Dargaggootaa Galmawwan Waaqayyoof Ulfina Fidan Hordofaa
“Nama Waaqayyoo ta’uudhaaf of qopheessi!”—1 XIMOTEWOS 4:7.
1, 2. (a) Phaawulos Ximotewosiin kan galateeffate maaliifi? (b) Dargaggoonni yeroo ammaatti argaman ‘nama Waaqayyoo ta’uuf of qopheessaa kan jiran’ akkamitti?
“ANI nama akka kootti garaa qulqulluudhaan waa’ee keessaniif yaadu isa malee hin qabu. . . . Akka ilmi abbaa isaaf hojjetutti anaaf hojjetee, anaa wajjinis hojii wangeelaa hojjechaa akka ture isinis in beektu.” (Filiphisiiyus 2:20, 22) Phaawulos ergamaan galata kana xalayaa jaarraa jalqabaatti Kiristiyaanota Filiphisiiyusiif erge keessatti barreesseera. Waa’ee eenyuu dubbachaa ture? Waa’ee Ximotewos isa dargaggeessicha isaa wajjin deemaa turteeti. Phaawulos jaalalasaafi amanannaa isarratti qabu isaaf mirkaneessuunsaa Ximotewosiin akkam akka gammachiise yaadi!
2 Dargaggoonni Waaqayyoon sodaataniifi akka Ximotewos ta’an, saba Yihowaa gidduutti qabeenya guddaadha. (Faarfannaa 110:3) Yeroo ammaatti, jaarmiyaan Waaqayyoo dargaggoota qajeelchaafi misiyoonota ta’an, fedhiidhaan hojii ijaarsaarratti hirmaataniifi miseensota maatii Bet’el ta’anii tajaajilan baay’ee qaba. Dargaggoonni itti gaafatamummaa kan biraa utuu qabanii sochiiwwan gumiirratti hinaaffaadhaan hirmaatanis baay’ee galateeffamuu qabu. Dargaggoonni akkasii kun, gammachuu dhugaa galmawwan Abbaa keenya isa samii Yihowaadhaaf ulfina fidan hordofuudhaan argamu argatu. Dhugumayyuu, ‘nama Waaqayyoo ta’uudhaaf of qopheessaa jiru.’—1 Ximotewos 4:7, 8.
3. Mataduree kana keessatti gaaffiiwwan kamiif deebii arganna?
3 Dargaggeessa yoo taate, galmawwan hafuuraa baafatte bira ga’uuf carraaqaa jirtaa? Kana gochuuf gargaarsaafi jajjabina eessaa argachuu dandeessa? Dhiibbaa biyyi lafaa qabeenya jaallatu kun sirraan geessisu ofirraa ittisuu kan dandeessu akkamitti? Galmawwan Yihowaadhaaf ulfina fidan kan hordoftu yoo ta’e eebba akkamii argachuuf eeggachuu dandeessa? Haala jireenyaafi hojii Ximotewos qoruudhaan gaaffiiwwan kanaaf deebii argachuu dandeenya.
Akkaataa Guddina Ximotewos
4. Jireenyi Kiristiyaanummaa Ximotewos maal akka fakkaatu gabaabsii ibsi.
4 Ximotewos kan guddate Lisxiraa keessatti yommuu ta’u, Lisxiraan magaalaa xinnoo kutaa biyya Roomaa ishee Galaatiyaa jedhamtu keessatti argamtudha. Amantaa Kirisitiyaanummaa kan barate, dargaggeessa waggoota kurnanii keessatti argamu ta’ee yeroo Phaawulos Dh.K.B. bara 47tti Lisxiraa keessatti lallabaa turetti fakkaata. Ximotewos obboloota Kiristiyaanaa biyyattii biratti maqaa gaarii argachuuf yeroo isatti hin fudhanne. Phaawulos waggaa lama booda gara Lisxiraatti yeroo deebi’etti guddina Ximotewos argisiise ennaa hubatu, isaa wajjin hojii misiyoonummaa akka hojjetuuf isa filate. (Hojii Ergamootaa 14:5-20; 16:1-3) Ximotewos karaa hafuuraa jabaachaa yeroo adeemu, obboloota jajjabeessuu dabalatee itti gaafatamummaa guddaan kennameeraaf. Phaawulos Dh.K.B. bara 65tti mana hidhaa biyya Roomaa keessa utuu jiruu Ximotewosiif xalayaa yeroo barreessu, Ximotewos gumii Efesoon keessatti jaarsa ta’ee tajaajila ture.
5. Akkuma 2 Ximotewos 3:14, 15rratti ibsame, wantoonni Ximotewos galmawwan hafuuraa hordofuu akka filatu isa gargaaran lamaan maalidha?
5 Ximotewos galmawwan hafuuraa hordofuu filatee akka ture hubachuun ni danda’ama. Akkas akka godhu kan isa kakaase maali? Phaawulos xalayaa yeroo lammaffaatiif Ximotewosiif barreesserratti wantoota murteessaa ta’an lama ibsee ture. Akkas jechuudhaan barreesseef: “Isa barsiifamte, cimsitees itti amante sana eenyufa’i irraa akka barte waan beektuuf, isatti qabamii jiraadhu! Mucummaa keetii jalqabdee caaffata qulqullaa’aa . . . akka barte in beekta.” (2 Ximotewos 3:14, 15) Jalqaba, Kiristiyaanonni kaan filannaa Ximotewosirratti gahee maalii akka qaban haa ilaallu.
Namoota Dhiibbaa Gaarii Geessisanirraa Fayyadamuu
6. Ximotewos leenjii akkamii argateera? Innoo kan fayyadame akkamitti?
6 Ximotewos maatii amantii tokko hin hordofne keessatti guddate. Abbaansaa nama Giriik, haatisaa Ewuniiqeeniifi akkoonsaa Lo’isimmoo Yihudoota turan. (Hojii Ergamootaa 16:1) Ewuniiqeefi Lo’is, ijoollummaasaatii kaasanii Ximotewosiin Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaarraa dhugaa isa barsiisaniiru. Kiristiyaanummaatti erga jijjiiramanii booda, barumsawwan Kiristiyaanaatti akka amanu isa gargaaranii ta’uu hin oolu. Ximotewos leenjii gaarii kanarraa guutummaatti akka fayyadame hin shakkisiisu. Phaawulos akkas jechuudhaan dubbateera: “Amantiin kee garaa qulqulluudhaan ta’uun isaa anatti yaadatama; amantiin inni dur akkoo kee Lo’is, haadha kee Ewuniiqee keessas ture sun, si keessas akka jiru nan amana.”—2 Ximotewos 1:5.
7. Dargaggoonni baay’een eebba akkamii argataniiru? Kunoo faayidaa argamsiisuufii kan danda’u akkamitti?
7 Yeroo har’aatti, dargaggoonni baay’een warraafi akaakolii akka Lo’isiifi Ewuniiqee Waaqayyoon sodaataniifi galmawwan hafuuraa hordofuun barbaachisaa ta’uusaa hubatan qabaachuusaaniitiin eebbifamaniiru. Fakkeenyaaf Samiiraan, yeroo umrii kurnanii keessa turtetti warrashee wajjin mareewwan dhedheeraa gochaa akka turte ammayyuu ni yaadatti. Akkas jetteetti: “Haatiifi abbaankoo ilaalcha Yihowaan wantootaaf qabu akkan qabaadhuufi hojii lallabaatiif dursa akkan kennu na barsiisaniiru. Tajaajila yeroo guutuu akkan hordofu yeroo hundumaa na jajjabeessu turan.” Jajjabina warrishee isheedhaa kennaniin, Samiiraan yeroo ammaatti biyyashee keessatti miseensa maatii Bet’el ta’uuf mirga addaa argatteetti. Warrikee galmawwan hafuuraarratti akka xiyyeeffattu kan si jajjabeessan yoo ta’e, gorsasaaniitiif xiyyeeffannaa guddaa kenni. Kana kan godhan jireenya gammachiisaa akka qabaattu waan hawwanifidha.—Fakkeenya 1:5.
8. Ximotewos Kiristiyaanotaa wajjin michooma nama jajjabeessu uumuusaatiin kan fayyadame akkamiitti?
8 Obboloota Kiristiyaana ta’anii wajjin michooma nama jajjabeessu uumuuf carraaquunkees barbaachisaadha. Ximotewos, jaarsolii gumiisaa keessa jiraniifi Iqoniiyum ishee kiiloomeetira 30 isaanirraa fagaattu keessa jiran biratti akka gaariitti beekama ture. (Hojii Ergamootaa 16:1, 2) Phaawulos isa tattaafataa ta’es michuusaa godhatee ture. (Filiphisiiyus 3:14) Xalayaawwan Phaawulos, Ximotewos nama gorsa fudhatuufi namoota amantiisaaniitiin fakkeenya ta’an hordofuuf qophaa’aa akka ture kan argisiisanidha. (1 Qorontos 4:17; 1 Ximotewos 4:6, 12-16) Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Ati barsiisa koo, amala koo, akeeka jireenya koo, amantii koo, obsaan danda’uu koo, jaalala koo, waanan qabetti cimuu koo caqafteetta.” (2 Ximotewos 3:10) Eeyyee, Ximotewos fakkeenya Phaawulos akka gaariitti hordofeera. Haaluma wal fakkaatuun, atis namoota karaa hafuuraa cimoo ta’anii wajjin yoo michoomte, galmawwan hafuuraa gaarii ta’an akka baafattu si gargaaru.—2 Ximotewos 2:20–22.
“Caaffata Qulqullaa’oo” Qayyabadhu
9. Hiriyoota gaarii filachuu malees, ‘nama Waaqayyoo ta’uuf of qopheessuuf’ wanti gochuu qabdu maalidha?
9 Galmawwan hafuuraarra ga’uuf michoota gaarii filachuu qofaan ga’aadhaa? Lakki! Akkuma Ximotewos, atis “caaffata qulqullaa’oo” of eeggannoodhaan qoruu si barbaachisa. Qayyabachuun wanta si nuffisiisu yoo ta’ellee, Ximotewos ‘nama Waaqayyoo ta’uuf of qopheessuun’ isa barbaachisee akka ture yaadadhu. Atleetonni galmasaaniirra ga’uuf ji’oota baay’eedhaaf leenjii cimaa fudhatu. Haaluma wal fakkaatuun, galmawwan hafuuraa bira ga’uun aarsaa kaffaluufi carraaqqii cimaa gochuu gaafata. (1 Ximotewos 4:7, 8, 10) Akkas jettee gaafatta ta’a: ‘Haata’u malee Macaafa Qulqulluu qayyabachuun galmawwan hafuuraa bira ga’uuf na gargaaruu kan danda’u akkamitti?’ Mee karaawwan sadii haa ilaallu.
10, 11. Caaffanni Qulqullaa’oon galmawwan hafuuraarra ga’uuf kan si kakaasan maaliifi? Fakkeenya kenni.
10 Tokkoffaa, Caaffanni Qulqullaa’oon kaka’umsa sirrii akka qabaannu godhu. Amalawwan Abbaa keenya isa samii, gocha jaalalaa nuuf jedhee raawwateefi eebba bara baraa tajaajiltootasaa amanamoo ta’aniif kennu ibsu. (Amos 3:7; Yohannis 3:16; Roomaa 15:4) Beekumsi Yihowaa ilaalchisee qabdu dabalaa yeroo adeemu, jaalalli isaaf qabduufi fedhiin jireenyakee isaaf murteessuuf qabdu dabalaa adeema.
11 Dargaggoonni Kiristiyaana ta’an baay’een, dhugaa kan mataasaanii godhachuuf yeroo hundumaa dhuunfaatti Macaafa Qulqulluu qayyabachuun baay’ee akka isaan gargaare dubbatu. Fakkeenyaaf, Adal mana dhugaa keessatti kan guddatte ta’uyyuu galmawwan hafuuraa tokkoyyuu hin baafanne turte. Akkas jetti: “Warrikoo gara Galma Mootummaa na fuudhanii dhaqu turan; haata’u malee, qayyabannaa dhuunfaa hin godhu, walga’iirrattis akka gaariitti hin dhaggeeffadhun ture.” Erga obboleettiinshee cuuphamtee booda, Adal dhugaadhaaf xiyyeeffannaa guddaa kennuutti kaate. Akkas jetti: “Guutummaa Macaafa Qulqulluu dubbisee fixuuf galman baafadhe. Ergan xinnoo dubbisee booda, yaada wantan dubbiserraa argadhe nan barreessan ture. Yaadannoowwan sun ammayyuu jiru. Waggaa tokko gidduutti Macaafa Qulqulluu dubbiseen fixe.” Akkas gochuusheetiin Adal mataashee Yihowaadhaaf murteessuuf kakaateetti. Hir’ina qaamaa cimaa kan qabdu ta’uyyuu, qajeelchaa ykn labsituu yeroo guutuu taatee tajaajilaa jirti.
12, 13. (a) Macaafa Qulqulluu qayyabachuun dargaggeessi tokko jijjiirama akkamii akka godhu isa gargaara? Akkamitti? (b) Fakkeenyawwan ogummaa Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman caqasi.
12 Lammaffaa, Macaafni Qulqulluun jijjiirama amalaa barbaachisaa ta’e akka gootu si gargaara. Phaawulos Ximotewosiin, “caaffanni qulqullaa’oon” “barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa. Namni Waaqayyoo waa gochuuf kan danda’e, hojii gaarii hundumaafis kan qophaa’e akka ta’u in godha” jedheera. (2 Ximotewos 3:16, 17) Dhimmawwan Dubbii Waaqayyoo wajjin wal qabatanirratti yeroo hundumaa xiinxaluufi seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuudhaan, hafuurri Waaqayyoo amalakee akka sii fooyyessu gochuu dandeessa. Hafuurri Waaqayyoo amalawwan barbaachisaa akka, gad of qabuu, obsa, jabinaafi Kiristiyaanota hidhata amantiikee ta’aniif jaalala dhugaa qabaachuu jiran akka horattu si taasisa. (1 Ximotewos 4:15) Ximotewos amalawwan kana qabaachuunsaa, Phaawulosiifis ta’e gumii keessatti tajaajiluuf eebba akka ta’u isa godheera.—Filiphisiiyus 2:20-22.
13 Sadaffaa, Dubbiin Waaqayyoo kuusa ogummaati. (Faarfannaa 1:1-3; 19:7; 2 Ximotewos 2:7; 3:15) Hiriyootaafi bashannana gaarii akka filattu akkasumas murtoowwan ulfaataa ta’an gochuuf si gargaara. (Uumama 34:1, 2; Faarfannaa 119:37; 1 Qorontos 7:36) Yeroo ammaatti murtoowwan sirrii gochuun galmawwan hafuuraakee bira ga’uuf si gargaara.
‘Wal’aansoo Isa Gaarii Sana Jabeessii Qabi’
14. Galmawwan hafuuraa hordofuun salphaa kan hin taane maaliifi?
14 Galmawwan Yihowaadhaaf ulfina fidaniif dursa kennuun sirrii ta’uyyuu, kana gochuun waan salphaadha jechuu miti. Fakkeenyaaf, hojii filachuu ilaalchisee firoonni, hiriyoonni, barsiistonni waan gaarii isiniif hawwaniifi barumsi sadarkaa olaanaa akkasumas hojiin maallaqa guddaa argamsiisu milkaa’inaafi gammachuu dhugaa argachuuf barbaachisaadha jedhan dhiibbaa guddaa isinirraan ga’uu danda’u. (Roomaa 12:2) ‘Jireenya bara baraa Yihowaan isinii qopheesse harka keessa galfachuuf,’ akkuma Ximotewos ‘wal’aansoo amantii isa gaarii sana jabeessitanii qabuu’ isin barbaachisa.—1 Ximotewos 6:12; 2 Ximotewos 3:12.
15. Ximotewos mormiin akkamii isarra ga’ee ta’uu danda’a?
15 Miseensoonni maatiikee warri hin amanne filannaakee kan hin fudhanne yoo ta’e, qorumsisaa caalaatti cimaa ta’a. Ximotewos qorumsa akkasii mo’uun isa barbaachisuu hin oolle. Akka galmeen jechootaa tokko jedhutti maatiin Ximotewos “barumsa guddaa kan qabaniifi baay’ee sooressoota” ta’uu hin oolan. Abbaansaa, Ximotewos barumsa sadarkaa olaanaa akka baratuufi hojii daldalaa maatiisaarratti hojjechuu akka itti fufu isarraa eegee ta’uu qaba.a Abbaan Ximotewos, ilmisaa Phaawulosii wajjin hojii misiyoonummaa rakkisaa ta’eefi maallaqa hin argamsiisnerratti hirmaachuu filachuusaa yeroo beeku maal akka itti dhaga’ame yaadi!
16. Dargaggeessi tokko mormii abbaasaa kan mo’e akkamitti?
16 Dargaggoonni Kiristiyaanaa yeroo ammaatti argamanis rakkoowwan akkasiitu isaan mudata. Maatiwu inni waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa keessaa tajaajilu akkas jechuudhaan wanta yaadatu dubbata: “Qajeelchaa ta’ee yeroon tajaajiluu jalqabu, abbaankoo garmalee natti gaddee ture. Tajaajila kootiif akka na gargaaruuf hojii qulqulleessituummaa yeroon hojjedhu, barumsan kanaan dura baradhe akkan ‘lafatti balleesse’ isatti dhaga’amee ture. Utuun hojii guyyaa guutuu hojjedhee miindaa hammamii akkan argadhu natti himuudhaan natti ga’isa ture.” Maatiwu mormii kana kan mo’e akkamitti? “Yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu dubbisuuf sagantaa hin jijjiiramne baafadhee, akkasumas keessumaa yeroon salphaatti aarutti kadhannaa koo itti ciimseen ture” jedha. Maatiwu murtoo kana gochuusaatti eebbifameera. Yeroo booda, walitti dhufeenyi abbaasaa wajjin qabu fooyya’eera. Akkasumas caalaatti gara Yihowaatti dhihaachuu danda’eera. Akkas jedha: “Yihowaan wanta na barbaachisu naa guutuusaarrayyuu na jajjabeesseera, akkasumas murtoowwan dogoggoraa gochuurraa na eegeera. Galmawwan hafuuraakoorra ga’uuf utuun carraaquu baadhee, eebbawwan akkasii kana argachuu hin danda’un ture.”
Galmawwan Hafuuraarratti Xiyyeeffadhu
17. Warri tokko tokko dargaggoota tajaajila yeroo guutuu keessa galuuf karoorfatan utuu isaanitti hin beekamin abdii kutachiisuu kan danda’an akkamitti? (Maatewos 16:22)
17 Galmawwan hafuuraa hordofuu keetiin Dhugaa Baatotaarraallee qorumsi ifa hin taane sitti dhufuu danda’a. Warri tokko tokko, ‘Qajeelchaa ta’uun maaliif si barbaachisa? Jireenya gaarii jiraachaa hojii lallabaarratti hirmaachuu ni dandeessa. Hojii mindaa gaarii argamsiisu qabadhuutii wanta jireenyakee gara fuulduraatiif amansiisaa ta’e qabaadhu’ jechuu danda’u. Kun gorsa gaarii kan fakkaatu ta’uyyuu, gorsa kana utuu fudhattee akka galma keetiitti nama Waaqayyoo ta’uuf akkamitti of qopheessuu dandeessa?
18, 19. (a) Galmawwan hafuuraarratti xiyyeeffachuukee itti fufuu kan dandeessu akkamitti? (b) Dargaggeessa yoo taate Mootummaa Waaqayyoof jecha aarsaa maalii kaffalaa akka jirtu ibsi.
18 Kirstiyaanonni bara Ximotewos turan tokko tokko ilaalcha akkasii kan qaban fakkaata. (1 Ximotewos 6:17) Ximotewos galmawwan hafuuraarratti akka xiyyeeffatuuf, Phaawulos akkas jechuudhaan isa jajjabeesseera: “Namni loltuu ta’ee lolaa jiru, isa loltuu godhee isa qacarate sana gammachiisuudhaaf, bukkeedhaan waa argachuudhaaf hojii warra kaaniitti lixuu in dhiisa.” (2 Ximotewos 2:4) Loltuun lola cimaarra jiru sochiiwwan namni loltuu hin taane tokko hojjetuun yaannisaa hin hiramu. Jireenyisaafi kan warra kaanii kan hundaa’e ajaja dura bu’aasaa raawwachuuf yeroo hundumaa qophaa’aa ta’uusaarrattiidha. Isinis loltoota Kiristos hamma taatanitti, yaada tokkoon qabamuu qabdu malee, qabeenya foonii barbaachisaa hin taaneefi tajaajila keessan isa lubbu baraarsaa ta’e guutummaatti akka hin raawwanneef gufuu isinitti ta’u hordofuurraa fagaadhaa.—Maatewos 6:24; 1 Ximotewos 4:16; 2 Ximotewos 4:2, 5.
19 Jireenya qananii jiraachuuf galma baafachuu mannaa, amala aarsaa of gochuu horachuuf carraaqi. “Akka loltuu Kristos Yesusitti jireenya qananii hin qabne jiraachuuf qophaa’i!” (2 Ximotewos 2:3 Za Ingilish Baayibil iin Beeziik Ingilish) Ximotewos yeroo Phaawulosii wajjin turetti haalli baay’ee rakkisaa ta’e isa mudatuyyuu, waan qabutti gammadee jiraachuu barateera. (Filiphisiiyus 4:11, 12; 1 Ximotewos 6:6-8) Atis akkas gochuu dandeessa. Mootummaa Waaqayyoof jecha aarsaa kaffaluuf qophoofteettaa?
Eebba Ammaas Ta’e Gara Fuulduraatti Argamu
20, 21. (a) Eebba galmawwan hafuuraa hordofuudhaan argamu tokko tokko ibsi. (b) Maal gochuuf murteessiteetta?
20 Ximotewos utuu walirraa hin kutin waggoota 15f Phaawulosii wajjin tajaajileera. Ximotewos, guutummaa naannoo Mediteraaniyaa kaabaatti misiraachichi lallabamuusaatiin gumiiwwan haaraan yeroo hundeeffaman arguu danda’eera. Utuu “jireenya mataasaa” jiraachuuf filateera ta’ee, jireenyisaa gammachiisaafi quubsaa hin ta’u ture. Atis galmawwan hafuuraa hordofuudhaan, eebba hafuuraa gatiitti shallagamuu hin dandeenye argachuu dandeessa. Caalaatti gara Yihowaatti dhihaatta; Kiristiyaanota hidhatakee ta’anirraas jaalalaafi ulfina argatta. Rakkinaafi abdii kutachuu qabeenya foonii hordofuudhaan namatti dhufu utuu hin ta’in, gammachuu karaa ofittummaa hin qabneen kennuudhaan argamu argachuu dandeessa. Hunda caalaammoo, lafa jannata taaturratti “jireenya dhugaa” jechuunis jireenya bara baraa argatta.—1 Ximotewos 6:9, 10, 17-19; Hojii Ergamootaa 20:35.
21 Kanaan duraa nama Waaqayyoo ta’uuf of qopheessuu hin jalqabne taanaan, amma atattamaan akka jalqabdu si jajjabeessina. Gumii keessatti namoota galmawwan hafuuraakee bira ga’uuf si gargaaruu danda’anitti dhihaadhuutii gorsa akka sii kennan gaafadhu. Yeroo hundaa Macaafa Qulqulluu dhuunfaadhaan qayyabachuuf dursa kenni. Jaalala qabeenyaa biyyi lafaa kun qabu ofirraa ittisuuf murteessi. ‘Waaqni waan hundumaa akka ittiin dhimma baanuuf baay’isee nuu kennu,’ galmawwan isaaf ulfina fidan yoo filatte, ammas ta’e gara fuulduraatti eebba guddaa argachuu akka dandeessu waadaa akka gale yeroo hundumaa yaadadhu.—1 Ximotewos 6:17.
[Miiljalee]
a Uummanni Giriik barumsaaf bakka guddaa kenna ture. Piluutaark, inni bara Ximotewos ture akkas jechuudhaan barreesseera: “Barumsa gaarii barachuun maddaafi bu’uura wanta gaarii ta’e hundaati. . . . Amala gaarii qabaachuufi gammachuu argachuuf kan nama gargaaru kanadhan jedha. . . . Faayidaan inni argamsiisu kaan kan gatii hin qabne waan ta’eef xiyyeeffannaa guddaan kennamuufii hin qabu.”—Mooraaliyaa, I, “Za Eejukeeshin oov Childiran.”
Ni Yaadattaa?
• Dargaggoonni galmawwan hafuuraasaaniirra ga’uuf gargaarsa eessaa argatu?
• Gadi fageenyaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?
• Dargaggoonni, dhiibbaa biyyi lafaa qabeenya akka hordofaniif isaanirraan ga’u ofirraa ittisuu kan danda’an akkamitti?
• Galmawwan hafuuraa hordofuun eebba akkamii argamsiisa?