Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Adoolessa 2019
ADOOLESSA 1-7
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | QOLOSAAYIS 1-4
“Isa Moofaa Of Irraa Baasaatii Isa Haaraa Uffadhaa”
(Qolosaayis 3:5-9 dubbisi.)
Hafuura Waaqayyoo Malee Kan Biyya Lafaa Hin Fudhatinaa
12 Amallikoo hafuura isa kam akkan qabu argisiisa? (Qolosaayis 3:8-10, 13 dubbisi.) Hafuurri biyya lafaa hojii foonii jajjabeessa. (Gal. 5:19-21) Dhiibbaa nurratti gochaa kan jiru hafuura isa kam akka taʼe dhugumaan kan beekamu, yeroo wanti hundumtuu gaarii taʼee jirutti utuu hin taʼin, yeroo gaarii hin taanetti fakkeenyaaf, Kiristiyaanni tokko yeroo dantaa nuuf dhabu, yeroo nu aarsu ykn cubbuu nurratti raawwatuttidha. Kana malees, mana keenyatti kophaa keenya yommuu taanu hafuura kamiin geggeeffamaa akka jirru ifa taʼuu dandaʼa. Dhimma kana ilaalchisee hamma tokko of qoruun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. ‘Jiʼoottan jaʼan darbanitti amallikoo caalaatti kan akka Kiristos taʼemoo, dubbiifi amallikoo hamma tokko gara isa gadheetti deebiʼeera?’ jedhii of gaafadhu.
13 Hafuurri Waaqayyoo, ‘namummaa moofaa hojiisaa hundumaa wajjin ofirraa baasuudhaan namummaa haaraa’ uffachuuf nu gargaaruu dandaʼa. Kunis caalaatti jaalalaafi gaarummaa argisiisuuf nu gargaara. Walitti mufachuuf sababii gaʼaa kan qabnu yoo nutti fakkaatellee, dhiifama walii gochuuf kakaana. ‘hadhaaʼummaa, dheekkamsa, aarii, waca, maqaa wal balleessuu’ haala argisiisuun toʼannaa malee dubbachuudhaan jalʼina nurratti raawwatameera jennuuf deebii hin laannu. Kanaa mannaa ‘garaa walii laafuuf’ carraaqqii goona.—Efe. 4:31, 32.
(Qolosaayis 3:10-14 dubbisi.)
Jijjiirama Gootaniittuu?
18 Dubbiin Waaqayyoo jijjiirama barbaachisu gochuuf akka nu gargaaruuf yeroo hundumaa dubbisuudhaan irraa barachuun keenya tarkaanfii isa jalqabaati. Namoonni baayʼeen yeroodhaa gara yerootti Macaafa Qulqulluu ni dubbisu, wanta inni jedhus sirriitti beeku. Tarii tajaajilarratti yeroo hirmaattan namoota akkasii ni argattu taʼa. Keessumaammoo namoonni tokko tokko, caqasoota Macaafa Qulqulluu hedduu yaadaan dubbachuu ni danda’u. Haata’u malee, kun akkaataa yaadaafi jireenyasaaniirratti jijjiirama hin fidu. Wanti isaanitti hirʼatu maalidha? Namni tokko Dubbiin Waaqayyoo dhiibbaa akka isarratti godhuufi akka isa jijjiiru gochuuf, garaasaa keessa akka gadi seenu heyyamuu qaba. (Gal. 6:6) Kanaaf, wanta barachaa jirrurratti xiinxaluuf yeroo ramaduu qabna. Akkas jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Wantin baradhe kun barumsa amantii isa kaanirraa adda akka taʼe nan amanaa? Dhugaa taʼuusaa hubadheeraa? Hunda caalaammoo, wantan baradhe kana warra kaan barsiisuu qofa utuu hin taʼin karaa jireenyakoo keessatti hojiirra oolchuu itti danda’u nan barbaadaa? Yihowaan dhuunfaadhaan akka naa wajjin dubbachaa jirutti natti dhagaʼamaa?’ Gaaffiiwwan akkasiirratti xiinxaluun keenya, keessa keenyatti Yihowaadhaaf iddoo guddaa kennuuf nu gargaara. Akkasumas, jaalalli nuti isaaf qabnu ni guddata. Garaan keenya yoo tuqame, jijjiirama gaarii goona.—Fak. 4:23; Luq. 6:45.
19 Dubbii Waaqayyoo yeroo hunda dubbisuufi irratti xiinxaluun, wanta hamma taʼe raawwanne tokko raawwachuu keenya itti fufuuf jechuunis: ‘namummaa moofaa hojii isaa hundumaa wajjin of irraa baasnee, namummaa haaraa isa karaa [“beekumsa sirrii,” NW] ta’een argamuufi nu haaromsu uffachuu’ keenya itti fufuuf nu kakaasa. (Qol. 3:9, 10) Eeyyee, Dubbii Waaqayyoo wajjin yoo wal barreefi nu jijjiiruu akka danda’u yoo hubanne jireenya milkaaʼina qabu jiraachuu ni dandeenya. Namummaa haaraan Kiristiyaana taʼuudhaan uffannus haxxummaa Seexanaarraa nu eega.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Qolosaayis 1:13, 14 dubbisi.)
it-2-E 169 key. 3-5
Mootummaa Waaqayyoo
“Mootummaa Ilma Isaa Isa Jaallatamaa.” Yesuus gara samii erga deemee guyyaa kudhan booda, jechuunis Dh.K.B. bara 33tti yommuu barattoota isaa irratti hafuura qulqulluu dhangalaasu barattoonni isaa ragaa Yesuus ‘gara mirga Waaqayyootti ol guddifamuu’ isaa argisiisu argataniiru. (HoE 1:8, 9; 2:1-4, 29-33) Kanaafuu ‘kakuu haaraan’ isaan irratti hojjechuu kan jalqabe siʼa taʼu, isaanis “saba qulqulluu” haaraa taʼeef, jechuunis Israaʼel hafuuraatiif buʼuura taʼaniiru.—Ibr 12:22-24; 1Ph 2:9, 10; Gal 6:16.
Amma Kiristoos mirga Abbaa isaa taaʼee jira; akkasumas gumii kanaaf Mataa taʼeera. (Efe 5:23; Ibr 1:3; Flp 2:9-11) Kitaabni Qulqulluun Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetii jalqabee Yesuus barattoota isaa irratti karaa hafuuraa bulchuu akka jalqabe argisiisa. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa Qolosaayis keessa turaniif yeroo barreessu Yesuus Kiristoosiif aangoon mootummaa akka kenname akkana jechuudhaan ibseera: “Waaqayyo aangoo dukkanaa jalaa nu oolchee gara mootummaa Ilma isaa isa jaallatamaatti nu ceesise.”—Qol 1:13; HoE 17:6, 7 wajjin wal bira qabi.
Mootummaan Kiristoos Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetii kaasee Israaʼel hafuuraa, jechuunis Kiristiyaanota hafuura Waaqayyootiin dhalatanii karaa hafuuraa ilmaan Waaqayyoo taʼan irratti bulchaa jira. (Yoh 3:3, 5, 6) Kiristiyaanonni hafuuraan dhalatan kun badhaasa isaanii isa samii yommuu argatan, yeroo sanaa kaasee namoota lafa irratti mootummaa Kiristoos isa hafuuraa jalatti bulan taʼuun isaanii ni hafa; kanaa mannaa samii irratti Kiristoos wajjin mootota taʼu.—Mul 5:9, 10.
(Qolosaayis 2:8 dubbisi.)
Yaadawwan Ijoo Macaafa Galaatiyaa, Efesoon, Filiphisiiyusiifi Qolosaayis
2:8—Wantoonni Phaawulos akka irraa fagaannu nu akeekkachiiseefi “biyya lafaa kana irratti humna qabu jedhamanii sodaataman” maal faʼi? Wantoonni kun, wantoota ykn seerawwan buʼuuraa biyya lafaa kan Seexanaa taʼe kana hundeessaniifi geggeessanidha. (1 Yoh. 2:16) Kunis yaada mataa namootaa keessaa baʼe, qabeenya jaallachuufi amantiiwwan sobaa addunyaa kanaa kan dabalatudha.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Qolosaayis 1:1-20 dubbisi.)
ADOOLESSA 8-14
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 TASALONQEE 1-5
“Wal Jajjabeessuu fi Wal Ijaaruu Keessan Itti Fufaa”
(1 Tasalonqee 5:11-13 dubbisi.)
‘Warra Isin Gidduutti Hojiitti Dadhaban Ulfinaan Ilaalaa’
12 Gumii ‘geggeessuun’ barsiisuu caalaas wanta dabalatu qaba. Jechi 1 Ximotewos 3:4rratti ‘bulchuu’ jedhame, jecha kanaa wajjin hiika wal fakkaatu qaba. Phaawulos jaarsi tokko, “Nama warra mana isaa baʼeessa godhee bulchu, ijoollee isaas ulfina hundumaan abboomamuuf kan guddisu, taʼuun isa irra jira” jechuudhaan dubbateera. Yaanni asirratti ‘bulchuu’ jedhame, ijoolleesaa barsiisuu qofa utuu hin taʼin, maaticha geggeessuudhaan ‘ijoollee abboomaman guddisuus’ kan dabalatudha. Eeyyee, jaarsoliin gumicha geggeessuudhaan miseensonni hundi Yihowaadhaaf akka ajajaman gargaaru.—1 Xim. 3:5.
‘Warra Isin Gidduutti Hojiitti Dadhaban Ulfinaan Ilaalaa’
19 Kennaan addaa tokko utuu isiniif ergamee maal gootu? Kennaa kanatti fayyadamuudhaan akka dinqisiifattan ni argisiistuu? “Dhiironni akka kennaatti” ilaalaman qophii Yihowaafi Yesus Kiristos isinii godhanidha. Karaawwan kennaa kanaaf bakka guddaa akka laattan argisiistan keessaa inni tokko, haasaa jaarsoliin dhiheessan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuufi yaada isaan kennan hojiirra oolchuuf carraaqqii gochuudha. Walgaʼiirratti yaada gaarii kennuudhaanis dinqisiifannaa qabdan argisiisuu dandeessu. Hojii jaarsoliin adda durummaadhaan irratti hirmaatan kan akka tajaajilaa deggeraa. Gorsa jaarsi tokko isiniif kennerraa faayidaa argattaniittu yoo taʼe, kana maaliif itti hin himtan? Kana malees, maatii jaarsolii akka dinqisiifattan maaliif hin argisiistan? Jaarsi gumii tokko dhimmee yommuu hojjetu, maatiinsaa saʼaatii inni isaanii wajjin taʼuu qabu aarsaa gochaa akka jiru yaadadhaa.
(1 Tasalonqee 5:14 dubbisi.)
“Hojii fi Dhugaadhaan Wal Jaallachuu”
13 Warra dadhaboo deggeraa. Jaalala dhugaa qabaachuun keenya gorsa Kitaaba Qulqulluu, “warra dadhaboo akka deggertan, hundumaattis obsa akka argisiistan” jedhuun qoramuu dandaʼa. (1 Tas. 5:14) Namoonni dadhaboo turan booda amantiitti cimoo taʼuu dandaʼu; kaan immoo obsaa fi deggersa wal irraa hin cinne akka isaaniif goonu barbaadu. Kunis yaada Kitaaba Qulqulluu jajjabeessu isaaniif hiruu, nu wajjin akka tajaajilan afeeruu ykn yeroo fudhannee isaan dhaggeeffachuu kan dabalatu taʼuu dandaʼa. Kana malees, Kiristiyaanni tokko “cimaa” ykn “laafaa” akka taʼe akkasumaan yaaduu mannaa, hundi keenya ciminaa fi dadhabina akka qabnu beekuu qabna. Phaawulos ergamaan illee dadhabina akka qabu amanee fudhateera. (2 Qor. 12:9, 10) Kanaaf, hundi keenya deggersa Kiristiyaanonni hidhata keenya taʼan nuuf godhan irraa faayidaa argachuu dandeenya.
Amala Gad Of Deebisuu Fi Gara Laafinaa Argisiisuudhaan Yesusiin Fakkaadhaa
16 Dubbii keenya. Amalli gara laafinaa warra dhiphatanitti ‘karaa nama jajjabeessuun dubbachuuf’ nu kakaasa. (1 Tas. 5:14, NW) Namoota akkasii jajjabeessuuf maal jechuu dandeenya? Garaadhaa akka isaaniif yaadnu itti himuudhaan akkas gochuu ni dandeenya. Amala gaarii fi dandeettii qaban hubachuu akka dandaʼan isaan gargaaruuf, garaadhaa isaan galateeffachuu ni dandeenya. Yihowaan gara Ilma isaatti akka isaan harkisee fi kun immoo isa duratti iddoo guddaa akka qaban kan argisiisu akka taʼe isaan yaadachiisuu qabna. (Yoh. 6:44) Yihowaan tajaajiltoota isaa warra ‘garaan isaanii caccabee fi yaadni isaanii caccabee bullaaʼeef’ garaadhaa akka yaadu isaaniif mirkaneessuu dandeenya. (Far. 34:18) Dubbiin nuti gara laafinaan kakaanee dubbannu, warra jajjabinni isaan barbaachisu jajjabeessuu dandaʼa.—Fak. 16:24.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(1 Tasalonqee 4:3-6 dubbisi.)
it-1-E 863-864
Halalummaa
Halalummaan balleessaa namni tokko gumii Kiristiyaanaa keessaa akka baafamu gochuu dandaʼu dha. (1Qo 5:9-13; Ibr 12:15, 16) Phaawulos ergamaan Kiristiyaanni halalummaa raawwatu tokko qaama hormaataa isaa kaayyoo dogoggoraatiif waan itti fayyadamuuf qaama isaa irratti cubbuu hojjechaa akka jiru ibseera. Namni akkanaa karaa hafuuraa miidhaa cimaatu isa irra gaʼa, gumii Waaqayyoo ni xureessa, akkasumas dhukkuboota saalqunnamtiidhaan daddarbanii fi nama ajjeesuu dandaʼaniif saaxilama. (1Qo 6:18, 19) Kana malees namni kun (1) gumii xureessuu fi salphisuudhaan, akkasumas gumicha irratti arrabsoo fiduudhaan (Ibr 12:15, 16), (2) ejjennoo qulqulluu nama halalummaa wajjin raawwate sanaa balleessuudhaan, namni sun qeenxee yoo taʼe immoo yeroo gaaʼela godhatu qulqulluu akka hin taane gochuudhaan, (3) maqaa gaarii maatiin isaa ejjennoo qulqulluu qabaachuudhaan qabu balleessuudhaan, akkasumas (4) warra, abbaa manaa ykn kaadhima nama halalummaa wajjin raawwate sanaa miidhuudhaan obboleessa isaa irraa buʼaa fudhata. (1Ta 4:3-7) Namni kun namoota warra seerri isaanii halalummaadhaaf dantaa hin qabne utuu hin taʼin, Waaqayyo isa cubbuu isaatiif isa adabu akka tuffatu argisiisa.—1Ta 4:8.
(1 Tasalonqee 4:15-17 dubbisi.)
“Furamuun Keessan Dhiʼaateera”!
14 Goog inni biyya Maagoog saba Waaqayyoo irratti miidhaa geessisuu erga jalqabee booda maaltu raawwatama? Maatewosii fi Maarqos akkana jechuudhaan wanta wal fakkaatu galmeessaniiru: “[Ilmi namaa] immoo ergamoota waaqa irraa ergee, warra Waaqayyoof foʼaman qixa arfanii, andaara lafaatii, andaara bantii waaqaatiis walitti in qaba.” (Mar. 13:27; Mat. 24:31) Hojiin walitti qabuu kun, yeroo jalqaba dibamtoonni itti walitti qabaman kan argisiisu miti; akkasumas, dibamtoota yeroo sana lafa irra jiran irratti mallattoon inni dhumaa godhamuu isaa kan argisiisu miti. (Mat. 13:37, 38) Mallattoon inni dhumaa kun kan godhamu rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura dha. (Mul. 7:1-4) Hojiin walitti qabuu Yesus waaʼee isaa dubbate kun maali dha ree? Yeroo namoota 144,000 keessaa warri lafa irratti argaman badhaasa isaanii isa samii itti argatani dha. (1 Tas. 4:15-17; Mul. 14:1) Kunis kan raawwatamu, Goog inni biyya Maagoog miidhaa geessisuu jalqabee yeroo muraasa booda dha. (His. 38:11) Achiis wanti Yesus, “Warri qajeeltonni mootummaa abbaa isaanii keessatti akka biiftuu in ifu” jechuudhaan dubbate raawwii isaa argata.—Mat. 13:43.
15 Kana jechuun dibamtoonni “ol butamu” jechuu dhaa? Miseensonni Saba Kiristiyaanaa hedduun, akka barumsa kanaatti Kiristiyaanonni qaama fooniitiin lafa irraa gara samiitti akka ol fudhataman amanu. Akkasumas Yesus lafa bulchuuf yeroo deebiʼee dhufu ijaan akka argamu eegu. Haa taʼu malee, Macaafni Qulqulluun, “milikkinni ilma namaa” samii keessatti akka mulʼatuu fi Yesus “duumessoota waaqaa irra” akka dhufu dubbata. (Mat. 24:30) Yaadawwan kun lamaan, Yesus yeroo dhufutti ijaan akka hin mulʼanne argisiisu. Kana malees, ‘foonii fi dhiigaan mootummaa Waaqayyootti galuun’ hin dandaʼamu. Kanaafuu, warri gara samiitti ol fudhataman, ‘malakanni inni dhumaa yommuu afuufamu, battala liphsuu ijaatti geddaramuu’ qabu. (1 Qorontos 15:50-53 dubbisi.) Kanaafuu, yaadni “ol butamuu” jedhu barumsa dogoggoraa wajjin kan wal qabate waan taʼeef iddoo kanatti itti fayyadamuu baannus, dibamtoonni lafa irra jiran yeroo murtaaʼe tokko keessatti walitti qabamu.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(1 Tasalonqee 3:1-13 dubbisi.)
ADOOLESSA 15-21
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 TASALONQEE 1-3
“Mulʼachuu Isa Hamaa Sanaa”
(2 Tasalonqee 2:6-8 dubbisi.)
it-1-E 972-973
Waaqayyoof Buluu
Kun iccitii kan biraa guutummaatti “iccitii qulqulluu” Yihowaa faallessu dha. Iccitiin kun “iccitii jalʼinaa” ti. Bara Phaawulos ergamaan jiraatetti qaamni ‘nama hamaa’ jedhame kun sirriitti waan hin hundoofnee fi eenyummaan isaa ifatti waan hin beekamneef Kiristiyaanota dhugaatiif iccitii ture. ‘Namni’ hamaan kun hammeenya kan raawwatu Waaqayyoof kan bulu fakkeessuudhaan waan taʼeef erga mulʼachuu jalqabee booda illee eenyummaan isaa namoota hedduudhaaf iccitii taʼee itti fufeera. Siruma iyyuu kun Waaqayyoof buluu isa dhugaa ganuu dha. Phaawulos “iccitiin jalʼinaa” kun gumii Kiristiyaanaa keessatti dhiibbaa gadhee waan geessisee fi yeroo booda gantummaa waan fideef bara isaatti hojjechaa akka ture ibseera. Dhuma irratti inni hamaan kun yeroo argamuun Yesuus Kiristoos ifa taʼutti ni balleeffama. ‘Namni’ hamaan Seexanni itti fayyadamuu fi gantuun kun “warra waaqolii jedhaman yookiin wantoota waaqeffataman hundumaa”(Gr., seʹba·sma) gararraatti ol ol of godha. Kanaafuu mormituun Waaqayyoo inni guddaan meeshaa Seexanaa taʼe kun baayʼee kan nama gowwoomsu taʼuu isaa irra iyyuu warra gocha isaa duuka buʼan irratti badiisa fida. “Namni hamaan” kun hammeenya kan raawwatu Waaqayyoof kan bule fakkeessuudhaan waan taʼeef isaaf milkaaʼeera.—2Ta 2:3-12; Mat 7:15, 21-23 wajjin wal bira qabi.
(2 Tasalonqee 2:9-12 dubbisi.)
it-2-E 245 key. 7
Soba
Yihowaan namoonni misiraachoo waaʼee Yesuus Kiristoos ibsu amanuu mannaa ‘soba amanuuf’ filatan, ‘gowwoomsaa nama dogoggorsuun’ akka dogoggoran heyyameera. (2Ta 2:9-12) Dhugaa buʼuuraa kana jaarraawwan hedduu dura yeroo Ahaab mootii Israaʼel turetti wanta raawwatameen ibsuun ni dandaʼama. Miikiyaas inni raajii Yihowaa ture waraana Raamoot-Giilʼaad wajjin godhamu irratti badiisni akka isatti dhufu himaa yeroo turetti, raajonni sobduun garuu Ahaab akka injifatu dubbachaa turan. Mulʼata Miikiyaas arge irratti Yihowaan uumamni hafuuraa tokko afaan raajota Ahaab keessatti “hafuura sobaa” akka taʼu heyyamee ture. Kana jechuun uumamni hafuuraa kun wanta dhugaa taʼe utuu hin taʼin, wanta isaan dubbachuu barbaadanii fi wanta Ahaab isaan irraa dhagaʼuu barbaadu akka dubbatan gochuudhaan humna isaa isaan irratti fayyadameera jechuu dha. Ahaab akeekkachiisni kan isaaf kenname taʼus soba isaaniitiin gowwoomfameera, kunis lubbuu isaa isa dhabsiiseera.—1Mot 22:1-38; 2Sen 18.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(2 Tasalonqee 1:7, 8 dubbisi.)
it-1-E 834 key. 5
Ibidda
Pheexiros ‘samiiwwanii fi lafti yeroo ammaa jiran ibiddaaf kaaʼamanii’ akka jiran barreesseera. Akkaataa galumsa isaa fi caqasoota kan biroo yeroo wal bira qabnee ilaallu, ibiddi kun kallattiidhaan ibidduma kan argisiisu utuu hin taʼin, badiisa bara baraa kan argisiisu akka taʼe hubachuu ni dandeenya. Bishaan Badiisaa bara Nohitti gaʼe kallattiidhaan samii fi lafa utuu hin taʼin namoota Waaqayyoon hin waaqeffanne qofa akkuma balleesse, Yesuus Kiristoos maleekota isaa humna guddaa qaban wajjin ibidda bobaʼuun mulʼachuun isaas sirna hamaa kana irratti, akkasumas namoota Waaqayyoon hin waaqeffannee fi kutaa sirna kanaa taʼan qofa irratti badiisa bara baraa fida.—2Ph 3:5-7, 10-13; 2Ta 1:6-10; Isa 66:15, 16, 22, 24 wajjin wal bira qabi.
(2 Tasalonqee 2:2 dubbisi.)
w86-E 7/15 19 key. 19
Of Eeggadhaa!
19 Yohaannis itti aansee akkamitti of eeggachuu akka qabnu nutti himeera. (1 Yohaannis 4:1 dubbisi.) Hafuura ykn “dubbii geggeessaa hafuuraatiin dubbatame” hundumaa amanuu hin qabnu; kanaa mannaa ‘dubbiin geggeessaa hafuuraatiin dubbatame Waaqayyo biraa kan dhufe taʼuu fi dhiisuu isaa beekuuf qoruu’ qabna. Maaliif? ‘Raajonni sobaa hedduun gara addunyaatti waan baʼaniifi.’ Barsiisonni muraasni nama gowwamsan kun iddoo garaa garaa deemuudhaanii fi gumiiwwan garaa garaa wajjin hariiroo uumuudhaan “barattoota ofitti fudhachuu” kan barbaadan turan. (HoE 20:29, 30; 2 Yoh 7) Kanaafuu namoonni amanamoo taʼan of eeggachuu qabu turan.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(2 Tasalonqee 1:1-12 dubbisi.)
ADOOLESSA 22-28
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 XIMOTEWOS 1-3
“Hojii Gaariidhaaf Carraaqaa”
(1 Ximotewos 3:1 dubbisi.)
Karaa Hafuuraa Guddina Gochuun Si Barbaachisaa?
3 1 Ximotewos 3:1 dubbisi. Jechi afaan Giriikii “carraaquu” jedhamee hiikame, wanta salphaatti bira gaʼuu hin dandeenye qabuuf hiixachuu jechuu dha. Phaawulos ergamaan jecha kanatti fayyadamuudhaan karaa hafuuraa guddina gochuun carraaqqii gochuu akka gaafatu ibseera. Obboleessi tokko gara fuulduraatti gumii keessatti guddina akkamii irra akka gaʼu yaadaa jira haa jennu. Yeroo ammaatti tajaajilaa gumii taʼuu baatus, amalawwan gaggaarii horachuun akka isa barbaachisu hubate. Jalqaba, tajaajilaa gumii taʼuuf carraaqqii godha. Yeroo booda immoo, ilaaltuu ol aanaa taʼee tajaajiluuf karaa hafuuraa gaʼeessa akka taʼu abdata. Gama lamaaniin iyyuu, ulaagaalee gumii keessatti itti gaafatamummaa dabalataa argachuuf barbaachisan guutuuf ciminaan hojjechuu qaba.
(1 Ximotewos 3:13 dubbisi.)
km-E 9/78 4 key. 7
Warra ‘Maqaa Gaarii Qaban’
7 Phaawulos dhiirota akkanaatiin ‘maqaa gaarii kan qaban’ kan jedhe maaliif akka taʼe hubachuun ulfaataa miti. Kun akka namoonni tokko tokko jedhanitti waldaa keessatti aangoo argachuu kan argisiisu miti. Kanaa mannaa tajaajiltoonni gumii “haala gaariidhaan tajaajilan” Yihowaa fi Yesuus irraa eebba, guutummaa gumichaa irraa immoo kabajaa fi deeggarsa akka argatan mirkanaaʼoo akka taʼan kan argisiisu dha. Dhiironni kun afaan guutanii ‘amantii Kiristoos Yesuus irratti qabaniin ija jabina guddaadhaan dubbachuu dandaʼu.’ Itti gaafatamummaa isaaniitiif amanamoodha, tajaajila gaarii isaaniitiif iddoo guddaa kennu; amantii cimaa qabu, akkasumas amantii isaanii sodaa malee labsuu dandaʼu.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(1 Ximotewos 1:4 dubbisi.)
it-1-E 914-915
Hidda Dhalootaa
Dhimmoota akkanaa qoʼachuu fi mariʼachuu irratti hirmaachuun keessumaa immoo yeroo Phaawulos Ximotewosiif barreessetti faayidaa hin qabu ture. Waaqayyo yeroo sanatti Yihudootaa fi warra Yihudoota hin taane gidduu garaagarummaan akkamii iyyuu akka jiraatu waan hin gooneef hidda dhalootaa nama tokkoo mirkaneessuuf galmee hidda dhalootaa qabaachuun barbaachisaa miti. (Gal 3:28) Kana malees galmeen hidda dhalootaa Kiristoos kan karaa Daawit dhufu ifa taʼeera. Phaawulos gorsa kana erga barreessee utuu baayʼee hin turin Yerusaalem galmeewwan Yihudootaa wajjin balleeffamteetti. Waaqayyo galmeewwan kun badiisa irraa akka oolan hin goone. Kanaan kan kaʼes Phaawulos, Ximotewosii fi gumichi waaʼee hidda dhalootaa amantii Kiristiyaanaatiif homaa hin fayyadnee qoruudhaan yeroo gubuu fi wal falmuudhaan xiyyeeffannaan isaanii akka hin hihhiramne sodaatee ture. Galmeen hidda dhalootaa Kiristiyaanotaaf baayʼee barbaachisaa taʼee fi Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu Kiristoos Masiihii taʼuu isaa mirkaneessuuf gaʼaa dha. Galmeen hidda dhalootaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman kan biroon immoo wanti Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffamee jiru sirrii taʼuu isaa mirkaneessa, akkasumas Kitaabni Qulqulluun seenaa dhugaa kan qabate taʼuu isaa ifatti argisiisa.
(1 Ximotewos 1:17 dubbisi.)
“Ilaa Inni Waaqayyo Keenya!”
15 Maqaan ulfinaa Yihowaadhaaf qofa kenname inni kaanimmoo, “Mootii bara baraa” kan jedhudha. (1 Ximotewos 1:17) Kana jechuun maal jechuudha? Sammuun keenya inni daangeffamaan yaada kana hubachuu kan hin dandeenye taʼus, Yihowaan yeroo darbettis taʼe gara fuulduraatti barabaraaf jiraata. Faarfannaan 90:2, “Bara baraa jalqabee hamma bara baraatti ati Waaqayyoo dha” jedha. Yihowaan jalqaba hin qabu, yeroo hundumaa jira. Yihowaan utuu eenyuyyuu ykn wanti tokkoyyuu uumama cufa keessa jiraachuu hin jalqabin barabaraaf waan jiraateef, isa “bara baayʼee dheeraa jiraate” jedhamuunsaa sirriidha! (Daaniʼel 7:9, 13, 22) Maarree, namni Yihowaan Gooftaa Hundumaa Gararraa Jiru taʼuusaa falmuuf sababii qabu jiraa?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(1 Ximotewos 2:1-15 dubbisi.)
ADOOLESSA 29–HAGAYYA 4
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 XIMOTEWOS 4-6
“Waaqayyoof Buluu fi Qabeenya”
(1 Ximotewos 6:6-8 dubbisi)
w03-AM 6/1 9 key. 1-2
Iccitii Waan Qabaniin Gammadanii Jiraachuu
Wantoota Phaawulos akka gammadu taasisan keessaa inni guddaan wanta qabuun gammadee jiraachuu isaa ti. Maarree, waan qabaniin gammadanii jiraachuu jechuun maal jechuudha? Gabaabumatti wantoota buʼuuraa qabnutti gammaduu jechuu dha. Kana ilaalchisee Phaawulos, Ximotewos isa michuu tajaajilaa isaa taʼeen akkana jedheera: “Dhugaa dubbachuuf Waaqayyoof kan bulan taʼuun, waan qabaniin gammadanii jiraachuu wajjin buʼaa guddaa argamsiisa. Sababiin isaas gara addunyaatti homaa fidnee hin dhufne; achi keessaas homaa fudhannee deemuu hin dandeenyu. Kanaaf, nyaataa fi uffata yoo qabaanne wantoota kanatti gammadnee jiraachuu qabna.”—1 Ximotewos 6:6-8.
Phaawulos waan qabaniin gammadanii jiraachuu Waaqayyoof buluu wajjin wal bira qabee akka ibse hubadhu. Gammachuu dhugaan kan argamu qabeenyaan ykn qarshiidhaan utuu hin taʼin Waaqayyoof buluudhaan, jechuunis tajaajila Waaqayyoof dhiheessinuuf dursa kennuudhaan akka taʼe hubateera. ‘Nyaannii fi uffanni’ garuu Waaqayyoof bulee jiraachuu isaa itti fufuuf isa dandeessisa. Kanaafuu, Phaawulosiif iccitiin waan qabaniin gammadanii jiraachuu, haalli keessa jiru maal iyyuu yoo taʼe Yihowaatti amanamuu dha.
(1 Ximotewos 6:9 dubbisi.)
g-AM 6/07 5-6 key. 2
Sooressa Taʼuuf Kutatanii Kaʼuun Dhiibbaa Si Irratti Gochuu kan Dandaʼu Akkamitti?
Dhugaadha, namoonni baayʼeen qabeenya horachuuf carraaqqii gochuu isaaniitiin kan kaʼe hin duʼan. Taʼus, yommuu carraaqqii akkasii godhan, jireenya gammachuu qabu utuu hin jiraatin hafu. Kana malees dhiphinni hojii ykn qarshii wajjin wal qabatee isaan mudatu dhukkuboota jireenya nama tokkoo gabaabsuu dandaʼan kan akka, dhiphina sammuu, hirriiba dhabuu, mataa bowwuu ykn dhukkuba garaachaatiin akka rakkatan gochuu dandaʼa. Namni tokko wanta dursa kennuufii qabu jijjiiruu akka qabu yoo hubate illee erga yeroon darbee booda taʼuu dandaʼa. Amantaa hiriyaa gaaʼelaa isaa ni dhaba, ijoolleen isaas miirri isaanii ni miidhama, akkasumas haalli fayyaa isaa ni miidhama. Tarii miidhaan tokko tokko kan furaman taʼuu dandaʼu, taʼus carraaqqii cimaa gochuu gaafata. Dhuguma iyyuu namoonni akkanaa ‘cinqii hedduudhaan of waraananiiru.’—1 Ximotewos 6:10.
(1 Ximotewos 6:10 dubbisi.)
g-AM 11/08 6 key. 4-6
Wantoota Ijoo Milkaaʼina Argamsiisan Jaʼa
Mata duree jalqabaa irratti akkuma ilaalle qarshiin wanta milkaaʼina argamsiisu akka taʼetti ilaaluudhaan namoonni hawwii guddaadhaan qabeenya hordofan wanta argamuu hin dandeenye argachuuf yaalaa jiru. Kana malees abdii kutachuu fi dhiphina hedduu ofitti fidu. Fakkeenyaaf, namoonni kutannoodhaan qabeenya horachuuf yommuu yaalanitti hariiroo maatii fi michoota isaanii wajjin qaban aarsaa godhu. Warri kaan immoo sababii hojiitiin qofa utuu hin taʼin, sababii yaaddoo ykn sodaatiin hirriba gaʼaa utuu hin argatin hafu. Lallabni 5:12 “Namni hojjetaan muraasa nyaatus baayʼee nyaatus, hirriba gaarii qaba; baayʼinni qabeenyaa garuu hirriba nama dhowwa” jedha.
Qarshiin gooftaa gara jabeessa qofa utuu hin taʼin, kan nama gowwoomsu dha. Yesuus Kiristoos waaʼee ‘humna qabeenyi gowwoomsuuf qabuu’ dubbateera. (Maarqos 4:19) Kana jechuun qabeenyi gammachuu akka nuu kennu nu abdachiisa, garuu nuuf hin kennu. Kanaa mannaa qabeenya dabalataa akka argannu fedhii nu keessatti uuma. Lallabni 5:10 “Namni horii [qabeenya] jaallatu horii hin quufu” jedha.
Gabaabumatti jaalalli qarshii milkaaʼina argamsiisuu mannaa dhuma irratti gara abdii kutachuu, aarii fi yakkaatti nama geessa. (Fakkeenya 28:20) Wantoonni gammachuu fi milkaaʼina argamsiisan arjummaa, dhiifama gochuu, karaa naamusaa qulqulluu taʼuu, jaalalaa fi nama hafuuraa taʼuu dha.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(1 Ximotewos 4:2 dubbisi.)
lvs-AM 23-24 key. 17
Waaqayyo Duratti Qalbii Gaarii Qabaachuu
17 Pheexiros ergamaan, “qalbii gaarii qabaadhaa jiraadhaa” jedhee barreesseera. (1 Pheexiros 3:16) Kan nama gaddisiisu, namoonni dhugaa buʼuuraa Yihowaa dhiisuu isaanii yommuu itti fufan, yeroo booda qalbiin isaanii isaan akeekkachiisuu dhiisa. Phaawulos qalbiin akkasii ‘akka sibiila diimessaadhaan gubameetti kan hadoode’ taʼuu isaa dubbateera. (1 Ximotewos 4:2) Gar malee gubattee beektaa? Yeroo haalli akkasii uumamu gogaan kee godaannisa baasee waan hadooduuf homtuu sitti hin dhagaʼamu. Namni tokko wanta dogoggora taʼe raawwachuu isaa yoo itti fufe, qalbiin isaa ‘hadooduu’ waan dandaʼuuf, yeroo booda hojjechuu dhiisa.
(1 Ximotewos 4:13 dubbisi.)
it-2-E 714 key. 1-2
Uummataaf Dubbisuu
Gumii Kiristiyaanaa Keessatti. Jaarraa jalqabaatti maraawwan Kitaaba Qulqulluu kan qaban namoota muraasa qofa taʼuun isaa uummataaf dubbisuun barbaachisaa akka taʼu godheera. Phaawulos ergamaan xalayaawwan isaa walgaʼiiwwan gumii Kiristiyaanaa keessatti akka dubbifamanii fi gumiiwwan kan biroo keessattis akka dubbifamaniif xalayaawwan isaa akka wal jijjiiran isaan ajajee ture. (Qol 4:16; 1Ta 5:27) Phaawulos, Ximotewos inni ilaaltuu ol aanaa dargaggeessa ture “uummataaf dubbisuuf, gorsuu fi barsiisuuf” carraaqqii akka godhu isa gorseera.—1Xi 4:13.
Dubbisni kun akka gaariitti dhihaachuu qaba. (An 2:2) Uummataaf kan dubbifamu warra kaan barsiisuuf waan taʼeef, namni dubbisu wanta dubbisu sana sirriitti hubachuu fi wanta barreessaan sun dabarsuu barbaade akka gaariitti hubachuu, akkasumas yeroo dubbisu yaada dogoggoraa akka hin dabarsine of eeggannoo gochuu qaba. Mulʼanni 1:3 akka jedhutti warri raajii sana sagalee isaanii guddisanii dubbisan, dhagaʼanii fi eegan gammadoo dha.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(1 Ximotewos 4:1-16 dubbisi.)