MATA DUREE QOʼANNAA 4
“Hafuurichi Ofii Isaa Hafuura Keenyaa Wajjin Taʼee Dhugaa Baʼa”
“Nuti ijoollee Waaqayyoo taʼuu keenya hafuurichi ofii isaa hafuura keenyaa wajjin taʼee dhugaa baʼa.”—ROM. 8:16.
FAARFANNAA 25 Qabeenya Adda Taʼe
QABIYYEEa
1-2. Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti wanta dinqisiisaa akkamiitu raawwatame?
GUYYAAN isaa Dilbata ganama Yerusaalem keessatti ture. Yeroon isaa immoo Dh.K.B. bara 33 gaafa guyyaa Phenxeqosxee ti. Barattoonni gara 120 taʼan kutaa gamoo irra jiru tokko keessatti walitti qabamaniiru. (HoE. 1:13-15; 2:1) Guyyoota muraasa dura Yesuus kennaa adda taʼe tokko fudhachuuf waan jedhaniif Yerusaalem keessa akka turan isaan ajajee ture. (HoE. 1:4, 5) Maarree sana booda maaltu taʼe?
2 “Akkuma tasaa sagaleen akka qilleensa jabaa bubbisu tokko samiidhaa ni dhagaʼame.” Sagaleen sunis manicha ni guute. Achiis, “wantoonni akka arraba ibiddaa” jiran mataa barattootaa irratti kan mulʼatan siʼa taʼu, hundi isaaniis “hafuura qulqulluudhaan guutaman.” (HoE. 2:2-4) Yihowaan karaa dinqisiisaa taʼe kanaan hafuura qulqulluu isaa namoota kana irratti dhangalaase. (HoE. 1:8) Namoonni kun warra hafuura qulqulluudhaan dibamaniib fi abdii samii irratti Yesuus wajjin bulchuu argatan keessaa warra jalqabaa ti.
NAMNI TOKKO KAN DIBAMU AKKAMITTI?
3. Namoonni guyyaa Phenxeqosxeetti dibaman hafuura qulqulluudhaan dibamuu isaanii kan hin shakkine maaliifi?
3 Barattoota kutaa gamoo irra jiru keessatti walitti qabaman keessaa tokko utuu taatee wantoota guyyaa sana raawwataman matumaa hin irraanfattu. Wanti arraba ibiddaa fakkaatu tokko gara kee dhufee mataa kee irra yommuu qubatu afaan adda addaatiin dubbachuu jalqabde! (HoE. 2:5-12) Hafuura qulqulluudhaan akka dibamte matumaa hin shakkitu. Haa taʼu malee, namoonni hafuura qulqulluudhaan dibaman hundi karaa dinqisiisaa taʼe tokkoon dibamuu? Jireenya isaanii keessatti hoo yeroo wal fakkaatutti dibamuu? Lakki. Kana akkamitti beekna?
4. Jaarraa jalqabaatti Kiristiyaanonni dibamoon hundi jireenya isaanii keessatti yeroo wal fakkaatutti dibamanii? Ibsi.
4 Mee yeroo itti namni tokko dibamuu dandaʼu haa ilaallu. Dh.K.B. bara 33 gaafa guyyaa Phenxeqosxeetti hafuura qulqulluudhaan kan dibaman Kiristiyaanota 120 sana qofa hin turre. Gaafuma sana xinnoo turee namoonni gara 3000 taʼan hafuura qulqulluu Yesuus abdachiise argataniiru. Isaan kan dibaman yommuu cuuphamanitti ture. (HoE. 2:37, 38, 41) Haa taʼu malee, waggoota sana booda turanitti yommuu cuuphaman kan dibaman Kiristiyaanota hunda hin turre. Warri Samaariyaa kan dibaman erga cuuphamanii yeroo muraasa booda ture. (HoE. 8:14-17) Kana irraa haala adda taʼeen immoo Qorneelewosii fi maatiin isaa kan dibaman cuuphamuu isaanii dura dha.—HoE. 10:44-48.
5. Akka 2 Qorontos 1:21, 22 jedhutti namni tokko hafuura qulqulluudhaan yommuu dibamu maaltu taʼa?
5 Mee amma immoo namni tokko yommuu hafuura qulqulluudhaan dibamu wanta taʼu haa ilaallu. Namoonni dibaman tokko tokko jalqaba irratti Yihowaan akka isaan filate amanuun isaanitti ulfaata. Tarii, ‘Waaqayyo kan na filate maaliifi?’ jedhanii gaafatu taʼa. Warri kaan garuu akkas itti dhagaʼamuu dhiisuu dandaʼa. Haalli isaa maal iyyuu yoo taʼe, Phaawulos ergamaan namoonni hundi yommuu dibaman maaltu akka taʼu akkana jechuudhaan ibseera: “Erga amantanii boodas karaa isaa hafuura qulqulluu isa abdachiifame sanaan chaappaanc isinitti godhameera; innis . . . dhaala keenyaaf dursee akka qabdiitti kan kenname dha.” (Efe. 1:13, 14) Kanaafuu, Yihowaan hafuura qulqulluu isaatti fayyadamee akka isaan filate Kiristiyaanota kanaaf ifa godha. Karaa kanaan, hafuurri qulqulluun “qabdii [wabii ykn waadaa]” gara fuulduraatti lafa irra utuu hin taʼin samii irra akka jiraatan isaanii mirkaneessuuf kenname taʼeera.—2 Qorontos 1:21, 22 dubbisi.
6. Kiristiyaanni dibame tokko badhaasa isaa isa samii argachuuf maal gochuu qaba?
6 Kiristiyaanni tokko yoo dibame battaluma sanatti badhaasa isaa isa samii ni argataa? Lakki. Namni kun gara samii deemuuf akka filatame mirkanaaʼaa dha. Haa taʼu malee, gorsa kanatti aanee jiru yaadachuu qaba: “Yaa obbolootaa, waamamuu fi filatamuu keessan mirkaneeffachuuf wanta isiniif dandaʼame hunda godhaa; sababiin isaas wantoota kana gochuu keessan yoo itti fuftan matumaa hin kuftan.” (2 Phe. 1:10) Kanaafuu Kiristiyaanni dibame tokko gara samii deemuuf kan filatame ykn kan waamame taʼus, badhaasa isaa argachuu kan dandaʼu amanamaa taʼee yoo jiraate qofa dha.—Filp. 3:12-14; Ibr. 3:1; Mul. 2:10.
NAMNI TOKKO DIBAMUU ISAA AKKAMITTI BEEKA?
7. Warri dibaman waamicha samii akka qaban akkamitti beeku?
7 Haa taʼu malee, namni tokko waamicha samii kana argachuu isaa akkamitti beeka? Deebiin isaa yaada Phaawulos warra Roomaa keessa jiraatanii fi ‘qulqulloota taʼuuf waamamaniif’ barreesse keessatti argama. Akkana isaaniin jedheera: “Isin hafuura garbummaa isa lammata akka sodaattan isin godhu hin fudhanne; kanaa mannaa, hafuura akka ijoollee isaatti guddifamuu, jechuunis isa nuti ‘Aabbaa!’ jennee ittiin waammannu sana fudhattan. Nuti ijoollee Waaqayyoo taʼuu keenya hafuurichi ofii isaa hafuura keenyaa wajjin taʼee dhugaa baʼa.” (Rom. 1:7; 8:15, 16) Kanaafuu, Waaqayyo hafuura qulqulluu isaatti fayyadamee warri dibaman waamicha samii akka qaban ifa isaaniif godheera.—1 Tas. 2:12.
8. 1 Yohaannis 2:20, 27 Kiristiyaanonni dibamoon namni dibamuu isaanii isaaniif mirkaneessu akka isaan hin barbaachisne kan argisiisu akkamitti?
8 Yihowaan sammuu fi garaa namoota samii deemuuf affeerraa isaa fudhatanii keessa shakkiin tokko illee akka hin jiraanne godha. (1 Yohaannis 2:20, 27 dubbisi.) Dhugaadha, Kiristiyaanonni dibamoon akkuma warra kaanii karaa gumiitiin Yihowaa irraa barachuun isaan barbaachisa. Haa taʼu malee, namni dibamuu isaanii isaaniif mirkaneessu hin barbaachisu. Yihowaan humna uumama cufa keessatti hunda irra caalutti, jechuunis hafuura qulqulluu isaatti fayyadamee dibamuu isaanii isaaniif mirkaneesseera!
ISAAN ‘LAMMATA DHALATAN’
9. Efesoon 1:18 irratti akka ibsametti namni tokko yommuu dibamu jijjiirama akkamiitu isa muudata?
9 Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran baayʼeen isaanii Waaqayyo nama tokko yommuu dibu maaltu akka taʼu hubachuun isaanitti ulfaata. Isaan ofii isaaniitii waan hin dibamneef kun taʼuun isaa nama hin dinqisiisu. Waaqayyo namoota kan uume samii irra utuu hin taʼin lafa irra bara baraaf akka jiraataniifi. (Uma. 1:28; Far. 37:29) Taʼus, Yihowaan namoonni muraasni samii irra akka jiraatan filateera. Kanaafuu, yommuu inni isaan dibu abdii isaanii fi akkaataa isaan itti yaadan guutummaatti waan jijjiiruuf samii irra jiraachuuf hawwiidhaan eeggatu.—Efesoon 1:18 dubbisi.
10. ‘Lammata dhalachuu’ jechuun maal jechuu dha? (Miiljalees ilaali.)
10 Kiristiyaanonni hafuura qulqulluudhaan yommuu dibaman ‘lammata dhalatu’ ykn ‘olii dhalatu.’d Yesuus waaʼee ‘lammata dhalachuu’ ykn ‘hafuura irraa dhalachuu’ nama hin dibamne tokkoof sirriitti ibsuun akka hin dandaʼamne dubbateera.—Yoh. 3:3-8; milj.
11. Namni tokko yommuu dibamu ilaalcha isaa irratti jijjiiramni akkamii akka taʼu ibsi.
11 Kiristiyaanonni yommuu dibaman ilaalcha isaanii irratti jijjiirama akkamiitu taʼa? Yihowaan Kiristiyaanota kana dibuu isaa dura abdii lafa irra bara baraaf jiraachuutiif iddoo guddaa kennu turan. Yeroo itti Yihowaan hammeenya hunda balleessuu fi lafa kana gara jannataatti jijjiiru hawwii guddaadhaan eeggatu turan. Tarii miseensa maatii ykn michuu isaanii duʼaan dhaban tokko yommuu simatan yaadaan ilaalanii taʼuu dandaʼa. Erga dibamanii booda garuu karaa adda taʼeen yaaduu jalqabu. Maaliifi? Abdii lafa irraatti waan hin gammanneef miti. Yookiin immoo dhiphinaa fi rakkina hedduu isaan irra gaʼeen kan kaʼe yaada isaanii jijjiiranii miti. Akkasumas lafa irra bara baraaf jiraachuun nuffisiisaa akka taʼe akka tasaa waan isaanitti dhagaʼameef miti. Kanaa mannaa Yihowaan hafuura isaatti fayyadamuudhaan akkaataa isaan itti yaadanii fi abdii isaan iddoo guddaa kennaniif kana ni jijjiire.
12. Akka 1 Pheexiros 1:3, 4 jedhutti Kiristiyaanonni dibaman waaʼee abdii isaanii maaltu isaanitti dhagaʼama?
12 Namni dibame tokko mirgi gatii guddaa qabu kun akka isaaf hin malle isatti dhagaʼama taʼa. Taʼus, Yihowaan akka isa filate matumaa hin shakku. Waaʼee abdii isaa gara fuulduraa yommuu yaadu gammachuu fi dinqisiifannaadhaan guutama.—1 Pheexiros 1:3, 4 dubbisi.
13. Warri dibaman jireenya isaanii isa lafa irraa ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama?
13 Maarree kana jechuun warri dibaman duʼuu barbaadu jechuudhaa? Phaawulos ergamaan gaaffii kanaaf deebii kenneera. Qaama isaanii dunkaana wajjin wal fakkeessuudhaan akkana jedheera: “Taʼus, wanti duʼu sun jireenyaan akka liqimfamuuf, nuti warri dunkaana kana keessa jirru nutti ulfaatee aadna; sababiin isaas nuti isa kana of irraa baasuu hin barbaadnu; kanaa mannaa, isa kan biraa irrumatti uffachuu barbaadna.” (2 Qor. 5:4) Kiristiyaanonni kun jireenyi isaanii inni lafa irraa isaan hin nuffisiisne, dafanii duʼuus hin barbaadan. Kanaa mannaa jireenyatti ni gammadu, akkasumas guyyaa hunda maatii fi michoota isaanii wajjin taʼanii Yihowaa tajaajiluuf itti fayyadamuu barbaadu. Taʼus, wanti isaan hojjechaa jiran maal iyyuu yoo taʼe abdii ulfina qabeessa gara fuulduraatti qaban yeroo hunda ni yaadatu.—1 Qor. 15:53; 2 Phe. 1:4; 1 Yoh. 3:2, 3; Mul. 20:6.
YIHOWAAN SI DIBEERAA?
14. Wantoonni namni tokko hafuura qulqulluudhaan dibamuu isaa hin mirkaneessine maal faʼi?
14 Tarii ‘Ani hoo hafuura qulqulluudhaan dibameeraa laata?’ jettee gaafatta taʼa. Taanaan gaaffiiwwan barbaachisoo kanatti aananii jiran irratti yaadi: Fedha Yihowaa raawwachuuf fedhii cimaa qabdaa? Tajaajila irratti hinaaffaa adda taʼe akka qabdu sitti dhagaʼamaa? Kitaaba Qulqulluu qoʼachuunii fi waaʼee “wantoota Waaqayyoo warra gad fagoo taʼan” barachuun si gammachiisaa? (1 Qor. 2:10) Yihowaan tajaajila kee irratti buʼaawwan dinqisiisaa taʼan argachuuf akka si gargaare sitti dhagaʼamaa? Namoota kaan karaa hafuuraa gargaaruuf itti gaafatamummaa guddaan akka si irra jiru sitti dhagaʼamaa? Ragaa Yihowaan jireenya kee keessatti karaa hedduudhaan akka si gargaare argisiisu argiteettaa? Gaaffiiwwan kana ‘eeyyee’ jettee garaa guutuudhaan yoo deebiste, kun waamicha samii akka argatte argisiisa jechuu dhaa? Lakki, akkas jechuu miti. Maaliif? Sababiin isaas tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi dibamanis dibamuu baatanis akkas isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Akkasumas Yihowaan hafuura qulqulluu isaatti fayyadamee tajaajiltoonni isaa hundi abdiin isaanii maal iyyuu yoo taʼe wantoota kana akka raawwatan isaan gargaaruu dandaʼa. Siruma iyyuu, hafuura qulqulluudhaan dibamuu kee kan shakkitu yoo taʼe, kun mataan isaa akka ati hin dibamne argisiisa. Namoonni Yihowaan isaan waame dibamuu isaanii hin shakkan! Isaan dibamuu isaanii sirriitti beeku!
15. Namoonni hafuura Waaqayyoo argatan hundi gara samii deemuuf akka hin filatamne akkamitti beekna?
15 Namoonni amantii isaaniitiin fakkeenya taʼanii fi hafuura qulqulluu argatan hedduun Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamaniiru; taʼus, namoonni kun abdii samii irra jiraachuu hin qaban. Daawit hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee ture. (1 Sam. 16:13) Hafuurri qulqulluun waaʼee Yihowaa wantoota gad fagoo taʼan akka hubatu isa gargaareera, akkasumas kutaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko akka barreessu isa qajeelcheera. (Mar. 12:36) Taʼus, Pheexiros ergamaan, Daawit ‘gara samiitti akka ol hin baane’ dubbateera. (HoE. 2:34) Yohaannis Cuuphaanis, ‘hafuura qulqulluudhaan guutamee’ ture. (Luq. 1:13-16) Yesuus namni Yohaannis caalu akka hin jirre kan dubbate taʼus, kutaa Mootummaa isa samii kanaa akka inni hin taane dubbateera. (Mat. 11:10, 11) Yihowaan hafuura isaatti fayyadamee namoonni kun wantoota dinqisiisoo taʼan akka raawwatan humna kan isaaniif kenne taʼus, samii irra akka jiraataniif garuu hafuura isaatiin isaan hin filanne. Maarree kana jechuun namoonni kun hamma warra samii irratti bulchuuf filatamanii amanamoo miti jechuu dhaa? Lakki. Kanaa mannaa Yihowaan lafa Jannata taatu irra akka jiraataniif duʼaa isaan kaasa jechuu dha.—Yoh. 5:28, 29; HoE. 24:15.
16. Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran baayʼeen isaanii abdii akkamii qabu?
16 Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo harʼaa lafa irra jiran baayʼeen isaanii abdii samii irra jiraachuu hin qaban. Isaan akkuma Abrahaam, Saaraa, Daawit, Yohaannis Cuuphaa, akkasumas dhiirotaa fi dubartoota kan biroo bara duriitti jiraatanii bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti lafa irra jiraachuuf hawwiidhaan eeggatu.—Ibr. 11:10.
17. Mata duree itti aanu irratti gaaffiiwwan kamfaʼiif deebii arganna?
17 Dibamtoonni muraasni amma iyyuu nu gidduu waan jiraniif gaaffiiwwan tokko tokko nutti uumamuu dandaʼa. (Mul. 12:17) Fakkeenyaaf, namoonni dibaman ofii isaaniitiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabu? Namni gumii keessan keessa jiru tokko guyyaa Ayyaana Yaadannootti maxinoo fi wayinii sana irraa hirmaachuu yoo jalqabe nama sanaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabda? Lakkoofsi namoota dibamtoota akka taʼan dubbatanii dabaluu isaa yoo itti fufe hoo? Kun si yaaddessuu qabaa? Mata duree itti aanu irratti gaaffiiwwan kanaaf deebii arganna.
a Yihowaan Dh.K.B. bara 33 gaafa guyyaa Phenxeqosxeetii kaasee Kiristiyaanonni tokko tokko Ilma isaa wajjin samii irratti akka bulchaniif abdii dinqisiisaa taʼe isaaniif kenneera. Haa taʼu malee, Kiristiyaanonni kun mirga guddaa kanaaf filatamuu isaanii akkamitti beeku? Namni tokko gara samii deemuuf yommuu affeeramu maaltu taʼa? Mata dureen kun Masaraa Eegumsaa Amajjii 2016 baʼe irratti kan hundaaʼe siʼa taʼu, gaaffiiwwan xiyyeeffannaa namaa harkisan kanneeniif deebii kenna.
b IBSA JECHAA: Hafuura qulqulluudhaan dibamuu: Yihowaan nama samii irratti Yesuus wajjin bulchu filachuuf hafuura qulqulluu isaatti fayyadama. Waaqayyo hafuura isaatti fayyadamuudhaan nama sanaaf abdii gara fuulduraa ykn “qabdii” kennaaf. (Efe. 1:13, 14) Kiristiyaanonni kunneen badhaasa isaanii samii irratti akka argatan hafuurri qulqulluun akka ‘dhugaa isaaniif baʼe’ ykn ifa isaaniif godhe dubbachuu dandaʼu.—Rom. 8:16.
c IBSA JECHAA: Chaappaa. Namni tokko chaappaan kun isatti godhamuun isaa kan mirkanaaʼu amanamaa taʼee duʼuu isaa yeroo muraasa dura ykn rakkinni guddaan jalqabuu isaa yeroo muraasa dura dha.—Efe. 4:30; Mul. 7:2-4; “Gaaffii Dubbistootaa” Masaraa Eegumsaa Ebla 2016 irratti baʼe ilaali.
d ‘Lammata dhalachuu’ jechuun maal jechuu akka taʼe ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf Masaraa Eegumsaa Adoolessa 1, 2009 fuula 3-12 ilaali.
FAARFANNAA 27 Mulʼachuu Ilmaan Waaqayyoo
e IBSA FAKKII: Sababii amantii keenyaatiin kan kaʼe yoo hidhamne illee ykn dhugaa lallabuu fi barsiisuuf bilisummaa qabaannus, bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti lafa irra jiraachuuf abdachuu dandeenya.