MATA DUREE QOʼANNAA 28
Wal Morkii Kakaasuu Irraa Fagaachuudhaan Nagaa Babalʼisaa!
“Egaa wal morkii kakaasuu fi walitti hinaafuudhaan of tuuluu haa dhiisnu.”—GAL. 5:26.
FAARFANNAA 101 Tokkummaadhaan Waliin Hojjechuu
QABIYYEEa
1. Miirri wal morkii namoota irratti dhiibbaa akkamii geessisuu dandaʼa?
NAMOONNI addunyaa yeroo harʼaatti argamu keessa jiraatan hedduun ofittummaadhaan kakaʼanii wal morkatu. Fakkeenyaaf, daldalaan tokko daldaltoota kaan caalaa milkaaʼina argachuu waan barbaaduuf, wantoota namoota kaan irratti miidhaa geessisu raawwachuu dandaʼa. Atleetiin tokko tapha ispoortii irratti injifannoo argachuuf jecha, taʼe jedhee atleetii garee biraa keessa jiru miidhuu dandaʼa. Barataan Yuunivarsitii beekamaa taʼe keessaatti barachuu barbaadu tokko immoo qormaata biyyoolessaa hatuu dandaʼa. Nuti garuu Kiristiyaanota waan taaneef amalli akkasii dogoggora akka taʼe beekna; amalli akkasii kutaa “hojiiwwan foonii” ti. (Gal. 5:19-21) Haa taʼu malee, tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko utuu isaanitti hin beekamin wal morkii kakaasuu dandaʼuu? Miirri wal morkii akkasii gumicha waan qoqqooduuf gaaffii kana irratti yaaduun keenya barbaachisaa dha.
2. Mata duree kana keessatti waaʼee maalii mariʼanna?
2 Mata duree kana keessatti amaloota gaarii hin taanee fi obboloota keenya gidduutti miirri wal morkii akka jiraatu godhan irratti mariʼanna. Waaʼee dhiirotaa fi dubartoota amanamoo bara duriitti turanii fi keessa galuu irraa of qusataniis ni ilaalla. Jalqaba garuu, wantoota keessa akka gallu nu gochuu dandaʼan irratti haa mariʼannu.
OF QORAA
3. Gaaffiiwwan kamfaa of gaafachuu qabna?
3 Yeroo hundumaa of qoruun keenya gaarii dha. Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Miirri gaariin kan natti dhagaʼamu yeroon warra kaan akkan caalu yaadutti qofa dhaa? Gumii keessatti jabaadhee kanan hojjedhu nama hundumaa, yoo xinnaate obboleessa ykn obboleettii tokko caaluu waanan barbaaduufi moo, Yihowaadhaaf wanta hunda irra caalu kennuu waanan barbaaduufi? Gaaffiiwwan kana of gaafachuu kan qabnu maaliifi? Mee wanta Dubbiin Waaqayyoo jedhu haa ilaallu.
4. Akkuma Galaatiyaa 6:3, 4 irratti ibsame warra kaanii wajjin wal bira of qabuu irraa fagaachuu kan qabnu maaliifi?
4 Kitaabni Qulqulluu nama kan biraa wajjin wal bira of qabuu irraa akka fagaannu nu gorsa. (Galaatiyaa 6:3, 4 dubbisi.) Maaliifi? Sababiin inni tokko, obboloota keenya akka caallu yoo nutti dhagaʼame kooruu waan dandeenyuufi. Sababiin kan biraan immoo, warri kaan akka nu caalaan yoo nutti dhagaʼame abdii kutachuu waan dandeenyuufi. Ilaalchi lamaanuu sammuu fayyaa akka qabnu kan argisiisu miti. (Rom. 12:3) Obboleettiin Kaatriinaab jedhamtuu fi Giriik keessa jiraattu, “Yeroo baayʼee namoota na caalaa bareedan, na caalaa tajaajila irratti buʼa qabeeyyii taʼanii fi namoota michoota horachuu irratti na caalan wajjin wal biran of qaba ture. Kanaan kan kaʼes gatii akkan hin qabne natti dhagaʼama ture” jetteetti. Haa taʼu malee, Yihowaan gara isaatti kan nu harkise miidhagina, dandeettii dubbachuu ykn beekamtii waan qabnuuf utuu hin taʼin, isa jaallachuu fi Ilma isaa dhagaʼuuf fedhii waan qabnuuf akka taʼe yaadachuu qabna.—Yoh. 6:44; 1 Qor. 1:26-31.
5. Muuxannoo obboleessa keenya Haayoon irraa maal baratta?
5 ‘Nagaa uumuudhaan moo warra kaanii wajjin walitti buʼuudhaanan beekama?’ jennees of gaafachuu dandeenya. Mee muuxannoo obboleessa keenya Haayoon isa Kooriyaa Kibbaa keessa jiraatuu haa ilaallu. Obboloota mirga tajaajilaa qaban akka morkattoota isaatti ilaala ture. “Obboloota kana nan qeeqa, yeroo baayʼees wanta isaan dubbatan irratti walii hin galun ture” jedheera. Kun hoo maal geessise? Haayoon, “Amalli koo kun gumicha qoqqoodee ture” jechuudhaan ifatti dubbateera. Achiis michoonni isaa tokko tokko rakkina isaa kana akka hubatu isa gargaaran. Innis sirreeffama barbaachisu gochuudhaan jaarsa gumii gaarii taʼee tajaajilaa jira. Nagaa babalʼisuu mannaa, miirri wal morkii nu keessa akka jiru yoo hubanne dafnee sirreeffama gochuu qabna.
OF TUULUMMAA FI HINAAFFAA IRRAA FAGAADHAA
6. Akka Galaatiyaan 5:26 jedhutti, amaloonni miirri wal morkii akka jiraatu godhan kam faʼi?
6 Galaatiyaa 5:26 dubbisi. Amaloonni miirri wal morkii akka jiraatu godhan kam faʼi? Amalli inni tokko of tuuluu dha. Namni of tuulu ni koora, akkasumas ofittoo dha. Amalli kan biraan immoo hinaaffaa dha. Namni hinaafu ykn goomatu wanta namni tokko qabu argachuuf hawwuu qofa utuu hin taʼin namni sun wanta qabu sana akka dhabus ni barbaada. Kana jechuun nama sanaaf jibba qaba jechuu dha. Kanaafuu, amaloota kana irraa fagaachuuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuu qabna!
7. Miidhaa of tuuluu fi hinaafuun geessisu fakkeenyaan ibsi.
7 Amalli of tuulummaa fi hinaaffaa rirma hundee manaa nyaatuu wajjin wal fakkaachuu dandaʼu. Manni sun baayʼee miidhagaa fakkaatus, rirmaan nyaatameera taanaan yeroo booda kufuun isaa hin oolu. Haaluma wal fakkaatuun, namni tokkos yeroo muraasaaf Yihowaa tajaajiluu dandaʼa. Of tuulummaa fi hinaaffaa irraa yoo fagaachuu baate garuu, kufuun isaa hin oolu. (Fak. 16:18) Yihowaa tajaajiluu isaa waan dhaabuuf, ofii isaas taʼe warra kaan ni miidha. Maarree of tuuluu fi hinaafuu irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?
8. Of tuuluu irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?
8 Gorsa Phaawulos warra Filiphisiyusiif kenne kana yoo hojii irra oolchine of tuuluu irraa fagaachuu ni dandeenya: “Gad of qabuudhaan warri kaan akka isin irra caalan godhaa yaadaa malee, morkiidhaan yookiin of tuulummaadhaan kakaatanii waan tokko illee hin godhinaa.” (Filp. 2:3) Warri kaan akka nu caalaan yoo yaanne namoota dandeettii nu caalaa qabanii wajjin wal hin morkannu. Kanaa mannaa, isaaniif gammanna. Keessumaa dandeettii isaanii kan itti fayyadaman tajaajila Yihowaatiif yoo taʼe immoo baayʼee isaaniif gammanna. Obboloonnii fi obboleettonni dandeettii qabanis gorsa Phaawulos hojii irra yoo oolchan amala gaarii qabnu irratti xiyyeeffatu. Akka kanaan, hundi keenya gumii keessa nagaa fi tokkummaan akka jiraatu gumaacha goona.
9. Hinaaffaa irraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?
9 Hinaaffaa irraa fagaachuuf humna ofii beekuun keenya nu gargaara. Humna keenya beekna taanaan, warra kaan akka caallu argisiisuuf hin yaallu. Kanaa mannaa, namoota dandeettiidhaan nu caalan irraa barachuuf carraaqqii goona. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko gumii keessatti haasaa gaarii yoo dhiheesse, haasaa isaa akkamitti akka qophaaʼe isa gaafachuu dandeenya. Obboleettiin takka nyaata bilcheessuu irratti dandeettii qabdi taanaan, yaada gama kanaan dandeettii keenya fooyyeffachuuf nu gargaaru akka nuuf kennitu ishii gaafachuu dandeenya. Dargaggeessi tokko michoota horachuun isa rakkisa yoo taʼe, nama michoota horachuu irratti milkaaʼina argate gorsa gaafachuu dandaʼa. Akkas yoo goone, hinaaffaa irraa fagaachuu, akkasumas dandeettii keenya fooyyeffachuu dandeenya.
FAKKEENYOTA KITAABA QULQULLUU IRRAA BARADHAA
10. Giidewonin rakkina akkamiitu mudate?
10 Mee wanta Giidewon isa gosa Minaasee taʼee fi namoota gosa Efreem gidduutti uumame yaadi. Giidewonii fi namoonni isaa 300 taʼan gargaarsa Yihowaatiin waraana irratti injifannoo guddaa argatanii turan. Kunis akka kooran isaan gochuu dandaʼa ture. Namoonni Efreem gara isaa ni dhufan; kan dhufan garuu, isa galateeffachuuf utuu hin taʼin isa mormuufi. Giidewon jalqaba irratti waraana diinota Waaqayyoo irratti geggeeffamu irratti akka hirmaatan waan isaan hin waamneef aaranii turan. Ulfina gosa isaanii irratti waan xiyyeeffataniif wanta hunda irra caalu, jechuunis wanta Giidewon maqaa Yihowaatiif ulfina fiduu fi saba isaatiif eegumsa gochuuf raawwate dagataniiru.—Abo. 8:1.
11. Giidewon namoota Efreemiif deebii akkamii kenne?
11 Giidewon gad of qabuudhaan namoota Efreemiin, “Wanta isin gootanii wajjin yeroo wal bira qabamu ani maalan raawwadhe?” jedhe. Achiis fakkeenya Yihowaan akka isaan eebbise argisiisu tokko isaaniif caqase. Yeroo kanatti “isaan ni tasgabbaaʼan.” (Abo. 8:2, 3) Giidewon saba Waaqayyoo gidduutti nagaan akka buʼu gochuuf gad of qabeera.
12. Fakkeenya warra Efreemii fi Giidewon irraa maal baranna?
12 Seenaa kana irraa maal baranna? Fakkeenya warra Efreem irraa ulfina Yihowaa caalaa ulfina keenyaaf iddoo guddaa kennuu akka hin qabne baranna. Warri mataa maatii fi jaarsolii gumii taanes Giidewon irra wanta barachuu dandeenyu qabna. Namni tokko wanta raawwannetti yoo aare maaliif akka aare hubachuuf carraaqqii gochuu qabna. Kana malees, wanta gaarii namni sun raawwateef isa galateeffachuu qabna. Keessumaa namni sun akka dogoggore mirkanaaʼaa taanee utuu jirruu akkas gochuun gad of qabuu gaafata. Nagaa uumuun nuti balleessaa akka hin qabne mirkaneessuu caalaa baayʼee barbaachisaa dha.
13. Haannaa irra rakkinni akkamii gaʼee ture? Rakkina kana kan moote hoo akkamitti?
13 Mee waaʼee Haannaas yaadi. Hannaan namicha Leewwii Elqaanaa jedhamuu fi baayʼee ishii jaallatu tokkotti heerumtee turte. Haa taʼu malee, Elqaanaan haadha manaa Peniinaa jedhamtus qaba ture. Garuu Peniinaa caalaa Haannaa jaallata ture. “Peniinaan ijoollee kan qabdu yeroo taʼu, Haannaan garuu ijoollee hin qabdu turte.” Kanaafuu Peniinaan, Haannaa “aarsuudhaaf yeroo hundumaa ishii tuttuqxi turte.” Maarree yeroo kanatti Haannaatti maaltu dhagaʼame? Hamma “boossuttii fi nyaata lagattutti” baayʼee gadditee turte. (1 Sam. 1:2, 6, 7) Taʼus, Kitaabni Qulqulluun Haannaan karaa taʼe tokkoon haaloo baʼuuf akka yaalte hin dubbatu. Kanaa mannaa, Yihowaan wanta hundumaa akka sirreessu waan amanteef wanta ishiitti dhagaʼamu hundumaa isatti himte. Maarree, ilaalchi Peniinaan Haannaadhaaf qabdu jijjiirameera? Kitaabni Qulqulluun wanta dubbatu hin qabu. Haannaan nagaa sammuu deebistee akka argatte garuu beekna. “Sana booda fuula ishii irratti gaddi hin mulʼanne.”—1 Sam. 1:10, 18.
14. Fakkeenya Haannaa irraa maal baranna?
14 Haannaa irraa maal barachuu dandeenya? Namni tokko karaa taʼe tokkoon siin morkachuu yoo barbaade haala isaa toʼachuu akka dandeessu yaadadhu. Morkii keessa galuu irraa of qusachuu qabda. Hamaa hamaadhaan deebisuu mannaa, nama sanaa wajjin nagaa uumuuf yaali. (Rom. 12:17-21) Namni sun yoo jijjiiramuu baate illee, ati nagaa kee eeggachuu dandeessa.
15. Wanti Apholosii fi Phaawulosiin wal fakkeessu maali dha?
15 Amma immoo Apholosii fi Phaawulos ergamaa irraa maal akka barannu haa ilaallu. Lamaan isaanii iyyuu Kitaabota Qulqulluu akka gaariitti beeku. Lamaan isaanii iyyuu barsiisota beekamoo fi dandeettii guddaa qabani dha. Kana malees, namoonni hedduun barattoota akka taʼan gargaaraniiru. Taʼus, wal hin morkatan turan.
16. Apholos nama akkamii ture?
16 Apholos magaalaa “Iskindiriyaa” ishii jaarraa jalqabaatti wiirtuu barnootaa taate keessatti dhalate. Inni nama dandeettii dubbachuu qabuu fi “Kitaabota Qulqulluu akka gaariitti beeku ture.” (HoE. 18:24) Yeroo Apholos Qorontos keessatti tajaajilaa turetti miseensonni gumichaa tokko tokko Phaawulosiin dabalatee, obboloota kaan caalaa akka isa jaallatan argisiisuu jalqaban. (1 Qor. 1:12, 13) Apholos wal qoqqoodinsa akkasii deggereeraa? Akka hin deggerre ifa dha. Phaawulos, Apholos Qorontosii erga baʼee booda deebiʼee akka dhaqu cimsee isa jajjabeesseera. (1 Qor. 16:12) Phaawulos, Apholos gumicha akka qoqqoode utuu itti dhagaʼameera taʼee matumaa akkas hin godhu ture. Apholos kennaa isaa kana karaa gaarii taʼeen, jechuunis misiraachoo lallabuu fi obboloota isaa cimsuuf akka itti fayyadame beekamaa dha. Kana malees, Apholos nama gad of qabu akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Fakkeenyaaf, yeroo Aqiilaa fi Phirisqiilaan “caalaatti daandii Waaqayyoo sirriitti isaaf [ibsanitti]” akka mufate wanti argisiisu hin jiru.—HoE. 18:24-28.
17. Phaawulos nagaa kan babalʼise akkamitti?
17 Phaawulos ergamaan hojii gaarii Apholos raawwate beeka ture. Taʼus, isatti hin hinaafne. Phaawulos ergamaan gorsa gumii Qorontosiif kenne irratti nama gad of qabu, nama humna isaa beekuu fi nama yaada isaatti hin cichine akka taʼe argisiiseera. Yeroo namoonni “Ani kan Phaawulosi” jedhan gammaduu mannaa, hundi isaanii Yihowaa fi Yesuus Kiristoos irratti akka xiyyeeffatan godheera.—1 Qor. 3:3-6.
18. Qorontos Tokkoffaa 4:6, 7 irratti hundaaʼuudhaan, Apholosii fi Phaawulos irraa maal baranna?
18 Apholosii fi Phaawulos irraa maal barachuu dandeenya? Tajaajila Yihowaa irratti cimnee hojjechuudhaan namoonni hedduun guddina godhanii akka cuuphaman gargaarreerra taʼa. Taʼus, milkaaʼina kam iyyuu kan arganne gargaarsa Yihowaatiin akka taʼe beekna. Apholosii fi Phaawulos irraa wanti barannu kan biraanis jira; yeroo gumii keessatti itti gaafatamummaa qabaannutti nagaa uumuuf wanta dabalataa gochuu dandeenya. Dhiironni muudaman gorsi isaanii Dubbii Waaqayyoo irratti akka hundaaʼu gochuudhaan, akkasumas miseensonni gumichaa isaan irratti utuu hin taʼin, Kiristoos Yesuus isa fakkeenya nuuf taʼu irratti akka xiyyeeffatan gochuudhaan nagaa fi tokkummaa yeroo babalʼisan arguun keenya baayʼee nu gammachiisa.—1 Qorontos 4:6, 7 dubbisi.
19. Hundi keenya iyyuu maal gochuu dandeenya? (Saanduqa, “Wal Morkii Kakaasuu Irraa Fagaadhaa” jedhus ilaali.)
19 Hundi keenya iyyuu kennaa ykn dandeettii Waaqayyo irraa arganne qabna. Kennaa kanas “walii [keenya] tajaajiluuf” itti fayyadamuu dandeenya. (1 Phe. 4:10) Wanti raawwannu baayʼee xiqqoo akka taʼe nutti dhagaʼama taʼa. Taʼus, wanti xinnoon nagaa babalʼisuuf goonu akkuma foʼaawwan qaqalloo uffata walitti hodhuuf gargaaranii ti. Miira wal morkii akkamii iyyuu of keessaa baasuuf haa carraaqnu. Hundi keenya iyyuu gumii keessatti nagaa fi tokkummaa babalʼisuuf wanta dandeenyu hunda gochuuf haa murteessinu.—Efe. 4:3.
FAARFANNAA 80 ‘Gaarummaa Waaqayyoo Miʼeeffadhaa Ilaalaa’
a Akkuma baqaqaan miʼa suphee irra jiru tokko miʼi sun akka cabu godhu, miirri wal morkiis gumiin akka qoqqoodamu godha. Gumiin tokko ciminaa fi tokkummaa hin qabu yoo taʼe, iddoo nagaadhaan Waaqayyoon itti waaqeffatan taʼuu hin dandaʼu. Mata duree kana keessatti wal morkii irraa fagaachuu kan qabnu maaliif akka taʼee fi gumii keessatti nagaa babalʼisuuf maal gochuu akka dandeenyu ilaalla.
b Maqaawwan jijjiiramaniiru.