-
‘Gammachuu fi Hafuura Qulqulluudhaan Guutaman’Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
-
-
10. Imalli Phergeerraa gara Anxokiyaa Phisiidiyaatti godhame maal akka fakkaatu ibsi.
10 Akkuma Phergee gahaniin, Yohaannis Maarqos, Phaawulosii fi Baarnaabaas irraa adda baʼuudhaan gara Yerusaalemitti deebiʼe. Akka tasaa isaanirraa adda kan baʼe maaliif akka taʼe hin ibsamne. Phaawulosii fi Baarnaabaas imalasaanii itti fufuudhaan Phergeedhaa kaʼanii gara magaalaa Anxokiyaa Phisiidiyaa ishii bulchiinsa Galaatiyaa keessatti argamtuu dhaqan. Anxokiyaa Phisiidiyaan sirrii galaanaarraa meetira 1,100 ol kaatee waan argamtuuf imallisaanii kun salphaa hin turre. Kana malees, magaalaa kana gaʼuuf daandiiwwan gaarreen gidduutti argamanii fi saamtonni hedduun keessatti argaman qaxxaamuruu qabu. Isayyuummoo Phaawulos dhukkubaan kan qabame yeroo kanatti taʼuu hin oolu.h
-