Tajaajila Yihowaatiif Dursa Kennuu Kan Qabnu Maaliifi?
“Afaan koo qajeelummaa kee in dubbata, . . . fayyisuu kee guyyaa guutuu nan hima.”—FAR. 71:15.
MAAL JETTEE DEEBISTA?
Jireenyi Nohi, Musee, Ermiyaasiifi Phaawulos maalirratti kan xiyyeeffate ture?
Yerookee akkamitti akka itti fayyadamtu beekuuf akkamitti of qoruu dandeessa?
Tajaajila Yihowaatiif dursa kennuuf kan murteessite maaliifi?
1, 2. (a) Namni tokko Yihowaadhaaf of murteessuunsaa maal argisiisa? (b) Filannaa Nohi, Musee, Ermiyaasiifi Phaawulos godhan qoruudhaan faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
YOMMUU of murteessitee cuuphamuudhaan duukaa buutuu Yesus taate tarkaanfii cimaa fudhatteetta. Waaqayyoof of murteessitee cuuphamuunkee murtoo cimaa dhuunfaadhaan gootu hunda kan caaludha. Murtoon kun akkas akka jettetti ilaalama: ‘Yihowaa, jireenyakoo hunda keessatti Gooftaakoo akka taatun barbaada. Ani tajaajilaa keeti. Yerookoo akkamitti itti fayyadamuu, maaliif dursa kennuu, akkasumas qabeenyaafi dandeettiikoo akkamitti itti fayyadamu akkan qabu akka naa murteessitun barbaada.’
2 Kiristiyaana of murteessite taanaan Yihowaadhaaf waadaa akkasii galteetta jechuudha. Murtoo akkasii gochuunkee sirriifi ogummaarratti kan hundaaʼe waan taʼeef galateeffatamuu qabda. Haataʼu malee, akkaataa itti yerookeetti fayyadamtuu wajjin haala wal qabateen, Yihowaan Gooftaakee akka taʼu gochuu jechuun maal jechuudha? Fakkeenyi Nohi, Musee, Ermiyaasiifi Phaawulos gaaffii kanaaf deebii argachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Namoonni kun garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajilaa turan. Haalli keenyas kansaanii wajjin wal fakkaata. Wanta jireenyasaanii keessatti iddoo guddaa kennaniif ilaalchisee murtoon isaan godhan, yeroo keenya akkamitti itti fayyadamaa akka jirru qoruuf nu kakaasuu dandaʼa.—Mat. 28:19, 20; 2 Xim. 3:1.
BISHAAN BADIISAA DURA
3. Yeroon keenya, kan bara Nohii wajjin kan wal fakkaatu akkamitti?
3 Yesus barri Nohiifi yeroon keenya akka wal fakkaatu ibseera. “Bara Nohitti akkuma ture, bara dhufa ilma namaattis akkasuma in taʼa” jedhee ture. “Hamma gaafa Nohi markabatti galetti, namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turan. Isaan hamma gaafa bishaan badiisaa dhufee hunduma isaanii haree sokketti, utuu hin beekin [turan].” (Mat. 24:37-39) Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduunis yeroon keenya ariifachiisaa taʼuusaa xiyyeeffannaa keessa hin galchan. Akeekkachiisa tajaajiltoonni Waaqayyoo labsaniif xiyyeeffannaa hin kennan. Namoonni baayʼeen akkuma warra bara Nohi turanii, Waaqayyo dhimma namootaa keessa ni gala yaada jedhutti ni qoosu. (2 Phe. 3:3-7) Taʼus, Nohi namoota jibba isaaf qaban gidduutti yeroosaatti kan fayyadame akkamitti ture?
4. Nohi erga Yihowaan itti gaafatamummaa isaaf kennee booda yeroosaa akkamitti itti fayyadame? Maaliif?
4 Nohi maal gochuu akka qabu Waaqayyo erga isatti himeefi itti gaafatamummaa erga kenneefii booda, namootaafi bineeldota badiisarraa oolchuuf markaba ijaareera. (Uma. 6:13, 14, 22) Nohi firdii Yihowaan fudhachuuf jedhus labsaa ture. Phexros ergamaan “isa qajeelina lallabu” jedhee waamuudhaan, Nohi namoonni haalli isaan keessa jiran sodaachisaa taʼuusaa akka hubatan gargaaruuf carraaqqii gochaa turuusaa ibseera. (2 Phexros 2:5 dubbisi.) Nohiifi maatiinsaa hojiisaanii babalʼifachuu, namoota kaan caalanii argamuu ykn jireenya qananii jiraachuurratti utuu xiyyeeffataniiru taʼee gaarii ture jettee yaaddaa? Akka hin yaanne beekamaadha! Wanta fuulduratti dhufu hubachuudhaan wantoota yaadasaanii hihhiranirraa fagaataniiru.
FILANNAA NAMNI ILMA MOOTII GIBXII TAʼE TOKKO GODHE
5, 6. (a) Barumsi Museen barate maaliif kan isa qopheessu taʼuu dandaʼa? (b) Museen carraa Gibxi keessatti isaaf baname fudhachuu kan dide maaliifi?
5 Ittaansuudhaan fakkeenya Musee haa ilaallu. Museen nama intalli Faraʼon mana mootummaa Gibxootaa keessatti guddifatte ture. Dargaggeessa mootii taʼuuf kaadhimame waan taʼeef, “ogummaa warra Gibxii hundumaa” barsiifamee ture. (HoE. 7:22; Bau. 2:9, 10) Barumsi kun kan isaaf kenname, hojii mana mootummaa Faraʼoon keessatti hojjetamuuf isa qopheessuuf taʼuu hin oolu. Museen mootummaa beekamaa yeroo sana ture kana keessatti iddoo guddaa qabaachuu, jireenya qananii jiraachuu, mirga addaa argachuufi faayidaa aangoon akkasii isaaf argamsiisu qabaachuu dandaʼa ture. Haataʼu malee, Museen kaayyoo wantoota kana argachuu qaba turee?
6 Museen leenjii warrasaarraa argateen, Yihowaan akaakiliisaa kan turan Abrahaam,Yisihaqiifi Yaaqoobiin maal akka abdachiise beekee kan ture fakkaata. Museen abdiiwwan kanarratti amantii akka qabu argisiiseera. Jireenyasaa gara fuulduraafi Yihowaadhaaf amanamaa taʼuurratti of eeggannoodhaan yaadee taʼuu qaba. Kanaaf filannoon mootii Gibxii taʼuu ykn akka Israaʼelootaa garba taʼuu yommuu isaa dhihaatu maal murteesse? Museen, “Yeroo gabaabduudhaaf cubbuu keessa jiraatee gammaduu irra, saba Waaqayyoo wajjin rakkina jala jiraachuu foʼate.” (Ibroota 11:24-26 dubbisi.) Booda jireenyasaatti akkamitti fayyadamuu akka qabu ilaalchisee qajeelfama Yihowaan isaa kenne hordofeera. (Bau. 3:2, 6-10) Museen akkas kan godhe maaliifi? Abdii Waaqayyo kennetti waan amaneef ture. Sana booda Gibxi keessa jiraachuu akka hin qabne murteesseera. Dhugumayyuu, sabni Gibxii utuma hin turin, dhaʼicha kurnan Waaqayyo fideen rukutamaniiru. Namoonni yeroo harʼaa Yihowaadhaaf of murteessan seenaa kanarraa barumsa maalii akka argatan hubatteettaa? Hojii ykn gammachuu sirni kun nuu argamsiisu kamirrattiyyuu utuu hin taʼin, Yihowaafi tajaajilasaarratti xiyyeeffachuu qabna.
ERMIYAAS WANTA DHUFUUF JIRU BEEKEERA
7. Haalli Ermiyaas, haala keessa jirruu wajjin kan wal fakkaatu akkamitti?
7 Namni tajaajila Yihowaatiif dursa kenne garabiraanimmoo Ermiyaas raajichadha. Yihowaan, Ermiyaas raajii taʼee firdii Yerusaalemiifi Yihudaa ishee gantuu taaterratti dhufu akka labsu isa muudee ture. Ermiyaas ‘guyyoota gara dhumaa keessa’ jiraachaa ture jechuun ni dandaʼama. (Er. 23:19, 20, NW) Sirni inni keessa jiraachaa ture akkuma jirutti akka itti hin fufne akka gaariitti beekee ture.
8, 9. (a) Ilaalchi Baaruk sirreeffamuun kan isa barbaachise maaliifi? (b) Yeroo karoora baafannu maal yaadachuu qabna?
8 Ermiyaas amantii qabaachuunsaa maal akka godhu isa kakaasee taʼuu qaba? Sirna baduuf jedhu sana keessatti wanta dhaabbataa taʼe qabaachuuf hin yaalle. Utuu akkas godheera taʼee kun gowwummaa guddaa isatti taʼa ture. Barreessaa Ermiyaas kan taʼe Baaruk garuu yeroo muraasaaf ilaalcha sirrii dhabee ture. Kanaaf Waaqayyo, Ermiyaas, “Wantan ijaare nan diiga, wantan dhaabes nan buqqisa; kan akkasii biyya lafaa hundumaa irratti nan hojjedha. Kunoo, ani nama hundumaatti badiisa nan fida, ati immoo ofii keetii isa jalaa baatee wanta guddaa argachuu feetaa ree? Lakkii! Wanta guddaa akkasii hin fedhin! Iddoo dhaqxu hundumaatti garuu miliqxee lubbuu kee akka oolfattu nan godha” jedhee barreessaasaa kanatti akka himu isatti dubbatee ture.—Er. 45:4, 5.
9 ‘Wanti guddaan’ Baaruk ofiisaatiif barbaade maal akka ture sirriitti hin beeknu.a Taʼus, wantoota faayidaa yeroo dheeraa hin qabneefi Dh.K.D. bara 607 yeroo Yerusaalem Baabiloniin balleeffamtetti badan taʼuusaanii beekna. Barumsa kanarraa argannu hubatteettaa? Wantoota jireenyaaf barbaachisan argachuun hamma tokko karoora baafachuu gaafata. (Fak. 6:6-11) Haataʼu malee, wantoota faayidaa yeroo dheeraa hin qabnerratti yeroofi humna ofii dhangalaasuun ogummaadhaa? Jaarmiyaan Yihowaa Galma Mootummaafi waajjiroota damee haaraa ijaaruuf, akkasumas hojiiwwan tiʼookraasii wajjin wal qabatan gara biraa hojjechuuf karoora baafachuusaa akka itti fufu beekamaadha. Hojiiwwan kun garuu kan hojjetaman fedhii Mootummichaa babalʼisuuf jecha waan taʼeef, faayidaansaanii yeroo dheeraadhaaf kan turudha. Namoonni Yihowaadhaaf of murteessan hundis yommuu karoora baafatan wantoota dursi kennamuufii qabu adda baasanii beekuunsaanii barbaachisaadha. Kanaaf, ‘duraan dursitee yaadakee mootummaa Waaqayyoofi qajeelummaasaa barbaaduutti hidhaa’ jiraachuukee mirkanaaʼaa taateettaa?—Mat. 6:33.
“KUN HUNDINUU ANAAF WAAN GATAME TAʼEERA”
10, 11. (a) Phaawulos Kiristiyaana taʼuusaa dura maalirratti xiyyeeffachaa ture? (b) Kaayyoon Phaawulos guutummaatti kan jijjiirame maaliifi?
10 Mee ammammoo fakkeenya Phaawulos haa qorru. Gara Kiristiyaanummaatti jijjiiramuusaa dura, gara fuulduraatti carraa guddaa kan qabu fakkaata ture. Barsiisaa beekamaa barasaatti turerraa seera Yihudootaa barateera. Angafa lubootaa Yihudootaarraas aboo argatee ture. Kana malees, Yihudoota barasaatti turan hedduu caalaa amantii Yihudootaa keessatti dammaqinaan hirmaachaa ture. (HoE. 9:1, 2; 22:3; 26:10; Gal. 1:13, 14) Taʼus, Phaawulos Yihowaan saba Yihudootaa eebbisaa akka hin jirre yommuu hubatu, wanti kun hundi ni jijjiirame.
11 Phaawulos, hojiin inni sirna Yihudootaa keessatti hojjetu, akka ilaalcha Yihowaatti gatii kan hin qabneefi yeroo dheeraafi kan itti hin fufne taʼuusaa hubatee ture. (Mat. 24:2) Phaawulos, jireenya Fariisii taʼuudhaan dabarse, jireenya haaraa kaayyoo Waaqayyoo hubachuufi mirga tajaajilaa argachuudhaan jiraatuu wajjin walbira qabuudhaan akka ‘waan gatametti’ akka ilaalu ibseera. Phaawulos hojii sirna Yihudootaa keessatti hojjetu dhiisuudhaan, sana booda jireenyasaa hafe hundumaa misiraachoo labsuuf itti fayyadameera.—Filiphisiiyus 3:4-8, 15 dubbisi; HoE. 9:15.
WANTA DURSA KENNITANIIF QORAA
12. Yesus erga cuuphamee booda maalirratti xiyyeeffate?
12 Nohi, Musee, Ermiyaas, Phaawulosiifi namoonni akkasaanii hedduun, yeroofi humnasaanii gara caalaasaa Yihowaa tajaajiluurratti dabarsaniiru. Namoonni kun fakkeenya gaarii nuu taʼu. Tajaajiltoota Yihowaadhaaf of murteessan keessaa hunda kan caalu Yesus Kiristos akka taʼe beekamaadha. (1 Phe. 2:21) Yesus erga cuuphamee booda, jireenyasaa misiraachoo labsuufi Yihowaa kabajuuf itti fayyadameera. Kiristiyaanni Yihowaan Gooftaasaa akka taʼetti ilaalu tokko, jireenyasaa keessatti isa tajaajiluuf dursa kennuu akka qabu kanarraa ifatti hubachuu dandaʼa. Atoo akkas gochaa jirtaa? Sochiiwwan tiʼookraasii, hojiiwwan jireenyaaf barbaachisaa taʼanii wajjin wal madaalichisuun kan dandaʼamu akkamitti?—Faarfannaa 71:15; 145:2 dubbisi.
13, 14. (a) Kiristiyaanonni of murteessan hundi maal akka yaadan jajjabeeffamaniiru? (b) Sabni Waaqayyoo gammachuu akkamii argachuu dandaʼu?
13 Kiristiyaanonni qajeelchaa taʼuu dandaʼuufi dhiisuusaanii ilaalchisee kadhannaadhaan akka irratti yaadan, jaarmiyaan Yihowaa waggoota dheeraadhaaf jajjabeessaa tureera. Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan hedduun sababii garaagaraatiin, hojii lallabaarratti saʼaatii 70 dabarsuuf haallisaanii hin heyyamuuf. Haataʼu malee, kana utuu hin godhin hafuusaaniitti of ceephaʼuu hin qaban. (1 Xim. 5:8) Atoo haallikee akkami? Dhuguma qajeelchaa taʼuun humnakee ol kan taʼedha?
14 Gammachuu guddaa sabni Waaqayyoo tibba Ayyaana Yaadannoo waggaa kana kabajametti argatanirratti yaadi. Jiʼa Bitootessaatti saʼaatii 30 ykn 50 tajaajiluudhaan qajeelchaa gargaaraa taʼuuf qophiin addaa godhamee ture. (Far. 110:3) Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman qajeelchaa gargaaraa kan taʼan siʼa taʼu, gumiiwwanis gammachuu guddaa argataniiru. Haalakee mijeessuudhaan caalaatti gammachuu akkasii argachuu dandeessaa? Kiristiyaanni Yihowaadhaaf of murteesse tokko guyyaa guyyaadhaan, “Yihowaa, si tajaajiluuf waan naa dandaʼame hunda raawwadheera” jechuu dandaʼuunsaa gammachuu guddaa isaaf argamsiisa.
15. Barumsa biyya lafaa ilaalchisee dargaggoonni maal gochuu qabu?
15 Barumsakee xumuruu jala geesseetta taanaan, fayyaa gaarii kan qabduufi itti gaafatamummaa hedduun sirra hin jiru taʼa. Maarree, qajeelchaa taʼuuf akka gaariitti irratti yaaddeettaa? Gorsitoonni mana barumsaa garaa qulqulluudhaan kakaʼanii barumsa sadarkaa olaanaa barattee hojii hojjechuun akka si fayyadu akka sitti himan hin shakkisiisu. Taʼus, gorsisaanii haala hawwaasummaafi sirna qarshii isa yeroo dheeraa hin turrerratti kan hundaaʼedha. Faallaa kanaatiin, hojii tiʼookraasii hordofuun faayidaa dhugaa kan qabuufi yeroo dheeraadhaaf kan itti fufudha. Kana malees, fakkeenya Yesus isa mudaa hin qabnee hordofuuf si gargaara. Murtoo ogummaarratti hundaaʼe akkasii gochuun gammachuu siif argamsiisa. Akkasumas eegumsa siif taʼa. Waadaa Yihowaadhaaf of murteessuudhaan galte eegdee jiraachuuf akka murteessites kan argisiisudha.—Mat. 6:19-21; 1 Xim. 6:9-12.
16, 17. Hojiifi sochii hafuuraa wajjin haala wal qabateen gaaffiiwwan kamfaatu kaʼa?
16 Tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiran hedduun wantoota maatiisaaniitiif barbaachisan dhiheessuuf saʼaati dheeraa hojjetu. Tokko tokko garuu hamma barbaachisu caalaa saʼaatii dheeraa hojjetu. (1 Xim. 6:8) Addunyaan daldalaa, miʼoota hedduu inni oomishuufi gabaarratti dhihaatan yoo qabaanne malee jiraachuu akka hin dandeenye nu amansiisuuf waan isaa dandaʼame hundaa gochaa jira. Haataʼu malee, Kiristiyaanonni dhugaan maaliif dursa kennuu akka qaban, addunyaan Seexanaa akka isaanii murteessu hin barbaadan. (1 Yoh. 2:15-17) Obboloonni soorama baʼan qajeelchaa taʼanii tajaajila Yihowaatiif dursa kennuu caalaa, karaan yeroosaanii akka gaariitti itti fayyadamuu dandaʼan jiraa?
17 Namoonni Yihowaadhaaf of murteessan hundi akkas jedhanii of gaafachuu dandaʼu; ‘Jireenyakoo keessatti kaayyoonkoo inni guddaan maalidha? Fedhii Mootummichaatiif dursa kennan jiraa? Amala Yesus fedhiisaa aarsaa gochuudhaan argisiise hordofaan jiraa? Gorsa Yesus yeroo hundaa akka isa duukaa buunu kenne hordofaan jiraa? Hojii Mootummicha labsuu ykn sochii tiʼookraasii gara biraarratti saʼaatii dabalataa dabarsuuf sagantaakoo sirreessuu nan dandaʼaa? Haalli ani keessa jiru tajaajilakoo babalʼifachuuf kan naa hin heyyamne yoo taʼellee, amala fedhii ofii aarsaa gochuu horachaan jiraa?’
‘FEDHA QABAACHUUFI HOJJECHUU’
18, 19. Waaʼee maalii kadhachuu dandeessa? Kadhannaan akkasii Yihowaa kan gammachiisu maaliifi?
18 Hinaaffaa sabni Waaqayyoo qaban arguun kan nama gammachiisudha. Haataʼu malee obboloonni tokko tokko haallisaanii isaaniif heyyamus, qajeelchaa taʼuu akka hin dandeenye ykn gaʼumsa akka hin qabne isaanitti dhagaʼama. (Bau. 4:10; Er. 1:6) Kanaaf maal gochuu qaburee? Dhimma kana kaasanii kadhachuunsaanii sirrii mitii? Sirriidha. Phaawulos, “Waaqayyo akka akeeka isaa isa gaariitti hojjechuudhaaf fedha akka qabaattaniif, akka hojjettaniifis isin gidduutti in hojjeta” jedhee namoota hidhata amantiisaa taʼanitti dubbateera. (Filp. 2:13) Tajaajilakee babalʼifachuuf kakaʼumsa hin qabdu taanaan, fedhaafi dandeettii akka sii kennuuf Yihowaa gaafadhu.—2 Phe. 3:9, 11.
19 Nohi, Musee, Ermiyaas, Phaawulosiifi Yesus namoota Yihowaadhaaf bulan turan. Yeroofi humnasaanii ergaa Yihowaa isa akeekkachiisa qabu labsuuf itti fayyadamaniiru. Yaannisaanii akka hihhiramu hin heyyamne. Badiisni sirna kanaa waan dhihaateef, jireenya keenya Waaqayyoof kan murteessine hundi, fakkeenyota Caaffata Qulqullaaʼoo keessa jiran kana hordofuuf carraaqqii cimaa gochaa akka jirruufi akka hin jirre mirkaneessuun keenya barbaachisaadha. (Mat. 24:42; 2 Xim. 2:15) Kana gochuudhaan Yihowaa gammachiisna, akkasumas eebba guddaa arganna.—Miilkiyaas 3:10 dubbisi.
[Miiljalee]
a Kitaaba, Dubbii Waaqayyoo Karaa Ermiyaas Nuuf Kenname jedhamu fuula 104-106 ilaali. (Ingiliffa)
[Fakkii fuula 21rra jiru]
Namoonni akeekkachiisa Nohiif xiyyeeffannaa hin kennine
[Fakkii fuula 24rra jiru]
Qajeelchaa taʼuuf akka gaariitti irratti yaaddeettaa?