MATA DUREE QOʼANNAA 36
Sabni Yihowaa Qajeelummaa ni Jaallatu
“Warri qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotan gammadoo dha.”—MAT. 5:6.
FAARFANNAA 9 Yihowaan Mootii Keenya!
QABIYYEEa
1. Yoseef qorumsa akkamiitu isa mudate? Qorumsichaaf hoo deebii akkamii kenne?
ILMA Yaaqoob kan taʼe Yoseef qorumsi ulfaataan isa mudateera. Dubartiin takka, “Anaa wajjin ciisi” isaan jette. Dubartiin kun haadha manaa gooftaa isaa Phoxifaari. Yoseef garuu yaada ishii fudhachuu dideera. Tarii namni tokko, ‘Yoseef yaada ishii fudhachuu kan dide maaliifi?’ jedhee yaada taʼa. Phoxifaar achi hin jiru. Kana malees, Yoseef mana sana keessatti garbadha; yaada ishii fudhachuu yoo dide jireenya itti hadheessuu dandeessi. Irra deddeebitee isa amansiisuuf kan yaalte taʼus, yaada ishii fudhachuu dideera. Maaliif? Yoseef akkana jedheera: “Ani badii guddaa kana akkamittan raawwadha? Waaqayyo irrattis akkamittan cubbuu hojjedha?”—Uma. 39:7-12.
2. Yoseef ejji cubbuu Waaqayyorratti raawwatamu akka taʼe akkamitti beeke?
2 Yoseef Waaqni isaa ejja akka ‘badii guddaatti’ akka ilaalu akkamitti beeke? Seerri Musee inni ajaja ifa taʼee fi “Hin ejjin” jedhu of keessatti qabate kan barreeffame waggaa dhibba lama boodadha. (Bau. 20:14) Taʼus, Yoseef Yihowaa akka gaariitti waan beekuuf ilaalcha inni gocha addaggummaatiif qabu beeka ture. Fakkeenyaaf, Yoseef Yihowaan gaaʼela kan hundeesse dhiira tokkoo fi dubartii takka gidduutti qofa akka taʼe beeka ture. Yeroo garaa garaa lamatti akaakileen isaa Saaraan wanti balaadhaaf ishii saaxilu ishii mudatee Yihowaan ulfina ishii akka hin dhabne akka ishii eege dhagaʼeera. Haaluma wal fakkaatuun, Waaqayyo haadha manaa Yisihaaq kan taate Ribqaa eeguudhaafis wantuma akkasii godheera. (Uma. 2:24; 12:14-20; 20:2-7; 26:6-11) Yoseef dhimmoota akkasiirratti yaaduun isaa wanti Waaqayyo duratti sirrii fi dogoggora taʼe maal akka taʼe akka adda baafatu isa gargaareera. Yoseef Waaqa isaa waan jaallatuuf ulaagaalee qajeelinaa isaa ni jaallata ture, akkasumas wanta sirrii taʼe raawwachuuf kutatee ture.
3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?
3 Qajeelummaa ni jaallattaa? Akka jaallattu hin shakkisiisu. Taʼus, hundi keenyayyuu mudaa waan qabnuuf, yoo of eeggachuu baanne ilaalchi addunyaan qajeelummaadhaaf qabu salphaatti dhiibbaa nurratti gochuu dandaʼa. (Isa. 5:20; Rom. 12:2) Kanaafuu, qajeelummaan maal akka taʼee fi qajeelummaa jaallachuudhaan faayidaa akkamii akka argannu ilaalla. Achiis jaalala ulaagaalee Yihowaatiif qabnu cimsachuuf tarkaanfiiwwan fudhachuu dandeenyu sadii ilaalla.
QAJEELUMMAAN MAALIDHA?
4. Namoonni hedduun qajeelummaadhaaf ilaalcha dogoggoraa akkamii qabu?
4 Namoonni waaʼee nama qajeelaa taʼe tokkoo yommuu yaadan yeroo baayʼee gara sammuu isaaniitti kan dhufu nama of tuulu, warra kaan qeequ ykn garmalee qajeelaa of godhudha. Garuu Waaqayyo amaloota kana hundumaa ni jibba. Yesuus yeroo lafarra turetti geggeessitoota amantii bara sana turanii fi ulaagaalee qajeelinaa mataa isaanii baasan cimsee balaaleffateera. (Lal. 7:16; Luq. 16:15) Namni dhugumaan qajeelaa taʼe matumaa warra kaanirra akka caalu isatti hin dhagaʼamu.
5. Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti qajeelummaan maalidha? Fakkeenya kenni.
5 Qajeelummaan amala baayʼee namatti toludha. Qajeelummaa jechuun Yihowaa duratti wanta sirrii taʼe raawwachuu jechuudha. Kitaaba Qulqulluu keessatti jechi “qajeelummaa” jedhu ulaagaalee Yihowaa warra ol aanoo taʼaniin jiraachuu argisiisa. Fakkeenyaaf, Yihowaan daldaltoonni “dhagaa safaraa sirrii taʼe” akka fayyadaman ajajeera. (Kes. 25:15) Jechi Afaan Ibrootaa “sirrii” jedhamee hiikame “qajeelaa” jedhamee hiikamuu dandaʼa. Kanaafuu, Kiristiyaanni Waaqayyo duratti qajeelaa taʼuu barbaadu hojii daldalaa isaarratti guutummaatti amanamaa taʼuu qaba. Kana malees, namni qajeelaan haqa waan jaallatuuf, nama tokkorratti jalʼinni yeroo raawwatamu baayʼee gadda. Kanaafuu, namni dhugumaan qajeelaa taʼe tokko “guutummaatti [Yihowaa] gammachiisuuf” Yihowaan murtoo isaatiif ilaalcha akkamii akka qabu irratti yaaduu qaba.—Qol. 1:10.
6. Ulaagaalee Yihowaan wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee baaserratti amanannaa qabaachuu kan dandeenyu maaliifi? (Isaayyaas 55:8, 9)
6 Kitaabni Qulqulluun Yihowaan Madda qajeelinaa akka taʼe ibsa. “Iddoo boqonnaa isa qajeelaa” jedhamee kan waamame kanaafi. (Er. 50:7) Yihowaan Uumaa waan taʼeef, wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee ulaagaa sirrii baasuu kan dandaʼu isa qofadha. Inni mudaa waan hin qabneef wanti sirrii fi dogoggora taʼe maal akka taʼe sirriitti beeka; nuti garuu cubbuu waan dhaalleef dandeettii kana hin qabnu. (Fak. 14:12; Isaayyaas 55:8, 9 dubbisi.) Haa taʼu malee, kan uumamne bifa Waaqayyootiin waan taʼeef ulaagaalee qajeelinaa isaatiin jiraachuu ni dandeenya. (Uma. 1:27) Akkas gochuun nu gammachiisa. Jaalalli Abbaa keenyaaf qabnu hamma nuuf dandaʼame isa fakkaachuuf nu kakaasa.—Efe. 5:1.
7. Ulaagaaleen amansiisoo taʼan kan nu barbaachisan maaliifi? Fakkeenyaan ibsi.
7 Ulaagaalee Yihowaan wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee baasee hordofuun faayidaa nuuf argamsiisa. Akkas kan jennu maaliifi? Fakkeenyaaf, baankiin hundi utuu gatii sharafaa ofii isaatii murteessee ykn dhaabbanni ijaarsaa hundi ulaagaa ijaarsaa mataa isaa utuu baafatee wanta uumamu tilmaamuu dandeessa. Rakkina guddaatu uumama. Ogeeyyiin fayyaas ulaagaalee yaalii fayyaa isaaniif kenname hin hordofan taanaan dhukkubsattoonni tokko tokko duʼaaf saaxilamu. Akkuma ifatti hubannutti, ulaagaaleen amansiisoon eegumsa nuuf godhu. Haaluma wal fakkaatuun, ulaagaaleen Waaqayyo wanta sirrii fi dogoggora ilaalchisee baases eegumsa nuuf godhu.
8. Namoonni qajeelummaa jaallatan eebba akkamii argatu?
8 Yihowaan namoota ulaagaalee isaatiin jiraachuuf carraaqan ni eebbisa. “Qajeelonni lafa ni dhaalu, bara baraafis ishii irra ni jiraatu” jechuudhaan waadaa galeera. (Far. 37:29) Namoonni hundi ulaagaalee Yihowaa yeroo hordofanitti tokkummaa, nagaa fi gammachuu ilmaan namootaa qabaatan tilmaamuu dandeessaa? Yihowaan jireenya akkasii akka qabaattu barbaada. Hundi keenyayyuu qajeelummaa jaallachuuf sababii gaʼaa qabna. Maarree, jaalala amala kanaaf qabnu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti? Mee tarkaanfiiwwan fudhachuu dandeenyu sadii haa ilaallu.
JAALALA ULAAGAALEE YIHOWAATIIF QABDU CIMSADHU
9. Qajeelummaa jaallachuuf maaltu nu gargaara?
9 Tarkaanfii 1ffaa: Qaama ulaagaalee kana baase jaalladhu. Qajeelummaa jaallachuuf jaalala Qaama wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee ulaagaa baaseef qabnu guddifachuu qabna. Yihowaa caalaatti jaallachaa yeroo deemnu fedhiin ulaagaalee qajeelinaa isaatiin jiraachuuf qabnus dabalaa deema. Fakkeenyaaf, Addaamii fi Hewaan Yihowaa ni jaallatu utuu taʼee, seera isaa isa sirrii taʼeef utuu hin ajajamin hin hafan turan.—Uma. 3:1-6, 16-19.
10. Abrahaam ilaalcha Yihowaa caalaatti hubachuuf maal godhe?
10 Nuti dogoggora Addaamii fi Hewaan raawwatan raawwachuu akka hin barbaanne beekamaadha. Dogoggora akkasii raawwachuurraa fagaachuu kan dandeenyu waaʼee Yihowaa, waaʼee amalawwan isaa fi akkaataa inni itti yaadu barachuu keenya yoo itti fufnedha. Yeroo akkas goonu jaalalli Yihowaadhaaf qabnu ni guddata. Mee waaʼee Abrahaam haa ilaallu. Abrahaam Yihowaadhaaf jaalala guddaa qaba ture. Yeroo murtoo Yihowaa hubachuun isatti ulfaatee turettillee hin fincille. Kanaa mannaa, Yihowaa caalaatti beekuuf carraaqqii godhe. Fakkeenyaaf, Yihowaan Sodoomii fi Gomoraa balleessuuf akka murteesse yeroo beeketti jalqabarratti, ‘“Abbaan murtii guutummaa lafaa” nama qajeelaa isa hamaa wajjin ni balleessaa laata?’ jedhee sodaatee ture. Abrahaam kun matumaa wanta taʼuu hin dandeenye akka taʼe waan yaadeef, gad of qabuudhaan Yihowaa gaaffilee garaa garaa gaafateera. Yihowaanis obsaan deebii isaaf kenneera. Dhumarratti, Abrahaam Yihowaan garaa nama hundumaa akka qoruu fi matumaa nama balleessaa hin qabne nama hamaa wajjin akka hin adabne hubateera.—Uma. 18:20-32.
11. Abrahaam Yihowaa akka jaallatuu fi akka isatti amanamu kan argisiise akkamitti?
11 Abrahaam mariin Sodoomii fi Gomoraa ilaalchisee Yihowaa wajjin godhe dhiibbaa guddaa isarratti godheera. Sana booda Abbaa isaa caalaatti akka jaallatee fi akka kabaje hin shakkisiisu. Waggoota muraasa boodammoo amantiin Yihowaa irratti qabu baayʼee qorame. Yihowaan ilma isaa baayʼee jaallatu Yisihaaqiin aarsaa akka godhu isa gaafate. Taʼus, Abrahaam amma Yihowaa akka gaariitti waan beekuuf gaaffii illee isaaf hin dhiheessine. Wanta Yihowaan isa ajaje raawwachuuf yeruma sana tarkaanfii fudhate. Taʼus, wanta Yihowaan isa ajaje kana raawwachuuf yommuu qophaaʼu hammam dhiphachaa akka ture tilmaamuu dandeessa. Abrahaam waaʼee Yihowaa barumsa argaterratti gadi fageenyaan yaadee taʼuu qaba. Yihowaan matumaa gocha jalʼinaas taʼe jaalala hin argisiisne akka hin raawwanne beeka. Phaawulos ergamaan akka galmeesseetti, Abrahaam Yihowaan ilma isaa Yisihaaqiin duʼaa kaasuu akka dandaʼu yaadee ture. (Ibr. 11:17-19) Kana malees, Yihowaan Yisihaaq abbaa saba tokkoo akka taʼu waadaa galee ture; yeroo sanattimmoo Yisihaaq ijoollee hin godhanne. Abrahaam Abbaa isaa Yihowaa waan jaallatuuf, yeroo hunda wanta sirrii taʼe akka godhu isatti amanama ture. Amantiin isaa ajaja baayʼee ulfaataa taʼe kana fudhachuuf isa kakaaseera.—Uma. 22:1-12.
12. Fakkeenya Abrahaam hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (Faarfannaa 73:28)
12 Fakkeenya Abrahaam hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Akkuma isaa waaʼee Yihowaa barachuu keenya itti fufuu qabna. Akkas yoo goone, caalaatti Yihowaatti dhihaanna, jaalalli isaaf qabnus ni guddata. (Faarfannaa 73:28 dubbisi.) Qalbiin keenya waan leenjiʼuuf ilaalcha Waaqayyoo qabaanna. (Ibr. 5:14) Kanaan kan kaʼes, yeroo namni tokko wanta dogoggora taʼe akka raawwannu nu qoruuf yaalutti tole hin jennu. Wanta Abbaa keenya gaddisiisuu fi hariiroo isa wajjin qabnu miidhu raawwachuuf yaaduullee hin barbaannu. Haa taʼu malee, karaan qajeelummaa akka jaallannu itti argisiisnu kan biraan maalidha?
13. Qajeelummaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkeenya 15:9)
13 Tarkaanfii 2ffaa: Guyyaa guyyaadhaan jaalala qajeelummaadhaaf qabdu guddifachuuf carraaqqii godhi. Karaan jaalala ulaagaalee qajeelinaa Yihowaatiif qabnu itti guddifannu, karaa maashaalee keenya itti cimsannu wajjin wal fakkaata; hojiin lamaanuu karaa dhaabbataa taʼeen carraaqqii guddaa gochuu gaafata. Kun hojii guyyaa guyyaadhaan hojjechuu dandeessudha. Yihowaan sababa qabeessa waan taʼeef, matumaa wanta humna keenyaa ol taʼe akka raawwannu nurraa hin eegu. (Far. 103:14) Inni ‘nama qajeelummaa hordofu akka jaallatu’ nuuf mirkaneesseera. (Fakkeenya 15:9 dubbisi.) Tajaajila Yihowaa keessatti galma tokkorra gaʼuu barbaanna taanaan galma keenya sanarra gaʼuuf carraaqqii guddaa goona. Yommuu qajeelummaa hordofnus akkasuma goona. Yihowaanis irraa jalaan guddina akka goonu obsaan nu gargaara.—Far. 84:5, 7.
14. ‘Uffanni qomaa qajeelinaa’ maalidha? Kan nu barbaachisu hoo maaliifi?
14 Yihowaan jaalalaan kakaʼee qajeelummaan baʼaa akka hin taane nu yaadachiiseera. (1 Yoh. 5:3) Qajeelummaan eegumsa nuuf godha; eegumsi kunimmoo guyyaa hundumaa nu barbaachisa. Waaʼee meeshaalee waraanaa Phaawulos ergamaan ibsee yaadadhu. (Efe. 6:14-18) Meeshaalee waraanaa kana keessaa onnee loltuu tokkootiif eegumsa kan godhu isa kami? “Uffata qomaa qajeelinaa” isa ulaagaalee qajeelinaa Yihowaa argisiisudha. Akkuma uffanni qomaa loltuun tokko uffatu onnee isaatiif eegumsa godhu, ulaagaaleen qajeelinaa Yihowaan baases garaa keenya, jechuunis keessa namummaa keenya nuuf eegu. Meeshaalee waraanaa uffannu keessa uffanni qomaa qajeelinaa jiraachuu isaa mirkaneeffachuu kan qabnu kanaafi.—Fak. 4:23.
15. Uffata qomaa qajeelinaa uffachuu kan dandeessu akkamitti?
15 Uffata qomaa qajeelinaa uffachuu kan dandeessu akkamitti? Murtoo guyyaa guyyaadhaan gooturratti ulaagaalee Yihowaa xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan akkas gochuu dandeessa. Wanta haasoftu, muuziqaa dhaggeeffattu, wanta ittiin bashannantu ykn kitaaba dubbistu filachuu kee dura akkana jedhii of gaafadhu: ‘Garaa koo wanta akkamiin sooraa jira? Wanti kun Yihowaa duratti fudhatama qabaa? Moo wantoota Yihowaan akka jalʼinaatti ilaalu kanneen akka addaggummaa, yakka, sassataa fi ofittummaa kan babalʼisuu dha?’ (Filp. 4:8) Murtoon ati goote fedhii Yihowaa wajjin kan walsimu taanaan ulaagaaleen qajeelinaa Yihowaa garaa keetiif eegumsa akka godhan heyyamteetta jechuudha.
16-17. Isaayyaas 48:18 bara baraaf ulaagaalee Yihowaa hordofuu akka dandeenyu kan nuuf mirkaneessu akkamitti?
16 ‘Guyyaadhaa gara guyyaatti, waggaadhaa gara waggaatti ulaagaalee qajeelinaa Yihowaatiin jiraachuu koo itti fufuu nan dandaʼaa laata?’ jettee yaaddee beektaa? Fakkeenya Yihowaan itti fayyadamee fi Isaayyaas 48:18 irratti argamu haa ilaallu. (Dubbisi.) Yihowaan qajeelummaan keenya “akkuma dambalii galaanaa” akka taʼu waadaa galeera. Qarqara galaanaa tokko bira dhaabattee yommuu dambaliiwwan isaa utuu wal irraa hin citin gara keetti yaaʼan ilaalaa akka jirtu yaadaan ilaali. Gaaf tokko dambaliiwwan sun yaaʼuu isaanii ni dhaabu jettee ni yaaddoftaa? Akka hin yaaddofne beekamaadha. Dambaliiwwan sun waggoota kumaan lakkaaʼamaniif gara qarqara galaanaa sanatti yaaʼaa akka turan waan beektuuf gara fuulduraattis yaaʼuu isaanii akka itti fufan mirkanaaʼaa dha.
17 Qajeelummaan kee akkuma dambalii galaanaa taʼuu dandaʼa. Akkamitti? Murtoo gochuu kee dura jalqaba wanta Yihowaan sirraa barbaadu adda baafadhu. Achiis tarkaanfii fudhadhu. Murtoon ati gootu hammamiyyuu ulfaataa yoo taʼe Abbaan kee inni samii inni jaalala qabeessa taʼe cimina siif kennuu fi guyyaa hundumaa wanta sirrii taʼe raawwachuu kee akka itti fuftu si gargaaruuf qophaaʼaadha.—Isa. 40:29-31.
18. Ulaagaa mataa keenyaarratti hundoofnee warra kaanitti murteessuurraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?
18 Tarkaanfii 3ffaa: Warra kaanitti murteessuu Yihowaadhaaf dhiisi. Ulaagaalee qajeelinaa Yihowaa hordofuuf kan carraaqnu taʼus, warra kaanitti murteessuu fi garmalee qajeelaa of gochuurraa fagaachuu qabna. Ulaagaa mataa keenyaarratti hundoofne warra kaanitti murteessuuf mirga akka qabnutti yaaduudhaan isaan tuffachuu mannaa, “Abbaan murtii guutummaa lafaa” Yihowaa taʼu isaa yaadachuu qabna. (Uma. 18:25) Yihowaan warra kaanitti akka murteessinu aangoo nuuf hin kennine. Kanaa mannaa Yesuus, “Akka isinitti hin murteeffamneef warra kaanitti murteessuu dhiisaa” jedhee ajajeera.—Mat. 7:1.b
19. Yoseef murtii Yihowaatti akka amanamu kan argisiise akkamitti?
19 Mee ammas fakkeenya Yoseef isa nama qajeelaa taʼee haa ilaalluu. Yoseef namoota baayʼee isa miidhan irrattillee murteessuurraa fagaateera. Obboloonni isaa isa reebanii, garbummaatti isa gurguranii, akkasumas duʼeera jedhanii abbaa isaa amansiisanii turan. Waggoota hedduu booda Yoseef maatii isaa wajjin wal argeera. Yeroo kanatti Yoseef bulchaa aangoo guddaa qabu taʼee waan tureef, gara jabinaan obbolootasaatti murteessuudhaan isaan irratti haaloo baʼuu dandaʼa ture. Obboloonni Yoseef wanta godhanii turanitti garaadhaa gaabbanii kan turan taʼus, Yoseef akkas akka godhu eeganii taʼuu dandaʼa. Yoseef garuu, “Hin sodaatinaa. Ani iddoo Waaqayyoon jiraa?” isaaniin jedhe. (Uma. 37:18-20, 27, 28, 31-35; 50:15-21) Yoseef gad of qabuudhaan warra kaanitti murteessuu Yihowaadhaaf dhiiseera.
20-21. Garmalee qajeelaa of gochuurraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?
20 Nutis akkuma Yoseef warra kaanitti murteessuu Yihowaadhaaf dhiisna. Sababii obboloonnii fi obboleettonni keenya wanta tokko gochuuf itti kakaʼan hin tilmaamnu. Nuti wanta garaa namaa keessa jiru beekuu hin dandeenyu; “Yihowaan garuu kakaʼumsa namootaa ni qora.” (Fak. 16:2) Namoota akaakuu hundumaa akkaataa guddinaa fi aadaa garaa garaa qaban ni jaallata. Yihowaan ‘garaa keenya balʼisnee akka bannu’ nurraa eega. (2 Qor. 6:13) Obbolootaa fi obboleettota keenyatti murteessuuf utuu hin taʼin, isaan jaallachuuf carraaqqii goona.
21 Kana jechuun warra gumiidhaa ala jiranittis murteessuu hin qabnu jechuudha. (1 Xim. 2:3, 4) “Namni kun matumaa gara dhugaatti hin dhufu” jechuudhaan fira kee hin amanne tokkotti murteessuu hin qabdu. Akkas gochuun garmalee of tuuluu fi garmalee qajeelaa of gochuudha. Yihowaan “kan jiraatan eessa iyyuu yoo taʼe namoonni hundi” yaada akka geddarataniif ammayyuu carraa isaaniif kennaa jira. (HoE. 17:30) Garmalee qajeelaa of gochuun jalʼina taʼuu isaa yeroo hundumaa yaadadhu.
22. Qajeelummaa jaallachuuf kan murteessite maaliifi?
22 Jaalalli ulaagaalee Yihowaa warra qajeeloo taʼaniif qabnu gammachuu kan nuuf argamsiisuu fi warri kaan nuttis taʼe Yihowaatti akka dhihaatan kan kakaasu haa taʼu. ‘Qajeelummaa beelaʼuu fi dheebochuu’ keenya itti haa fufnu. (Mat. 5:6) Yihowaan carraaqqii ati gootu akka ilaaluu fi guddina gootutti yeroo hundumaa akka gammadu mirkanaaʼaa taʼi. Jalʼinni addunyaa dabalaa deemuun isaa si hin yaaddessin. Yeroo hunda ‘Yihowaan qajeelota akka jaallatu’ yaadadhu.—Far. 146:8.
FAARFANNAA 139 Addunyaa Haaraa Keessatti Of Ilaali
a Addunyaa hamaa taʼe kana keessatti namoota qajeeloo argachuun ulfaataadha. Taʼus, yeroo harʼaatti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman daandii qajeelinaa hordofaa jiru. Atis isaan keessaa tokko akka taate hin shakkisiisu. Daandii kana kan hordoftu Yihowaa waan jaallattuufi; Yihowaanimmoo qajeelummaa jaallata. Maarree, jaalala amala gaarii taʼe kanaaf qabnu guddifachuu kan dandeenyu akkamitti? Mata duree kana keessatti qajeelummaan maal akka taʼee fi qajeelummaa jaallachuun faayidaa akkamii akka nuuf argamsiisu ilaalla. Jaalala amala kanaaf qabnu guddifachuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu akka dandeenyus ni ilaalla.
b Jaarsoliin gumii yeroo tokko tokko dhimmoota cubbuu cimaa fi yaada geeddarachuu wajjin wal qabatan irratti murtii ni dabarsu. (1 Qor. 5:11; 6:5; Yaq. 5:14, 15) Haa taʼu malee, gad of qabuudhaan garaa namootaa dubbisuu akka hin dandeenyee fi Yihowaadhaaf akka murteessan yaadachuu qabu. (2 Seenaa Baraa 19:6 wajjin wal bira qabii ilaali.) Ulaagaalee Waaqayyoo warra sirrii taʼanii fi gara laafinaa fi haqarratti hundaaʼan of eeggannoodhaan hojiirra oolchu.