Wanti Akka Gammaddan Isin Godhu Maalidha?
1. Dhumni jiʼaa yeroo gaʼuu hundatti wanti akka gammannu nu godhu maalidha?
1 Yeroo hunda, dhuma jiʼaatti babalʼistoonni hundi saʼaatii tajaajilarratti dabarsan akka kennan yeroo gaafataman, wanti akka gammaddan isin godhu maalidha? Qajeelchitoota addaa saʼaatii 130 gabaasnus taane babalʼistoota daqiiqaa 15 akka deebisnu nuu heyyamame, hundi keenya garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluu keenyaan gammaduu qabna.—Far. 100:2.
2. Garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluuf carraaqqii gochuu kan qabnu maaliifi?
2 Yihowaan, Waaqa uumama cufarratti Olaantummaa qabu waan taʼeef, wanta qabnu keessaa isa hundarra caalu isaaf kennuun keenya kan isaaf maludha. (Mil. 1:6) Jaalala isaaf qabnuun kakaanee, fedhasaa raawwachuuf of murteessineerra. Kanaaf, dhuma guyyaatti ykn jiʼaatti, yeroo, dandeettiifi humna keenya “hundumaa keessaa isa duraa” tajaajila Yihowaatiif akka oolchine mirkanaaʼoo yoo taane, sababii itti gammannu qabna jechuudha. (Fak. 3:9) Gama kanaan yaanni garaa keenyaa kan nu ceephaʼu yoo taʼe garuu, fooyyessuuf wanta gochuu dandeenyurratti yaaduu qabna.—Rom. 2:15.
3. Tajaajila keenya kan warra kaanii wajjin madaaluun sirrii kan hin taane maaliifi?
3 “Nama Kaanii Wajjin Utuu Of Hin Madaalin”: Tajaajila keenya kan warra kaanii wajjin madaaluun ykn tajaajila yeroo humna qabnu raawwachaa turree isa ammaa wajjin madaaluun keenya sirrii miti. Haalli keenya jijjiiramuu, dandeettiin qabnus garaagara taʼuu dandaʼa. Yeroo baayʼee, warra kaanii wajjin of madaaluun dorgomeetti geessuu ykn gatii akka hin qabne akka nutti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. (Gal. 5:26; 6:4, NW) Yesus hojii nama tokkoo kan nama kaanii wajjin wal bira qabee hin ilaalle. Kanaa mannaa, wanta namni tokko gochuu dandaʼu tilmaama keessa galchuudhaan galateeffateera.—Mar. 14:6-9.
4. Fakkeenya Yesus waaʼee meetii dubbaterraa barumsa gaarii akkamii arganna?
4 Fakkeenya Yesus waaʼee meetii dubbaterratti, hojjetaan hundi “akkuma akka humna isaaniitti” meetiin kennameefii ture. (Mat. 25:15) Gooftaansaanii deebiʼee dhufuudhaan hojii isaan hojjetan yeroo gaafatu, warri hanga humnisaanii dandaʼuufi haallisaanii isaaniif heyyame jabaatanii hojjetan galateeffatamaniiru; gara gammachuu gooftaansaanii itti jiraatuuttis galaniiru. (Mat. 25:21, 23) Haaluma wal fakkaatuun nuyis hojii Mootummicha labsuurratti garaa guutuudhaan kan hirmaannu yoo taʼe, Waaqayyo duratti fudhatama akka argannuufi sababii itti gammannu akka qabnu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya!