MATA DUREE QOʼANNAA 26
Guyyaa Yihowaa Qophaaʼoo Taʼaa Eegaa
“Guyyaan Yihowaa akkuma hattuun halkaniin dhufutti [dhufa].”—1 TAS. 5:2.
FAARFANNAA 143 Hojjechuu fi Eeggachuu Keessan Itti Fufaa
QABIYYEEa
1. Guyyaa Yihowaarraa ooluuf maal gochuu qabna?
KITAABA QULQULLUU keessatti yaanni ‘guyyaa Yihowaa’ jedhu yeroo itti Yihowaan diinota isaarratti murtii dabarsuu fi saba isaatiif fayyina argamsiisu argisiisa. Yihowaan bara duriitti saboota tokko tokkorratti murtii dabarseera. (Isa. 13:1, 6; His. 13:5; Sef. 1:8) Bara keenyatti “guyyaan Yihowaa” haleellaa Baabilon Guddittiirratti banamuun jalqaba, achiis waraana Armaagedooniin xumurama. “Guyyaa” sanarraa ooluuf amma qophaaʼuu qabna. Yesuus ‘rakkina guddaa’ ‘qophaaʼoo taanee eeguu’ akka qabnu dubbateera; kunis wanta itti fufiinsa qabu argisiisa.—Mat. 24:21; Luq. 12:40.
2. Tasalonqee Tokkoffaarraa faayidaa argachuu dandeenya kan jennu maaliifi?
2 Phaawulos ergamaan xalayaa jalqabaa warra Tasalonqeetiif barreesserratti guyyaa guddaa Yihowaan murtii itti dabarsu qophaaʼoo taʼanii akka eeganiif Kiristiyaanota gargaaruuf jecha fakkeenyota garaa garaatti fayyadameera. Phaawulos guyyaan Yihowaa yeroo sanatti akka hin dhufne beeka ture. (2 Tas. 2:1-3) Taʼus, akkuma waan guyyaan sun boru dhufutti guyyichaaf akka qophaaʼan obboloota isaa jajjabeesseera; nutis gorsa isaa hojiirra oolchuu dandeenya. Mee ibsa Phaawulos, (1) guyyaan Yihowaa kan dhufu akkamitti akka taʼe, (2) guyyaa sanarraa kan hin oolle eenyufaa akka taʼan, akkasumas (3) guyyaa sanaaf qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalchisee kenne haa ilaallu.
GUYYAAN YIHOWAA KAN DHUFU AKKAMITTI?
3. ‘Guyyaan Yihowaa akkuma hattuun halkaniin dhufutti dhufa’ jechuun maal jechuudha? (Fakkichas ilaali.)
3 “Akkuma hattuun halkaniin dhufutti.” (1 Tas. 5:2) Fakkeenyota dhufaatii guyyaa Yihowaa ilaalchisee dubbate sadan keessaa kun isa jalqabaati. Hattoonni yeroo baayʼee hojii isaanii kan hojjetan saffisaani, kan dhufanis dukkana keessa yeroo namoonni hin eegnettidha. Guyyaan Yihowaas kan dhufu akkuma tasaati; kunis namoonni baayʼeen akka naʼan godha. Kiristiyaanonni dhugaanillee wantoonni tokko tokko saffisa guddaadhaan jijjiiramuun isaanii isaan ajaaʼibsiisuu dandaʼa. Taʼus, hamootarraa haala adda taʼeen badiisni nurra hin gaʼu.
4. Guyyaan Yihowaa ciniinsuu wajjin kan wal fakkaatu karaa kamiini?
4 “Akkuma ciniinsuun dubartii ulfaa qabutti.” (1 Tas. 5:3) Dubartiin ulfaa takka yeroo sirrii ciniinsuun itti ishii jalqabu dursitee beekuu hin dandeessu. Ciniinsuun ishii qabuun isaa akka hin oolle garuu beekti. Ciniinsuun akkuma tasaa jalqaba, dhukkubbii cimaa qaba, dhaabsisuunis hin dandaʼamu. Haaluma wal fakkaatuun, nutis guyyaa fi saʼaatii guyyaan Yihowaa itti jalqabu hin beeknu. Taʼus, akka dhufu beekna; murtiin Waaqayyo hamootarratti dabarsu akkuma tasaa dhufa, jalaa miliquunis hin dandaʼamu.
5. Rakkinni guddaan barii wajjin kan wal fakkaatu karaa kamiini?
5 Akkuma bariitti. Fakkeenyi Phaawulos inni sadaffaanis hattoota halkan keessa hatan caqasa. Yeroo kanatti garuu Phaawulos guyyaa Yihowaa bariitti fakkeesseera. (1 Tas. 5:4) Hattoonni halkan dhufan saʼaatiin sokkuu isaa hubachuu dhiisuu dandaʼu. Kanaafuu, akkuma tasaa isaanitti bariʼee saaxilamuu dandaʼu. Rakkinni guddaanis namoota akka hattuu taʼan saaxila; namoonni kun wantoota Waaqayyoon gaddisiisan raawwachuudhaan dukkana keessa jiraachuu isaanii itti fufaniiru. Nuti garuu amaloota Yihowaa gaddisiisanirraa fagaannee “gaarummaa, qajeelummaa fi dhugaa akaakuu hundumaa” duukaa buʼuudhaan guyyichaaf qophaaʼoo taʼuu ni dandeenya. (Efe. 5:8-12) Itti aansuudhaan Phaawulos namoota badiisarraa hin oolle ibsuuf fakkeenyota lamatti fayyadameera.
GUYYAA YIHOWAARRAA KAN HIN OOLLE EENYUFAʼI?
6. Namoonni baayʼeen kan rafan karaa kamiini? (1 Tasalonqee 5:6, 7)
6 ‘Warra rafan.’ (1 Tasalonqee 5:6, 7 dubbisi.) Phaawulos namoota guyyaa Yihowaarraa hin oolle namoota rafanii jiranitti fakkeesseera. Namoonni kun wanta naannoo isaaniitti raawwatamaa jiru ykn yeroon deemuu isaa hin hubatan. Kanaafuu, yeroo wanti baayʼee barbaachisaa taʼe raawwatamutti hubachuus taʼe deebii kennuu hin dandaʼan. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun karaa hafuuraa rafaniiru. (Rom. 11:8) Ragaa “guyyoota dhumaa” keessa jiraachaa akka jirruu fi rakkinni guddaan dhiheenyatti akka jalqabu argisiisu hin amanan. Addunyaa keessatti wantoonni guguddaan yeroo raawwataman namoonni tokko tokko ergaa Mootummichaa dhagaʼuuf fedhii ni qabaatu. Taʼus, baayʼeen isaanii dammaqoo taʼanii itti fufuu mannaa deebiʼanii rafu. Namoonni guyyaan Yihowaa akka dhufu amanan tokko tokkollee guyyichi akka turu isaanitti dhagaʼama. (2 Phe. 3:3, 4) Haa taʼu malee, guyyaadhaa gara guyyaatti dammaqoo taanee itti fufuun keenya baayʼee barbaachisaadha.
7. Namoonni guyyaa Waaqayyootti balleeffaman akkuma namoota machaaʼanii kan taʼan akkamitti?
7 ‘Warra machaaʼan.’ Phaawulos namoota guyyaa Waaqayyootti balleeffaman machooftotatti fakkeesseera. Namoonni machaaʼan wanta naannoo isaaniitti raawwatamuuf dafanii deebii kennuus taʼe murtoo gaarii gochuu hin dandaʼan. Haaluma wal fakkaatuun, namoonni hamoonis akeekkachiisa Waaqayyootiif deebii hin kennan. Kanaa mannaa, daandii badiisatti geessu filatu. Kiristiyaanonni garuu dandeettii hubannaa isaanii akka eeggatanii fi dammaqoo akka taʼan gorfamaniiru. (1 Tas. 5:6) Hayyuun Kitaaba Qulqulluu tokko akka ibsanitti namni dandeettii hubannaa isaa eeggattu “tasgabbaaʼaadha, akkasumas hin naʼu; sirriitti waan yaaduuf murtoo sirrii taʼe gochuu ni dandaʼa.” Tasgabbaaʼuu kan qabnu maaliifi? Dhimmoota siyaasaa ykn dhimmoota hawaasummaa yeroo harʼaatti babalʼatanii jiran keessa akka hin galleefi. Guyyaan Yihowaa dhihaachaa yeroo dhufu, dhimmoota akkasiirratti garee tokko akka deggerru dhiibbaan nurratti godhamu caalaatti dabalaa deema. Taʼus, ‘Deebii akkamiin kenna laata?’ jennee dhiphachuun nu hin barbaachisu. Hafuurri Waaqayyoo akka tasgabboofnuu fi murtoo ogummaarratti hundaaʼe akka goonu nu gargaara.—Luq. 12:11, 12.
GUYYAA YIHOWAATIIF QOPHAAʼUUF MAAL GOCHUU DANDEENYA?
8. Tasalonqee Tokkoffaan 5:8 amaloota dammaqoo taanee itti fufuu fi dandeettii hubannaa keenya eeggachuuf nu gargaaran fakkeenyaan kan ibsu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
8 ‘Uffata qomaa fi baarmeexaa sibiilaa kaaʼadhaa.’ Phaawulos loltoota dammaqoo waraanaaf hidhatanitti nu fakkeesseera. (1 Tasalonqee 5:8 dubbisi.) Loltuun tokko yeroo waraanni jiru hundumaatti qophaaʼaa akka taʼu isarraa eegama. Haalli keenyas akkasuma. Uffata qomaa amantii fi jaalalaa, akkasumas baarmeexaa sibiilaa abdii kaaʼachuudhaan guyyaa Yihowaatiif qophaaʼuu dandeenya. Amaloonni kun baayʼee nu fayyadu.
9. Amantiin keenya eegumsa kan nuuf godhu akkamitti?
9 Uffanni qomaa loltuun tokko uffatu onnee isaatiif eegumsa godha. Amantii fi jaalallis garaa keenya nuuf eegu. Amaloonni kun Waaqayyoon tajaajiluu fi Yesuus duukaa buʼuu keenya itti fufuuf nu gargaaru. Amantii qabaachuun keenya Yihowaan garaa guutuudhaan isa barbaaduuf carraaqqii gooneef akka nu eebbisu mirkanaaʼoo taʼuuf nu gargaara. (Ibr. 11:6) Haala rakkisaa taʼe keessattillee geggeessaa keenya kan taʼe Yesuusiif amanamoo taanee itti fufuuf nu kakaasa. Obboloota utuma ariʼatamni isaanirra gaʼuu ykn rakkina diinagdee dandamatanii amanamummaa isaanii eeganii itti fufanirraa barachuudhaan amantii keenya cimsachuu dandeenya. Fakkeenya obboloota Mootummichaaf dursa kennuuf jecha jireenya isaanii salphisanii hordofuudhaanis balaa jaalalli maallaqaa geessisurraa of eeguu dandeenya.b
10. Jaalalli Waaqayyoo fi namootaaf qabnu lallabuu keenya itti fufuuf kan nu gargaaru akkamitti?
10 Dammaqoo taanee itti fufuu fi dandeettii hubannaa keenya eeggachuuf jaalallis barbaachisaadha. (Mat. 22:37-39) Jaalalli Waaqayyoof qabnu haala mijataa hin taane keessattillee lallabuu keenya itti fufuuf nu gargaara. (2 Xim. 1:7, 8) Namoota amantaa keenya hin hordofneef jaalala waan qabnuuf, lallabuu fi naannoo tajaajilaa keenya hojjechuu keenya itti fufna, bilbilaa fi xalayaadhaanis dhugaa baana. Namoonni dhugaa itti himnu gaaf tokko jijjiirama godhanii wanta sirrii taʼe gochuu akka jalqaban ni abdanna.—His. 18:27, 28.
11. Obboloota keenya jaallachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti? (1 Tasalonqee 5:11)
11 Obboloota keenyas ni jaallanna. ‘Wal jajjabeessuu fi wal ijaaruudhaan’ jaalala walitti argisiisna. (1 Tasalonqee 5:11 dubbisi.) Akkuma loltoota wal deggeranii tajaajilanii nutis wal jajjabeessina. Dhugaadha, loltuun tokko yeroo waraanaatti utuu itti hin yaadin loltuu garee isaa keessa jiru tokko miidhuu dandaʼa; taʼus, taʼe jedhee akkas hin godhu. Haaluma wal fakkaatuun, taʼe jennee obboloota keenya hin miinu ykn hamaa hamaadhaan hin deebisnu. (1 Tas. 5:13, 15) Obboloota gumicha geggeessan kabajuudhaanis jaalala argisiisna. (1 Tas. 5:12) Phaawulos yeroo xalayaa kana barreessetti gumiin Tasalonqee erga hundeeffamee waggaa tokkoyyuu hin guunne ture. Obboloonni gumicha keessatti muudaman muuxannoo kan hin qabne taʼuu hin oolan; tarii dogoggora tokko tokko raawwatanii taʼuu dandaʼa. Taʼus, kabajni isaaniif mala ture. Yeroo rakkinni guddaan dhihaachaa deemu, isa ammaa caalaa qajeelfama jaarsoliin gumii keenyaa nuuf kennanirratti amantii qabaachuun nu barbaachisuu dandaʼa. Yeroo sanatti waajjira muummee fi waajjira dameerraa qajeelfama argachuu dhiisuu dandeenya; kanaafuu, ammuma jaarsolii gumii keenya keessa jiran jaallachuu fi kabajuu barachuu qabna. Wanti yeroo sanatti taʼu maaliyyuu yoo taʼe, dadhabina dhiirota amanamoo taʼan kanaarratti xiyyeeffachuu mannaa, Yihowaan karaa Kiristoos isaan geggeessaa akka jiru yaadachuudhaan dandeettii hubannaa keenya haa eeggannu.
12. Abdiin qabnu yaada keenya kan nuuf eegu akkamitti?
12 Akkuma baarmeexaan sibiilaa mataa loltuu tokkootiif eegumsa godhu, abdiin fayyinaa nuti qabnus yaada keenya nuuf eega. Abdiin keenya cimaa waan taʼeef, wanti addunyaan kun nuuf dhiheessu gatii akka hin qabne ni hubanna. (Filp. 3:8) Abdiin qabnu tasgabbiidhaan jiraachuu keenya itti fufuuf nu gargaara. Waaleesii fi Loorindaan warri Afrikaa keessatti tajaajilan abdii qabaachuun isaanii faayidaa guddaa isaaniif argamsiiseera. Torban sadi keessatti Loorindaan haadha ishii duʼaan dhabde, Waaleesimmoo abbaa isaa duʼaan dhabe. Weerara dhibee Kooviid-19n kan kaʼe maatii isaanii wajjin taʼuuf gara biyya isaaniitti deebiʼuu hin dandeenye. Waalees akkana jedhee barreesseera: “Abdiin duʼaa kaʼuu haala isaan guyyoota dhumaa addunyaa kanaa keessatti dabarsanirratti utuu hin taʼin, haala isaan guyyoota jalqabaa addunyaa haaraa keessatti qabaatanirratti xiinxaluuf na gargaareera. Abdiin kun yeroo gaddi natti dhagaʼamutti tasgabbaaʼuuf na gargaara.”
13. Hafuura qulqulluu argachuuf maal gochuu qabna?
13 “Ibidda hafuuraa hin dhaamsinaa.” (1 Tas. 5:19) Phaawulos hafuura qulqulluu ibidda nu keessa jirutti fakkeesseera. Hafuura Waaqayyoo yeroo qabaannu wanta sirrii taʼe raawwachuuf hinaaffaa fi miira hoʼaa qabaanna, akkasumas Yihowaa tajaajiluuf humna ni qabaanna. (Rom. 12:11) Hafuura qulqulluu argachuuf maal gochuu dandeenya? Hafuura qulqulluu akka nuuf kennu Yihowaa kadhachuu, Dubbii isaa isa geggeessaa hafuura isaatiin barreeffame qoʼachuu, akkasumas jaarmiyaa isaa isa hafuura isaatiin geggeeffamu deggeruu qabna. Akkas gochuun keenya ‘firii hafuuraa’ horachuuf nu gargaara.—Gal. 5:22, 23.
14. Hafuura Waaqayyoo argachuu keenya itti fufuuf maal gochuu qabna? (Fakkichas ilaali.)
14 Waaqayyo hafuura isaa erga nuu kennee booda, ‘ibidda hafuuraa akka hin dhaamsine’ of eeggachuu qabna. Waaqayyo hafuura isaa kan kennu namoota yaannii fi gochi isaanii qulqulluu taʼeef qofadha. Wantoota qulqulluu hin taane kan yaannuu fi kan raawwannu yoo taʼe hafuura isaa nuuf hin kennu. (1 Tas. 4:7, 8) Hafuura qulqulluu argachuu keenya itti fufuuf ‘raajii dubbatamu akka hin tuffannes’ of eeggachuu qabna. (1 Tas. 5:20) Yaanni asirratti “raajii” jedhame ergaa Yihowaan karaa hafuura isaa nuuf kennu argisiisa; kunis ergaa waaʼee guyyaa Yihowaa fi barri keessa jirru ariifachiisaa taʼuu isaa ibsu kan dabalatudha. Armaagedoon umurii keenyatti akka hin dhufne yaaduudhaan guyyicha fageessinee ilaaluu hin qabnu. Kanaa mannaa, guyyaa guyyaadhaan amala gaarii argisiisuudhaan, akkasumas ‘hojiiwwan Waaqayyoof kan bulle taʼuu keenya argisiisan’ hojjechuudhaan guyyicha ariifachiisuu, jechuunis sammuu keenyatti dhiheessinee yaaduu ni dandeenya.—2 Phe. 3:11, 12.
“WAAN HUNDUMAA QORAA MIRKANEEFFADHAA”
15. Odeeffannoo dogoggoraa fi olola jinniiwwaniitiin gowwoomfamuurraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti? (1 Tasalonqee 5:21)
15 Yeroo dhihootti mormitoonni Waaqayyoo, “Nagaa dha, tasgabbii dhas!” jedhanii labsu. (1 Tas. 5:3) Yeroo sanatti ololli geggeessaa hafuura jinniiwwaniitiin dubbatamu lafa ni guuta, namoota hedduus ni dogoggorsa. (Mul. 16:13, 14) Waaʼee keenyahoo maal jechuu dandeenya? ‘Waan hundumaa qorree kan mirkaneeffannu’ yoo taʼe hin gowwoomfamnu. (1 Tasalonqee 5:21 dubbisi.) Jechi Afaan Giriikii “qoraa mirkaneeffadhaa” jedhamee hiikame sibiila gatii guddaa qabu qoruu argisiisuufis itti hojjetameera. Kanaafuu, wanti dhageenyus taʼe wanti dubbisnu dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffachuuf qoruun nu barbaachisa. Warri Tasalonqee akkas gochuun isaan barbaachisee ture; nutimmoo rakkinni guddaan dhihaachaa yeroo dhufu akkas gochuun keenya caalaatti barbaachisaadha. Gowwummaadhaan wanta namoonni jedhan hunda amanuu mannaa, wanta dubbisnus taʼe wanta dhageenyu wanta Kitaabni Qulqulluunii fi jaarmiyaan Yihowaa barsiisu wajjin wal bira qabuuf dandeettii yaaduu keenyatti fayyadamna. Akkas yoo goone olola ykn gowwoomsaa jinniiwwaniitiin hin gowwoomfamnu.—Fak. 14:15; 1 Xim. 4:1.
16. Abdii amansiisaa taʼe akkamii qabna? Nutoo maal gochuuf kutanneerra?
16 Tajaajiltoonni Yihowaa akka gareetti rakkina guddaarraa ni oolu. Dhuunfaatti garuu wanta boru nu mudatu hin beeknu. (Yaq. 4:14) Haa taʼu malee, rakkinni guddaan kan dhufu utuma lubbuudhaan jirruus taʼe erga duunee booda, amanamummaa keenya hamma eeggannetti jireenya bara baraa ni arganna. Dibamtoonni gara samii deemanii Kiristoos wajjin taʼu. Hoolonni kan biroonimmoo lafa jannata taate dhaalu. Hundi keenyayyuu abdii keenya isa dinqisiisaa taʼerratti haa xiyyeeffannu, akkasumas guyyaa Yihowaa qophaaʼoo taanee haa eeggannu.
FAARFANNAA 150 Fayyina Argachuuf Waaqayyoon Barbaaddadhaa
a Tasalonqee Tokkoffaa boqonnaan 5 fakkeenyota waaʼee guyyaa Yihowaa nu barsiisan qabateera. “Guyyaan” Yihowaa maalidha? Kan dhufuhoo akkamitti? Guyyaa sanarraa kan oolan eenyufaʼi? Kan hin oollehoo eenyufaʼi? Guyyaa sanaaf qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti? Mata duree kana keessatti wanta Phaawulos ergamaan dubbatee fi gaaffilee kanaaf deebii taʼu qorra.
b Mata duree walitti aansee baʼuu fi “Fedhiidhaan Of Dhiheessaniiru” jedhu ilaali.