. Haataʼu malee, Tiitoos utuu hin dhufin waan hafeef Phaawulos abdii kutate. Phaawulos maal gochuu dandaʼa laata? Markabaan gara Maqedooniyaa kan dhaqe siʼa taʼu achitti wal argan. Tiitoos, obboloonni Qorontos ergaa Phaawulos isaanii barreesse fudhatanii sirreeffama akka godhaniifi isa arguuf hawwii guddaa akka qaban isatti hime. Phaawulos oduu gaarii kana yommuu dhagaʼu, ‘caalaatti gammade.’—2 Qor. 2:12, 13; 7:5-9.
2. (a) Phaawulos amantiifi gammachuu ilaalchisee warra Qorontosiif maal barreessee ture? (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?
2 Phaawulos sana booda utuma baayʼee hin turin, ergaasaa isa lammaffaa warra Qorontosiif barreesse. “Isin amantiitti jabaattanii waan dhaabattaniif, isin gammachiisuudhaaf isinii wajjin hojjenna malee, nuyi amantii keessan irratti gooftummaa argisiifna jennee miti” isaaniin jedheera. (2 Qor. 1:24) Phaawulos maal jechuusaa ture? Jaarsoliin gumii yeroo harʼaa jiranoo yaada kanarraa maal barachuu dandaʼu?
AMANTII KEENYAAFI GAMMACHUU KEENYA
3. (a) Phaawulos, ‘Isin amantiitti jabaattanii dhaabattaniittu’ yommuu jedhu maal jechuusaa ture? (b) Jaarsoliin yeroo harʼaa jiran fakkeenya Phaawulos kan hordofan akkamitti?
3 Phaawulos waaqeffannaa keenya keessatti wantoota baayʼee barbaachisaa taʼan lamaan, jechuunis amantiifi gammachuu caqaseera. Amantii ilaalchisee, “Isin amantiitti jabaattanii waan dhaabattaniif, . . . nuyi amantii keessan irratti gooftummaa argisiifna jennee miti” jechuusaa yaadadhaa. Phaawulos yaada kana dubbachuudhaan wanti akka isaan jabaatanii dhaabatan godhe isa ykn nama garabiraa utuu hin taʼin, amantii isaan Waaqayyorratti qaban taʼuusaa akka amanu argisiiseera. Kanaaf, Phaawulos amantii obbolootasaa toʼachuun barbaachisaa akka taʼe, akkasumas isaan toʼachuu akka qabu itti hin dhagaʼamne. Kiristiyaanota amanamoo wanta sirrii taʼe raawwachuu barbaadan akka taʼan amanannaa qaba ture. (2 Qor. 2:3) Jaarsoliin yeroo harʼaa jiranis fakkeenya Phaawulos hordofuudhaan, obboloonnisaanii Waaqayyorratti amantii akka qabaniifi kakaʼumsa sirriidhaan akka isa tajaajilan ni amanu. (2 Tas. 3:4) Jaarsoliin seera asiif achi nama hin jechisiifne baasuu mannaa, seera buʼuuraa Caaffata Qulqullaaʼoo keessa jiruufi qajeelfama jaarmiyaan Yihowaa kennutti amanamu. Kana malees, amantii obbolootasaaniirratti gooftaa hin taʼan.—1 Phe. 5:2, 3.
4. (a) Phaawulos, “Isin gammachiisuudhaaf isinii wajjin hojjenna” yommuu jedhu maal jechuusaa ture? (b) Jaarsoliin yeroo harʼaa jiran fakkeenya Phaawulos kan hordofan akkamitti?
4 Kana malees Phaawulos, “Isin gammachiisuudhaaf isinii wajjin hojjenna” jedheera. Yommuu akkas jedhu ofiisaafi obboloota isaa wajjin hojjetan caqasuusaa ture. Akkas jechuu kan dandeenyu maaliifi? Phaawulos ergaasaa warra Qorontosiif barreesse kanarratti, “Yesus Kristos, . . . Silwaanosiin, Ximotewosii fi anaan isin gidduutti lallabame” jechuudhaan obboloota isaa wajjin hojjetan kana keessaa lamaansaanii caqaseera. (2 Qor. 1:19) Kana malees, yeroo hundaa ergaasaa keessatti jecha “hidhata koo” jedhu michootasaa kan akka Apholos, Aqiilaa, Phrisqiilaa, Ximotewos, Tiitoosiifi warra kaan argisiisuuf itti fayyadama ture. (Rom. 16:3, 21; 1 Qor. 3:6-9; 2 Qor. 8:23) Kanaaf, Phaawulos “Isin gammachiisuudhaaf isinii wajjin hojjenna” jechuudhaan inniifi michoonnisaa kun, obboloota gumii Qorontos keessa jiran gammachiisuuf waan isaanii dandaʼame hunda akka godhan isaanii mirkaneesseera. Jaarsoliin yeroo harʼaa jiranis fedhii akkasii qabu. Obboloonnisaanii “Waaqayyoof gammachuudhaan akka hojjetan” gargaaruuf, waan isaanii dandaʼame hunda gochuuf carraaqu.—Far. 100:2; Filp. 1:25.
5. Deebii gaaffii kamiif kenname qorra? Maalirratti xiinxaluu qabna?
5 Dhiheenya kana obboloonni hinaaffaa qabaniifi biyyoota garaagaraa keessa jiran tokko tokko, “Dubbiifi gocha jaarsa gumii keessaa gammachuu kan isiniif argamsiise isa kami?” gaaffii jedhu gaafatamanii turan. Kanatti aansee yaada namoonni hidhata amantii keenyaa taʼan kun kennan qoruudhaan, ilaalcha nuyi gama kanaan qabnuu wajjin walbira qabnee haa ilaallu. Kana malees, hundi keenya gammachuu gumii keenya keessa jiruuf gumaacha gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.a
‘PHARSIIS JAALLATAMTUUF NAGAA NAAF DHIʼEESSAA’
6, 7. (a) Karaan jaarsoliin fakkeenya Yesus, Phaawulosiifi tajaajiltoota Waaqayyoo kaan hordofuu itti dandaʼan tokko kamidha? (b) Obboloota keenya maqaasaaniitiin waamuun kan isaan gammachiisu maaliifi?
6 Obboloonniifi obboleettonni keenya hedduun, jaarsoliin yommuu xiyyeeffannaa isaanii kennan baayʼee akka gammadan dubbataniiru. Karaan jaarsoliin kana itti gochuu dandaʼan inni guddaan fakkeenya Daawit, Eliihuufi Yesus hordofuudha. (2 Saamu’el 9:6; Iyoob 33:1; Luqaas 19:5 dubbisi.) Tajaajiltoonni Yihowaa kun, warra kaan maqaasaaniitiin waamuudhaan xiyyeeffannaa akka isaaniif kennan argisiisaniiru. Phaawulosis maqaa obbolootasaa yaadachuufi ittiin waamuun barbaachisaa akka taʼe hubateera. Phaawulos xumura ergaasaa isa tokkoorratti, ‘Pharsiis jaallatamtuutti nagaakoo naa dhiheessaa’ jedhe dabalatee obbolootaafi obboleettota 25 ol taʼan maqaasaanii caqasuudhaan nagaa itti dhaameera.—Rom. 16:3-15.
7 Jaarsoliin tokko tokko maqaa yaadachuun isaan rakkisa. Haataʼu malee maqaasaaniitiin isaan waamuuf carraaqqii cimaa gochuunsaanii, ‘Iddoo guddaan siif kenna’ akka jedhanitti kan ilaalamudha. (Bau. 33:17) Jaarsoliin keessumaa, Qayyabannaa Masaraa Eegumsaa ykn walgaʼii kaanirratti yommuu obboloonni yaada kennan maqaasaaniitiin yoo isaan waaman gammachuunsaanii ni dabala.—Yohannis 10:3 waliin ilaali.
‘HOJII GOOFTAATTI BAAYʼEE DADHABDEETTI’
8. Karaan Phaawulos fakkeenya Yihowaafi Yesus itti hordofe inni guddaan kamidha?
8 Phaawulos garaasaarraa obboloota galateeffachuudhaanis xiyyeeffannaa akka isaanii kennu argisiiseera. Kunis karaa itti obboloonni keenya akka gammadan goonudha. Phaawulos ergaa barreesse kanarratti “Isiniinis guddiseen of jaja” jechuudhaan obbolootasaa gammachiisuuf fedhii akka qabu ibseera. (2 Qor. 7:4) Yaanni Phaawulos isaan galateeffachuudhaan dubbate kun, garaa obboloota gumii Qorontos keessa turanii gammachiiseera taʼa. Phaawulos gumii kaaniifis yaada kanaa wajjin walfakkaatu barreesseera. (Rom. 1:8; Filp. 1:3-5; 1 Tas. 1:8) Ergaa warra Roomaatiif barreesserratti Pharsiisiin erga caqasee booda, “Ishee hojii gooftaatti baayʼee dadhabde” jedheera. (Rom. 16:12) Kun obboleettii jaallatamtuu kana baayʼee gammachiiseera jechuun ni dandaʼama. Phaawulos warra kaan galateeffachuudhaan fakkeenya Yihowaafi Yesus hordofeera.—Maarqos 1:9-11; Yohannis 1:47 dubbisi; Mul. 2:2, 13, 19.
9. Galateeffamuufi galateeffachuun gammachuu gumii keessa jiruuf gumaacha kan godhu maaliifi?
9 Jaarsoliin yeroo harʼaa jiranis afaanii baasanii obbolootasaanii galateeffachuun barbaachisaa taʼuusaa ni hubatu. (Fak. 3:27; 15:23) Jaarsi tokko yommuu akkas godhu, obbolootasaatiin, ‘Wanta gaarii isin hojjechaa jirtan nan hubadha. Waaʼee keessan nan yaada’ jechaa akka jirutti kan ilaalamudha. Kana malees, obboloonni keenya yaada gaarii jaarsoliin waaʼeesaanii dubbatan dhagaʼuu ni barbaadu. Obboleettiin umrii walakkeessa waggoota 50mmanii keessatti argamtu tokko akkas jechuudhaan wanta namoota hedduutti dhagaʼamu dubbatteetti: “Bakka hojiitti namni na galateeffatee hin beeku. Namoonni dhimma walii hin qaban; akkasumas wal dorgomu. Kanaaf wantan gumiidhaaf raawwadhe tokkoof jaarsi gumii yommuu na galateeffatu, baayʼeen gammada; akkasumas humnan argadha. Abbaankoo inni samii akka na jaallatu akka natti dhagaʼamu godha.” Obboleessi kophaasaa ijoollee lama guddisu tokkos akkasuma itti dhagaʼameera. Dhiheenya kana jaarsi tokko garaadhaa isa galateeffate. Kun obboleessa keenya kanarratti dhiibbaa akkamii geessise? “Wanti jaarsi gumii kun dubbate baayʼee na jajjabeesse” jedheera. Jaarsi gumii tokko namoota hidhata amantiisaa taʼan galateeffachuudhaan jajjabinaafi gammachuu guddaa akka argatan gochuu dandaʼa. Kunimmoo utuu hin ‘dadhabin’ karaa jireenyaarra deemuusaanii akka itti fufaniif jabina dabalataa isaanii kenna.—Isa. 40:31.
‘WALDAA KRISTIYAANAA ISA KAN WAAQAYYOO EEGAA’
10, 11. (a) Jaarsoliin fakkeenya Nahimiyaa hordofuu kan dandaʼan akkamitti? (b) Jaarsi tokko yommuu obboloota daawwatu karaa hafuuraa isaan jajjabeessuuf maaltu isa gargaara?
10 Karaa barbaachisaan jaarsoliin gumii obbolootasaaniitiif xiyyeeffannaa kennuudhaan gumichi gammachuu guddaa akka argatu itti godhan garabiraan kamidha? Dursa fudhatanii obboloota gargaarsi isaan barbaachisu jajjabeessuudhaanidha. (Hojii Ergamootaa 20:28 dubbisi.) Jaarsoliin akkas gochuudhaan fakkeenya tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo taʼan bara durii akka hordofan argisiisu. Fakkeenyaaf, Nahimiyaa inni amanamaan ilaaltuu olaanaa taʼe, Yihudoonni obbolootasaa taʼan tokko tokko karaa hafuuraa yommuu dadhaban maal akka godhe hubadhaa. Macaafni Qulqulluun, battalumaan kaʼee akka inni isaan jajjabeesse dubbata. (Nah. 4:14) Jaarsoliin yeroo harʼaa jiranis akkasuma gochuu barbaadu. ‘Kaʼanii,’ jechuunis dursa fudhatanii obboloonnisaanii amantiitti akka ciman jajjabeessu. Haallisaa mijaaʼaa yoo taʼemmoo, manasaanii dhaquudhaan dhuunfaatti obbolootasaanii jajjabeessu. Yeroo kanatti ‘kennaa hafuuraa isaanii kennuu’ barbaadu. (Rom. 1:11) Jaarsoliin akkas gochuuf maaltu isaan gargaaruu dandaʼa?
11 Jaarsi gumii tokko obboleessa tokko daawwachuuf deemuusaa dura, yeroo muraasa fudhatee waaʼee obboleessa sanaa yaaduu qaba. Rakkina akkamiitu obboleessa kana mudachaa jira? Yaada akkamiitu isa jajjabeesuu dandaʼa? Caqasni ykn seenaan Macaafa Qulqulluu haala inni keessa jiruu wajjin walfakkaatu kamidha? Jaarsi tokko haala kanaan dursee yaaduunsaa akkasumaan utuu hin taʼin, yaada buʼaa argamsiisu dubbachuuf isa gargaara. Jaarsi tokko yommuu obboloota daawwatu, yaadasaanii akka ibsan jajjabeessuufi xiyyeeffannaadhaan isaan dhaggeeffachuu qaba. (Yaq. 1:19) Obboleettiin tokko, “Jaarsi tokko xiyyeeffannaadhaan nama dhaggeeffachuunsaa baayʼee nama jajjabeessa” jetteetti.—Luq. 8:18.
12. Obboloonni jajjabinni isaan barbaachisu eenyufaʼi? Maaliif?
12 Jajjabinni kan isaan barbaachisu eenyufaʼi? Phaawulos, ‘Karra hoolota Waaqayyoo [hunda] eegaa’ jechuudhaan jaarsolii hidhatasaa taʼan gorseera. Babalʼistootaafi qajeelchitoota waggaa waggaadhaan amanamummaadhaan tajaajilan dabalatee miseensonni gumii hundi jajjabina argachuun isaan barbaachisa. Jaarsoliirraa gargaarsa argachuun kan isaan barbaachisu maaliifi? Biyyi lafaa inni hamaan kun obboloota karaa hafuuraa cimoo taʼan kanarras yeroo tokko tokko dhiibbaa waan geessisuufidha. Tajaajiltoonni Yihowaa cimoo taʼanillee obbolootasaaniirraa gargaarsa argachuun kan isaan barbaachisu maaliif akka taʼe hubachuuf, haala Daawit Mooticha mudatee ture tokko haa qorru.
“ABIISHAAYI . . . DAAWITIN GARGAARE”
13. (a) Ishbii Benoob, Daawitiin ajjeesuuf yeroo akkamii filate? (b) Abiishaayi Daawitiin oolchuu kan dandaʼe akkamitti?
13 Daawit mootii akka taʼuuf erga dibamee utuu baayʼee hin turin, Goliyaad isa baayʼee guddaa taʼeefi sanyii Refaaʼotaa keessaa tokko ture lole. Daawit inni ija jabeessa taʼe Goliyaadiin ni ajjeese. (1 Sam. 17:4, 48-51; 1 Sen. 20:5, 8) Waggoota hedduu booda yeroo Filisxeemotaa wajjin waraana godhanis Daawit nama baayʼee guddaa taʼe tokkoo wajjin wal lole. Maqaansaa Ishbii Benoob yommuu taʼu, innis sanyii Refaaʼotaa keessaa tokko ture. (2 Sam. 21:16.) Yeroo kanatti garuu namni kun Daawitiin ajjeesuu jala gaʼee ture. Maaliif? Yeroo kanatti Daawit ija jabina utuu hin taʼin, jabina qaamaa dhabee waan tureefidha. Macaafni Qulqulluun, ‘Daawit dadhabbiin itti dhagaʼamee’ akka ture ibsa. Ishbii Benoob Daawit dadhabuusaa waan hubateef, “‘Daawitin nan ajjeesa!’ jedhee in dubbate.” Haataʼu malee, namni baayʼee guddaa taʼe kun Daawitiin waraanuusaa dura, “Abiishaayi inni Zeruyaan deesse . . . Daawitin gargaaree, Filisxeemicha sana rukutee in ajjeese.” (2 Sam. 21:15-17) Daawit hamma xinnoof duʼa oole. Daawit yeroo balaadhaaf saaxilamee turetti, Abiishaayi isa gargaaruudhaan duʼa jalaa isa oolchuusaatti guddaa akka galateeffate beekamaadha. Seenaa kanarraa maal baranna?
14. (a) Rakkina ulfaataa taʼe moʼuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Jaarsoliin, warri kaan jabinaafi gammachuusaanii deebisanii akka argatan akkamitti gargaaruu dandaʼu? Fakkeenya kenni.
14 Nuti Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argamnu, Seexanniifi bakka buutonnisaa karaa keenyarra gufuu yoo kaaʼaniyyuu tajaajila keenya raawwachaa jirra. Nu keessaa tokko tokko rakkoowwan gurguddaan kan nurra gaʼan yoo taʼeyyuu, guutummaatti Yihowaatti amanamuudhaan rakkinoota kana moʼuu dandeenyeerra. Taʼus qabsoon yeroo hunda dhiibbaa biyya lafaa kanaa wajjin goonu yeroo tokko tokko nu dadhabsiisa, akkasumas abdii nu kutachiisa. Yeroo akkasiitti, rakkinni yeroo kaan moʼuu dandeenyu abdii nu kutachiisuu dandaʼa. Deggersi jaarsi gumii tokko yeroo akkasiitti nuu godhu, akkuma obboloota hedduu gargaare gammachuufi jabina keenya deebisnee akka argannu nu gargaaruu dandaʼa. Qajeelchituun umrii waggoota 60mmanii keessatti argamtu tokko akkas jetteetti: “Dhiheenya kana, fayyaa akkan taʼe natti hin dhagaʼamu; tajaajillis na nuffisiisuu jalqabee ture. Jaarsi gumii tokko akkan abdii kutadhe hubachuudhaan na haasofsiise. Maree Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼeefi nama jajjabeessu goonee turre. Gorsa inni naa kenne hojiirra oolchuudhaan faayidaa guddaa argadheera.” Itti dabaluudhaanis, “Haala rakkisaa ani keessa jiru hubachuudhaan gargaarsi jaarsi kun naa godhe jaalala guddaa akka qabu kan argisiisudha” jetteetti. Eeyyee, jaarsolii jaalala nuuf qabaniifi akkuma Abiishaayi durii ‘nu gargaaruuf’ qophaaʼoo taʼan argachuun kan nama jajjabeessudha.
‘JAALALA ANI ISINIIF QABU BEEKAA’
15, 16. (a) Namoonni hidhata amantiisaa taʼan Phaawulosiin baayʼee kan jaallatan maaliifi? (b) Jaarsolii gumii nuu yaadan kan jaallannu maaliifi?
15 Jaarsa taʼuun jabaatanii hojjechuu gaafata. Jaarsoliin yeroo tokko tokko karra Waaqayyootiif kadhachuu ykn namoota hidhata amantiisaanii taʼaniif gargaarsa hafuuraa kennuuf jecha hirriba malee bulu. (2 Qor. 11:27, 28) Taʼus, akkuma Phaawulos godhe itti gaafatamummaasaanii guutummaatti gammachuudhaan raawwatu. Phaawulos, “Ani isiniif jedhee waanan qabu hundumaa, ofii koo illee taanaan isiniif dabarsee kennuudhaaf nan gammada” jedheera. (2 Qor. 12:15) Phaawulos jaalala obbolootasaatiif qabuun kakaʼee isaan jajjabeessuuf guutummaatti akka of kenne beekamaadha. (2 Qorontos 2:4 dubbisi; Filp. 2:17; 1 Tas. 2:8) Obboloonni yeroo sana turanis Phaawulosiin baayʼee akka jaallatan hin shakkisiisu!—HoE. 20:31-38.
16 Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo harʼaa jirrus, jaarsolii gumii warra nu kunuunsan ni jaallanna. Yihowaan isaaniin waan nuu kenneefis kadhannaa keenyarratti isa galateeffanna. Dhuunfaatti xiyyeeffannaa nuu kennuudhaan gammachuu akka argannu nu gargaaru. Daawwannaan isaan nuu godhan baayʼee nu jajjabeessa. Kana malees, dhiibbaa biyya lafaatiin moʼamuuf akka jennu yommuu nutti dhagaʼamu nu gargaaruuf qophaaʼoo taʼuusaaniitti ni galateeffanna. Dhugumayyuu, jaarsoliin hubatoo taʼan akkasii ‘gammachuu keenyaaf nu wajjin hojjetu.’
a Obboloonni kun, “Amala jaarsi gumii tokko qabu keessaa isa kamiif bakka guddaa kennitu?” gaaffii jedhus gaafatamanii turan. Isaan keessaa hedduunsaanii, “Kan itti dhihaatamu taʼuusaa” jedhanii deebisaniiru. Amalli barbaachisaa taʼe kun, maxxansa barruu kanaa ittaanee baʼurratti ibsama.