BOQONNAA 5
Ilaaltoota Ol Aanaa Tuuta Hoolotaa Tiksan
YESUUS yeroo lafa irra tajaajilaa turetti, “tiksee gaarii” taʼuu isaa argisiiseera. (Yoh. 10:11) Yeroo tokko namoota hedduu hawwii guddaadhaan isa duukaa buʼan yommuu argu, “baayʼee isaaniif gadde; sababiin isaas, isaan akka hoolota tiksee hin qabneetti cunqurfamanii fi dagatamanii turan.” (Mat. 9:36) Yeroo kanatti Pheexirosii fi ergamoonni isaa kaan jaalalaan kakaʼee namootaaf akka yaadu hubataniiru. Yesuus tiksitoota Israaʼel warra fakkeessitoota taʼanii fi hoolota sana dagachuudhaan akka bittinnaaʼanii fi karaa hafuuraa akka beelaʼan godhan irraa adda dha. (His. 34:7, 8) Yesuus fakkeenya taʼuu fi hamma lubbuu isaa dabarsee isaaniif kennutti hoolota isaa kunuunsuudhaan, namoonni amantii qaban, Yihowaa isa “tiksee fi ilaaltuu ol aanaa lubbuu” isaanii taʼetti akka deebiʼan gargaaruu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ergamoota isaa barsiiseera.—1 Phe. 2:25.
2 Yesuus yeroo Pheexiros wajjin dubbachaa ture tokkotti, hoolota sooruu fi tiksuun baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa ibseera. (Yoh. 21:15-17) Yaanni kun baayʼee garaa isaa tuqee akka ture hin shakkisiisu; kanaafuu, yeroo booda jaarsolii, gumii Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa keessa turaniif gorsa akkana jedhu kenneera: “Ilaaltota ol aanaa taatanii tajaajiluudhaan tuuta hoolota Waaqayyoo warra eegumsa keessan jala jiran tiksaa; kanas dirqamaan utuu hin taʼin, Waaqayyo duratti fedhiidhaan, buʼaa sirrii hin taane jaallachuudhaan utuu hin taʼin, hawwii guddaadhaan raawwadhaa; warra qabeenya Waaqayyoo taʼan irratti gooftummaa argisiisuudhaan utuu hin taʼin, tuutichaaf fakkeenya taʼuudhaan isaan tiksaa.” (1 Phe. 5:1-3) Gorsi Pheexiros kun ilaaltota ol aanaa yeroo harʼaatti argamaniifis ni hojjeta. Jaarsoliin fakkeenya Yesuus hordofuudhaan fedhii fi hawwii guddaadhaan tajaajiluu irratti tuutichaaf fakkeenya taʼu; akka kanaan tajaajila Yihowaa keessatti dura buʼanii tajaajilu.—Ibr. 13:7.
Jaarsoliin fakkeenya Yesuus hordofuudhaan fedhii fi hawwii guddaadhaan tajaajiluu irratti tuutichaaf fakkeenya taʼu; akka kanaan tajaajila Yihowaa keessatti dura buʼanii tajaajilu
3 Gumii keessatti ilaaltota ol aanaa hafuuraan muudaman qabaachuu keenyatti ni galateeffanna. Kunuunsa isaan nuuf godhan irraa faayidaa hedduu arganna. Fakkeenyaaf, ilaaltonni ol aanaa obboloota gumii keessa jiran hundaaf jajjabina, akkasumas dhuunfaatti xiyyeeffannaa isaaniif kennu. Torbee torbeedhaan, walgaʼiiwwan gumii obboloonni irraa sooratan ciminaan geggeessu. (Rom. 12:8) Carraaqqiin isaan wantoota miidhaa geessisan, kan akka namoota hamoo irraa nu eeguuf godhan nageenya keenyaaf gumaacha godha. (Isa. 32:2; Tit. 1:9-11) Tajaajila irratti dursa fudhachuun isaanii, utuu wal irraa hin kutin jiʼa jiʼaan misiraachicha lallabuuf nu kakaasa. (Ibr. 13:15-17) Yihowaan ‘namoota kennaa’ taʼan kanatti fayyadamee wanta gumicha ijaaruuf barbaachisu dhiheessaa jira.—Efe. 4:8, 11, 12.
ULAAGAALEE ILAALTONNI OL AANAA GUUTUU QABAN
4 Gumiin kunuunsa barbaachisaa taʼe akka argatuuf, dhiironni ilaaltota ol aanaa taʼanii muudaman ulaagaalee Dubbii Waaqayyoo keessatti ibsaman guutuu qabu. Hafuura qulqulluudhaan muudamaniiru jedhamuu kan dandaʼu ulaagaalee kana yoo guutan qofa dha. (HoE. 20:28) Ilaaltuu ol aanaa taʼuun itti gaafatamummaa cimaa waan taʼeef, ulaagaaleen Kitaaba Qulqulluu isaan irraa eegaman ol aanoo dha. Kana jechuun garuu dhiirota Yihowaa jaallatanii fi akka inni isaanitti fayyadamu barbaadaniif ulaagaaleen kun humna isaaniitii ol jechuu miti. Ilaaltonni ol aanaa jireenya isaanii keessatti gorsa Kitaaba Qulqulluu hojii irra kan oolchan taʼuun isaanii namoota hunda biratti beekamuu qaba.
Gumiin kunuunsa barbaachisaa taʼe akka argatuuf, dhiironni ilaaltota ol aanaa taʼanii muudaman ulaagaalee Dubbii Waaqayyoo keessatti ibsaman guutuu qabu
5 Phaawulos ergamaan xalayaa jalqabaa Ximotewosiif barreessee fi xalayaa Tiitoof barreesse irratti, ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu ilaaltonni ol aanaa guutuu qaban tarreesseera. Ximotewos Tokkoffaa 3:1-7 akkana jedha: “Namni ilaaltuu ol aanaa taʼuuf carraaqu hojii gaarii hawwa. Kanaafuu, ilaaltuu ol aanaan himata irraa walaba kan taʼe, haadha manaa takkittii kan qabu, barsiifata madaalamaa kan qabu, sirriitti kan yaadu, seera qabeessa, keessummaa kan simatu, barsiisuuf gaʼumsa kan qabu, kan hin machoofne, abbaa humnaa kan hin taane, yaada ofiitti kan hin cichine, kan nama hin lolle, maallaqa kan hin jaallanne, ijoollee isaa kan ajajamanii fi amala gaarii kan qaban godhee guddisuudhaan haala gaariidhaan maatii isaa kan bulchu taʼuu qaba; (sababiin isaas, namni tokko maatii isaa akkamitti akka bulchu hin beeku taanaan, gumii Waaqayyoo akkamitti kunuunsuu dandaʼa?) boonuudhaan of bokoksee murtiin Diyaabilos irratti murteeffame akka isa irra hin geenyeef dhiheenyatti kan amane taʼuu hin qabu. Kana malees, akka hin komatamnee fi kiyyoo Diyaabilos keessatti akka hin kufneef namoota alaa birattis maqaa gaarii kan qabu taʼuu qaba.”
6 Phaawulos Tiitoof akkana jedhee barreesseera: “Qarxeesitti kanan si dhiise, wantoota mudaa qaban akka sirreessituu fi akkuman si ajajetti magaalota hundatti jaarsolii akka muudduufi; namni himata irraa walaba taʼe, haadha manaa takkittii kan qabu, ijoollee amananii fi jireenya gadhiisii jiraachuudhaan yookiin ajajamuu diduudhaan hin himatamne qabu yoo jiraate muudi. Ilaaltuu ol aanaan bulchaa Waaqayyoon muudame waan taʼeef, nama himata irraa walaba taʼe, nama yaada mataa isaatiin hin geggeeffamne, nama dafee hin aarre, nama hin machoofne, abbaa humnaa kan hin taane, nama sassataan faayidaa sirrii hin taane argachuuf hin yaalle taʼuu qaba; kanaa mannaa, keessummaa kan simatu, waan gaarii kan jaallatu, sirriitti kan yaadu, qajeelaa, amanamaa, kan of toʼatu, akkasumas barumsa gaarii taʼeen jajjabeessuu fi warra barumsicha morman balleessaa isaanii hubachiisuu akka dandaʼuuf, ogummaa ittiin barsiisuu wajjin haala wal qabateen dubbicha isa amanamaa sana cimsee kan qabate taʼuu qaba.”—Tit. 1:5-9.
7 Ulaagaaleen Kitaaba Qulqulluu kun jalqaba irratti ulfaatoo fakkaatanis dhiironni Kiristiyaanota taʼan galma kana irra gaʼuuf carraaqqii gochuu irraa duubatti jechuu hin qaban. Ilaaltonni ol aanaa amaloota Kiristiyaanaa gaggaarii kana argisiisuuf carraaqqii yommuu godhan, obboloonni gumii keessa jiranis akkasuma gochuuf kakaʼu. Phaawulos, ‘namoota kennaa taʼan’ ilaalchisee akkana jedheera: “Kanas kan godhe, qulqulloota akka qajeelchan, warra kaan akka tajaajilanii fi qaama Kiristoos akka ijaaraniifi; kunis hamma hundi keenya tokkummaa isa amantii fi waaʼee Ilma Waaqayyoo beekumsa sirrii qabaachuudhaan argamu bira geenyutti, akkasumas hamma bilchaatoo taanutti, jechuunis akkuma Kiristoos hamma bilchina guutuu bira geenyutti dha.”—Efe. 4:8, 12, 13.
8 Ilaaltonni ol aanaa ijoollee ykn dhiheenyatti kan amanan taʼuu hin qaban. Kanaa mannaa, namoota jireenya Kiristiyaanummaatiin muuxannoo qaban, namoota beekumsa Kitaaba Qulqulluu balʼaa qaban, namoota Kitaaba Qulqulluu gad fageenyaan hubatanii fi obboloota gumii keessa jiran jaallatan taʼuu qabu. Ilaaltonni ol aanaa kun namoota balleessaa raawwatanitti dubbachuu fi isaan sirreessuuf ija jabina qabu; kun immoo namoota ofittummaadhaan kakaʼanii hoolota Yihowaa gowwoomsan irraa isaan eeguuf isaan gargaara. (Isa. 32:2) Ilaaltonni ol aanaa miseensota gumii hunda duratti namoota hafuuraan bilchaatoo taʼan, akkasumas hoolota Waaqayyootiif garaadhaa yaadan taʼuudhaan beekamu.
9 Ilaaltonni ol aanaa muudamuuf gaʼumsa qaban ogummaa Waaqayyoo wajjin haala wal simuun akka jiraatan jireenya isaanii irraa mulʼachuu qaba. Ilaaltuun ol aanaa tokko gaaʼela kan qabu yoo taʼe ulaagaa gaaʼelaa Kiristiyaana tokko irraa eegamu guutuu, jechuunis haadha manaa takkittii kan qabuu fi maatii isaa haala gaariidhaan kan bulchu taʼuu qaba. Ilaaltuun ol aanaa tokko ijoollee amanan, amala gaarii qabanii fi ajajaman, akkasumas jireenya gadhiisii jiraachuudhaan ykn ajajamuu diduudhaan hin himatamne kan qabu yoo taʼe, miseensonni gumii jireenya maatii fi Kiristiyaanaa ilaalchisee gorsa isa gaafachuuf bilisummaan isaanitti dhagaʼama. Kana malees, ilaaltuun ol aanaa tokko himata irraa walaba kan taʼee fi namoota alaa biratti illee maqaa gaarii kan qabu taʼuu qaba. Maqaa gumichaa akka hin xureessineef, ‘amala gaarii hin qabu’ jedhamee kan komatamu taʼuu hin qabu. Cubbuu cimaa raawwachuu isaatiin kan kaʼe dhiheenyatti adabni kan isaaf kenname taʼuu hin qabu. Ilaaltuun ol aanaa tokko ulaagaalee kana kan guutu yoo taʼe, obboloonni gumii keessa jiran fakkeenya isaa hordofuuf kakaʼu; karaa hafuuraas kunuunsa akka isaaniif godhu isatti amanamuu dandaʼu.—1 Qor. 11:1; 16:15, 16.
10 Dhiironni gaʼumsa qaban kun haaluma jaarsolii Israaʼel warra ‘ogeeyyii, hubatoo fi muuxannoo qabanii’ wajjin wal fakkaatuun gumii Kiristiyaanaa tajaajiluu dandaʼu. (Kes. 1:13) Jaarsoliin gumii mudaa kan qaban taʼus, gumii isaanii fi hawaasa keessa jiran keessatti qajeeloo fi Waaqayyoon kan sodaatan, akkasumas qajeelfama Waaqayyoo kan hojii irra oolchan taʼuu isaaniitiin beekamu. Balleessaa kan hin qabne taʼuun isaanii gumii keessatti afaan guutanii dubbachuuf isaan gargaara.—Rom. 3:23.
11 Dhiironni ilaaltuu ol aanaa taʼanii muudamuuf gaʼumsa qaban, dhuunfaattis taʼe hariiroo warra kaanii wajjin qaban irratti barsiifata madaalamaa akka qaban argisiisu. Finxaaleyyii miti. Kanaa mannaa, jireenyi isaanii madaallii isaanii akka eeggatanii fi akka of toʼatan argisiisa. Madaallii isaanii kan eeggatan taʼuun isaanii nyaata, dhugaatii, bohaartii, wanta yeroo boqonnaatti hojjetanii fi bashannana isaanii irratti ni mulʼata. Machooftuu jedhamanii akka hin himatamneef dhugaatii alkoolii ilaalchisee madaallii isaanii eeggachuu qabu. Namni dhugaatii alkooliitiin miirri isaa hadoode of toʼachuu hin dandaʼu; akkasumas karaa hafuuraa obboloota gumii keessa jiran gargaaruu hin dandaʼu.
12 Namni tokko gumii keessatti ilaaltuu ol aanaa taʼuuf seera qabeessa taʼuu qaba. Amalli isaa inni gaariin akkaataa uffannaa fi miidhaginaa isaa, akkaataa itti mana isaa qabuu fi sochii isaa hunda irratti ni mulʼata. Namni akkasii hojii tokko hojjechuuf harʼa bor kan hin jenne, wanta barbaachisu adda baasee kan beekuu fi isa irratti hundaaʼuudhaan karoora kan baafatu dha. Akkasumas qajeelfama Waaqayyootti maxxanee jiraata.
13 Ilaaltuun ol aanaa tokko yaada ofiitti kan hin cichine taʼuu qaba. Obboloota qaama jaarsolii taʼanii tajaajilan kaanii wajjin tokkummaa fi waltaʼiinsaan hojjechuu kan dandaʼu taʼuu qaba. Ofiif ilaalcha madaalamaa qabaachuu qaba; warra kaan irraas wanta humna isaaniitii ol taʼe eeguu hin qabu. Ilaaltuun ol aanaa yaada ofiitti hin cichine tokko yaanni isaa yaada jaarsolii kaanii irra akka caalutti hin yaadu. Tarii warri kaan amala ykn dandeettii qabaniin isa caalu taʼa. Kanaafuu, jaarsi tokko yaanni isaa guutummaatti Kitaaba Qulqulluu irratti akka hundaaʼu yoo godhee fi fakkeenya Yesuus Kiristoos hordofuuf carraaqqii yoo godhe yaada ofiitti kan hin cichine taʼuu isaa argisiisa. (Filp. 2:2-8) Jaarsi tokko kan nama lolu ykn abbaa humnaa taʼuu hin qabu; kanaa mannaa warra kaan kan kabajuu fi akka isa caalan kan yaadu taʼuu qaba. Nama yaada mataa isaatiin hin geggeeffamne waan taʼeef, yeroo hundumaa yaanni koo fudhatamuu qaba jedhee hin yaadu. Nama dafee aaru waan hin taaneef namoota kaanii wajjin nagaadhaan jiraata.
14 Kana malees, namni tokko gumii keessatti ilaaltuu ol aanaa taʼee tajaajiluuf sirriitti kan yaadu taʼuu qaba. Kana jechuun hubataa fi murteessuuf kan hin ariifanne taʼuu jechuu dha. Dhugaawwan buʼuuraa Yihowaan baasee fi akkaataa itti hojii irra oolan sirriitti kan beeku dha. Namni sirriitti yaadu gorsaa fi qajeelfama isaaf kennamu ni fudhata. Akkasumas fakkeessituu miti.
15 Phaawulos ilaaltuun ol aanaa tokko wanta gaarii jaallachuu akka qabu Tiitoo yaadachiisee ture. Qajeelaa fi amanamaa taʼuu qaba. Amaloonni kunis hariiroo warra kaanii wajjin qabu, akkasumas ejjennoo inni wanta sirrii fi gaarii taʼeef qabu irraa mulʼachuu dandaʼu. Guutummaatti Yihowaadhaaf kan buluu fi haala akkamii keessatti iyyuu dhugaawwan buʼuuraa qajeeloo taʼan hojii irra kan oolchu dha. Iccitii eeguu kan dandaʼu dha. Garaadhaa keessummaa kan simatu yeroo taʼu, ofis taʼe qabeenya isaa arjummaadhaan warra kaaniif ni kenna.—HoE. 20:33-35.
16 Ilaaltuun ol aanaa tokko warra kaan karaa buʼa qabeessa taʼeen tajaajiluuf barsiisuuf gaʼumsa kan qabu taʼuu qaba. Akkuma Phaawulos Tiitoof barreessetti ilaaltuun ol aanaa tokko “barumsa gaarii taʼeen jajjabeessuu fi warra barumsicha morman balleessaa isaanii hubachiisuu akka dandaʼuuf, ogummaa ittiin barsiisuu wajjin haala wal qabateen dubbicha isa amanamaa sana cimsee kan qabate taʼuu qaba.” (Tit. 1:9) Inni yaada amansiisaa dhiheessuu, ragaa dhiheessuu, falmii isa mudatu dandamachuu fi karaa warra kaan amansiisuu fi amantii isaanii cimsuun caqasoota Kitaaba Qulqulluu ibsuu kan dandaʼu taʼuu qaba. Ilaaltuun ol aanaa kun yeroo mijaaʼaa taʼettis taʼe yeroo rakkisaa taʼetti dandeettii barsiisuu akka qabu argisiisa. (2 Xim. 4:2) Nama balleessaa raawwate garraamummaadhaan sirreessuuf ykn nama shakkiin itti uumame amansiisuu fi amantiidhaan hojii gaarii akka hojjetu isa kakaasuuf obsa kan qabu dha. Ilaaltuun ol aanaa tokko namoota hedduu barsiisuu ykn tokko tokkoon barsiisuuf dandeettii qaba taanaan ulaagaa barbaachisaa taʼe kana guuteera jechuu dha.
17 Jaarsoliin tajaajila irratti hinaaffaadhaan hirmaachuun isaanii barbaachisaa dha. Akkas gochuun isaanii fakkeenya Yesuus isa misiraachoo lallabuudhaaf iddoo guddaa kennuu hordofuuf carraaqqii gochaa akka jiran argisiisa. Yesuus barattoonni isaa misiraachoo mootummichaa lallabuu irratti buʼa qabeeyyii akka taʼan isaan gargaaruuf fedhii qaba ture. (Mar. 1:38; Luq. 8:1) Jaarsoliin hojiin kan isaanitti baayʼatu taʼus, tajaajila irratti hirmaachuuf carraaqqii gochuun isaanii obboloonni gumicha keessa jiran hundis hinaaffaa akkasii akka qabaatan isaan kakaasa. Jaarsoliin miseensota maatii isaanii fi obboloota gumii keessa jiranii wajjin tajaajiluun isaanii “wal jajjabeessuuf” isaan gargaara.—Rom. 1:11, 12.
18 Wantoonni ilaalle kun hundi, namni ilaaltuu ol aanaa taʼee tajaajilu wanti humna isaatii ol taʼe akka isa irraa eegamu kan argisiisu fakkaachuu dandaʼa. Ilaaltuun ol aanaa tokko ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman kana hunda sirriitti guutuu akka hin dandeenye beekamaa dha; taʼus namni jaarsa gumii taʼee muudamu tokko amaloota tarreeffaman kana keessaa isa tokko irratti illee hirʼina guddaa kan qabu taʼuu hin qabu. Jaarsoliin muraasni amaloota gaggaarii tokko tokko qabaachuu dandaʼu; warri kaan immoo karaawwan kan birootiin isaan caaluu dandaʼu. Kanaan kan kaʼes, qaamni jaarsolii amaloota gaggaarii gumii Waaqayyoo sirriitti geggeessuuf barbaachisu hunda ni qabaata.
19 Qaamni jaarsolii obboleessi tokko ilaaltuu ol aanaa taʼee akka muudamuuf yommuu yaada dhiheessu, wanta Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan dubbate yaadatti qabachuu qabu: “Namni isin gidduu jiru kam iyyuu, akka amantii Waaqayyo isaaf kennetti, sammuu fayyaa akka qabu karaa argisiisuun akka yaadu malee, hamma yaaduu qabu caalaa waaʼee ofii isaa akka hin yaanne . . . isinan gorsa.” (Rom. 12:3) Jaarsi gumii tokko warra kaan irra akka xinnaatutti of ilaaluu qaba. Jaarsi tokko gaʼumsa warra kaanii yommuu qorutti “garmalee qajeelaa” taʼuu hin qabu. (Lal. 7:16) Qaamni jaarsolii ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu namni ilaaltuu ol aanaa taʼee muudamu guutuu qabu sammuutti qabachuudhaan, obboleessa tokko yommuu gamaaggamanitti hamma isa irraa barbaadamu ulaagaalee kana guutuu isaa ilaaluu qabu. Jaarsoliin gumii namni tokko akka muudamu yaada yommuu dhiheessan namoonni mudaa akka qabanitti yaaduudhaan, akkasumas loogii fi fakkeessitummaa irraa fagaachuudhaan taʼuu qaba; kanas kan godhan ulaagaalee qajeelinaa Yihowaan baase akka kabajanii fi gumichaaf akka yaadan karaa argisiisuun taʼuu qaba. Namni tokko akka muudamu yaada yommuu dhiheessan kadhannaadhaan irratti yaadu, akkasumas qajeelfama hafuura Waaqayyoo hordofu. Kun itti gaafatamummaa guguddaa isaaniif kenname keessaa tokko waan taʼeef gorsa Phaawulos, “Nama kam irra iyyuu ariifattee harka kee hin kaaʼin” jechuudhaan kenne hojii irra oolchuu qabu.—1 Xim. 5:21, 22.
FIRII HAFUURAA
20 Dhiironni karaa hafuuraa gaʼeessota taʼan kun hafuura qulqulluudhaan akka geggeeffaman ni argisiisu, akkasumas firii hafuuraa kana jireenya isaanii keessatti calaqqisiisu. Phaawulos amaloota kutaa firii hafuuraa taʼan sagal yommuu tarreessu “jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amantii, garraamummaa, of toʼachuu” akka taʼan ibseera. (Gal. 5:22, 23) Ilaaltonni ol aanaa amaloota kana qaban obbolootaaf boqonnaa argamsiisu, akkasumas gumichi tokkummaadhaan tajaajila qulqulluu akka dhiheessu gargaaru. Akkaataan jireenyaa isaaniis taʼe hojiin isaanii hafuura qulqulluudhaan akka muudaman argisiisa.—HoE. 20:28.
DHIIROTA TOKKUMMAA CIMSAN
21 Jaarsoliin tokkummaa gumii keessa jiru cimsuuf waliin hojjechuun isaanii baayʼee barbaachisaa dha. Amala garaa garaa kan qabanii fi kan walii galan dhimma hundumaa irratti taʼuu baatus, kabajaan wal dhaggeeffachuudhaan tokkummaa qaama jaarsoliitiif eegumsa gochuu qabu. Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu wajjin hanga wal hin faallessinetti jaarsoliin hundi murtoo dhumaa qaamni jaarsolii murteesse fudhachuu fi deggeruu qabu. Murtoo dabarfame fudhachuudhaan ‘ogummaa ol gubbaadhaa dhufe, isa naga qabeessaa fi yaada ofiitti hin cichineen’ akka geggeeffaman argisiisu. (Yaq. 3:17, 18) Jaarsi tokko warra kaan akka caalu isatti dhagaʼamuu hin qabu, akkasumas warra kaan irratti dhiibbaa gochuuf yaaluu hin qabu. Jaarsoliin faayidaa gumichaatiif waltaʼiinsaan yommuu hojjetan, Yihowaa wajjinis waltaʼiinsaan hojjechaa akka jiran argisiisu.—1 Qor., boq. 12; Qol. 2:19.
ILAALTUU OL AANAA TAʼUUF CARRAAQUU
22 Dhiironni Kiristiyaanota bilchaatoo taʼan ilaaltota ol aanaa taʼuuf carraaquu qabu. (1 Xim. 3:1) Haa taʼu malee, jaarsa taʼanii tajaajiluun jabaatanii hojjechuu fi fedhii ofii aarsaa gochuu gaafata. Kana jechuun obboloota tajaajiluuf, jechuunis fedhii hafuuraa isaanii guutuuf of dhiheessuu qabu jechuu dha. Ilaaltuu ol aanaa taʼuuf carraaquu jechuun ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman guutuuf carraaquu jechuu dha.
HAALLI NAMA TOKKOO JIJJIIRAMUU DANDAʼA
23 Obboleessi waggoota hedduuf amanamummaadhaan tajaajilaa ture tokko dhukkubsachuu ykn humna dhabuu dandaʼa. Tarii waan dulloomeef itti gaafatamummaa ilaaltuu ol aanaa tokko irraa eegamu raawwachuun isatti ulfaachuu dandaʼa taʼa. Taʼus, hanga muudama isaa irraa hin kaanetti, kabajamuu fi akka jaarsaatti ilaalamuu qaba. Humna waan dhabeef qofa jaarsummaa irraa buʼuu hin qabu. Akkuma jaarsolii hamma isaaniif dandaʼame hoolota tiksuuf ciminaan hojjetaniif ulfinni guddaan kennamu, innis ulfina guddaa argachuu qaba.
24 Haa taʼu malee, obboleessi tokko haalawwan jaarsa taʼee akka hin tajaajille isa daangessan akka jiran yoo isatti dhagaʼame, jaarsa taʼee tajaajiluu dhiisuuf filachuu dandaʼa. (1 Phe. 5:2) Taʼus yeroo kanatti illee kabajamuu qaba. Akka kanaan duraa hojii jaarsoliin hojjetan hojjechuu baatus, gumichaaf faayidaa guddaa argamsiisuu dandaʼa.
ITTI GAAFATAMUMMAAWWAN GUMII KEESSA JIRAN
25 Jaarsoliin, gumii keessatti itti gaafatamummaa garaa garaa qabu. Itti gaafatamummaawwan kunis qindeessaa qaama jaarsolii, barreessaa, ilaaltuu ol aanaa tajaajilaa, geggeessaa Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa fi ilaaltuu ol aanaa Jireenyaa fi Tajaajilaa Kiristiyaanaa taʼanii tajaajiluu dha. Jaarsolii hedduun ilaaltota ol aanaa garee tajaajilaa taʼanii tajaajilu. Jaarsoliin yeroo hin murtoofneef itti gaafatamummaawwan kana fudhatanii tajaajiluu dandaʼu. Haa taʼu malee, obboleessi tokko gumii biraatti yoo jijjiirame, sababa dhibee fayyaatiin itti gaafatamummaa isaa raawwachuu yoo dadhabe ykn ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu guutuu dhiisuu isaatiin itti gaafatamummaa isaa irraa yoo buufame, jaarsi kan biraan itti gaafatamummaa obboleessa kanaa akka raawwatuuf ni filatama. Gumiiwwan ilaaltuun ol aanaa hedduun hin jirre keessatti hamma obboleessi gaʼumsa qabu jaarsa taʼee muudamutti, jaarsi tokko itti gaafatamummaa tokkoo ol fudhatee hojjechuun isaa barbaachisaa taʼuu dandaʼa.
26 Qindeessaan qaama jaarsolii walgaʼii qaama jaarsolii irratti dura taaʼaa taʼee tajaajila. Taʼus, hoolota Waaqayyoo kunuunsuu irratti gad of qabuudhaan jaarsolii kaanii wajjin hojjeta. (Rom. 12:10; 1 Phe. 5:2, 3) Akka gaariitti kan qindeessuu fi dura buʼuudhaan dhimmee kan hojjetu taʼuu qaba.—Rom. 12:8.
27 Barreessaan galmee gumii hordofa; odeeffannoowwan barbaachisoo tokko tokkos jaarsoliitti hima. Barbaachisaa taanaan, jaarsi gumii kan biraan ykn tajaajilaan gumii dandeettii qabu akka isa gargaaruuf ramadamuu dandaʼa.
28 Ilaaltuun ol aanaa tajaajilaa qophiiwwan tajaajila dirreetiif godhamanii fi dhimmoota tajaajilaa wajjin wal qabatan kan biroo toʼata. Gareewwan tajaajilaa hunda daawwachuu akka dandaʼuuf jiʼatti siʼa tokko garee tokko daawwachuuf sagantaa baafata. Gumii gareewwan tajaajilaa muraasa qabu keessatti immoo waggaatti siʼa lama daawwachuu dandaʼa. Yeroo isaan daawwatutti, walgaʼii tajaajila dirree ni geggeessa, garichaa wajjin ni tajaajila, babalʼistoonni yommuu deddeebii gaaffii godhanii fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessanitti isaan gargaara.
ILAALTOTA OL AANAA GAREE
29 Mirgawwan guguddaa gumii keessa jiran keessaa tokko ilaaltuu ol aanaa garee taʼanii tajaajiluu dha. Itti gaafatamummaan isaa (1) haala hafuuraa obboloota garee tajaajilaa isaa keessa jiraniif xiyyeeffannaa kennuu; (2) hundi isaanii haala dhaabbataa taʼeen, haala gaariidhaan, akkasumas gammachuudhaan tajaajila irratti akka hirmaatan gargaaruu; akkasumas (3) tajaajiltoonni gumii garee isaa keessa jiran itti gaafatamummaawwan gumii keessa jiran fudhachuuf carraaqqii akka godhan, akkasumas gaʼumsa akka qabaatan gargaaruu fi leenjisuu kan dabalatu dha. Obboleessi caalaatti itti gaafatamummaawwan kana hunda raawwachuuf gaʼumsa qabu eenyu akka taʼe kan murteessu qaama jaarsolii ti.
30 Wantoota hojichi gaafatuun kan kaʼe, yoo dandaʼame ilaaltuu ol aanaa garee tajaajilaa taʼanii kan tajaajilan jaarsolii taʼuu qabu. Yookiin hamma jaarsi itti gaafatamummaa sana fudhatu argamutti tajaajilaan gumii gaʼumsa qabu ramadamuu dandaʼa. Tajaajilaan gumii hojii kanaaf ramadame gumii keessatti ilaaltuu ol aanaa taʼee waan hin hojjenneef tajaajilaa garee jedhamee waamama. Kanaafuu, itti gaafatamummaa isaaf kenname raawwachuuf qajeelfama jaarsolii hordofa.
31 Hojiiwwan barbaachisoo ilaaltuun ol aanaa garee raawwachuu qabu keessaa tokko tajaajila irratti dursa fudhachuu dha. Haala dhaabbataa taʼeen, hinaaffaa fi siʼaayinaan tajaajiluun isaa obboloota garee isaa keessa jiran ni jajjabeessa. Babalʼistoonni jajjabinaa fi gargaarsa waliin tajaajiluudhaan argamu waan dinqisiifataniif, yeroo itti babalʼistoota garee sana keessa jiran hedduudhaaf mijatutti gareedhaan tajaajiluuf sagantaa baafachuun gaarii taʼuu dandaʼa. (Luq. 10:1-16) Ilaaltuun ol aanaa kun yeroo hunda naannoon tajaajilaa gaʼaa taʼe akka jiru mirkaneeffachuun isaa barbaachisaa dha. Yeroo baayʼee walgaʼii tajaajila dirree kan geggeessuu fi wanta guyyaa sanatti hojjetamuuf babalʼistoota kan qindeessu isa dha. Yeroo inni hin jirretti garuu babalʼistoonni qajeelfama barbaachisu argachuu akka dandaʼaniif, jaarsa kan biraa ykn tajaajilaa gumii, yoo lamaan isaanii hin jiran taʼe immoo babalʼisaa gaʼumsa qabu tokko ramaduu qaba.
32 Ilaaltuun ol aanaa garee yeroo ilaaltuun ol aanaa tajaajilaa garee isaa itti daawwatuuf dursee karoora baafata; yeroo itti daawwataman sanas obboloota garee isaa keessa jiranitti himuudhaan daawwannaa sana hawwiidhaan akka eeggatan godha. Obboloonni garee sana keessa jiran hundi qophii kana yoo beekan, qophii kanaaf garaadhaa deggersa gochuu dandaʼu.
33 Lakkoofsi babalʼistoota tokkoon tokkoon garee tajaajilaa keessa jiranii muraasa kan taʼe kaayyoodhaani. Kunis ilaaltuun ol aanaa garee tajaajilaa sanaa babalʼistoota garee isaa keessa jiran hundaa wajjin sirriitti wal baruuf isa gargaara. Tiksee jaalala qabeessa waan taʼeef, tokkoon tokkoon isaaniitiif xiyyeeffannaa guddaa kenna. Tajaajila dirree fi walgaʼiiwwan gumii ilaalchisee dhuunfaatti gargaarsaa fi jajjabina isaanii kennuuf carraaqqii godha. Kana malees, hundi isaanii karaa hafuuraa cimoo taʼanii akka itti fufan isaan gargaaruuf wanta isaaf dandaʼame hunda godha. Babalʼistoonni dhukkubsatan ykn dhiphatan daawwannaa dhuunfaatti isaaniif godhamu irraa faayidaa argatu. Obboloonni tokko tokko jajjabinnii fi gorsi yoo isaaniif kenname mirgawwan dabalataa argachuuf carraaqqii gochuu dandaʼu; kun immoo obboloota isaaniif gargaarsa guddaa taʼa. Ilaaltonni ol aanaa garee yeroo baayʼee kan xiyyeeffatan babalʼistoota garee isaanii keessa jiran irratti dha. Haa taʼu malee, jaarsaa fi tiksee waan taʼeef jaalalaan kakaʼee obboloota gumii keessa jiran hundaaf ni yaada; babalʼisaa gargaarsa barbaadu kam iyyuu gargaaruuf qophaaʼaa dha.—HoE. 20:17, 28.
34 Itti gaafatamummaa ilaaltuun ol aanaa garee qabu keessa inni tokko gabaasa tajaajila dirree babalʼistoota garee isaa keessa jiranii sassaabuu dha. Gabaasawwan kunis barreessaatti ergamu. Babalʼistoonni immoo gabaasa tajaajilaa isaanii yeroodhaan deebisuudhaan ilaaltuu ol aanaa garee isaanii deggeruu dandaʼu. Dhuma jiʼaatti gabaasa isaanii kallattiidhaan ilaaltuu ol aanaa garee isaaniitti kennuudhaan ykn saanduqa Galma Walgaʼii keessatti kaayyoo kanaaf qophaaʼe keessa buusuudhaan kana gochuu dandaʼu.
KOREE TAJAAJILAA GUMII
35 Koreen Tajaajilaa Gumii, qindeessaa qaama jaarsolii, barreessaa fi ilaaltuu ol aanaa tajaajilaa kan of keessatti qabate yeroo taʼu, itti gaafatamummaa tokko tokko qaba. Fakkeenyaaf, Galmi Walgaʼii cidhaaf ykn sirna awwaalchaaf akka oolu kan heyyamu koree kana dha; garee tajaajilaa keessatti babalʼistoota kan ramadus koreedhuma kana dha. Kana malees, koreen kun foormiiwwan qajeelchaa yeroo hundaa fi qajeelchaa gargaaraa ykn mirgawwan tajaajilaa kan birootiif guutaman raggaasisa. Koreen tajaajilaa kun qajeelfama qaamni jaarsolii isaaf kennu hordofa.
36 Hojii obboloonni kun hojjetan dabalatee, hojii geggeessan Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa, ilaaltuun ol aanaa Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa, akkasumas obboloonni qaama jaarsolii keessa jiran kan biroon hojjetan kan murteessu waajjira damee dha.
37 Qaamni jaarsolii, gumii hunda keessatti argamu haala hafuuraa gumichaa irratti mariʼachuuf yeroo garaa garaatti walitti qabamu. Jaarsoliin gumii walgaʼii yommuu ilaaltuun ol aanaa aanaa gumii isaanii daawwatutti godhatan malees, erga ilaaltuun ol aanaa aanaa isaan daawwatee gara jiʼa sadii booda walgaʼii godhatu. Haa taʼu malee, yeroo barbaachisu kamitti iyyuu walitti qabamuu dandaʼu.
ISAANIIF BITAMAA
38 Ilaaltonni ol aanaa mudaa kan qabani dha; taʼus kun qophii Yihowaa waan taʼeef obboloonni gumii keessa jiran hundi ilaaltota ol aanaa kanaaf bitamuu akka qaban gorfamaniiru. Gocha isaaniitiif Yihowaa duratti itti gaafatamu. Isaan Yihowaa fi bulchiinsa tiʼookraasii isaa bakka buʼanii tajaajilu. Ibroonni 13:17 akkana jedha: “Warra gidduu keessanitti dura buutota taʼaniif ajajamaa, akkasumas bitamaa; isaan akka warra herrega dhiheessaniitti dhimmanii isin eegu; kana yoo gootan hojii isaanii gammachuudhaan hojjetu; taʼuu baannaan garuu hojii isaanii gaddaan hojjetu, kun immoo isin miidha.” Akkuma Yihowaan hafuura qulqulluutti fayyadamee nama tokko muudu, namni sun firii hafuuraa argisiisuu yoo dhaabee fi jireenya isaa keessatti ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuu yoo dhiise hafuuruma qulqulluu sanatti fayyadamee itti gaafatamummaa isaa irraa isa buusa.
39 Ilaaltonni ol aanaa jabaatanii hojjechuu isaanii fi fakkeenya gaarii nuuf taʼuu isaaniitiif garaadhaa isaan dinqisiifachuu hin qabnuu? Phaawulos obboloota gumii Tasalonqee keessa jiraniif yeroo barreessetti akkana jedhee isaan gorseera: “Yaa obbolootaa, warra isin gidduutti jabaatanii hojjetanii fi karaa Gooftaa isin geggeessan, akkasumas isin gorsan akka kabajjan isin gaafanna; hojii isaaniitiin kan kaʼes jaalalaan ulfina guddaa isaaniif kennaa.” (1 Tas. 5:12, 13) Hojiin ilaaltonni ol aanaa gumii hojjetan baayʼeen isaa tajaajilli Waaqayyoof dhiheessinu akka nuuf salphatuu fi caalaatti gammachiisaa akka taʼu godha. Kana malees, Phaawulos xalayaa jalqabaa Ximotewosiif barreesse irratti ilaalcha obboloonni ilaaltota ol aanaatiif qabaachuu qaban akkana jechuudhaan ibseera: “Jaarsoliin akka gaariitti bulchan, keessumaa warri dubbachuu fi barsiisuudhaan jabaatanii hojjetan ulfina guddaa argachuu qabu.”—1 Xim. 5:17.
ITTI GAAFATAMUMMAAWWAN JAARMIYICHA KEESSA JIRAN KAN BIROO
40 Yeroo tokko tokko jaarsoliin, miseensota Garee Namoota Dhukkubsatan Gaafatu taʼanii akka tajaajilan muudamu. Warri kaan immoo Koree Hospitaalaan Wal Qunnamsiisu keessa kan tajaajilan yeroo taʼu, gara hospitaalotaa fi doktarootaa dhaquudhaan Dhugaa Baatota Yihowaa dhiiga malee yaaluun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe isaaniif ibsu. Ijaarsaa fi suphaa Galmawwan Walgaʼii fi Galmawwan Guguddaa irratti hirmaachuudhaan ykn miseensa Koree Walgaʼii Naannoo taʼuudhaan dhimmoota Mootummichaa wajjin wal qabataniif dursa kan kennanis jiru. Obboloonni jaarmiyicha keessa jiran hundi obboloonni kun jabaatanii hojjechuu fi fedhiidhaan of dhiheessuu isaaniitiif baayʼee isaan dinqisiifatu. Dhuguma iyyuu ‘namoota akkasiitiif ulfina guddaa kennuu’ qabna.—Filp. 2:29.
ILAALTUU OL AANAA AANAA
41 Qaamni Ol Aanaa jaarsoliin gaʼumsa qaban ilaaltota ol aanaa aanaa taʼanii akka muudaman qophii godha. Waajjirri damee ilaaltonni ol aanaa aanaa gumiiwwan aanaa isaanii keessa jiran yeroo baayʼee waggaatti siʼa lama akka daawwatan isaan ramada. Darbee darbee immoo qajeelchitoota naannoo fagootti tajaajilan daawwatu. Yeroo daawwannaa dursanii karoorfatu, gumiiwwan daawwannaa sana irraa faayidaa guutuu akka argataniifis dursanii isaan beeksisu.
42 Qindeessaan qaama jaarsolii obboloonni hundi daawwannaa sana irraa karaa hafuuraa jajjabina akka argataniif dursa fudhatee haala jiru qindeessa. (Rom. 1:11, 12) Qindeessaan qaama jaarsolii beeksisni daawwannaa akkuma isa gaʼeen wanta ilaaltuu ol aanaa aanaa sanaa fi (yoo fuudheera taʼe immoo) wanta haadha manaa isaatiif barbaachisu irratti hundaaʼuudhaan obboloota garaa garaa wajjin taʼee bakka bultii fi wantoota isaan barbaachisan kan biroo mijeessa. Ilaaltuu ol aanaa aanaa dabalatee obboloonni hundi qophii kana ilaalchisee odeeffannoo akka argatan gochuu qaba.
43 Ilaaltuun ol aanaa aanaa walgaʼii tajaajila dirree dabalatee, walgaʼiiwwan kaan yoom akka geggeeffaman qindeessaa qaama jaarsolii gaafata. Qophiin kunis kan godhamu yaada ilaaltuun ol aanaa aanaa kennuu fi qajeelfama waajjirri damee kennu irratti hundaaʼuudhaani. Walgaʼiin gumii, walgaʼiin qajeelchitootaa, walgaʼiin jaarsolii fi tajaajiltoota gumii, akkasumas walgaʼiin tajaajila dirree yoomii fi eessatti akka godhamu dursee gumiitti beeksifamuu qaba.
44 Ilaaltuun ol aanaa aanaa Kibxata waaree booda Galmee Babalʼistoota Gumii, galmee walitti qabamtootaa, galmee naannoo tajaajilaa fi galmeewwan herregaa ilaala. Kun immoo wanta gumicha barbaachisuu fi gargaarsa obboloota galmee kana qabaniif barbaachisu hubachuuf isa gargaara. Qindeessaan qaama jaarsolii ilaaltuun ol aanaa aanaa galmee kana dursee akka argatuuf haala mijeessuu qaba.
45 Ilaaltuun ol aanaa aanaa yeroo daawwannaa isaatti walgaʼii irratti, tajaajila dirree irratti, yeroo nyaatanii fi yeroowwan kan birootti hamma isaaf dandaʼame dhuunfaatti obboloota haasofsiisuuf carraaqqii godha. Kana malees, yommuu jaarsolii fi tajaajiltoota gumii wajjin walgaʼii godhutti gorsa, yaadaa fi jajjabina Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe isaaniif kenna; kun immoo itti gaafatamummaa hoolota isaan jala jiran tiksuuf isaanitti kenname raawwachuuf isaan gargaara. (Fak. 27:23; HoE. 20:26-32; 1 Xim. 4:11-16) Qajeelchitootaa wajjin walgaʼii yeroo godhutti immoo jajjabina hojii isaaniitiif barbaachisu isaaniif kenna, akkasumas rakkoowwan tajaajila irratti isaan mudatan furuuf dhuunfaatti isaan gargaara.
46 Wantoonni xiyyeeffannaa barbaadan kan biroon yoo jiraatan ilaaltuun ol aanaa aanaa hamma isaaf dandaʼame torbee sanatti furuuf yaalii godha. Dhimmoonni sun yeroo daawwannaa sanaatti furmaata hin argatan yoo taʼe immoo, jaarsoliis taʼan namoonni dhimmichi isaan ilaallatu qajeelfama Kitaaba Qulqulluu argachuuf qorannoo akka godhan jajjabeessa. Dhimmicha waajjirri damee hordofuu qaba yoo taʼe, innii fi jaarsoliin gumii dhimmicha ilaalchisee ibsa balʼaa waajjira dameetiif ergu.
47 Ilaaltuun ol aanaa aanaa yommuu gumicha daawwatutti walgaʼiiwwan gumii hunda irratti ni argama. Walgaʼiiwwan kunis qajeelfama waajjira damee irraa kenname irratti hundaaʼuudhaan akka haala isaatti jijjiiramuu dandaʼu. Haasaawwan gumicha jajjabeessuuf, kakaasuuf, barsiisuu fi cimsuuf qophaaʼan dhiheessa. Obboloonni, Yihowaa, Yesuus Kiristoosii fi jaarmiyichaaf jaalala akka qabaatan gochuuf carraaqa.
48 Kaayyoo daawwannaa ilaaltuu ol aanaa aanaa keessaa tokko gumichi tajaajila irratti hinaaffaa akka qabaatu jajjabeessuu fi yaadawwan hojii irra ooluu dandaʼan kennuu dha. Obboloonni gumicha keessa jiran hedduun torban sana guutummaatti tajaajila irratti hirmaachuuf, tarii immoo jiʼa daawwannaa sanaatti qajeelchaa gargaaraa taʼanii tajaajiluuf sagantaa isaanii irratti sirreeffama gochuu dandaʼu. Obboloonni isaa wajjin ykn haadha manaa isaa wajjin tajaajiluu barbaadan beellama qabachuu dandaʼu. Ilaaltuu ol aanaa aanaa ykn haadha manaa isaa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu fi deddeebii gaaffii keenya irratti affeeruun keenya faayidaa guddaa argamsiisuu dandaʼa. Torban daawwannaa sana guutummaatti deggeruuf carraaqqiin dabalataa isin gootan kan isin galateeffachiisu dha.—Fak. 27:17.
49 Aanaa tokkoof, waggaa waggaadhaan walgaʼii aanaa lamatu geggeeffama. Walgaʼiiwwan kana qindeessuun itti gaafatamummaa ilaaltuu ol aanaa aanaa ti. Ilaaltuun ol aanaa aanaa, ilaaltuu ol aanaa walgaʼii aanaa fi gargaaraa ilaaltuu ol aanaa walgaʼii aanaa muuda. Isaan walgaʼicha qindeessuu irratti isaa wajjin hojjetu. adda durummaadhaan saganticha irratti akka xiyyeeffatu isa gargaara. Kana malees, ilaaltuun ol aanaa aanaa, kutaa garaa garaa keessa akka hojjetaniif obboloota ramada. Akkasumas, walgaʼii aanaa booda herregni aanichaa akka hojjetamu haala mijeessa. Walgaʼii aanaa isa tokko irratti bakka buʼaan waajjira damee daawwataa haasaa dhiheessu taʼee ramadama. Fageenyaan ykn galmi walgaʼii xiqqaachuu isaatiin kan kaʼe aanaawwan tokko tokko bakkawwan adda addaatti qoqqoodamanii walgaʼii aanaa godhachuu dandaʼu.
50 Ilaaltuun ol aanaa aanaa dhuma jiʼaatti gabaasa tajaajilaa isaa kallattiidhaan gara waajjira dameetti erga. Baasii inni geejjibaaf, nyaataaf, bakka bultii fi wantoota hojii isaa raawwachuuf isa barbaachisan kaaniif baase, gumichi bakka isaaf buusuu yoo dadhabe waajjira damee gaafachuu dandaʼa. Obboloonni waajjira damee bakka buʼanii imalan wantoota Mootummaa Waaqayyoo wajjin wal qabataniif dursa yoo kennan akkuma Yesuus waadaa gale, wantoonni isaan barbaachisan akka isaaniif guutaman ni amanu. (Luq. 12:31) Gumiiwwan, jaarsolii hinaaffaadhaan isaan tajaajilan kana keessummummaa simachuu akka mirga guddaatti ilaalu.—3 Yoh. 5-8.
KOREE WAAJJIRA DAMEE
51 Waajjiroota damee Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti argaman keessatti obboloonni bilchaatoon gaʼumsa qaban sadii ykn isaa ol taʼan Koree Waajjira Damee taʼanii tajaajilu; koreen sun hojii lallabaa biyya sana keessatti ykn biyyoota waajjira damee sana jala jiran keessatti raawwatamu toʼata. Koree kana keessaa inni tokko qindeessaa Koree Waajjira Damee taʼee tajaajila.
52 Obboloonni Koree Waajjira Damee taʼanii tajaajilan dhimmoota gumiiwwan waajjira damee isaanii jala jiran hunda ilaallatan hordofu. Koreen kun hojii lallabaa waajjira damee sana jalatti raawwatamu toʼata, akkasumas wanta naannoo tajaajilaa sanaaf barbaachisu guutuuf gumiiwwanii fi aanaawwan hundeessa. Kana malees, Koreen Waajjira Damee sochii misiyoonotaa, qajeelchitoota addaa, qajeelchitoota yeroo hundaa fi qajeelchitoota gargaaraatiif xiyyeeffannaa kenna. Yeroo walgaʼiin aanaa fi naannoo jiraatutti koreen kun qophii barbaachisu godha, itti gaafatamummaawwan tokko tokkos ni kenna; kunis “wanti hundi karaa naamusa qabuun, akkasumas karaa seera qabeessa taʼeen [akka] raawwatamu” taasisa.—1 Qor. 14:40.
53 Biyyoota tokko tokkotti Koreen Biyyaa ni hundaaʼa; koreen kun garuu Koree Waajjira Damee biyya biraa jalatti hojjeta. Kun immoo, hojii biyya Koreen Biyyaa itti argamu keessatti hojjetamu dhiheenyatti hordofuuf gargaara. Koreen Biyyaa dhimmoota Mana Beetelii fi biiroo wajjin wal qabatan ni hordofa, akkasumas xalayaawwanii fi gabaasawwan dabalatee hojiiwwan naannoo sanatti hojjetaman kaan toʼata. Koreen Biyyaa hojii Mootummichaa babalʼisuu irratti Koree Waajjira Damee wajjin waltaʼiinsaan hojjeta.
54 Obboloota Koree Waajjira Damee fi Koree Biyyaa taʼanii tajaajilan hunda kan muudu Qaama Ol Aanaa dha.
BAKKA BUʼOOTA WAAJJIRA MUUMMEE
55 Qaamni Ol Aanaan darbee darbee obboloonni gaʼumsa qaban waajjiroota damee addunyaa maratti argaman akka daawwataniif qophii godha. Obboleessi itti gaafatamummaa kana fudhatus bakka buʼaa waajjira muummee jedhama. Hojiin isaa inni guddaan miseensota maatii Beetel jajjabeessuu, akkasumas hojii lallabuu fi barattoota gochuu irratti rakkoowwan ykn gaaffiiwwan jiran ilaalchisee Koree Waajjira Damee gargaaruu dha. Obboleessi kun ilaaltota ol aanaa aanaa muraasaa fi darbee darbee immoo misiyoonotaa wajjin walgaʼii godha. Yeroo kanatti rakkoo isaan mudatee fi wanta isaan barbaachisu irratti isaanii wajjin mariʼata; hojii misiraachoo lallabuu fi barattoota gochuu isa baayʼee barbaachisaa taʼe irratti akka xiyyeeffatanis isaan jajjabeessa.
56 Bakka buʼaan waajjira muummee hojii lallabaa fi sochiiwwan gumii kaan dabalatee, wantoota naannoo waajjira damee sana keessatti raawwataman hundumaaf xiyyeeffannaa kenna. Yoo yeroo qabaate, waajjiroota hiikkaa fagoo daawwachuu dandaʼa. Bakka buʼaan waajjira muummee tokko yommuu waajjira damee daawwatutti hamma isaaf dandaʼame hojii lallabaa irratti ni hirmaata.
Ilaaltota ol aanaa hoolota akka tiksaniif itti gaafatamummaan isaaniif kennameef bitamuu keenya yoo itti fufne, Kiristoos Yesuus isa Mataa gumii taʼee wajjin tokkummaa qabaanna
OBBOLOOTA JAALALAAN GEGGEESSAN
57 Dhiironni bilchaatoon Kiristiyaanota taʼan jabaatanii hojjechuu isaanii fi jaalalaan nu kunuunsuu isaanii irraa faayidaa guddaa arganna. Ilaaltota ol aanaa hoolota akka tiksaniif itti gaafatamummaan isaaniif kennameef bitamuu keenya yoo itti fufne, Kiristoos Yesuus isa Mataa gumii taʼee wajjin tokkummaa qabaanna. (1 Qor. 16:15-18; Efe. 1:22, 23) Kanaan kan kaʼes, hafuurri Waaqayyoo gumii addunyaa maratti argamu hunda irratti daangaa tokko malee hojjeta, akkasumas hojiin addunyaa maratti hojjennu Dubbii Waaqayyootiin geggeeffama.—Far. 119:105.