Seexanaan Mormaa! Innis Isin Dhiisee In Baqataa
“Harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaan immoo mormaa! Innis isin dhiisee in baqata.”—YAAQOOB 4:7.
1, 2. (a) Seenaan Isaayaas boqonnaa 14rra jiru, amala Seexanaa isa kam kan argisiisudha? (b) Gaaffiiwwan kamirratti mari’anna?
OF TUULUUDHAAN Seexana kan caalu hin jiru. Raajii Waaqayyo kan ta’e Isaayaas of tuulummaa Seexanaa fakkeenyaan ibseera. Baabilon guutummaa biyya lafaarratti olaantummaa argachuushee waggaaoota dhibba tokkoo ol ta’u dura, sabni Yihowaa ‘mootii Baabiloniin’ akka akkas jedhan ibsamee ture: “Ati garaa kee keessatti, ‘Ani gara bantiiwwan waaqaatti ol nan ba’a, urjoota Waaqayyoo [mootota karaa hidda sanyii Daawit dhufan] gararraas teessoo koo nan dhaabbadha, . . . isa hundumaa gararraa jiruttis of nan fakkeessa in jette.’” (Isaayaas 14:3, 4, 12-15; Lakkoobsa 24:17) Of tuulummaan “mootii Baabilon” amala Seexanaa isa “waaqayyicha bara si’anaa” wajjin kan wal fakkaatudha. (2 Qorontos 4:4) Haata’u malee, akkuma kufaatii guddaan mootummaa Baabilonirra ga’e, of tuulummaan Seexanaas dhumarratti badiisa isarraan ga’a.
2 Ta’us, hanga Seexanni jirutti gaaffiiwwan kanaa gaditti argaman nu yaaddessuunsaanii hin oolu: Seexana sodaachuu qabnaa? Kiristiyaanotarratti ariyatamni akka ga’u kan godhu maaliifi? Akka inni nu hin gowwoomsine of eeggachuu kan dandeenyu akkamitti?
Diiyaabilosiin Sodaachuu Qabnaa?
3, 4. Kiristiyaanota dibamoo wajjin haala wal qabateen abdiin raawwiisaa argate maalidha?
3 Jechoonni Kiristos akkas jechuudhaan dubbate Kiristiyaanota dibamoo baay’ee jajjabeessu: “Dhiphina isa sitti dhufuuf jiru hin sodaatin! Kunoo, Seexanni, akka isin qoramtanii ilaalamtaniif, isin keessaa kaan mana hidhaatti akka galfamtan gochuuf jedha; guyyaa kudhaniif rakkina argachuuf jirtu; du’a yoo sitti fide iyyuu, ati hamma du’aatti amanamaa ta’i! Ani immoo gonfoo ittiin jireenya argatan siifan kenna.” (Mul’ata 2:10) Kiristiyaanonni dibamoonis ta’an, namoonni lafarra jiraachuuf abdii qabaniifi hidhatasaanii ta’an Seexana hin sodaatan. Kun ta’uu kan danda’e uumamasaaniitiin namoota waa hin sodaanne waan ta’aniif utuu hin ta’in, Waaqayyoon waan sodaataniifi ‘gaaddisa bobaasaa jalatti kooluu waan galaniifidha.’—Faarfannaa 34:9; 36:7.
4 Bartoonni Yesus warri jaarraa jalqabaatti turaniifi ija jabeeyyii turan rakkinni guddaan isaanirra ga’uyyuu, hamma du’aatti amanamummaasaanii eeganiiru. Kiristiyaanonni dibamoon, Yihowaan tajaajiltootasaa warra amanamoo ta’an matumaa akka hin dhiisne waan beekaniif ari’atama Seexanni isaanirraan ga’u sodaachuudhaan gara duubaatti hin jenne. Yeroo har’aattis haaluma wal fakkaatuun Kiristiyaanonni dibamoonis ta’an warri mataasaanii Yihowaadhaaf murteessaniifi hidhatasaanii ta’an amanamummaa Waaqayyoof qaban cabsuurraa fagaachuuf murtoo godhaniiru. Ta’us Phaawulos, Seexanni akka du’a nurraan ga’uu danda’u dubbateera. Erga akkas ta’ee kun akka sodaannu nu gochuu hin qabuuree?
5. Ibroota 2:14, 15rraa barumsa maalii arganna?
5 Phaawulos, Yesus ‘akkumasaanii, jechuunis akkuma namootaa fooniifi dhiiga ta’e’ jedhee erga ibsee booda, “du’a isaatiin Seexana isa humna du’aa qabu balleessuudhaaf nama ta’e. Warra du’a sodaachuudhaan bara isaanii guutuu garbummaa jala jiraatan hundumaa birmaduu baase” jechuudhaan dubbateera. (Ibroota 2:14, 15) Seexanni ‘humna du’aa waan qabuuf’ Yihudaa isa biyya Keriyotiin erga to’atee booda, geggeessitoota warra Yihudiifi warra Roomaatiin gargaaramee Yesusiin ajjeesiseera. (Luqaas 22:3; Yohannis 13:26, 27) Haata’u malee, Yesus aarsaa ta’ee du’uunsaa ilmaan namootaa warra cubbamoo ta’an to’annaa Seexanaa jalaa birmaduu baasuusaarrayyuu, karaa itti jireenya bara baraa argannu nuuf qopheesseera.—Yohannis 3:16.
6, 7. Humni Seexanni du’arratti qabu daangaansaa hanga maaliitti?
6 Humni Seexanni du’arratti qabu daangaansaa hanga maaliitti? Seexanni gochawwan hammeenyaa erga raawwachuu jalqabee kaasee sobni inni dubbateefi qajeelfamni inni kenne ilmaan namootaarra du’a geessiseera. Kunis kan ta’e sababii Addaam cubbuu hojjeteefi ilmaan namootaa cubbuufi du’a waan dhaalchiseefidha. (Roomaa 5:12) Kana malees, tajaajiltoonni Seexanaa lafarratti argaman saba Yihowaa kan ari’atan yeroo ta’u, al tokko tokkos akkuma Yesusiin ajjeesan tajaajiltoota Yihowaas ni ajjeesu.
7 Kana jechuun garuu, Seexanni namoota ajjeesuu barbaadu hundaa ajjeesuu ni danda’a jechuu miti. Waaqayyo tajaajiltootasaatiif eegumsa kan godhu ta’uusaarrayyuu, waaqeffattootasaa warra dhugaa lafarratti argaman hundaa akka balleessu gonkumaa hin heyyamuuf. (Roomaa 14:8) Dhugaadha, Yihowaan sabasaa hundaarra ari’atamni akka ga’u yookiin nu keessaa tokko tokko ari’atama Seexanni nurra ga’uun akka duunu heyyamuu danda’a. Ta’us, Macaafni Qulqulluun abdii dinqisiisaa namoonni maqaansaanii ‘macaafa seenaa’ keessatti galmeeffame dubbata. Seexannimmoo, gonkumaa abdii du’aa ka’uu ilaalchisee kenname kana hambisuu hin danda’u!—Miilkiyaas 3:16; Yohannis 5:28, 29; Hojii Ergamootaa 24:15.
Seexanni Ari’atama Kan Nurraan Ga’u Maaliifi?
8. Seexanni tajaajiltoota Waaqayyoorratti ari’atama kan geessisu maaliifi?
8 Tajaajiltoota Yihowaa warra amanamoo yoo taane, Seexanni ari’atama nurraan ga’uuf sababii guddaa qaba jechuudha. Kaayyoonsaa amantaa keenya laaffisuudha. Abbaa keenya isa samii wajjin walitti dhufeenya cimaa kan qabnu yeroo ta’u, Seexannimmoo walitti dhufeenya gaarii kana nu jalaa balleessuu barbaada. Kunimmoo nu dinqisiisuu hin qabu. Yihowaan, ‘dubartiisaa’ ishee akka fakkeenyaatti ibsamteefi ‘boficha’ gidduutti, akkasumas “sanyii” isaanii gidduutti diinummaa akka uumu Eeden keessatti dursee dubbateera. (Uumama 3:14, 15) Macaafni Qulqulluun Diiyaabilosiin, “boficha bara durii” jedhee kan waamu ta’uusaarrayyuu, yeroo gabaabduu duwwaan akka isaaf hafeefi guddaa akka aare dubbata. (Mul’ata 12:9, 12) Diinummaan “sanyii” lamaansaanii gidduu jiru hanga itti fufetti, namoonni amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilan ari’atamni akka isaanirra ga’u eeguu danda’u. (2 Ximotewos 3:12) Seexanni ari’atama akkasii kan nurraan ga’u maaliif akka ta’e sirriitti hubatteettaa?
9, 10. Seexanni gaaffii akkamii kaaseera? Gaaffiin kun amanamummaa ilmaan namootaa wajjin kan wal qabatu akkamitti?
9 Seexanni uumama cufa bulchuuf mirga kan qabu eenyu akka ta’e ilaalchisee gaaffii kaaseera. Haala olaantummaa Waaqayyoo wajjin wal qabateenis, amanamummaa ilmaan namootaa Uumaasaaniitiif qabanirrattis gaaffii kaaseera. Seexanni nama qajeelaa kan ture Iyoobirratti ari’atama fidee ture. Maaliif? Amanamummaa Iyoob Yihowaadhaaf qabu balleessuu waan barbaadeefidha. Haati manaasaafi michoonnisaa warra ‘jajjabeessitoota rakkina dabalan’ sadan, yeroo sanatti namoota kaayyoo Seexanaa babal’isan ta’anii tajaajilaniiru. Macaafa Iyoobirraa hubachuun akka danda’amutti, Diiyaabilos akka namoota qoru utuu isaaf heyyamamee namni Waaqayyoof amanamaa ta’ee dhaabatu tokkollee akka hin argamne dubbachuudhaan Yihowaarratti mormii kaaseera. Ta’uyyuu, Iyoob amanamummaasaa eegee jiraachuudhaan Seexanni sobduu ta’uunsaa mirkanaa’eera. (Iyoob 1:8–2:9; 16:2; 27:5; 31:6) Seexanni, Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo har’aatti argamnurrattis ari’atama kaasee amanamummaa keenya balleessuudhaan jechisaa kun dhugaa ta’uusaa mirkaneessuu barbaada.
10 Diiyaabilos ari’atama kan nurraan ga’u amanamummaa Waaqayyoof qabnu nu jalaa balleessuuf akka ta’e beekuun keenya jabinaafi cimina akka argisiisnu nu gargaara. (Keessa Deebii 31:6) Waaqni keenya Waaqa uumama cufarratti olaantummaa qabu waan ta’eef, amanamummaa keenya eegnee akka dhaabannuuf gargaarsa nu barbaachisu nuu kenna. Yeroo hundumaa amanamummaa keenya eegnee jiraachuudhaan garaa Yihowaa haa ciibsinu; kana gochuudhaanis Yihowaan diinasaa isa jalqabaa, jechuunis Diiyaabilos isa Seexana jedhamuuf deebii akka kennu goona.—Fakkeenya 27:11.
‘Isa Hamaarraa Nu Oolchi’
11. Kadhannaan “Qoramattis nu hin galchin” jedhu hiiknisaa maalidha?
11 Amanamummaa ofii eeganii jiraachuun salphaa miti; kadhannaa cimaa gochuu barbaada. Karaa kanaan, jechoonni kadhannaa akka fakkeenyaatti kennaman keessatti argaman baay’ee nu gargaaru. Barumsi Yesus kadhannaa ilaalchisee barsiise gar tokkoonsaa akkas jedha: “Qoramattis nu hin galchin, isa hamaarraa nu oolchi malee.” (Maatewos 6:13, NW) Yihowaan akka cubbuu hojjennuuf nu hin qoru. (Yaaqoob 1:13) Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun al tokko tokko wanti tokko akka ta’u waan heyyameef qofa, akka inni akkas godhe dubbata. (Ruut 1:20, 21) Kanaaf, kadhannaa ilaalchisee akka Yesus dubbatetti yeroo kadhannu, Yihowaan qorumsa nurra ga’een akka kufnu akka hin heyyamne gaafachuu keenya argisiisa. Macaafni Qulqulluun, Yihowaan kadhannaa keenya kan dhaga’u ta’uusaa akkas jechuudhaan nuu mirkaneessa: “Waaqayyo amanamaa waan ta’eefis, humna keessan gararraatti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama sana keessatti akka isin dandeessan in godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif in kenna.”—1 Qorontos 10:13.
12. ‘Isa hamaarraa nu oolchi’ jennee kan kadhannu maaliifi?
12 Yesus fakkeenya kadhannaasaarratti waa’ee qorumsaa erga dubbatee booda, jecha “isa hamaarraa nu oolchi” jedhu dubbateera. Macaafni Qulqulluun afaan Oromoo “hamaa nu oolchi” jedha. Haata’u malee, jechi “nu oolchi” jedhu Macaafa Qulqulluu keessatti caalaatti kan ittiin hojjetame haala namootaa wajjin wal qabateenidha. Akkasumas Wangeelli Maatewos Diiyaabilosiin, kan “isa qoru” jedhee waama. (Maatewos 4:3, 11) Kanaaf, ‘isa hamaa’ jechuunis Seexanarraa nu oolchi jennee kadhachuun keenya baay’ee barbaachisaadha. Seexanni Waaqayyorratti akka cubbuu hojjennu nu gochuuf yaalii godha. (1 Tasaloniiqee 3:5) “Isa hamaarraa nu oolchi” jennee yeroo kadhannu, Seexanni karaa ittiin nu gowwoomsu akka hin arganne, Abbaan keenya inni samii akka nu gargaaruufi akka qajeelfama nuu kennu kadhachuu keenyadha.
Seexanaan Hin Gowwoomfaminaa!
13, 14. Kiristiyaanonni gumii Qorontos nama gumiisaanii keessa ejja raawwate tokkoof ilaalcha qaban jijjiiruun kan isaan barbaachise maaliifi?
13 Phaawulos, waliif dhiisuu ilaalchisee Kiristiyaanota gumii Qorontosiin akkas jechuudhaan isaan akeekkachiiseera: “Nama isin yakka isaa dhiiftaniif anis immoo nan dhiisaaf; wanti ani namaaf dhiisu jira yoo ta’e, sababii keessaniif jedhee fuula Kristos duratti dhiiseeraaf. Akeeki Seexanaa maal akka ta’e waan beeknuuf, Seexanni akka nu hin gowwoomsineef kana in goona.” (2 Qorontos 2:10, 11) Seexanni nu qoruuf mala adda addaatiin gargaaramuu kan danda’u erga ta’ee, Phaawulos yaada olitti argamu kan barreesse maaliifi?
14 Kiristiyaanonni gumii Qorontos namni ejja raawwate akkasumaan miseensa gumii ta’ee akka itti fufu waan heyyamaniif, Phaawulos isaan ceepha’eera. “Halalummaan warra saba Waaqayyoo hin ta’in keessatti illee salphaatti hin ilaalamne” yeroo isaan gidduutti raawwatamu callisanii ilaaluunsaanii maqaan gumichaa akka xuraa’u waan godheef, Seexanni baay’ee hin gammadin hin oolle. Booda garuu namni cubbuu akkasii raawwate gumii keessaa baafameera. (1 Qorontos 5:1-5, 11-13) Yeroo boodas, namni kun qalbii geddarateera. Obboloonni kun nama kanaaf dhiifama godhanii gara gumiitti akka deebi’u utuu gochuu didanii, Seexanni karaa itti isaan gowwoomsu garabiraa argata ture. Akkamitti? Yoo akkas godhan, isaanis akkuma Seexanaa gara jabeeyyiifi kan oo’a hin qabne ta’u turan. Namni qalbii geddarate kun “gadda baay’ee guddaadhaan liqimfamuu isaa irraa” kan ka’e Yihowaa waaqeffachuu yoo dhaabe, keessumaa jaarsoliin Yihowaa isa oo’a qabeessa ta’e biratti wanta kanaaf itti gaafatamu. (2 Qorontos 2:7; Yaaqoob 2:13; 3:1) Kiristiyaanni dhugaa kamiyyuu, gara jabeessa, gaarummaa kan hin qabneefi oo’a kan hin qabne ta’uudhaan Seexana fakkaachuu akka hin barbaanne beekamaadha.
Mi’a Lolaa Isa Kan Waaqayyoo Hidhachuudhaan Eegumsa Argachuu
15. Lola akkamii gochaa jirra? Lola kanarratti injifannoo argachuun keenya maalirratti kan hundaa’edha?
15 Dhiibbaa Seexanni nurraan ga’urraa of eeggachuu yoo barbaanne, humnoota hafuurota hamoo wajjin wal’aansoo wal qabuu qabna. Wal’aansoo hafuurota hamoo wajjin goonurratti injifannoo argachuun keenya ‘mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhachuu’ keenyarratti kan hundaa’edha. (Efesoon 6:11-18) Miini lolaa kun ‘qajeelummaa akka maddaa sibiilaatti uffatanii dhaabachuu’ kan dabalatudha. (Efesoon 6:14) Mootii Israa’el kan ture Saa’ol Waaqayyoof abboomamuu diduusaatiin hafuura qulqulluu dhabuunsaa rakkoo guddaa isarraan ga’eera. (1 Saamu’el 15:22, 23) Haata’u malee, nuti karaa qajeelummaarra kan deddeebinuufi mi’a lolaa isa kan hafuuraa guutummaatti kan uffannu yoo ta’e, hafuura Waaqayyoo kan argannu ta’uu keenyarrayyuu, Seexanniifi hafuuronni hamoon warri ergamootasaa ta’an akka dhiibbaa nurraan hin geenyeef eegumsa arganna.—Fakkeenya 18:10.
16. Dhiibbaa humnoonni hafuurota hamoo nurraan ga’an yeroo hundumaa ofirraa ittisuuf gargaarsa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
16 Dhiibbaa humnoonni hafuurota hamoo nurraan ga’anirraa yeroo hundumaa eegumsa argachuuf wantoonni nu barbaachisan garabiraan, yeroo hundaa Sagalee Waaqayyoo dubbisuu, qayyabachuufi barreeffamoota karaa ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaa’ qophaa’aniin akka gaariitti gargaaramuu kan dabalatudha. (Luqaas 12:42) Akkas kan goonu yoo ta’e, gorsa Phaawulosii wajjin haala wal simuun sammuu keenya wantoota hafuuraatiin guunna. Phaawulos kana ilaalchisee akkas jechuudhaan dubbateera: “Obboloota ko, waa’ee waanuma dhugaa ta’ee, waanuma ulfina qabuu, waanuma qajeelaatti lakkaa’amuu, waanuma qulqulluu ta’ee, waanuma jaallatamaa waanuma gurratti toluu, waanuma gaarii ta’ee, waanuma galata qabuu yaadaa!”—Filiphisiiyus 4:8.
17. Misiraachicha karaa bu’a qabeessa ta’een lallabuuf maaltu nu gargaara?
17 Yihowaan ‘Akka nama kophee kaa’ateetti wangeela nagaa lallabuuf qophaa’oo’ akka taanu nu gargaara. (Efesoon 6:15) Yeroo hundaa gumiirratti hirmaachuun misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo akka lallabnu nu gargaara. Namoonni waa’ee Waaqayyoo dhugaasaa akka baraniifi karaa hafuuraa birmadummaa akka argatan gargaaruun keenya gammachuu guddaan nuuf argamsiisa! (Yohannis 8:32) Barumsa amantii sobaarraa fagaachuufis ta’e “da’oo jajjabaa jigsuudhaaf” ‘billaa hafuuraa jechuunis, dubbii Waaqayyoo fudhachuun’ baay’ee barbaachisaadha. (Efesoon 6:17, 1899; 2 Qorontos 10:4, 5) Sagalee Waaqayyoo kan ta’e Macaafa Qulqulluu karaa bu’a qabeessa ta’een yoo fayyadamne, dhugaa barsiisuufi gowwoomsaa Seexanaarraa fagaachuuf nu gargaara.
18. “Haxxummaa Seexanaatiin mormuu” kan dandeenyu akkamitti?
18 Phaawulos, waa’ee mi’a lolaa hafuuraa dubbachuu kan jalqabe akkas jechuudhaan ture: “Gooftaatti humna isaa isa aangoo-qabeessattis jabaadhaa. Haxxummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa!” (Efesoon 6:10, 11) Jechi afaan Giriikiitiin “mormuu” jedhu, loltuu iddoosaa qabatee dhaabate kan argisiisudha. Seexanni tokkummaa keenya diiguuf, barumsa keenya mancaasuuf, yookiin amanamummaa Waaqayyoof qabnu nu jalaa balleessuuf haxxummaa gara garaatiin gargaaramus, lola karaa hafuuraa goonurratti jabaannee dhaabanna. Miidhaa nurraan ga’uuf yaalii inni hamma har’aatti godhe akkuma isaaf hin mijaa’in hafe, gara fuulduraattis matumaa isaaf hin mijaa’u!a
Seexanaan Mormaa! Innis Isin Dhiisee In Baqata
19. Karaan itti Seexana mormuu dandeenyu keessaa inni tokko maalidha?
19 Wal’aansoo karaa hafuuraa Seexanaafi hafuurota hamoo to’annaasaa jalatti argamanii wajjin goonurratti injifannoo argachuu ni dandeenya. Sababii itti Seexana sodaachuu hin qabne ilaalchisee Yaaqoob akkas jechuudhaan barreesseera: “Harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaan immoo mormaa! Innis isin dhiisee in baqata.” (Yaaqoob 4:7) Seexanaafi hafuurota hamoorraa fagaachuuf karaan itti tarkaanfii cimaa fudhannu keessaa inni tokko, qoricha namatti gochuu yookiin nama daawwessuu, akkasumas wantoota kanaa wajjin walitti dhufeenya qabanirraa fagaachuudha. Macaafni Qulqulluun Tajaajiltoonni Yihowaa hooda heduurraa, urjii ilaalanii namaaf himuurraa, hooda dubbachuufi qoricha namatti tolchuurraa fagaachuu akka qaban dubbata. Yeroo hundaa sochiiwwan hafuuraarratti kan hirmaannuufi ejjennoo hafuuraa cimaa yoo qabaanne, namni kamiyyuu qoricha nutti hojjeta jennee sodaachuu hin qabnu.—Lakkoobsa 23:23; Keessa Deebii 18:10-12; Isaayaas 47:12-15; Hojii Ergamootaa 19:18-20.
20. Seexanaan mormuu kan dandeenyu akkamitti?
20 Qajeelfama Macaafa Qulqulluufi dhugaa achi keessatti argamuu wajjin haala wal simuun jiraachuufi ejjennoo cimaa fudhachuudhaan ‘Seexanaan mormuu’ ni dandeenya. Seexanni biyyi lafaa kanaaf waaqasaa waan ta’eef isaa wajjin walii galee jiraata. (2 Qorontos 4:4) Kanaaf, amalawwan biyya lafaa kan akka of tuuluu, ofittummaa, amala addaggummaa, walirratti ka’uufi qabeenyaaf bakka guddaa kennuurraa fagaachuu qabna. Seexanni yeroo lafa onaa keessatti isa qore, Yesus Caaffata Qulqullaa’aadhaan gargaaramee yommuu deebii isaaf kennetti, Seexanni isarraa baqachuusaa beekna. (Maatewos 4:4, 7, 10, 11) Haaluma wal fakkaatuun nutis, guutummaatti Yihowaaf kan ajajamnuufi akka isatti amanamnu kadhannaadhaan kan argisiisnu yoo ta’e Seexanni ‘nu dhiisee baqata.’ (Efesoon 6:18) Yihowaafi Ilmisaa nuu wajjin waan ta’aniif, namni kamiyyuu, Seexannillee, miidhaa bara baraa nurraan ga’uu hin danda’u!—Faarfannaa 91:9-11.
[Miiljalee]
a Mi’a lolaa hafuuraa isa Waaqayyo biraa argannu ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 1992, fuula 21-23 ilaali.
Deebiinkee Maalidha?
• Seexana sodaachuu qabnaa?
• Seexanni Kiristiyaanotarra ari’atama kan geessisu maaliifi?
• “Isa hamaarraa nu oolchi” jennee kan kadhannu maaliifi?
• Waraana karaa hafuuraatiin goonuun injifannoo argachuu kan dandeenyu akkamitti?