BARUMSA 56
Tokkummaa Gumiitiif Gumaacha Godhi
Yommuu obboloota keenyaa wajjin taanu, akkuma Daawit Mooticha isa, “Obboloonni tokkummaadhaan waliin jiraachuun isaanii akkam gaarii dha, akkam nama gammachiisas!” jedhee nutti dhagaʼama. (Faarfannaa 133:1) Tokkummaan qabnu garuu akkuma tasaa kan argame miti. Tokkoon tokkoon keenya tokkummaa kanaaf gumaacha gochuu qabna.
1. Saba Waaqayyoo gidduu wanta dinqisiisaa akkamiitu jira?
Walgaʼii gumii biyya kan biraatti geggeeffamu irratti yoo argamte, afaan dubbatamu sana hubachuu baattu illee, keessummummaan sitti hin dhagaʼamu. Maaliif? Sababiin isaas bakka hundumaatti barreeffamoota wal fakkaatan fayyadamuudhaan Kitaaba Qulqulluu qoʼanna. Akkasumas wal jaallachuuf carraaqna. Eessa iyyuu kan jiraannu yoo taʼe, hundi keenya ‘tokkummaadhaan isa waaqeffachuuf, maqaa Yihowaa waammanna.’—Sefaaniyaa 3:9, miiljalee.
2. Tokkummaan akka jiraatuuf maal gochuu dandeessa?
Kitaabni Qulqulluun, “Cimsaa garaadhaa wal jaalladhaa” jedha. (1 Pheexiros 1:22) Maarree gorsa kana hojii irra oolchuu kan dandeessu akkamitti? Dogoggora warra kaanii irratti xiyyeeffachuu mannaa, amaloota gaggaarii isaan qaban irratti xiyyeeffadhu. Obbolootaa fi obboleettota akka keetii qofatti dhihaachuu mannaa, warra si irraa adda taʼanii wajjin wal baruufis yaali. Jibba halaalaa nu keessa jiru buqqisnee gatuufis carraaqqii cimaa gochuu qabna.—1 Pheexiros 2:17 dubbisi.a
3. Kiristiyaana tokkoo wajjin walii galuu yoo dadhabde maal goota?
Tokkummaa kan qabnu taʼus hundi keenya cubbuu kan dhaalle dha. Kanaaf, yeroo tokko tokko wal mufachiisuu ykn wal miidhuu illee ni dandeenya. Dubbiin Waaqayyoo, “Waliif dhiisuu keessan itti fufaa” erga jedhee booda sababii isaa yommuu ibsu, “Akkuma Yihowaan tola isiniif dhiise, isinis tola waliif dhiisaa” jedha. (Qolosaayis 3:13 dubbisi.) Yihowaan yeroo baayʼee kan isa gaddisiisne taʼus, dhiifama nuuf godheera. Kanaafuu, nutis obboloota keenyaaf dhiifama akka goonu nu irraa eega. Nama tokko akka miite yoo hubatte, dhimmicha furuuf dursa fudhadhu.—Maatewos 5:23, 24 dubbisi.b
CAALAATTI BARADHU
Karaawwan tokkummaa fi nagaa gumiitiif gumaacha gochuu itti dandeessu argachuuf yaali.
4. Jibba halaalaa irraa fagaadhu
Obboloota keenya hundumaa jaallachuu barbaanna. Haa taʼu malee, nama nu irraa adda taʼe simachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Maarree gama kanaan maaltu nu gargaaruu dandaʼa? Hojii Ergamootaa 10:34, 35 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Yihowaan namoota akaakuu hundumaa Dhugaa Baatota isaa godhee ni simata. Kun ilaalcha namoota si irraa adda taʼaniif qabdu irratti jijjiirama kan fidu akkamitti?
Jibba halaalaa naannoo keessanitti baramaa taʼe kam irraa fagaachuu barbaadda?
Qorontos Lammaffaa 6:11-13 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Obbolootaa fi obboleettota si irraa adda taʼanitti caalaatti dhihaachuu kan dandeessu akkamitti?
5. Tola dhiifama godhi, akkasumas nagaa buusi
Yihowaadhaaf dhiifama gochuun matumaa kan nu hin barbaachisne taʼus, inni tolaan dhiifama nuuf godha. Faarfannaa 86:5 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Dhiifamni Yihowaan godhu hammam guddaa dha?
Dhiifama kan godhu taʼuu isaatiif kan galateeffattu maaliifi?
Haalawwan namoota kaanii wajjin walii galuun akka nutti ulfaatu gochuu dandaʼan kam faʼi?
Fakkeenya Yihowaa hordofuu fi obboloota keenyaa wajjin tokkummaadhaan jiraachuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya 19:11 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Namni tokko yoo si aarse ykn yoo si mufachiise nagaa uumuuf maal gochuu dandeessa?
Yeroo tokko tokko warra kaan ni mufachiisna. Maarree haalli akkasii yommuu nu mudatu maal gochuu qabna? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Obboleettiin viidiyicha irratti ibsamte, nagaa uumuuf maal gooteetti?
6. Amaloota gaarii obboloonnii fi obboleettonni kee qaban irratti xiyyeeffadhu
Obbolootaa fi obboleettota keenyatti baayʼee yommuu dhihaannu, cimina isaanii fi dadhabina isaanii hubanna. Maarree cimina isaanii irratti xiyyeeffachuu kan dandeenyu akkamitti? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.
Amaloota gaarii obboloonnii fi obboleettonni kee qaban irratti xiyyeeffachuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa?
Yihowaan amaloota gaarii qabnu irratti xiyyeeffata. Seenaa Baraa Lammaffaa 16:9a dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Yihowaan amala gaarii ati qabdu irratti akka xiyyeeffatu beekuu keetti maaltu sitti dhagaʼama?
NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Nama tokkoof dhiifama gochuu koo dura, namni sun dhiifama na gaafachuu qaba.”
Warra kaaniif tola dhiifama gochuu kan qabnu maaliifi?
MAAL BARATTE?
Dhiifama gochuu fi obbolootaa fi obboleettota hundumaa jaallachuudhaan gumii keessa nagaan akka jiraatu gumaacha gochuu dandeessa.
Irra Deebii
Jibba halaalaa irraa fagaachuu kan dandeessu akkamitti?
Kiristiyaana tokkoo wajjin walii galuun yoo sitti ulfaate maal gochuu qabda?
Fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan warra kaaniif dhiifama gochuu kan barbaaddu maaliifi?
QORANNOO DABALATAA GODHI
Fakkeenya Yesuus dubbate keessaa tokko warra kaanitti murteessuu irraa akka of qusannu kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe hubadhu.
Homaa akka hin balleessine kan nutti dhagaʼamu taʼu illee dhiifama gaafachuun nu barbaachisaa?
“Dhiifama Gaafachuun Nagaa Uumuuf Murteessaa Dha” (Masaraa Eegumsaa, Sadaasa 1, 2002)
Namoonni tokko tokko warra kaan karaa loogiirraa bilisa taʼeen qabuu kan baratan akkamitti akka taʼe ilaali.
Wanta Alaan Mulʼaturratti Hundooftanii hin Murteessinaa (5:06)
Walitti buʼiinsa nama tokkoo wajjin qabdu nagaa gumii utuu hin booressin akkamitti furuu akka dandeessu ilaali.
“Walitti Buʼiinsi Yommuu Uumamu Jaalalaan Hiikaa” (Masaraa Eegumsaa, Caamsaa 2016)
a Ibsi Dabalataa 6 jaalalli, Kiristiyaanonni dhukkuba daddarbaa warra kaanitti dabarsuu irraa akka of eeggatan kan isaan kakaasu akkamitti akka taʼe ibsa.
b Ibsi Dabalataa 7 dhimmoota daldalaa fi seeraa wajjin wal qabatan akkamitti furuun akka dandaʼamu ibsa.