BOQONNAA KUDHAN
Qaamonni Hafuuraa—Nu Miidhuu Kan Danda’an Akkamitti?
Ergamoonni namoota gargaaruu ni danda’uu?
Hafuuronni hamoon namootarra dhiibbaa geessisuu kan danda’an akkamitti?
Hafuurota hamoo sodaachuu qabnaa?
1. Waa’ee ergamootaa barachuu kan qabnu maaliifi?
NAMA tokko beekuu jechuun waa’ee maatii nama sanaas beekuu dabalata. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaa beekuu jechuunis maatii ergamoota Waaqayyoo warra samiirratti argamanii wajjin wal baruus kan dabalatudha. Macaafni Qulqulluun ergamoota kana “ilmaan Waaqayyoo” jedhee waama. (Iyoob 38:7) Ergamoonni kun kaayyoo Waaqayyoo keessatti iddoo akkamii qabu? Seenaa ilmaan namootaa keessatti wanta raawwatan qabuu? Ergamoonni jireenya keerratti dhiibbaa geessisuu danda’uu? Kan danda’an yoo ta’emmoo akkamitti?
2. Ergamoota eenyutu uume? Baay’innisaanihoo hangam ta’a?
2 Macaafni Qulqulluun iddoo hedduutti waa’ee ergamootaa caqasa. Mee amma caqasoota kanarraa waa’ee ergamootaa hamma tokko haa barannu. Ergamoota eenyutu uume? Qolosaayis 1:16 akkas jedha: “Wanti waaqa keessa jiruu fi wanti lafa irra jiru hundinuu . . . isaan uumaman.” Kanaafuu, Yihowaan qaamota hafuuraa ergamoota jedhaman hundumaa karaa Ilmasaa isa hangafaa uume jechuudha. Baay’inni ergamoota kanaa meeqa? Macaafni Qulqulluun ergamoonni miliyoona dhibbaan lakkaa’aman akka uumamaniifi hundisaanii humna guddaa akka qaban dubbata.—Faarfannaa 103:20.a
3. Iyoob 38:4-7 waa’ee ergamootaa maal jedha?
3 Macaafni Qulqulluun yeroo lafti uumamte warri waaqarraa “ilmaan Waaqayyoo jedhamanis guddisanii sagalee gammachuu in dhageessisan” jechuudhaan nutti hima. (Iyoob 38:4-7) Kanaafuu, ergamoonni laftiifi ilmaan namootaa utuu hin uumamin yeroo dheeraa dura uumaman jechuudha. Kana malees, Macaafni Qulqulluun ergamoonni miira akka qaban kan argisiisu yeroo ta’u, kanas “guddisanii sagalee gammachuu in dhageessisan” jechuudhaan dubbata. “Ilmaan Waaqayyoo [hundi, NW]” walii wajjin sagalee gammachuu guddisanii dhageessisuusaanii qalbeeffadhu. Yeroo sanatti ergamoonni hundinuu maatii tokkummaadhaan Yihowaa tajaajilan turan.
GARGAARSAAFI EEGUMSA ERGAMOOTARRAA ARGAMU
4. Macaafni Qulqulluun ergamoonni sochii ilmaan namootaa godhaniif xiyyeeffannaa akka kennan kan argisiisu akkamitti?
4 Ergamoonni amanamoo ta’an kun ilmaan namootaa warri jalqabaa yeroo uumamanii jalqabee, ilmaan namootaa baay’achaa adeemaniifi akkaataa kaayyoon Waaqayyoo itti galmasaa ga’u gammachuudhaan hordofaa turaniiru. (Fakkeenya 8:30, 31; 1 Phexros 1:11, 12) Haata’u malee, ergamoonni kun yeroo booda ilmaan namootaa garri caalaan Uumaasaanii isa jaalala qabeessa ta’e tajaajiluurraa yeroo garagalan arganiiru. Wanti kun ergamoota amanamoo kana akka gaddisiise homaa hin shakkisiisu. Karaa garabiraammoo, namni tokko gara Yihowaatti yeroo deebi’u ‘ergamoonni Waaqayyoo ni gammadu.’ (Luqaas 15:10) Ergamoonni waa’ee nageenya namoota Waaqayyoon tajaajilanii baay’ee kan yaadan waan ta’eef, Yihowaan Yeroo baay’ee tajaajiltootasaa warra amanamoo lafarratti argaman jajjabeessuufi eeguuf isaaniin kan gargaarame maaliif akka ta’e hubachuun nutti hin ulfaatu. (Ibroota 1:7, 14) Fakkeenya tokko tokko ilaali.
5. Ergamoonni akka gargaarsa namootaaf godhan Macaafa Qulqulluurraa fakkeenya akkamii arganna?
5 Ergamoonni lama nama qajeelaa kan ta’e Looxiifi ijoolleesaa durbaa lamaan badiisa magaalaa Sodoomiifi Gomoraarraa akka oolan gargaaraniiru. (Uumama 19:15, 16) Waggoota dheeraa boodammoo, diinonni Daani’el raajichaa boolla leencaa keessatti isa darbatanis utuu miidhaan isarra hin ga’in ooleera. Haala kana akkas jechuudhaan ibseera: “Waaqayyo koo ergamaa isaa ergee afaan leencotaa cufsiise.” (Daani’el 6:22) Dhaloota Kiristos booda jaarraa jalqabaattis ergamaan tokko Phexrosiin mana hidhaatii baaseera. (Hojii Ergamootaa 12:6-11) Ergamoonni kun Yesus yeroo tajaajilasaa isa lafarraa jalqabettis isa gargaaraniiru. (Maarqos 1:13) Yesus utuu hin du’in yeroo muraasa dura ergamaan tokko isatti mul’achuudhaan “isa jajjabeesseera.” (Luqaas 22:43) Gargaarsi Yesus yeroo barbaachisaa ta’e kanatti ergamaa kanarraa argate baay’ee isa jajjabeesseera!
6. (a) Yeroo har’aatti ergamoonni saba Waaqayyoo kan eegan akkamitti? (b) Gaaffiiwwan kamirratti xiyyeeffanna?
6 Yeroo har’aatti ergamoonni akka durii tajaajiltoota Yihowaa warra lafarratti argamanitti hin mul’atan. Ilmaan namootaa ergamoota kan ijaan hin argine ta’anis, ergamoonni kun keessumaa yeroo har’aatti karaa hafuuraa miidhaan akka isaanirra hin geenye isaan eegu. Macaafni Qulqulluun: “Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii in buufata, inni isaan in oolchas” jedha. (Faarfannaa 34:7) Jechoonni kun jajjabina guddaa kan nuuf ta’an maaliifi? Sababiinsaas hafuuronni hamoon miidhaa nurraan ga’uu barbaadanis waan jiraniifidha! Hafuuronni hamoon eenyu? Eessaa dhufan? Miidhaa nurraan ga’uuf kan yaalanoo akkamitti? Deebii gaaffiiwwan kanaa argachuuf jalqaba seenaa ilmaan namootaarratti maaltu akka raawwatame haa ilaallu.
HAFUUROTA HAMOO DIINOTA KEENYA TA’AN
7. Seexanni namoota Waaqayyorraa fageessuun hammam isaa mijaa’eera?
7 Boqonnaa 3rratti akka ilaalletti ergamoota kana keessaa inni tokko warra kaanirratti olaantummaa argachuuf hawwuudhaan Waaqayyorratti ka’e. Dhumarrattis ergamaan kun Diiyaabilos ykn Seexana jedhame. (Mul’ata 12:9) Seexanni Hewwaaniin erga gowwomsee waggaa 1,600 booda namoota amanamoo ta’an muraasa jechuunis, Abeel, Henokiifi Nohin alatti namoonni hundaa Waaqayyorraa akka fagaatan godheera.—Ibroota 11:4, 5, 7.
8. (a) Ergamoonni tokko tokko hafuurota hamoo ta’uu kan danda’an akkamitti? (b) Bishaan Badiisaa jalaa ooluufoo maal godhan?
8 Bara Nohitti ergamoonni garabiraanis Waaqayyorratti ka’aniiru. Bakka jireenyasaanii isa samii dhiisanii foon uffatanii gara lafaatti dhufan. Maaliif? Uumamni 6:2 akkas jedha: “Warri waaqa irraa ‘Ilmaan Waaqayyoo’ jedhaman, durboonni namootaa mimmiidhagoo akka ta’an arganii, isaan keessaa akkuma fo’atanitti fuudhanii haadha manaa godhatan.” Haata’u malee, Yihowaan gocha ergamoonni kun godhaniifi hojiinsaanii inni ciiggaasisaan kun akka babal’atu hin heyyamne. Kanaafuu, bishaan badiisaa fiduudhaan tajaajiltootasaa warra amanamoo qofa hambisee hamoota hundaa balleesse. (Uumama 7:17, 23) Kanaan kan ka’es, ergamoonni kun qaamasaanii isa foonii dhiisanii qaama hafuuraa uffachuudhaan samiitti deebi’uuf dirqaman. Kana booda Seexana cinaa kan hiriiran si’a ta’u innis ‘humna angafa hafuurota hamoo’ ta’eera.—Maatewos 9:34.
9. (a) Hafuuronni hamoon gara samiitti yeroo deebi’an maaltu isaanirra ga’e? (b) Isaan ilaalchisee wanti nuyi irratti xiyyeeffannu maalidha?
9 Ergamoonni ajajamoo hin taane kun gara samiitti yeroo deebi’an, isaanis akkuma bulchaasaanii akka Seexanaa miseensota maatii samii akka ta’an isaaniif hin heyyamamne. (2 Phexros 2:4) Yeroo ammaatti qaama foonii uffachuu kan hin dandeenye ta’anis ilmaan namootaarra dhiibbaa guddaa geessisaa jiru. Seexanni hafuurota hamoo kanaan gargaaramee “guutummaa biyya lafaa wallaalchisaa” jira. (Mul’ata 12:9; 1 Yohannis 5:19) Akkamitti? Yeroo baay’ee hafuuronni hamoon haxxummaadhaan namoota gowwomsu. (2 Qorontos 2:11) Mee haxxummaa isaan ittiin namoota gowwomsan keessaa tokko tokko haa ilaallu.
HAFUURONNI HAMOON KAN NAMOOTA GOWWOMSAN AKKAMITTI?
10. Hojiin hafuurota xuraa’oo maalidha?
10 Hafuuronni hamoon namoota gowwomsuuf gochawwan hojii hafuura xuraa’ootiin gargaaramu. Hojiin hafuurota xuraa’oo, kallattiidhaanis ta’e karaa namootaatiin hafuurota hamoo wajjin walitti dhufeenya qabaachuu jechuudha. Macaafni Qulqulluun hojii hafuura xuraa’oo balaaleffachuu isaarrayyuu wantoota hojii hafuurota xuraa’oo wajjin walitti dhufeenya qaban kamirraayyuu akka fagaannu nu akeekkachiisa. (Galaatiyaa 5:19-21) Gochi hafuurota hamoo gowwomsaa namni qurxummii qabu tokko ittiin gargaaramuu wajjin wal fakkaata. Qurxummii gara garaa qabuuf mala adda addaatiin fayyadama. Haaluma wal fakkaatuun, hafuuronni hamoonis namoota hundaa to’annaasaanii jala oolchuuf hojii hafuura xuraa’oo gara garaatiin gargaaramu.
11. Hooda dubbachuun maalidha? Kanarraa fagaachuu kan qabnuhoo maaliifi?
11 Karaawwan hafuuronni hamoon ittiin namoota gowwomsan keessaa tokko hooda dubbachuudha. Hooda dubbachuu jechuun maal jechuudha? Waa’ee gara fulduraa baruuf ykn wanta hin beekamne tokko beekuuf yaalii gochuu jechuudha. Gochawwan hooda dubbachuu keessaa tokko tokko duumessa ilaalanii ayyaana heduu, qaallummaa, mora, tosha, bokkaa caamsuu, daawwessuu, ekeraa dubbisuu, dhibaafachuu, ateeteefi raaguudha. Namoonni baay’een hooda dubbachuu akka miidhaa hin qabneetti ilaalanis, Macaafni Qulqulluun garuu namoonni hooda dubbatan kana kan godhan gargaarsa hafuurota hamootiin ta’uusaa dubbata. Fakkeenyaaf, Hojiin Ergamootaa 16:16-18 waa’ee xomboree ykn dubartii hafuura “hooda dubbachiisu” of keessaa qabdu tokkoo dubbata. Hafuuronni hamoon kun erga ishee keessaa ba’anii booda humna kana gochuuf ishee dandeessisu dhabdeetti.
12. Namoota du’anii wajjin dubbachuuf yaalii gochuun balaa kan geessisu maaliifi?
12 Karaa hafuuronni hamoon itti nama gowwomsan keessaa inni garabiraanimmoo, warri kaan waa’ee namoota du’anii eker-dubbistuu akka gaafatan jajjabeessuudha. Namoonni jaalalleesaanii du’aan dhaban oduuwwan namoota du’an ilaalchisee dubbatamuun gowwomfamu. Eker-dubbistuun tokko ragaa addaa dhiheessuu ykn sagalee nama du’ee fakkeessee dubbachuu ni danda’a. Kanaan kan ka’es, namoonni baay’een warri du’an akka lubbuudhaan jiraniifi isaanii wajjin wal arguun gadda sana mo’uuf nu gargaara jedhanii amanu. Haata’u malee, “jajjabinni” karaa kanaan argamu soba ta’uusaarrayyuu miidhaa guddaa geessisa. Maaliifi? Sababiinsaas, hafuuronni hamoon namoonni eker-dubbistuu ta’an sagalee nama du’e sanaa fakkeessanii akka dubbatan gochuu akkasumas waa’ee nama du’e sanaa ragaa kennuu waan danda’aniifidha. (1 Saamu’el 28:3-19) Haata’u malee, Boqonnaa 6rratti akka ilaalletti namoonni du’an dhaga’uu hin danda’an. (Faarfannaa 115:17) Kanaafuu, “namni warra du’an waamu” kamiyyuu hafuurota hamoodhaan gowwomfamuu isaarrayyuu, wanta Waaqayyo hin jaallanne raawwachaa jira jechuudha. (Keessa Deebii 18:10, 11; Isaayaas 8:19) Kanaafuu, gowwomsaa cimaa hafuuronni hamoon ittiin gargaaraman kanarraa of eeggadhu.
13. Namoonni dur hafuurota hamoo sodaachaa turan maal gochuu danda’aniiru?
13 Hafuuronni hamoon namoota ni gowwomsu akkasumas ni sossodaachisu. Seexanniifi hafuuronni hamoon to’annaa “yeroo gabaabduu duwwaa” akka isaaniif hafe waan beekaniif yeroo kamiyyuu caalaatti hamoota ta’aniiru. (Mul’ata 12:12, 17) Ta’us namoonni kumaatamaan lakkaa’amaniifi hafuurota hamoo sodaachaa turan sodaa kanarraa walaba ba’aniiru. Kana gochuu kan danda’an akkamitti? Namni tokko hojii hooda dubbachuurratti hirmaachaa kan jiru yoo ta’e kanarraa walaba ta’uuf maal gochuu danda’a?
HAFUUROTA HAMOO OFIRRAA ITTISUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
14. Akka Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa magaalaa Efesoon turanii hojii hafuurota hamoorraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?
14 Macaafni Qulqulluun hafuurota hamoo ofirraa ittisuufi isaanirraa walaba ba’uu karaa itti dandeenyu nutti hima. Fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatti magaalaa Efesoon turan ilaali. Isaan keessaa tokko tokko utuu Kiristiyaanota hin ta’in dura qoricha namatti gochaa turan. Hojii kana dhaabuuf yeroo murteessan maal godhan? Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Isaan keessaas warri qoricha namatti gochaa turan macaafota ittiin hojjechaa turan walitti guuranii, fuula hunduma isaanii duratti guban.” (Hojii Ergamootaa 19:19) Kiristiyaanonni kun kitaabota ittiin qoricha namatti godhan ofirraa fageessuudhaan namoota hafuurota hamoorraa fagaachuu barbaadaniif fakkeenya ta’aniiru. Namoonni Yihowaa tajaajiluu barbaadan wantoota hojii hafuurota hamoo wajjin walitti dhufeenya qaban kamiyyuu ofirraa fageessuu qabu. Kunis kitaabota, barruulee, fiilmiiwwan, fakkiiwwan waaqeffannaatiif tajaajilan, kaaseettota hojiin hafuurota hamoo gaariifi kan nama gammachiisan godhanii dhiheessan kamiyyuu ofirraa fageessuu dabalata. Kana malees, hamaarraa nu eegu jechuudhaan wantoota akka kudhaamaatiin gargaaramuurraa fagaachuu qabna.—1 Qorontos 10:21.
15. Hafuurota hamoo ofirraa ittisuuf maal gochuu qabna?
15 Kiristiyaanonni magaalaa Efesoon kitaabasaanii erga gubanii waggoota muraasa booda Phaawulos: “Nuyi . . . macca hafuurota hamminaa . . . wajjin wal’aansoo wal qabna” jechuudhaan isaaniif barreessee ture. (Efesoon 6:12) Hafuuronni hamoon ammayyuu abdii hin kunne. Aboo qabaachuuf carraaqqii godhan hin dhiisne. Kanaafuu, Kiristiyaanonni sun tarkaanfii kanaan dura fudhataniin alatti maal gochuu qabu turan? Phaawulos: “Kana hundumaa irrattis amantii akka gaachanaatti fudhadhaa! Isaan xiyya isa hamaa [kan Seexanaa] sanaa, warra boba’aa adeeman dhaamsuu in dandeessu” jechuudhaan deebii kenneera. (Efesoon 6:16) Gaachanni amantii keenya jabaa ta’uunsaa hafuurota hamoo ofirraa ittisuuf nu gargaara.—Maatewos 17:20.
16. Amantaa keenya jabeessuu kan dandeenyu akkamitti?
16 Amantii keenya jabeessuu kan dandeenyu akkamitti? Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaani. Masaraan tokko jabaatee dhaabachuu kan danda’u yoo hundeensaa jabaa ta’edha. Haaluma wal fakkaatuunis amantaan keenya jabina qabaachuu kan danda’u yoo hundee jabaa qabaatedha. Hundeen amantaa keenyaammoo beekumsa sirrii Macaafa Qulqulluurratti hundaa’edha. Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaan kan dubbisnuufi kan qayyabannu yoo ta’e amantaan keenya jabaa ta’a. Amantaa jabaan akkasii akka masaraa jabaa tokkootti miidhaa hafuurota hamoorraa nu eeguu danda’a.—1 Yohannis 5:5
17. Dhiibbaa hafuurota hamoo ofirraa ittisuuf tarkaanfii akkamii fudhachuu qabna?
17 Kiristiyaanonni Efesoon tarkaanfii garabiraa akkamii fudhachuu qabu turan? Magaalaansaanii hojii hafuurota hamootiin kan guutamte waan turteef eegumsa dabalataa argachuun isaan barbaachisa ture. Kanaafuu Phaawulos: “Kadhataa fi himata keessan hundumaa keessatti yeroo hundumaa hafuuraan geggeeffamaatii kadhadhaa!” isaaniin jedheera. (Efesoon 6:18) Nuyis kan jiraannu addunyaa gochawwan hafuurota hamootiin guutame keessa waan ta’eef, dhiibbaa hafuurota hamoo ofirraa ittisuu akka dandeenyutti Yihowaan akka eegumsa nuu godhuuf, jabeessinee kadhachuun keenya baay’ee barbaachisaadha. Yeroo kadhannaa goonutti, maqaa Yihowaatiin gargaaramuu qabna. (Fakkeenya 18:10, NW) Kanaafuu, Waaqayyo ‘isa hamaarraa’ jechuunis Seexanarraa akka nu eeguuf kadhachuu keenya itti fufuu qabna. (Yohannis 17:15) Yihowaan kadhannaa garaa guutuudhaan dhihaate akkasiitiif deebii ni kenna.—Faarfannaa 145:19.
18, 19. (a) Qabsoo hafuurota hamoo wajjin goonurratti injifannoo akka argannu mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu maaliifi? (b) Boqonnaa itti aanurratti gaaffii isa kamtu deebii argata?
18 Hafuuronni hamoon baay’ee cimoodha; haata’u malee, Diiyaabilosiin kan morminuufi jaalala Waaqayyoo raawwachuudhaan garasaatti kan dhihaannu yoo ta’e hafuurota hamoo kana sodaachuu hin qabnu. (Yaaqoob 4:7, 8) Humni hafuurota hamoo kan murtaa’edha. Bara Nohitti kan adabaman yeroo ta’u gara fuulduraattimmoo murtoo dhumaatu isaanitti murama. (Yihudaa 6) Kana malees eegumsa ergamoota Waaqayyoo akka argannu yaadadhu. (2 Mootota 6:15-17) Ergamoonni Waaqayyoo kun hafuurota hamoo kana ofirraa ittisuu danda’uun keenya baay’ee isaan gammachiisa. Ergamoonni qajeeloo ta’an kun nu jajjabeessaa jiru jechuu ni dandeenya. Kanaafuu, Yihowaafi qaamawwan hafuuraa amanamoo maatii Yihowaa ta’anii wajjin jabinaan haa deddeebinu. Gochawwan hafuurota hamoo kamirraayyuu fagaachuudhaan yeroo hundaa gorsa Sagalee Waaqayyoorratti argannu hojiirra haa oolchinu. (1 Phexros 5:6, 7; 2 Phexros 2:9) Kana yoo goone, qabsoo hafuurota hamoo wajjin goonurratti injifannoo akka argannu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.
19 Haata’u malee, Waaqayyo hafuurota hamoofi gocha hammeenyaa ilmaan namootaarra rakkina guddaa geessisaa jiran hanga yoonaatti balleessuu kan dhiise maaliifi? Gaaffiin kun boqonnaa itti aanurratti deebii argata.
a Mulʼata 5:11 waa’ee ergamoota qajeeloo ta’anii ilaalchisee akkas jedha: “Lakkoobsi isaaniis kumaatama, kuma kumaatamaas ture.” Kanaafuu, Macaafni Qulqulluun ergamoonni miliyoona dhibbaan lakkaa’aman akka uumaman dubbata.