BOQONNAA 15
Yesuus ‘Lafa Irratti Haqa ni Fida’
1, 2. Yesuus kan aare yeroo kamitti? Kan aare hoo maaliifi?
YESUUS baayʼee aareera; aaruufis sababii gaʼaa qaba. Inni nama garraamii waan taʼeef ni aara jettee yaaduun sitti ulfaachuu dandaʼa. (Maatewos 11:29) Haa taʼu malee, aariin isaa aarii qajeelinaa waan tureef, toʼannaadhaa ala hin turre.a Garuu, nama nagaa jaallatu kana hammana kan aarse maali dha? Jalʼinni guddaan tokko raawwatamuu isaa ti.
2 Yesuus mana qulqullummaa Yerusaalem keessa ture ni jaallata. Lafa irratti bakki qulqulluun Abbaa isaa isa samiitiif waaqeffannaan itti dhihaatu iddoo kana qofa ture. Yihudoonni biyyoota adda addaatti argaman, bakka fagoodhaa dhufanii achitti waaqeffatu turan. Saboota kaan keessaa illee namoonni Waaqayyoon sodaatan, gara mooraa mana qulqullummaa isaaniif qophaaʼetti ni dhufu turan. Haa taʼu malee, Yesuus akkuma tajaajila isaa jalqabeen yommuu mana qulqullummaa seenu wanta nama naasisu tokko arge. Iddoon sun mana waaqeffannaa utuu hin taʼin, gabaa fakkaata ture! Daldaltootaa fi namoota maallaqa jijjiiraniin guutamee ture. Maarree kun dogoggora maalii qaba? Manni qulqullummaa namoota kanaaf bakka warra kaan itti gowwoomsan darbees, itti saaman taʼee ture. Akkamitti?—Yohaannis 2:14.
3, 4. Mana Yihowaa keessatti daldala sassata irratti hundaaʼe akkamiitu raawwatamaa ture? Yesuus kana sirreessuuf tarkaanfii akkamii fudhate?
3 Geggeessitoonni amantii, gibirri mana qulqullummaa saantima gosa tokkoon qofa akka kaffalamu seera baasanii turan. Namoonni bakka biraadhaa dhufan maallaqa isaanii saantima kanatti jijjiiruu qabu turan. Kanaaf, namoonni maallaqa jijjiiran minjaala isaanii mana qulqullummaa keessa kaaʼanii, maallaqa jijjiiran hundaaf gatii kaffalchiisu turan. Daldalli horiis buʼaa hedduu argamsiisa ture. Keessummoonni horii aarsaa gochuu barbaadan daldaltoota magaalattii keessa jiran irraa bituu dandaʼu turan; taʼus namoonni mana qulqullummaa keessatti aangoo qaban, horiin sun hirʼina akka qabu dubbachuudhaan fudhachuu diduu dandaʼu turan. Horiin mana qulqullummaa keessaa bitame garuu, rakkina tokko malee fudhatama argata ture. Yeroo baayʼee daldaltoonni sun, namoota filannaa kan biraa hin qabne kanatti gatii miʼaadhaan gurguratu turan.b Kun daldala sassata irratti hundaaʼe qofa utuu hin taʼin saamicha ture!
4 Yesuus jalʼina haqaa akkasii argee bira darbuu hin dandeenye. Kun mana Abbaa isaa ti! Kanaan kan kaʼes funyoo irraa qaccee dhaʼatee, loonii fi hoolota mana qulqullummaa keessa turan ittiin ariʼe. Achiis gara namoota maallaqa jijjiiran sanaa dhaqee minjaala isaanii gaggaragalche. Saantimoonni sun hundi yommuu lafa irratti facaʼan haalli isaa maal akka fakkaatu mee yaadaan ilaali! Namoota gugee gurguran sanaan, “Wantoota kana asii baasaa!” jedhee cimsee isaan ajaje. (Yohaannis 2:15, 16) Yeroo kanatti eenyu iyyuu nama ija jabeessa taʼe kana mormuu hin dandeenye.
“Wantoota kana asii baasaa!”
“Ilma Abbaatti Baʼe”
5-7. (a) Jireenyi Yesuus nama taʼuu isaa dura samii irratti jiraate ilaalcha haqaaf qabu irratti dhiibbaa kan geessise akkamitti? Nuti hoo, fakkeenya isaa qorachuudhaan barumsa akkamii argachuu dandeenya? (b) Yesuus jalʼina ol aantummaa fi maqaa Yihowaa irratti raawwatame kan morme akkamitti?
5 Dhugaa dha, daldaltoonni sun booda achumatti deebiʼaniiru. Yesuus gara waggoota sadii boodas, daldala akkasii irratti yommuu bobbaʼan waan isaan argeef, wanta Yihowaan bara duriitti namoota mana qulqullummaa isaa “holqa saamtotaa” godhatanitti dubbate caqasuudhaan isaan balaaleffateera. (Ermiyaas 7:11; Maatewos 21:13) Eeyyee, Yesuus daldaltoota sassatoo sanaa fi manni qulqullummaa Waaqayyoo mancaʼuu isaa yeroo argetti akkuma Abbaa isaa itti dhagaʼameera. Kun taʼuun isaa nama hin dinqisiisu! Yesuus, waggoota miliyoona hedduutti lakkaaʼamaniif Abbaa isaa isa samii irraa barateera. Kanaan kan kaʼes haqaaf ilaalcha akka Yihowaa qabaachuu dandaʼeera. Dhuguma iyyuu “Ilma abbaatti baʼe” jechuun kan akka isaa ti. Kanaaf, ilaalcha Yihowaan haqaaf qabu irratti hubannaa ifa taʼe argachuu yoo barbaanne, fakkeenya Yesuus Kiristoos irratti xiinxaluu caalaa wanti nu gargaaru hin jiru.—Yohaannis 14:9, 10.
6 Yommuu Seexanni jalʼinaan kakaʼee Yihowaadhaan sobduu jedhuu fi bulchiinsi isaa qajeelaa akka hin taane dubbatu Ilmi Yihowaa inni tokkichi isaan bira ture. Kun arrabsoo guddaa mitii? Yesuus yommuu Seexanni himata eenyu iyyuu ofittummaa irraa walaba taʼuudhaan jaalalaan kakaʼee Yihowaa hin tajaajilu jedhu dhiheessus dhagaʼeera. Himatawwan sobaa kun Ilma Waaqayyoo isa qajeelaa kana akka gaddisiisan beekamaa dha. Yesuus, himata kanaaf deebii kennuu irratti shoora guddaa taphachuu akka dandaʼu beekuu isaatti baayʼee gammadee taʼuu qaba! (2 Qorontos 1:20) Kana kan godhu garuu akkamitti?
7 Boqonnaa 14 irratti Yesuus Kiristoos gaaffii Seexanni amanamummaa uumamawwan Yihowaa warra yaaduu dandaʼan irratti kaaseef deebii bara baraa akka kenne ilaalleerra. Yesuus akka kanaan ol aantummaan Yihowaa akka mirkanaaʼuu fi maqaan isaa akka qulqullaaʼuuf buʼuura kaaʼeera. Yesuus Bakka Buʼaa Yihowaa isa Guddaa waan taʼeef, uumama cufa keessatti haqni Yihowaa akka mirkaneeffamu godha. (Hojii Ergamootaa 5:31) Jireenyi isaa inni lafa irraas haqa Waaqayyoo kan argisiisu ture. Yihowaan isa ilaalchisee akkas jedheera: “Ani hafuura koo isa irra nan kaaʼa; innis haqni maal akka taʼe sabootaaf ifa godha.” (Maatewos 12:18) Yesuus kana kan godhe akkamitti?
Yesuus “Haqni Maal Akka Taʼe” Ifa Godha
8-10. (a) Seerri barreeffamaan hin kaaʼamnee fi geggeessitoonni amantii Yihudootaa baasan, namoota Yihudoota hin taanes taʼe dubartoota kan gadi qabe akkamitti? (b) Seerri barreeffamaan hin kaaʼamne tokko, seerri Sanbataa warra kaanitti baʼaa akka taʼu kan godhe akkamitti?
8 Yesuus Seera Yihowaa ni jaallata; akka seerichaattis ni jiraata ture. Geggeessitoonni amantii bara sanaa garuu, Seericha jalʼisaa fi karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamaa turan. Yesuus, “Barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! . . . wantoota Seericha keessatti caalaatti barbaachisoo taʼan, jechuunis haqa, gara laafinaa fi amanamummaa akka laayyootti ilaaltu” isaaniin jedheera. (Maatewos 23:23) Barsiisonni Seera Waaqayyoo kun, “haqni maal akka taʼe” ifa hin goone turan. Kanaa manaa haqni Waaqayyoo akka dhokatu godhaniiru. Akkamitti? Mee fakkeenya tokko tokko ilaali.
9 Yihowaan sabni isaa saboota naannoo isaanii turan irraa adda akka taʼan qajeelfama isaanii kennee ture. (1 Mootota 11:1, 2) Haa taʼu malee, geggeessitoonni amantii finxaaleyyii taʼan tokko tokko, sabichi warra Yihudoota hin taane hunda akka tuffatan jajjabeessu turan. Kitaabni Miishnaa jedhamu, seera akkas jedhu illee qabateera: “Warri saba Waaqayyoo hin taane horii wajjin saalqunnamtii waan raawwataniif, horii keessan bakka namoonni kun jiranitti dhiistanii hin deeminaa.” Namoota Yihudoota hin taane hunda halaalatti jibbuun jalʼina taʼuu isaa irra iyyuu, yaada Seera Musee keessatti ibsamee wajjin kan wal faallessu ture. (Leewwota 19:34) Seerri namoonni kun baasan inni kaan immoo dubartoota kan gadi qabu ture. Fakkeenyaaf, seerri barreeffamaan hin kaaʼamne tokko akka jedhutti, haati manaa abbaa manaa ishii cinaa utuu hin taʼin, isa duuba deemuu qabdi turte. Dhiirri tokko haadha manaa isaa dabalatee dubartii kam iyyuu wajjin namoota duratti akka hin haasofne ni dhowwama ture. Akkuma garbootaa, dubartoonnis mana murtii dhaqanii ragaa akka baʼan hin heyyamamuuf ture. Dhiironni, dubartoota taʼanii waan hin uumamneef kadhannaadhaan illee Waaqayyoon galateeffatu turan.
10 Geggeessitoonni amantii Seerri Waaqayyoo seeraa fi dambii namootaatiin akka awwaalamu godhanii turan. Fakkeenyaaf, seerri Sanbataa guyyaan sun waaqeffannaaf, karaa hafuuraa haareffamuu fi boqochuuf akka ooluuf, hojii hojjechuu ni dhowwa ture. Fariisonni garuu, seerri kun baʼaa akka namatti taʼu godhaniiru. “Hojii” jechuun maal jechuu akka taʼe ofuma isaaniitiin murteessu turan. Haamuu fi adamsuu dabalatee, sochiiwwan 39 akka hojiitti tarreessanii turan. Kun immoo gaaffiiwwan dhuma hin qabne kaaseera. Fakkeenyaaf, namni tokko guyyaa Sanbataatti tafkii yoo ajjeese adamseera jedhamaa? Utuu karaa irra deemaa jiruu asheeta ciratee yoo nyaate haameera jedhamaa? Nama dhukkubsate yoo fayyise hojii hojjeteera jedhamaa? Namoonni kun gaaffiiwwan kanaaf deebii kennuuf caalaatti seerawwan goggogaa fi wal xaxaa taʼan baasaniiru.
11, 12. Yesuus aadaawwan Fariisotaa isa deggersa Kitaaba Qulqulluu hin qabne akka mormu kan argisiise akkamitti?
11 Haala akkasii keessatti, Yesuus namoonni haqa akka hubatan gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? Barumsi isaa fi akkaataan jireenyaa isaa ejjennoon geggeessitoota amantii sanaa dogoggora akka taʼe ibseera. Mee jalqaba barumsawwan isaa keessaa tokko tokko ilaali. Yesuus, “Aadaa keessan isa dhalootaa dhalootatti dabarsitaniin dubbii Waaqayyoo gatii dhabsiistu” jechuudhaan, seera isaanii isa dhuma hin qabne kallattiidhaan balaaleffateera.—Maarqos 7:13.
12 Yesuus Fariisonni seera Sanbataaf ilaalcha dogoggoraa akka qaban, darbees, kaayyoo seerichaa utuu hin hubatin akka hafan ibseera. Masiihichi, “Gooftaa Sanbataa” waan taʼeef, guyyaa Sanbataatti namoota fayyisuuf mirga akka qabu ibseera. (Maatewos 12:8) Yaada isaa kana mirkaneessuuf, guyyaa Sanbataatti dinqiidhaan namoota fayyiseera. (Luqaas 6:7-10) Dinqiiwwan kun, Bulchiinsa isaa Isa Waggaa Kumaa keessatti namoota addunyaa maratti argaman hunda akka fayyisu kan argisiisan turan. Barkumeen sun, Sanbata isa guddaa, jechuunis yeroo ilmaan namootaa amanamoo taʼan hundi cubbuu fi duʼa jalaa boqonnaa itti argatan taʼa.
13. Yesuus tajaajila isaa isa lafa irraa erga xumuree booda, seera isa kamtu hojii irra ooluu jalqabe? Seerri kun, Seera Musee irraa adda kan taʼe akkamitti?
13 Yesuus, tajaajila lafa irratti raawwatu erga xumuree booda, haqni maal akka taʼe “seera Kiristoos” isa haaraa hundeeffame keessatti ibseera. (Galaatiyaa 6:2) Seera Musee irraa haala adda taʼeen, seerri haaraan kun ajajawwan barreeffaman hedduu irratti utuu hin taʼin, seera buʼuuraa irratti kan hundaaʼe dha. Taʼus seerri kun, ajajawwan kallattiidhaan kennaman tokko tokkos qabateera. Yesuus isaan keessaa isa tokko, “ajaja haaraa” jedhee ibseera. Akkuma inni isaan jaallate duuka buutonni isaa hundi akka wal jaallatan isaan barsiiseera. (Yohaannis 13:34, 35) Eeyyee, namoonni ‘seera Kiristoosiin’ jiraatan hundi, jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisuudhaan beekamu.
Haqa Argisiisuudhaan Fakkeenya Taʼa
14, 15. Yesuus, aangoon isaa daangaa akka qabu hubachuu isaa kan argisiise akkamitti? Kana gochuun isaa kan nama jajjabeessu maaliifi?
14 Yesuus waaʼee jaalalaa barsiisuu caalaas wanta godhe qaba. Innumti iyyuu ‘seera Kiristoosiin’ jiraateera. Seerri kun jireenya isaa keessatti mulʼateera. Mee karaawwan Yesuus haqa argisiisuudhaan fakkeenya taʼe sadii ilaali.
15 Tokkoffaa, Yesuus jalʼina kam irraa iyyuu guutummaatti fagaateera. Yeroo baayʼee jalʼinni kan raawwatamu, yommuu ilmaan namootaa cubbamoota taʼan of tuuluudhaan aangoo isaanii irra darbanii deeman akka taʼe hubachuu hin ooltu. Yesuus garuu akkas hin turre. Yeroo tokko, namni tokko gara isaa dhufee, “Barsiisaa, obboleessi koo dhaala keenya akka anaaf hiru itti naa himi” jedheen. Yesuus deebii akkamii kenneefi? “Namicha nana, isin lamaan gidduutti abbaa murtii yookiin araarsituu akkan taʼu eenyutu na muude?” jedhee deebise. (Luqaas 12:13, 14) Deebiin isaa kan nama ajaaʼibsiisu mitii? Hubannaan Yesuus, dandeettiin inni murtoo kennuuf qabuu fi aangoon Waaqayyo isaaf kenne kan nama hundaa irra ni caala; taʼus, wantoota akkasii akka raawwatu aangoon waan isaaf hin kennamneef, dhimma kana keessa galuu irraa of qusateera. Yesuus nama taʼee dhalachuu isaa waggoota kuma hedduu duraa jalqabee illee, gama kanaan gad of qabu isaa itti fufeera. (Yihudaa 9) Yesuus gad of qabuudhaan wanta Yihowaan haqa taʼuu isaa murteesse fudhachuun isaa, amala dinqisiisaa taʼe akka qabu argisiisa.
16, 17. (a) Yesuus misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo yeroo lallabu haqa kan argisiise akkamitti? (b) Yesuus, haqni isaa araaraa irratti kan hundaaʼe akka taʼe kan argisiise akkamitti?
16 Lammaffaa, Yesuus akkaataa Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo itti lallabeen haqa argisiiseera. Namoota wal hin caalchisne. Kanaa mannaa, sooressa ykn hiyyeessa utuu hin jedhin namoota adda addaatiif lallabuuf garaadhaa carraaqeera. Fariisonni garuu hiyyeessota warra kaan biratti bakka guddaa hin qabne, ‘amhaareetis’ ykn “namoota lafaa” jedhanii waamuudhaan isaan tuffatu turan. Yesuus jalʼina sana sirreessuuf ija jabinaan tarkaanfii fudhateera. Yeroo misiraachicha namoota barsiisu ykn yommuu isaanii wajjin nyaatu, yommuu isaan sooru, yeroo isaan fayyisuu fi yeroo duʼaa isaan kaasutti illee, haqa Waaqa isa “akaakuun namootaa hundi” akka fayyan barbaaduu argisiiseera.c—1 Ximotewos 2:4.
17 Sadaffaa, haqni Yesuus argisiisu araaraa irratti kan hundaaʼe ture. Yesuus cubbamoota gargaaruuf carraaqeera. (Maatewos 9:11-13) Fedhii isaatiin kakaʼee namoota humna hin qabne ni gargaara ture. Fakkeenyaaf, Yesuus akka geggeessitoota amantii yeroo sanaatti, namoota saba Waaqayyoo hin taane hunda hin shakku ture. Kanaa mannaa, adda durummaadhaan Yihudootaaf kan ergame taʼus, gara laafinaan kakaʼee namoota kana keessaa tokko tokko gargaareera; akkasumas barsiiseera. Yesuus, “Israaʼel keessatti nama amantii guddaa akkanaa qabu tokko illee hin arganne” jechuudhaan, tajaajilaa ajajaa dhibbaa loltoota Roomaa tokko dinqiidhaan fayyisuuf fedhii akka qabu ibseera.—Maatewos 8:5-13.
18, 19. (a) Yesuus ulfina dubartootaa kan eege karaawwan kamiini? (b) Seenaan Yesuus, walitti dhufeenya ija jabinaa fi haqa gidduu jiru hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
18 Yesuus ilaalcha namoonni yeroo sanatti dubartootaaf qabanis hin deggerre. Kanaa mannaa, ija jabinaan wanta haqa taʼe raawwateera. Dubartoonni Samaariyaa, akkuma saboota kaanii xuraaʼoo akka taʼanitti ilaalamu turan. Haa taʼu malee, Yesuus boolla bishaanii Siikaar biratti dubartii Samaariyaa tokkoof lallabuu irraa duubatti hin jenne. Yesuus Masiihiin abdachiifame isa taʼuu isaa yeroo jalqabaatiif kan ibse illee dubartii kanaaf ture. (Yohaannis 4:6, 25, 26) Fariisonni, dubartoonni Seera Waaqayyoo barachuu hin qaban kan jedhan taʼus, Yesuus yeroo isaa fi humna isaa hedduu dubartoota barsiisuuf oolcheera. (Luqaas 10:38-42) Akka aadaa yeroo sanaatti dubartoonni ragaa baʼuuf gaʼumsa hin qaban kan jedhamu taʼus, Yesuus yeroo duʼaa kaʼu jalqaba dubartoonni hedduun akka isa argan gochuudhaan isaaniif ulfina kenneera. Dhimma guddaa kanas dhaqanii barattoota isaa warra dhiiraatti akka himan isaanitti himeera!—Maatewos 28:1-10.
19 Eeyyee, Yesuus haqni maal akka taʼe sabootatti beeksiseera. Yeroo baayʼee kana kan godhu lubbuu isaa balaadhaaf saaxilee ti. Seenaan Yesuus, haqa dhugaa cinaa dhaabbachuun ija jabina akka gaafatu nu hubachiisa. Kanaafuu Yesuus ‘Leenca gosa Yihudaa’ jedhamuun isaa sirrii dha. (Mulʼata 5:5) Leenci, haqa isa ija jabina gaafatuuf fakkeenya akka taʼe yaadadhu. Dhiheenyatti garuu Yesuus karaa kana irra caaluun “lafa irratti haqa” ni fida.—Isaayyaas 42:4.
Masiihichi Inni Mootii Taʼe ‘Lafa Irratti Haqa ni Fida’
20, 21. Bara keenyatti, Masiihichi guutummaa lafaa irrattis taʼe, gumii Kiristiyaanaa keessatti haqa babalʼisaa kan jiru akkamitti?
20 Yesuus bara 1914tti Mootii erga taʼee jalqabee, lafa irratti haqa babalʼisaa jira. Akkamitti? Raajiin isaa inni Maatewos 24:14 irratti argamu raawwii isaa akka argatu gochaa jira. Duuka buutonni Yesuus lafa irratti argaman, dhugaa waaʼee Mootummaa Yihowaa ibsu namoota biyya hundatti argaman barsiisaa turaniiru. Isaanis akkuma Yesuus, karaa loogii irraa walaba taʼee fi haqaan, ijoollee ykn maanguddoo, sooressa ykn hiyyeessa, dhiira ykn dubartii utuu hin jedhin, namoonni hundi Yihowaa isa haqa qabeessa taʼe beekuuf carraa akka argatan gargaaraniiru.
21 Yesuus, gumii Kiristiyaanaa Mataa taʼee geggeessu keessattis haqa babalʼisaa jira. Akkuma raajiidhaan dubbatame, jaarsolii gumii amanamoo taʼanii fi dursa fudhatanii gumicha geggeessan “kennaa godhee” kenneera. (Efesoon 4:8-12) Namoonni kun hoolota Yihowaa warra gati jabeeyyii taʼan eeguudhaan, haqa babalʼisuu irratti fakkeenya Yesuus Kiristoos hordofu. Jaarsoliin, Yesuus hoolonni isaa aangoo, iddoo ykn qabeenya akkamii iyyuu yoo qabaatan, haqaan akka qabaman kan barbaadu taʼuu isaa yeroo hunda ni yaadatu.
22. Yihowaan addunyaa kana irratti jalʼinni babalʼachuu isaatti maaltu isatti dhagaʼama? Ilma isaa hoo maal akka godhuuf muudeera?
22 Yeroo dhihootti garuu Yesuus, karaa kana dura taʼee hin beekneen haqa lafa irratti babalʼisa. Addunyaa mancaʼaa kana keessatti jalʼinni babalʼateera. Maallaqaa fi yeroo hedduu meeshaa waraanaa oomishuuf oolu, akkasumas namoota gammachuu argachuuf maallaqa hammana hin jedhamne baasan yommuu ilaallu, daaʼimman hedduun beelaan duʼuun isaanii jalʼina guddaadha jedhamuu dandaʼa. Waggaa waggaadhaan namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman rakkinoota hambisuun dandaʼamuun kan kaʼe ni duʼu; kunii fi jalʼinni haqaa kan biroon Yihowaan aarii qajeelinaa akka aaru godhu. Yihowaan jalʼina hunda yeroo dhumaatiif balleessuuf, guutummaa sirna hamaa kanaa irratti lola haqa irratti hundaaʼe akka geggeessuuf Ilma isaa muudeera.—Mulʼata 16:14, 16; 19:11-15.
23. Kiristoos Armaagedoon booda bara baraaf haqa kan babalʼisu akkamitti?
23 Haa taʼu malee, haqni Yihowaa hamoota balleessuu qofa miti. Ilmi isaa “Bulchaa Nagaa” taʼee akka bulchu isa muudeera. Armaagedoon booda, Yesuus guutummaa lafaa irratti nagaa kan buusu taʼuu isaa irra iyyuu ‘haqaan’ ni bulcha. (Isaayyaas 9:6, 7) Yeroo sanatti Yesuus, jalʼina isa addunyaa irratti rakkina hammana hin jedhamne geessise hunda balleessuudhaan ni gammada. Haqa Yihowaa isa mudaa hin qabne bara baraaf amanamummaadhaan hojii irra ni oolcha. Nutis, akkuma Yihowaa haqa argisiisuuf ammumaa kaasnee carraaquun keenya barbaachisaa dha. Mee akkamitti kana gochuu akka dandeenyu haa ilaallu.
a Yesuus aarii qajeelinaa aaruu irratti Yihowaa isa hammina hunda irratti ‘dheekkamsa isaa ibsuuf qophaaʼaa’ taʼee wajjin wal fakkaata. (Naahom 1:2) Fakkeenyaaf, Yihowaan sabni isaa warri ajajamoo hin taane mana isaa “holqa saamtotaa” akka godhan erga itti himee booda, “dheekkamsi koo fi aariin koo bakka kanatti, . . . ni dhangalaʼa” jedheera.—Ermiyaas 7:11, 20.
b Kitaabni Mishnaa jedhamu, mana qulqullummaa keessatti gugeen gatii guddaadhaan gurguramuu ishiitiin kan kaʼe, waggoota muraasa booda mormiin akka kaʼe ibsa. Yeruma sana gatiin kun gara dhibbeentaa 99n hirʼateera! Daldala buʼaa guddaa qabu kana irraa caalaatti faayidaa kan argatu eenyu? Namoonni seenaa barreessan tokko tokko akka jedhanitti, daldalli mana qulqullummaa sun kan maatii Luba Ol Aanaa isa Haannaa jedhamuu yeroo taʼu, kunis maatiiwwan isaa hedduuf qabeenya guddaa argamsiisa ture.—Yohaannis 18:13.
c Fariisonni, namoonni warra kaan biratti bakka guddaa hin qabnee fi Seericha hin baranne “abaaramoo” akka taʼan dubbatu turan. (Yohaannis 7:49) Namni tokko namoota kana barsiisuu, isaanii wajjin hojjechuu, isaanii wajjin nyaachuus taʼe kadhannaa dhiheessuu hin qabu jedhu turan. Namni tokko intala isaa namoota kanatti yoo heerumsiise, akka bineensaaf ishii kennetti ilaalama ture. Fariisonni, namoonni kun abdii duʼaa kaʼuu illee akka hin qabnetti ibsu turan.