Kitaabni Qulqulluun Wanta Namoonni Yeroo Harʼaa Jiran Yaadanii fi Godhan Raajii Dubbateera?
Deebii Kitaaba Qulqulluu
Eeyyee, namoonni bara keenyatti jiran baayʼeen yaadnii fi gochi isaanii gara gadheetti akka jijjiiramu raajii dubbateera. Raajiin kun akka argisiisutti, jijjiiramni kun mancaʼiinsa naamusaa fi kufaatii duudhaa hawaasaa geessisa.a (2 Ximotewos 3:1-5) Taʼus, Kitaabni Qulqulluun namoonni amala ykn gocha gadhee akkasiitiif harka hin kennine akka jiranis raajii dubbateera. Kanaa mannaa gargaarsa Waaqayyootiin, dhiibbaa gadhee moʼuuf carraaquudhaan, yaadnii fi gochi isaanii Waaqayyoon akka gammachiisu gochuuf yaalu.—Isaayaas 2:2, 3.
Mata dureen kun gaaffiiwwan armaan gadiif deebii kenna
Waaʼee Yaadaa fi gocha namoota bara keenyaa Kitaabni Qulqulluun maal dubbateera?
Kitaabni Qulqulluun amalawwanii fi gochawwan dogoggora ofittummaa irraa maddanii fi baramaa taʼan hedduu ni ibsa. Namoonni, “kan of hin toʼanne,” “kan of jaallatan,” akkasumas “Waaqa jaallachuu mannaa wanta isaan gammachiisu kan jaallatan” taʼu.—2 Ximotewos 3:2-4.
Akkuma raajiin kun jedhu, namoonni bara keenya jiran yeroo baayʼee waaʼee ofii isaanii, wanta isaan fayyadu, wanta isaan gammachiisuu fi wanta jireenyi isaanii hiika akka qabu akka isaanitti dhagaʼamu godhu irratti xiyyeeffatu. Akkuma raajiidhaan dubbatame, namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun waaʼee ofii isaanii qofa yaadu; kun immoo itti caalaa waan deemu fakkaata. Namoonni hedduun garmalee of irratti waan xiyyeeffataniif, “wanta gaarii kan hin jaallanne” taʼaniiru, jechuunis amaloota gaarii kan hin jaallanne taʼaniiru. “Kan hin galateeffanne” waan taʼaniif, wanta qabaniif ykn wanta isaanii godhameef galateeffachuu akka qaban itti hin dhagaʼamu.—2 Ximotewos 3:2, 3.
Ofittummaan namoonni amaloota raajiidhaan dubbataman kanneen akka armaan gadii akka qabaatanis godheera:
Sassata. ‘Maallaqa jaallachuun’ wanta baramaa hin taane miti; namoonni milkaaʼina isaanii galii argatan ykn qabeenya isaaniitiin madaalu.—2 Ximotewos 3:2.
Koora. Namoonni baayʼeen “kan of tuulanii” fi ‘boonuudhaan kan of bokoksani’ dha. (2 Ximotewos 3:2, 4) Namoonni akkasii of jaju akkasumas waaʼee dandeettii, amala ykn qabeenya isaanii arbeessanii dubbatu.
Maqaa balleessitoota. ‘Arrabsitoonnii’ fi ‘maqaa balleessitoonnii’ baayʼataniiru. (2 Ximotewos 3:2, 3) Jechoonni kun namoota warra kaan ykn Waaqayyoon arrabsan ykn waaʼee isaanii soba dubbatan argisiisu.
Mata jabeeyyii. Namoonni hedduun “amanamoo kan hin taane,” “walii galuuf fedhii kan hin qabne,” ‘gantootaa’ fi “mata jabeeyyii” dha. (2 Ximotewos 3:2-4) Amalawwan kanas mariʼachuu diduudhaan, furmaata barbaaduu diduudhaan ykn waadaa duraan galan eeguu diduudhaan argisiisu.
Lola kan jaallatan. Namoonni hedduun “gara jabeeyyii” waan taʼaniif dafanii aaru, kun immoo yeroo baayʼee gocha gara jabinaa raawwachuutti geessa.—2 Ximotewos 3:3.
Hamoota. Yesuus bara keenyaatti, ‘hamminni dabalaa akka deemu’ dubbateera. (Maatewos 24:12) Kana malees, ‘jeequmsi’ ykn mormiin akka babalʼatu dubbateera.—Luqaas 21:9.
Jaalala maatii kan hin qabne. Namoonni, ‘warra isaaniitiif hin ajajamnee’ fi ‘jaalala maatii hin qabne’ maatii keessatti waliif dantaa dhabuun, miidhaa fi yakki akka baayʼatu godhaniiru.—2 Ximotewos 3:2, 3.
Amantii kan qaban fakkeessuu. Namoonni ‘waaqa kan sodaatan fakkaatan’ lakkoofsi isaanii dabalaa jira. (2 Ximotewos 3:5) Fedhii Waaqayyootiif bitamuu mannaa, geggeessitoota amantii wanta isaan dhagaʼuu barbaadan isaanitti himan hordofu.—2 Ximotewos 4:3, 4.
Namoonni ofittoon warra kaan irratti dhiibbaa akkamii geessisu?
Ofittummaan garmalee babalʼachuun isaa dhibee sammuu fi miiraa geessiseera. (Lallaba 7:7) Fakkeenyaaf namoonni ofittoon maallaqa jaallatan tokko tokko warra kaan gowwoomsu. Namoonni jaalala uumamaa hin qabne miseensota maatii isaanii kan miidhan yoo taʼu, kun miseensonni maatii kun akka dhiphatan ykn akka of ajjeesan gochuu dandaʼa. Kana malees, namoonni warra kaan ganan, namoota ganaman sana irratti dhiphina miiraa yeroo dheeraa turu geessisu.
Namoonni hedduun jijjiiramanii caalaatti hamoo kan taʼan maaliifi?
Kitaabni Qulqulluun sababii guddaa namoonni itti jijjiiraman akka itti aanutti ibsa:
Waaqayyoo fi namootaaf jaalala dhugaa dhabaa waan deemaniif. (Maatewos 24:12) Kanaan kan kaʼes, ofittummaan babalʼachaa waan deemeef.
Seexanni inni Diyaabilos jedhame samii irraa darbatamee, andaara lafaatti waan daangeffameef. (Mulʼata 12:9, 12) Yeroo sanaa eegalee, addunyaa ilmaan namoota irratti dhiibbaa hamaa fi ofittummaa qabu gochaa tureera.—1 Yohaannis 5:19.
Jijjiirama dogoggoraa namoota irratti mulʼatu akkamitti ilaaluu qabna?
Dubbiin Waaqayyoo, ‘namoota akkasii irraa fagaadhaa’ jedha. (2 Ximotewos 3:5) Kana jechuun garuu namoota irraa adda of baasna jechuu miti. Kanaa mannaa, namoota jireenya ofittoo fi Waaqayyoof ulfina hin fidne jiraatan irraa fagaanna jechuu dha.—Yaaqoob 4:4.
Namni hundi hamaa ni taʼaa?
Lakki. Kitaabni Qulqulluun namoonni tokko tokko, ‘wantoota jibbisiisoo raawwatamaa jiran hundumaatiin kan kaʼe akka gaddanii fi akka aadan’ dubbata. (Hisqiʼel 9:4) Namoonni kun ofittummaa ni balfu akkasumas jireenya isaanii ulaagaa Waaqayyootiin geggeessu. Dubbii fi gochi isaanii kan namoota kaanii irraa baayʼee adda dha. (Miilkiyaas 3:16, 18) Fakkeenyaaf, namoota hundaa wajjin nagaan jiraachuu fi waraanaa fi jeequmsa irraa fagaachuu ni yaalu.—Miikiyaas 4:3.
Hawaasni ilmaan namootaa oolee bulee guutummaatti jeeqamaa?
Lakki. Hawaasni namootaa garmalee hamaa taʼuudhaan guutummaatti seeraa ala hin taʼu. Kanaa mannaa, Waaqayyo warra ulaagaa isaa cabsuu filatan dhiheenyatti balleessa. (Faarfannaa 37:38) Inni lafa keenya kana irratti “lafa haaraa,” jechuunis hawaasa haaraa ni uuma. Isa keessa namoonni garraamiin bara baraaf jiraatu. (2 Pheexiros 3:13; Faarfannaa 37:11, 29) Abdiin kun abjuu nama gammachiisu miti. Ammuma illee Kitaabni Qulqulluun namoonni jireenya isaanii jijjiiranii daandii Waaqayyoo warra qajeeloo wajjin akka wal simsiisan gargaaraa jira.—Efesoon 4:23, 24.
a Raajiin Kitaaba Qulqulluu fi haalli addunyaa yeroon keenya “guyyoota dhumaa” ‘yeroo rakkisoo’ akka taʼan adda baasanii beeksisu. (2 Ximotewos 3:1) Odeeffannoo dabalataa argachuuf, mata duree, “Mallattoon ‘Guyyoota Dhumaa’ ykn ‘Dhuma Sirnichaa’” Maali Dha? jedhu ilaali.