Yihowaan Birmadummaa Dhugaatti Akka Si Geessu Heyyami
“Seera birmadummaa isa hirʼina hin qabne keessa [lixaa ilaalaa].”—YAQ. 1:25.
IBSUU DANDEESSAA?
Birmadummaa dhugaatti kan geessu seera isa kamidha? Seera kanarraa kan fayyadamanoo eenyufaʼi?
Birmadummaa dhugaa argachuuf wanti murteessaa taʼe maalidha?
Namoonni karaa jireenyaarra deddeebiʼuusaanii itti fufan hundi birmadummaa akkamii argatu?
1, 2. (a) Birmadummaan biyya lafaa maal taʼaa jira? Maaliif? (b) Tajaajiltoonni Yihowaa gara fuulduraatti birmadummaa akkamii argatu?
YEROO sassanni, seera malee jiraachuufi gooliin babalʼachaa jiru keessa jirra. (2 Xim. 3:1-5) Mootummoonni rakkina kana hambisuuf seera hedduu baasaniiru, humna poolisii cimsaniiru, akkasumas kaameeraa sochii namootaa toʼachuuf gargaarutti fayyadamaniiru. Biyyoota tokko tokkotti namoonni nageenyasaanii eeguuf, meeshaa elektirooniksii yeroo waa itti buʼu iyyu galfataniiru, akkasumas cuftuu dabalataa hojjetataniiru; dallaa humna elektiriikii dabarsus ijaarrataniiru. Namoonni baayʼeen halkan gad hin baʼan ykn ijoolleensaanii halkanis taʼe guyyaa kophaasaanii bakkee akka taphatan hin heyyaman. Birmadummaan badaa akka jiru ifatti kan mulʼatu siʼa taʼu, haalli kunis itti caalaa kan deemu fakkaata.
2 Seexanni Dhaaba Eeden keessatti, birmadummaa dhugaa argachuuf, bulchiinsa Yihowaa jalaa baʼuun murteessaa akka taʼe falmee ture. Falmiin kun soba guddaafi haxxummaa kan of keessaa qabu taʼuunsaa mirkanaaʼeera. Namoonni seera Waaqayyo amalaafi jireenya hafuuraa ilaalchisee baase cabsaa yommuu deeman, hawaasichi caalaatti dhiphina keessa galaa deema. Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef haalli gad badaa jiru kun nuunis miidhaa nurraan gaʼa. Taʼus, garbummaa cubbuufi badiisaa jalaa baanee “birmadummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qabanii” isa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsame argachuuf abdii qabna. (Rom. 8:21) Yihowaan ammayyuu birmadummaa kanaaf tajaajiltootasaa qopheessuu jalqabeera. Karaa kamiini?
3. Yihowaan duuka buutota Kiristosiif seera akkamii kenneera? Gaaffii kamfaa qorra?
3 Deebiin gaaffii kanaa yaada Yaaqoob, “seera birmadummaa isa hirʼina hin qabne” jedhee barreesse keessatti argama. (Yaaqoob 1:25 dubbisi.) Namoonni seerri birmadummaa kan nama baasu utuu hin taʼin, kan nama hacuucuu godhanii akka ilaalan beekamaadha. “Seera birmadummaa isa hirʼina hin qabne” kan jedhame maalidharee? Seerri kun birmadummaa kan nu baasuhoo akkamitti?
SEERA BIRMADUU NAMA BAASU
4. ‘Seerri birmadummaa hirʼina hin qabne’ maalidha? Faayidaa kan irraa argatanoo eenyufaʼi?
4 Seerri Musee, irra daddarbaan akka baayʼatu kan godheefi Kiristosiin kan raawwatame waan taʼeef, “seera birmadummaa isa hirʼina hin qabne” kan jedhame isa miti. (Mat. 5:17; Gal. 3:19) Kanaaf Yaaqoob asirratti seera isa kam caqasuusaa ture? Yaaqoob, “seera Kristos,” ‘seera amantiifi’ ‘seera namoota birmaduu taʼanii’ yaadatti qabatee ture. (Gal. 6:2; Rom. 3:27; Yaq. 2:12, NW) Kanaaf ‘seera hirʼina hin qabne’ kan jedhame wanta Yihowaan nurraa barbaadu hunda kan qabatedha. Kiristiyaanonni dibamoonis taʼan “hoolonni kan biraan” seera kanarraa faayidaa ni argatu.—Yohannis 10:16.
5. Seerri birmaduu baʼaa kan hin taane maaliifi?
5 ‘Seerri hirʼina hin qabne’ kun seera biyyoota hedduurraa haala adda taʼeen, wal xaxaafi ulfaataa miti. Kanaa mannaa abboommiifi seera buʼuuraa salphaa taʼan qofa kan qabatedha. (1 Yoh. 5:3) Yesus, “Waanjoon koo nama hin dhibu, baʼaan namni anaaf jedhee baatus salphaa dha” jedhee ture. (Mat. 11:29, 30) ‘Seerri hirʼina hin qabne’ kun jaalalarratti kan hundaaʼeefi dhagaarratti utuu hin taʼin, sammuufi garaarratti kan barreeffame waan taʼeef, dhorkaa ykn adaba ilaalchisee abboommii hedduu kan qabate miti.—Ibroota 8:6, 10 dubbisi.
‘SEERRI HIRʼINA HIN QABNE’ BIRMADUU KAN NU BAASU AKKAMITTI?
6, 7. Waaʼee ulaagaa Yihowaa maal jechuutu dandaʼama? Seerri birmadummaa bilisa kan nama baasu maaliifi?
6 Seerri Yihowaan uumamawwansaa yaaduu dandaʼaniif kenne, faayidaa isaaniif argamsiisa; isaan eegas. Fakkeenyaaf seerawwan uumamaa humnaafi wantoota toʼatan haa ilaallu. Namoonni seerawwan kun nu hacuucaniiru jedhanii guungumanii hin beekan. Kanaa mannaa seerawwan uumamaa nageenyasaaniitiif barbaachisaa akka taʼan hubachuudhaan dinqisiifatu. Seerawwan Yihowaan amala, akkasumas jireenya hafuuraa ilaalchisee baaseefi seera Kiristos isa “hirʼina hin qabne” keessa jiranis faayidaa namootaatiif kan kennamanidha.
7 Seerri birmadummaa eegumsa nuu gochuu malees, utuu of hin miidhin ykn mirgaafi birmadummaa namootaa utuu hin dhiibin fedhii keenya warra sirrii taʼan hunda guuttachuuf nu gargaara. Kanaaf, birmadummaa dhugaa argachuufi waan barbaanne raawwachuuf wanti murteessaa taʼe, ilaalcha sirrii, amalaafi seera Yihowaa wajjin walsimu qabaachuudha. Kana jechuun, wanta Yihowaan jaallatu jaallachuufi wanta inni jibbu jibbuu barachuu qabna jechuu siʼa taʼu, seerri birmadummaas kana gochuuf kan nu gargaarudha.—Amo. 5:15.
8, 9. Namoonni seera birmadummaa cimsanii hordofan faayidaa akkamii argatu? Fakkeenyaan ibsi.
8 Cubbuu waan dhaalleef, fedhii dogoggoraa moʼuuf qabsoo goona. Taʼus seera birmadummaa amanamummaadhaan hordofuudhaan, ammumayyuu humna inni birmaduu baasuuf qabu arguu dandeenya. Fakkeenyaaf, Jaay araada tamboo xuuxuu kan qabu taʼus, Macaafa Qulqulluu barachuu jalqabe. Amallisaa kun Waaqayyoon akka hin gammachiisne yeroo baru murtoo tokko gochuu akka qabu hubate. Fedhiisaatiif bitamuu itti fufamoo, Yihowaadhaaf ajajama laata? Tamboo xuuxuuf hawwii yoo qabaateyyuu, Waaqayyoon tajaajiluuf murtoo godhe. Araadasaa kana erga moʼee booda maaltu isatti dhagaʼame? “Bilisa akkan taʼe natti dhagaʼame, akkasumas baayʼeen gammade” jedheera.
9 Jaay birmadummaan biyya lafaa inni “yaada ofii fedha fooniitti hidhuu” heyyamu, namoota garboota akka godhu, birmadummaan Yihowaa inni “yaada ofii fedha hafuuraatti hidhuu” garuu, bilisa nama baasuudhaan ‘jireenyaafi nagaa’ akka argamsiisu muuxannoosaarraa hubateera. (Rom. 8:5, 6) Jaay araada isa garba isa godhate moʼuuf jabina kan argate eessaa ture? Ofiisaatiin utuu hin taʼin jajjabina Waaqayyo biraa argateen ture. “Yeroo hundaa Macaafa Qulqulluu nan qayyabadha, hafuura qulqulluu argachuuf nan kadhadha, akkasumas gumichi gargaarsa jaalalarratti hundaaʼe akka naa godhu nan gaafadhan ture” jedheera. Qophiiwwan kun carraaqqii birmadummaa dhugaa argachuuf goonurratti nuunis nu gargaaruu dandaʼu. Mee kun akkamitti akka taʼu haa ilaallu.
DUBBII WAAQAYYOO KEESSA LIXAA ILAALAA
10. Seera Waaqayyoo ‘keessa lixanii ilaaluu’ jechuun maal jechuudha?
10 Yaaqoob 1:25 gar tokkoonsaa, “Namni seera birmadummaa isa hirʼina hin qabne keessa lixee ilaalu, isa biraas kan hin deebine . . . gocha isaatti gammaduuf jira” jedha. Seerri birmadummaa sammuufi garaa keenya akka jijjiiru yoo barbaanne, seera Waaqayyoo keessa lixnee ilaaluu jechuunis, dhimminee Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi kadhannaadhaan wanta dubbisnerratti xiinxaluudhaan gaʼee keenya baʼuu qabna.—1 Xim. 4:15.
11, 12. (a) Yesus dhugaa daandii jireenyaa keenya godhachuun barbaachisaa taʼuusaa cimsee kan ibse akkamitti? (b) Akkuma olitti ibsame keessumaa dargaggoonni balaa akkamiirraa fagaachuu qabu?
11 Kana malees, Dubbii Waaqayyoo hojiirra oolchuudhaan, dhugaan daandii jireenya keenyaa akka taʼu gochuuf, cimsinee itti fufuu malee ‘biraa deebiʼuu’ hin qabnu. Yesus namoota isatti amanan tokko tokkoon, “Dubbii kootti qabamtanii yoo jiraattan, egaa isin dhuguma bartoota koo ti. Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa” jechuudhaan yaada kanaa wajjin wal fakkaatu ibseera. (Yoh. 8:31, 32) Galmeen jechootaa tokko, jecha asirratti ‘hubachuu’ jedhame “nama hubate sanaaf iddoo guddaa ykn faayidaa” waan qabuuf wanta ‘hubatame’ sana dinqisiifachuu jechuudhaan ibseera. Kanaaf, dhugaa daandii jireenyaa keenya yommuu godhannu guutummaatti ‘hubanna’ jechuudha. Kanaan kan kaʼes, ‘Dubbiin Waaqayyoo’ nu sirreessuudhaan, amalli Abbaa keenya isa samii caalaatti akka nurraa calaqqisu nu keessatti “in hojjeta” jechuun ni dandaʼama.—1 Tas. 2:13.
12 Akkas jedhaa of gaafadhaa: ‘Dhugaa sirriitti beekeeraa? Daandii jireenyakoo godhadheeraa? Moo ammayyuu ‘birmadummaa’ biyya lafaa tokko tokko argachuun hawwa?’ Shamarreen maatii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan keessatti guddatte tokko, ijoollummaasheetti Yihowaatti kan amantu taʼus, sirriitti isa hin beektu turte. Akkas jettee barreessiteetti: “Wanta inni jibbu jibbuu matumaa hin baranne. Wantan raawwadhuuf xiyyeeffannaa kenna jedhee matumaa hin amanun ture. Yommuu rakkinni na mudatu matumaa kadhannaa isatti dhiheessu hin baranne. Hubannaa kootti amanamaa kanan ture yommuu taʼu, booda garuu beekumsa akkan hin qabne waan naa galeef, gowwummaa taʼuusaa hubadheera.” Kan nama gammachiisu, obboleettiin kun yaannishee baayʼee dogoggora taʼuusaa hubachuudhaan yeroo booda jijjiirama tokko tokko gootetti. Qajeelchituu taatee tajaajiluullee jalqabdeetti.
HAFUURRI QULQULLUUN BIRMADUU BAʼUUF NU GARGAARUU DANDAʼA
13. Hafuurri qulqulluun birmaduu baʼuuf kan nu gargaaru akkamitti?
13 Qorontos Inni Lammaffaan 3:17, “Iddoo hafuurri gooftichaa jiru immoo, birmadummaatu jira” jedha. Hafuurri qulqulluun birmadummaa keenyaaf gumaacha kan godhu akkamitti? Karaa inni tokko, amalawwan birmadummaadhaaf barbaachisaa taʼan kanneen akka, ‘jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaafi of dhowwuu’ akka horannu nu gargaaruudha. (Gal. 5:22, 23) Akkuma biyya lafaarratti mulʼatu, amalawwan akkasii, keessumaa jaalala utuu hin qabaatin, hawaasni kamiyyuu dhugumaan birmaduu baʼuu hin dandaʼu. Phaawulos ija hojii hafuuraa erga tarreessee booda, “seerri isaan kanaan mormu hin jiru” jechuunsaa xiyyeeffanna namaa kan harkisudha. Phaawulos maal jechuusaa ture? Seerri kamiyyuu iji hojii hafuuraa nu keessatti akka hin guddanne dhowwuu hin dandaʼu. (Gal. 5:18) Hunda caalaammoo kaayyoon seera akkasii maalidha? Yihowaan barabaraaf amala Kiristos akka horannuufi dhorkaa tokko malee akka argisiisnu barbaada.
14. Hafuurri biyya lafaa namoota isaaf bulan garba kan godhatu karaa kamiini?
14 Namoonni hafuura biyya lafaatiin geggeeffaman dhorkaa tokko malee fedha foonsaanii waan raawwataniif birmaduu akka taʼan yaadu taʼa. (2 Phexros 2:18, 19 dubbisi.) Dhugaansaa garuu kanarraa addadha. Mootummoonni fedhiifi amalasaanii warra miidhaa geessisan eeguuf seera hedduu baasuun isaan barbaachiseera. Phaawulos, ‘seerri nama qajeelaadhaaf utuu hin taʼin, warra seera malee jiraataniifi hin abboomamneef tumame’ jedheera. (1 Xim. 1:9, 10) Namoonni kun, ‘hawwa foonsaanii’ isa gooftaa hamaa taʼe raawwachuuf waan dirqamaniif cubbuudhaaf garba taʼu. (Efe. 2:1-3) Namoonni akkasii ilbiisota qodaa dammaa keessa lixuuf marsanii wajjin wal fakkaachuu dandaʼu. Fedhiisaaniitiin oofamuudhaan battalumaan kiyyoo keessa galu.—Yaq. 1:14, 15.
GUMII KIRISTIYAANAA KEESSATTI ARGAMUUDHAAN BILISA TAʼAA
15, 16. Warra kaanii wajjin gumiirratti argamuun keenya hangam barbaachisaadha? Birmadummaa akkamii arganna?
15 Gumii Kiristiyaanaa wajjin walgaʼuu yommuu jalqabde, miseensa namoota yeroo boqonnaasaanii waliin dabarsan tokkoo taate miti. Kanaa mannaa gara gumichaa kan dhaqxe Yihowaan waan ofitti si harkiseefidha. (Yoh. 6:44) Yihowaan akka ofitti si harkisu kan isa kakaase maalidha? Nama qajeelaa Waaqayyoon sodaatu waan taateef turee? “Matumaa” jettee deebista taʼa. Kanaaf wanti Waaqayyo si keessatti arge maalidharee? Garaa seerasaa isa birmaduu baasuufi dhiibbaa inni gaarummaadhaan sirratti godhu fudhatu si keessatti waan argeef ture. Yihowaan gumii keessatti barumsa amantii sobaafi barsiifata addaddaarraa birmaduu si baaseera; amala Kiristos akkamitti akka horattu si barsiisuudhaanis karaa hafuuraa si sooreera. (Efesoon 4:22-24 dubbisi.) Kanaan kan kaʼes, namoota biyya lafaarra jiran keessaa warra dhugumaan ‘namoota birmaduu’ taʼanii wajjin tokko taʼuuf mirga argatteetta.—Yaq. 2:12.
16 Mee yaadi: Namoota garaa guutuudhaan Yihowaa jaallatanii wajjin yommuu taatu ni sodaattaa? Isaanii wajjin yommuu taatu ni bibirʼattaa? Galma Mootummaatti yommuu obbolootaa wajjin haasoftu, giddu gidduutti miʼakee ni mimilʼattaa? Matummaa akkas hin gootu! Isaanii wajjin taʼuukeetti tasgabbiifi bilisa akka taate sitti dhagaʼama. Bakka namoonni biyya lafaa walgaʼan tokkotti akkas sitti dhagaʼamuu dandaʼaa? Taʼuu dhiisuu dandaʼa. Kana malees, birmadummaan yeroo ammaa saba Waaqayyoo gidduutti argachaa jirtu, isa gara fuulduraatti argattu keessaa muraasasaati.
“BIRMADUMMAA IJOOLLEE WAAQAYYOO WARRA ULFINA QABANII”
17. Birmadummaan ilmaan namootaa “mulʼachuu ijoollee Waaqayyoo” wajjin kan wal qabate akkamitti?
17 Phaawulos birmadummaa Yihowaan tajaajiltootasaa warra lafarra jiraataniif kennu yommuu ibsu, “Uumamni hundinuu, mulʼachuu ijoollee Waaqayyoo dhimmanii eeggachaa jiru” jedhee barreesseera. Itti dabaluudhaanis, “Uumamni, garbummaa isa wanta badu isa godhe jalaa luba in baʼa; luba baʼuun kun gara birmadummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qabaniitti in geessa” jedheera. (Rom. 8:19-21) ‘Uumama’ kan jedhaman ilmaan namootaa abdii lafarra jiraachuu qabaniifi yommuu ilmaan Waaqayyoo warri hafuuraan dibaman ‘mulʼatan’ faayidaa argatanidha. Mulʼachuun kun kan jalqabu, yommuu ‘ijoolleen’ Waaqayyoo warri dibamoo taʼaniifi samii keessa jiran Kiristosii wajjin taʼuudhaan, hammeenya lafarraa balleessuufi “tuuta sonaan baayʼee” oolchanii addunyaa haaraatti galchuuf tarkaanfii fudhatanittidha.—Mul. 7:9, 14.
18. Ilmaan namootaa amanamoo taʼan suutuma suuta birmadummaa kan argatan akkamitti? Dhumarrattoo birmadummaa akkamii argatu?
18 Sana booda, ilmaan namootaa furaman dhiibbaa Seexanaafi hafuurota hamoorraa guutummaatti walaba taʼu. (Mul. 20:1-3) Kun boqonnaa guddaadha! Sana booda namoonni 144,000 Kiristosii wajjin moototaafi luboota taʼanii bulchan, hamma ilmaan namootaa cubbuu Addaamirraa guutummaatti walaba taʼanitti aarsaa furiitti fayyadamanii suutuma suuta birmaduu baasuusaanii itti fufu. (Mul. 5:9, 10) Ilmaan namootaa qorumsa keessatti amanamoo taʼan, “birmadummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qabanii” isa hirʼina hin qabneefi Yihowaan isaaniif yaade argatu. Mee yaadi! Qaamni keenya cubbuurraa walaba waan taʼuuf amalli Waaqayyoo guutummaatti akka nurraa calaqqisu gochuu dandeenya; sana booda wanta Waaqayyo duratti sirrii taʼe raawwachuuf qabsoo gochuun nu hin barbaachisu.
19. Yeroo harʼaa daandii birmadummaa dhugaarra deddeebiʼuu keenya itti fufuuf maal gochuu qabna?
19 “Birmadummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qabanii” argachuuf ni hawwitaa? Taanaan, ‘seerri birmadummaa inni hirʼina hin qabne’ sammuufi garaa keerratti dhiibbaa akka godhu heyyamuukee itti fufi. Eeyyee Caaffata Qulqullaaʼoo dhimmii qayyabadhu. Dhugaa kankee godhachuudhaan ittiin jiraadhu. Hafuura qulqulluu argachuuf kadhadhu. Gumii Kiristiyaanaafi nyaata hafuuraa Yihowaan dhiheessurraa guutummaatti fayyadami. Seexanni akka Hewwaaniin gowwoomse, seerri Waaqayyoo birmadummaa nama dhabsiisa jedhee akka si gowwoomsu hin heyyamin. Seexanni baayʼee haxxee akka taʼe hin dagatin. Akkuma mataduree ittaanurratti ilaallu, “akeeki Seexanaa maal akka taʼe waan beeknuuf, Seexanni akka nu hin gowwoomsine” gochuun keenya barbaachisaadha.—2 Qor. 2:11.
[Fakkii fuula 9rra jiru]
Ammayyuu ‘birmadummaa’ biyya lafaa tokko tokko argachuu nan hawwaa?
[Fakkii fuula 9rra jiru]
Dhugaa daandii jireenyaakoo godhadheeraa?