Yihowaan Ol Si Qaba
“Waaqayyo siree dhukkubaa irratti ol isa in qaba.”—FAR. 41:3.
1, 2. Yeroo tokko tokko maal jennee yaadna? Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu keessa jiran kam faʼitu gara sammuu keenyaatti dhufa?
‘DHUKKUBA kana irraa nan fayyaa laata’ jettee yaaddee beektaa? Tarii immoo miseensi maatii ykn michuun jaallattu dhukkuba tokko irraa ni fayyaa laata? jettee yaaddofta taʼa. Namni tokko dhibee fayyaa cimaa taʼeen yommuu qabamu akkasitti yaaddaʼuun waanuma jiru dha. Bara Eliyaasii fi Elsaaʼi raajota turanittis mootonni lama akkuma kana yaaddaʼanii turan. Ilma Ahaabii fi Iizaabel kan taʼe Ahaaziyaa Mootichi kufaatii gadhee waan kufeef, ‘Dhukkuba kana irraa nan fayyaa laata?’ jedhee gaafatee ture. Yeroo booda immoo Ben-Hadaad mootiin Sooriyaa akka malee waan dhukkubsateef, ‘Dhukkuba kana irraa nan fayyaa laata?’ jedhee gaafatee ture.—2 Mot. 1:2; 8:7, 8.
2 Ofii keenyaafis taʼe namoota isaaniif yaannuuf wanti gaariin akka taʼu hawwuun keenya dogoggora hin qabu. Taʼus namoonni baayʼeen Waaqayyo namoota kana gargaaruuf maal akka godhu yaadu. Bara mootonni sun turanitti Waaqayyo jireenyaa fi fayyaa namootaa wajjin haala wal qabateen yeroo tokko tokko dinqii hojjeteera. Yihowaan karaa raajota isaa, duʼaa kaʼuun akka raawwatamu godheera. (1 Mot. 17:17-24; 2 Mot. 4:17-20, 32-35) Haa taʼu malee, Yihowaan yeroo keenyatti wanta akkasii ni hojjeta jennee eeguuf sababii qabnaa?
3-5. Waaqayyoo fi Yesus humna akkamii qabu? Kunoo gaaffiiwwan akkamii kaasa?
3 Waaqayyo fayyaa nama tokkoo irratti jijjiirama fiduuf humna akka qabu hin shakkisiisu. Kitaabni Qulqulluunis kana ni mirkaneessa. Namoota akka Faraʼoon isa bara Abrahaamitti turee fi booda immoo Miiryaam obboleettii Musee dhukkubaan adabeera. (Uma. 12:17; Lak. 12:9, 10; 2 Sam. 24:15) Israaʼeloonni yoo amanamoo taʼuu baatan, Waaqayyo ‘dhukkubaa fi dhaʼichaan’ akka isaan rukutu isaan akeekkachiisee ture. (Kes. 28:58-61) Karaa gara biraa immoo Yihowaan dhukkuba balleessuu ykn akka hin dhukkubsanne gochuu ni dandaʼa. (Bau. 23:25; Kes. 7:15) Namoota fayyisuus ni dandaʼa. Iyoob akka malee dhukkubsatee duʼuu erga hawwee booda, Waaqayyo isa fayyiseera.—Iyo. 2:7; 3:11-13; 42:10, 16.
4 Eeyyee, Waaqayyo nama dhukkubsate tokko gargaaruu fi dhukkuba sana irraa isa fayyisuuf humna akka qabu beekamaa dha. Ilmi isaas akkana gochuu ni dandaʼa. Yesus namoota dhukkuba nadaayiitiin qabaman, warra dhukkuba gaggabdoo qabanii fi qaroo dhabeeyyii taʼan, ykn lamshaaʼan dinqiidhaan akka fayyise ibsameera. (Maatewos 4:23, 24 dubbisi; Yoh. 9:1-7) Dinqiin Yesus fayyisuudhaan hojjete, wanta inni addunyaa haaraa keessatti balʼinaan hojjetuuf fakkeenya taʼuu isaa beekuun baayʼee kan nama jajjabeessu dha. Yeroo sanatti, “namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru.”—Isa. 33:24.
5 Haa taʼu malee, Waaqayyo ykn Yesus yeroo ammaatti dinqiidhaan ni fayyisu jennee eeguu qabnaa? Dhukkuba cimaa ykn hirʼina qaamaatiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Wanti gochuu qabnu hoo maali dha?
SIREE DHUKKUBAA IRRATTI OL ISA QABA
6. ‘Kennaa fayyisuu’ isa Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa tokko tokko argatan ilaalchisee maal beekna?
6 Waaqayyo Kiristiyaanonni dibamoon jaarraa jalqabaatti turan tokko tokko dinqii akka hojjetan isaan gargaaree akka ture Kitaaba Qulqulluu irraa baranneerra. (HoE. 3:2-7; 9:36-42) ‘Kennaawwan gara garaa’ hafuura qulqulluu keessaa tokko ‘kennaa warra dhukkubsatan fayyisuu’ ture. (1 Qor. 12:4-11) Haa taʼu malee, kennaawwan kunii fi kennaawwan gara biraan kan akka qooqa hin beekneen dubbachuu fi raajii dubbachuu jiran yeroo gabaabaa keessatti hafuuf jiru turan. (1 Qor. 13:8) Kennaawwan kun yeroo harʼaa hin jiran. Kanaaf Waaqayyo dinqii raawwachuudhaan nuunis taʼe namoota jaallannu ni fayyisa jennee eeguuf sababii hin qabnu.
7. Faarfannaan 41:3 yaada nama jajjabeessu akkamii qabateera?
7 Taʼus yoo dhukkubsanne, akkuma waaqeffattoota dhugaa kanaan dura turanii, Waaqayyo jajjabina, ogummaa fi deggersa akka nuuf kennu isa gaafachuu dandeenya. Daawit Mootichi, “Namni isa dadhabaadhaaf yaadu haa gammadu! Waaqayyo guyyaa hamaatti isa in oolcha; Waaqayyo isa in eega, jireenyas in kennaaf” jedhee barreesseera. (Far. 41:1, 2) Namni bara Daawititti jiraatee fi nama dadhabeef yaadu tokko bara baraaf jiraachuu isaa akka itti hin fufne beekna. Kanaaf Daawit namni haala kanaan namootaaf yaadu tokko dinqiidhaan jiraachuu isaa itti fufuudhaan bara baraaf jiraata jechuu isaa hin turre. Jechoonni geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman kun Waaqayyo nama amanamaa warra kaaniif yaadu ni gargaara jechuu akka taʼan hubachuu dandeenya. Akkamitti? Daawit, “Waaqayyo siree dhukkubaa irratti ol isa in qaba, fayyisees siree dhukkubaa irraa isa in kaasa” jechuudhaan ibseera. (Far. 41:3) Eeyyee, namni isa dhabaadhaaf yaadu tokko, Waaqayyo isas taʼe amanamummaa inni argisiise akka argu mirkanaaʼaa taʼuu ni dandaʼa. Qaamni isaa inni Waaqayyo isaaf kennee fi ofiin of haaromsuu dandaʼu sun akka fooyyaʼus taʼe dhukkuba isaa irraa akka fayyu isa gargaaruu dandaʼa.
8. Akka Faarfannaan 41:4 jedhutti Daawit Yihowaan maal akka isaaf godhu gaafatee ture?
8 Daawit muuxannoo isaa irraa kaʼuudhaan, “Ani immoo, ‘Yaa Waaqayyo, anaaf ooʼi, ani si duratti cubbuu hojjedheera, na fayyisi!’ jedhee kadhadheera” jedhee dubbateera. (Far. 41:4) Daawit yaada kana kan barreesse yeroo Abiishaalom teessoo isaa fudhachuuf yaalettii fi inni immoo dhukkubsachaa waan tureef dhimma kanaaf furmaata kennuu hin dandeenye sana yaadatee taʼuu dandaʼa. Daawit dhiifama Waaqayyoo kan argate taʼus, cubbuu Baati-Sheebaa wajjin hojjetee fi rakkina sababii kanaan itti dhufe hin irraanfanne. (2 Sam. 12:7-14) Taʼus, mootichi Waaqayyo siree dhukkubaa isaa irratti akka ol isa qabu mirkanaaʼaa ture. Haa taʼu malee, Daawit Waaqayyo dinqiidhaan akka isa fayyisuu fi umurii isaa akka isaaf dheeressu gaafachaa turee?
9. (a) Haalli Daawit isa kan Hisqiyaas Mootichaa irraa adda kan ture akkamitti? (b) Daawit Waaqayyo maal akka isaaf godhu eeguu dandaʼa ture?
9 Waggoota hedduu booda garuu, Waaqayyo Hisqiyaas Mooticha isa “dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture” fayyisuu filateera. Waaqayyo haala adda taʼe kana keessatti dhimma sanaaf furmaata kenneera. Kanaan kan kaʼes, Hisqiyaas fayyee waggaa 15niif jiraateera. (2 Mot. 20:1-6) Haa taʼu malee, Daawit Waaqayyo dinqiidhaan akka isa fayyisu hin kadhanne. Yaanni naannoo isaa jiru Daawit, Yihowaan akkuma nama warra dhabaniif yaadu sana gargaare isas akka gargaaru kadhachuu isaa ture. Kun immoo ‘siree dhukkubaa isaa’ irratti ol qabamuu kan dabalatu dha. Daawit cubbuun isaa waan isaaf dhiifameef, Waaqayyo akka isa jajjabeessuu fi akka isa deggeru, akkasumas dandeettiin qaamni isaa qabu fayyuuf akka isa gargaaru kadhachuu dandaʼa. (Far. 103:3) Nutis akkasuma gochuu dandeenya.
10. Muuxannoo Xrofimoosii fi Ephafrodixos irraa maal hubachuu dandeenya?
10 Akkuma Daawit dinqiidhaan fayyee umuriin isaa isaaf hin dheeranne, Xrofimoos inni warra Phaawulosii wajjin hojjetan keessaa tokko taʼes dinqiidhaan fayyee umuriin isaa isaaf hin dheeranne. Yeroo tokko tokko Phaawulos namoota dhukkubsatan fayyisuuf humna akka argate beekna. (Hojii Ergamootaa 14:8-10 dubbisi.) ‘Abbaa Phophliiʼos isa dhukkuba dhagna gubaa fi dhukkuba garaa kaasaatiin dhukkubsatee ciisaa ture’ fayyiseera. Phaawulos, “Waaqayyoon kadhateefii, harka isaa mataa namichaa irra kaaʼee, isa fayyise.” (HoE. 28:8) Taʼus Phaawulos Xrofimoos isa tajaajila misiyoonummaa irratti isaa wajjin deemaa tureef akkana hin goone. (HoE. 20:3-5, 22; 21:29) Xrofimoos dhukkubsatee yommuu Phaawulosii wajjin deemuu dadhabetti, ergamaan kun isa hin fayyisne; kanaa mannaa, akka inni fayyuuf Miilexositti isa dhiise. (2 Xim. 4:20) Haaluma wal fakkaatuun, yeroo Ephafrodixos akka malee “dhukkubsatee duʼee oole” Phaawulos michuu isaa isa gaarii kana fayyisuuf dinqiiwwan tokko tokko akka raawwate wanti argisiisu hin jiru.—Filp. 2:25-27, 30.
TARKAANFII SIRRII FUDHADHU
11, 12. Luqaas Phaawulosiif gargaarsa kennuu kan dandaʼe maaliifi? Waaʼee gaʼumsa Luqaas maal jechuu dandeenya?
11 “Luqaas ogeessi qorichaa inni jaallatamaan” inni kitaaba Hojii Ergamootaa barreesses Phaawulosii wajjin deemaa ture. (Qol. 4:14; HoE. 16:10-12; 20:5, 6) Luqaas, Phaawulosiif waaʼee fayyaa gorsa kennee, akkasumas Phaawulosiifis taʼe namoota hojii misiyoonummaa irratti isaa wajjin hojjechaa turaniif yaalii fayyaa godhee ture jennee yaaduun keenya sirrii dha. Luqaas kana gochuun kan isa barbaachise maaliifi? Sababiin isaas Phaawulos illee yeroo deemsa irra turetti dhukkubsatee waan tureefi. (Gal. 4:13) Yaada Yesus, “Namoonni fayyaan ogeessa qorichaa hin barbaadan, dhukkubsatootatu barbaada malee” jedhee dubbatee wajjin haala wal simuun Luqaas yaalii fayyaa kennuu dandaʼa ture.—Luq. 5:31.
12 Kitaabni Qulqulluun Luqaas barumsa yaalii fayyaa eessatti ykn yoom akka fudhate hin ibsu. Phaawulos gaʼee Luqaas ogeessa fayyaa taʼuudhaan qabu Kiristiyaanota Qolosaayis keessa jiranitti kan dubbate, Kiristiyaanonni sun waan isa beekaniif akka taʼe yaadni kennameera. Naannoo Lodooqiyaatti manni barumsaa fayyaa kan ture taʼuun isaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisu dha. Kanas taʼe sana Luqaas ogeessa fayyaa ture malee, nama leenjii hin qabnee fi akkasumaan waaʼee yaalii fayyaa yaada kennu hin turre. Kanas fayyaa ilaalchisee jechoota addaa Luqaas Wangeela isaa keessattii fi Hojii Ergamootaa keessatti itti fayyadame irraa, akkasumas akkaataa inni dinqii Yesus warra kaan fayyisuuf hojjete itti ibse irraa hubachuun ni dandaʼama.
13. Fayyaa ilaalchisee yaada sirrii akkamii kennuun ni dandaʼama?
13 Amma kan jiraannu yeroo Kiristiyaanni michuu keenya taʼe tokko, ‘kennaa fayyisuutti’ fayyadamee nu fayyisuu dandaʼu keessa miti. Haa taʼu malee, obboloonni nuuf yaadan tokko tokko waaʼee fayyaa keenyaa tola yaada nuu kennu. Dhugaa dha namni tokko yaada walii galaa hojii irra oolu nuu kennuu dandaʼa. Phaawulos tarii bishaan naannoo sanaa faalamaa waan tureef taʼuu dandaʼa, yeroo Ximotewos garaan isa dhukkubetti akkana godheera.a (1 Ximotewos 5:23 dubbisi.) Haa taʼu malee kun, Dhugaa Baatuun obboleessa keenya taʼe tokko baala, qoricha ykn nyaata buʼa qabeessa hin taane ykn yeroo tokko tokko miidhaa geessisuu dandaʼu akka fudhatu amansiisuuf yaaluu irraa adda dha. Yeroo tokko tokko namoonni tokko tokko yaada akka armaan gadii jiruun warra kaan amansiisuuf yaalu: ‘Firri koo dhukkuba akkasii waan qabuuf qoricha . . . fudhatee ni fayye.’ Yaanni kun hammam iyyuu garaa qulqulluudhaan yoo kenname, qorichi ykn yaaliin fayyaa balʼinaan hojii irra oolu illee miidhaa guddaa qabaachuu akka dandaʼu yaadachuun keenya gaarii dha.—Fakkeenya 27:12 dubbisi.
OF EEGGANNOON BARBAACHISAA DHA
14, 15. (a) Namoonni tokko tokko dhukkuba namoota kaanii irraa maal argachuuf carraa gaarii akka taʼetti ilaalu? (b) Fakkeenyi 14:15 yaalii fayyaa wajjin haala wal qabateen nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?
14 Nuti Kiristiyaanonni jireenyatti gammaduu fi tajaajila Waaqayyoo irratti guutummaatti hirmaachuuf jecha fayyaa qabaachuuf hawwii sirrii taʼe qabna. Haa taʼu malee, akkuma dhukkubsachuu keenya irraa mulʼachaa jiru mudaa dhaalle qabna. Yommuu dhukkubsannu, yaalii fayyaa adda addaa gochuu ni dandeenya. Namni hundi yaalii fayyaa isa kam akka fudhatu filachuuf mirga qaba. Kan nama gaddisiisu, addunyaa ofittoo taʼe kana keessatti, namoonni dhukkubni namaa carraa qarshii isaaniif argamsiisu akka taʼe godhanii itti fayyadaman jiru. Namoonni tokko tokko dubbii sobaa dubbachuu ykn ragaa sobaa dhiheessuudhaan, “yaalii fayyaa” ykn “qoricha” gurguru. Namoonni ykn dhaabileen kaan immoo, buʼaa guddaa argachuuf jecha qorichawwan gatii guddaa qaban fayyadamuun barbaachisaa akka taʼe ibsu. Dhukkubsataa boqonnaa barbaaduuf ykn karaa itti umurii isaa dheereffatu barbaaduuf, “qorichi” akkasii gaarii itti fakkaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee gorsa Dubbiin Waaqayyoo, “Namni wallaalaan dubbii hundumaa amana, namni hubataan garuu lafa dhaqu in ilaallata” jechuudhaan nuu kennu irraanfachuu hin qabnu.—Fak. 14:15.
15 “Namni hubataan” ‘dubbiin’ ykn yaanni sun keessumaa nama gaʼumsa hin qabne tokko irraa yoo dhufe of eeggannoo godha. “Namni hubataan” akkana jedhee yaada: ‘Namichi kun vaayitaaminiin, baalli ykn nyaanni kun nama tokko gargaareera jedhee dubbata; haa taʼu malee namoonni wanti kun dhugaa taʼuu isaa mirkaneessan jiruu? Namni hundi tokko miti. Kanaaf wanti kun akka na gargaaru amanuuf sababii gaʼaan jiraa? Qorannaa dabalataa gochuun ykn namoota gama kanaan leenjiʼan ykn gaʼumsa akka qaban beekaman mariisisuun qabaa?’—Kes. 17:6.
16. Yaalii fayyaa gochuu ilaalchisee gaaffiiwwan kam qoruun keenya ‘ogummaa fi beekumsa’ akka qabnu argisiisuuf nu gargaara?
16 Qorannaa ykn yaalii fayyaa akkamii gochuu akka qabnu yommuu murteessinu ‘ogummaa fi beekumsatti’ fayyadamuun nu barbaachisa. (Lal. 2:26) Namni ‘ogummaa fi beekumsa’ qabu tokko ibsi mala yaalii fayyaa sana ilaalchisee kennamu yommuu adda ykn iccitii fakkaatutti hubannaa isaatti fayyadamuu qaba. Namni qoricha sana qopheessu ykn beeksisu sun qorichi sun akkamitti akka hojjetu ibsa gaʼaa kennuu dandaʼaa? Dhugaa beekamaa taʼee wajjin wal simaa? Namoonni gaʼumsa qaban hedduun qorichi kun fudhatama akka qabu godhanii ilaaluu? (Fak. 22:29) Moo akkasumaan miira namaa kan hawwatu dha? Tarii qorichichi qorannoo ammayyaa jalaa kan dhokatee fi bakka fagootti kan argame ykn kan itti hojjetame akka taʼe dubbatama taʼa. Wanti jedhame kun ragaa qabatamaa qabaa ykn sirrii fakkaataa? Meeshaawwan ykn malawwan yaalii fayyaa tokko tokko, ‘wantoota iccitii taʼan’ ykn ‘sirna qaamaatti’ akka fayyadaman ibsamu. Waaqayyo ‘falfalatti’ fayyadamuu fi ekeraa dubbisuu irraa akka fagaannu waan akeekkachiiseef yaanni akkanaa of eeggannoo guddaa gochuu akka qabnu argisiisa.—Isa. 1:13; Kes. 18:10-12.
“NAGAATTI JIRAADHAA!”
17. Hawwii sirrii taʼe akkamii qabaachuu qabna?
17 Qaamni ol aanaan jaarraa jalqabaa xalayaa barbaachisaa tokko gumiiwwaniif ergee ture. Xalayichi wantoota Kiristiyaanonni irraa fagaachuu qaban erga ibsee booda, “Kana hundumaa irraa yoo of eeggattan gaarii dha; nagaatti jiraadhaa!” jechuudhaan xumura. (HoE. 15:29) Jechoonni dhumaa xumura irratti galan kun, “cimoo taʼaa” jedhamanii hiikamuus ni dandaʼu. Nutis yommuu Waaqa keenya isa guddaa tajaajillu ‘nagaatti jiraachuu’ fi cimoo taʼuu akka barbaannu beekamaa dha.
18, 19. Addunyaa haaraa keessatti maal abdiidhaan eeggachuu dandeenya?
18 Sirni kun hamma jiruttii fi nutis cubbamoota hamma taanetti dhukkubsachuun keenya waan hin oolle dha. Yeroo ammaatti dinqiidhaan fayyina jennee eeguu hin dandeenyu. Haa taʼu malee, Mulʼanni 22:1, 2 guutummaatti yeroon itti fayyinu akka dhufu ni ibsa. Yohaannis ergamaan, “laga bishaan jireenya namaaf kennu,” akkasumas ‘muka jireenya namaaf kennuu’ fi baalli isaa “saba biyya lafaa fayyisu” mulʼataan argeera. Taʼus, kun yeroo ammaattis taʼe gara fuulduraatti baala qoricha taʼu kam iyyuu kan argisiisu miti. Kanaa mannaa, qophii Yihowaan karaa Yesus Kiristoos ilmaan namootaa ajajamoo taʼaniif jireenya bara baraa kennuuf godhe kan argisiisu siʼa taʼu, kun immoo wanta hawwiidhaan eeggachuu dandeenyu dha.—Isa. 35:5, 6.
19 Yeroo gara fuulduraa dinqisiisaa taʼe sana yommuu eeggannutti, Yihowaan yeroo nuti dhukkubsannutti illee tokkoo tokkoo keenyaaf dhuunfaatti akka yaadu beekna. Nutis akkuma Daawit, Waaqni keenya yeroo dhukkubsannu hundumaatti akka ol nu qabu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Kanaaf nutis akkuma Daawit, “Ani balleessaa malee waanan argamuuf, ati ol qajeelchitee na qabda, bara baraanis of dura na dhaabda” jechuu dandeenya.—Far. 41:12.
a Kitaabni Maddaa fi Seenaa Wayinii Durii jedhamu gabaasa akkana jedhu baaseera: “Maaykiroobonni taayfooyidii fi dhukkuboota gara biraa ciccimoo taʼan geessisan wayinii keessa yommuu seenan battalumaan akka duʼan qorannoodhaan mirkanaaʼeera.”