MATA DUREE QOʼANNAA 2
“Sammuu Keessan Haaressuudhaan Jijjiiramaa”
“Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne mirkaneeffachuu akka dandeessaniif, sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa.”—ROM. 12:2.
FAARFANNAA 88 Daandii Kee Na Barsiisi
QABIYYEEa
1-2. Erga cuuphamnee booda maal gochuu keenya itti fufuu qabna? Ibsi.
MANA kee yeroo hammamiitti qulqulleessita? Tarii itti galuu kee dura akka gaariitti qulqulleessiteetta taʼa. Garuu sana booda hin qulqulleessitu yoo taʼe maaltu uumama? Yeruma sana deebiʼee xuraaʼa. Qulqulluu taʼee akka itti fufuuf yeroo hunda qulqulleessuu qabda.
2 Haaluma walfakkaatuun ilaalchaa fi eenyummaa keenya sirreessuu keenya itti fufuu qabna. Cuuphamuu keenya dura “wanta foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of [qulqulleessuudhaan]” jireenya keenya jijjiiruuf carraaqqii cimaa akka goone beekamaadha. (2 Qor. 7:1) Amma garuu gorsa Phaawulos ergamaan, “Haareffamuu keessan itti fufaa” jechuudhaan kenne hordofuu qabna. (Efe. 4:23) Carraaqqii gochuu keenya itti fufuun kan barbaachise maaliifi? Dhiibbaan addunyaa kanaa dafee nu xureessuu waan dandaʼuufi. Yihowaa duratti qulqulluu taanee akka argamnuuf yeroo hunda ilaalcha, eenyummaa fi fedhii keenya qoruu qabna.
“SAMMUU KEESSAN HAARESSUU” KEESSAN ITTI FUFAA
3. ‘Sammuu keenya haaressuu’ jechuun maal jechuudha? (Roomaa 12:2)
3 Sammuu keenya haaressuuf, jechuunis karaa itti yaannu jijjiiruuf maal gochuu qabna? (Roomaa 12:2 dubbisi.) Sammuu keenya haaressuuf wanta gaarii muraasa qofa gochuun keenya gaʼaa miti. Jireenya keenya keessatti hamma nuuf dandaʼame ulaagaalee Yihowaa hordofuu akka dandeenyuuf keessa keenya qoruudhaan jijjiirama barbaachisu kamiyyuu gochuu qabna. Kana gochuu kan qabnu yeroo tokko qofa utuu hin taʼin itti fufiinsaani.
4. Sirni kun ilaalcha keenyarratti dhiibbaa akka hin goone of eeguu kan dandeenyu akkamitti?
4 Yeroo mudaarraa bilisa taanu wanta goonu hundumaatiin Yihowaa gammachiisuu dandeenya. Hammasitti garuu, galma kanarra gaʼuuf carraaqqii gochuu keenya itti fufuu qabna. Phaawulos Roomaa 12:2 irratti fedhii Waaqayyoo beekuuf sammuu keenya haaressuun akka nu barbaachisu ibseera. Sirni kun dhiibbaa akka nurratti godhu heyyamuu hin qabnu; kanaa mannaa, galmawwanii fi murtoowwan keenyarratti dhiibbaa gochaa kan jiru addunyaa kana utuu hin taʼin ilaalcha Waaqayyoo taʼuu isaa beekuuf jalqaba of qoruu qabna.
5. Guyyaan Yihowaa dhihaachuu isaa ilaalchisee ilaalcha keenya qoruu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkicha ilaali.)
5 Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Yihowaan ‘dhufaatii guyyaa isaa sammuu keenyatti dhiheessinee akka yaadnu’ barbaada. (2 Phe. 3:12) Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Akkaataan jireenyaa koo dhumni sirna kanaa dhihaachuu isaa akkan hubadhe argisiisaa? Murtoon barumsaa fi hojii ilaalchisee godhu jireenya koo keessatti tajaajila Yihowaatiif iddoo guddaa akkan kennu argisiisaa? Yihowaan anaafis taʼe maatii kootiif wanta barbaachisu akka qopheessu nan amana moo yeroo hunda waaʼee wantoota fooniin yaaddaʼa?’ Yihowaan karaa fedha isaa wajjin wal simuun yeroo jiraannu hammam akka gammadu mee yaadi.—Mat. 6:25-27, 33; Filp. 4:12, 13.
6. Maal gochuu keenya itti fufuu qabna?
6 Yeroo hunda ilaalcha keenya qoruudhaan sirreeffama barbaachisu kamiyyuu gochuu qabna. Phaawulos warra Qorontosiif gorsa, “Amantii keessa jiraachuu keessan beekuuf yeroo hunda of qoraa; eenyummaa keessan beekuuf yeroo hunda of gamaaggamaa” jedhu kenneera. (2 Qor. 13:5) “Amantii keessa” jiraachuun darbee darbee walgaʼii gumiirratti argamuu fi tajaajilarratti hirmaachuu caalaa wanta dabalatu qaba. Yaada keenya, fedhii keenyaa fi kakaʼumsa keenyas kan dabalatudha. Kanaafuu, Dubbii Waaqayyoo dubbisuudhaan, akka inni yaadutti yaaduudhaan, akkasumas fedhii isaa wajjin walsimnee jiraachuuf sirreeffama barbaachisu kamiyyuu gochuudhaan sammuu keenya haaressuu qabna.—1 Qor. 2:14-16.
“NAMUMMAA HAARAA . . . UFFADHAA”
7. Efesoon 4:31, 32 irratti akka ibsametti wanta dabalataa akkamii gochuu qabna? Kana gochuun ulfaataa taʼuu kan dandaʼu maaliifi?
7 Efesoon 4:31, 32 dubbisi. Jijjiiramni gochuu qabnu kan biraanimmoo “namummaa haaraa [uffachuu]” dha. (Efe. 4:24) Kana gochuun carraaqqii guddaa gaafata. Amaloota kanneen akka jibba guddaa, aarii fi dheekkamsaa jiran dhiisuuf carraaqqii gochuu qabna. Kun ulfaataa taʼuu kan dandaʼu maaliifi? Amaloonni gaarii hin taane akkasii nu keessatti hidda waan gadi fageeffataniifi. Kitaabni Qulqulluun namoonni tokko tokko ‘dafanii akka aaranii’ fi ‘dheekkamsa akka jaallatan’ dubbata. (Fak. 29:22) Akkuma muuxannoowwan itti aansuudhaan ilaallu argisiisanitti namni amaloota akkasii qabu erga cuuphamee boodallee, amaloota kana toʼachuuf carraaqqii gochuu isaa itti fufuu qaba.
8-9. Muuxannoon Isteefan namummaa moofaa ofirraa baasanii gatuuf carraaqqii gochuu itti fufuun barbaachisaa taʼuu isaa kan argisiisu akkamitti?
8 Obboleessi Isteefan jedhamu aarii isaa toʼachuun isa rakkisa ture. Akkana jedheera: “Ergan cuuphamee boodallee aarii koo toʼachuuf carraaqqii gochuu koo itti fufuun na barbaachiseera. Fakkeenyaaf, yeroo tokko manaa gara manaa tajaajilaa utuu jirruu hattuun tokko raadiyoo konkolaataa kootii waan hateef isa ariʼuun jalqabe. Yeroon isatti dhihaadhu raadiyoo sana lafa buusee fiige. Raadiyoo koo akkamitti akkan deebisiise yeroon dubbadhu jaarsi garee keenya keessa jiru tokko ‘Isteefan utuu isa qabdee maal goota turte?’ naan jedhe. Gaaffiin kun akkan irratti yaaduu fi nama naga qabeessa taʼuuf carraaqqii gochuu koo akkan itti fufu na kakaaseera.”b
9 Muuxannoon Isteefan akka argisiisutti amalli gaarii hin taane tokko yeroo hin eegamnetti, tariimmoo yeroo akka dhiisne nutti dhagaʼamuttillee mulʼachuu dandaʼa. Atis haalli akkasii yoo si mudate abdii kutachuudhaan, ‘Ani Kiristiyaana gaarii taʼuu hin dandaʼu’ jettee hin yaadin. Phaawulos ergamaanillee, “Wanta sirrii taʼe hojjechuu yommuun barbaadu, wanta gadhee hojjechuuf fedhiin akka na keessa jiru nan hubadha” jechuudhaan ifatti dubbateera. (Rom. 7:21-23) Kiristiyaanonni mudaa qaban hundi amaloota gaarii hin taanee fi akkuma awwaara mana keenya xureessanii taʼan wajjin walʼaansoo gochuun isaan barbaachisa. Qulqulluu taanee jiraachuuf carraaqqii gochuu keenya itti fufuu qabna. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?
10. Amaloota gaarii hin taanerraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti? (1 Yohaannis 5:14, 15)
10 Yihowaan akka si dhagaʼuu fi akka si gargaaru amantii qabaachuudhaan amala jijjiiruun si rakkise sana ilaalchisee isatti kadhannaa dhiheessi. (1 Yohaannis 5:14, 15 dubbisi.) Yihowaan amala sana dinqiidhaan siif balleessuu baatus, jabina amala sana toʼachuuf si barbaachisu siif kenna. (1 Phe. 5:10) Atis wantoota namummaa moofaan akka sitti deebiʼan godhanirraa fagaachuudhaan tarkaanfii kadhannaa kee wajjin wal simu fudhadhu. Fakkeenyaaf, fiilmiiwwan ykn sagantaawwan televizyinii amalli ati dhiisuuf yaalaa jirtu rakkina akka hin qabnetti dhiheessan akka hin ilaalle ykn seenaawwan akkasii akka hin dubbisne of eeggadhu. Sammuun kee fedhii sirrii hin taanerratti akka xiyyeeffatu hin godhin.—Filp. 4:8; Qol. 3:2.
11. Namummaa haaraa uffachuu keenya itti fufuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu dandeenya?
11 Namummaa moofaa ofirraa kan baaste taʼus, namummaa haaraa horachuun si barbaachisa. Kana gochuu kan dandeessu akkamitti? Waaʼee amaloota Yihowaa yeroo barattu fakkeenya isaa hordofuuf galma baafadhu. (Efe. 5:1, 2) Fakkeenyaaf, seenaa Kitaaba Qulqulluu Yihowaan dhiifama akka godhu ibsu yeroo dubbistu, ‘Warra kaaniif dhiifama nan godhaa?’ jedhii of gaafadhu. Waaʼee gara laafina Yihowaan namoota hiyyeeyyii taʼanitti argisiisee yeroo dubbistu, ‘Anoo waaʼeen obboloota gargaarsi isaan barbaachisuu na yaaddessaa? Miira koo kana hoo gocha kootiin nan argisiisaa?’ jedhii of gaafadhu. Namummaa haaraa uffachuudhaan sammuu kee haaressuu kee itti fufi; yeroo akkas gootus obsa qabaadhu.
12. Isteefan Kitaabni Qulqulluun namoota jijjiiruuf humna akka qabu jireenya isaa keessatti kan arge akkamitti?
12 Isteefan inni olitti ibsame suutuma suuta namummaa haaraa uffachuu dandaʼeera. Akkana jedheera: “Ergan cuuphamee kaasee haalawwan aarii koo toʼachuun akka na rakkisu godhan garaa garaa na mudataniiru. Namoota aarii koo kakaasuuf yaalanirraa fagaachuu ykn haalli isaa hammaachuu isaa dura haala sana karaa kan biraatiin toʼachuu baradheera. Haadha manaa koo dabalatee namoonni hedduun haala akkasii keessatti tasgabbaaʼuu kootiif na galateeffataniiru. Aniyyuu haalli koo na dinqisiiseera. Eenyummaa koorratti jijjiirama akkasii kanan godhe dandeettii kootiin miti. Jijjiiramnin godhe ragaa Kitaabni Qulqulluun namoota jijjiiruuf humna akka qabu argisiisu akka taʼettan amana.”
FEDHII SIRRII HIN TAANE WAJJIN WALʼAANSOO GOCHUU KEE ITTI FUFI
13. Fedhii sirrii taʼe horachuuf maaltu nu gargaara? (Galaatiyaa 5:16)
13 Galaatiyaa 5:16 dubbisi. Yihowaan wanta sirrii taʼe raawwachuuf carraaqqii goonurratti akka nu gargaaruuf arjummaadhaan hafuura isaa nuuf kenna. Dubbii Waaqayyoo yeroo qoʼannu hafuurri qulqulluun jireenya keenyarratti dhiibbaa akka godhu heyyamna. Walgaʼiiwwan keenyarratti yeroo hirmaannus hafuura qulqulluu ni arganna. Walgaʼiiwwan keenyarratti obbolootaa fi obboleettota keenya warra akkuma keenya wanta sirrii taʼe raawwachuuf carraaqqii godhan wajjin yeroo dabarsina; kunimmoo nu jajjabeessa. (Ibr. 10:24, 25; 13:7) Yihowaan dadhabina keenyarratti akka nu gargaaru garaadhaa yoo isa kadhanne hafuura isaatti fayyadamee cimina walʼaansoo gochuu keenya itti fufuuf nu gargaaru nuuf kenna. Sochiiwwan kun fedhiin dogoggoraa akka nu keessaa badu gochuu baatanis, gocha keenyarratti dhiibbaa akka hin goone toʼachuuf nu gargaaru. Galaatiyaan 5:16 akka jedhutti warri hafuuraan deddeebiʼan ‘fedhii foonii hin raawwatan.’
14. Fedhii sirrii taʼe horachuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?
14 Barsiifata hafuuraa gaarii taʼe erga qabaannee booda, barsiifata kana eeggachuu fi fedhii sirrii taʼe horachuu keenya itti fufuu qabna. Maaliif? Sababiin isaas, diina yeroo hundumaa nu wajjin jiru waan qabnuufi. Diinni kun fedhii wanta dogoggora taʼe akka raawwannu dhiibbaa nurratti godhudha. Erga cuuphamnee boodallee wantoota irraa fagaachuu qabnu raawwachuuf, fakkeenyaaf, qumaara taphachuuf, dhugaatii alkoolii garmalee dhuguuf ykn poornoogiraafii ilaaluuf qoramuu dandeenya. (Efe. 5:3, 4) Dargaggeessi Kiristiyaana taʼe tokko akkas jechuudhaan ifatti dubbateera: “Wanti qorumsa guddaa natti taʼe tokko dhiirri kan na hawwatu taʼuu isaati. Miirri kun yeroo booda akka badu yaadeen ture; garuu ammayyuu miira kana qaba.” Fedhii sirrii hin taane wajjin walʼaansoo gochaa jirta taanaan, maaltu si gargaaruu dandaʼa?
15. Namni hundi fedhii sirrii hin taane akka qabu beekuun keenya kan nu jajjabeessu maaliifi? (Fakkicha ilaali.)
15 Fedhii dogoggoraa cimaa taʼe wajjin walʼaansoo kan godhu si qofa akka hin taane yaadadhu. Kitaabni Qulqulluun: “Qorumsi isa namoota kaan irra gaʼu irraa adda taʼe isin irra hin geenye” jedha. (1 Qor. 10:13a) Hiikkaa kan biraan yaada kana, “Qorumsi ilmaan namootaatiif baramaa hin taane isinirra hin geenye” jedhee hiikeera. Yaanni kun kan barreeffame Kiristiyaanota Qorontos keessa jiraniifi. Isaan keessaa tokko tokko ejjitoota, warra nama gadhoomsanii fi machooftota turan. (1 Qor. 6:9-11) Erga cuuphamanii booda hoo fedhii sirrii hin taane hin qabaatan jettee yaaddaa? Kun taʼuu hin dandaʼu. Hundi isaanii Kiristiyaanota dibamoo taʼanis, namoota mudaa qaban turan. Isaanis darbee darbee fedhii sirrii hin taane wajjin walʼaansoo gochaa akka turan hin shakkisiisu. Kanarraa jajjabina guddaa arganna. Akkas kan jennu maaliifi? Fedhii dogoggoraa ati wajjin walʼaansoo gochaa jirtu kamiyyuu namni dandamachuu dandaʼe akka jiru waan argisiisuufi. Dhugumayyuu, ‘addunyaa maratti guutummaan waldaa obboloota keetii rakkina akkasii keessa akka jiran beekuudhaan amantiitti cimtee’ itti fufuu ni dandeessa.—1 Phe. 5:9.
16. Maal jennee yaaduurraa fagaachuu qabna? Maaliif?
16 ‘Namni haala rakkisaa ani dandamachaa jiru hubachuu dandaʼu hin jiru’ jettee hin yaadin. Akkasitti yaaduun kee haalli kee abdii akka hin qabnee fi fedhii dogoggoraa toʼachuuf humna akka hin qabnetti akka yaaddu si taasisuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun gorsa kanarraa adda taʼe kenna. Akkana jedha: “Waaqayyo amanamaa waan taʼeef, hamma baachuu dandeessan caalaa akka qoramtan hin heyyamu; kanaa mannaa, jabaattanii dhaabbachuu akka dandeessaniif, yeroo qoramtanitti karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.” (1 Qor. 10:13b) Kanaafuu, fedhii dogoggoraa cimaa taʼellee milkaaʼinaan dandamachuu ni dandeenya. Gargaarsa Yihowaatiin fedhii dogoggoraa raawwachuurraa fagaachuu ni dandeenya.
17. Fedhii sirrii hin taanerraa guutummaatti fagaachuu kan hin dandeenye taʼus, maal gochuu dandeenya?
17 Hundi keenyayyuu mudaa waan qabnuuf, fedhii sirrii hin taanerraa guutummaatti fagaachuu akka hin dandeenye yaadadhu. Taʼus, yeroo fedhii dogoggoraa qabaattutti akkuma Yoseef hatattamaan haadha manaa Phoxiifaar jalaa baqate atis daftee fedhii sanarraa fagaachuu ni dandeessa. (Uma. 39:12) Fedhii sirrii hin taane toʼachuu ni dandeessa.
CARRAAQQII GOCHUU KEE ITTI FUFI
18-19. Sammuu keenya haaressuuf yommuu carraaqqii goonutti gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu dandeenya?
18 Sammuu keenya haaressuun ilaalchii fi gochi keenya fedhii Yihowaa wajjin akka walsimu gochuuf itti fufiinsaan carraaqqii gochuu dabalata. Kanaafuu, yeroo hunda akkana jennee of gaafachuudhaan of qoruu qabna: ‘Gochi koo barri keessa jirru yeroo ariifachiisaa taʼuusaa akkan hubadhe argisiisaa? Namummaa haaraa uffachuurratti guddina gochaan jiraa? Fedhii foonii toʼachuu akkan dandaʼuuf hafuurri Yihowaa jireenya koo akka qajeelchu heyyamaan jiraa?’
19 Yommuu of qortutti guutummaatti dogoggora raawwachuurraa fagaachuu akka dandeessutti yaaduu mannaa, fooyyaʼiinsa gooterratti xiyyeeffadhu. Wanti sirreessuu qabdu akka jiru yoo hubatte abdii hin kutatin. Kanaa mannaa, gorsa Filiphisiyus 3:16 irratti argamuu fi “Guddina hammamii iyyuu yoo goone, daandiidhuma kana irra seeraan deddeebiʼuu keenya itti haa fufnu” jedhu hojiirra oolchi. Akkas yommuu gootu Yihowaan carraaqqii sammuu kee haaressuuf gootu akka siif eebbisu mirkanaaʼaa taʼi.
FAARFANNAA 36 Yaada Keenya ni Eegganna
a Phaawulos ergamaan obboloonni isaa sirni kun dhiibbaa akka isaanirratti godhu akka hin heyyamne isaan jajjabeesseera. Gorsi kun yeroo harʼaatti nuufis ni hojjeta. Addunyaan hamaa taʼe kun karaa taʼe tokkoon dhiibbaa akka nurratti hin goone mirkaneeffachuu qabna. Kana gochuuf ilaalchi keenya fedhii Waaqayyoo wajjin akka wal hin simne yeroo hubannu hundumaatti sirreeffama gochuu qabna. Mata duree kana keessatti kana gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.
b Mata duree, “Jireenyi Koo Caalaatti Mancaʼaa Deeme” jedhu jw.org irraa ilaali.
c IBSA FAKKII: Obboleessi dargaggeessi tokko, ‘Yunivarsiitii galuumoo tajaajila yeroo guutuu keessa galuun qaba?’ jedhee yaadaa jira.