BOQONNAA 21
‘Ani Dhiiga Nama Hundumaa Irraa Qulqulluudha’
Hinaaffaa Phaawulos tajaajilaaf qabuu fi gorsa inni jaarsoliif kenne
Hojii Ergamootaa 20:1-38rratti kan hundaaʼe
1-3. (a) Galgala Awuxikos duʼetti haallisaa maal akka fakkaatu ibsi. (b) Phaawulos maal godhe? Kunoo waaʼee isaa maal nu hubachiisa?
PHAAWULOS kutaa fooqiirraa namootaan guutamee fi Xiroʼaas keessatti argamu keessa jira. Isaanii wajjin kan turu galgala kana qofa waan taʼeef haasaa dheeraa obbolootaaf dhiheessaa jira. Amma halkan walakkaa taʼeera. Ibsaawwan hedduun manicha keessatti argaman manichi akka hoʼuu fi qilleensa qulqulluu akka hin qabaanne godhanii taʼuu dandaʼa. Dargaggeessi Awuxikos jedhamu tokko foddaarra taʼee ture. Utuma Phaawulos haasaa isaa dhiheessaa jiruu hirribni cimaan waan isa qabeef fooqii sadaffaarraa ni kufe.
2 Luqaas ogeessa fayyaa waan taʼeef warra dafanii gadi baʼuudhaan isa ilaalan keessaa tokko taʼuu hin oolu. “Yommuu ol isa kaasanis duʼee ture.” (HoE. 20:9) Haataʼu malee itti aansuudhaan dinqii tokkotu raawwatame. Phaawulos dargaggeessicharra ciisee namoota achi turaniin, “Wacuu keessan dhiisaa, inni fayyaa dha” jedhe. Phaawulos Awuxikosiin duʼaa kaase.—HoE. 20:10.
3 Wanti raawwatame kun humna hafuurri qulqulluun qabu argisiisa. Duʼa dargaggeessa kanaatiif Phaawulosiin komachuun sirrii miti. Taʼus Phaawulos duuti dargaggeessa kanaa qophii barbaachisaa taʼe kana akka jeequ ykn nama kamiyyuu karaa hafuuraa akka gufachiisu hin barbaanne. Phaawulos Awuxikosiin duʼaa kaasuudhaan gumichi akka jajjabaatuu fi tajaajilaaf guutummaatti akka qophaaʼu godheera. Phaawulos lubbuu namootaatiif iddoo guddaa akka kennuu argisiiseera. “Dhiiga nama hundumaa irraa qulqulluu” taʼuu isaa akka dubbate ni yaadanna. (HoE. 20:26) Nutis gama kanaan fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.
“Gara Maqedooniyaatti Qajeele” (Hojii Ergamootaa 20:1, 2)
4. Phaawulos haala baayʼee nama sodaachisu akkamii keessa darbe?
4 Akkuma boqonnaa darberratti ilaalle, Phaawulos haala baayʼee nama sodaachisu keessa darbee ture. Tajaajila inni Efesoonitti raawwateen kan kaʼe jeequmsi guddaan uumamee ture. Namoonni meetii baqsanii fi jireenyi isaanii waaqeffannaa Arxemiis irratti hundaaʼe jeequmsa kanarratti hirmaatanii turan. Hojiin Ergamootaa 20:1 akka jedhutti, “Jeequmsi sun erga qabbanaaʼee booda, Phaawulos dhaamsa ergee barattoota waamsise; achiis erga isaan jajjabeessee fi nagaa isaanitti dhaamee booda gara Maqedooniyaatti qajeele.”
5, 6. (a) Phaawulos Maqedooniyaa keessa kan ture yeroo hammamiif taʼuu dandaʼa? Obboloota achi jiraniifoo maal godhe? (b) Phaawulos obboloota isaatiif ilaalcha akkamii qaba ture?
5 Phaawulos yeroo gara Maqedooniyaa deemaa turetti buufata doonii Xiroʼaasitti buʼee yeroo muraasa achitti dabarse. Tiitoo isa gara Qorontositti ergamee turee wajjin bakka kanatti akka wal argu abdatee ture. (2 Qor. 2:12, 13) Tiitoon dhufaa akka hin jirre akkuma bareen garuu gara Maqedooniyaatti qajeele. ‘Obboloota achi jiran jechoota hedduudhaan jajjabeessuudhaanis’ gara waggaa tokkoo ykn isaa ol achitti dabarseera.a (HoE. 20:2) Xumurarrattis Tiitoon Maqedooniyaatti Phaawulosii wajjin wal arguudhaan obboloonni gumii Qorontos ergaa xalayaa inni jalqabarratti isaaniif barreesserra jiru akka fudhatan isatti hime. (2 Qor. 7:5-7) Kunimmoo xalayaa isa yeroo harʼaatti Qorontos Lammaffaa jedhamee beekamu akka isaaniif barreessu isa kakaaseera.
6 Luqaas Phaawulos obboloota gumii Efesoonii fi Maqedooniyaa keessa jiran daawwachuudhaan isaan “jajjabeessee” akka ture gabaaseera. Yaadni Luqaas dubbate kun Phaawulos obboloota isaa baayʼee akka jaallatu argisiisa. Phaawulos Fariisota namoota kaan tuffatan irraa haala adda taʼeen hoolonni Yihowaa obboloota isa faana hojjetan akka taʼanitti ilaalla. (Yoh. 7:47-49; 1 Qor. 3:9) Gorsa cimaa yeroo isaaniif kennuttillee ilaalchuma akkasii akka isaaniif qabu ni argisiisa ture.—2 Qor. 2:4.
7. Ilaaltonni olaanoon yeroo harʼatti argaman fakkeenya Phaawulos hordofuu kan dandaʼan akkamitti?
7 Jaarsoliin gumii fi daawwattoonni olaanoo aanaa yeroo harʼaa fakkeenya Phaawulos hordofuuf carraaqqii godhu. Yeroo gorsa cimaa kennanittillee kaayyoon isaanii obboloota gargaarsi barbaachisu jajjabeessudha. Ilaaltonni olaanoon warra kaan ceephaʼuu mannaa isaan jajjabeessuuf carraaqu. Daawwataan ol aanaa aanaa muuxannoo qabu tokko kana yeroo ibsu akkas jedheera: “Obboloonni fi obboleettonni keenya hedduun wanta sirrii gochuu barbaadu, yeroo baayʼee miira abdii kutachuu fi miira sodaa wajjin walʼaansoo kan godhan siʼa taʼu, maal gochuu akka qabanis ni wallaalu.” Ilaaltonni olaanoon obboloota akkasiitiif madda jajjabinaa taʼuu dandaʼu.—Ibr. 12:12, 13.
‘Isa Ajjeesuuf Mariʼatan’ (Hojii Ergamootaa 20:3, 4)
8, 9. (a) Karoora Phaawulos gara Sooriyaa deemuuf Baafatee ture wanti jijjiirsise maalidha? (b) Yihudoonni Phaawulosiin kan jibban maaliif taʼuu dandaʼa?
8 Phaawulos Maqedooniyaadhaa kaʼee gara Qorontos deeme.b Jiʼa sadii erga achitti dabarsee booda doonii gara Sooriyaa dhaqu qabachuuf gara Kinkiriʼaa dhaquu barbaadee ture. Bakka kanaa gara Yerusaalem dhaquu fi buusii obboloota rakkataniif godhame isaaniin gaʼuu dandaʼa.c (HoE. 24:17; Rom. 15:25, 26) Haalli akka tasaa uumame tokko garuu karoorasaa kana jalaa jijjiirsiseera. Hojiin Ergamootaa 20:3, ‘Yihudoonni isa ajjeesuuf akka mariʼatan’ dubbata.
9 Yihudoonni Phaawulos gantuu akka taʼetti waan isa ilaalaniif garmalee isa jibbuun isaanii nama hin dinqisiisu. Kanaan dura tajaajila inni achitti raawwateen kan kaʼe, Qirisphoos inni mana sagadaa Qorontos keessatti iddoo guddaa qabu Kiristiyaana taʼeera. (HoE. 18:7, 8; 1 Qor. 1:14) Yeroo biraattimmoo Yihudoonni Qorontos Phaawulosiin Gaaliyoo isa bulchaa biyyaa Akaayaa taʼe duratti dhiheessaniiru. Haataʼu malee Gaaliyoon himanni isarratti dhihaate kun buʼuura akka hin qabne dubbateera. Kunis diinoota Phaawulos baayʼee aarsee ture. (HoE. 18:12-17) Yihudoonni Qorontos Phaawulos yeroo dhihootti naannoo Kinkiriʼaa dhaqee doonii qabachuuf akka jedhu waan baraniif ykn waan tilmaamaniif taʼuu hin ooluu, dhokatanii achitti isa ajjeesuuf karoora baafatan. Maarree Phaawulos maal godha?
10. Phaawulos gara Kinkiriʼaa kan hin deemne sodaateetii? Ibsi.
10 Phaawulos nageenya ofii isaatiifis taʼee qarshii imaanaadhaan isatti kennameef waan yaaddaʼeef Kinkiriʼaa dhaqee achiin deemuu mannaa, Maqedooniyaa keessa darbee imala isaa itti fufuuf filate. Dhugaadha, lukaan deemuunis rakkina mataa isaa qaba. Daandiiwwan bara duriirra saamtonni jiru turan. Bakki bultiillee balaa kan qabu ture. Kanaaf Phaawulos karaa namoonni Kinkiriʼaatti isa eegan jiraniin deemuu mannaa daandii miillaa rakkisaa taʼe kana filate. Gaarummaan isaammoo kan inni deemu qofaa isaa hin turre. Imala misiyoonummaa isaa isa kanarratti Phaawulosii wajjin kan turan Arisxaarkos, Gaayos, Sekondos, Sophaaxiros, Ximotewos, Xirofimoosii fi Tikiqoos turan.—HoE. 20:3, 4.
11. Kiristiyaanonni yeroo harʼaa of eeguudhaaf tarkaanfii barbaachisa akkamii fudhatu? Yesuus gama kanaan fakkeenya akkamii taʼa?
11 Kiristiyaanonni yeroo harʼaas akkuma Phaawulos tajaajilarratti balaarraa of eeguudhaaf tarkaanfii barbaachisaa taʼe ni fudhatu. Naannoowwan tokko tokkotti qofaa tajaajiluu mannaa, gareedhaan yoo xinnaatemmoo lama lama taʼanii deemu. Yeroo ariʼatamni isaanirra gaʼuttoo maal godhu? Ariʼatamni isaan mudachuu akka dandaʼu ni eegu. (Yoh. 15:20; 2 Xim. 3:12) Taʼus, taʼe jedhanii balaadhaaf of hin saaxilan. Mee fakkeenya Yesuus haa ilaallu. Yeroo tokko Yerusaalem keessatti mormitoonni isa rukutuuf yeroo dhagaa fudhatan, “Yesuus garuu dhokatee mana qulqullummaa keessaa baʼee deeme.” (Yoh. 8:59) Yeroo kan biraammoo Yihudoonni isa ajjeesuuf akka karoorfatan yeroo beeketti, “Yesuus sana booda ifatti Yihudoota gidduu hin deddeebine; kanaa mannaa bakka sanaa deemee gara naannoo lafa onaa bira jiru” dhaqe. (Yoh. 11:54) Yesuus akkas gochuun fedha Waaqayyoo wajjin yeroo walitti hin buunetti of eeguuf tarkaanfii barbaachisaa taʼe fudhateera. Kiristiyaanonni yeroo harʼaas akkasuma godhu.—Mat. 10:16.
‘Baayʼee Jajjabaatan’ (Hojii Ergamootaa 20:5-12)
12, 13. (a) Yeroo Awuxikos duʼaa kaafametti gumichatti maaltu dhagaʼame? (b) Abdiin Kitaaba Qulqulluu yeroo harʼaatti namoota warra jaallatan duʼaan dhaban jajjabeessu isa kami?
12 Phaawulosii fi michoonnisaa hamma Maqedooniyaatti waliin deemanii sana booda waan gargar baʼan fakkaata. Haallisaa akka argisiisutti booda Xiroʼaasitti deebiʼanii wal arganiiru.d Seenaansaa, “guyyaa shan keessatti Xiroʼaasitti isaan bira geenye” jedha.e (HoE. 20:6) Akkuma seensa boqonnaa kanaa irratti ibsame dargaggeessi Awuxikos jedhamu duʼaa kan kaafame bakka kanatti ture. Obboleessi isaanii Awuxikos yeroo duʼaa kaafametti obboloonni hammam gammadanii akka turan tilmaamuu dandeessaa? Seenaansaa ‘baayʼee akka jajjabaatan’ ibsa.—HoE. 20:12.
13 Yeroo harʼaa dinqiin akkasii akka hin raawwatamne beekamaadha. Haataʼu malee abdiin duʼaa kaʼuu inni Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe namoota warra jaallatan duʼaan dhaban ‘baayʼee jajjabeessa.’ (Yoh. 5:28, 29) Mee kanarratti yaadi: Awuxikos nama cubbuu dhaale waan taʼeef yeroo booda deebiʼee duʼeera. (Rom. 6:23) Namoonni addunyaa haaraa Waaqayyoo fidu keessatti duʼaa kaafaman garuu abdii bara baraaf jiraachuu qabu. Hunda caalaammoo namoonni Yesuusii wajjin samii keessatti bulchuuf duʼaa kaafaman qaama hin duune qabaatu. (1 Qor. 15:51-53) Kanaaf, dibamoos taʼan “hoolota kan biroo” Kiristiyaanonni yeroo harʼaa ‘baayʼee jajjabaachuuf’ sababii gaʼa qabu.—Yoh. 10:16.
“Bakka Namoonni Walgaʼanittii fi Manaa Gara Manaatti” (Hojii Ergamootaa 20:13-24)
14. Phaawulos Milexositti jaarsolii gumii Efesoonii wajjin yeroo wal argetti maal isaaniin jedhe?
14 Phaawulosii fi michoonnisaa Xiroʼaasii kaʼanii gara Asoos achiis gara Mixileenee, Kiiyos, Saamosii fi Milexos deeman. Phaawulos Ayyaana Phenxeqosxeetiif yeroodhaan Yerusaalemiin gaʼuu barbaadee ture. Gara Efesoonitti utuu hin gorin kan inni darbe kanaaf ture. Haataʼu malee jaarsolii Efesoon haasofsiisuu waan barbaadeef Milexositti akka dhufan isaan gaafate. (HoE. 20:13-17) Yommuu isaan achi gaʼanis Phaawulos akkana isaaniin jedhe: “Guyyaan jalqaba gara koonyaa Eeshiyaa dhufee kaasee isin gidduutti akkamitti akkan jiraadhe akka gaariitti beektu; ani guutummaatti gad of qabuudhaan Gooftaa tajaajileera; daba Yihudootaatiin kan kaʼes imimmaan koo dhangalaaseera, rakkadheeras; wanta isin fayyadu isinitti himuu irraas taʼe, bakka namoonni walgaʼanittii fi manaa gara manaatti isin barsiisuu irraa duubatti hin jenne. Kanaa mannaa, Yihudoonnis taʼan Giriikonni yaada geddaratanii gara Waaqayyootti akka deebiʼanii fi Gooftaa Yesuusitti akka amanan guutummaatti isaaniif ragaa baʼeera.”—HoE. 20:18-21.
15. Faayidaawwan mana gara manaatti tajaajiluun qabu tokko tokko maalfaʼi?
15 Yeroo harʼaa karaa hedduudhaan misiraachicha namootatti himuu ni dandeenya. Buufata konkolaataa, bakka namoonni itti baayʼatan ykn bakka gabaa dabalatee, akkuma Phaawulos, bakka namoonni itti argaman hunda dhaquuf carraaqqii ni goona. Haataʼu malee, karaan inni guddaan Dhugaa Baatonni Yihowaa namootaaf itti lallaban manaa gara manaa deemudha. Maaliif? Sababiin inni tokko manaa gara manaa deemanii lallabuun namoonni hundi haala dhaabbataa taʼeen ergaa Mootummichaa akka dhagaʼan waan godhuufi. Kunimmoo Waaqayyoo akka hin loogne argisiisa. Dabalataanis, namoonni garaa qajeelaa qaban gargaarsa isaan barbaachisu dhuunfaatti akka argatan godha. Akkasumas tajaajilli manaa gara manaa, amantii obboloota gosa tajaajilaa kana irratti hirmaatanii ni cimsaa, jabaatanii akka dhaabbatanis isaan gargaara. Dhugumayyuu “bakka namoonni walgaʼanittii fi manaa gara manaatti” hinaaffadhaan lallabuun mallattoo Kiristiyaanonni dhugaan yeroo harʼatti ittiin beekamanidha.
16, 17. Phaawulos ija jabeessa akka taʼe kan argisiise akkamitti? Kiristiyaanonni yeroo harʼaahoo fakkeenya isaa hordofuu kan dandaʼan akkamitti?
16 Phaawulos Yerusaalemitti balaan akkamii akka isa eegatu akka hin beekne jaarsolii gumii Efesoonitti himee ture. Akkana isaaniin jedhe: “Taʼus, fiigicha koo yoon xumuree fi misiraachoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa guutummaatti dhugaa baʼuuf tajaajilan Gooftaa Yesuus irraa fudhadhe yoon raawwadhe, jireenya koo akka waan faayidaa anaaf qabuutti hin ilaalu.” (HoE. 20:24) Phaawulos haala fayyaa ykn mormii cimaa dabalatee haalli akkamiiyyuu hojii isaaf kenname akka hin raawwanne akka isa dhowwu hin heyyamne.
17 Kiristiyaanonni yeroo harʼas rakkoowwan hedduun isaan mudatu. Tokko tokko mootummaarraa dhorkaa fi ariʼatamni isaan mudata. Warri kaanimmoo karaa qaamaas taʼe karaa miiraa baayʼee dhukkubsatu. Kiristiyaanota dargaggoota taʼan mana barumsaatti dhiibbaa hiriyaatu mudata. Dhugaa Baatonni Yihowaa akkuma Phaawulos haalli akkamiiyyuu yoo isaan mudate jabaatanii dhaabbatu. ‘Misiraachicha guutummaatti dhugaa baʼuuf’ kutataniiru.
“Ofii Keessaniifis Taʼe Guutummaa Tuuta Hoolotaatiif Xiyyeeffannaa Kennaa” (Hojii Ergamootaa 20:25-38)
18. Phaawulos dhiiga nama hundumaarraa qulqulluu kan taʼe akkamitti? Jaarsoliin gumii Efesoonoo akkasuma gochuu kan dandaʼan akkamitti?
18 Itti aansuudhaan, Phaawulos fakkeenya ofii isaatti fayyadamuudhaan jaarsolii gumii Efesooniif kallattiidhaan gorsa kenne. Jalqaba kana booda wal arguu dhiisuu akka dandaʼan isaanitti hime. Achiis, ‘Dhiiga nama hundumaarraa qulqulluu akka taʼee fi kaayyoo Waaqayyoo hundasaanitti himuurraa duubatti akka hin jenne’ isaaniif ibse. Jaarsoliin gumii Efesoon fakkeenya Phaawulos hordofuudhaan dhiiga nama hundumaarraa qulqulluu taʼuu kan dandaʼan akkamitti? Akkana isaaniin jedhe: “Ofii keessaniifis taʼe guutummaa tuuta hoolotaatiif xiyyeeffannaa kennaa; sababiin isaas, gumii Waaqayyoo isa inni dhiiga Ilma isaatiin bite tiksee taatanii akka eegdaniif, hafuurri qulqulluun ilaaltota ol aanaa godhee irratti isin muudeera.” (HoE. 20:26-28) Phaawulos “yeeyyiiwwan hamoo” taʼan gumii keessa loʼanii seenuudhaan ‘barattoota ofitti fudhachuuf dubbii micciiramaa akka dubbatan’ akeekkachiiseera. Maarree jaarsoliin maal gochuu qabu? Phaawulos “dammaqaa eegaa, akkasumas waggaa sadiif halkanii fi guyyaa tokkoon tokkoon keessan imimmaaniin gorsuu irraa matumaa duubatti akkan hin jenne yaadadhaa” jechuudhaan isaan akeekkachiiseera.—HoE. 20:29-31.
19. Xumura jaarraa jalqabaatti gantummaa akkamiitu kaʼe? Kunoo jaarraawwan sana booda jiranitti kan itti fufe akkamitti?
19 ‘Yeeyyiiwwan hamoon’ gumii keessaa kan kaʼan xumura jaarraa jalqabaatti ture. Yohaannis ergamaan Dh.K.B. naannoo bara 98tti akkana jechuudhaan barreesseera: “Ammuma iyyuu mormitoonni Kiristoos baayʼeen kaʼaniiru . . . Isaan nu keessaa baʼan, taʼus garee keenya hin turre; sababiin isaas, utuu garee keenya taʼanii nuu wajjin itti fufu turan.” (1 Yoh. 2:18, 19) Jaarraa sadaffaatti gantummaan kun guddatee gareen lubootaa saba Kiristiyaanaa keessatti akka uumamu godheera. Jaarraa arfaffaattimmoo mootiin moototaa Qosxanxinoos Kiristiyaanummaa mancaʼee kanaaf beekamtii kenneera. Geggeessitoonni amantii kun barumsa Kitaaba Qulqulluu aadaa fi barumsa amantii sobaa wajjin walitti makanii barsiisuudhaan “dubbii micciiramaa” dubbatu. Gantummaan namoota kanaa ammayyuu barumsaa fi aadaa saba Kiristiyaanaa keessatti mulʼachaa jira.
20, 21. Phaawulos karaa ofittummaarraa bilisa taʼeen kan tajaajile akkamitti? Jaarsoliin gumii yeroo harʼaa jiranoo fakkeenyasaa hordofuu kan dandaʼan akkamitti?
20 Phaawulos namoota yeroo booda gantoota taʼan kanarraa haala adda taʼeen hoolotarraa faayidaa addaa argachuuf carraaqqii akka hin goone jireenya isaa keessatti mulʼiseera. Gumiitti baʼaa akka hin taaneef wanta isa barbaachisu guuttachuuf jabaatee hojjeteera. Obboloota tajaajilaa kan ture isaanirraa faayidaa argachuuf jedhe miti. Jaarsoliin gumii Efesoonis ofittummaarraa bilisa taʼanii obboloota isaanii akka tajaajilan akeekkachiiseera. “Warra dadhaban akka gargaartanii fi wanta Gooftaan Yesuus, ‘Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa’ jedhee dubbate akka yaadattan karaa hundumaan isinitti argisiiseera” isaaniin jedheera.—HoE. 20:35.
21 Jaarsoliin yeroo harʼaa jiran akkuma Phaawulos obboloota tajaajiluuf aarsaa kaffalu. Geggeessitoota saba Kiristiyaanaa warra hoolota saamanirraa haala adda taʼeen, obboloonni ‘gumii Waaqayyoo akka tiksaniif’ itti gaafatamummaan isaaniif kenname hojiisaanii kana karaa ofittummaarraa bilisa taʼeen raawwatu. Namoonni “ulfina ofii” isaanii barbaadan yeroo booda kufuun isaanii waan hin oolleef koorrii fi aangoo argachuu barbaaduun gumii Kiristiyaanaa keessatti iddoo hin qabu. (Fak. 25:27) Of tuulummaan salphinaaf nama saaxila.—Fak. 11:2.
22. Jaarsoliin gumii Efesoon Phaawulosiin kan jaallatan maaliifi?
22 Phaawulos obbolootasaa garaadhaa jaallachuunsaa isaan biratti akka jaallatamu godheera. Kanaan kan kaʼes yeroo inni isaanirraa adda baʼuuf kaʼetti “hundi isaanii iyyuu akka malee booʼanii morma Phaawulositti maramanii isa dhungatan.” (HoE. 20:37, 38) Kiristiyaanonni obboloota akkuma Phaawulos hoolotaaf jecha fedhii isaanii aarsaa godhan baayʼee dinqisiifatu, akkasumas ni jaallatu. Fakkeenya Phaawulos erga qortee booda ‘dhiiga nama hundumaarraa qulqulluudha’ jechuudhaan yeroo dubbatu of tuulaa ykn arbeessaa akka hin jirre hin hubanne?—HoE. 20:26.
a Saanduqa, “Xalayaawwan Phaawulos Maqedooniyaatti Barreesse” jedhu ilaali.
b Phaawulos Warra Roomaatiif xalayaa kan barreesse yeroo Qorontos keessa ture kanatti taʼuu hin oolu.
c Saanduqa, “Phaawulos Buusi Godhame Obbolootaan Gaʼee” jedhu ilaali.
d Luqaas, Hojii Ergamootaa 20:5, 6rratti of dabalee ibsuunsaa, Phaawulosirraa yeroo muraasaaf erga adda baʼee booda Filiphisiyusitti waliin imaluu akka jalqaban kan argisiisu taʼuu dandaʼa.—HoE. 16:10-17, 40.
e Filiphisiiyusii kaʼanii gara Xiroʼaas deemuun guyyaa shan isaanitti fudhate. Yeroo kan biraatti daandiin kun guyyaa lama qofa waan isaanitti fudhateef yeroo kanatti qilleensi cimaan isaan mudatee taʼuu dandaʼa.—HoE. 16:11.