‘Haasaan Keessan Yeroo Hundumaa Akka Soogiddaa Miyaa’aa Haata’u’
1 “Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu, akka soogiddaas miyaa’aa haa ta’u; namaaf immoo adduma addaan deebii isaaf deebisuun ta’u beekaa!” (Qol. 4:6) Haasaa keenya akka soogiddaa miyaa’aa gochuu jechuun, jechoota sirrii filachuufi haala nama nu dhaggeeffatu gammachiisuun dubbachuu jechuudhaa. Yeroo tajaajilarratti hirmaannu kana gochuun baay’ee barbaachisaadha.
2 Fakkeenya Yesus: Yesus yommuu boolla bishaanii qarqaratti aara galfachaa ture, dursa fudhatee dubartii Samaariyaa bishaan waraabbachuu dhufte tokko haasofsiiseera. Dubartiin kun haasaasaanii keessatti diinummaa Yihudootaafi warra Samaariyaa gidduu ture yeroo hedduu caqasteetti. Kana malees, Yihudoonni, warri Samaariyaa ormarraa dhalatan kan jedhan yoo ta’eyyuu, warri Samaariyaa Yaaqoobrraa dhalachuusaanii akka amantu dubbatteetti. Yesus, wanta isheen dubbatte mormuu mannaa, wanta irratti walii galanirratti xiyyeeffate. Kanaan kan ka’es, wanta isheefis ta’e jiraattota magaalattii gargaaru dubbachuu danda’eera.— Yoh. 4:7-15, 39.
3 Yommuu lallabnu kaayyoon keenya, “misiraachoo wanta gaarii labsuu” akka ta’e yaadatti qabachuu qabna. (Rom. 10:15) Nama tokkoof Macaafa Qulqulluu keessaa yaada nama gammachiisuufi jajjabeessu hirra malee, wanta inni amanu akka morminu akka isatti dhaga’amu gochuu hin qabnu. Wanta dogoggora ta’e yoo dubbates, yeruma sana dafnee dogoggorasaa sirreessuuf yaaluu hin qabnu. Wanta inni dubbate keessaa wanti irratti walii galluu ykn garaadhaa isa galateeffachuuf sababii nuu ta’u jiraa? Tarii caqasa tokko itti argisiisuudhaan, “Wanti kun dhuguma ni raawwatama jettee yaaddee beekta?” jechuu dandeenya.
4 Namichi kan nama arrabsu ykn falmii akka barbaadu kan argisiisu yoo ta’ehoo? Wanta dubbannuunis ta’e amala keenyaan gaarummaafi garraamummaa argisiisuu keenya itti fufuu qabna. (2 Xim. 2:24, 25) Namichi ergaa Mootummichaatiif fedhii hin qabu yoo ta’e, malaan isa dhiisnee deemuun keenya gaariidha.—Mat. 7:6; 10:11-14.
5 Bu’aawwan Gaarii: Obboleettiin tokko dubartii ollaashee jiraattuuf lallabuu yommuu yaaltetti dubartiin kun aartee ishee arrabsite. Obboleettiin keenya amala gaariidhaan, “Waan akkas sitti dhaga’ameef nan gadda. Guyyaa gaarii siif haa ta’u” jette. Torban lama booda dubartiin kun mana obboleettii kanaa dhaquudhaan, ishee arrabsuusheetif dhiifama kan gaafatte yommuu ta’u, amma wanta isheen jettu dhaga’uuf fedhii kan qabdu ta’uushee dubbatteetti. Deebiin kabajaan kennamu yeroo baay’ee bu’aa gaarii argamsiisa.—Fak. 15:1; 25:15.
6 Yommuu misiraachoo lallabdan dubbiin keessan akka soogiddaa kan miyaa’e akka ta’u gochuuf carraaqqii godhaa. Namni tokko yeroo sanatti ergaa kana dhaga’uu kan hin barbaanne yoo ta’ellee, yeroo gara biraa Dhugaa Baatonni Yihowaa manasaa yommuu dhaqan caalaatti ni dhaggeeffata ta’a.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
1. Haasaa keenya akka soogiddaatti mi’eessuu jechuun maal jechuudhaa?
2. Yesus dubartii Samaariyaa tokkoof dhugaa ba’uu kan danda’e akkamitti?
3. Tajaajilarratti fakkeenya Yesus hordofuu kan dandeenyu akkamitti ?
4. Namni tokko kan nama arrabsu yoo ta’e maal gochuu qabna?
5. Obboleettiin tokko kabajaan deebii kennuudhaan bu’aa gaarii kan argatte akkamitti?
6. Tajaajilarratti dubbii akka soogiddaa miyaa’etti fayyadamuu kan qabnu maaliif?