MATA DUREE QOʼANNAA 52
Obboleettonni Dargaggoonni, Kiristiyaanota Bilchina Qabdan Taʼaa
“Haaluma wal fakkaatuun dubartoonni . . . barsiifata madaalamaa kan qabanii fi karaa hundumaa amanamoo kan taʼan taʼuu qabu.”—1 XIM. 3:11.
FAARFANNAA 133 Dargaggummaatti Yihowaa Waaqeffadhaa
QABIYYEEa
1. Bilchina hafuuraa qabaachuuf maal gochuu qabna?
MUCAAN tokko saffisaan yeroo guddatu arguun nu dinqisiisa. Guddinni kun carraaqqii tokko malee waan dhufe fakkaata. Kiristiyaana bilchina qabu taʼuun garuu wanta carraaqqii tokko malee argamu miti.b (1 Qor. 13:11; Ibr. 6:1) Galma kanarra gaʼuuf dhuunfaatti Yihowaa wajjin michummaa qabaachuu qabna. Amaloota Waaqayyoon gammachiisan horachuuf, dandeettii keenya guddifachuuf, akkasumas gara fuulduraatti itti gaafatamummaa fudhachuuf gargaarsi hafuura qulqulluu nu barbaachisa.—Fak. 1:5.
2. Uumama 1:27 irraa maal baranna? Mata duree kana keessatti maal ilaalla?
2 Yihowaan namoota dhiiraa fi dubartii godhee uume. (Uumama 1:27 dubbisi.) Ifatti akka hubannutti dhiirrii fi dubartiin karaa qaamaa garaa garadha; garuu wantoonni garaa gara isaan godhan kan biroonis jiru. Fakkeenyaaf, Yihowaan dhiirotaa fi dubartootaaf itti gaafatamummaa raawwatan garaa garaa kenneera; kanaafuu, amalootaa fi dandeettiiwwan itti gaafatamummaa isaanii baʼuuf isaan dandeessisan horachuu qabu. (Uma. 2:18) Mata duree kana keessatti, obboleettonni dargaggoonni Kiristiyaanota bilchina qaban taʼuuf maal gochuu akka dandaʼan ilaalla. Mata duree itti aanurrattimmoo, wanta obboloonni dargaggoota taʼan gochuu dandaʼan ilaalla.
AMALOOTA YIHOWAA GAMMACHIISAN HORADHU
3-4. Obboleettonni dargaggoonni namoota fakkeenya gaarii isaaniif taʼan eessaa argachuu dandaʼu? (Fakkichas ilaali.)
3 Kitaabni Qulqulluun waaʼee dubartoota Yihowaa jaallatanii fi isa tajaajilanii ni dubbata. (Mata duree, “Dubartoota Kitaaba Qulqulluu Keessatti Ibsaman Irraa Maal Baranna?” jedhu jw.org irraa ilaali.) Caqasa ijoo mata duree keenyarratti akkuma gorfamnetti, dubartoonni kun “barsiifata madaalamaa kan qabanii fi karaa hundumaa amanamoo kan [taʼani dha].” Obboleettonni fakkeenya obboleettota bilchaatoo gumii isaanii keessa jiranii hordofuu ni dandaʼu.
4 Obboleettonni dargaggoonni, obboleettota muraasa fakkeenya isaanii hordofuu dandeessan adda baafachuuf yaalaa. Amaloota gaggaarii isaan qaban hubachuuf yaalaa; achiis amaloota kana argisiisuu kan dandeessan akkamitti akka taʼe yaadaa. Keeyyatawwan itti aananirratti amaloota dubartoonni bilchina qaban horachuun isaan barbaachisu sadiirratti mariʼanna.
5. Obboleettiin takka bilchina qabaachuuf gad of qabuun kan ishii barbaachisu maaliifi?
5 Karaa hafuuraa bilchina qabaachuuf gad of qabuun barbaachisaadha. Obboleettiin takka kan gad of qabdu yoo taʼe Yihowaa wajjinis taʼe warra kaan wajjin hariiroo gaarii qabaatti. (Yaq. 4:6) Fakkeenyaaf, obboleettiin Yihowaa jaallattu takka gad of qabuudhaan qophii matummaa Abbaan ishii inni samii hundeesse ni deggerti. (1 Qor. 11:3) Gumii keessattis taʼe maatii keessatti qophiin kun jira.c
6. Obboleettonni dargaggoonni gad of qabuu ilaalchisee Ribqaarraa maal baratu?
6 Mee fakkeenya Ribqaa haa ilaallu. Ribqaan dubartii ogeettii guutummaa jireenya ishii keessatti murtoo ija jabina gaafatu gootee fi yoomii fi akkamitti tarkaanfii fudhachuu akka qabdu beektudha. (Uma. 24:58; 27:5-17) Taʼus, dubartii warra kaan kabajjuu fi aangoodhaaf bitamtudha. (Uma. 24:17, 18, 65) Atis akkuma Ribqaa gad of qabuudhaan qophii Yihowaa kan deggertu yoo taʼe, maatii kee keessattis taʼe gumii keessatti dhiibbaa gaarii goota.
7. Obboleettonni dargaggoonni humna ofii beekuurratti fakkeenya Asteer hordofuu kan dandaʼan akkamitti?
7 Amalli Kiristiyaanonni bilchina qaban hundi horachuun isaan barbaachisu kan biraan humna ofii beekuudha. Kitaabni Qulqulluun, “Ogummaan . . . warra humna isaanii beekan biratti argama” jedha. (Fak. 11:2) Asteer dubartii humna ishii beektuu fi amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiltedha. Humna ofii beekuun ishii gocha of tuulummaa raawwachuurraa ishii eegeera. Asteer gorsa Mordekaayi inni ilma wasiila ishii taʼe ishiidhaaf kenne fudhatteetti. (As. 2:10, 20, 22) Atis gorsa gaarii warri kaan siif kennan fudhachuu fi hojiirra oolchuudhaan akkuma ishii humna kee akka beektu argisiisuu dandeessa.—Tit. 2:3-5.
8. Akka 1 Ximotewos 2:9, 10 jedhutti, obboleettiin takka humna ishii kan beektu taʼuun ishii, akkaataa uffannaa fi miidhaginaa ilaalchisee filannaa gaarii gochuuf kan ishii gargaaru akkamitti?
8 Asteer karaa kan biraatiinis humna ishii akka beektu argisiisteetti. “Dhaabbata kan toltuu fi bareedduu” taatus xiyyeeffannaa ofitti harkisuuf hin yaalle. (As. 2:7, 15) Obboleettiin Kiristiyaana taate tokko fakkeenya Asteerirraa fayyadamuu kan dandeessu akkamitti? Karaan faayidaa itti argattu tokko 1 Ximotewos 2:9, 10 irratti ibsameera. (Dubbisi.) Phaawulos ergamaan dubartoonni Kiristiyaanota taʼan karaa kabaja qabuu fi hubannaadhaan akkaataa uffannaa isaanii akka filatan qajeelfama kenneera. Jechi Afaan Giriikii Phaawulos asirratti itti fayyadame dubartiin Kiristiyaana taate takka yeroo hunda uffata seera qabeessa miira warra kaaniitiif akka of eeggattu argisiisu filachuu akka qabdu argisiisa. Obboleettota bilchaatoo gorsa kana hojiirra oolchan baayʼee dinqisiifanna!
9. Fakkeenya Abigaayilirraa maal baranna?
9 Amalli obboleettonni bilchina qaban hundi argisiisan kan biraanimmoo hubannaadha. Hubannaan maalidha? Hubannaan dandeettii wanta sirrii fi dogoggora taʼe adda baafachuu fi wanta sirrii taʼe raawwachuuf filachuudha. Mee fakkeenya Abigaayil haa ilaallu. Yeroo tokko abbaan manaa ishii murtoo guutummaa maatii isaanii miidhu godhee ture. Yeroo kanatti Abigaayil atattamaan tarkaanfii fudhatte. Hubannaa argisiisuun ishii lubbuu namoota hedduu oolcheera. (1 Sam. 25:14-23, 32-35) Nutis hubannaa yoo qabaanne yoom dubbachuu fi yoom callisuu akka qabnu beekna. Yeroo warra kaaniif akka yaannu argisiisnuttis madaallii keenya eeggachuu ni dandeenya.—1 Tas. 4:11.
DANDEETTII SI FAYYADU HORADHU
10-11. Sirriitti dubbisuu fi barreessuu barachuun kee ofii kees taʼe warra kaan kan fayyadu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
10 Dubartoonni Kiristiyaanota taʼan dandeettiiwwan isaan fayyadan horachuun isaan barbaachisa. Dandeettiin intalli takka xinnummaa ishiitii kaastee horattu tokko tokko guutummaa jireenya ishii keessatti ishii fayyada. Mee fakkeenya tokko tokko haa ilaallu.
11 Sirriitti dubbisuu fi barreessuu baradhu. Aadaa tokko tokko keessatti dubbisuu fi barreessuun dandeettii dubartii tokkoof barbaachisu akka taʼetti hin ilaalamu. Haa taʼu malee, Kiristiyaanonni hundi dubbisuu fi barreessuu barachuun isaanii barbaachisaadha.d (1 Xim. 4:13) Kanaafuu, wanti akkamiiyyuu dubbisuu fi barreessuu barachuurraa duubatti akka si taasisu hin heyyamin. Kun faayidaa akkamii siif argamsiisa? Dandeettiin akkasii hojii argachuufis taʼe hojii keerra turuuf si gargaara. Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu fi barsiisuunis caalaatti akka siif salphatu godha. Hunda caalaammoo Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf si gargaara.—Iya. 1:8; 1 Xim. 4:15.
12. Fakkeenyi 31:26 warra kaan wajjin akka gaariitti walii galuuf kan si gargaaru akkamitti?
12 Dandeettii warra kaan wajjin walii galuu horadhu. Kiristiyaanonni warra kaan wajjin akka gaariitti walii galuu qabu. Yaaqoob baratichi gorsa gaarii, “Namni hundi dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa . . . haa taʼu” jedhu nuuf kenneera. (Yaq. 1:19) Warri kaan yeroo dubbatan xiyyeeffannaadhaan kan dhaggeeffattu yoo taʼe ‘miira isaanii akka isaaniif hubattu’ argisiista. (1 Phe. 3:8) Wanta namni tokko dubbatu ykn miira isaa hubachuun yoo si rakkise gaaffii tokko tokko isa gaafadhu. Achiis dubbachuu kee dura takka irratti yaadi. (Fak. 15:28, milj.) Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Wantin dubbachuuf jedhu dhugaa fi kan nama jajjabeessudhaa? Kabajaa fi gaarummaa kan argisiisudhaa?’ Obboleettota bilchaatoo warra kaan wajjin walii galuurratti dandeettii qabanirraa baradhu. (Fakkeenya 31:26 dubbisi.) Wanta isaan dubbatanii fi akkaataa itti dubbataniif xiyyeeffannaa kenni. Dandeettii kana caalaatti horachaa yeroo deemtu, hariiroon warra kaan wajjin qabdus caalaatti fooyyaʼa.
13. Mana seeraan qabuu barachuu kan dandeessu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
13 Mana seeraan qabuu baradhu. Biyyoota baayʼee keessatti dubartoonni hojii mana keessaa baayʼee hojjetu. Dandeettii gama kanaan si barbaachisu horachuuf haati kee ykn obboleettiin gaʼumsa qabdu kan biraan si gargaaruu dandaʼu. Obboleettiin Siindii jedhamtu akkana jetteetti: “Wantoota gaggaarii haati koo na barsiiste keessaa tokko jabaatanii hojjechuun gammachuu kan argamsiisu taʼuu isaati. Dandeettiiwwan kan akka nyaata bilcheessuu, qulqulleessuu, uffata hodhuu fi wantoota barbaachisan bibbitachuu jiran horachuun koo jireenya koo naaf salphiseera, akkasumas tajaajila Yihowaa keessatti wanta garaa garaa raawwachuuf carraa naa baneera. Haati koo keessummaa simachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe na barsiisteetti; kunimmoo obbolootaa fi obboleettota gaggaarii fakkeenya isaanii hordofuu dandaʼu garaa garaa wajjin wal baruuf carraa naa baneera.” (Fak. 31:15, 21, 22) Dubartiin jabaattee hojjettu, keessummaa simachuu jaallattuu fi mana ishii sirriitti qabdu maatii ishii keessattis taʼe gumii keessatti dhiibbaa gaarii gooti.—Fak. 31:13, 17, 27; HoE. 16:15.
14. Muuxannoo Kiristaalirraa maal baratte? Maalirratti xiyyeeffachuu qabda?
14 Of dandaʼuuf carraaqqii godhi. Kiristiyaanonni bilchina qaban hundi galma kanarra gaʼuun isaanii barbaachisaadha. (Filp. 4:11) Obboleettiin Kiristaal jedhamtu akkana jetteetti: “Warri koo utuman barumsa sadarkaa lammaffaa baradhuu dandeettii yeroo booda jireenya koo keessatti na fayyadu akkan horadhu na gargaaraniiru. Abbaan koo leenjii akkaawuntiingii akkan fudhadhu na jajjabeesse, kunis baayʼee na fayyadeera.” Dandeettii hojii argachuuf si gargaaru qofa qabaachuun kee gaʼaa miti; baajata baafachuu fi baasii kee toʼachuus barachuuf yaali. (Fak. 31:16, 18) Liqii barbaachisaa hin taane keessa galuurraa of qusachuu fi jireenya kee salphisuudhaan galma hafuuraarratti xiyyeeffadhu.—1 Xim. 6:8.
ITTI GAAFATAMUMMAA GARA FUULDURAATTI QABAATTUUF QOPHAAʼI
15-16. Obboleettonni qeenxee taʼan warra kaan kan gargaaran akkamitti? (Maarqos 10:29, 30)
15 Amalootaa fi dandeettiiwwan si fayyadan horachuun kee itti gaafatamummaa gara fuulduraatti qabaattuuf si qopheessa. Mee fakkeenyota wanta gochuu dandeessu argisiisan muraasa haa ilaallu.
16 Yeroo muraasaaf qeenxee taatee jiraachuu dandeessa. Aadaa isaanii keessatti akkas gochuun salphaa taʼuu baatus obboleettonni tokko tokko akkuma Yesuus jedhe heerumuu dhiisuuf filataniiru. (Mat. 19:10-12) Kaanimmoo sababii kan biraatiin kan kaʼe qeenxee taʼanii jiraatu. Yihowaa fi Yesuus Kiristiyaanota qeenxee taʼan akka hin tuffanne mirkanaaʼaa taʼi. Addunyaa maratti, obboleettonni qeenxee taʼan gumii keessatti dhiibbaa gaarii gochaa jiru. Obboleettonni kun warra kaaniif jaalala waan qabanii fi waan isaaniif yaadaniif karaa hafuuraa obboleettotaa fi haadha isaaniif taʼaniiru.—Maarqos 10:29, 30 dubbisi; 1 Xim. 5:2.
17. Obboleettiin dargaggeettiin takka tajaajila yeroo guutuu keessa galuuf amma qophaaʼuu kan dandeessu akkamitti?
17 Tajaajila yeroo guutuu keessa seenuu dandeessa. Obboleettonni keenya hojii lallabaa addunyaa maratti godhamurratti gaʼee guddaa qabu. (Far. 68:11) Tajaajila yeroo guutuu keessa seenuuf ammuma karoorfachuu dandeessaa? Qajeelchituu taʼuu, hojii ijaarsaarratti hirmaachuu ykn Beetelitti tajaajiluu dandeessa. Waaʼee galma keetii kadhadhu. Obboloota galma sanarra gaʼan mariisisuudhaan ulaagaa barbaadamu guutuuf maal gochuun akka si barbaachisu beekuuf yaali. Achiis karoora galma keerra gaʼuuf si gargaaru baafadhu. Galma keerra gaʼuun kee tajaajila Yihowaa keessatti carraa gammachiisaa taʼe hedduu siif bana.
18. Obboleettiin takka nama itti heerumtu yeroo filattu baayʼee of eeggachuu kan qabdu maaliifi? (Fakkichas ilaali.)
18 Heerumuuf filachuu dandeessa. Amaloonnii fi dandeettiiwwan olitti ilaalle haadha manaa gaarii taʼuuf si gargaaru. Gaaʼela dhaabbachuuf yaadaa jirta taanaan, nama itti heerumtu of eeggannoodhaan filachuu qabda. Kun murtoowwan guguddaa jireenya kee keessatti gootu keessaa tokkodha. Namni itti heerumtu mataa kee akka taʼu yaadadhu. (Rom. 7:2; Efe. 5:23, 33) Kanaafuu akkana jedhii of gaafadhu: ‘Namni kun Kiristiyaana bilchina qabudhaa? Jireenya isaa keessatti wantoota hafuuraatiif dursa kennaa jiraa? Murtoowwan gaggaarii ni godhaa? Balleessaa isaa ni amanaa? Dubartootaaf kabaja qabaa? Dandeettii karaa hafuuraa, karaa foonii fi karaa miiraa na deggeruuf isa dandeessisu qabaa? Itti gaafatamummaa isaa akka gaariitti ni baʼaa? Fakkeenyaaf, gumii keessatti itti gaafatamummaa akkamii qaba? Itti gaafatamummaa isaa kana kan raawwatuhoo akkamitti?’ (Luq. 16:10; 1 Xim. 5:8) Dhugaadha, abbaa manaa gaarii taʼe argachuuf atis haadha manaa gaarii taʼuuf qophaaʼuu qabda.
19. Gaʼeen haati manaa takka “gargaartuu” taʼuudhaan qabdu ulfina qabeessadha kan jennu maaliifi?
19 Kitaabni Qulqulluun haati manaa gaarii taate abbaa manaa ishiitiif “gargaartuu” akka taatee fi “guutuu” akka isa gootu dubbata. (Uma. 2:18) Yaanni kun dubartoota kan gadi qabudhaa? Matumaa akkas miti! Gaʼeen haati manaa gargaartuu taʼuudhaan qabdu gaʼee ulfina qabeessa taʼedha. Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee Yihowaan “gargaaraa” akka taʼe ni dubbata. (Far. 54:4; Ibr. 13:6) Haati manaa dhugumaan gargaartuu abbaa manaa ishii taate yeroo inni murtoo maaticha tuqu godhu isa deggerti, akkasumas murtoon isaa fiixaan akka baʼu isa gargaarti. Yihowaa waan jaallattuuf abbaan manaa ishii maqaa gaarii akka qabaatu gochuuf carraaqqii gooti. (Fak. 31:11, 12; 1 Xim. 3:11) Jaalala Yihowaadhaaf qabdu guddifachuun kee fi mana keessattis taʼe gumii keessatti warra kaaniif gargaartuu taʼuun kee gaʼee kanaaf si qopheessa.
20. Haati takka maatii ishiitiif wantoota gaggaarii akkamii gooti?
20 Haadha taʼuu dandeessa. Erga heerumtee booda daaʼima daʼuu dandeessa. (Far. 127:3) Kanaafuu, dursitee itti yaaduun kee gaariidha. Amaloonnii fi dandeettiiwwan mata duree kana keessatti ilaalle haadha manaa fi haadha gaarii taʼuuf si gargaaru. Jaalala, gaarummaa fi obsa qabaachuun kee maatiin keessan gammachuu akka qabaatuu fi ijoolleen keessan tasgabbiidhaan, akkasumas akka jaallataman isaanitti dhagaʼamee akka jiraatan godha.—Fak. 24:3.
21. Obboleettota keenya ilaalchisee maaltu nutti dhagaʼama? Maaliif? (Fakkii qola isaarra jiru ilaali.)
21 Obboleettota Yihowaa fi saba isaa tajaajiluuf jabaattanii hojjettan hunda baayʼee isin dinqisiifanna. (Ibr. 6:10) Amalootaa fi dandeettiiwwan jireenya keessanis taʼe jireenya warra kaanii gammachiisaa godhan horachuuf, akkasumas itti gaafatamummaa gara fuulduraatti qabaattaniif qophaaʼuuf carraaqqii guddaa gootu. Jaarmiyaan Yihowaa iddoo guddaa siif kenna!
FAARFANNAA 137 Dubartoota Amanamoo
a Isin obboleettonni dargaggoonni gumii keessatti iddoo guddaa qabdu. Amaloota Yihowaa gammachiisanii fi dandeettiiwwan gaggaarii horachuudhaan, akkasumas gaʼee gara fuulduraatti qabaattaniif qophaaʼuudhaan Kiristiyaanota bilchaatoo taʼuu dandeessu. Kunis tajaajila Yihowaa keessatti eebba hedduu isiniif argamsiisa.
b IBSA JECHAA: Kiristiyaanni bilchina qabu tokko ogummaa addunyaatiin utuu hin taʼin hafuura Waaqayyootiin geggeeffama. Fakkeenya Yesuus hordofa, Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuuf carraaqqii godha, akkasumas warra kaanitti jaalala ofittummaarraa walaba taʼe argisiisa.
d Yaada dubbisuun hammam barbaachisaa akka taʼe ibsu argachuuf jw.org irraa mata duree “Ijoolleen Dubbisuun Isaanii Barbaachisaa kan Taʼe Maaliifi?—Kutaa 1: Dubbisuu moo Ilaaluu?” jedhu ilaali.